Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Yihowaan Matumaa Na hin Gatne!

Yihowaan Matumaa Na hin Gatne!

Yeroo tokko ijoollee durbaa xixinnoo Adoolfi Hiitlar erga haasaa dhiheessee boodaa abaaboo akka isaaf kennan filataman afur keessaa tokko ana ture. Ani kanan filatame maaliifi? Abbaan koo sochii Naazii irratti hirmaannaa guddaa kan godhuu fi konkolaachisaa geggeessaa waajjira damee paartii naannoo sanaa waan tureefi dha. Haati koo immoo amantii Kaatolikii cimsitee kan hordoftu waan turteef, akka ani moloksee taʼu barbaaddi turte. Karaa lamaan kanaan dhibbaa cimaan ana irratti kan godhame taʼus, ani Naaziis taʼe moloksee hin taane. Mee sababa isaa isinittan hima.

KANAN guddadhe Giraatis Ostiriyaa keessatti ture. Umurii koo waggaa torbatti, mana barumsaa amantii galee akkan leenjʼuuf na ergan. Haa taʼu malee, halalummaa qeesotaa fi moloksoota gidduutti raawwatamu arguun baayʼee na suukanneessee ture. Kanaaf haati koo waggaa tokko utuu hin guutin mana barumsichaatii akkan baʼu naaf heyyamte.

Maatii keenya Abbayyee isa yuuniformii loltootaa uffatee wajjin

Boodas, mana barumsaa achuma jiraachaa itti baratanin gale. Gaaf tokko galgala, magaalaa Giraantis boombiidhaan garmalee rukutamaa waan turteef, abbaan koo bakka nageenyi jirutti na geessuuf dhufe. Magaalaa Shilaatmingi jedhamtutti baqanne. Achi geenyee akkuma riqicha tokko irra darbineen riqichi ni rukutame. Yeroo biraatti immoo, xiyyaarri baayʼee gadi siqee balaliʼu qeʼee keenya keessatti anaa fi akkoo koo irratti dhukaase. Yommuu waraanichi dhaabatu, waldaanii fi mootummaan waan nu gatan fakkaata ture.

DEGGERSA WAL IRRAA HIN CINNE ARGACHUU

Bara 1950⁠tti, Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko ergaa Kitaaba Qulqulluu haadha kootti himuu jalqabde. Maree isaan godhan dhaggeeffachaa fi yeroo tokko tokko immoo haadha koo wajjin walgaʼii gumii irratti argamaan ture. Haati koo amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa dhugaa taʼuu isaa waan amanteef bara 1952⁠tti ni cuuphamte.

Yeroo sanatti, gumiin naannoo sanaa bakka dubartoonni manguddoo taʼan itti sassaabaman qofa fakkaata ture. Haa taʼu malee, yeroo booda gumii kan biraa dargaggoota hedduu qabuu fi maanguddoonni itti hin baayʼanne tokko dhaqne! Yommuu gara Giraatisitti deebinu, walgaʼii gumii hunda irratti argamuu kanan jalqabe siʼa taʼu, anis wantin barachaa jiru dhugaa taʼuu isaa amanuuf yeroo baayʼee natti hin fudhanne. Kana malees, Yihowaan Waaqa tajaajiltoota isaatiif deggersa wal irraa hin cinne godhu taʼuu isaa nan hubadhe. Yeroo haalawwan humna keenyaa ol taʼanii fi qofaa keenya damdamachaa akka jiru nutti dhagaʼamutti illee, deggersa wal irraa hin cinne nuuf godha ture.—Far. 3:5, 6.

Anis dhugaan baradhe warra kaanitti himuuf fedhiin godhadhe. Kanas obbolaa koo irraan jalqabe. Obboleettonni koo hangafaa afur of dandaʼanii manaa kan baʼan siʼa taʼu, barsiistota taʼanii hojjetu turan. Taʼus bakka adda addaa isaan jiran dhaqee Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan isaan nan jajjabeesse. Dhuma irrattis, obbolaan koo hundi Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru.

Manaa gara manaa tajaajiluu ergan jalqabee torban lammaffaatti, dubartii umurii waggoota 30mmanii keessa jirtu tokko argadheen qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiise. Ishiinis guddina argisiistee kan cuuphamte siʼa taʼu, boodas abbaan manaa ishii fi ilmaan ishii lamaanis ni cuuphaman. Qoʼannaan kun amantii koo guddaa naaf cimseera. Maaliif? Sana dura namni karaa dhaabbataa taʼeen Kitaaba Qulqulluu na qoʼachiise hin turre. Qoʼannaa hundaaf akka gaariitti qophaaʼuun qaba ture. Kana jechuun, naman qoʼachiisu barsiisuuf jalqaba of barsiisuun qaba ture jechuu dha! Kunis dhugumaan hubannaa ani dhugaadhaaf qabu naaf guddiseera. Achiis Ebla 1954⁠tti bishaaniin cuuphamuudhaan Yihowaadhaaf of murteessuu koo nan argisiise.

