Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Jalqaba Irratti Hiyyeessa Kanan Ture Taʼus, Xumura Irratti Sooressa Taʼeera

Jalqaba Irratti Hiyyeessa Kanan Ture Taʼus, Xumura Irratti Sooressa Taʼeera

Kanan dhaladhe mana dhiphoo kutaa tokko qabduu fi magaalaa baayʼee xinnoo Liibartii Indiyaanaa ishii Yunaayitid Isteetis keessatti argamtutti ture. Yeroo ani dhaladhe, warri koo ijoollee sadii, jechuunis dhiira tokkoo fi durba lama qabu turan. Boodas, haati koo dhiira lamaa fi durba tokko deesse.

Mana dhiphoo kutaa tokkoo ani keessatti dhaladhe

YEROO ani barachaa turetti wanti adda taʼe hedduun hin jiru ture. Mana barumsaa koo keessatti, ijoolleen kutaa tokko waliin galtan, ijoollee barumsa waliin xumurtan taʼu. Maqaa namoota magaalattii keessa jiran hedduu kan beektan siʼa taʼu, isaanis maqaa keessan beeku.

Ani obbolaa jaʼan qaba ture, waaʼee qonnaa wantoota hedduu kanan baradhe ijoollummaa kootti ture

Magaalaan Liibartii lafa qonnaa xixinnoodhaan kan marfamte siʼa taʼu, oomishni midhaanii harki caalaan boqqolloo ture. Yommuu ani dhaladhe, abbaan koo qote bulaa naannoo sanaa tokkoof hojjechaa ture. Umurii waggoota kurnanii keessa yommuun seenu, tiraaktara oofuu fi ogummaawwan buʼuuraa qonnaa wajjin walqabatan kaan baradheera.

Abbaan koo dargaggeessa taʼee isa hin beekun ture. Yommuu ani dhaladhe inni umuriin isaa waggaa 56, haati koo immoo waggaa 35 turte. Taʼus abbaan koo qallaa, fayya buleessa, nama cimaa jabaatee hojjechuu jaallatu siʼa taʼu, nuti ijoolleen isaa hundis akkuma isaa jabaannee kan hojjennu akka taanu nu barsiiseera. Qarshii hedduu argachuu baatus mana keessa jiraannu, uffata of irra buusnuu fi wanta afaan kaʼannu matumaa dhabnee hin beeknu; yeroo rakkina keenya hundatti nu gargaara ture. Inni kan duʼe umurii isaa waggaa 93⁠tti ture. Haati koo immoo umurii ishii waggaa 86⁠tti duute. Lamaan isaanii iyyuu Dhugaa Baatota Yihowaa hin turre. Obboloota koo keessaa tokko bara 1970mmannii erga qophiin isaa jalqabee kaasee amanamummaadhaan jaarsa taʼee tajaajileera.

YEROO IJOOLLUMMAA KOO

Haati koo nama baayʼee amantii cimsitu turte. Yeroo hunda Dilbata gara waldaa amantii Baaptistii nu geessiti turte. Waaʼee barumsa Sillaasee jalqaba kanan dhagaʼe umurii koo waggaa 12⁠tti ture. Beekuuf hawwuudhaan, “Yesuus Ilmas Abbaas taʼuu kan dandaʼu akkamitti?” jedheen haadha koo gaafadhe. Deebii ishiin naaf kennite hin irraanfadhu: “Ilma ko, kun iccitii dha. Nuti matumaa hubachuu hin dandeenyu.” Dhuguma iyyuu anaaf iccitii ture. Taʼus yommuu umuriin koo 14 taʼu, laga xinnoo naannoo sana jiru keessa Sillaaseedhaaf siʼa sadii gad lixee baʼuudhaan cuuphameera!

