Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Cuuphaa—Ulaagaa Kiristiyaanonni Guutuu Qaban

Cuuphaa—Ulaagaa Kiristiyaanonni Guutuu Qaban

“Cuuphaan . . . amma isin fayyisaa jira.”—1 PHE. 3:21.

FAARFANNAA: 52, 41

1, 2. (a) Warri Dhugaa Baatota taʼan tokko tokko yommuu ijoolleen isaanii cuuphamuuf gaafatan deebii akkamii kennu? (b) Yihowaadhaaf akka of murteessan kaadhimamtoota cuuphaa gaafachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)

SHAMARREEN waggaa sagalii Maariyaa jennee waamnu, yommuu warri ishii Dhugaa Baatota taʼan ishii ilaalan, kaadhimamtoota cuuphaa kaanii wajjin dhaabattee jirti. Sagalee guddaa fi akka gaariitti dhagaʼamuun gaaffiiwwan obboleessi haasaa dhiheessu gaafate lamaaniif deebii kennite. Utuma baayʼee hin turinis ni cuuphamte.

2 Warri Maariyaa intalli isaanii guutummaatti Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuuf murteessuu ishiitti boonaniiru. Taʼus sana dura haati ishii gaaffii tokko tokko qabdi turte. Akkana jettee of gaafattee turte: ‘Maariyaan cuuphamuuf geesseettii? Tarkaanfiin ishiin fudhattu kun wanta bakka guddaa qabu akka taʼe sirriitti hubatteettii? Cuuphamuuf hamma tokko utuu turtee gaarii taʼaa laata?’ Gaaffiiwwan kunneen warri jaalala qabeeyyii taʼan hedduun yommuu ijoolleen isaanii cuuphamuuf fedhii akka qaban ibsanitti of gaafatani dha. (Lal. 5:5) Of murteessuu fi cuuphamuun jireenya Kiristiyaana tokko keessatti tarkaanfii bakka guddaa qabu dha.—Saanduqa “ Yihowaadhaaf Of Murteessiteettaa?” jedhu ilaali.

3, 4. (a) Pheexiros ergamaan barbaachisummaa cuuphaa fakkeenyaan kan ibse akkamitti? (b) Cuuphaan bara Nohitti doonii ijaaruu wajjin kan wal fakkeeffame maaliifi?

3 Phaawulos ergamaan waaʼee cuuphaa yommuu ibsu, Nohi doonii ijaaruu isaa caqasuudhaan, “Cuuphaan inni kanaa wajjin wal fakkaatus, amma isin fayyisaa jira” jedheera. (1 Pheexiros 3:20, 21 dubbisi.) Doonichi, Nohi fedha Waaqayyoo raawwachuuf kan of kenne taʼuu isaatiif ragaa ifatti mulʼatu ture. Nohi hojii Yihowaan isaaf kenne amanamummaadhaan raawwateera. Eeyyee, amantiin hojiidhaan mulʼate, Nohii fi maatiin isaa Bishaan Badiisaa irraa akka oolan taasiseera. Pheexiros fakkeenya kana kan dubbate maal ibsuuf jedhee ti?

4 Akkuma doonichi Nohi amantii qabaachuu isaatiif ragaa taʼu, namoota duratti cuuphamuun ragaa mulʼatu dha. Kun maal argisiisa? Barataan Kiristiyaana taʼe sun duʼaa kaʼuu Kiristoositti amanuudhaan Yihowaadhaaf of murteessuu isaa argisiisa. Akkuma Nohi barattoonni of murteessanis, hojii Waaqayyo akka hojjetan isaaniif kenne hojjechuu isaanii itti fufu. Nohi akkuma Bishaan Badiisaa irraa oole, namoonni amanamoon cuuphamanis badiisa addunyaa hamaa kanatti dhufu irraa ni oolu. (Mar. 13:10; Mul. 7:9, 10) Wanti of murteessuu fi cuuphamuu baayʼee barbaachisaa taasisu kana dha. Namni sababii tokko malee cuuphamuu irraa duubatti jedhu, abdii bara baraaf jiraachuuf qabu balaadhaaf saaxilaa jira.

5. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

5 Cuuphaan dhimma cimaa waan taʼeef, gaaffiiwwan sadiif xiyyeeffannaa kennuun keenya barbaachisaa dha. Kitaabni Qulqulluun waaʼee cuuphaa maal jedha? Namni tokko cuuphamuu isaa dura tarkaanfii akkamii fudhachuu qaba? Barsiisaan Kiristiyaanaa tokko ijoollee isaa ykn barataa Kitaaba Qulqulluu isaa yommuu barsiisu barbaachisummaa cuuphaa sirriitti yaadachuu kan qabu maaliifi?

CUUPHAA KITAABA QULQULLUU KEESSATTI IBSAME

6, 7. (a) Barbaachisummaa cuuphaa Yohaannis ibsi. (b) Yohaannis cuuphaa addaa akkamii raawwate?

6 Cuuphaan Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo jalqabaatiif caqasame isa Yohaannis Cuuphaan raawwate dha. (Mat. 3:1-6) Namoonni Yohaannisiin cuuphaman, cubbuu Seera Musee irratti raawwatan irraa akka yaada geddaratan argisiisuuf ture. Cuuphaan Yohaannis raawwate inni guddaan garuu, yaada geddarachuu wajjin kan wal hin qabanne taʼuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan hawwatu dha. Yohaannis, Ilma Waaqayyoo isa mudaa hin qabne Yesuusiin cuuphuuf mirga addaa argateera. (Mat. 3:13-17) Yesuus cubbuu waan hin qabneef, yaada geddarachuun isa hin barbaachisne. (1 Phe. 2:22) Cuuphamuun isaa fedha Waaqayyoo raawwachuuf of dhiheessuu isaa argisiisa.—Ibr. 10:7.

7 Yesuus yeroo lafa irra tajaajilaa turetti, barattoonni isaas namoota cuuphanii turan. (Yoh. 3:22; 4:1, 2) Akkuma Yohaannis cuuphaa ture, cuuphaawwan kun namoonni sun cubbuu Seera Musee irratti raawwatan irraa akka yaada geddaratan argisiisuuf kan raawwataman turan. Yesuus duʼee erga duʼaa kaʼee booda garuu, cuuphaan duuka buutota isaatiif hiika kana irraa baayʼee addaa taʼe qaba ture.

8. (a) Yesuus erga duʼaa kaafamee booda duuka buutota isaatiif ajaja isa kam kenne? (b) Barbaachisummaa cuuphaan Kiristiyaanaa qabu ibsi.

8 Yesuus inni duʼaa kaafame Dh.K.B. bara 33⁠tti tarii ijoollee dabalatee dhiirotaa fi dubartoota 500⁠nii ol taʼanitti mulʼatee ture. “Kanaaf, dhaqaatii maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphuudhaan saba hundumaa keessaa namoota barattoota godhaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa” jedhee kan dubbate yeroo kanatti taʼuu dandaʼa. (Mat. 28:19, 20; 1 Qor. 15:6) Eeyyee, Yesuus ajaja kana kan kenne bakka duuka buutonni isaa dhibbaan lakkaaʼaman jiranitti taʼuu hin oolu. Kanaaf, Yesuus cuuphaan ulaagaa Kiristiyaanonni waanjoo isaa baachuudhaan barattoota taʼan guutuu qaban akka taʼe ibseera. (Mat. 11:29, 30) Namni karaa fudhatama qabuun Waaqayyoon tajaajiluu barbaadu kam iyyuu, gaʼee Yesuus kaayyoo Yihowaa raawwachiisuu keessatti qabuuf beekamtii kennuu fi fudhachuu qaba. Namni kun erga kana godhee booda cuuphamuu ni dandaʼa. Cuuphaan bishaanii Waaqayyo duratti fudhatama qabu kana qofa dha. Barattoonni Kiristoos haaraan jaarraa jalqabaatti turan barbaachisummaa cuuphaa hubatanii akka turan Kitaabni Qulqulluu ragaa hedduu kenna. Barattoonni kun utuu hin barbaachisin cuuphamuu irraa duubatti hin jenne.—HoE. 2:41; 9:18; 16:14, 15, 32, 33.

