Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Adabni Jaalala Waaqayyo Nuuf Qabu Argisiisa

Adabni Jaalala Waaqayyo Nuuf Qabu Argisiisa

“Yihowaan warra jaallatu ni adaba.”—IBR. 12:6.

FAARFANNAA: 123, 86

1. Adabni Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo baayʼee akkamitti ibsame?

JECHA “adaba” jedhu yommuu dhageessan maaltu gara sammuu keessanii dhufa? Jechi “adaba” jedhamee caqasoota hedduu irratti hiikame “qajeelfama” jedhamee hiikamuus ni dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun adabni akka nu fayyadu dubbata; jechi kun yeroo tokko tokko beekumsa, ogummaa, jaalalaa fi jireenyaa wajjin caqasama. (Fak. 1:2-7; 4:11-13) Adabni Waaqayyoo inni akka nu jaallatuu fi jireenya bara baraa akka argannu kan barbaadu taʼuu isaa argisiisa. (Ibr. 12:6) Akkasumas, matumaa kan nama miidhu ykn gara jabina kan argisiisu miti. Hiikni guddaan jechi “adaba” jedhu qabu barumsa warri daaʼima jaallataniif kennanii wajjin wal qabata.

2, 3. Adabni maalfaa dabalachuu dandaʼa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

2 Fakkeenya kana ilaalaa: Mucaan xinnaan Yoonii jedhamu tokko mana keessatti kubbaa taphachaa jira. Haati isaas, “Yoonii, mana keessatti kubbaa taphachuu akka hin qabne beekta! Tarii waa cabsuu dandeessa” isaan jette. Haa taʼu malee, qajeelfama haadha isaa dhagaʼuu didee mana keessatti kubbaa taphachuu isaa itti fufe; achiis akkuma tasaa miʼa abaaboo tokko cabse. Maarree, haati isaa akkamitti isa adabdi? Adabni ishii barumsa isaaf kennuu fi tarkaanfii kan biraa isa irratti fudhachuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Barumsa isaaf kennitu irratti, amalli inni argisiise sirrii kan hin taane maaliif akka taʼe isa yaadachiisti taʼa. Seerri warri isaa baasan barbaachisaa fi sirrii taʼuu isaa ibsuudhaan, faayidaa warra isaatiif ajajamuun qabu ifa isaaf gochuu barbaaddi. Barumsa isaaf kennitu hubachuu akka dandaʼuuf, yeroo muraasaaf kubbaa isaa irraa fuudhuudhaan isa adabuun barbaachisaa akka taʼe murteessiti taʼa. Kunis ajajamuu dhiisuun rakkina akka isatti fidu isa hubachiisuu dandaʼa.

3 Nutis miseensota gumii Kiristiyaanaa waan taaneef, kutaa maatii Waaqayyoo ti. (1 Xim. 3:15) Kanaafuu, mirga Yihowaan ulaagaalee nuuf baasuuf, akkasumas yommuu isaan cabsinu adaba jaalala irratti hundaaʼe nuuf kennuuf qabu ni kabajna. Kana malees, gochi keenya buʼaa gammachiisaa hin taane yoo geessise, adabni nuuf kennamu Abbaa keenya isa samii dhagaʼuun hammam barbaachisaa akka taʼe nu yaadachiisa. (Gal. 6:7) Waaqayyo baayʼee waan nuuf yaaduuf, rakkina irraa nu oolchuu barbaada.—1 Phe. 5:6, 7.

