Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 19

Amantii Waadaa Yihowaan Addunyaa Haaraa Fiduuf Galerratti Qabnu Cimsachuu

Amantii Waadaa Yihowaan Addunyaa Haaraa Fiduuf Galerratti Qabnu Cimsachuu

“[Yihowaan] wanta tokko yommuu jedhu, wanta sana hin raawwatuu?”—LAK. 23:19.

FAARFANNAA 142 Abdii Keenya Cimsinee Qabachuu

QABIYYEE a

1-2. Addunyaa haaraa yeroo eeggannutti maal gochuu qabna?

 WAADAA Yihowaan sirna kana balleessee addunyaa haaraa qajeelummaadhaan guutame fiduuf galeef iddoo guddaa kennina. (2 Phe. 3:13) Addunyaa haaraan yoom akka dhufu beekuu baannus, ragaan jiru akka argisiisutti kana booda baayʼee eeguun nu hin barbaachisu.—Mat. 24:32-34, 36; HoE. 1:7.

2 Hammasitti garuu dhugaa keessa kan turre yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, hundi keenyayyuu amantii waadaa kanarratti qabnu cimsachuu qabna. Maaliif? Amantiin cimaa taʼellee laafuu waan dandaʼuufi. Phaawulos ergamaan amantii dhabuu “cubbuu isa salphaatti nu sakaalu” jedhee waameera. (Ibr. 12:1) Amantiin keenya akka hin laafne, yeroo hunda ragaa addunyaa haaraan yeroo dhihootti akka dhufu argisiisurratti yaaduu qabna.—Ibr. 11:1.

3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

3 Mata duree kana keessatti, karaawwan amantii waadaa Yihowaan addunyaa haaraa fiduuf galerratti qabnu cimsachuu itti dandeenyu sadi ilaalla. Isaanis, (1) furicharratti xiinxaluu, (2) humna Yihowaan qaburratti yaaduu, akkasumas (3) sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuudha. Achiis wanti Yihowaan Anbaaqomitti hime yeroo harʼaatti amantii keenya kan cimsu akkamitti akka taʼe mariʼanna. Jalqaba garuu, haalawwan yeroo harʼaatti nu mudatanii fi waadaa Yihowaan addunyaa haaraa fiduuf galerratti amantii cimaa qabaachuu gaafatan tokko tokko haa ilaallu.

HAALAWWAN AMANTII CIMAA GAAFATAN

4. Murtoowwan amantii cimaa gaafatan kamfaʼi?

4 Guyyaa guyyaadhaan, murtoowwan amantii cimaa gaafatan goona. Fakkeenyaaf, hiriyoota, bashannana, barumsa, gaaʼela, ijoollee fi hojii ilaalchisee murtoo ni goona. Akkana jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Filannaan koo sirni kun yeroo muraasaaf qofa akka turuu fi yeroo dhihootti addunyaa haaraadhaan akka bakka buufamu akkan amanu argisiisaa? Moo ilaalchi namoonni duuti dhuma waan hundumaati jedhanii amanan qaban dhiibbaa akka narratti godhe argisiisa?’ (Mat. 6:19, 20; Luq. 12:16-21) Sirni haaraan baayʼee akka dhihaate amantii qabnu kan cimsannu yoo taʼe murtoo gaarii goona.

5-6. Yeroo rakkinaatti amantii cimaan kan nu barbaachisu maaliifi? Fakkeenya kenni.

5 Rakkoowwan amantii cimaa gaafatanis nu mudatu. Ariʼatamni nurra gaʼuu, dhibee cimaadhaan qabamuu ykn wantoonni abdii nu kutachiisan kan biroon nu mudachuu dandaʼu. Jalqabarratti rakkoowwan kana dandamachuun nutti hin ulfaatu taʼa. Haa taʼu malee, rakkoowwan akkasii yeroo dheeraadhaaf waan turaniif, jabaannee dhaabbachuu fi gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf amantii cimaan nu barbaachisa.—Rom. 12:12; 1 Phe. 1:6, 7.

6 Yeroo rakkinni nurra gaʼu, addunyaa haaraan matumaa akka hin dhufne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Maarree, kun amantiin keenya akka laafe kan argisiisudhaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Ganna baayʼee qorru keessa utuu jirruu bonni matumaa akka hin dhufne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, bonni dhufuun isaa hin oolu. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo baayʼee abdii kutannu, addunyaa haaraan matumaa akka hin dhufne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Amantiin keenya cimaa yoo taʼe garuu, waadaan Waaqayyo gale akka raawwatamu beekna. (Far. 94:3, 14, 15; Ibr. 6:17-19) Amanannaa akkasii waan qabnuuf, jireenya keenya keessatti waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinuuf dursa kennuu keenya itti fufuu dandeenya.

