Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Adaba Dhagaʼaa, Ogeessotas Taʼaa”

“Adaba Dhagaʼaa, Ogeessotas Taʼaa”

“Yaa ilmaan koo, . . . adaba dhagaʼaa, ogeessotas taʼaa.”—FAK. 8:32, 33, NW.

FAARFANNAA: 56, 89

1. Ogummaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Kun hoo faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

YIHOWAAN Madda ogummaa siʼa taʼu, ogummaa isaas arjummaadhaan warra kaaniif hira. Yaaqoob 1:5, “Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, inni Waaqayyoon kadhachuu isaa itti haa fufu; sababiin isaas Waaqayyo utuu hin ceephaʼin nama hundumaaf arjummaadhaan ni kenna” jedha. Karaan Waaqayyo irraa ogummaa itti argannu inni tokko adaba isaa fudhachuu dha. Ogummaan kunis miidhaa karaa naamusaa fi karaa hafuuraa nu mudatu irraa nu eeguu dandaʼa. (Fak. 2:10-12) Kunis, ‘jireenya bara baraa yommuu eeggannu, jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf’ nu gargaara.—Yih. 21.

2. Adaba Waaqayyootiif dinqisiifannaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

2 Haa taʼu malee cubbuun dhaalle, akkaataan guddinaa keenyaa fi haalawwan kan biroon, adaba fudhachuunis taʼe adabaaf ilaalcha sirrii qabaachuun rakkisaa akka nutti taʼu godha. Jireenya keenya keessatti adaba isa jaalala Waaqayyo nuuf qabu mirkaneessu irraa faayidaa yommuu argannu adabaaf dinqisiifannaa qabaachuu dandeenya. Fakkeenyi 3:11, 12, “Yaa ilma ko, adaba Waaqayyoo hin tuffatin, . . . Waaqayyo nama jaallatu in adaba” jedha. Eeyyee, Yihowaan wanta hundumaa irra wayyu akka nuuf yaadu matumaa irraanfachuu hin qabnu. (Ibroota 12:5-11 dubbisi.) Waaqayyo guutummaatti waan nu beekuuf, adabni isaa yeroo hundumaa sirrii fi balleessaa keenyaa wajjin kan wal madaalu dha. Mee amma adaba ilaalchisee haalawwan afur haa qorru: (1) of adabuu, (2) adaba warri kennan, (3) adaba gumii Kiristiyaanaa keessatti kennamu, akkasumas (4) wanta miidhaa adabni yeroodhaaf geessisu caalaa hammaatu.

OF ADABUUN OGUMMAA ARGISIISA

3. Mucaan tokko amala of adabuu horachuu kan dandaʼu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

3 Of adabuun amalaa fi ilaalcha keenya fooyyessuuf jecha of toʼachuu dabalata. Kan dhalanne amala of adabuu qabaannee miti. Kanaa mannaa barachuu qabna. Fakkeenyaaf, mucaan tokko jalqaba yommuu biskileetii oofuu baratu, abbaan isaa biskileeticha isaaf ni qaba. Yeroo mucichi madaallii isaa eeggachuu jalqabu garuu, abbaan isaa suuta jedhee yeroo muraasaaf isa gadhiisa. Yommuu mucichi madaallii isaa eeggachuu dandaʼu immoo, guutummaatti isa gadhiisa. Haaluma wal fakkaatuun, warri itti fufiinsaa fi obsaan “leenjii fi gorsa Yihowaatiin” ijoollee isaanii warra xixinnoo yeroo leenjisan, ijoolleen isaanii of adabuu fi ogummaa akka horatan gargaaru.—Efe. 6:4.

4, 5. (a) Of adabuun kutaa “namummaa haaraa” isa guddaa kan taʼe maaliifi? (b) ‘Siʼa torba utuma kufnee iyyuu’ abdii ofitti kutachuu kan hin qabne maaliifi?

4 Haalli kun warra erga guddatanii booda Yihowaa beekaniifis ni hojjeta. Dhugaa dha, isaan duruma iyyuu amala of adabuu hamma tokko horataniiru taʼa. Haa taʼu malee, barataa haaraan tokko jalqaba irratti gama hafuuraatiin gaʼeessa hin taʼu. Taʼus, namni akkasii “namummaa haaraa” akka Kiristoos uffachuu barachuudhaan irraa jalaan gara gaʼumsaatti guddachuu dandaʼa. (Efe. 4:23, 24) Guddina kana gochuuf of adabuun baayʼee barbaachisaa dha. Kana gochuun keenya, “wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa irraa akka fagaannu, sirna ammaa keessatti sirriitti akka yaadnu, qajeelummaadhaan, akkasumas namoota Waaqayyoof bulan taanee akka jiraannu” barachuuf nu gargaara.—Tit. 2:12.

