Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 12

Dubbachuuf Yeroon Sirrii Taʼe Yoomi?

Dubbachuuf Yeroon Sirrii Taʼe Yoomi?

“Calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba.”—LAL. 3: 7.

FAARFANNAA 124 Yeroo Hunda Amanamoo Taʼuu

QABIYYEE *

1. Yaada Lallaba 3:7 irra jiru irraa maal baranna?

MURAASNI keenya baayʼee haasaʼuu jaallanna. Warri kaan immoo callisuu jaallatu. Caqasni mata dureen kun irratti hundaaʼe akka argisiisutti dubbachuunis taʼe callisuun yeroo qaba. (Lallaba 3:7 dubbisi.) Taʼus, obboloonnii fi obboleettonni keenya tokko tokko caalaatti akka haasaʼan barbaanna taʼa. Tokko tokko immoo baayʼee akka hin haasofne barbaanna taʼa.

2. Yoomii fi akkamitti dubbachuu akka qabnu ilaalchisee ulaagaa baasuuf mirga kan qabu eenyu dha?

2 Dandeettiin dubbachuu kennaa Yihowaa irraa argame dha. (Bau. 4:10, 11; Mul. 4:11) Yihowaan Dubbii isaatti fayyadamee kennaa kana karaa sirrii taʼeen akkamitti itti fayyadamuu akka dandeenyu akka hubannu nu gargaara. Mata duree kana keessatti fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu yeroo itti dubbachuu fi callisuu qabnu beekuuf nu gargaaran ilaalla. Kana malees wanta warra kaanitti dubbannu ilaalchisee Yihowaatti maaltu akka dhagaʼamu baranna. Mee jalqaba yoom dubbachuu akka qabnu haa ilaallu.

DUBBACHUU KAN QABNU YOOMI?

3. Roomaa 10:14 irratti akka ibsametti waaʼee Yihowaa fi Mootummichaa dubbachuuf qophaaʼoo taʼuu kan qabnu yoomi?

3 Waaʼee Yihowaa fi waaʼee Mootummichaa dubbachuuf yeroo hunda qophaaʼoo taʼuu qabna. (Mat. 24:14; Roomaa 10:14 dubbisi.) Kana gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofna. Sababii itti Yesuus gara lafaa dhufe keessaa inni guddaan dhugaa waaʼee Abbaa isaa namootatti himuufi. (Yoh. 18:37) Haa taʼu malee, akkaataan itti dubbannus barbaachisaa taʼuu isaa yaadachuu qabna. Kanaafuu, waaʼee Yihowaa warra kaanitti yommuu dubbannu “garraamummaa fi ulfina guddaadhaan” taʼuu qaba, akkasumas miiraa fi amantii warra kaaniitiif akka yaannu argisiisuu qabna. (1 Phe. 3:15) Akkas kan goonu yoo taʼe nama sanatti dubbachuu qofa utuu hin taʼin isa barsiisuu fi tarii immoo garaa isaa tuquu dandeenya.

4. Fakkeenyi 9:9 akka jedhutti dubbiin keenya warra kaan gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

4 Jaarsoliin obboleessi tokko ykn obboleettiin takka gorsi akka isaan barbaachisu yoo hubatan dubbachuu irraa duubatti jechuu hin qaban. Dhugaa dha, nama sana utuu hin barbaachisin akka hin qaanessineef dubbachuuf yeroo sirrii taʼe filatu. Namni sun hamma kophaa isaa taʼutti isa eeguuf fedhii qabaachuu dandaʼu. Jaarsoliin yeroo hunda karaa kabaja nama dhaggeeffatu sanaa eeguu dandaʼuun dubbachuuf carraaqu. Taʼus, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu warri kaan tarkaanfii ogummaa irratti hundaaʼe akka fudhatan isaan gargaaru dubbachuu irraa duubatti hin jedhan. (Fakkeenya 9:9 dubbisi.) Yeroo barbaachisaa taʼutti dubbachuuf ija jabina qabaachuun keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Mee fakkeenya yaada garaa garaa qabate lama haa ilaalu: Fakkeenya isa tokko irratti abbaan tokko ilmaan isaa adabuu qaba ture; isa lammaffaa irratti immoo dubartiin takka namni mootii taʼuuf jedhu tokko murtoo dogoggoraa akka godhe itti himuu qabdi turte.

