Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Namoota ‘Jabaatanii Dhaabachuudhaan Firii Godhatan’ ni Jaallata

Yihowaan Namoota ‘Jabaatanii Dhaabachuudhaan Firii Godhatan’ ni Jaallata

“Warri biyyoo gaarii irra buʼan . . . jabaatanii dhaabachuudhaan firii godhatu.”—LUQ. 8:15.

FAARFANNAA: 68, 72

1, 2. (a) Fakkeenyi obboloota naannoo tajaajilaa deebii hin kennine keessatti amanamummaadhaan lallabanii kan nu jajjabeessu maaliifi? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Yesuus waaʼee “biyya isaa” keessatti lallabuu maal jedhee ture? (Miiljalee ilaali.)

SARGIYEE FI OLIINDAAN hiriyoota gaaʼelaa qajeelchitoota umurii waggoottan 80 keessatti argamanii fi Yunaayitid Isteetis keessa jiraatani dha. Yeroo dhihoodhaa asitti, dhibee miillaa waan godhataniif akka garaa isaanii asiif achi sochoʼuun rakkisaa isaanitti taʼe. Taʼus, akkuma waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif gochaa turan, ganama bariidhaan kaʼanii, saʼaatii tokkotti bakka giddu galeessa magaalattii namoonni itti baayʼatan gaʼu. Bakka atoobisii dhaabatutti dhihoo taʼanii, namoota achi irra darbaniif barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu kennu. Namoonni hedduun xiyyeeffannaa kan isaaniif hin kennine taʼus, hiriyoonni gaaʼelaa kun yeroo hunda iddoo isaaniitti hin dhabaman turan, namoota isaan ilaalanis fuulaa ifaadhaan ni ilaalu. Gara saʼaatii jaʼaa suuta jedhanii gara mana isaanitti deebiʼu. Bulee isaa ganama saʼaatii tokkotti immoo, giddu galeessa magaalattii bakka namoonni itti baayʼatanitti deebiʼu. Hiriyoonni gaaʼelaa amanamoo taʼan kun, waggaa guutuu torbanitti ganama jaʼa ergaa Mootummichaa lallabuu irratti dabarsu.

2 Akkuma Sargiyee fi Oliindaa, obboloonnii fi obboleettonni amanamoon addunyaa maratti argaman, naannoo tajaajilaa deebii hin kennine keessatti waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif lallabaa turaniiru. Isinis haala rakkisaa akkasii keessatti kan argamtan yoo taʼe, jabaattanii dhaabachuu keessaniif guddisne isin galateeffanna. * Tajaajila Yihowaa keessatti jabaattanii dhaabachuun keessan, obboloota muuxannoo qaban dabalatee namoota hedduudhaaf madda jajjabinaa ti. Yaada daawwattoonni ol aanaa kennan armaan gadii qalbeeffadhaa: “Obbolootaa fi obboleettota amanamoo akkasii wajjin yommuun tajaajilu, fakkeenyi isaanii guddaa na jajjabeessa.” “Amanamummaan isaanii tajaajila koo irratti hinaaffaa fi ija jabina akkan qabaadhu humna naaf kenna.” “Fakkeenyi isaanii garaan koo gammachuudhaan akka guutamu godha.”

3. Gaaffiiwwan sadan kam irratti mariʼanna? Maaliif?

3 Hojii lallabaa Yesuus akka raawwannu nuuf kenne guutummaatti raawwachuuf murtoo goone cimsachuuf, mee gaaffiiwwan sadan kana irratti haa mariʼannu: Al tokko tokko abdii kan kutannu maaliif taʼuu dandaʼa? Firii godhachuu kan dandeenyu akkamitti? Jabaannee dhaabachuudhaan firii godhachuu keenya itti fufuuf maaltu nu gargaara?

ABDII KAN KUTANNU MAALIIF TAʼUU DANDAʼA?

