Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggootaa Jabaattanii Dhaabachuudhaan Diyaabilosiin Mormaa

Dargaggootaa Jabaattanii Dhaabachuudhaan Diyaabilosiin Mormaa

“Mala haxxummaa Diyaabilos mormitanii dhaabachuu akka dandeessaniif miʼa waraanaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti uffadhaa.”—EFE. 6:11.

FAARFANNAA: 79, 140

1, 2. (a) Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan waraana hafuurota hamoo wajjin godhan irratti mooʼuu ni dandaʼu kan jennu maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

PHAAWULOS ergamaan jireenya Kiristiyaanotaa loltoota fuulaa fuulatti walʼaansoo godhan wajjin wal fakkeesseera. Waraanni keenya qaamaan utuu hin taʼin waraana karaa hafuuraa akka taʼe beekamaa dha. Diinonni keenya garuu dhugumaan kan jirani dha. Seexannii fi jinniiwwan loltoota dandeettii fi muuxannoo guddaa qabani dha. Jalqaba irratti waraana kana mooʼuu waan hin dandeenye nutti fakkaachuu dandaʼa. Keessummaa immoo dargaggoonni salphaatti balaadhaaf waan saaxilaman fakkaata. Hafuurota hamoo humna namaa olii qaban kana mooʼuu ni dandaʼuu? Eeyyee, dargaggoonni waraana kana mooʼuu ni dandaʼu, akkasumas mooʼaa jiru! Akkas kan jennu maaliifi? ‘Gooftaa fi humna isaa isa guddaa irraa jabina argachuu isaanii waan itti fufaniifi.’ Humna Waaqaa argachuu malees wanta godhan qabu. Uffannaa waraanaa uffataniiru. Akkuma loltoota sirriitti leenjifamanii, ‘miʼa waraanaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti uffataniiru.’—Efesoon 6:10-12 dubbisi.

2 Phaawulos fakkeenya kana kan dubbate tarii miʼa lolaa loltuun Roomaa tokko uffatu sammuutti qabatee taʼuu dandaʼa. (HoE. 28:16) Mata duree kana keessatti waaʼee fakkeenya kanaa ilaalla. Yeroo fakkeenya kana qorrutti, dargaggoonni tokkoon tokkoon miʼa waraanaa kana yeroo uffatanitti, haala rakkisaa isaan mudatee fi faayidaa argatan ilaalchisee wanta dubbatan hubachuuf yaalaa.

Miini Waraanaa Keessan Guutuu Dhaa?

“SAQQII DHUGAA”

3, 4. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu saqqii loltuu Roomaa wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?

3 Efesoon 6:14 dubbisi. Saqqiin loltuu Roomaa tokko sibiila babattee irraa kan hojjetamu siʼa taʼu, mudhiin isaa akka hin miidhamne isa gargaara. Miʼoonni mudhii isaatii ol jiran akka isatti hin ulfaannes isa gargaara. Saqqiiwwan tokko tokko qabannoowwan jajjaboo goraadee fi billaa qabachuuf gargaaran qabu. Loltuun tokko saqqii isaa akka gaariitti yoo hidhate, ija jabinaan waraana irratti dhaabachuu ni dandaʼa.

4 Haaluma wal fakkaatuun, dhugaan Dubbii Waaqayyoo irraa baranne, barumsawwan amantii sobaatiin karaa hafuuraa akka hin miidhamne eegumsa nuuf godha. (Yoh. 8:31, 32; 1 Yoh. 4:1) Akkasumas jaalala dhugaawwan Waaqayyo biraa arganneef qabnu kan guddisnu yoo taʼe, “gaachana qomaa” keenya baachuun, jechuunis akka ulaagaa Waaqni qajeelinaaf baasetti jiraachuun nutti hin ulfaatu. (Far. 111:7, 8; 1 Yoh. 5:3) Kana malees, dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman ilaalchisee hubannaa ifa taʼe kan qabnu yoo taʼe, ija jabinaan dhaabachuu fi mormitoota keenyaaf deebii quubsaa kennuu ni dandeenya.—1 Phe. 3:15.