“NI ARIʼATAMNA, GARUU HIN GATAMNU”

Bara 1955⁠tti, walgaʼiiwwan biyyoolessaa Jarman, Faransaayi fi Ingiliziitti godhaman irratti argameen ture. Yeroon Landan turetti obboleessa keenya Albarti Shiroodarii wajjin wal arginee turre. Inni Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giilʼaad keessatti barsiisaa kan ture siʼa taʼu, yeroo boodas miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee tajaajileera. Muuziyamii Biritaaniyaa utuu daawwachaa jirruu, obboleessa keenya Shiroodar barreeffamoota Kitaabota Qulqulluu bara durii harkaan barreeffaman nutti argisiise. Barreeffamoonni sun maqaa Waaqayyoo qubeewwan Afaan Ibrootaatiin barreeffaman kan qaban siʼa taʼan, innis barbaachisummaa isaanii nuuf ibse. Kunis jaalala ani Yihowaa fi dhugaadhaaf qabu naaf guddiseera; akkasumas dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru caalaatti labsuuf akkan murteessu na kakaaseera.

Obboleettii (mirga) Miistalbaak Ostiriyaatti qajeelchitoota addaa taanee waliin tajaajilaa turree wajjin

Amajjii 1, 1956 eegalee qajeelchituu yeroo hundaa taʼeen tajaajiluu jalqabe. Jiʼa afur booda immoo, qajeelchituu addaa taʼee Ostiriyaa keessa akka tajaajilun afeerame. Yeroo sanatti, magaalaa Miistalbaak bakka ani dhaquuf jiru keessa Dhugaa Baatonni hin jiran turan. Rakkinni adda taʼe kan biraas na mudatee ture. Anii fi qajeelchituun anaa wajjin ramadamte garaa garummaa guddaa qabna turre. Ani shamarree magaalaa waggaa 19 guutuuf jettun ture; ishiin immoo intala waggaa 25 fi baadiyyaatti guddatte turte. Ani ganamaan kaʼuu hin jaalladhu; ishiin garuu ganamaan kaʼuu jaallatti. Galgala immoo ani dhiisifadhee rafuun barbaada; ishiin garuu daftee rafuu barbaaddi. Taʼus, gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuudhaan garaa garummaa qabnu waliif hubannee, tajaajila irratti yeroo gaarii dabarsuu dandeenyeerra.

Haa taʼu malee, rakkoowwan kan biroos nu mudatanii turan. Ariʼatamni nu irra gaʼee kan ture taʼus, nuti ‘hin gatamne.’ (2 Qor. 4:7-9) Gaaf tokko mandara baadiyyaa tokko keessa tajaajilaa utuu jirruu, namoonni saroota isaanii hiikanii nutti gadhiisan. Utuma baayʼee hin turin anii fi obboleettiin anaa wajjin tajaajilaa turte, saroota guguddaa dutanii fi afaan bananiin marfamne. Harka wal qabanne, anis “Maaloo Yihowaa, akkuma isaan nu qabataniin akka dafnee duunu godhi!” jedheen kadhadhe. Saroonni sun nu bira gaʼuuf dhundhumni tokko yommuu isaan hafu, ni dhaabatan, achiis eegee isaanii raasaa deebiʼan. Yeroo kanatti Yihowaan akka nu eege nutti dhagaʼameera. Sana booda, guutummaa mandarichaatti kan lallabne siʼa taʼu, namoonnis akka gaariitti nu dhaggeeffachuun isaanii nu gammachiiseera. Kun kan taʼe, tarii saroonni sun utuu nu hin miidhin waan hafaniif dinqisiifamanii ykn wanti nama sodaachisu sun erga nu mudatee booda lallabuu keenya waan itti fufneef taʼuu dandaʼa. Isaan keessaa tokko tokko yeroo booda Dhugaa Baatota taʼaniiru.