DUUBATTI HIN HARKIFATIN

9, 10. Cuuphaa ilaalchisee nama Itoophiyaa amantii Yihudii fudhatee fi Phaawulos ergamaa irraa maal baranna?

9 Hojii Ergamootaa 8:35, 36 dubbisi. Mee fakkeenya xuʼaashii Itoophiyaa amantii Yihudii fudhatee fi waaqeffannaadhaaf Yerusaalem deemee gara mana isaatti deebiʼaa ture tokkoo haa ilaallu. Filiphoos maleekaa Yihowaatiin geggeeffamee gara nama Itoophiyaa sanatti dhihaachuudhaan, “misiraachoo waaʼee Yesuus ibsu isatti hime.” Namni Itoophiyaa sun hoo tarkaanfii akkamii fudhate? Wanta inni itti aansuudhaan raawwate, dhugaa barateef dinqisiifannaa kan qabu akka ture ragaa ifa taʼe kenna. Qophii Yihowaa wajjin haala wal simuun jiraachuu waan barbaadeef, yeruma sana cuuphame.

10 Fakkeenyi inni lammaffaan, nama Yihudii Kiristiyaanota irra ariʼatama geessisaa ture dha. Inni saba Waaqayyoof of murteessee ture tokko keessatti dhalate. Haa taʼu malee, Yihudoonni hariiroo addaa Yihowaa wajjin qaban dhabanii turan. Namichi kun duudhaawwan amantii Yihudiitiif kan hinaafu ture; taʼus wanta kana irra caalu barateera. Dhuunfaatti kan dhugaa isaaf baʼe, Yesuus Kiristoos isa duʼaa kaafamee fi ulfina argate ture. Namichi kun hoo deebii akkamii kenne? Gargaarsa Hanaaniyaan inni barataa Yesuus taʼe isaaf kenne fudhateera. Namicha sana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Achiis kaʼee ni cuuphame” jedha. (HoE. 9:17, 18; Gal. 1:14) Namni Yihudii kun isa yeroo booda Phaawulos ergamaa jedhame taʼuu isaa akka hubattan beekamaa dha. Haa taʼu malee, Phaawulos gaʼee Yesuus kaayyoo Waaqayyoo raawwachiisuu keessatti qabu ilaalchisee dhugaa jiru erga hubatee booda tarkaanfii fudhachuu isaa qalbeeffadhaa. Utuma hin turinis ni cuuphame.—Hojii Ergamootaa 22:12-16 dubbisi.

11. (a) Wanti barattoota Kitaaba Qulqulluu yeroo ammaatti jiran cuuphaadhaaf isaan kakaasu maali dha? (b) Namoota haaraa cuuphaman yommuu arginu maaltu nutti dhagaʼama?

11 Ijoollees taʼan maanguddoo barattoonni Kitaaba Qulqulluu yeroo harʼaa jiraniis akkasuma godhu. Namoonni dhugaa Kitaaba Qulqulluu irratti amantii qabanii fi garaadhaa dinqisiifatan of murteessuu fi cuuphamuuf hawwii guddaa qabu. Haasaan cuuphaa keessumaa namoota akkasiitiif dhihaatu walgaʼii guguddaa hunda irratti iddoo guddaa qaba. Dhugaa Baatonni Yihowaa barataan Kitaaba Qulqulluu tokko dhugaa fudhatee guddina argisiisuudhaan yommuu cuuphamu ni gammadu. Warri Kiristiyaana taʼanis ijoolleen isaanii barattoota haaraa cuuphaman kaan gidduutti arguun isaanii isaan hin gammachiisuu? Waggaa tajaajilaa 2017⁠tti, namoonni 284,000 ol taʼanii fi “kakaʼumsa sirrii qaban,” bishaaniin cuuphamuudhaan Yihowaadhaaf akka of murteessan argisiisaniiru. (HoE. 13:48) Barattoonni haaraan kun cuuphaan ulaagaa Kiristiyaanonni guutuu qaban taʼuu isaa akka hubatan ifa dha. Cuuphamuuf tarkaanfii akkamii fudhataniiru?

12. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko cuuphamuu isaa dura tarkaanfii akkamii fudhachuu qaba?

12 Barataan tokko cuuphamuu isaa dura, waaʼee Waaqayyoo, waaʼee kaayyoo Isaa fi qophii Inni fayyinaaf godhe ilaalchisee amantii beekumsa sirrii irratti hundaaʼe qabaachuu qaba. (1 Xim. 2:3-6) Amantiin akkasii immoo, baratichi amalawwan Waaqayyoon hin gammachiisne irraa akka fagaatuu fi ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo wajjin wal simee akka jiraatu isa kakaasa. (HoE. 3:19) Namni tokko amalawwan gadhee Mootummicha akka hin dhaalle isa taasisu utuu hin dhiisin, karaa fudhatama qabuun Waaqayyoof of murteessuu akka hin dandeenye beekamaa dha. (1 Qor. 6:9, 10) Taʼus ulaagaalee naamusaa Yihowaa warra ol aanaa taʼanii wajjin haala wal simuun jiraachuu caalaa wanti barbaachisu jira. Namni qajeelina hordofaa jiru tokko walgaʼiiwwan gumii irratti argamuu, hojii lallabaa fi barattoota gochuu isa lubbuu namootaa baraaru irratti akka gaariitti hirmaachuu qaba. Yesuus hojiin kun barattoota isaa dhugaatiin akka hojjetamu dubbateera. (HoE. 1:8) Barataan haaraa tokko tarkaanfii kana yoo fudhate qofa karaa fudhatama qabuun kadhannaa dhuunfaatiin Yihowaadhaaf of murteessuu, achiis namoota duratti cuuphamuudhaan ifatti argisiisuu dandaʼa.

GALMA BARATTOOTA KITAABA QULQULLUU

Barbaachisummaa cuuphaa yaadatti qabattee barataa keetti himaa jirtaa? (Keeyyata 13 ilaali)

13. Barsiisonni Kitaaba Qulqulluu cuuphaan ulaagaa Kiristiyaanni tokko guutuu qabu akka taʼe yaadachuu kan qaban maaliifi?

13 Ijoollee keenyas taʼe barattoota Kitaaba Qulqulluu keenya kaan tarkaanfii barbaachisaa taʼe akka fudhatan yommuu gargaarru, barataa dhugaa taʼuun cuuphamuus akka dabalatu yaadachuu qabna. Yoom iyyuu kana yaadatti yoo qabanne, barattoota keenyaa wajjin akka gaariitti mariʼachuu dandeenya. Yeroo barbaachisaa taʼutti barbaachisummaa of murteessuu fi cuuphamuu mariʼachuu irraa duubatti hin jennu. Eeyyee, ijoolleen keenyaa fi barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya kaan guddina argisiisanii akka cuuphaman ni barbaanna!

14. Akka cuuphamuuf nama kam irratti iyyuu dhiibbaa gochuu kan hin qabne maaliifi?

14 Dhugaa dha, namni kam iyyuu warri isaa, barsiisaan Kitaaba Qulqulluu isaa ykn namni gumii keessa jiru kan biraan akka cuuphamu dhiibbaa isa irratti gochuu hin qabu. Yihowaan eenyuun keenya iyyuu akka isa tajaajillu nu hin dirqisiisu. (1 Yoh. 4:8) Kanaa mannaa, namoota akkasii yommuu barsiisnu, barbaachisummaa Yihowaa wajjin hariiroo dhuunfaa uumuu akka gaariitti isaaniif ibsuu qabna. Wanti baratichi akka cuuphamuuf isa kakaasu, dinqisiifannaa guddaa inni dhugaadhaaf qabuu fi fedhii inni waanjoo barataa Kiristoos yommuu taʼu baachuuf qabu dha.—2 Qor. 5:14, 15.