5. Dhugaa dubbachuu kan qabnu maaliifi?

5 Dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti yeroo hidhannu yeroo hundumaa dhugaa kana wajjin haala wal simuun jiraachuu fi dhugaa dubbachuu ni kakaana. Soba dubbachuu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi? Sobni Seexanaaf meeshaa waraanaa hunda caalaa buʼa qabeessa taʼe waan taʼeefi. Sobni, isa dubbatus taʼe isa soba sana amanu ni miidha. (Yoh. 8:44) Kanaafuu, hamma nuu dandaʼametti soba dubbachuu irraa fagaachuu qabna. (Efe. 4:25) Garuu akkas gochuun salphaa miti. Shamarreen waggaa 18 Abigaaʼel jedhamtu akkana jetteetti: “Dhugaa dubbachuun yeroo hunda waan fayyadu hin fakkaatu, keessummaa immoo soba dubbachuun haala rakkisaa keessaa kan nu baasu yoo taʼe baay’ee ulfaataa dha.” Haa taʼu malee, yeroo hunda dhugaa dubbachuuf kan ishiin carraaqxu maaliifi? Akkana jetteetti “Dhugaa yommuun dubbadhu Yihowaa duratti sammuu qulqulluun qabaadha. Kana malees, haatii fi abbaan koo, akkasumas michoonni koo na amanuu akka dandaʼan beeku.” Shamarreen umurii waggaa 23 Viiktooriyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Dhugaa yeroo dubbattuu fi amantii keetiif yeroo dhaabattu miidhaan si irra gaʼuu dandaʼa. Taʼus yeroo hunda faayidaawwan nama dinqisiisan argatta: Ofitti amanamummaan kee ni dabala, caalaatti Yihowaatti akka dhihaatte sitti dhagaʼama, akkasumas namoonni si jaallatan si kabaju.” Dhuguma iyyuu, yeroo hundumaa ‘saqqii dhugaatiin mudhii keenya hidhachuun’ baayʼee kan nama kiisu dha.

Saqqii dhugaa (Keeyyata 3-5 ilaali)

“GAACHANA QOMAA QAJEELINAA”

6, 7. Qajeelinni gaachana qomaa wajjin kan wal fakkeeffame maaliifi?

6 Gaachanni qomaa loltuun Roomaa tokko uffatu sibiilawwan babattee dalgee taʼanii fi naannoo qoma isaa akka haguugan godhamanii dabsaman irraa kan hojjetame taʼuu dandaʼa. Sibiilonni kun immoo hokkoo sibiilaatiinii fi sibiila saqqiitiin gogaadhaan walitti hidhamaniiru. Gateettiin isaa, sibiilawwan babattee dabalataa gogaadhaan walitti qabsiifamaniin haguugama. Gaachanni qomaa kun akka garaa isaatti akka hin sochoone kan isa dhoowwu taʼuu isaa irra iyyuu yeroo hundumaa iddoo isaatti hidhamee akka jiru ilaaluun isa barbaachisa. Haa taʼu malee, uffanni waraanaa kun goraadeen akka isa hin kunne ykn xiyyi darbatamu laphee isaa ykn kutaa qaama isaa kan biraa akka hin waraanne isa irraa dhoowwa.

7 Kun ulaagaan Yihowaan qajeelinaaf baase, garaa keenya isa akka fakkeenyatti ibsame akka eegu kan argisiisudha! (Fak. 4:23, hiika bara 1899) Loltuun tokko sibiila gaachana qomaa isaa, gaachana qomaa sibiila gaarii hin taane irraa hojjetameen akkuma hin geeddarre, nutis ulaagaa Yihowaan qajeelinaaf baase ulaagaa mataa keenyaatiin jijjiiruu hin barbaannu. Ogummaa guddaa yaada garaa keenya eeguuf nu barbaachisu hin qabnu. (Fak. 3:5, 6) Yeroo hunda ‘gaachanni qomaa’ keenya onnee keenya haguugee akka jiru mirkaneeffachuun keenya barbaachisaa kan taʼe kanaafi.

8. Ulaagaalee Yihowaatti cichuun faayidaa qaba kan jennu maaliifi?

8 Yeroo tokko tokko ulaagaan Yihowaan qajeelinaaf baase baʼaa akka sitti taʼetti ykn bilisummaa kee kan daangessu akka taʼe sitti dhagaʼamaa? Daaniʼel inni umuriin isaa waggaa 21 taʼe akkana jedheera: “Akka qajeelfama Kitaaba Qulqulluutti waanan jiraadhuuf barsiisonnii fi barattoonni na wajjin baratan natti qoosu. Yeroodhaaf, ofitti amanamummaa koo kanan dhabu taʼuu isaa irra iyyuu nan dhiphadha ture.” Haala kana dandamachuu kan dandaʼe akkamitti ree? Akkana jedheera: “Suutuma suuta qajeelfama Yihowaatiin jiraachuun buʼaa akka qabu hubachuun jalqabe. Ijoolleen na wajjin baratan tokko tokko qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu jalqaban; kaan immoo barumsa isaanii addaan kutaniiru. Jireenyi isaanii baduun isaa baayʼee nama gaddisiisa. Dhuguma iyyuu Yihowaan eegumsa nuuf godha.” Maadiisan ishiin umuriin ishii waggaa 15 taʼe, “Ulaagaa Yihowaan baasetti cichanii jiraachuunii fi karaa hiriyoonni koo gaarii fi gammachiisa dha jedhanii yaadan irra deemuu dhiisuun walʼaansoo guddaa gochuu na gaafata” jetteetti. Haala kana mooʼuu kan dandeesse akkamitti? Akkana jetteetti, “Maqaa Yihowaatiin akkan waamamu of nan yaadachiisa, akkasumas qorumsi kun karaa Seexanni itti na miidhu akka taʼe beeka. Walʼaansoo kana yeroon mooʼu baayʼeen gammada.”