4. (a) Deebii hamaan Yihudoonni kennan Phaawulosiin kan tuqe akkamitti? (b) Phaawulos miirri akkasii kan isatti dhagaʼame maaliifi?

4 Naannoowwan tajaajilaa deebii muraasa kennan keessatti lallabuun abdii isin kutachiisee beeka yoo taʼe, akkuma Phaawulos ergamaa isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Tajaajila gara waggaa 30 dabarse keessatti namoonni hedduun barattoota Kiristoos akka taʼan gargaareera. (HoE. 14:21; 2 Qor. 3:2, 3) Taʼus, Yihudoonni hedduun Yihowaa akka waaqeffatan gargaaruun isaaf hin milkoofne ture. Faallaa kanaatiin, baayʼeen isaanii Phaawulosiin mormaa, darbees warri tokko tokko isa ariʼachaa turan. (HoE. 14:19; 17:1, 4, 5, 13) Deebii hamaan Yihudoonni kennan kun Phaawulos irratti dhibbaa kan geessise akkamitti? Akkana jedhee ifatti dubbateera: “Ani duuka buutuu Kiristoos waanan taʼeef dhugaan dubbadha . . . Gaddi guddaanii fi cinqiin wal irraa hin cinne garaa koo keessa jira.” (Rom. 9:1-3) Phaawulos akkas kan isatti dhagaʼame maaliif ture? Garaan isaa hojii lallabaa irratti xiyyeeffatee waan tureefi dha. Yihudootaaf kan lallabe garaadhaa waan isaaniif yaaduuf ture. Taʼus gara laafina Waaqayyoo tuffachuun isaanii Phaawulosiin gaddisiiseera.

5. (a) Namootaaf akka lallabnu kan nu kakaasu maali dha? (b) Yeroo tokko tokko abdii kutachuun keenya kan nama hin dinqisiisne maaliifi?

5 Akkuma Phaawulos, nutis namootaaf garaadhaa waan yaannuuf isaaniif lallabna. (Mat. 22:39; 1 Qor. 11:1) Akkas kan jennu maaliifi? Muuxannoo keenya irraa kaʼuudhaan, namoonni Yihowaa tajaajiluuf murteessan eebbi hedduun akka isaan eeggatu beekna. Namoota naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran yommuu yaannu, “Wanta isaanitti hafe akka hubataniif qofa utuu isaan gargaaruu dandeenyee!” ofiin jenna. Kanaaf, waaʼee Yihowaa fi kaayyoo inni ilmaan namootaatiif qabu dhugaa isaa akka baratan isaan jajjabeessuu keenya itti fufna. Namoota isaaniif lallabnuun, ‘Kennaa bareedaan isiniif fidne. Maaloo nu harkaa fudhadhaa’ akka isaaniin jennetti lakkaaʼama. Kanaaf, namoonni kennaa kana fudhachuu yommuu didan, ‘garaan keenya gadduun’ isaa hin oolu. Miirri akkasii amantiin keenya akka hirʼate kan argisiisu utuu hin taʼin, garaan keenya hojii lallabaa irratti akka xiyyeeffate argisiisa. Yeroo tokko tokko abdii kan kutannu taʼus, jabaannee ni dhaabanna. Eliyaanaa ishiin waggaa 25 oliif qajeelchituu taatee tajaajilte wanta hunda keenyatti dhagaʼamu akkana jechuudhaan dubbatteetti: “Anaaf hojiin lallabaa ulfaataa dha. Taʼus, hojii kan biraan kana caaluu fi ani hojjechuu dandaʼu hin jiru.”

FIRII GODHACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

6. Gaaffii isa kam irratti mariʼanna? Kana gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

6 Bakka kamitti iyyuu kan lallabnu yoo taʼe, tajaajila firii qabu akka raawwannu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? Gaaffii barbaachisaa kana deebisuuf, fakkeenyawwan Yesuus ‘firii godhachuun’ barbaachisaa taʼuu isaa itti ibse lama haa qorru. (Mat. 13:23) Inni jalqabaa isa inni waaʼee muka wayinii dubbate dha.

