MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Bitootessa 2018

Maxxansi qoʼannaa kun mata dureewwan Ebla 30 hanga Waxabajjii 3, 2018⁠tti qoʼataman kan qabate dha.

Cuuphaa—Ulaagaa Kiristiyaanonni Guutuu Qaban

Kitaabni Qulqulluun waaʼee cuuphaa maal jedha? Namni tokko cuuphamuu isaa dura tarkaanfii akkamii fudhachuu qaba? Kiristiyaanni barsiisaa taʼe tokko yommuu ijoollee isaa ykn barattoota isaa Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisu cuuphaa yaadatti qabatee barsiisuu kan qabu maaliifi?

Warra kan Taatan, Ijoolleen Keessan Guddina Argisiisanii Akka Cuuphaman Gargaaraa Jirtuu?

Warri Kiristiyaana taʼan ijoolleen isaanii cuuphamuu isaanii dura waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu barbaadu?

GAAFFII DUBBISTOOTAA

Gaaffii Dubbistootaa

Dhugaa Baatonni Yihowaa Phaawulos ergamaan mataa moluu ykn rifeensa xinnoo akka qabu godhanii fakkii isaa kan kaasan maaliifi?

Gammachuudhaan Keessummaa Simachuu Amaleeffachuun Baayʼee Barbaachisaa Dha!

Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni keessummummaa akka wal simatan kan gorsu maaliifi? Keessummoota simachuuf carraawwan akkamii qabna? Wantoota keessummoota akka hin simanne gufuu nutti taʼuu dandaʼan moʼuu kan dandeenyu akkamitti?

SEENAA JIREENYAA

Yihowaan Matumaa Na hin Gatne!

Eriikaa Neerar Biriit qajeelchituu yeroo hundaa, qajeelchituu addaa fi misiyoonii taatee tajaajilteetti. Waaqayyoo akkamitti akka ishii gargaare, jabeessee fi waggaa kana hunda yommuu tajaajiltutti akkamiitti akka ishii kunuunse dubbatteetti.

Adabni Jaalala Waaqayyo Nuuf Qabu Argisiisa

Namoota Waaqayyo kanaan dura adabe irraa maal baranna? Adaba kennuu yeroo barbaannu fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

“Adaba Dhagaʼaa, Ogeessotas Taʼaa”

Yihowaan of adabuu kan nu barsiisu karaawwan kamiini? Adaba gumii Kiristiyaanaa keessatti nuuf kennamu kam irraa iyyuu fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?