5 Haa taʼu malee, hundi keenya iyyuu cubbamoo dha. (Lal. 7:20) Taʼus, namni tokko siʼa tokko kufuun isaa guutummaatti kufuu isaa ykn of adabuu kan hin dandeenye taʼuu isaa kan argisiisu dha jechuu miti. Fakkeenyi 24:16, “Namni qajeelaan siʼa torba utuma kufee iyyuu, deebiʼee in kaʼa” jedha. Milkaaʼina argachuuf kan isa gargaaru maali dha? Murtoo cimaa gochuu isaa qofa utuu hin taʼin, hafuura Waaqayyoo argachuu isaa ti. (Filiphisiyus 4:13 dubbisi.) Firiin hafuura kanaa of toʼachuu isa of adabuu wajjin walitti dhufeenya cimaa qabus kan dabalatu dha.

6. Barataa Dubbii Waaqayyoo ciminaan qoʼatu taʼuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

6 Amala of adabuu horachuuf, kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuun, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi xiinxaluunis barbaachisaa dha. Dubbii Waaqayyoo qoʼachuun yoo ulfaataa sitti taʼe hoo? Tarii nama qoʼannaa jaallatu akka taatetti of hin ilaaltu taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan yoo isa gaafatte akka si gargaaru yaadadhu. Inni Dubbii isaa akka ‘dharraatu’ si gargaaruu dandaʼa. (1 Phe. 2:2) Jalqaba, Dubbii isaa qoʼachuuf amala of adabuu si barbaachisu akka siif kennu Yihowaa kadhadhu. Achiis, qoʼannaadhaaf yeroo gabaabaa ramaduudhaan tarkaanfii kadhannaa kee wajjin wal simu fudhadhu. Yeroo booda, qoʼannaan siif salphata, akkasumas caalaatti si gammachiisa! Dhuma irrattis, yeroo yaadawwan Yihowaa warra gatii guddaa qaban irratti xiinxaluuf ramadduuf iddoo guddaa ni kennita.—1 Xim. 4:15.

7. Of adabuun galma hafuuraa irra gaʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

7 Of adabuun galma hafuuraa irra gaʼuuf nu gargaara. Nama maatii qabuu fi hinaaffaan isaa hamma tokko akka laafe itti dhagaʼame tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Haalli kun waan isa yaaddesseef, qajeelchaa yeroo hundaa taʼuudhaaf galma kan baafate siʼa taʼu, mata dureewwan dhimma kanaa wajjin wal qabatanii fi barruulee keenya irratti baʼan ni dubbise. Akkana gochuun isaa fi kadhannaa dhiheessuun isaa, karaa hafuuraa akka guddatuu fi akka cimu isa gargaareera. Kana malees, yeroo dandaʼutti qajeelchaa gargaaraa taʼuuf haala mijeeffate. Maarree buʼaa akkamii argate? Rakkoon kan jiru taʼus, xiyyeeffannaan isaa galma qajeelchaa yeroo hundaa taʼuuf baafate irra akka taʼu godhe; yeroo boodas galma isaa kana irra gaʼe.

ADABA YIHOWAATIIN IJOOLLEE GUDDISUU

Ijoolleen yeroo dhalatanitti wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee beekumsa hin qaban; leenjii argachuun isaan barbaachisa (Keeyyata 8 ilaali)

8-10. Warri Kiristiyaana taʼan ijoolleen isaanii Yihowaa akka tajaajilan godhanii guddisuu irratti milkaaʼina argachuuf maaltu isaan gargaara? Fakkeenya kenni.

8 Warri Kiristiyaana taʼan mirga iddoo guddaa qabu, jechuunis mirga “leenjii fi gorsa Yihowaatiin” ijoollee isaanii guddisuu qabu. (Efe. 6:4) Itti gaafatamummaan kun keessumaa addunyaa yeroo harʼaa keessatti ulfaataa dha. (2 Xim. 3:1-5) Dhugaa dha, ijoolleen yeroo dhalatanitti wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee beekumsa hin qaban. Uumamaan qalbii wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf isaan dandeessisu kan qaban taʼus, qalbiin isaanii barumsa ykn adaba argachuun isa barbaachisa. (Rom. 2:14, 15) Kitaabni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu tokko jechi afaan Giriikii “adaba” jedhamee hiikame “guddina ijoollee” jedhamee hiikamuu akka dandaʼu ibseera.