Gaachana qomaa qajeelinaa (Keeyyata 6-8 ilaali)

“MISIRAACHOO NAGAA LABSUUF QOPHAAʼUUDHAAF MIILLA KEESSANITTI KOPHEE KAAʼADHAA”

9-11. (a) Kopheen akka fakkeenyaatti Kiristiyaanonni kaaʼatan maali? (b) Misiraachicha lallabuun caalaatti akka nuuf salphatu gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

9 Efesoon 6:15 dubbisi. Loltuun Roomaa tokko kophee kan hin kaaʼanne yoo taʼe duula waraanaa deemuuf qophaaʼaa miti. Kopheen kun gogaa dachaa sadi qabu irraa kan hojjetamu yeroo taʼu, baayʼee jabaataa dha. Taʼus, kopheen kun mijaaʼaa waan taʼeef, loltuun sun utuun hin mucucaatiin sodaa tokko malee deemuu dandaʼa.

10 Kopheen loltoonni Roomaa kaaʼatan iddoo waraanaa deemuuf akkuma isaan gargaaru, kopheen akka fakkeenyatti Kiristiyaanonni kaaʼatanis ergaa nagaa akka labsan isaan gargaara. (Isa. 52:7; Rom. 10:15) Taʼus, lallabuuf yeroo carraa argannutti dubbachuun ija jabina gaafata. Dargaggeessi Boo jedhamuu fi umuriin isaa waggaa 20 taʼe akkana jedheera, “Ijoollee na wajjin barataniif lallabuun na sodaachisa, akkasumas na qaanessa ture. Duubatti deebiʼee yeroon yaadu maaliif akkas akkan taʼaa ture hin beeku. Amma garuu hiriyoota kootiif lallabuun na gammachiisa.”

11 Dargaggoonni baayʼeen misiraachicha labsuuf sirriitti kan qophaaʼan yoo taʼe, akkas gochuun caalaatti akka isaaniif salphatu hubataniiru. Maarree qophaaʼaa taʼuuf maal gochuu dandeessu? Juuliyaa ishiin umuriin ishii 16 taʼe akkana jetteetti, “Boorsaa mana barumsaa qabadhee deemu keessatti barreeffamoota nan qabadha; akkasumas barattoonni na wajjin baratan ilaalchaa fi amantii isaanii yeroo ibsan isaan nan dhaggeeffadha. Kun immoo wanta isaan gargaaru irratti yaaduuf na gargaara. Kanan qophaaʼu yoo taʼe, wanta caalaatti isaan fayyadu isaanitti himuu nan dandaʼa.” Shamarreen umurii waggaa 23 Maakniizee jedhamtu takka akkana jetteetti: “Gaarummaa kan qabduu fi akka gaariitti kan dhaggeeffattu yoo taʼe, wanta hiriyoonni kee walʼaansoo wajjin gochaa jiran hubachuu ni dandeessa. Barreeffamoota dargaggootaaf qophaaʼan hunda dubbisuuf carraaqqii nan godha. Akkana gochuun koo yaada hiriyoota koo gargaaruu fi Kitaaba Qulqulluu ykn jw.org irratti argamu tokko akka dubbisan isaanitti himuuf na gargaareera.” Kanaafuu, lallabuuf akka gaariitti qophaaʼuun keenya, “kophee” miilla keenyaaf akka gaariitti taʼu kaaʼachuu wajjin walfakkaata.

Qophaaʼuudhaaf miilla keessanitti kophee kaaʼadhaa (Keeyyata 9-11 ilaali)

“GAACHANA AMANTII GUDDAA”

12, 13. ‘Xiyyaawwan bobaʼanii’ fi Seexanni darbatu tokko tokko isaan kami?

