Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra kan Taatan, Ijoolleen Keessan Guddina Argisiisanii Akka Cuuphaman Gargaaraa Jirtuu?

Warra kan Taatan, Ijoolleen Keessan Guddina Argisiisanii Akka Cuuphaman Gargaaraa Jirtuu?

Egaa amma maal eegda ree? Kaʼiitii cuuphami.”HOE. 22:16.

FAARFANNAA: 51, 135

1. Warri Kiristiyaanota taʼan ijoolleen isaanii cuuphamuu isaanii dura maal mirkaneeffachuu barbaadu?

BILOOSAM BIRAANTI yeroo cuuphamuuf murteessitetti haala ture akkana jechuudhaan ibsiteetti: “Jiʼoota hedduudhaaf cuuphamuu akkan barbaadu Abbayyee fi Harmeetti himaan ture; isaanis dhimma kana irratti yeroo baayʼee na haasofsiisaniiru. Murtoon ani godhu hammam ulfaataa akka taʼe hubachuu fi dhiisuu koo mirkaneeffachuu barbaadanii turan. Dhuma irratti Muddee 31, 1934, guyyaan wanta jireenya koo keessatti bakka guddaa qabu kana itti raawwadhu ni gaʼe.” Yeroo harʼaattis, warri Kiristiyaanota taʼan ijoolleen isaanii murtoo ogummaa irratti hundaaʼe akka godhan isaan gargaaruu barbaadu. Utuu hin barbaachisin yeroo itti cuuphaman tursuun ykn lafa irra harkisuun rakkoo hafuuraatiif akka isaan saaxilu ni hubatu. (Yaq. 4:17) Haa taʼu malee, warri ijoolleen isaanii cuuphamuu isaanii dura, itti gaafatamummaa barataa Kiristoos taʼuun isaanitti fidu baachuuf akka qophaaʼan mirkaneeffachuu barbaaduun isaanii sirrii dha.

2. (a) Ilaaltonni ol aanaa tokko tokko yaaddoo qaban kan dubbatan maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti maal irratti mariʼanna?

2 Ilaaltonni ol anaa aanaa tokko tokko dargaggoota umurii dhuma waggoota kurnanii fi jalqaba waggoota 20mmanii keessatti argaman akka hin cuuphamne hubachuun isaanii akka isaan yaaddesse dubbataniiru; ijoolleen kun mana dhugaa keessatti kan guddatani dha. Yeroo baayʼee dargaggoonni kun walgaʼii irratti ni argamu, tajaajila irrattis ni hirmaatu. Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼanittis of ilaalu. Taʼus, sababii tokko tokkoon Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuu irraa duubatti jedhu. Wanti kanaaf sababii taʼuu dandaʼu maali dha? Haala tokko tokko keessatti warri isaanii dafanii akka hin cuuphamne jajjabeessaniiru. Mata duree kana keessatti, wantoota warri Kiristiyaanota taʼan tokko tokko ijoolleen isaanii guddina argisiisanii akka cuuphaman gargaaruu dhiisuuf sababa taʼan afur irratti mariʼanna.

MUCAAN KOO UMURIIN ISAA GAʼEERAA?

3. Wanti warra Biloosam yaaddesse maal ture?

3 Warri Biloosam keeyyata jalqabaa irratti caqasaman, intalli isaanii ‘Cuuphaan barbaachisaa fi dhimma cimaa taʼuu isaa hubachuuf umuriin ishii gaʼeeraa?’ jedhanii yaaddaʼuun isaanii sirrii dha. Maarree warri mucaan isaanii karaa fudhatama qabuun of murteessuuf gaʼeessa taʼuu isaa beekuu kan dandaʼan akkamitti?

