Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gammachuudhaan Keessummaa Simachuu Amaleeffachuun Baayʼee Barbaachisaa Dha!

Gammachuudhaan Keessummaa Simachuu Amaleeffachuun Baayʼee Barbaachisaa Dha!

“Gungummii malee keessummummaa wal simadhaa.”—1 PHE. 4:9.

FAARFANNAA: 100, 87

1. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa rakkina akkamii keessa turan?

PHEEXIROS ERGAMAAN namoota “Phonxos, Galaatiyaa, Qaphadooqiyaa, Eeshiyaa fi Bitiiniyaa keessa tamsaʼanii yeroo gabaabaadhaaf [jiraataniif]” kan barreesse Dh.K.B. bara 62 fi 64 gidduutti ture. (1 Phe. 1:1) Gumiiwwan aadaa gara garaa qabanii fi Eeshiyaa Xinnoo keessa turan kun jajjabinaa fi qajeelfamni isaan barbaachisa ture. Mormiin isaan irra gaʼaa fi arrabsamaa turan. ‘Qorumsi akka ibiddaa’ isaan irra gaʼaa ture. Yeroo baayʼee rakkisaa taʼe keessa jiraatu turan. Pheexiros, “Dhumni wantoota hundumaa dhihaateera” jedhee barreesseera. Eeyyee, sirni Yihudootaa guutummaatti baduuf yeroon isa hafu waggaa kudhan illee hin guutu ture. Kiristiyaanonni bakka hunda turan yeroowwan rakkisaa taʼan sana keessa darbuuf maaltu isaan gargaaruu dandaʼa?—1 Phe. 4:4, 7, 12.

2, 3. Pheexiros obboloonni isaa keessummoota akka simatan kan gorse maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

2 Gorsi Pheexiros obboloota isaatiif kenne, ajaja “Keessummummaa wal simadhaa” jedhu kan dabalatu dha. (1 Phe. 4:9) Afaan Giriikiitiin jechi “keessummaa simachuu” jedhu, kallattiidhaan hiikni isaa “namoota kanaan dura hin beekne jaallachuu ykn gaarummaa itti argisiisuu” jedhu qaba. Haa taʼu malee, Pheexiros as irratti keessummummaa akka ‘wal simatan’ gorsaa kan ture, obboloota isaa warra durumaan wal beekanii fi wantoota tokko tokko waliin hojjechaa turaniini dha. Keessummaa simachuun kan isaan fayyadu akkamitti?

3 Keessummaa simachuun akka walitti dhihaatan taasisa. Mee muuxannoo ofii keessanii yaadaa. Mana nama tokkootti afeeramuu keessaniin gammaddanii hin beektanii? Yeroo gammachiisaa akka waliin dabarsitan hin yaadattanii? Gumii keessan keessaa obboloota tokko tokko yommuu afeertan, michoomni keessan caalaatti hin jabaannee? Obboloota keenya keessummummaa simachuudhaan isa yeroo kaanii caalaa dhuunfaatti isaan beekuu dandeenya. Kiristiyaanonni bara Pheexirositti turan, yeroo rakkinni itti hammaachaa deemetti isa duraa caalaa walitti dhihaachuun isaan barbaachisee ture. Kiristiyaanonni dhugaa “guyyoota dhumaa” kana keessa jiraatanis akkasuma gochuu qabu.—2 Xim. 3:1.

4. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kam irratti mariʼanna?