1952 Loltuu taʼuuf filatamuu koo dura umurii waggaa 17⁠tti

Yommuun mana barumsaa sadarkaa lammaffaa baradhu, hiriyaa dorgommii tapha buunyaa irratti hirmaatu tokkon qaba ture; innis tapha buunyaa irratti akkan hirmaadhu na amansiise. Kanaaf leenjiin jalqabe, achiis waldaa ispoortii buunyaa Golden Gloves jedhamu irratti hirmaachuufan galmeeffame. Gaʼumsi koo gad aanaa waan tureef, dorgommiiwwan muraasa booda nan dhaabe. Yeroo booda immoo, miseensa Raayyaa Waraanaa Yunaayitid Isteetis taʼee filatameen gara Jarmaniitti ergame. Utuun achi tajaajilaa jiruu, hogganaan koo uumamaan dandeettii geggeessuu akkan qabu waan yaadeef mana barumsaa loltootaa akkan seenu na erge. Umurii koo guutuu loltuu taʼee akkan tajaajilu barbaadu turan. Ani garuu loltuu taʼee tajaajiluuf fedhii waan hin qabneef, waggaa lamaaf dirqama koo ergan xumuree booda bara 1956 kabajaan geggeeffameera. Utuma baayʼee hin turin garuu, raayyaa baayʼee adda taʼe keessattan galmeeffame.

1954-1956 Raayyaa Waraanaa Yunaayitid Isteetis keessatti waggaa lama dabarseera

JIREENYA HAARAA JALQABUU

Dhugaa beekuu koo dura dhiirummaa ilaalchisee ilaalcha dogoggoraan qaba ture. Dhiira taʼuun maal jechuu akka taʼe ilaalchisee fiilmii fi hawaasni ani keessatti guddadhe ilaalcha koo irratti dhiibbaa guddaa godheera. Akka ilaalcha kootti, namoonni waaʼee Kitaaba Qulqulluu barsiisan dhiira taʼuuf gaʼumsa hin qaban. Haa taʼu malee, wanta jireenya koo guutummaatti jijjiire tokko barachuun jalqabe. Gaaf tokko, konkolaataa diimaa irra keessaan banaa taʼe oofaa gara magaalaa utuun deemaa jiruu, shamarran lama harka natti raasanii nagaa na gaafatan. Obbolaa abbaa manaa obboleettii koo ishii hangafaa turan. Shamarran kun lamaan Dhugaa Baatota Yihowaa turan. Kanaan dura barruulee Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! isaan irraa fudhachaa kanan ture siʼa taʼu, barruun Masaraa Eegumsaa walumaa galatti ulfaataa akka taʼe natti dhagaʼama ture. Yeroo kanatti garuu, Qoʼannaa Kitaabaa Gumii, jechuunis walgaʼii xinnoo Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi irratti mariʼachuuf mana isaaniitti geggeeffamaa ture irratti akkan argamu na afeeran. Anis, “Mee irrattan yaada” isaaniin jedhe. Isaanis fuula ifaadhaan “Akka dhuftu waadaa nuuf galtaa?” jedhanii na gaafatan. Anis “Waadaa isiniif nan gala” jedheen isaaniif deebise.

Waadaa kana galuun koo na gaabbisiisee kan ture taʼus, waadaan gale diiguu akka hin qabne natti dhagaʼame. Kanaaf galgala sana nan dhaqe. Ijoolleen achi turan caalaatti na dinqisiisan. Waaʼee Kitaaba Qulqulluu beekumsa hedduu qabaachuun isaanii na dinqisiisee ture! Yeroo baayʼee haadha koo wajjin Dilbata waldaa dhaqaa kanan ture taʼus, beekumsi Kitaaba Qulqulluu ani qabu baayʼee xinnoo ture. Amma caalaatti barachuu akkan qabun murteesse. Kanaaf Kitaaba Qulqulluu qoʼachuufan walii gale. Jalqaba irratti maqaan dhunfaa Waaqayyoo Isa Hundumaa Dandaʼuu Yihowaa taʼuu isaa baradheen ture. Waggoota hedduu dura waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa yommuun haadha koo gaafadhu, “Nama dulloomaa maqaan isaa Yihowaa jedhamu waaqeffatu” naan jettee turte. Taʼus yeroo kanatti iji koo akka baname natti dhagaʼame!

Dhugaa akkan argadhe beekee waanan tureef, guddina ariifachiisaa godheera. Walgaʼii sana irratti ergan argamee kaasee jiʼa sagal keessatti, jechuunis Bitootessa 1957⁠tti nan cuuphame. Ilaalchi ani jireenyaaf qabu ni jijjiirame. Dhiirummaa ilaalchisee ilaalchan dur qabu yommuun yaadu, wanta Kitaabni Qulqulluun waaʼee dhiirummaa dhugaa barsiisu barachuun koo na gammachiisa. Yesuus nama mudaa hin qabne ture. Jabinaa fi humna dhiira kam iyyuu guddaa caalu qaba ture. Taʼus, lola irratti hin hirmaanne; kanaa mannaa akkuma raajiidhaan dubbatame ‘ni dhiphifame.’ (Isa. 53:2, 7) Namni duuka buutuu Yesuus isa dhugaa taʼe, ‘namoota hundumaaf garraamii taʼuu akka qabu’ baradheera.—2 Xim. 2:24.