12 Efesoon 6:16 dubbisi. ‘Gaachanni guddaan’ loltuun Roomaa tokko qabatu boca rogarfee kan qabu yeroo taʼu, kutaa qaama isaa gateettii isaatii jalqabee hamma jilba isaa jiru haguuga. Kun immoo, goraadeedhaan akka hin kutamne, akkasumas eeboo fi xiyyaadhaan akka hin waraanamne isa haguuga.

13 ‘Xiyyaawwan bobaʼoo’ Seexanni nuti darbatu keessaa tokko soba Yihowaan isiniif hin yaadu, akkasumas isin hin jaallatu jedhu taʼuu dandaʼa. Shamarreen umurii waggaa kudha sagalii Edaa jedhamtu, miira gatii akka hin qabne ishiitti dhagaʼamuu wajjin walʼaansoo gooti. Akkana jetteetti, “Yeroo baayʼee, Yihowaan akka natti hin dhihaannee fi Michuu koo taʼuu akka hin barbaanne natti dhagaʼama ture.” Haala kana dandamachuu kan dandeesse akkamitti ree? Edaan akkana jetteetti “Walgaʼiiwwan irratti argamuun amantii koo guddiseera. Kana dura cal jedheen taaʼa ture; akkasumas namni deebii koo dhagaʼuu barbaadu waan jiru waan natti hin fakkaanneef deebii hin deebisun ture. Amma garuu walgaʼiidhaaf nan qophaaʼa, akkasumas siʼa lama ykn sadi deebisuuf nan yaala. Salphaa taʼuu baatus, yeroon akkana godhu miirri gaariin natti dhagaʼama. Obboloonnis baayʼee na jajjabeessaniiru. Yeroon walgaʼiidhaa deebiʼu hundatti Yihowaan akka na jaallatu hubadheen deebiʼa.”

14. Muuxannoon Edaa dhugaa isa kam nu hubachiisa?

14 Muuxannoon Edaa dhugaa barbaachisaa taʼe tokko nu hubachiisa: Gaachanni loltuu tokkoo hammi isaa hin jijjiiramu, gaachanni amantii keenya garuu xiqqaachuu ykn guddachuu dandaʼa. Kun filannoo keenya irratti kan hundaaʼe dha. (Mat. 14:31; 2 Tas. 1:3) Kanaafuu, amantii keenya guddisuun baayʼee barbaachisaa dha!

Gaachana amantii guddaa (Keeyyata 12-14 ilaali)

“BAARMEEXAA SIBIILAA FAYYINAA”

15, 16. Abdiin baarmeexaa sibiilaa wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?

15 Efesoon 6:17 dubbisi. Baarmeexaan sibiilaa loltuun lafoo Roomaa tokko kaaʼatu mataa isaa, morma isaa fi fuula isaa balaa irraa eega. Baarmeexaan sibiilaa tokko tokko qabannoo waan qabaniif loltuun tokko harka isaatti baatee deemuu danda’a.

16 Baarmeexaan sibiilaa tokko sammuun loltuu tokko akka hin miidhamne akkuma eegu, ‘abdiin fayyinaa’ keenyaas sammuun keenya, jechuunis dandeettiin yaaduu keenya akka hin miidhamne eega. (1 Tas. 5:8; Fak. 3:21, NW) Abdiin, waadaawwan Waaqni nuuf gale irratti akka xiyyeeffannuu fi rakkoowwaniif ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaara. (Far. 27:1, 14; HoE. 24:15) “Baarmeexaa sibiilaa” keenyatti karaa buʼaa qabeessa taʼeen fayyadamuu kan barbaannu yoo taʼe, harkatti baachuu utuu hin taʼin mataa keenya irratti kaaʼachuu qabna.

17, 18. (a) Seexanni baarmeexaa sibiilaa keenya akka baasnu kan nu sossobu akkamitti? (b) Sossoba Seexanaatiin akka hin gowwoomfamne argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Seexanni baarmeexaa sibiilaa keenya akka baasnu kan nu sossobu akkamitti? Yesuus wajjin haala wal qabateen wanta inni godhe ilaalaa. Seexanni, Yesuus yeroo booda ilmaan namootaa bulchuuf abdii akka qabu sirriitti beeka. Haa taʼu malee, Yesuus hamma Yihowaan isa muudutti eeguu qaba. Sana dura immoo, dhiphachuu fi duʼuu qaba. Kanaafuu, Seexanni wanta Yesuus abdiidhaan eegaa jiru dhiheenyatti akka argatu carraa isaaf kenne. Seexanni, siʼa tokko qofa yoo isa waaqeffate battalumatti bulchaa addunyaa taʼuu akka dandaʼu isa abdachiise. (Luq. 4:5-7) Haaluma wal fakkaatuun Seexanni, Yihowaan addunyaa haaraa keessaatti wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akka nuuf guutu beeka. Haa taʼu malee, yeroo kana eeggachuu kan qabnu siʼa taʼu, hammasitti immoo rakkinni nu irra gaʼuu dandaʼa taʼa. Kanaafuu, Seexanni yeroo ammaatti jireenya mijaaʼaa akka jiraannu carraa nu kennuu barbaada. Qabeenya kuufachuuf dursa akka kenninuu fi wanta hunda yeroo ammaatti argachuuf akka carraaqnu barbaada. Seexanni Mootummichaaf sadarkaa lammaffaa akka kenninu barbaada.—Mat. 6:31-33.