4. Ajajni Maatewos 28:19, 20 irratti ibsame, warri ijoollee isaanii akka barsiisaniif kan isaan gargaaru akkamitti?

4 Maatewos 28:19, 20 dubbisi. Akkuma mata duree darbe irratti ibsame, Kitaabni Qulqulluun umurii namni tokko itti cuuphamuu qabu hin caqasu. Haa taʼu malee, warri barataa gochuu jechuun maal jechuu akka taʼe irratti yaaduun isaanii isaan fayyaduu dandaʼa. Jechi Afaan Giriikii Maatewos 28:19 irratti ‘barattoota gochuu’ jedhamee hiikame, barattoota akka taʼan yaadatti qabatanii barsiisuu yaada jedhu of keessaa qaba. Barataa jechuun nama barumsa Yesuus baratuu fi hubatu, akkasumas isaan kana eeguuf kan murteesse jechuu akka taʼe argisiisa. Kanaaf, warri Kiristiyaanota taʼan hundi, ijoolleen isaanii barattoota Kiristoos cuuphaman akka taʼan galma godhatanii yaaduudhaan daaʼimummaa isaaniitii kaasanii isaan barsiisuu qabu. Daaʼimman cuuphamuuf gaʼumsa akka hin qabne beekamaa dha. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun ijoolleen hamma tokko xixinnoo taʼan illee, dhugaa Kitaaba Qulqulluu hubachuu fi dinqisiifachuu akka dandaʼan ibsa.

5, 6. (a) Wanti Kitaabni Qulqulluun waaʼee Ximotewos ibsu cuuphaa isaa ilaalchisee maal nu hubachiisa? (b) Warri hubatoo taʼan ijoollee isaanii karaa buʼa qabeessa taʼeen gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

5 Ximotewos, barataa ijoollummaa isaatti dhugaa kan mataa isaa godhate ture. Phaawulos ergamaan, Ximotewos dhugaa Kitaaba Qulqulluu kan barate daaʼimummaa isaattii jalqabee akka ture dubbateera. Ximotewos maatii amantiidhaan qoqqoodame keessatti kan guddate taʼus, haati isaa fi akkoon isaa warri Yihudoota taʼan, Kitaaba Qulqulluudhaaf dinqisiifannaa akka qabaatu isa gargaaranii turan. Kanaan kan kaʼes, amantii cimaa qabaachuu dandaʼeera. (2 Xim. 1:5; 3:14, 15) Umuriin isaa dhuma waggoota kurnanii ykn jalqaba waggoota 20mmanii yeroo ture, barataa Kiristoos gumii keessatti mirgoota addaa qabachuu dandaʼu taʼee ture.—HoE. 16:1-3.

6 Ijoolleen hundi haalli isaanii adda adda waan taʼeef, yeroo tokkotti ykn wal qixxee akka hin bilchaanne beekamaa dha. Ijoolleen tokko tokko sammuu fi miirri isaanii ijoollummaatti akka gaariitti waan bilchaatuuf, cuuphamuu akka barbaadan dubbachuu dandaʼu. Kaan garuu, hamma xinnoo guddatanitti cuuphamuuf qophaaʼoo hin taʼan. Kanaaf, warri hubatoo taʼan ijoolleen isaanii akka cuuphaman dhibbaa isaan irraan hin geessisan. Kanaa mannaa, akkuma guddinaa fi jijjiirama isaaniitti ijoolleen isaanii gama hafuuraatiin guddina akka godhan gargaaruu isaanii itti fufu. Warri ijoolleen isaanii yaada Fakkeenya 27:11 (dubbisi) irra jiru yommuu hubatan ni gammadu. Haa taʼu malee, galmi isaanii, jechuunis ijoolleen isaanii barattoota Kiristoos akka taʼan gargaaruu taʼuu isaa matumaa dagachuu hin qaban. Kana yaadatti qabachuudhaan, warri gaaffii, ‘Mucaan koo Waaqayyoof of murteessuu fi cuuphamuuf beekumsa gaʼaa qabaa?’ jedhu irratti yaaduu barbaadu.

MUCAAN KOO BEEKUMSA GAʼAA QABAA?

7. Namni cuuphamuu barbaadu tokko beekumsa guutuu qabaachuu isa barbaachisa? Ibsi.

7 Warri, maatii isaaniitiif barsiistota waan taʼaniif, ijoolleen isaanii beekumsa hundee jabaa qabuu fi of murteessuuf isaan gargaaru akka argatan barbaaduun isaanii sirrii dha. Taʼus, namni tokko Waaqayyoof of murteessuu fi cuuphamuu isaa dura waan hunda beekuun isa irraa hin eegamu. Cuuphaa booda barattoonni hundi beekumsa sirriidhaan guddachuu isaanii itti fufuu qabu. (Qolosaayis 1:9, 10 dubbisi.) Maarree jalqaba irratti beekumsa hammamiitu barbaachisa?

8, 9. Seenaa Phaawulosii fi eegduu mana hidhaa sana irraa maal baranna?