4. (a) Yihowaan kan eebbisu leenjii akkamii ti? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

4 Adaba Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuudhaan, mucaan keenya ykn barataan Kitaaba Qulqulluu keenya duuka buutuu Kiristoos akka taʼu gargaaruu dandeenya. Meeshaan leenjiidhaaf itti fayyadamnu inni guddaan Dubbii Waaqayyoo siʼa taʼu, innis “qajeelummaadhaan adabuuf” nu dandeessisa. Akka kanaan, mucaan keenyas taʼe namni Kitaaba Qulqulluu barsiisnu ‘wanta Yesuus nu ajaje hunda’ akka hubatuu fi akka eegu gargaaruu dandeenya. (2 Xim. 3:16, milj.; Mat. 28:19, 20) Leenjiin kun isaanis namoota dabalataa duuka buutota Kiristoos gochuu akka dandaʼan waan gargaaruuf, Yihowaan leenjii akkanaa ni eebbisa. (Tiitoo 2:11-14 dubbisi.) Mee amma deebii gaaffiiwwan guguddaa sadan kanaa haa ilaallu: (1) Adabni Waaqayyoo jaalala inni nuuf qabu kan argisiisu akkamitti? (2) Namoota Waaqayyo kanaan dura adabe irraa maal barachuu dandeenya? (3) Yommuu adaba kenninu fakkeenya Yihowaa fi Ilma isaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

WAAQAYYO JAALALAAN ADABA KENNA

5. Adabni Yihowaa jaalala isaa kan calaqqisiisu karaawwan kamiini?

5 Yihowaan jaalala isaa keessa jiraachuu keenyaa fi daandii jireenyaa irra deemuu keenya itti fufuu akka dandeenyuuf, jaalalaan kakaʼee nu sirreessa, nu barsiisa, akkasumas nu leenjisa. (1 Yoh. 4:16) Gatii akka hin qabne akka nutti hin dhagaʼamneef, inni matumaa nu hin tuffatu ykn dubbii nu miidhu nutti hin dubbatu. (Fak. 12:18) Kanaa mannaa, Yihowaan wanta gaarii garaa keenya keessa jiru irratti xiyyeeffachuudhaan, akkasumas mirga filannaa keenya kabajuudhaan ulfina nuuf kenna. Ati hoo adaba Waaqayyo karaa Dubbii isaa, karaa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼanii, karaa warra kee ykn karaa jaarsolii gumii siif kennuuf ilaalcha akkanaa qabdaa? Dhuguma iyyuu, jaarsoliin yommuu nuti utuu hin beekin “tarkaanfii dogoggoraa” fudhannu, garraamummaa fi jaalalaan nu sirreessuuf yaalii godhan jaalala Yihowaan nuuf qabu calaqqisiisu.—Gal. 6:1.

6. Adabni mirga dhabuu kan dabalatu yeroo taʼutti illee jaalala Waaqayyoo kan argisiisu akkamitti?

6 Yeroo tokko tokko garuu, adabni gorsa ykn sirreeffama afaaniin kennamu qofa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Namni tokko cubbuu cimaa yoo raawwate mirgawwan gumii keessatti qabu dhabuu dandaʼa. Adabni akkanaa illee, jaalala Waaqayyo nuuf qabu kan argisiisu dha. Fakkeenyaaf, namni tokko mirga qabu dhabuun isaa, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa, xiinxaluu fi kadhannaa irratti caalaatti xiyyeeffachuun akka isa barbaachisu hubachuuf isa gargaaruu dandaʼa. Akka kanaan karaa hafuuraa jabaachuu dandaʼa. (Far. 19:7) Mirgi isaas yeroo booda isaaf deebiʼuu dandaʼa. Gumiidhaa baasuun illee jaalala Yihowaa kan argisiisu dha; sababiin isaas, kana gochuun gumicha dhiibbaa gaarii hin taane irraa ni eega. (1 Qor. 5:6, 7, 11) Kana malees, adabni Waaqayyoo madaallii isaa kan eege waan taʼeef, namni dogoggora raawwate sun gumiidhaa baafamuun isaa cubbuun inni raawwate hammam cimaa akka taʼe akka hubatu isa gargaaruu dandaʼa; akkasumas yaada isaa akka geddaratu isa kakaasa.—HoE. 3:19.