5. Eliin inni Luba Ol Aanaa ture utuu hin dubbatin kan hafe yoomi?

5 Eliin inni Luba Ol Aanaa ture ijoollee dhiiraa baayʼee jaallatu lama qaba ture. Haa taʼu malee, ijoolleen kun Yihowaadhaaf kabaja hin qaban. Itti gaafatamummaa guddaa godoo qulqullaaʼaa keessatti luboota taʼanii tajaajiluu qabu turan. Taʼus, aangoo isaanii karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamaniiru, kennaawwan Yihowaadhaaf dhihaataniif tuffii guddaa akka qaban argisiisaniiru, akkasumas ifatti saalqunnamtii raawwatu turan. (1 Sam. 2:12-17, 22) Akka Seera Museetti ijoolleen Elii ajjeefamuu qabu turan, Eliin garuu garraamummaadhaan isaan ifachuu malee homaa kan hin goone taʼuu isaa irra iyyuu godoo qulqullaaʼaa keessatti tajaajiluu isaanii akka itti fufan isaaniif heyyamee ture. (Kes. 21:18-21) Yihowaan akkaataa Eliin dhimma kana itti qabe akkamitti ilaale? Eliidhaan akkana jedheera: “Maaliif ana caalaa [ilmaan keetiif] ulfina kennite?” Achiis Yihowaan namoota hamoo kana lamaan ajjeesuuf murteesse.—1 Sam. 2:29, 34.

6. Elii irraa maal baranna?

6 Elii irraa barumsa barbaachisaa taʼe tokko baranna. Michuun keenya ykn firri keenya tokko seera Waaqayyoo akka cabse yoo hubanne ulaagaawwan Yihowaa isa yaadachiisuudhaan isatti dubbachuu qabna. Achiis namoota Yihowaan muude irraa gargaarsa isa barbaachisu argachuu isaa mirkanaaʼoo taʼuu qabna. (Yaq. 5:14) Yihowaa caalaa michuu ykn fira keenya tokkoof ulfina kennuudhaan akka Elii taʼuu hin barbaannu. Nama sirreeffamni isa barbaachisu tokkotti dubbachuun ija jabina kan gaafatu taʼus nama kiisa. Garaa garummaa fakkeenya Elii fi dubartii Israaʼel Abigaayil jedhamtu gidduu jiru hubadhaa.

Abigaayil yeroo sirrii itti dubbatan filachuu irratti fakkeenya gaarii taati (Keeyyata 7-8 ilaali) *

7. Abigaayil Daawitiin kan haasofsiiste maaliifi?

7 Abigaayil haadha manaa namicha sooressaa fi abbaa lafaa Naabaal jedhamuu ti. Daawitii fi namoonni isa wajjin turan Saaʼol Mooticha jalaa baqachaa yommuu turanitti tiksitoota Naabaal wajjin yeroo muraasa kan dabarsan yommuu taʼu, beeyiladoota isaas saamtota irraa eeganiiru. Maarree Naabaal gargaarsa isaanii kanaaf isaan galateeffatee turee? Lakki. Daawit nyaataa fi bishaan xinnoo namoota isaatiif akka kennu yommuu isa gaafatetti, Naabaal ni aare, akkasumas itti iyyee isaan arrabse. (1 Sam. 25:5-8, 10-12, 14) Kanaan kan kaʼes, Daawit dhiirota mana Naabaal keessa jiraatan hundumaa ajjeesuuf murteesse. (1 Sam. 25:13, 22) Maarree balaan kun akka hafu gochuun kan dandaʼamu akkamitti? Abigaayil yeroon kun yeroo itti dubbattu akka taʼe waan hubatteef, ija jabinaan namoota beelaʼan, aaranii fi meeshaa waraanaa hidhatan 400 wajjin wal arguuf deemte, akkasumas Daawitiin haasofsiiste.

8. Fakkeenya Abigaayil irraa maal baranna?

8 Abigaayil Daawit wajjin yommuu wal argitu ija jabinaan, karaa kabaja qabuun, akkasumas karaa nama amansiisuun isa haasofsiisteetti. Abigaayil rakkina uumame kanaaf kan itti hin gaafatamne taʼus, Daawitiin dhiifama gaafatteetti. Daawit nama gaarii akka taʼee fi wanta sirrii taʼe kan raawwatu taʼuu isaa akka beektu dubbatteetti, akkasumas Yihowaan akka ishii gargaaru isatti amanamteetti. (1 Sam. 25:24, 26, 28, 33, 34) Akkuma Abigaayil, nutis namni tokko daandii dogoggoraa irra deemaa akka jiru yoo argine dubbachuudhaaf ija jabina qabaachuu qabna. (Far. 141:5) Kabaja argisiisuu kan qabnu taʼus, ija jabeeyyii taʼuunis nu barbaachisa. Gorsa barbaachisaa taʼe nama tokkoof jaalalaan yommuu kenninu michoota dhugaa taʼuu keenya argisiisna.—Fak. 27:17.