8 Seenaan maatii jaarraa jalqabaatti ture tokkoo warraaf hamma tokko hubannaa kenna. (HoE. 16:25-33) Phaawulos adeemsa misiyoonummaa isaa isa lammaffaa Dh.K.B. naannoo bara 50⁠tti yeroo godhetti magaalaa Filiphisiyus daawwatee ture. Innii fi Siilaas inni isaa wajjin ture utuu achi jiranii sobaan waan himatamaniif qabamanii mana hidhaa galan. Halkan kirkirri lafaa guddaan uumamee hundeen mana hidhaa sanaa waan raafameef balballi hundi ni baname. Eegduun mana hidhaa sun namoonni hidhaman miliqaniiru jedhee waan yaadeef, yeroo inni of ajjeesuuf kaʼutti Phaawulos sagalee guddaadhaan isa waame. Phaawulosii fi Siilaas eegduu mana hidhaa sanaa fi maatii isaatiif akka gaariitti dhugaa baʼuu dandaʼaniiru. Dhugaa waaʼee Yesuus barachaa turaniif dinqisiifannaa isaan qaban, tarkaanfii akkamii fudhachuuf isaan kakaasee ture? Utuma hin turin cuuphamaniiru. Seenaa kana irraa maal baranna?

9 Akka aadaa yeroo sana turetti, eegduun mana hidhaa sun loltuu soorama baʼe taʼuu dandaʼa. Inni beekumsa Kitaaba Qulqulluu hin qabu ture. Kanaaf beekumsa Kitaaba Qulqulluu hundee cimaa qabu argachuuf, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu barachuu, tajaajilaa Waaqayyoo taʼuun maalfaa akka dabalatu hubachuu fi barumsa Yesuusiif ajajamuuf murteessuu qaba ture. Yeroo gabaabaa jedhamu keessatti, beekumsa dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu inni argatee fi dinqisiifannaan inni isaaniif qabu cuuphamuuf isa kakaaseera. Erga cuuphamee booda beekumsa isaa guddifachuu isaa akka itti fufe hin shakkisiisu. Fakkeenya kana yaadatti qabachuudhaan, ijoolleen keessan barbaachisummaa fi hiika of murteessuu fi cuuphamuu dabalatee, dinqisiifannaa barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiif qaban yommuu ibsan maal gochuu dandeessu? Warri Kiristiyaana taatan mucaan keessan ulaagaa cuuphamuuf barbaachisu guutuu isaa akka murteessaniif jaarsolii akka haasofsiisu murteessitu taʼa. * Akkuma barattoota cuuphaman kaanii, beekumsi inni kaayyoo Yihowaa ilaalchisee qabu jireenya isaa guutuu, darbees bara baraaf guddifachuu isaa itti fufa.—Rom. 11:33, 34.

BARUMSI IJOOLLEE KOOTIIF GAARII TAʼU ISA KAMI?

10, 11. (a) Warri tokko tokko xumura akkamii irra gaʼaniiru? (b) Wanti hunda caalaa warra yaaddessuu maal taʼuu qaba?

10 Warri tokko tokko ijoolleen isaanii jalqaba barumsa ol aanaa barachuu fi hojii gaarii argachuuf jecha yeroo itti cuuphaman tursuun isaanii gaarii akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Akkas kan godhan gaarummaadhaan kakaʼanii taʼus, kun ijoolleen isaanii milkaaʼina dhugaa akka argatan isaan gargaaraa? Hunda caalaa immoo, yaanni kun Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simaa? Dubbiin Yihowaa hoo maal akka godhan jajjabeessa?—Lallaba 12:1 dubbisi.

11 Addunyaan kunii fi wanti addunyaa keessa jiru hundi, fedhii fi ilaalcha Yihowaa akka mormu yaadachuun keenya barbaachisaa dha. (Yaq. 4:7, 8; 1 Yoh. 2:15-17; 5:19) Karaa mucaan keessan Seexana, addunyaa isaa fi ilaalcha kan Waaqayyoo hin taane irraa eegumsa itti argatu inni hunda irra caalu, Yihowaa wajjin hariiroo cimaa uumuu isaa ti. Warri dhimmoota addunyaatiif bakka guddaa kennuun isaanii, mucaan isaanii akka burjaajaʼuu fi hariiroo Yihowaa wajjin qabu akka dagatu isa gochuu dandaʼa. Warri jaalala qabeeyyii taʼan ilaalchi addunyaan milkaaʼinaaf qabu ilaalcha ijoollee isaanii irratti dhibbaa akka geessisu dhugumaan ni barbaaduu? Gammachuu fi milkaaʼina dhugaa kan argannu, jireenya keenya keessatti Yihowaadhaaf yoo dursa kennine qofa akka taʼe beekamaa dha.—Faarfannaa 1:2, 3 dubbisi.