ADABA YIHOWAAN ISAAF KENNE IRRAA FAYYADAMEERA

7. Shebnaan eenyu dha? Amala gaarii hin taane akkamii argisiisuu jalqabe?

7 Gatii adabni qabu hubachuuf mee namoota Yihowaan adaba isaaniif kenne lama haa ilaallu: isaanis, Shebnaa isa bara Hisqiyaas Mootichaatti jiraatee fi Giraaham isa yeroo ammaatti argamu dha. Shebnaan ‘hojii mana mootummaa Hisqiyaas adeemsisaa’ waan tureef, aangoo guddaa qaba ture. (Isa. 22:15) Kan nama gaddisiisu garuu, ulfina argachuu waan barbaadeef kooruu jalqabe. Baasii hedduudhaan ofii isaatiif iddoo awwaalaa kan tolchisiifate siʼa taʼu, ‘konkolaattota ulfina qabeeyyii’ taʼaniin deema ture!—Isa. 22:16-18.

Gad of qabuudhaan ilaalcha keenya sirreessuun eebba Waaqayyoo argamsiisa (Keeyyata 8-10 ilaali)

8. Yihowaan Shebnaa kan adabe akkamitti? Buʼaan isaa hoo maal ture?

8 Shebnaan ofii isaatiif ulfina argachuu irratti waan xiyyeeffateef, Waaqayyo ‘hojii isaa irraa isa kaasee’ Eliyaaqiimiin bakka isaa buuseera. (Isa. 22:19-21) Jijjiiramni kun kan godhame yommuu mootii Asor kan taʼe Senaaheriib Yerusaalemiin waraanuu barbaadetti dha. Yeroo boodas mootiin sun hamilee Yihudootaa cabsuuf, akkasumas Hisqiyaas sodaatee harka akka kennu gochuuf, raayyaa waraanaa guddaa tokkoo wajjin ajajjoota mana mootummaa gara Yerusaalemitti ni erge. (2 Mot. 18:17-25) Ajajjoota kana akka haasofsiisuuf Eliyaaqiim kan ergame taʼus, kophaa isaa hin turre. Namoota kan biraa lamaa wajjin kan deeme siʼa taʼu, isaan keessaa inni tokko Shebnaa isa yeroo sanatti barreessaa taʼee tajaajilu ture. Tarii kun Shebnaan haala isa mudatetti garmalee gadduu fi haaloo qabachuu mannaa gad of qabee itti gaafatamummaa gadi aanaa taʼe akka fudhate kan argisiisu dhaa? Taanaan, seenaa kana irraa maal barachuu dandeenya? Mee barumsawwan Shebnaa irraa argannu sadii haa ilaallu.

9-11. (a) Muuxannoo Shebnaa irraa barumsa gaarii akkamii arganna? (b) Akkaataan Yihowaan Shebnaa itti qabe kan si jajjabeesse akkamitti?

9 Tokkoffaa, Shebnaan aangoo isaa dhabeera. Muuxannoon isaa akeekkachiisni, “Of gurguddisuun badiisatti, of bokoksuunis kufaatiitti nama in geessa” jedhu dhugaa taʼuu isaa argisiisa. (Fak. 16:18) Gumii keessatti mirgawwan tarii hamma tokko beekamtii siif argamsiisan yoo qabaatte, gad of qabuu kee itti fufuuf carraaqqii ni gootaa? Kennaawwan qabdu ykn wanta raawwatte kam iyyuu wajjin haala wal qabateen ulfinni Yihowaadhaaf akka taʼu ni gootaa? (1 Qor. 4:7) Phaawulos ergamaan, “Namni isin gidduu jiru hundi, . . . sammuu fayyaa akka qabu karaa argisiisuun akka yaadu malee, hamma yaaduu qabu caalaa darbee waaʼee ofii isaa akka hin yaadne . . . isin nan gorsa” jedhee barreesseera.—Rom. 12:3.