Waggaa itti aanu, jechuunis bara 1958⁠tti qajeelchaa taʼee tajaajiluun jalqabe. Taʼus yeroo muraasaaf dhaabuuf dirqameen ture. Maaliif? Gilooriyaa, ishii shamarran gara qoʼannaa kitaabaatti na afeeran keessaa tokko taate fuudhuuf waanan murteesseef ture! Murtoo kana gochuu koottis matumaa gaabbee hin beeku. Yeroo sanatti Gilooriyaan bareedduu turte, amma iyyuu bareedduu dha. Ishiin anaaf akkuma almaazii gatii guddaa qabuu fi argachuuf hawwatamtuu turte. Taʼus ani waanan ishii fuudheef, hawwuun na hin barbaachisu ture! Mee ishiinumti waaʼee ofii ishii xinnoo isinitti haa himtu:

“Ani obbolaa 16n qaba ture. Haati koo Dhugaa Baatuu amanamtuu turte. Ishiin yommuu ani waggaa 14 turetti duute. Abbaan koo qoʼannaa kan jalqabe yeroo kanatti ture. Aayyoon yommuu duutu, Abbayyeen hogganaa mana barumsaa gaafatee qophii tokko godhe. Obboleettiin koo hangafaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa yommuu turtetti, abbaan koo anii fi obboleettiin koo dabareedhaan mana barumsaa dhaquu akka dandeenyu isa gaafate. Tokkoon keenya obbolaa keenya warra quxisuu kunuunsuu fi yommuu abbaan koo hojiidhaa dhufutti maatichaaf dabareedhaan irbaata qopheessuu akka dandeenyuuf manatti hafna turre. Hogganaan mana barumsichaas tole kan jedhe siʼa taʼu, qophiin kun hamma obboleettiin koo barumsa ishii xumurtutti itti fufeera. Kan nu qoʼachiisan maatiiwwan Dhugaa Baatota taʼan lama turan; kanaaf 11n keenya Dhugaa Baatota Yihowaa taaneerra. Yeroo hunda ija laafina koo wajjin qabsoo godhus, tajaajila baayʼeen jaalladha. Gama kanaan Saam waggoota dheeraadhaaf fooyyaʼiinsa akkan godhu na gargaareera.”

Anii fi Gilooriyaan Guraandhala 1959 gaaʼela godhanne. Qajeelchitoota taanee waliin tajaajilleerra. Waajjira muummee keessa tajaajiluuf hawwii waan qabnuuf, waggaa sana jiʼa Adoolessaatti Betʼeliin galuuf foormii guunne. Gaafannoo kan nuuf godhe, obboleessa keenya Saayiman Kirekar ture. Inni yeroo sanatti Betʼel hiriyoota gaaʼelaa akka hin simanne nutti hime. Yeroo dheeraa eeguun kan nu barbaachise taʼu illee, fedhiin Betʼel keessa tajaajiluuf qabnu matumaa hin qabbanoofne!

Bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisanitti akka nu ergu waajjira muummeetti xalayaa barreessinee gaafanne. Filannoo tokkittiin nuuf kenname Paayiin Bilaaf, Arkaansaas dhaquu akka taʼe nutti himame. Bara sanatti, Paayiin Bilaaf keessa gumiiwwan lama, jechuunis gumii warra adii fi gumii warra gurraachaatu jira ture. Nutis gumii warra gurraachaa babalʼistoota gara 14 qofa qabutti ergamne.

RAKKINA BIFAA FI SANYIIDHAAN WAL QOQQOODUU NU MUDATE DAMDAMACHUU

Gumiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti bifaan wal qoqqooduun kan jiraate maaliif jettanii gaafattu taʼa. Deebiin isaa, yeroo sanatti filannoo waan hin jirreef ture kan jedhu dha. Seerri warri gurraachaa fi warri adiin akka walitti hin makamne dhowwu jira ture; kana malees miidhaan akka isaan irra gaʼu ni doorsifamu turan. Bakkawwan hedduutti, obboloonni gurraachii fi adiin waaqeffannaadhaaf bakka tokkotti yoo walitti qabaman, Galmi Walgaʼii isaanii barbadeeffamuu waan dandaʼuuf sodaachuuf sababii gaʼaa qabu turan. Wantoonni akkasiis raawwatamanii turan. Dhugaa Baatonni gurraacha taʼan naannoo namoonni adiin jiranitti manaa gara manaatti yoo lallaban hidhamuu, tarii immoo reebamuu dandaʼu taʼa. Hojiin lallabaa akka raawwatamuuf jecha, gaaf tokko haalli isaa akka jijjiiramu amanuudhaan seerichaaf ni ajajamna turre.