4 Keessummummaa ‘wal simachuuf’ carraawwan akkamii qabna? Wantoota keessummoota akka hin simanne gufuu nutti taʼan moʼuu kan dandeenyu akkamitti? Keessummoota gaarii taʼuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

CARRAAWWAN KEESSUMMOOTA SIMACHUUF QABNU

5. Walgaʼii keenya irratti keessummaa simachuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Walgaʼii irratti: Namoota walgaʼii Kiristiyaanaa keenya irratti argaman hunda, akkuma keenya keessummoota maaddii hafuuraa irratti dhihaatani dha jennee isaan simanna. Kan nu afeeran Yihowaa fi jaarmiyaa isaa ti. (Rom. 15:7) Namoonni haaraan yommuu dhufan Yihowaa fi jaarmiyaa isaa wajjin taanee isaan simanna jechuun ni dandaʼama. Haalli uffannaa ykn rifeensi isaanii maal iyyuu yoo taʼe namoota haaraa kana simachuuf maaliif dursa hin fudhattu? (Yaq. 2:1-4) Keessummaan tokko kophaa isaa jira taanaan, si wajjin akka taaʼu maaliif hin afeertu? Saganticha akka hordofuu fi tarii immoo caqasa dubbifamaa jiru argachuu akka dandaʼuuf gargaarsa ati isaaf gootu ni dinqisiifata taʼa. Karaan ‘Keessummoota simachuu itti amaleeffannu’ inni gaariin tokko kana dha.—Rom. 12:13.

6. Adda durummaadhaan mana keenyatti keessumsiisuu kan qabnu eenyufaʼi?

6 Wanta dhugamu ykn nyaata afeeruu: Bara duriitti keessummaa simachuun mana ofii keessatti nyaataa afeeruu dabalata ture. (Uma. 18:1-8; Abo. 13:15; Luq. 24:28-30) Nama tokko wajjin nyaata nyaachuuf afeeruun nama sanaa wajjin michoomuu fi nagaa qabaachuu akka barbaadan argisiisa ture. Adda durummaadhaan keessummoota keenya taʼuu kan qaban eenyufaʼi? Namoota yeroo hunda waliin jiraannu, jechuunis obbolootaa fi obboleettota keenya gumii keessa jirani dha. Yeroo rakkinni nu mudatutti, kan nu cina dhaabbatan isaan mitii? Michoota amanamoo taʼan qabaachuu fi hunduma faana nagaa qabaachuun nu barbaachisa. Qaamni Ol Aanaan bara 2011 qoʼannaa Masaraan Eegumsaa Miseensota maatii Betʼel Yunaayitid Isteetis, saʼaatii 12:45 irraa gara 12:15 jijjiiruun isaa xiyyeeffannaa namaa kan hawwatu dha. Maaliifi? Beeksisni kana ilaalchisee dubbifame, walgaʼiin dafee yoo xumurame, miseensonni maatii Betʼel keessummummaa wal simachuuf caalaatti kakaʼu dandaʼu jedha. Waajjiroonni damee kaanis akkasuma godhaniiru. Qophiin kun miseensonni maatii Betʼel isa duraa caalaa akka walitti dhihaatan godheera.

7, 8. Obboloota jaarmiyaa Yihowaa keessatti bakka buʼoota taʼanii tajaajilan keessummummaa simachuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Obboloonni gumii kan biraa keessa jiran, daawwattoonni ol aanaa aanaa fi yeroo tokko tokko immoo bakka buʼoonni waajjira damee dhufanii yommuu haasaa nuu kennan ni gammanna. Yeroowwan akkasii kun obboloota kana keessummummaa simachuuf carraa nuu banu. (3 Yohaannis 5-8 dubbisi.) Karaa gaariin kana itti gochuu dandeenyu inni tokko afeerraa salphaa taʼe ykn nyaata dhiheessuu dha. Isin hoo kana gochuu ni dandeessuu?

8 Obboleettiin Yunaayitid Isteetis jiraattu tokko akkana jechuudhaan waan yaadattu dubbatti: “Anii fi abbaan manaa koo waggoota hedduudhaaf, obboloota haasaa dhiheessanii fi haadhotii manaa isaanii hedduu keessummummaa simachuuf carraa arganneerra. Yeroowwan kun hundi kan nama gammachiisanii fi kan nama bashannannsiisan, hunda caalaa immoo gama hafuuraatiin kan nama jajjabeessan turan. Kana gochuu keenyaan matumaa gaabbinee hin beeknu.”