10 Lammaffaa, Yihowaan Shebnaadhaaf gorsa cimaa kennuudhaan haalli isaa abdii kan qabu akka taʼetti akka yaadu argisiiseera. (Fak. 3:11, 12) Kun warra gumii Waaqayyoo isa yeroo harʼaatti argamu keessatti mirga qaban dhabaniif barumsa gaarii dha! Aaruu fi haaloo qabachuu mannaa, adabni isaaniif kenname jaalala Yihowaa kan argisiisu akka taʼetti ilaaluudhaan haala haaraa amma keessa jiran keessatti hamma isaaniif dandaʼame Waaqayyoon tajaajiluu isaanii itti fufuu dandaʼu. Abbaan keenya yoo isa duratti gad of qabne akka waan abdii hin qabneetti akka nu hin ilaalle yaadadhaa. (1 Pheexiros 5:6, 7 dubbisi.) Adabni jaalala irratti hundaaʼe karaa Waaqayyo nu sirreessuuf itti fayyadamu waan taʼeef, harka isaa keessatti akka suphee lallaafaa haa taanu.

11 Sadaffaa, akkaataan Yihowaan Shebnaa itti qabe, warra adaba kennan kan akka warraa fi ilaaltoota ol aanaa jiraniif barumsa gaarii qabateera. Barumsa akkamii? Adabni Yihowaan kennu cubbuu akka jibbu kan mulʼisu taʼus, nama cubbuu raawwateef akka yaadus kan argisiisu dha. Warra ykn ilaaltuu ol aanaa taʼuudhaan adaba kan kennitan yoo taʼe, wanta dogoggora taʼe utuma jibbitanii wanta gaarii mucaan keessan ykn namni hidhata amantii keessanii taʼe qabu ilaaluudhaan fakkeenya Yihowaa ni hordoftuu?—Yih. 22, 23.

12-14. (a) Namoonni tokko tokko Waaqayyo yommuu adaba isaaniif kennu tarkaanfii akkamii fudhatu? (b) Obboleessi tokko ilaalcha isaa akka sirreessu Dubbiin Waaqayyoo kan isa gargaare akkamitti? Kun hoo buʼaa akkamii argamsiise?

12 Kan nama gaddisiisu, namoonni tokko tokko adabni erga isaaniif kennamee booda baayʼee akka miidhaman waan isaanitti dhagaʼamuuf, Waaqayyoo fi saba isaa irraa ni fagaatu. (Ibr. 3:12, 13) Haa taʼu malee, namoonni akkanaa gargaarsa argachuu hin dandaʼan jechuu dhaa? Mee waaʼee Giraaham haa ilaallu. Giraaham gumiidhaa baafamee yeroo booda kan deebiʼe taʼus, karaa hafuuraa qabbanaaʼee ture. Waggoota muraasa booda, Kitaaba Qulqulluu akka isa qoʼachiisuuf obboleessa akka michuutti itti dhihaatee ture tokko gaafate.

13 Jaarsi gumii sun wanta yaadatu yommuu dubbatu akkana jedheera: “Giraaham rakkina kooruu qaba ture. Jaarsolii gumiidhaa isa baasuu irratti hirmaatan ni komata ture. Kanaafuu, yeroo muraasaaf qoʼannaa keenya irratti, caqasoota waaʼee kooraa dubbatanii fi miidhaa amalli kun qabu irratti mariʼanne. Giraahamis daawwitii Dubbii Waaqayyootiin ifatti of ilaaluu kan jalqabe siʼa taʼu, wanta of irratti arges hin jaallanne! Buʼaan isaa kan nama ajaaʼibu ture! ‘Utubaa’ kooraatiin jaamee akka turee fi komiin inni qabu rakkina isaa akka taʼe erga hubatee booda, yeruma sana jijjiirama gaarii gochuu jalqabe. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti yeroo hundumaa argamuu fi ciminaan Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu kan jalqabe siʼa taʼu, guyyaa guyyaadhaan kadhachuus barsiifata godhate. Itti gaafatamummaa hafuuraa mataa maatii taʼuudhaan qabu raawwachuun isaas, haadha manaa isaa fi ijoollee isaa baayʼee gammachiiseera.”—Luq. 6:41, 42; Yaq. 1:23-25.