7. (a) Muka wayinii “kan dhaabe” eenyu dha? Inni “muka wayinii isa dhugaa” taʼe hoo eenyu? “Dameewwan” kan jedhaman eenyufaʼi? (b) Gaaffii isa kamiif deebii argachuu barbaanna?

7 Yohaannis 15:1-5, 8 dubbisi. Yesuus ergamoota isaatiin, “Firii hedduu godhachuu keessan yoo itti fuftanii fi barattoota koo taʼuu keessan yoo mirkaneessitan, Abbaan koo kanaan ulfina ni argata” jedhee akka ture qalbeeffadhaa. Yesuus, muka wayinii sana “kan dhaabe” Yihowaa akka taʼe, inni immoo “muka wayinii isa dhugaa” taʼuu isaa fi barattoonni isaa immoo “dameewwan” akka taʼan dubbateera. * Maarree firiin duuka buutonni Kiristoos godhachuu qaban maali dha? Yesuus fakkeenya kana keessatti, firiin kun maal akka taʼe kallattiidhaan dubbachuu baatus, wanta deebii kanaa beekuuf nu gargaaru tokko dubbateera.

8. (a) Firiin fakkeenya kana keessatti ibsame barattoota haaraa kan argisiisu miti kan jennu maaliifi? (b) Wanta Yihowaan nu irraa eegu ilaalchisee dhugaan jiru maali dha?

8 Yesuus waaʼee Abbaa isaa yommuu dubbatu, “Damee ana irra jiruu fi firii hin godhanne hunda ni mura” jedheera. Karaa biraatiin, Yihowaan akka tajaajiltoota isaatti kan nu ilaalu yoo firii godhanne qofa dha. (Mat. 13:23; 21:43) Kanaaf, firiin fakkeenya kana keessatti ibsame firii Kiristiyaanonni hundi godhachuu qaban, namoota barattoota akka taʼan gargaarru kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu. (Mat. 28:19) Taʼuu baannaan garuu, Dhugaa Baatonni amanamoon naannoo tajaajilaa deebii hin kennine keessatti waan lallabaniif, barattoota haaraa argachuu irratti isaaniif hin milkoofne, akka dameewwan firii hin godhannee fi Yesuus fakkeenya isaa keessatti ibsee taʼu. Haa taʼu malee, akkana jedhanii murteessuun sirrii miti! Maaliifi? Namoonni barattoota akka taʼan dirqisiisuu hin dandeenyu. Yihowaan jaalala qabeessa waan taʼeef, tajaajiltonni isaa wanta humna isaaniitii ol taʼe raawwachuu waan dadhabaniif gaʼumsa akka hin qabnetti isaan ilaala jechuun waan hin fakkaanne dha. Yihowaan yoom iyyuu wanta humna keenya ol taʼe nu irraa hin eegu.—Kes. 30:11-14.

9. (a) Sochii isa kam irratti hirmaachuudhaan firii godhachuu dandeenya? (b) Fakkeenya isa kam qorra? Maaliif?

9 Maarree firiin godhachuu qabnu maali dha? Firiin kun sochii hundi keenya gochuu dandeenyu kan argisiisu taʼuu akka qabu ifa dha. Yihowaan tajaajiltoota isaa hundaaf hojii akkamii kenneera? Hojii misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuu isaaniif kenneera. * (Mat. 24:14) Fakkeenyi Yesuus waaʼee nama sanyii facaasu dubbate, xumura akkasii irra gaʼuuf nu gargaara. Mee fakkeenya isa lammaffaa kana haa qorru.

10. (a) Fakkeenya kana keessatti sanyii fi biyyoon maal argisiisu? (b) Mukti qamadii tokko maal argamsiiseera?