MUCAAN KOO YOO CUBBUU HOJJETE HOO?

12. Warri tokko tokko ijoolleen isaanii utuu hin cuuphamin akka turan kan barbaadan maaliif ture?

12 Haati Kiristiyaana taate tokko sababii intalli ishii akka hin cuuphamne dhowwaa turte yommuu ibsitu, “Sababiin koo inni guddaan gumiitii baafamti jedhee yaaduu koo akka ture dubbachuun baayʼee na yeellaasisa” jetteetti. Akkuma obboleettii kanaa, warri tokko tokko ijoolleen isaanii hamma guddatanii amala ijoollummaa dhiisanitti utuu hin cuuphamin turuun isaanii gaarii akka taʼe dubbataniiru. (Uma. 8:21; Fak. 22:15) ‘Mucaan koo hamma hin cuuphamnetti gumiitii baafamuu hin dandaʼu’ jedhanii yaadu taʼa. Kun yaada gowwummaa irratti hundaaʼe kan taʼe maaliifi?—Yaq. 1:22.

13. Namni tokko utuu hin cuuphamin turuun isaa, Yihowaa duratti balleessaa hojjeteef akka itti hin gaafatamne isa godhaa? Ibsi.

13 Warri Kiristiyaana taʼan, ijoolleen isaanii bilchaatanii karaa fudhatama qabuun utuu of hin murteessin akka cuuphaman kan hin barbaanne taʼuun isaanii sirrii dha. Haa taʼu malee, mucaan tokko cuuphamuu baannaan balleessaa hojjeteef Yihowaa duratti itti hin gaafatamu jedhanii yaaduun dogoggora dha. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaa duratti itti gaafatamuun cuuphamuu fi dhiisuu irratti kan hundaaʼe miti. Kanaa mannaa, mucaan tokko wanta ija Yihowaa duratti sirrii fi dogoggora taʼe hamma beeketti Waaqayyo duratti itti gaafatama. (Yaaqoob 4:17 dubbisi.) Kanaaf, warri ogeeyyii taʼan ijoolleen isaanii akka hin cuuphamne dhowwuu mannaa, ofii isaaniitii fakkeenya gaarii isaaniif taʼuuf carraaqqii guddaa gochuu qabu. Ijoolleen isaanii daaʼimummaa isaaniitii kaasanii, ulaagaalee naamusaa Yihowaa warra ol aanaa taʼaniif dinqisiifannaa guddaa akka qabaatan gochuu barbaadu. (Luq. 6:40) Dinqisiifannaan akkasii immoo, ijoolleen keessan karaa Yihowaa isa qajeelaa irra akka buʼan waan isaan kakaasuuf eegumsa guddaa isaaniif godha.—Isa. 35:8.

WARRI KAANIS GARGAARUU NI DANDAʼU

14. Jaarsoliin carraaqqii warri ijoolleen isaanii guddina argisiisanii akka cuuphan gargaaruuf godhan cimsuuf warra deggeruu kan dandaʼan akkamitti?

14 Jaarsoliin gumii karaa hafuuraa tiksitoota waan taʼaniif, waaʼee galmawwan hafuuraa yaada nama jajjabeessu dubbachuudhaan carraaqqii warri godhan cimsuu dandaʼu. Obboleettiin waggaa 70 oliif qajeelchituu taatee tajaajilaa turte tokko, yommuu umuriin ishii waggaa jaʼa qofa turetti maree obboleessa keenya Chaarlis Raasil wajjin goote ishii jajjabeessee akka ture ni yaadatti. “Daqiiqaa 15f waaʼee galmawwan hafuuraa koo irratti na haasofsiisee ture” jetteetti. Eeyyee, yaanni gaarii fi nama jajjabeessu buʼaa yeroo dheeraadhaaf turu argamsiisuu dandaʼa. (Fak. 25:11) Kana malees, jaarsoliin warrii fi ijoolleen isaanii hojii ijaarsa Galma Walgaʼii irratti waliin akka hirmaatan gochuuf, dargaggootaaf umurii fi dandeettii isaanii tilmaama keessa galchuudhaan hojii isaaniif kennuu dandaʼu.