14 Jaarsi sun itti fufuudhaan akkana jedhe: “Gaaf tokko Giraaham wanta garaa na tuqe tokko dubbate. ‘Waggoota hedduudhaaf dhugaa keessan ture; qajeelchaa taʼee illee tajaajileera. Garaadhaa Yihowaa akkan jaalladhu dubbachuu kanan dandaʼu garuu amma dha’ jedheera. Utuu baayʼee hin turin, Galma Walgaʼii keessatti maaykiroofoonii akka naannessu gaafatame; innis mirga kana baayʼee dinqisiifate. Namni tokko adaba fudhachuudhaan Waaqayyo duratti yoo gad of qabe eebbawwan hedduun akka isaaf dhangalaʼan muuxannoo isaa irraa baradheera!”

ADABA YOMMUU KENNITAN FAKKEENYA WAAQAYYOO FI KIRISTOOS HORDOFAA

15. Adabni kenninu garaa kan tuqu akka taʼu yoo barbaanne maal gochuu qabna?

15 Barsiistota gaarii taʼuuf, jalqaba barattoota gaarii taʼuu qabna. (1 Xim. 4:15, 16) Haaluma wal fakkaatuun, warri Waaqayyo adaba akka kennaniif muude, fedhiidhaan qajeelfama Yihowaatiif bitamuu isaanii itti fufuu qabu. Akka kanaan gad of qabanii bitamuun isaanii, warri kaan akka isaan kabajan, akkasumas yommuu leenjii fi sirreeffama kennan bilisummaadhaan dubbachuuf isaan dandeessisa. Mee fakkeenya Yesuus haa ilaallu.

16. Waaʼee adaba sirrii fi mala barsiisuu buʼa qabeessa taʼee Yesuus irraa maal barachuu dandeenya?

16 Yesuus ajajamuun baayʼee ulfaataa yeroo taʼutti illee, Abbaa isaa yeroo hundumaa ni dhagaʼa ture. (Mat. 26:39) Barumsi inni barsiisuu fi ogummaan inni qabu Abbaa isaa biraa kan argame akka taʼe dubbateera. (Yoh. 5:19, 30) Yesuus kan gad of qabuu fi kan ajajamu taʼuun isaa namoonni garaa qajeelaa qaban akka isatti dhihaatan godheera; barsiisaa gara laafessaa fi gaarii akka taʼus isa gargaareera. (Maatewos 11:29 dubbisi.) Dubbiin gaariin inni dubbate warra akka shomboqqoo buruqfamee ykn akka foʼaa ibsaa dhumuuf jedhuu taʼan jajjabeesseera. (Mat. 12:20) Yesuus yommuu wanti obsa isaa qoru isa mudatetti illee, gaarii fi jaalala qabeessa taʼuu isaa itti fufeera. Kunis yommuu ergamoonni isaa fedhii ofittummaa argisiisanittii fi wal morkatanitti adaba isaaniif kenne irratti mulʼateera.—Mar. 9:33-37; Luq. 22:24-27.