Wanti nu sodaachise kan biraanis jira ture. Gaaf tokko namni mana nuu kireesse machaaʼee dhufee, namoota ollaa jeeqaa akka jirru dubbachuudhaan nu ajjeesuuf nu doorsise. Haati manaa isaa isa tasgabbeessuuf yaaltus, ishiif hin milkoofne. Kutaa keenya isa fooqii irra jiru irraa wanta taʼaa jiru kana hunda ni dhageenya turre. Saffisaan balbala keenyatti barcuma hirkifnee miʼa keenya shaanxaatti sassaabbachuu jalqabne. Yommuu balbala keenya bannu namni mana nuu kireesse sun billaa guddaa qabatee yaabbannoo gubbaa dhaabatee ture. Karaa balbala boroo baqannee miʼa keenya hunda fudhannee, daandii dheeraa biqiltoota keessa jiruu irra baanee deemne, matumaas achitti hin deebine.

Gara hoteelaa deemnee kutaa kireeffannu tokko gaafanne. Yommuu argannus, gara waggaa tokkoof achuma jiraanne; achi turuun keenyas dhuma irratti tajaajila keenyaaf faayidaa argamsiiseera. Akkamitti? Hoteelichi magaalaa walakkaa waan tureef barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya tokko tokko achitti qoʼachuu barbaadu turan. Utuma baayʼee hin turin kutaa keenya keessatti qoʼannaa kitaabaa fi Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa geggeessuu jalqabne, achi irratti gara namoota 15tu argama ture.

Waggaa tokkoo oliif magaalaa Miistalbaak keessa turre. Achiis ani Feltbaak ishii kibba baha Giiraatisitti argamtuttin ramadame. Qajeelchituu wajjin tajaajilu haaraa kanan argadhe siʼa taʼu, bakka kanas gumiin hin jiru ture. Kutaa xinnoo fooqii lammaffaa irra jiruu fi muka irraa hojjetame keessa jiraanna turre. Qilleensi karaa qaawwaa mukoota gidduu jiruun waan galuuf, gaazexaadhaan qaawwaa isaa duuchuuf yaalii goona turre. Bishaanis boolla keessaa waraabbanna turre. Taʼus akkas gochuun keenya nu hin gaabbisiisu. Jiʼoota muraasa gidduutti, tuutni tokko hundeeffamee ture. Dhuma irrattis, miseensonni maatii nuti qoʼachiisne 30 taʼan gara dhugaatti dhufaniiru!

Muuxannoowwan akkasii dinqisiifannaa ani Yihowaan namoota fedhii Mootummichaatiif dursa kennaniif deggersa wal irraa hin cinne akka godhu qabu naaf cimsaniiru. Yeroo namoonni nu gargaaruu hin dandeenyetti illee, Yihowaan yeroo hunda nu gargaara.—Far. 121:1-3.

“IRREE QAJEELUMMAA [WAAQAYYOO] ISA MIRGAATIIN” DEGGERAMUU

Bara 1958⁠tti walgaʼiin biyyoolessaa magaalaa Niwuu Yoorki Siitii, bakka Yaankee Istaadiyemii fi Pooloo Giraawundi jedhamutti geggeeffamuuf jedha ture. Anis achi irratti argamuuf foormii guuteen ture, waajjirri damee Ostiriyaa immoo Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 32⁠ffaa galuu akkan barbaadu na gaafate. Mirga akkasii akkamittin dida ree? Anis yeruma sana, “Eeyyee!” jedheen deebise.

Giilʼaaditti obboleessa keenya Maartiin Pootitsiingar jedhamu biran taaʼa ture. Inni manneen hidhaa Naazii keessatti rakkoowwan nama rifaasisan hedduu keessa darbeera. Yeroo booda innis miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee tajaajileera. Utuu barachaa jirruu, Maartiin yeroo tokko tokko, “Eriikaa, kun Afaan Jarmaniitiin maal jedhama?” jedhee asaasee na gaafata ture.

Yommuu barumsa keenya walakkeessinu, obboleessi keenya Naataan Noor bakka itti ramadamne nutti hime ture. Ani Paaraaguwaayittin ramadame. Baayʼee ijoollee waanan tureef, biyyattii seenuuf heyyama abbaa koo argachuun qaba ture. Heyyama ergan argadhee booda, Bitootessa 1959 gara Paaraaguwaayin dhaqe. Mana misiyoonotaa Asuunsiyuun jiru keessa obboleettii tokkoo wajjin akkan jiraadhuuf ramadame.

Utuma baayʼee hin turin, Wooltar Biraayit isa misiyoonii kutaa 30⁠ffaatti baratee wajjin wal barre. Yeroo booda gaaʼela godhannee, rakkoowwan jireenya keessatti nu mudatan waliin damdamachuu jalqabne. Yeroo rakkinni ulfaataan nu mudatu hundatti, abdii Yihowaan Isaayaas 41:10 irratti, “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa” jechuudhaan kenne waliin dubbisna turre. Kunis hamma nuti Waaqayyoof amanamoo taanee jiraannettii fi Mootummichaaf dursa kennuuf carraaqnetti, inni matumaa akka nu hin gatne nuuf mirkaneesseera.

