Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 15

Dinqiiwwan Yesuus Raawwaterraa Maal Baranna?

Dinqiiwwan Yesuus Raawwaterraa Maal Baranna?

‘Yesuus wanta gaarii hojjechaa fi namoota fayyisaa biyyattii keessa naannaʼe.’—HOE. 10:38.

FAARFANNAA 13 Kiristoos, Fakkeenya Keenya

QABIYYEE a

1. Yesuus dinqii isaa isa jalqabaa yeroo raawwatetti wanta taʼe ibsi.

 MEE wanta Dh.K.B. bara 29 yeroo Yesuus tajaajila isaa jalqabetti raawwatame yaadaan ilaali. Yesuusii fi haati isaa Maariyaam, akkasumas barattoonni isaa tokko tokko cidha Qaanaa keessatti geggeeffame tokkorratti affeeramanii turan; mandarri kun magaalaa Naazireet ishii Yesuus itti guddaterraa kallattii kaabaatiin argamti. Maariyaam michuu maatii sanaa waan taateef, keessummoota simachuurratti isaan gargaaraa waan turte fakkaata. Taʼus, cidha sanarratti rakkinni maatichas taʼe misirroota qaanessuu dandaʼu ni uumame; daadhiin wayinii ni dhume. b Tarii kun kan taʼe, hamma eegame caalaa keessummoonni baayʼeen waan dhufaniif taʼuu dandaʼa. Achiis Maariyaam daftee gara ilma ishii deemtee, “Daadhii wayinii hin qaban” isaan jette. (Yoh. 2:1-3) Maarree, Yesuus maal godhe? Wanta baayʼee adda taʼe tokko raawwate; dinqiidhaan bishaan gara ‘daadhii wayinii gaariitti’ jijjiire.—Yoh. 2:9, 10.

2-3. (a) Yesuus humna dinqii raawwachuuf qabutti kan fayyadame akkamitti? (b) Dinqiiwwan Yesuus qoruun kan nu fayyadu akkamitti?

2 Yesuus yeroo lafarra tajaajilaa turetti dinqiiwwan hedduu raawwateera. c Humna dinqii raawwachuuf qabutti fayyadamee namoota kuma kudhaniin lakkaaʼaman gargaareera. Fakkeenyaaf, yeroo tokko dhiirota 5,000, yeroo kan biraattimmoo dhiirota 4,000 sooreera; dubartootaa fi ijoollee dabalatee yeroo sanatti dinqiidhaan kan soore walumaa galatti namoota 27,000 ol taʼuu dandaʼu. (Mat. 14:15-21; 15:32-38) Yeroo kana lamaanitti Yesuus namoota dhukkubsatan hedduus fayyiseera. (Mat. 14:14; 15:30, 31) Namoonni sun dinqiidhaan yeroo fayyanii fi Yesuus yeroo isaan sooru hammam dinqisiifamanii akka turan yaadi!

3 Yeroo harʼaatti dinqiiwwan Yesuus raawwaterraa barumsa hedduu arganna. Mata duree kana keessatti barumsawwan amantii keenya cimsanii fi dinqiiwwan kanarraa argachuu dandeenyu tokko tokko ilaalla. Achiis amala gad of qabuu fi gara laafinaa Yesuus yeroo dinqiiwwan kana raawwatetti argisiise hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe qorra.

YIHOWAA FI YESUUSIIN ILAALCHISEE BARUMSA ARGANNU

4. Dinqiiwwan Yesuus raawwate waaʼee eenyuu nu barsiisu?

4 Dinqiiwwan Yesuus raawwaterraa waaʼee isaa qofa utuu hin taʼin, waaʼee Abbaa isaas barumsa amantii keenya cimsu arganna. Sababiin isaas, Yesuus dinqiiwwan kana akka raawwatu humna kan isaaf kenne Yihowaadha. Hojiin Ergamootaa 10:38 akkana jedha: ‘Waaqayyo hafuura qulqulluu fi humnaan isa dibe, akkasumas Waaqayyo isaa wajjin waan tureef wanta gaarii hojjechaa fi namoota Diyaabilosiin cunqurfaman hundumaa fayyisaa biyyattii keessa naannaʼaa ture.’ Kana malees, Yesuus dinqiiwwan hojjete dabalatee wantoota dubbatee fi raawwate hunda keessatti ilaalchaa fi miira Abbaa isaa guutummaatti akka calaqqisiise yaadadhu. (Yoh. 14:9) Mee dinqiiwwan Yesuus raawwaterraa barumsawwan argachuu dandeenyu sadi haa ilaallu.