9-10. Jaarsoliin warra kaan yommuu gorsan maal yaadachuu qabu?

9 Keessumaa jaarsoliin warra gumii keessa jiranii fi tarkaanfii dogoggoraa fudhatanitti dubbachuuf ija jabina qabaachuu qabu. (Gal. 6:1) Jaarsoliin, isaanis mudaa akka qabanii fi guyyaa tokko gorsi isaan barbaachisuu akka dandaʼu gad of qabuudhaan ni hubatu. Taʼus, kun namoota adabni isaan barbaachisu balleessaa isaanii hubachiisuu irraa duubatti akka jedhan akka isaan taasisu hin heyyaman. (2 Xim. 4:2; Tit. 1:9) Nama tokko yommuu gorsan malaa fi obsaan isa barsiisuuf kennaa dubbachuu isaaniitti fayyadamuuf yaalu. Obboleessa isaanii ni jaallatu, kun immoo isa gargaaruuf isaan kakaasa. (Fak. 13:24) Haa taʼu malee, wanti caalaatti isaan yaaddessu ulaagaalee isaa deeggaruu fi gumicha miidhaa irraa eeguudhaan Yihowaadhaaf ulfina fiduu dha.—HoE. 20:28.

10 Hanga ammaatti dubbachuu kan qabnu yoom akka taʼe ilaalleerra. Haa taʼu malee, yeroon itti callisuun nuuf gaarii taʼus jira. Yeroo akkasiitti haalli ulfaataan akkamii nu mudachuu dandaʼa?

CALLISUU KAN QABNU YOOMI?

11. Yaaqoob fakkeenya akkamiitti fayyadame? Fakkeenyi kun sirrii kan taʼe hoo maaliifi?

11 Arraba keenya toʼachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Barreessaa Kitaaba Qulqulluu kan taʼe Yaaqoob haala rakkisaa kana ibsuuf fakkeenya gaarii tokkotti fayyadameera. Akkana jedheera: “Namni dubbiidhaan hin gufanne yoo jiraate garuu, inni nama mudaa hin qabnee fi guutummaa qaama isaa toʼachuu dandaʼu dha. Fardeen akka nuuf ajajamaniif luugama afaan isaaniitti yoo keenye, guutummaa qaama isaaniis toʼachuu dandeenya.” (Yaq. 3:2, 3) Luugamni mataa farda tokkoo irra, akkasumas afaan isaa keessa kaaʼama. Namni fardaan deemu tokko luugama isaa harkisuudhaan farda sana qajeelchuu ykn dhaabuu dandaʼa. Namni fardaan deemu sun luugama sana sirriitti qabachuu yoo baate fardi sun toʼannaadhaa ala taʼuu fi ofii isaas taʼe namni ittiin deemu sun akka miidhamu gochuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun arraba keenya yoo toʼachuu baanne miidhaa hedduu geessisuu dandaʼa. Mee yeroo itti arraba keenya toʼachuudhaan dubbachuu irraa of qusachuun nu barbaachisu tokko tokko haa ilaallu.

12. Arraba keenya toʼachuudhaan dubbachuu irraa of qusachuu kan qabnu yoomi?

12 Obboleessi tokko ykn obboleettiin takka odeeffannoo iccitiidhaan qabamuun irra jiru tokko yoo qabaatan maal gochuu qabdu? Fakkeenyaaf, nama biyya hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraatu tokko wajjin yoo wal argitan hojiin keenya biyya sanatti akkamitti hojjetamaa akka jiru ilaalchisee odeeffannoo balʼaa taʼe akka isinii kennu gaafachuuf ni qoramtuu? Dhugaa dha, gaaffii akkasii kan gaafattan isaan miidhuu barbaaddanii miti. Obboloota keenya ni jaallanna, akkasumas waaʼee wantoota isaan irra gaʼaa jiranii ni yaanna. Kana malees yeroo isaaniif kadhannu waaʼee isaanii adda baasnee caqasuu barbaanna. Haa taʼu malee, kun yeroo itti arraba keenya toʼachuudhaan dubbachuu irraa of qusachuu qabnu dha. Nama odeeffannoo iccitii taʼe qabu tokko irratti dhiibbaa kan goonu yoo taʼe, nama sanaafis taʼe obbolootaa fi obboleettota waaʼee sochii isaanii akka hin dubbanne isa amananiif jaalala akka hin qabne argisiisna. Hundi keenya iyyuu obbolootaa fi obboleettota keenya biyya hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraatan irratti rakkina dabaluu akka hin barbaanne beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun obboleessi ykn obboleettiin biyya akkasii keessatti tajaajilan Dhugaa Baatonni biyya sana jiraatan tajaajila ykn sochiiwwan Kiristiyaanaa isaanii akkamitti akka geggeessan ilaalchisee odeeffannoo balʼaa taʼe kennuu hin barbaadan.