7. Ilaalcha akkamiirraa of eeguu qabna?

7 Hojii lallabaarratti hirmaachuufis amantii cimaan nu barbaachisa. Namoonni tajaajilarratti argannu hedduun “misiraachoon” waaʼee addunyaa haaraa dubbatu wanta taʼuu hin dandeenye akka taʼe isaanitti dhagaʼama. (Mat. 24:14; His. 33:32) Shakkiin isaanii dhiibbaa akka nurratti godhu matumaa heyyamuu hin barbaannu. Kun akka hin taaneef amantii keenya cimsachuu keenya itti fufuu qabna. Mee karaawwan kana gochuu itti dandeenyu sadii haa ilaallu.

FURICHARRATTI XIINXALI

8-9. Furicharratti xiinxaluun keenya amantii keenya kan cimsu akkamitti?

8 Karaan amantii keenya cimsachuu itti dandeenyu tokko furicharratti xiinxaluudha. Furichi waadaan Waaqayyo gale akka raawwatamu wabii nuuf taʼa. Furichi maaliif akka qophaaʼee fi Yihowaan furicha qopheessuuf aarsaa hammamii akka kaffale xiinxaluun keenya, amantii waadaa Waaqayyo addunyaa haaraa keessatti jireenya dhuma hin qabne nuu kennuuf galerratti qabnu nuuf cimsa. Akkas kan jennu maaliifi?

9 Yihowaan furicha qopheessuuf aarsaa akkamii kaffale? Yihowaan Ilmi isaa hangafaa baayʼee itti dhihaatu nama mudaa hin qabne taʼee akka dhalatuuf samiirraa gara lafaatti erge. Yesuus yeroo lafarra turetti rakkoowwan hedduu dandamateera. Achiis baayʼee dhiphatee duʼa suukanneessaa duʼe. Dhugumayyuu, Yihowaan aarsaa guddaa kaffaleera! Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe yeroo gabaabaadhaaf qofa jireenya gaarii akka jiraannuuf jecha Ilmi isaa akka dhiphatuu fi akka duʼu matumaa hin heyyamu ture. (Yoh. 3:16; 1 Phe. 1:18, 19) Yihowaan gatii guddaa waan kaffaleef, addunyaa haaraa keessa bara baraaf nu jiraachisa.

HUMNA YIHOWAAN QABURRATTI YAADI

10. Efesoon 3:20 akka jedhutti Yihowaan maal gochuu dandaʼa?

10 Karaan amantii keenya itti cimsannu inni lammaffaan, humna Yihowaan qaburratti yaaduudha. Inni waadaa gale hunda raawwachuuf humna qaba. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun addunyaa haaraa keessa bara baraaf jiraachuun matumaa akka hin dandaʼamne isaanitti dhagaʼama. Taʼus, Yihowaan wantoota namoonni matumaa gochuu hin dandeenye gochuuf yeroo baayʼee waadaa galeera. Kana malees, inni Waaqa hundumaa dandaʼudha. (Iyo. 42:2; Mar. 10:27) Kanaafuu, wantoota ajaaʼibsiisoo taʼan raawwachuuf waadaa nuuf galuun isaa nu dinqisiisuu hin qabu.—Efesoon 3:20 dubbisi.

11. Waadaawwan ajaaʼibsiisoo Waaqayyo gale keessaa tokko ibsi. (Saanduqa, “ Waadaawwan Ajaaʼibsiisoo Raawwataman Muraasa” jedhu ilaali.)

11 Mee wantoota matumaa taʼuu kan hin dandeenye fakkaatanii fi Yihowaan bara duriitti saba isaatiif waadaa gale tokko tokko haa ilaallu. Abrahaamii fi Saaraan bara dullumaa isaaniitti mucaa akka godhatan waadaa isaaniif galee ture. (Uma. 17:15-17) Kana malees, biyya Kanaʼaan sanyii isaatiif akka kennu Abrahaamiif waadaa galeera. Israaʼelonni sanyii Abrahaam taʼan waggoota hedduudhaaf Gibxii keessa garbummaadhaan yeroo jiraachaa turanitti waadaan kun matumaa raawwatamuu kan hin dandeenye fakkaata ture. Garuu raawwatameera. Yeroo boodammoo, Yihowaan Elsaabex ishiin maanguddoo taate mucaa akka godhattu dubbatee ture. Kana malees, Maariyaam ishiin durba taate Ilma isaa akka deessu itti himee ture. Kunis waadaan inni waggoota kumaan lakkaaʼaman dura iddoo biqiltuu Eedan keessatti gale akka raawwatamu godheera.—Uma. 3:15.