5. Yesuus dinqii raawwachuuf wanti isa kakaase maalidha? (Maatewos 20:30-34)

5 Tokkoffaa, Yesuusii fi Abbaan isaa baayʼee nu jaallatu. Yesuus yeroo lafarra turetti humna dinqii raawwachuuf qabu namoota rakkina isaaniirraa boqochiisuuf itti fayyadamuudhaan hammam akka isaan jaallatu argisiiseera. Yeroo tokko namoonni qaro dhabeeyyii taʼan lama akka isaan gargaaru isa kadhatanii turan. (Maatewos 20:30-34 dubbisi.) Yesuusis “isaaniif gaddee” akka isaan fayyise hubadhu. Gaaleen Afaan Giriikii asirratti “isaaniif gaddee” jedhamee hiikame, miira gara laafinaa cimaa keessa keenyatti nutti dhagaʼamu argisiisa. Yesuus gara laafina akkasii kan argisiise namootaaf jaalala waan qabuufi. Kunis namoota beelaʼan sooruu fi nama dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko fayyisuuf isa kakaaseera. (Mat. 15:32; Mar. 1:41) Waaqa “gara laafina guddaa” kan taʼe Yihowaanii fi Ilmi isaa baayʼee akka nu jaallatanii fi yeroo rakkinni nurra gaʼu akka nuuf gaddan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Luq. 1:78; 1 Phe. 5:7) Rakkoowwan ilmaan namootaa dararan hundumaa balleessuuf baayʼee akka hawwan homaa hin shakkisiisu.

6. Waaqayyo Yesuusiif humna akkamii kenneera?

6 Lammaffaa, Waaqayyo rakkina ilmaan namootaa hunda akka furuuf Yesuusiif humna kenneera. Yesuus dinqii raawwachuudhaan rakkoowwan nuti ofii keenyaan matumaa furuu hin dandeenye furuuf humna akka qabu argisiiseera. Fakkeenyaaf, cubbuu isa rakkina ilmaan namootaa hundumaatiif sababa taʼe, akkasumas dhukkubaa fi duʼa sababa cubbuutiin dhuferraa bilisa nu baasuuf humna qaba. (Mat. 9:1-6; Rom. 5:12, 18, 19) Dinqiiwwan inni raawwate “dhukkuba gosa hundumaa” fayyisuu fi namoota duʼanillee duʼaa kaasuu akka dandaʼu mirkaneessu. (Mat. 4:23; Yoh. 11:43, 44) Kana malees, obomboleettii cimaa toʼachuu fi hafuurota hamoo injifachuuf humna qaba. (Mar. 4:37-39; Luq. 8:2) Yihowaan humna akkasii Ilma isaatiif akka kenne beekuun baayʼee nama jajjabeessa.

7-8. (a) Dinqiiwwan Yesuus raawwate amanannaa akkamii qabaachuuf nu gargaaru? (b) Dinqiiwwan addunyaa haaraa keessatti raawwataman keessaa caalaatti hawwiidhaan kan eeggattu isa kami?