15. Karaawwan miseensonni gumii kaan dargaggoota jajjabeessuu itti dandaʼan tokko tokko kamfaʼi?

15 Miseensonni gumii kaanis ijoolleedhaaf xiyyeeffannaa sirrii kennuudhaan isaan gargaaruu dandaʼu. Kun immoo wantoota guddina isaan karaa hafuuraa gochaa jiran argisiisan dammaqinaan hordofuu dabalata. Dargaggeessi tokko gumii irratti yaada gaarii kan itti yaadame kennaa? Yookiin kutaawwan sagantaa walgaʼii torban gidduutti godhaman irratti ni hirmaataa? Qorumsa amanamummaa isaa wajjin wal qabatee isa mudatu akka gaariitti damdamachaa jiraa? Yookiin mana barumsaatti carraa dhugaa baʼuuf argatu hundatti fayyadamaa jiraa? Taanaan garaadhaa galateeffachuuf dursa fudhadhaa. Garaadhaa akka isaaf yaaddan argisiisuuf, walgaʼii dura ykn booda dargaggeessa tokko wajjin mariʼachuuf maaliif carraaqqii hin gootan? Karaawwan kanaa fi kan birootiin, dargaggoonni kutaa “waldaa guddaa” taʼuu isaanii akka hubatan gargaaruun ni dandaʼama.—Far. 35:18.

IJOOLLEEN KEESSAN GUDDINA ARGISIISANII AKKA CUUPHAMAN GARGAARAA

16, 17. (a) Ijoolleen cuuphamuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Warri Kiristiyaana taʼan hundi gammachuu akkamii argachuuf carraaqu? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)

16 Mirgoota guguddaa warri Kiristiyaana taʼan qabaachuu dandaʼan keessaa tokko, ijoollee isaanii “leenjii fi gorsa Yihowaatiin” guddisuu dha. (Efe. 6:4; Far. 127:3) Ijoollee saba Israaʼel durii keessatti dhalatan irraa haala adda taʼeen, ijoolleen Kiristiyaanotaa yeroo harʼaa jiran kan dhalatan saba Yihowaadhaaf of murteesse keessatti miti. Kana malees, jaalalli Waaqayyoo fi dhugaadhaaf qaban dhaalaan kan argamu miti. Warri guyyaa ijoolleen isaanii dhalatanii kaasee barattoota akka taʼan yaadatti qabachuudhaan, tajaajiltoota Yihowaadhaaf of murteessanii fi cuuphaman akka taʼan gargaaruu qabu. Wanti kana caalaa barbaachisaa taʼe maali dha? Yeroo rakkinni inni guddaan dhufutti fayyuuf mallattoon akka isatti godhamu kan taasisu, namni tokko of murteessuu isaa, cuuphamuu isaa fi amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluu isaa ti.—Mat. 24:13.

Galmi warra Kiristiyaanota taʼanii, ijoolleen isaanii barattoota Yesuus akka taʼan gargaaruu taʼuu qaba (Keeyyata 16, 17 ilaali)

17 Biloosam Biraanti cuuphamuu akka barbaaddu yommuu murteessitetti, warri ishii Waaqayyoof bulan jireenya ishii keessatti tarkaanfii hunda caalaa barbaachisaa taʼe fudhachuuf kan qophoofte taʼuu ishii mirkaneeffachuu barbaadanii turan. Erga mirkaneeffatanii booda garuu, murtoo ishiin goote deggeraniiru. Galgala cuuphamuu ishii dura turetti, abbaan ishii wanta gaarii tokko godhe. Biloosam akkana jetteetti: “Hundi keenya akka jilbeenfannu erga godhee booda kadhannaa dhiheesse. Intalli isaa ishii xinnoon Yihowaadhaaf of murteessuuf kan kutatte taʼuu ishiitti baayʼee akka gammade Yihowaatti hime.” Waggaa 60 ol booda Biloosam akkana jetteetti: “Jireenya koo guutuu galgala sana matumaa akka hin irraanfanne hubachuu dandeessu!” Warra kan taatan, ijoolleen keessan Yihowaadhaaf of murteessanii cuuphamuudhaan tajaajiltoota isaa yommuu taʼan arguudhaan gammachuu guddaa argamu akka dhamdhamtan hawwina.

^ key. 9 Warri odeeffannoo gaarii Gaaffiiwwan Dargaggootaa fi Deebiiwwan Hojii Irra Ooluu Dandaʼan, Jildii 2, ful. 304-310 (Amaariffa) irra jiru ijoollee isaanii wajjin irratti mariʼachuu dandaʼu. Akkasumas “Saanduqa Gaaffii” Tajaajila Mootummaa, Ebla 2011, ful. 2 ilaali.