Tajaajila keenya irrattis haalawwan rakkisaa taʼan nu mudatu turan. Naannoo namoota gurraachaa manaa gara manaa deemnee yommuu tajaajillu, yeroo tokko tokko dogoggoraan mana maatii adii taʼanii rurrukunna turre. Yeroo kanatti ittiin lixa gabaabaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe dubbachuu ykn akka dogoggorre beeksisnee achii deemuuf dafnee murteessuu qabna turre. Bara sanatti bakkawwan tokko tokkotti haalli isaa akkas ture.

Qajeelchitoota taanee tajaajilaa wanta jireenyaaf nu barbaachisu argachuuf jabaannee hojjechuu qabna turre. Hojii hojjennu keessaa baayʼee isaatiif guyyaatti doolaara sadiitu nuuf kaffalama ture. Gilooriyaan hojii mana qulqulleessuu muraasa hojjetti turte. Bakka tokkotti daftee xumuruu akka dandeessuuf akkan ishii gargaaru naaf heyyamamee ture. Achiis anaa fi Gilooriyaadhaaf laaqana nuuf kennu turan. Kana malees, Gilooriyaan torban torbaniin maatii tokkoof uffata tokkosti turte. Ani immoo biqiltuun kunuunsa, foddaan qulqulleessa, akkasumas hojii humnaa kaan nan hojjedha ture. Mana maatii adii tokkootii immoo foddaa qulqulleessina; Gilooriyaan keessaan ani immoo bakkeedhaan qulqulleessina turre. Hojiin isaa guyyaa guutuu waan nutti fudhatuuf laaqanni nuuf kennama ture. Gilooriyaan mana keessatti garuu maaticha irraa adda baate kophaa ishii nyaatti, ani immoo ala gaaraajii keessattin nyaadha ture. Kun taʼuun isaa na hin mufachiisne. Sababiin isaas nyaata baayʼee gaarii ture. Haala yeroo sana turetu dhibbaa isaan irratti godhe malee maatichi maatii gaarii ture. Yeroo tokko wanta yeroo buufata bobaʼaa waraabatanitti gorre uumame hin irraanfadhu. Konkolaataa keenyatti bobaʼaa erga guuttannee booda, nama bobaʼaa nuu guute sana Gilooriyaan mana booliitti fayyadamuu akka dandeessun gaafadhe. Ija natti babaasee “Cufaa dha” jedhe.

GOCHA GAARUMMAA MATUMAA HIN IRRAANFATAMNE

Karaa biraatiin immoo, obboloota keenyaa wajjin yeroo gaarii dabarsineerra, tajaajila keenyas ni jaallanna turre! Jalqaba Paayiin Bilaaf yommuu geenyu, mana obboleessa yeroo sanatti tajaajilaa gumii taʼe tokkoo buufanne. Yeroo sanatti haati manaa isaa Dhugaa Baatuu waan hin turreef, Gilooriyaan Kitaaba Qulqulluu ishii qoʼachiisu jalqabde. Kana gidduutti ani immoo, intala isaanii fi abbaa manaa ishii qoʼachiisuun jalqabe. Haatii fi intalli ishii Yihowaa tajaajiluuf murteessanii cuuphamaniiru.