9, 10. (a) Keessummummaa yeroo dheeraa kan barbaadan eenyufaa taʼuu dandaʼu? (b) Namoonni manni isaanii dhiphaa taʼe keessummaa simachuu ni dandaʼuu? Fakkeenyaan ibsi.

9 Keessummoota yeroo dheeraadhaaf turan: Bara duriitti keessummoota simachuun yeroo baayʼee namoota amanamoo taʼaniif bakka buufatan qopheessuu dabalata. (Iyo. 31:32; Film. 22) Bara keenyattis haalli akkasii ni uumama. Daawwattoonni ol aanaa aanaa gumiiwwan yommuu daawwatan yeroo baayʼee bakki buufatan isaan barbaachisa. Barattoonni manneen barumsaa tiʼookraasii fi obboloonni fedhiidhaan hojii ijaarsaa irratti hirmaatanis bakki buufatan isaan barbaachisa taʼa. Balaan uumamaa maatiiwwan tokko tokko mana isaanii akka dhaban gochuu fi hamma manni isaanii deebiʼee ijaaramuufitti bakki buufatan isaan barbaachisa taʼa. Namoota mana balʼaa qaban qofatu gargaaruu dandaʼa jennee yaaduu hin qabnu; isaan yeroo baayʼee kana godhanii taʼuu dandaʼa. Manni keessan dhiphaa taʼus, namoonni kun mana keessan akka buufatan gochuu ni dandeessuu?

10 Obboleessi Kooriyaa Kibbaa tokko barattoota manneen barumsaa tiʼookraasiitti leenjiʼuu dhufan mana isaatti simatee akka ture ni yaadata. Akkana jechuudhaan barreesseera: “Reefuu kan gaaʼela godhannee fi mana xinnoo keessa jiraachaa kan turre waa taʼef, jalqaba irratti mamnee turre. Barattoonni sun mana keenya akka buufatan gochuun keenya garuu gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera. Reefuu kan gaaʼela godhannee waan taaneef, hiriyoonni gaaʼelaa yommuu Yihowaa waliin tajaajilanii fi galmawwan hafuuraa irratti waliin hirmaatan gammachuu akka isaaniif argamsiisu hubachuu dandeenyeerra.”

11. Namoota gumii keessaniif haaraa taʼan keessummummaa simachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

11 Obboloota gumichaaf haaraa taʼan: Obboloonni dhuunfaadhaan ykn maatiidhaan gara naannoo keessanii dhufuu dandaʼu. Tokko tokko bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan tajaajiluu dhufan taʼa. Qajeelchitoonni immoo gumii keessan akka gargaaran ergamuu dandaʼu. Hundi isaanii jalqaba irratti wanta baran waan dhiisaniif, hawaasaa, gumii, tarii immoo qooqa ykn aadaa haaraatti baruun hamma tokko isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Afeerraa salphaa fi nyaata dhiheessuun ykn bakkawwan tokko tokko waliin deemuun michoota haaraa akka argatanii fi haala naannoo sanaa wajjin akka wal baran isaan gargaaruu dandaʼa.

12. Muuxannoon keessummaa simachuuf wantoota baayʼee qopheessuun akka hin barbaachisne ibsu isa kami dha?

12 Yeroo keessummoota simannu wantoota hedduu qopheessuun nu hin barbaachisu. (Luqaas 10:41, 42 dubbisi.) Obboleessi tokko yeroo misiyoonii taʼee tajaajiluu jalqabetti wanta isatti dhagaʼame akkana jechuudhaan dubbateera: “Ijoollee fi muuxannoo kan hin qabnee taʼuu keenya irra iyyuu, maatii keenya baayʼee yaadna turre. Keessumaa gaaf tokko galgala haati manaa koo maatii ishii garmalee yaadde, carraaqqiin ani ishii jajjabeessuuf godhes naaf hin milkoofne ture. Achiis, gara saʼaatii 1:30⁠tti balballi keenya yommuu rurrukutamu dhageenye. Dubartiin Kitaaba Qulqulluu qoʼattu tokko burtukaanii sadii nuu fiddee balbala irra dhaabachaa turte. Ishiinis misiyoonota haaraa kana simachuu dhufte. Nutis akka ol seentu ishii afeerree bishaan dhugamu ishiidhaaf kennine. Achiis shaahii fi cheekolaataa danfisneef. Nuti yeroo kanatti Afaan Siwaahilii hin baranne, ishiin immoo Afaan Ingiliffaa hin dandeessu turte. Taʼus, obboloota biyyichaa wajjin michummaa nama gammachiisu uumuu kan jalqabne yeroo kanatti ture.”