18 Akkuma dargaggoonni baayʼeen godhan, shamarreen umurii waggaa 20 Kiiyaanaa jedhamtus sossoba kanaan hin gowwoomfamne. Akkana jetteetti, “Rakkoowwan keenya hunda furuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe beeka.” Abdiin mirkanaaʼaa taʼe kun yeroo ammaatti yaadaa fi gocha ishii irratti dhiibbaa akkamii geessiseera? Itti dabaluudhaan akkana jetteetti, “Abdiin Jannataa galmawwan addunyaatiif ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaareera. Dandeettii koo wanta faayidaa hin qabne irratti balleessuudhaan addunyaa kana irratti iddoo guddaa gaʼuu hin barbaadu. Kanaa mannaa, yeroo fi humna koo galmawwan hafuuraa hordofuu irra oolchuun barbaada.”

Baarmeexaa sibiilaa fayyinaa (Keeyyata 15-18 ilaali)

DUBBII WAAQAYYOO ISA “GORAADEE HAFUURAA” TAʼE

19, 20. Dandeettii Dubbii Waaqayyoo itti fayyadamuu irratti qabnu guddisuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Phaawulos xalayaa kana yeroo barreessuutti goraadeen loltuu lafoo Roomaa itti fayyadamu gara seentii meetira 50 kan dheeratu yommuu taʼu, lola fuulaa fuulatti godhamu irratti isa gargaara. Miʼa waraanaa kanaan guyyaa guyyaatti waan shaakalaniif, loltoonni kun goraadee fayyadamuu irratti dandeettii guddaa qabaachuu dandaʼaniiru.

20 Phaawulos Dubbii Waaqayyoo goraadee Yihowaan nuu kenne wajjin wal fakkeesseera. Haa taʼu malee, yeroo amantii keenyaaf dhaabannuttii fi ilaalcha keenya sirreessinutti akka gaariitti itti fayyadamuu barachuu qabna. (2 Qor. 10:4, 5; 2 Xim. 2:15) Gama kanaan dandeettii keenya fooyyessuu kan dandeenyu akkamitti? Seebaastiyaan inni umuriin isaa waggaa 21 taʼe akkana jedheera: “Yeroo hunda dubbisa Kitaaba Qulqulluu koo keessaatti boqonnaa tokko keessaa caqasa tokko nan barreessa. Caqasootan jaalladhu tarreessee qabadheera. Kun immoo, ilaalcha Yihowaa wajjin caalaatti wal simee jiraachaa akkan jiru akka natti dhagaʼamu godheera.” Daaniʼel inni olitti caqasame akkana jedheera, “Kitaaba Qulqulluu yeroon dubbisu, caqasoota namootan tajaajila irratti argadhuuf fayyaduu dandaʼu jedhee yaadu nan barreessa. Namoonni Kitaaba Qulqulluudhaaf jaalala guddaa akka qabduu fi isaan gargaaruuf wanta dandeessu hunda gochaa akka jirtu arguun isaanii deebii gaarii kennuuf akka isaan kakaasu argeera.”

Goraadee hafuuraa (Keeyyata 19-20 ilaali)

21. Seexanaa fi jinniiwwan sodaachuu kan hin qabne maaliifi?

21 Dargaggoota mata duree kana keessatti caqasaman irraa hubachuu akkuma dandeenyu, Seexanaa fi jinniiwwan sodaachuun nu hin barbaachisu. Humna guddaa kan qaban taʼus mooʼamuu dandaʼu. Akkasumas bara baraaf hin jiraatan. Yeroo bulchiinsa Barkumee Kiristoositti namoota irratti miidhaa akka hin geessisneef kan hidhaman yommuu taʼu, isa booda immoo ni balleeffamu. (Mul. 20:1-3, 7-10) Diina keenya, malawwan isaa fi fedhii isaa beekna. Gargaarsa Yihowaatiin isa mormuudhaan jabaannee dhaabachuu ni dandeenya!