Gumii warra adii keessaa michoota jaallannu qabna. Isaan mana isaanitti irbaata nu afeeru turan; kan nu afeeran garuu dukkanaan taʼuu qaba ture. Dhaabbanni yeroo sanatti sanyiidhaan wal qoqqooduu fi hammeenya babalʼisaa ture Kuu Kilaksi Kilaan (KKK) jedhama. Gaaf tokko galgala yommuu ayyaanni Haalawiin jedhamu kabajamutti, akkuma warri KKK godhan namichi tokko uffata adii koofiyyaa qabu uffatee fuullee barandaa irra taaʼee boonaa akka ture nan yaadadha. Taʼus gochi akkasii obboloonni gaarummaa akka hin argisiisne isaan hin dhowwine. Bona tokko gara walgaʼii naannoo deemuuf qarshiin waan nu barbaachiseef, obboleessi tokko konkolaataa Foordii 1950 jedhamu nu irraa bituuf walii gale. Jiʼa tokko booda gaaf tokko aduu saafaa keessa manaa gara manaa tajaajilaa fi qoʼannaawwan Kitaaba Qulqulluu geggeessaa oollee yommuu deebinu dadhabnee turre. Wanti yommuu mana geenyu argine nu dinqisiise. Konkolaataan keenya mana keenya fuuldura dhaabatee ture! Yaadannoon akkana jedhu barreeffamee gizaaza fuullee konkolaataa keenya irra kaaʼamee ture: “Konkolaataa keessan akka kennaatti deebistanii fudhachuu dandeessu. Obboleessa keessan.”

Gaarummaan matummaa hin irraanfanne kan biraa tokkos jira. Bara 1962 Mana Barumsaa Tajaajila Mootummaa Saawuz Laansingi, Niiwu Yoorkitti geggeeffamu irratti akkan hirmaadhu afeerameen ture. Obboloota gumii, aanaa fi koonyaa irratti itti gaafatamummaa qabaniif leenjii jiʼa tokko guututu kennama. Yommuu afeerraan kun na gaʼu garuu ani hojii waan hin qabneef rakkinni qarshii na mudatee ture. Haa taʼu malee, kaampaaniin bilbilaa Paayiin Bilaaf keessa jiru tokko hojii na qacaruuf gaafannoo naaf godhee ture. Yoo na qacaran kaampaanii sanaaf hojjetaa gurraachaa isa jalqabaan taʼan ture. Dhuma irrattis akka na qacaruuf jedhan natti himan. Maalan godha ree? Gara Niiwu Yoorki dhaquuf qarshii hin qabun ture. Hojicha hojjechuu fi afeerraa mana barumsichaatiif naaf dhihaate dhiisuufan yaade. Xalayaa afeerraa naaf dhihaate akkan dhiise ibsu barreessuuf qophii gochaa utuun jiru wanta taʼe matumaa hin irraanfadhu.

Obboleettiin gumii keenyaa keessa jirtuu fi abbaan manaa ishii Dhugaa Baatuu hin taane tokko, gaaf tokko ganama bariidhaan dhuftee balbala keenya rurrukuttee poostaa tokko natti kennite. Poostaan sun qarshiidhaan kan guutame ture. Qarshii gaʼaa ani gara Niiwu Yoorki ittiin deemu naa kennuuf, ishiinii fi ijoolleen ishii hedduun ganama bariidhaan kaʼanii gara maasii dhaquudhaan jirbii funaanuu fi aramaa gidduu isaatti biqile aramu turan. Akkana naan jette, “Gara mana barumsichaa dhaqiitii hamma dandeesse baradhu, achiis kottuu nu barsiisi!” Boodas, yeroo karoorfame torban shan booda hojii jalqabuu nan dandaʼa yoo taʼe kaampaanii bilbilaa sana nan gaafadhe. Isaanis deebii ifaa “Lakki!” jedhu naaf kennan. Kun garuu na hin mufachiisne. Takkaa murtoo godheera. Hojii sana jalqabuu dhiisuun koo na gammachiiseera!

Yeroo Paayiin Bilaafitti dabarsine ilaalchisee Gilooriyaan akkana jetteetti: “Naannoo sana baayʼeen jaalladha ture! Qoʼannaawwan Kitaaba Qulqulluu 15 hanga 20 taʼanan geggeessa ture. Ganama manaa gara manaa tajaajilla, yeroo hafetti immoo al tokko tokko hanga halkan keessaa saʼaatii shaniitti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessina. Tajaajilli baayʼee gammachiisaa ture! Haaluma kanaan utuun itti fufee natti tola ture. Dhugaa isaa dubbachuuf, bakka kanatti tajaajiluu dhiisee hojii aanaa irratti hirmaachuu hin barbaadun ture; Yihowaan garuu waan yaade kan biraa qaba ture.” Wanta yaadee tures raawwateera.