9 Ijoolleen jaalalaan adabni isaaniif kennamu yeroo baayʼee eegumsa akka qaban isaanitti dhagaʼama. Bilisummaan isaaniif kennamu daangaa akka qabu, akkasumas murtoon isaan godhanis taʼe amalli isaan argisiisan buʼaa gaarii ykn miidhaa akka qabu ni baratu. Kanaafuu, warri Kiristiyaana taʼan qajeelfama argachuuf gara Yihowaatti garagaluun isaanii barbaachisaa dha. Akkaataan ijoolleen itti guddifaman aadaa garaa garaa keessattii fi dhalootaa gara dhalootaatti adda adda akka taʼe hin dagatinaa. Warri Waaqayyoon dhaggeeffatan, ijoollee kan guddisan tilmaamaan, muuxannoo isaanii irratti ykn ilaalcha namootaa irratti hundaaʼanii miti.

10 Seenaa Nohi akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Nohi yommuu Yihowaan akka doonii ijaaru isatti himetti, muuxannoo hin qabu ture. Sana dura matumaa doonii ijaaree hin beeku. Kanaafuu, “akkuma” qajeelfama Yihowaan isaaf kennetti ijaaruudhaan isatti amanamuu qaba ture. (Uma. 6:22) Buʼaan isaa hoo maal ture? Nohi jalqabuma irratti milkaaʼina argateera. Dhuguma iyyuu, argachuu qaba ture! Nohi abbaa maatii taʼuudhaanis milkaaʼee ture; milkaaʼina kana kan argates ogummaa Waaqayyootti waan amanameefi. Bara hamaa Bishaan Badiisaa dura turetti akkana gochuun baayʼee rakkisaa taʼus, ijoollee isaa akka gaariitti barsiisuu fi fakkeenya gaarii isaaniif taʼuu dandaʼeera.—Uma. 6:5.

11. Warri ijoollee isaanii yommuu leenjisan fakkeenya gaarii taʼuun isaanii hammam barbaachisaa dha?

11 Warra yoo taatan, “akkuma” Waaqayyo ajaje gochuu kan dandeessan akkamitti? Yihowaa dhagaʼaa. Innis karaa Dubbii isaa, akkasumas qajeelfama karaa jaarmiyaa isaa argannutti fayyadamee ijoollee akkamitti akka guddistan isin barsiisa. Yeroo booda, ijoolleen keessan akkana waan gootaniif isin galateeffatu! Obboleessi tokko, “Akkaataa warri koo itti na guddisaniif baayʼeen isaan galateeffadha. Garaa koo tuquuf waan dandaʼan hunda godhaniiru. Guddinan karaa hafuuraa godheef hundumaa caalaa galateeffamuu kan qaban isaani” jedhee barreesseera. Warri hamma dandaʼan carraaqqii kan godhan taʼus, ijoolleen tokko tokko Yihowaa ni dhiisu. Haa taʼu malee, warri dhugaan garaa mucaa isaanii akka tuqu gochuuf hamma dandaʼan carraaqqii godhan qalbii qulqulluu ni qabaatu. Kana malees, mucaan amalli isaa bade sun gara Yihowaatti deebiʼuu akka dandaʼu ni abdatu.

12, 13. (a) Warri Kiristiyaana taʼan yoo mucaan isaanii gumiidhaa baafame akka Waaqayyoof ajajaman akkamitti argisiisu? (b) Warri Yihowaadhaaf ajajamuun isaanii maatii tokko kan fayyade akkamitti?

12 Warri tokko tokko ajajamuun baayʼee kan isaanitti ulfaatu yeroo mucaan isaanii gumiidhaa baafamu dha. Mee haadha intalli ishii gumiidhaa baafamtee fi mana dhiistee baate tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Haati ishii, “Intala tiyyaa fi intala intala tiyyaa wajjin yeroo dabarsuu akkan dandaʼuuf wanta sababa naaf taʼu barreeffamoota keenya irraa argachuuf nan yaalan ture” jechuudhaan ifatti dubbatteetti. Itti dabaluudhaanis, “Abbaan manaa koo garuu intalli keenya harka keenya keessaa akka baatee fi nuti dhimma kana gidduu galuu akka hin qabne akkan hubadhu gaarummaadhaan na gargaareera” jetteetti.