10 Luqaas 8:5-8, 11-15 dubbisi. Fakkeenya nama sanyii facaasu keessatti, sanyii kan jedhame “dubbii Waaqayyoo” ykn ergaa Mootummichaa ti. Biyyoon isaa immoo garaa namootaa isa fakkeenyaan ibsame argisiisa. Sanyiin biyyoo gaarii irra buʼee hidda godhachuudhaan biqile muka qamadii dha haa jennu. Achiis, ‘firii dachaa 100 godhate.’ Mukti qamadii kun firii akkamii godhate? Mukeetii qamadii xixinnoo godhatee? Lakki, sanyii haaraa yeroo booda muka qamadii taʼee guddachuu dandaʼu godhate. Fakkeenya kana keessatti, sanyii tokkittiin firii dhibba godhateera. Kun waaʼee tajaajila keenya maal nu barsiisa?

‘Jabaannee dhaabachuudhaan firii godhachuu’ kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 11 ilaali)

11. (a) Fakkeenyi nama sanyii facaasuu waaʼee tajaajila keenyaa maal nu barsiisa? (b) Sanyii Mootummichaa haaraa godhachuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Wal bira qabnee ilaaluu akka dandeenyutti, waggoota dura Dhugaa Baatonni tokko tokko ykn warri keenya misiraachoo Mootummichaa nutti himan haa jennu. Garaan keenya ergaa Mootummichaa sanyiitti fakkeeffame fudhachuu isaa waan hubataniif gammadaniiru. Akkuma biyyoo gaariin fakkeenya Yesuus keessatti ibsamee sanyicha of keessatti qabate, nutis ergicha fudhachuudhaan jabeessinee qabanneerra. Kanaan kan kaʼes, ergaan Mootummichaa sanyiitti fakkeeffame hidda godhatee guddachuudhaan muka qamadii yeroo booda firii godhachuuf qophaaʼe taʼeera jechuun ni dandaʼama. Akkuma mukti qamadii muka haaraa utuu hin taʼin sanyii haaraa godhatu, nutis barattoota haaraa utuu hin taʼin sanyii Mootummichaa haaraa godhanna. * Sanyii Mootummichaa haaraa godhachuu kan dandeenyu akkamitti? Karaa taʼe tokkoon yeroo ergaa Mootummichaa lallabnu hundatti, sanyii garaa keenya keessatti facaafame sana baayʼisaa fi bittimsaa jirra jechuun ni dandaʼama. (Luq. 6:45; 8:1) Kanaaf, fakkeenyi kun ergaa Mootummichaa lallabuu keenya hamma itti fufnetti, ‘jabaannee dhaabachuudhaan firii godhachaa’ akka jirru nu barsiisa.

12. (a) Fakkeenya Yesuus waaʼee muka wayinii fi nama sanyii facaasu dubbate irraa maal baranna? (b) Barumsi kun maaltu akka sitti dhagaʼamu godha?

12 Fakkeenya Yesuus waaʼee muka wayinii fi nama sanyii facaasu dubbate irraa barumsa akkamii arganna? Dandeettiin firii godhachuu keenya, deebii namoonni naannoo tajaajilaa keenya keessa jiran kennan irratti kan hundaaʼe akka hin taane hubachuuf nu gargaaru. Kanaa mannaa, dandeettiin firii godhachuu keenya amanamummaa keenya irratti kan hundaaʼe dha. Phaawulosis, “Namni hundi akkuma hojii isaatti badhaasa isaa ni fudhata” jechuudhaan dhugaa walfakkaatu dubbateera. (1 Qor. 3:8) Badhaasni argamu hojii irratti malee, buʼaa hojiin sun argamsiisuu irratti hundaaʼee miti. Maatiildaa ishii waggaa 20 qajeelchitu taatee tajaajilte, “Yihowaan carraaqqii keenya akka nuuf eebbisu beekuun koo na gammachiisa” jetteetti.

JABAANNEE DHAABACHUUDHAAN FIRII GODHACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

13, 14. Yaada Roomaa 10:1, 2 irratti ibsamee wajjin haala wal simuun, Phaawulos namoota ergaa Mootummichaa fudhachuu didanitti abdii kan hin kutanne maaliifi?