JIREENYA HOJII AANAA IRRATTI DABARSINE

Paayiin Bilaafitti yommuu qajeelchitoota yeroo hundaa taanee tajaajilaa turre, qajeelchitoota addaa taʼuuf foormii guunnee turre. Daawwataan ol aanaa koonyaa keenya gumii Teeksaas jiru akka gargaarruu fi qajeelchitoota addaa taanee akka achi deemnu barbaadee waan tureef, qajeelchitoota addaa taʼuuf abdii guddaa qabna turre. Waaʼee jijjiirama akkasii yaaduun baayʼee nu gammachiisee ture. Jaarmiyaa irraa deebii argachuuf yeroo dheeraadhaaf eegaa kan turre taʼus, saanduqni poostaa keenya yeroo hunda duwwaa ture. Dhuma irrattis, gaaf tokko xalayaan hojii daawwannaa irratti akka ramadamne ibsu nu gaʼe! Yeroon isaas Amajjii 1965 ture. Obboleessi keenya Liyoon Wiivar inni yeroo ammaatti qindeessaa Koree Waajjira Damee Yunaayitid Isteetis taʼes daawwataa ol aanaa aanaa taʼee akka tajaajilu kan muudame yeroo kanatti ture.

Daawwataa ol aanaa aanaa taʼuun baayʼee na sodaachisee ture. Gara waggaa tokkoo dura, obboleessi keenya Jeemsi Toompisan inni daawwataa ol aanaa koonyaa taʼe gaʼumsa qabaachuu koo beekuuf na madaalee ture. Dandeettii daawwataan ol aanaa aanaa gaarii taʼe tokko qabaachuun isa barbaachisu ibsuudhaan, karaawwan fooyyaʼiinsa gochuun itti na barbaachisu muraasa gaarummaadhaan natti argisiise. Gorsi isaa dhuguma barbaachisaa akka ture kanan hubadhe, akkuman hojii daawwannaa irratti hirmaachuu jalqabeen ture. Daawwataa ol aanaa aanaa taʼee yommuun muudamu, daawwataan ol aanaa koonyaa jalqaba ani wajjin tajaajile obboleessa keenya Toomsan ture. Obboleessa amanamaa karaa hafuuraa cimaa taʼe kana irraa wantoota hedduu baradheera.

Gargaarsa obboloonni amanamoon karaa hafuuraa cimoo taʼan naaf godhan guddaan dinqisiifadha

Bara sanatti leenjiin daawwataan ol aanaa aanaa tokko argatu muraasa ture. Obboleessi daawwataa ol aanaa aanaa taʼe yommuu gumii tokko daawwatu, torban tokkoof akkaataa inni daawwatu ilaalaan ture. Achiis torban itti aanu yommuu ani gumii kan biraa daawwadhu inni immoo ana ilaala ture. Yeroo kanatti yaadawwanii fi qajeelfama naaf kenna. Sana booda garuu kophaa keenya daawwachuu jalqabne. Achiis “Amma nu dhiisee deemuu qaba turee?” jedhee Gilooriyaa gaafachuu koo nan yaadadha. Oolee bulee garuu, wanta barbaachisaa taʼe tokko hubadheera. Akka isin gargaaran yoo isaaniif heyyamtan, obboloonni gaariin yeroo hundumaa isin gargaaruu dandaʼan jiru. Gargaarsa obboloonni muuxannoo qaban, kan akka Jeemsi Biraawun isa yeroo sanatti daawwataa ol aanaa aanaa turee fi Fireed Raski isa miseensa maatii Betʼel taʼe naaf godhan matumaa hin irraanfadhu.

Yeroo sanatti bifaan wal qoqqooduun gar malee babalʼatee ture. Gaaf tokko, warri KKK magaalaa Teenasii nuti daawwachaa ture keessatti hiriira baʼanii turan. Yeroo kan biraatti immoo, gareen tajaajilaa keenya boqonnaadhaaf mana nyaataa tokkotti goree akka ture nan yaadadha. Mana boolii warra dhiiraa fayyadamuu yommuun deemu, namni adiin nama sodaachisuu fi dhagna isaa irratti tumaa ol aantummaa warra adii argisiisu qabu tokko kaʼee na duukaa buʼuu isaan hubadhe. Haa taʼu malee, obboleessi adiin anas taʼe namicha nama sodaachisu sana irra baayʼee caalu gara keenya dhufe. “Obboleessa keenya Heerdi maali nagaa miti?” jedhee na gaafate. Namichi sunis utuu mana boolii hin fayyadamin dafee sokke. Waggoota hedduu kana keessatti, jibbi akkasii bifaa namaa irratti kan hundaaʼe utuu hin taʼin, sababii cubbuu Addaam irraa dhaalleen kan nutti dhufe akka taʼe hubadheera. Kana malees, obboleessi tokko bifni isaa gurraachas taʼe adii obboleessa dha; akkasumas barbaachisaa taanaan isiniif duʼuuf qophaaʼaa akka taʼe hubadheera.