12. Iyyaasuu 23:14 fi Isaayyaas 55:10, 11 humna Yihowaa ilaalchisee maal nuuf mirkaneessu?

12 Yihowaan waadaawwan gale kan raawwate akkamitti akka taʼe xiinxaluun keenya, humna inni addunyaa haaraa fiduuf qaburratti amantii qabnu nuuf cimsa. (Iyyaasuu 23:14; Isaayyaas 55:10, 11 dubbisi.) Kunis addunyaa haaraan abjuu akka hin taane namoonni akka hubatan gargaaruuf caalaatti qophaaʼoo akka taanu nu gargaara. Yihowaaniyyuu samii haaraa fi lafa haaraa ilaalchisee, “Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa [dha]” jedheera—Mul. 21:1, 5.

SOCHIIWWAN HAFUURAARRATTI HIRMAADHU

WALGAʼIIWWAN GUMII

Sochiin hafuuraa kun amantii kee kan siif cimsu akkamitti? (Keeyyata 13 laali)

13. Walgaʼiiwwan gumii amantii keenya kan cimsan akkamitti? Ibsi.

13 Karaan amantii keenya cimsachuu itti dandeenyu inni sadaffaanimmoo, sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuudha. Fakkeenyaaf, walgaʼiiwwan gumii keenya kan nu fayyadan akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Aanaan ishiin waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif gosa tajaajila yeroo guutuu garaa garaarratti hirmaatte akkana jetteetti: “Walgaʼiiwwan gumii amantiin koo cimaa taʼee akka itti fufu na gargaaraniiru. Obboleessi kutaa dhiheessu dandeettii barsiisuu gaarii taʼe qabaachuu baatus ykn wanta haaraa taʼe caqasuu baatus, yeroo baayʼee wanta dhugaa Kitaaba Qulqulluu caalaatti akkan hubadhuu fi amantii cimaa akkan qabaadhu na gargaaru nan argadha.” b Yaada obboloonni keenya walgaʼiirratti kennan dhaggeeffachuunis amantii keenya nuuf cimsa.—Rom. 1:11, 12; 10:17.

TAJAAJILA

Sochiin hafuuraa kun amantii kee kan siif cimsu akkamitti? (Keeyyata 14 laali)

14. Tajaajilli amantii keenya kan nuuf cimsu akkamitti?

14 Tajaajilarratti yeroo hirmaannus amantiin keenya ni cima. (Ibr. 10:23) Baarbaaraan ishiin waggoota 70 oliif Yihowaa tajaajilte akkana jetteetti: “Yeroo hundumaa hojiin lallabaa amantii koo akka naaf cimsu hubadheera. Waadaawwan ajaaʼibsiisoo Yihowaan nuuf gale namootatti himuurratti caalaatti yeroon hirmaadhu amantiin koo caalaatti cima.”

QOʼANNAA DHUUNFAA

Sochiin hafuuraa kun amantii kee kan siif cimsu akkamitti? (Keeyyata 15 laali)

15. Qoʼannaan dhuunfaa amantii keenya kan nuuf cimsu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

15 Sochiin hafuuraa amantii keenya nuuf cimsu kan biraanimmoo qoʼannaa dhuunfaadha. Suuzaan sagantaa qoʼannaa baafachuun gaarii akka taʼe hubatteetti. Akkana jetteetti: “Dilbata Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa torban itti aanu qoʼatamun qophaaʼa. Wiixataa fi Kibxata walgaʼii torban gidduutiifan qophaaʼa. Guyyoota hafanittimmoo qoʼannaa dhuunfaan godhadha.” Suuzaan sagantaa qoʼannaa dhaabbataa taʼe qabaachuudhaan amantii ishii cimsachuu ishii itti fufteetti. Aayriin ishiin waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif waajjira muummeetti tajaajilte, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun amantii ishii akka cimse hubatteetti. “Raajiiwwan Yihowaan dubbate tokko tokkoon raawwatamuun isaanii baayʼee na ajaaʼibsiisa” jetteetti. c

“SHAKKII TOKKO MALEE NI RAAWWATAMA”