13 Jabaannee dhaabachuudhaan firii godhachuu keenya akka itti fufnu kan nu gargaaru maali dha? Akkuma armaan olitti ilaalle, Phaawulos Yihudoonni ergaa Mootummichaa fudhachuu diduun isaanii abdii isa kutachiisee ture. Taʼus, inni isaaniif lallabuu isaa matumaa hin dhiisne. Kana malees, xalayaa Kiristiyaanota Roomaa keessa jiraniif barreesse irratti Yihudoota ilaalchisee wanta isatti dhagaʼame yommuu dubbatu maal akka jedhe qalbeeffadhaa: “Hawwiin garaa koo fi wanti ani saba Israaʼeliif Waaqayyotti wawwaadhu akka isaan fayyaniifi. Beekumsa sirrii taʼe irratti kan hundaaʼe taʼuu baatus, isaan Waaqayyoof akka hinaafan ani isaaniif dhugaa nan baʼa.” (Rom. 10:1, 2) Phaawulos sababii tajaajila isaa akka itti fufu isa gargaare ilaalchisee maal ibseera?

14 Tokkoffaa, Phaawulos Yihudootaaf lallabuu isaa kan itti fufe maaliif akka taʼe dubbateera. ‘Hawwii garaa isaatiin’ kakaʼee akka taʼe ibseera. Yihudoonni tokko tokko fayyina akka argatan hawwii garaa isaa ture. (Rom. 11:13, 14) Lammaffaa, Phaawulos ‘saba Israaʼeliif Waaqayyotti wawwaachaa’ akka ture caqaseera. Yihudoonni dhuunfaadhaan ergaa Mootummichaa akka fudhatan akka isaan gargaaruuf kadhannaadhaan Waaqayyotti wawwaachaa ture. Sadaffaa, Phaawulos itti dabaluudhaan, “Isaan Waaqayyoof akka hinaafan” dubbateera. Wanta gaarii isaan qaban irratti xiyyeeffateera. Akkuma Phaawulos hubatee ture, hinaaffaan sirrii taʼe namoonni garaa qajeelaa qaban jijjiiramanii barattoota Yesuus hinaaffaa qaban taʼuu ni dandaʼu.

15. Fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni.

15 Fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Tokkoffaa, namoota “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” argachuuf hawwii garaadhaa madde qabaachuuf carraaqna. Lammaffaa, Yihowaan namoota qajeeloo taʼaniif, garaa isaanii akka isaaniif banu wawwaannaa isatti dhiheessina. (HoE. 13:48; 16:14) Siilvaanaa ishiin gara waggaa 30f qajeelchituu taate akkana jetteetti: “Manaa naannoo tajaajilaa koo keessa jiru tokko deemuu koo dura, ilaalcha gaarii akka anaaf kennu Yihowaatti kadhannaan dhiheessa.” Akkasumas maleekonni gara namoota garaa qajeelaa qabanitti akka nu qajeelchan Waaqayyotti kadhannaa dhiheessu dandeenya. (Mat. 10:11-13; Mul. 14:6) Roobarti inni waggaa 30 oliif qajeelchaa taʼe maal akka jedhe qalbeeffadhaa: “Maleekota wanta jireenya nama tokkoo keessatti raawwatamaa jiru beekanii wajjin hojjechuun nama gammachiisa.” Sadaffaa, wanta gaarii isaan qaban irratti xiyyeeffachuuf carraaqna. Kaarli inni jaarsa taʼee fi gara waggaa 50 ol dura cuuphame akkana jedheera: “Wanta xinnoo namni sun garaa qajeelaa akka qabu argisiisuuf, jechuunis kan seequ, fuula ifaa kan qabu ykn gaaffii garaa qulqulluu irraa madde gaafateef xiyyeeffannaan kenna.” Eeyyee, akkuma Phaawulos jabaannee dhaabachuudhaan firii godhachuu ni dandeenya.