15, 16. (a) Umuriin namni tokko itti cuuphamuu qabu kan daangeffame dhaa? Ibsi. (b) Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko kanaan dura amantii kan biraa keessatti kan cuuphame taʼu illee, Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko taʼuuf cuuphamuu kan qabu maaliifi?

15 Umuriin namni tokko itti cuuphamuu qabu hin daangeffamne. Barattoonni hundi kan guddatanii fi kan bilchaatan qixxee miti. Obboloonni hedduun kan cuuphaman ijoollummaa isaaniitti siʼa taʼu, Yihowaadhaafis amanamoo taʼanii jiraataniiru. Kaan immoo barbaachisummaa cuuphamuu kan hubatan dulluma isaanii keessa dhugaa Kitaaba Qulqulluu erga baratanii booda, tokko tokko immoo waggaa 100 ol erga taʼanii booda dha!

16 Maanguddoon Kitaaba Qulqulluu qoʼatan tokko, kanaan dura amantii adda addaa keessatti cuuphamanii waan turaniif, ammas cuuphamuun isaanii barbaachisaa taʼuu isaa obboleettii isaan qoʼachiistu gaafatanii turan. Maanguddoon kunii fi obboleettiin isaan qoʼachiistu caqasoota Kitaaba Qulqulluu dhimma kana wajjin wal qabatan irratti mariʼataniiru. Maanguddoon kun amma cuuphaan ulaagaa Kitaaba Qulqulluu taʼuu isaa waan hubataniif utuu baayʼee hin turin cuuphamaniiru. Umuriin isaanii dhuma waggoota 70mmanii taʼus, cuuphaan akka isaan hin barbaachisne isaanitti hin dhagaʼamne. Eeyyee, cuuphaan fudhatama qabu, fedha Yihowaa ilaalchisee beekumsa sirrii irratti kan hundaaʼe yoo taʼe dha. Kanaaf, barattoonni haaraan amantii kan biraa keessatti kan cuuphaman taʼu illee cuuphamuu qabu.—Hojii Ergamootaa 19:3-5 dubbisi.

17. Namni tokko guyyaa cuuphaa isaatti maal irratti yaaduu isaatu sirrii taʼa?

17 Guyyaa namni tokko itti cuuphamu guyyaa baayʼee nama gammachiisu dha. Akkasumas guyyaa hubannaadhaan irratti yaadamuu qabu dha. Murtoo of murteessuuf goonee wajjin haala wal simuun jiraachuun carraaqqii guddaa gaafata. Yesuus duuka buutota isaa taʼuu waanjootti kan fakkeesse kanaafi. Barattoonni Yesuus, ‘isa isaaniif jedhee duʼee fi duʼaa kaafameef malee, kana booda ofii isaaniitiif jiraachuu’ hin qaban.—2 Qor. 5:15; Mat. 16:24.

18. Mata duree itti aanu irratti gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?

18 Haati Maariyaa gaaffiiwwan seensa irratti caqasaman kan gaafatte yaada armaan olitti ibsame sammuutti waan qabatteef ture. Warra yoo taatan akkana jettanii of gaafattanii beektu taʼa: ‘Dhuguma mucaan koo cuuphamuuf qophaaʼeeraa? Beekumsa gaʼaa karaa fudhatama qabuun of murteessuuf isa dandeessisu argateera? Barumsaa fi hojiidhaaf galma baafachuu ilaalchisee hoo? Mucaan koo erga cuuphamee booda cubbuu cimaa yoo hojjete hoo?’ Mata duree itti aanu irratti, dhimmawwan kana qoruudhaan, warri Kiristiyaana taʼan cuuphaadhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.