13 Waggoota muraasa booda, intalli isaanii gara gumiitti deebite. Haati ishii, “Amma guyyaa guyyaadhaan naaf bilbilti ykn ergaa barreefamaa naaf ergiti! Kana malees akka nuti Waaqayyoof ajajamne waan beektuuf, anaa fi abbaa manaa koo garaadhaa kabajji. Amma walitti dhufeenya cimaa qabna” jetteetti. Mucaa gumiidhaa baafame yoo qabaattan, ‘hubannaa ofii keessanitti hirkachuu’ mannaa, ‘garaa keessan guutuu Waaqayyoon ni amanattuu’? (Fak. 3:5, 6) Adabni Yihowaa ogummaa isaa fi jaalala isaa isa homtuu ittiin hin qixxaanne kan argisiisu akka taʼe yaadadhaa. Mucaa keessan dabalatee nama hundumaatiif Ilma isaa akka kenne hin dagatinaa. Waaqayyo namni kam iyyuu akka badu hin barbaadu. (2 Pheexiros 3:9 dubbisi.) Kanaafuu, adabaa fi qajeelfama Yihowaa irratti amantii qabaadhaa. Hammam illee yoo isinitti ulfaate wanta Yihowaan akka gootan isin ajaje raawwadhaa. Eeyyee, adaba Waaqayyoo mormuu mannaa, adaba isaa dhagaʼaa.

GUMII KEESSATTI

14. Qajeelfama Yihowaan ‘bulchaa amanamaatti’ fayyadamee nuuf qopheessu irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Yihowaan gumii Kiristiyaanaa akka kunuunsu, akka eeguu fi qajeelfama akka isaaf kennu waadaa galeera. Kana kan godhus karaawwan garaa garaatiini. Fakkeenyaaf, gumichi eegumsa Ilma isaa isa yeroo isaatti nyaata hafuuraa akka qopheessuuf ‘bulchaa amanamaa’ muude jala akka taʼu godheera. (Luq. 12:42) Nyaanni kun bifa hedduudhaan kan argamu siʼa taʼu, qajeelfama ykn adaba nu fayyadu irraa arganna. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Haasaan tokko ykn mata dureen barreeffamoota keenya irratti baʼe tokko yaada ykn amala koo irratti sirreeffama akkan godhu kan na kakaase siʼa meeqa dha?’ Sirreeffama akka gootu kan si kakaase yoo taʼe gammadi! Sababiin isaas, akkana gochuun kee Yihowaan faayidaa keetiif akka si sirreessu ykn akka si adabu heyyamaa akka jirtu argisiisa.—Fak. 2:1-5.

15, 16. (a) ‘Dhiirota kennaa’ taʼanii fi gumii keessa jiran irraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Jaarsoliin hojii isaaniitti akka gammadan gochuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Kana malees Kiristoos ‘dhiirota kennaa’ taʼan, jechuunis jaarsolii karra Waaqayyoo tiksan gumichaaf kenneera. (Efe. 4:8, 11-13) Kennaawwan gatii guddaa qaban kana irraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko amantii jaarsoliin qabanii fi fakkeenya isaanii isa gaarii hordofuu dha. Karaan inni kan biraan immoo gorsa isaanii isa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe fudhachuu dha. (Ibroota 13:7, 17 dubbisi.) Jaarsoliin akka nu jaallatanii fi karaa hafuuraa akka guddannu akka barbaadan yaadadhaa. Fakkeenyaaf, walgaʼiiwwan irraa hafuu keenya ykn hinaaffaan keenya hirʼachuu isaa yoo hubatan, dafanii akka deggersa nuuf godhan homaa hin shakkisiisu. Nu dhaggeeffatu; akkasumas akka gaariitti nu jajjabeessuu fi Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii gorsa nu barbaachisu nuuf kennuudhaan nu cimsuuf yaalii godhu. Gargaarsa akkanaa karaa jaalalli Yihowaan isiniif qabu ittiin ibsamu akka taʼetti ni ilaaltuu?

16 Gorsa nu barbaachisu nuuf kennuuf nutti dhihaachuun jaarsoliidhaaf salphaa taʼuu dhiisuu akka dandaʼu yaadadhaa. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi cubbuu cimaa raawwate dhoksuuf erga yaalii godhee booda isa haasofsiisuun Naataan raajichatti hammam ulfaataa taʼuu akka dandaʼu yaadaa! (2 Sam. 12:1-14) Phaawulos ergamaanis, Pheexiros isa ergamoota 12n keessaa tokko taʼee fi obboloota Yihudoota taʼaniif loogeef sirreeffama barbaachisu kennuuf ija jabinni guddaan isa barbaachisee akka ture homaa hin shakkisiisu. (Gal. 2:11-14) Maarree, baʼaa jaarsolii gumii keessanii isaaniif hirʼisuu kan dandeessan akkamitti? Kan gad of qabdan, kan salphaatti itti dhihaatamuu fi kan galateeffattan taʼaa. Gargaarsi isaan isiniif godhan jaalala Waaqayyo isiniif qabu kan argisiisu akka taʼetti ilaalaa. Kun immoo isin fayyada; jaarsoliinis hojii isaanii irraa gammachuu akka argatan godha.