WANTOOTA KEESSUMMOOTA AKKA HIN SIMANNE GUFUU TAʼAN MOʼUU

13. Keessummoota simachuun faayidaawwan akkamii qaba?

13 Yeroon keessummoota simachuu irraa of qusattan isin mudatee beekaa? Taanaan, carraawwan yeroo gaarii fi michummaa yeroo dheeraadhaaf turu uumuuf qabdan dhabdaniittu jechuu dha. Keessummoota simachuun qophummaadhaaf furmaata hunda caalu dha. Haa taʼu malee, ‘Namoonni keessummoota simachuu irraa kan of qusatan maaliifi?’ jettanii gaafattu taʼa. Sababiiwwan hedduun jiraachuu dandaʼu.

14. Keessummoota simachuuf yeroo fi humna hin qabnu yoo taʼe maal gochuu dandeenya?

14 Yeroo fi humna: Tajaajiltoonni Yihowaa hojii baayʼee fi itti gaafatamummaa hedduu qabu. Obboloonni tokko tokko yeroo fi humna keessummoota ittiin simatan akka hin qabne isaanitti dhagaʼama taʼa. Isinis akkas isinitti dhagaʼama yoo taʼe, sagantaa keessan gamaaggamuu isin barbaachisa taʼa. Yeroo fi humna keessummoota simachuuf isin dandeessisu argachuuf sirreeffama tokko tokko gochuu dandeessuu? Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni keessummoota akka simatan gorsa. (Ibr. 13:2) Wanta kanaaf yeroo ramaduun dogoggora miti; kanaa mannaa kun wanta sirrii gochuu qabnu dha. Dhugaa dha, wantoota baayʼee barbaachisaa hin taane tokko tokko dhiisuuf fedhii qabaachuu isin barbaachisa taʼa.

15. Namoonni tokko tokko keessummoota simachuu ilaalchisee yaaddoo akkamii qabu?

15 Ilaalcha ofiif qabdan: Keessummaa simachuu utuma barbaaddanii gaʼumsa akka hin qabne isinitti dhagaʼamee beekaa? Tokko tokko ija laafeyyii waan taʼaniif, waanan jedhun dhaba ykn keessummoota gammachiisuu hin dandaʼu jedhanii sodaatu taʼa. Kaan immoo galiin isaanii gad aanaa waan taʼeef, akkuma obboloota gumii keessa jiran kaanitti matumaa keessummeessuu hin dandaʼu jedhanii yaadu. Keessummoota kan gammachiisu manni tokko guddaa taʼuu isaa miti; akka gaariitti kan qabame, qulqulluu fi kan nama hawwatu taʼuu isaa akka taʼe yaadadhaa.

16, 17. Wanti yaaddoo keessummoota simachuuf nutti dhagaʼamu salphisuu maali dha?