16. Wanti Yihowaan Anbaaqomiin jedhe yeroo harʼaatti nuunis ni ilaallata kan jennu maaliifi? (Ibroota 10:36, 37)

16 Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko dhuma sirna kanaa waggoota hedduudhaaf eeggachaa turaniiru. Akka ilaalcha namaatti waadaan Waaqayyo gale waan ture fakkaachuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan miira tajaajiltoota isaa ni hubata; Anbaaqom raajichaan akkana jedheera: “Mulʼatichi yeroo isaaf murteeffame qaba, inni gara xumura isaatti ni ariifata, hin sobus. Utuma turee illee eeggachuu kee itti fufi! Sababiin isaas, inni shakkii tokko malee ni raawwatama. Hin turus!” (An. 2:3) Yihowaan kana kan dubbate Anbaaqomiin qofa jajjabeessuuf yaadeetii? Moo wanti inni dubbate kun yeroo harʼaatti nuufis hiika qaba? Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee yaanni kun Kiristiyaanota addunyaa haaraa hawwiidhaan eeggachaa jiraniifis akka hojjetu dubbateera. (Ibroota 10:36, 37 dubbisi.) Eeyyee, waadaan fayyina akka argannu nuuf galame kan ture yoo fakkaatellee, “shakkii tokko malee ni raawwatama. Hin turus!”

17. Obboleettiin takka gorsa Yihowaan Anbaaqomiif kenne hojiirra kan oolchite akkamitti?

17 Tajaajiltoonni Yihowaa hedduun gorsa Yihowaa, “Eeggachuu kee itti fufi” jedhu waggoota hedduudhaaf hojiirra oolchaniiru. Fakkeenyaaf, Luuyiz Yihowaa tajaajiluu kan jalqabde bara 1939​tti ture. Akkana jetteetti: “Yeroo sanatti Armaagedoon, barumsa sadarkaa lammaffaa xumuruu koo dura akka dhufu natti dhagaʼama ture. Akkan eege garuu hin taane. Waggoota hedduudhaaf seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee namoota Yihowaan waadaa isaaniif gale hamma raawwatutti yeroo dheeraadhaaf eeganii ibsan dubbisuun koo, Yihowaan waadaa gale hamma raawwatutti eeguuf na gargaareera. Seenaa Noh, Abrahaam, Yoseefii fi namoota kan biroo Yihowaa biraa badhaasa isaanii argachuu isaanii dura yeroo dheeraadhaaf eeganii dubbiseera. Yihowaan waadaa gale yeroo hundumaa akka raawwatu amanuun koo anis taʼe namoonni kan biroon addunyaa haaraan baayʼee akka dhihaate mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaareera.” Obboloonni waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilan kan biroonis yaada kanarratti walii galu.

18. Uumama ilaaluun addunyaa haaraa dhufurratti amantii qabnu kan nuuf cimsu akkamitti?

18 Dhugaadha, addunyaa haaraan ammayyuu hin dhufne. Haa taʼu malee, urjiileen, mukeetiin, bineeldonnii fi namoonni ammayyuu akka jiran yaadadhu. Yeroon itti wantoonni kun hin jirre kan ture taʼus, wantoonni kun hundi jiraachuu isaanii namni shakku hin jiru. Amma jiraachuu kan dandaʼan Yihowaan waan isaan uumeefi. (Uma. 1:1, 26, 27) Waaqni keenya addunyaa haaraa fiduufis kaayyoo qaba. Kaayyoo kanas ni raawwata. Addunyaa haaraa keessatti namoonni fayyaa guutuu qabaatanii bara baraaf jiraatu. Yeroo Waaqayyo murteessetti akkuma hawaa ijaan arginu kanaa addunyaa haaraas ni argina.—Isa. 65:17; Mul. 21:3, 4.

19. Amantii kee cimsachuu kan dandeessu akkamitti?

19 Hammasitti, amantii kee cimsachuuf carraa argattu hundatti fayyadami. Dinqisiifannaa furichaaf qabdu guddifadhu. Humna Yihowaan qaburratti yaadi. Jireenyi kee sochiiwwan hafuuraarratti akka xiyyeeffatu godhi. Akkas yoo goote “warra amantii fi obsaan abdii sana dhaalan” keessaa tokko taʼuu dandeessa.—Ibr. 6:11, 12; Rom. 5:5.

FAARFANNAA 139 Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali

a Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun abdii Kitaaba Qulqulluu addunyaa haaraan akka dhufu ibsu hin amanan. Waadaan kun abjuu, sheekkoo fi wanta raawwatamuu hin dandeenye akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Nuti garuu waadaan Yihowaan gale hundi akka raawwatamu shakkii tokkollee hin qabnu. Taʼus, amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufuuf carraaqqii gochuu qabna. Mata dureen kun kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

c Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Gargaaruuf Qophaaʼe irraa kutaa “Raajii” jedhu jalatti mata dureewwan waaʼee raajii Kitaaba Qulqulluu ibsan hedduu argachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, mata duree “Wanti Yihowaan Dubbate Ni Raawwatama” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2008 irratti baʼe ilaali.