“HARKI KEE FACAASUUTTII HIN BOQOTIN!”

16, 17. (a) Ajaja Lallaba 11:6 irra jiru irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya? (b) Hojiin facaasuu keenya namoota nu ilaalan irratti dhibbaa gochuu akka dandaʼu fakkeenyaan ibsi.

16 Ergaan Mootummichaa nuti lallabnu garaa namootaa kan hin tuqne kan fakkaatu taʼu illee, dhiibbaa hojii facaasuu nuti raawwannu qabu salphisnee ilaaluu hin qabnu. (Lallaba 11:6 dubbisi.) Namoonni hedduun kan nu hin dhaggeeffanne taʼu illee, akka nu ilaalan beekamaa dha. Uffata qulqulluu uffanne, amala keenya isa gaarii fi garaadhaa seequu keenya ni hubatu. Oolee bulee, amalli keenya namoonni tokko tokko ilaalchi dogoggoraa nuuf qaban sirrii akka hin taane akka hubatan isaan gargaaruu dandaʼa. Sargiyee fi Oliindaan olitti caqasamanii turan, kun dhugaa taʼuu isaa hubataniiru.

17 Sargiyeen akkana jedheera: “Sababii dhukkubaatiin yeroo muraasaaf walakkaa magaalaa bakka namoonni itti baayʼatan sana hin deemne turre. Yommuu deebinu namoonni achi irra darban, ‘Maal taatan? Baayʼee isin yaadne’ nuun jedhan.” Oliindaanis seequudhaan akkana jetteetti: “Konkolaachiftoonni atoobisii harka nutti raasan, kaan immoo sagalee isaanii guddisanii ‘Jabaadhaa!’ nuun jedhan. Barreeffamoota keenya fudhachuuf kan nu gaafatanis jiru.” Namichi tokko gaarii isaan ittiin lallaban bira dhufee, abaaboo qabaa tokko isaaniif kennuudhaan, hojii isaan hojjetaniif isaan galateeffachuun isaa isaan dinqisiisee ture.

18. ‘Jabaattanii dhaabachuudhaan firii godhachuuf’ kan murteessitan maaliifi?

18 Dhuguma iyyuu, ‘harki keenya’ sanyii Mootummichaa ‘facaasuuttii hamma hin boqonnetti,’ hirmaannaa ‘saba hundumaatti akka dhugaa baʼamuuf’ godhamu irratti gaʼee guddaa qabaanna. (Mat. 24:14) Hunda caalaa garuu, gammachuu guddaa Yihowaa duratti fudhatama akka qabnu beekuudhaan argamu qabaanna; Yihowaan namoota ‘jabaatanii dhaabachuudhaan firii godhatan’ hunda ni jaallata!

^ key. 2 Yesuus “biyya isaa” keessatti lallabuun rakkisaa akka isatti taʼu hubatee ture; dhugaa kanas barreessitoonni Wangeelaa arfan galmeessaniiru.—Mat. 13:57; Mar. 6:4; Luq. 4:24; Yoh. 4:44.

^ key. 7 Dameewwan fakkeenya kana keessatti ibsaman namoota jireenya samii argachuuf abdatan kan argisiisan taʼu illee, fakkeenyi kun barumsawwan tajaajiltoota Waaqayyo hunda fayyadan qabateera.

^ key. 9 ‘Firii godhachuun’ ‘firii hafuuraa’ horachuus kan argisiisu taʼu illee, mata duree kanaa fi isa itti aanu keessatti “firii hidhii keenyaa” ykn Mootummicha lallabuu irratti xiyyeeffanna.—Gal. 5:22, 23; Ibr. 13:15.

^ key. 11 Yeroo kan biraatti garuu, Yesuus hojii barattoota gochuu fakkeenyaan ibsuuf, waaʼee midhaan facaasuu fi sassaabuu dubbateera.—Mat. 9:37; Yoh. 4:35-38.