16 Keessummoota simachuun kan si dhiphisu yoo taʼe, akkas kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Jaarsi Biritaaniyaa jiraatu tokko akkana jedheera: “Keessummoota simachuuf qophaaʼuun baayʼee nama sodaachisuu dandaʼa. Taʼus wanti Yihowaa tajaajiluu wajjin wal qabate kam iyyuu, buʼaan isaa fi gammachuun kana gochuun argamsiisu dhiphina namatti dhagaʼamu kam irra iyyuu kan caalu dha. Keessummootaa wajjin taaʼee buna dhugaa haasaʼuun qofti illee baayʼee na gammachiisa.” Faayidaa keessummootaatiif akka yaaddan argisiisuun yeroo hunda buʼaa gaarii qaba. (Filp. 2:4) Namni hundi jechuun ni dandaʼama, muuxannoo isaa dubbachuun isa gammachiisa. Yeroon namoota kaanii wajjin waliin dabarsinu, carraa itti muuxannoo keenya akka dubbannu itti nu gaafatan taʼuu dandaʼa. Jaarsi kan biraan tokko immoo akkana jedhee barreesseera: “Michoota gumii keessa jiran mana kootti afeeruun, caalaatti akkan isaan hubadhu, isaan beekuuf yeroo akkan argadhu, keessumaa immoo akkamitti gara dhugaatti akka dhufan beekuuf na gargaareera.” Keessummootaaf xiyyeeffannaa kennuun, yeroon waliin dabarsinu gammachiisaa akka taʼu godha.

17 Obboleettii qajeelchituun barattoota manneen barumsaa tiʼookraasii adda addaa keessa baratan simattee turte akkana jetteetti: “Manni koo xinnoo taʼuu isaa irra iyyuu, miʼoota hamma tokko tajaajilan kan qabu waan taʼeef jalqaba irratti yaaddaʼeen ture. Haadhotii manaa barsiisotaa sana keessaa ishiin tokko garuu yaaddoo koo naaf salphiste. Yeroo ishiinii fi abbaan manaa ishii hojii daawwannaa irratti hirmaatan keessumaa wanti isaan gammachiisu, namoota hafuuraa harka qalleeyyii taʼanii fi akkuma isaanii Yihowaa tajaajiluu fi jireenya isaanii salphaa gochuu irratti xiyyeeffatanii wajjin yeroo dabarsuu akka taʼe natti himte. Kunis wanti haati koo yeroo nuyi ijoollee turretti, ‘Lafa jaalalli jiruu, raafuu nyaachuu wayya’ jechuudhaan yeroo hunda dubbattu na yaadachiise.” (Fak. 15:17) Jaalalaan kakaatanii keessummoota kan simatan yoo taʼe dhiphachuun isin hin barbaachisu.

18, 19. Keessummoota simachuun miira dogoggoraa warra kaaniif qabnu moʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

18 Miira warra kaaniif qabdan: Gumii keessan keessa namni isin aarsu tokko jiraa? Miirri nama kanaaf qabdan jalqaba irratti gaarii taʼuu dhiisuu dandaʼa; miirri kun jijjiiramuu baannaanis yeroo dheeraadhaaf turuu dandaʼa. Garaa garummaan amalaa yaada keessummoota simachuuf qabdan irratti dhibbaa geessisa taʼa. Tarii namni kanaan dura isin miidhee fi miidhaa sana irraanfachuun isinitti ulfaate jira taʼa.

19 Kitaabni Qulqulluun, diinota keenya dabalatee hariiroo namoota kaanii wajjin qabnu fooyyessuuf keessummummaa simachuun gaarii akka taʼe dubbata. (Roomaa 12:20 dubbisi.) Nama tokko keessummeessuun wal dhabiinsa hirʼisuu fi miira miidhame fayyisuu dandaʼa. Amalawwan gaarii Yihowaan yeroo gara dhugaatti isa harkise ilaale hubachuu jalqabdu taʼa. (Yoh. 6:44) Afeerraan jaalala irratti hundaaʼee fi utuu hin eegamin dhihaate, hariiroon kanaan dura ture guutummaatti akka jijjiiramu gochuu dandaʼa. Jaalalaan kakaatee akka afeerte mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti? Karaan kana itti gochuu dandeenyu inni tokko gorsa Filiphisiyus 2:3 irratti, “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa” jechuudhaan kenname hordofuudhaani. Obboloonni keenya karaa taʼe tokkoon akka nu caalan, jechuunis amantii, jabaatanii dhaabachuu, ija jabina ykn amalawwan gaarii kaaniin akka nu caalan yaaduun keenya, jaalalli isaaniif qabnu akka dabaluu fi keessummummaa isaan simachuun akka nutti salphatu godha.