17. Jaarsoliin tuuta hoolota Waaqayyoo yommuu tiksanitti buʼa qabeeyyii akka taʼan amalawwan isaan gargaaran kam faʼi?

17 Warri adaba Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuuf aangoo qaban hundi fakkeenya Kiristoos hordofuun isaanii ogummaa akka qaban argisiisa. Dhuguma iyyuu, akkana gochuun isaanii Waaqayyoo fi Ilma isaatiin leenjifamuuf fedhii akka qaban argisiisa. Pheexiros akkana jedhee barreesseera: “Ilaaltota ol aanaa taatanii tajaajiluudhaan tuuta hoolota Waaqayyoo warra eegumsa keessan jala jiran dirqamaan utuu hin taʼin Waaqayyo duratti fedhiidhaan, buʼaa sirrii hin taane jaallachuudhaan utuu hin taʼin hawwii guddaadhaan tiksaa; warra qabeenya Waaqayyoo taʼan irratti gooftummaa argisiisuudhaan utuu hin taʼin tuutichaaf fakkeenya taʼuudhaan isaan tiksaa.” (1 Phe. 5:2-4) Ilaaltonni ol aanaan Waaqayyoo fi Kiristoos isa mataa gumichaa taʼeef gammachuudhaan bitaman, ofis taʼe warra isaan jala jiran akka fayyadan beekamaa dha.—Isa. 32:1, 2, 17, 18.

18. (a) Yihowaan warra irraa maal eega? (b) Waaqayyo warri itti gaafatamummaa isaanii akka raawwatan kan gargaaru akkamitti?

18 Waaʼee adabaa fi leenjii maatii keessatti kennamuu hoo maal jechuu dandeenya? Mataawwan maatii gorsi, “Ijoollee keessan tuttuqxanii hin aarsinaa; kanaa mannaa, leenjii fi gorsa Yihowaatiin isaan guddisaa” jedhu isaaniif kennameera. (Efe. 6:4) Dhimmi kun hammam cimaa dha? Fakkeenyi 19:18, “Deebisuudhaaf utuu abdiin jiruu, ijoollee kee adabi! Gad dhiiftee akka isaan duʼan hin godhin!” jedha. Eeyyee, Yihowaan warri Kiristiyaana taʼan adaba barbaachisu ijoollee isaaniitiif yoo kennuu baatan isaan ni gaafata! (1 Sam. 3:12-14) Haa taʼu malee, Yihowaan warri gad of qabanii cimsanii yoo isa kadhatan, akkasumas qajeelfama argachuuf gara Dubbii isaattii fi gara hafuura qulqulluutti yoo garagalan, ogummaa fi jabina isaan barbaachisu ni kennaaf.—Yaaqoob 1:5 dubbisi.

BARA BARAAF NAGAADHAAN JIRAACHUU BARACHUU

19, 20. (a) Adaba Waaqayyoo fudhachuun eebbawwan akkamii argamsiisa? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?

19 Adaba Waaqayyoo fudhachuun, akkasumas yommuu warra kaaniif adaba kenninu fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuun eebba hedduu argamsiisa. Maatiiwwanii fi gumiiwwan nagaa ni qabaatu. Tokkoon tokkoon namootaas dhugumaan akka jaallataman, iddoon guddaan akka kennamuuf, akkasumas nageenya akka qaban itti dhagaʼama; kunis eebbawwan gara fuulduraatti argamaniif fakkeenya dha. (Far. 72:7) Dhuguma iyyuu, adabni Yihowaa kunuunsa Abbaa keenyaa jalatti maatii tokko taanee akkamitti nagaa fi tokkummaadhaan bara baraaf waliin jiraachuu akka dandeenyu nu barsiisa jennee afaan guunnee dubbachuu dandeenya. (Isaayaas 11:9 dubbisi.) Adaba Waaqayyootiif ilaalcha akkanaa yoo qabaanne kaayyoo adaba isaa, jechuunis adabni isaa jaalala inni nuuf qabu kan argisiisu akka taʼe caalaatti hubachuu dandeenya.

20 Mata duree itti aanu irratti, adaba maatii fi gumii keessatti kennamu ilaalchisee yaada dabalataa ilaalla. Kana malees, waaʼee of adabuu, akkasumas wanti miidhaa adabni yeroodhaaf nu irraan gaʼu kam irra iyyuu caalaa hammaatu akka jiru ilaalla.