17. Obboleettiin tokko gargaarsa jaarsoliin gumii jaalalaan kakaʼanii ishiidhaaf kennan irraa faayidaa kan argatte akkamitti?

17 Obboleettiin tokko muuxannoo kanaan dura dabarsiteen kan kaʼe Yihowaa jaallachuun ishiitti ulfaatee ture. Akkana jetteetti: “Wantoonni ani kanaan dura dabarsee fi wantoonni kaan karaa miiraa akkan dadhabu yeroo na taasisanitti, jaarsolii haasofsiisuu akkan qabu beekan ture. Isaan natti hin dheekkaman ykn na hin ceephaʼan; kanaa mannaa na jajjabeessu, akkasumas na cimsu. Hojiin kan itti baayʼatu taʼus, walgaʼii gumii hundumaa booda isaan keessaa yoo xinnaate inni tokko haala akkamii irra akkan jiru na gaafata. Jireenyan duraan dabarseen kan kaʼe, jaalala Waaqayyoo argachuuf gaʼumsa akkan hin qabne natti dhagaʼama. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo hundumaa gumichattii fi jaarsoliitti fayyadamee jaalala anaaf qabu naaf mirkaneesseera. Matumaa akkan isa hin dhiisneef nan kadhadha.”

WANTI MIIDHAA ADABNI GEESSISU KAM IRRA IYYUU HAMMAATU MAALI DHA?

18, 19. Wanti miidhaa adabni geessisu kam irra iyyuu hammaatu maali dha? Fakkeenya kenni.

18 Adabni miidhaa geessisuu kan dandaʼu taʼus, wanti kana caalaa miidhaa guddaa geessisu jira; kunis miidhaa adaba fudhachuu diduudhaan dhufu dha. (Ibr. 12:11) Mee waaʼee Qaayinii fi Zedeqiiyaa Mootichaa akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Qaayin yommuu jibbaan kakaʼee Abeeliin ajjeesuu yaadetti Waaqayyo akkana jechuudhaan isa akeekkachiisee ture: “Maaliif aartee bobaate? Maaliifis mataa buufte? Wanta gaarii utuu hojjettee, ol jetta turte mitii ree? Wanta gaarii hin hojjettu yoo taʼe garuu, cubbuun balbala kee dura riphee si eeggata, si argachuus in kajeela; ati garuu isa irratti aboo godhadhu!” (Uma. 4:6, 7) Qaayin garuu hin dhageenye. Achiis cubbuun isa ni moʼe. Qaayin miidhaa hin barbaachisnee fi rakkina ofitti fideera! (Uma. 4:11, 12) Qaayin Yihowaa utuu dhagaʼeera taʼee, rakkinni kun hundi isa irra hin gaʼu ture.

19 Zedeqiiyaan inni dadhabaa fi hamaa taʼe bulchaa kan ture yeroo haalli Yerusaalem baayʼee rakkisaa turetti dha. Ermiyaas raajichi karaa isaa isa hamaa irraa akka deebiʼu irra deddeebiʼee Zedeqiiyaa gorseera; mootichi garuu adaba isaaf kenname fudhachuu dide. Ammas buʼaan isaa kan nama gaddisiisu taʼe. (Er. 52:8-11) Yihowaan rakkina hin barbaachisne akkanaa irraa nu oolchuu barbaada!—Isaayaas 48:17, 18 dubbisi.

20. Warra adaba Waaqayyoo fudhatanii fi warra adaba isaa fudhachuu didan gara fuulduraatti maaltu eeggata?

20 Addunyaa kana keessatti, of adabuu dabalatee adabni yeroo baayʼee ni tuffatama. Haa taʼu malee, ilaalchi gowwummaa akkanaa yeroo dhihootti miidhaa guddaa geessisuun isaa hin oolu. (Fak. 1:24-31) Kanaafuu, “adaba dhagaʼaa, ogeessotas taʼaa.” Akkuma Fakkeenyi 4:13 jedhutti ‘gorsa [“adaba,” NW] isiniif kennamtetti jabaadhaa, gad ishee hin dhiisinaa! Isheen jireenya keessan waan taateef, baʼeessa godhaa eeggadhaa!’