KEESSUMMAA GAARII TAʼUU

Namoonni nama afeeran yeroo baayʼee keessummoota isaanii simachuuf qophii gaarii godhu (Keeyyata 20 ilaali)

20. Afeerraa nuuf dhihaateef kabaja qabaachuu kan qabnu maaliifi? Argisiisuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

20 Daawit faarfatichi, “Yaa Waaqayyo, godoo kee keessa [“keessummummaadhaan,” NW] eenyutu buufata ree?” jedhee gaafateera. (Far. 15:1) Gaaffii kanatti aansee amalawwan gaarii Waaqayyo keessummoota isaa irraa eegu ibseera. Amalli inni tokko waadaa galle eegu akka taʼe yommuu ibsu, “Wanti inni wareege kan isa miidhu yoo taʼe iyyuu, wareega isaa utuu hin geddarin kan raawwatu” jedheera. (Far. 15:4) Afeerraa nuuf dhihaateef takkaa tole yoo jenne, sababii amansiisaa hin taaneen hafuu hin qabnu. Namni nu afeere akka gaariitti qophaaʼuu waan dandaʼuuf, sababii tokko malee hafuun keenya dadhabbii isaa kan gatii dhabsiisu taʼa. (Mat. 5:37) Obboloonni tokko tokko afeerraa isa jalqabaa kan caalu fakkaatu waan argataniif, afeerraa isa duraa yeroo itti dhiisan qabu. Kun jaalalaa fi kabaja akka isaaniif qaban argisiisaa? Kanaa mannaa, namoonni nu keessummeessan maal iyyuu yoo nuuf dhiheessan garaadhaa dinqisiifannee fudhachuu qabna. (Luq. 10:7) Afeerraa nuuf dhihaate dhiisuun dirqama yoo nutti taʼe garuu, hamma dandaʼametti dafnee namoota nu afeeranitti himuun akka isaan jaallannuu fi akka isaaniif yaannu argisiisa.

21. Aadaa biyyichaa kabajuun keessummoota gaarii taʼuuf gumaacha kan godhu akkamitti?

21 Aadaa biyyichaa kabajuunis barbaachisaa dha. Aadaa tokko tokko keessatti namni tokko utuu hin afeeramin yoo dhufe rakkina hin qabu; kaan garuu dursanii beeksifamuu filatu. Biyyoota tokko tokkotti immoo, nyaata gaarii qaban maatii isaaniitiif utuu hin taʼin keessummoota isaaniitiif kennu; kaan garuu lamaanuu qixxuma ilaalu. Naannoo tokko tokkotti immoo namoonni afeeraman waa fidanii akka dhufan eegama; iddoo kaanitti garuu keessummoonni isaanii waa fidanii akka dhufan hin barbaadan. Aadaa tokko tokko keessatti namoonni afeerraa isaaniif dhihaate takkaatti tole jechuu akka hin qabne isaan irraa eegama; kaan immoo afeeraa diduun dinqisiifannaa dhabuu akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Kanaaf, namoota nu afeeran gammachiisuuf wanta nuuf dandaʼame hunda haa goonu.

22. ‘Keessummummaa wal simachuun’ baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

22 Yeroo kam iyyuu caalaa, “dhumni wantoota hundumaa dhihaateera.” (1 Phe. 4:7) Rakkinni guddaan addunyaa irratti gaʼee hin beekne gaʼuuf jedha. Rakkinni ittuma caalaa yommuu deemu, obboloota keenyaaf jaalala guddaa qabaachuu qabna. Gorsa Pheexiros Kiristiyaanotaaf, “Keessummummaa wal simadhaa” jechuudhaan kenne hojiirra oolchuun yeroo kam iyyuu caalaa barbaachisaa dha; keessummoota simachuun gammachiisaa fi yeroon kan itti hin darbine dha.—1 Phe. 4:9.