7 Sadaffaa, eebbawwan Mootummaa Waaqayyoo jalatti waadaa galaman akka raawwataman amantii guutuu qabaachuu dandeenya. Dinqiiwwan Yesuus lafarratti raawwate gara fuulduraatti Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuudhaan guutummaa lafaarratti dinqiiwwan kanarra caalan akka raawwatu nuuf mirkaneessu. Mee dhiheenyatti bulchiinsa Kiristoos jalatti eebbawwan akkamii akka argannu haa ilaallu. Dhukkubaa fi hirʼina qaamaa ilmaan namootaa dararaa turan hundumaa waan balleessuuf fayyaa guutuu qabaanna. (Isa. 33:24; 35:5, 6; Mul. 21:3, 4) Hanqinni nyaataa hin jiraatu, balaa uumamaatiin kan kaʼes miidhaan nurra hin gaʼu. (Isa. 25:6; Mar. 4:41) Namoonni jaallannu “awwaala yaadannoo” keessaa baʼanii yeroo isaan simannu gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. (Yoh. 5:28, 29) Dinqiiwwan addunyaa haaraa keessatti raawwataman keessaa caalaatti hawwiidhaan kan eeggattu isa kami?

8 Yesuus yeroo dinqii raawwatetti baayʼee akka gad of qabuu fi akka garaa laafu argisiiseera; nutis amaloota kana horachuu qabna. Mee fakkeenyota lama haa ilaallu; jalqabarratti cidha Qaanaa keessatti geggeeffame ilaalla.

GAD OF QABUU ILAALCHISEE BARUMSA ARGANNU

9. Yesuus cidha tokkorratti maal godhe? (Yohaannis 2:6-10)

9 Yohaannis 2:6-10 dubbisi. Cidha sanarratti yeroo daadhiin wayinii dhumu Yesuus waa gochuuf dirqamni isarra turee? Lakki. Masiihichi dinqiidhaan daadhii wayinii akka qopheessu raajiin dubbatame hin jiru. Garuu cidha keerratti dhugaatiin utuu dhumee maaltu akka sitti dhagaʼamu mee yaadi. Yesuus maatichaaf, keessumaammoo misirrootaaf garaa waan laafeef salphinarraa isaan oolchuu barbaadee ture. Kanaafuu, akkuma seensarratti ibsame dinqii tokko raawwate. Bishaan gara liitirii 390 taʼu gara daadhii wayinii gaariitti jijjiire. Tarii bishaan hamma kana wayiniitti kan jijjiire wayiniin gara fuulduraatti itti fayyadaman akka isaaniif hafu ykn misirroonni sun gurguranii maallaqa isaatti akka fayyadaman yaadee taʼuu dandaʼa. Yeroo kanatti misirroonni sun baayʼee isa galateeffatanii taʼuu qaba!

Wanta raawwatte ilaalchisee of jajuurraa fagaachuudhaan fakkeenya Yesuus hordofi (Keeyyata 10-11 ilaali) e

10. Ibsawwan barbaachisoon Yohaannis boqonnaa 2 irratti argaman tokko tokko kamfaʼi? (Fakkichas ilaali.)

10 Mee ibsawwan barbaachisoo Yohaannis boqonnaa 2 irratti argaman tokko tokko haa ilaallu. Yesuus gaaniiwwan dhagaa sanatti ofii isaatiin bishaan akka hin guunne hubatteettaa? Xiyyeeffannaa warra kaanii ofitti harkisuu mannaa gaaniiwwan sanatti bishaan akka guutan tajaajiltootatti himeera. (Lakkoofsa 6, 7) Yesuus bishaanicha gara wayiniitti erga jijjiiree booda geggeessaan cidhichaa akka ilaaluuf wayinii sana gara isaatti hin geessine. Kanaa mannaa, akkas akka godhan tajaajiltootatti hime. (Lakkoofsa 8) Yesuus wayinii sana buufatee keessummoota dura deemuudhaan, ‘Mee wayiniin ani qopheesse kana dhandhamaa’ jedhee of hin jajne.