13. Fakkeenya 11:13 irratti akka ibsametti jaarsoliin maal gochuu qabu? Maaliifi?

13 Keessumaa jaarsoliin dhimmoota tokko tokko iccitiidhaan qabuudhaan dhugaa buʼuuraa Fakkeenya 11:13 irra jiru hojii irra oolchuu qabu. (Dubbisi.) Kun keessattuu jaarsi tokko gaaʼela kan qabu yoo taʼe ulfaataa taʼuu dandaʼa. Abbaan manaa fi haati manaa tokko yeroo baayʼee waliin haasaʼuudhaan, akkasumas iccitii isaanii, miira isaanii fi yaaddoo isaanii waliif hiruudhaan hariiroon isaanii cimaa taʼee akka itti fufu godhu. Haa taʼu malee, jaarsi tokko “dhoksaa” ykn iccitii warra gumii keessa jiranii baasuu akka hin qabne ni hubata. Akkas yoo godhe amanannaa isaanii dhabuu fi maqaan isaa baduu dandaʼa. Obboloonni gumii keessatti itti gaafatamummaa qaban “arraba lamaan kan hin dubbanne” ykn kan nama hin dogoggorsine taʼuu qabu. (1 Xim. 3:8; milj.) Kana jechuun warra kaan gowwoomsuu ykn hamachuu hin qaban jechuu dha. Abbaan manaa tokko haadha manaa isaa kan jaallatu yoo taʼe odeeffannoo beekuun ishii hin barbaachisne ishiitti hin himu.

14. Haati manaa jaarsa tokkoo maqaa gaarii akka inni qabaatu isa gargaaruu kan dandeessu akkamitti?

14 Haati manaa takkas waaʼee dhimmoota iccitii taʼanii akka dubbatu dhiibbaa isa irratti gochuu dhiisuudhaan abbaan manaa ishii maqaa gaarii akka qabaatu isa gargaaruu dandeessi. Haati manaa gorsa kana yommuu hojii irra oolchitu abbaa manaa ishii deeggaruu qofa utuu hin taʼin, warra iccitii isaanii isatti himataniif kabaja akka qabdu argisiisti. Hunda caalaa immoo nagaa fi tokkummaa gumiitiif gumaacha gochaa waan jirtuuf Yihowaa ni gammachiisti.—Rom. 14:19.

WANTA DUBBANNU ILAALCHISEE YIHOWAATTI MAALTU DHAGAʼAMA?

15. Michoota Iyoob sadan ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼame? Maaliifi?

15 Akkaataa fi yeroo itti dubbannu ilaalchisee kutaa Kitaaba Qulqulluu kan taʼe kitaaba Iyoob irraa wanta baayʼee barachuu dandeenya. Iyoob balaan gaddisiisaan walitti aansee erga isa irra gaʼee booda namoonni afur isa jajjabeessuu fi isa gorsuuf gara isaa dhufanii turan. Namoonni kun yeroo dheeraadhaaf callisanii turan. Haa taʼu malee, wanta namoonni sadan jechuunis, Eliifaaz, Beldaadii fi Zofaar yeroo booda dubbatan irraa akka hubannutti, namoonni kun yeroo kana kan dabarsan akkamitti Iyoobiin gargaaruu akka dandaʼan yaaduudhaan akka hin taane ifa dha. Kanaa mannaa Iyoob dogoggora taʼe tokko akka raawwate akkamitti mirkaneessuu akka dandaʼan yaadaa turan. Wanta sirrii taʼe muraasa kan dubbatan taʼus, Iyoobii fi Yihowaa ilaalchisee wanti isaan dubbatan baayʼeen isaa gaarummaa kan argisiisu ykn dhugaa hin turre. Gara jabinaan Iyoobitti murteessaniiru. (Iyo. 32:1-3) Maarree Yihowaan maal godhe? Namoota sadan kanatti baayʼee aare. Gowwoota akka taʼan kan dubbate siʼa taʼu, Iyoob akka isaaniif kadhatu akka gaafatan godheera.—Iyo. 42:7-9.