Yeroo booda immoo, naannoo daangaa Biraaziilitti dhihoo jirutti ramadamne. Qeesonni mana misiyoonii keenya isa durumaanuu jabina hin qabnetti dhagaa akka darbatan dargaggoota kakaasu turan. Achiis Wooltar ajajaa poolisii tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiise. Torban tokkoof poolisoonni mana keenya bira dhaabatanii nu eegaa waan turaniif, sana booda namoonni nu ariʼatan nu jeequu dhiisaniiru. Utuma baayʼee hin turinis, mana gaarii naannoo daangaa warra Biraaziil gama jiru tokkotti galle. Walgaʼiiwwan Afaan Paaraaguwaayii fi Afaan Biraaziiliin geggeessuu waan dandeenyeef kun faayidaa kan qabu ture. Bakka kanaa deemuu keenya dura, gumii xixinnoon lama hundeeffamee ture.

Abbaa manaa koo Wooltarii wajjin misiyoonii taanee Asuunsiyuun Paaraaguwaayitti yommuu tajaajilaa turretti

YIHOWAAN NA GARGAARUU ISAA ITTI FUFEERA

Doktaroonni koo ijoollee daʼuu akkan hin dandeenye natti himanii kan turan taʼus, bara 1962⁠tti ulfaaʼuun koo baayʼee nu dinqisiisee ture! Yeroo boodas Hooliiwud, Filooriidaa bakka maatiin Waaltar jiranitti dhihoo taʼe jiraachuu jalqabne. Waggoota hedduudhaaf anii fi Wooltar qajeelchitoota taanee tajaajiluu hin dandeenye. Maatii keenyaaf kunuunsa gochuu qabna turre. Taʼus, fedhii Mootummichaatiif dursa kennuu keenya itti fufneerra.—Mat. 6:33.

Sadaasa 1962 Filooriidaa yommuu geenyu, namoonni naannoo sanaa obboloonni adii taʼanii fi gurraacha taʼan walitti makamuun isaanii waan isaan hin gammachiisneef, walgaʼii kan godhanii fi kan lallaban bakka adda addaatti taʼuu isaa arguun keenya baayʼee nu dinqisiisee ture. Yihowaan garuu namoota bifaan wal hin caalchisu, utuma baayʼee hin turin gumiiwwan bifaan wal qoodanii turanis walitti makaman. Yeroo ammaatti naannoo sana gumiiwwan hedduun waan jiraniif, Yihowaan qophii kana akka eebbise ifa dha.

Kan nama gaddisiisu, Wooltar bara 2015⁠tti kaansarii sammuutiin duʼe. Inni waggoota 55f abbaa manaa gaarii Yihowaa jaallatuu fi obboloota hedduu gargaare ture. Yeroo inni fayyaa guutuu qabaatee duʼaa itti kaʼu isa arguuf hawwiidhaanan eeggadha.—HoE. 24:15.

Waggoota 40 oliif tajaajila yeroo guutuu gammachuu fi eebba hedduu naaf argamsiise keessa turuu kootiif baayʼeen galateeffadha. Fakkeenyaaf, anii fi Wooltar barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya 136 akka cuuphaman gargaaruu dandeenyeerra. Rakkoowwan tokko tokko akka turan beekamaa dha. Garuu rakkoowwan kun Waaqa keenya isa amanamaa tajaajiluu keenya dhiisuuf sababii akka taʼanitti matumaa ilaallee hin beeknu. Kanaa mannaa, inni yeroo isaattii fi karaa ofii isaatii barbaadeen rakkina jiruuf furmaata akka kennu amanamuudhaan caalaatti isatti dhihaanneerra. Innis furmaata kenneera!—2 Xim. 4:16, 17.

Wooltar duʼuun isaa baayʼee natti hirʼiseera, qajeelchituu taʼuun koo garuu gadda koo damdamachuuf na gargaareera. Keessumaa abdii duʼaa kaʼuu isaanitti himuu dabalatee warra kaan barsiisuun faayidaa akka qabu hubadheera. Dhuguma iyyuu, karaa ani lakkaaʼuu hin dandeenyeen na gargaaruudhaan Yihowaan matumaa akka na hin gatne argisiiseera. Akkuma waadaa gale Yihowaan na kunuunseera, na cimseera, akkasumas ‘irreen qajeelummaa isaa inni mirgaa’ na deggeruu isaa itti fufeera.—Isa. 41:10.