XUMURA IRRATTI KARAA HAFUURAA SOORESSA TAʼEERA

Hojii daawwannaa irratti waggoota 33 kan dabarsine siʼa taʼu, isaan keessaa waggaa 21 warra dhumaa daawwattoota ol aanaa koonyaa taanee tajaajilleerra. Waggoonni kun eebbaa fi muuxannoowwan nama jajjabeessaniin kan guutaman turan. Haa taʼu malee, eebbi kan biraan nu eeggachaa ture. Hagayya 1997⁠tti wanti waggoota dheeraadhaaf hawwaa turre ni guutame. Betʼel isa Yunaayitid Isteetis jiru keessa akka tajaajillu afeeramne; kunis Betʼeliin galuuf foormii erga guunnee gara waggaa 38 booda dha. Jiʼa itti aanu Betʼel keessa tajaajiluu jalqabne. Obboloonni Betʼel keessatti itti gaafatamummaa qaban akkan isaan gargaaru kan barbaadan yeroo muraasaaf qofa akka taʼe natti dhagaʼamee ture, taʼus haalli isaa akkan yaade hin taane.

Gilooriyaan yommuun ishii fuudhe bareedduu turte, amma iyyuu bareedduu dha

Jalqaba irratti Kutaa Tajaajilaa keessa akkan hojjedhun ramadame. Bakka kana hojjechuun koo wanta hedduu na barsiiseera. Obboloonni bakka kana hojjetan gaaffiiwwan of eeggannoo barbaadanii fi wal xaxoo, qaama jaarsolii fi daawwattoota ol aanaa guutummaa biyyichaa keessa jiran irraa isaaniif dhihaatu hedduudhaaf deebii kennuu qabu. Obboloonni na gargaaruuf obsaan waan na leenjisaniif guddaan dinqisiifadha. Taʼus, deebiʼee hojii kana akkan hojjedhu utuun ramadamee, amma iyyuu wantan baradhu hedduun akka jiru natti dhagaʼama.

Anii fi Gilooriyaan jireenya Betʼel ni jaallanna. Yeroo hunda ganama kaʼuu waan amaleeffanneef, amalli kun Betʼel keessatti nu gargaareera. Gara waggaa tokkoo booda immoo, gargaaraa Koree Tajaajilaa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼeen tajaajiluu jalqabe. Achiis bara 1999⁠tti, miseensa Qaama Ol Aanaa taʼeen muudame. Hojii kana irratti wantoota hedduu baradheera; barumsi guddaan ani argadhe tokko, mataa gumii Kiristiyaanaa kan taʼe nama utuu hin taʼin Yesuus Kiristoos taʼuun isaa hangam ifa akka taʼe baradheera.

Bara 1999 kaasee miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee tajaajiluuf mirga argadheera

Jireenya koo duubatti deebiʼee yommuun ilaalu, yeroo tokko tokko akka Amos raajichaa akkan taʼe natti dhagaʼama. Yihowaan tiksee gad of qabuu fi hojii ija harbuu funaanuu isa yeroo muraasaaf hojjetuuf xiyyeeffannaa kenneera; yeroo sanatti iji harbuu nyaata warra hiyyeessaa akka taʼetti ilaalama ture. Waaqayyo Amos raajii akka taʼu kan isa muude siʼa taʼu, hojiin kun karaa hafuuraa qabeenya hedduu kan argamsiisu ture. (Amo. 7:14, 15) Haaluma wal fakkaatuun Yihowaan, ilma qotee bulaa hiyyeessaa Liibartii Indiyaanaa taʼeef xiyyeeffannaa kennee, eebba hedduu lakkaaʼee fixuu hin dandeenye naaf dhangalaaseera! (Fak. 10:22) Jalqaba irratti hiyyeessa taʼus, xumura irratti garuu karaa ani matumaa yaadee hin beekneen karaa hafuuraa sooressa taʼeera!