16. Fakkeenya gadhee Eliifaaz, Beldaadii fi Zofaar irraa maal baranna?

16 Fakkeenya gadhee Eliifaaz, Beldaadii fi Zofaar irraa barumsa hedduu arganna. Tokkoffaa, obboloota keenyatti murteessuu hin qabnu. (Mat. 7:1-5) Kanaa mannaa dubbachuu keenya dura sirriitti isaan dhaggeeffachuu qabna. Haala isaanii hubachuu kan dandeenyu akkas yoo goone qofa dha. (1 Phe. 3:8) Lammaffaa, jechoonni itti fayyadamnu gaarummaa kan qaban taʼuu isaanii fi wanti dubbannu sirrii taʼuu isaa mirkanaaʼoo taʼuu qabna. (Efe. 4:25) Akkasumas sadaffaa, Yihowaan wanta walitti dubbannuuf xiyyeeffannaa guddaa kenna.

17. Fakkeenya Eliihuu irraa maal baranna?

17 Namni Iyoobiin gaafachuu dhufe inni arfaffaan Eliihuu isa fira Abrahaam taʼe dha. Iyoobii fi namoonni sadan sun yommuu dubbatan isaan dhaggeeffateera. Eliihuun wanta dubbatamaa ture xiyyeeffannaadhaan hordofaa ture, sababiin isaas gorsa gara laafina irratti hundaaʼee fi Iyoob ilaalcha isaa akka sirreessu gargaaru kallattiidhaan isaaf kennuu dandaʼeera. (Iyo. 33:1, 6, 17) Wanti Eliihuu yaaddesse inni guddaan ofii isaatiif ykn nama kan biraatiif utuu hin taʼin Yihowaadhaaf ulfina fiduu ture. (Iyo. 32:21, 22; 37:23, 24) Fakkeenya Eliihuu irraa callisuunis taʼe dhaggeeffachuun yeroo akka qabu baranna. (Yaq. 1:19) Akkasumas yommuu gorsa kenninu wanti nu yaaddessu inni guddaan ofii keenyaaf utuu hin taʼin Yihowaadhaaf ulfina fiduu taʼuu qaba.

18. Kennaa dubbachuutiif iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Yeroo fi akkaataa itti dubbannu ilaalchisee gorsa Kitaabni Qulqulluun kennu hordofuudhaan kennaa dubbachuutiif iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu dandeenya. Solomoon Mootichi inni ogeessa ture hafuuraan geggeeffamee akkana jechuudhaan barreesseera: “Jechi yeroo sirrii taʼetti dubbatame, akkuma poomii warqii miʼa meetii irraa tolfame keessa jiruu ti.” (Fak 25:11, NW) Wanta warri kaan dubbatan sirriitti kan dhaggeeffannuu fi dubbachuu keenya dura kan itti yaannu yoo taʼe, jechoonni keenya akkuma poomii warqii gatii guddaa kan qabuu fi kan bareedu taʼa. Akkasumas wanti dubbannu xinnoos taʼe baayʼee dubbiin keenya warra kaan ni ijaara, Yihowaanis nutti gammada. (Fak. 23:15; Efe. 4:29) Kennaa Waaqayyo nuuf kenne kanaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuuf karaan kana irra caalu hin jiru!

FAARFANNAA 82 ‘Ifni Keessan haa Ifu’

^ key. 5 Dubbiin Waaqayyoo dhugaawwan buʼuuraa yoom dubbachuu fi yoom callisuu akka qabnu beekuuf nu gargaaran qabateera. Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu yommuu beeknuu fi hojii irra oolchinu dubbiin keenya Yihowaa kan gammachiisu taʼa.

^ key. 62 IBSA FAKKII: Obboleettiin takka obboleettii kan biraatiif gorsa ogummaa irratti hundaaʼe yommuu kennitu.

^ key. 64 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko qulqullina ilaalchisee yaada kennaa jira.

^ key. 66 IBSA FAKKII: Abigaayil yeroo sirrii taʼetti Daawititti dubbatteetti, kunis buʼaa gaarii argamsiiseera.

^ key. 68 IBSA FAKKII: Hiriyoonni gaaʼelaa tokko waaʼee hojii keenya biyyoota dhorkaan jiru keessatti raawwatamuu odeeffannoo balʼaa taʼe kennuu irraa yommuu of qusatan.

^ key. 70 IBSA FAKKII: Jaarsi tokko dhimmi gumii iccitii taʼe tokko akka hin dhagaʼamne of eeggannoo gochaa jira.