11. Dinqii Yesuus raawwaterraa maal baranna?

11 Dinqii Yesuus bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiiruudhaan raawwaterraa maal baranna? Gad of qabuu akka qabnu baranna. Yesuus waaʼee dinqii kanaa of jajuudhaan hin dubbanne; wanta raawwate ilaalchisee matumaa of jajee hin beeku. Kanaa mannaa, gad of qabuudhaan ulfinnii fi galanni hundi Abbaa isaatiif akka kennamu godheera. (Yoh. 5:19, 30; 8:28) Nutis akkuma Yesuus kan gad of qabnu yoo taʼe wanta raawwanneen of hin jajnu. Tajaajila Yihowaa keessatti wanta akkamiiyyuu yoo raawwanne ofii keenyatti utuu hin taʼin, Waaqa dinqisiisaa taʼe tajaajiluuf mirga argachuu keenyatti haa boonnu. (Er. 9:23, 24) Ulfina isaaf malu isaaf haa kenninu. Dhugaa isaa dubbachuuf, gargaarsa Yihowaa malee wanta gaarii akkamiiyyuu raawwachuu hin dandeenyu.—1 Qor. 1:26-31.

12. Karaan gad of qabuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu itti dandeenyu kan biraan isa kami? Fakkeenya kenni.

12 Karaa gad of qabuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu itti dandeenyu kan biraa haa ilaallu. Mee haala kanatti aanee jiru yaadi: Jaarsi tokko tajaajilaan gumii tokko haasaa isaa isa jalqabaa yeroo qophaaʼu isa gargaaruudhaan saʼaatii dheeraa dabarse. Kanaan kaʼes, obboleessi dargaggeessi sun haasaa nama jajjabeessuu fi obboloonni gumichaa baayʼee itti gammadan dhiheesse. Walgaʼichi erga xumuramee booda obboleessi tokko gara jaarsa sanaa dhufee, ‘Obboleessi abaluun haasaa baayʼee gaarii dhiheesse mitii?’ isaan jedhe. Jaarsi sun, ‘Eeyyee, garuu isa gargaaruudhaan saʼaatii hedduun dabarse’ jechuun isa barbaachisaa? Moo gad of qabuudhaan, ‘Eeyyee, haasaa gaarii dhiheesse. Baayʼeen isatti boona’ jechuu qaba? Kan gad of qabnu yoo taʼe wanta gaarii warra kaaniif gooneef jajamuu akka qabnu nutti hin dhagaʼamu. Yihowaan wanta raawwannu akka arguu fi carraaqqii gooneef iddoo guddaa akka kennu beekuun keenya qofti nu gammachiisa. (Maatewos 6:2-4 wajjin wal bira qabii ilaali; Ibr. 13:16) Dhugumayyuu, gad of qabuudhaan fakkeenya Yesuus kan hordofnu yoo taʼe Yihowaa gammachiisna.—1 Phe. 5:6.

GARA LAAFINA ILAALCHISEE BARUMSA ARGANNU

13. Yesuus magaalaa Naayin biratti maal arge? Achiihoo maal godhe? (Luqaas 7:11-15)

13 Luqaas 7:11-15 dubbisi. Mee Yesuus tajaajila isaa jalqabee gara waggaa tokkoo fi walakkaa booda wanta taʼe yaadi. Yesuus gara magaalaa Naayin ishii Galiilaatti argamtuu fi Shunaamitti dhihoo jirtuu deemaa ture; Shunaam bakka Elsaaʼi raajichi gara waggaa 900 dura mucaa dubartii tokkoo duʼaa itti kaasedha. (2 Mo. 4:32-37) Gara magaalattiitti yeroo dhihaatu namoota awwaalchaaf magaalattiidhaa baʼaa jiran arge. Haalli isaa baayʼee nama gaddisiisa ture; kan duʼe ilma tokkicha dubartii abbaan manaa irraa duʼe tokkooti. Haa taʼu malee, haati sun kophaa ishii hin turre; uummanni magaalattii hedduun ishii wajjin turan. Yesuus namoonni sun akka dhaabbatan erga godhee booda haadha sanaaf wanta baayʼee dinqisiisaa taʼe tokko raawwate: ilma ishii duʼaa kaase. Kun seenaawwan Yesuus namoota duʼaa akka kaase ibsanii fi Wangeelota keessatti galmeeffaman sadan keessaa isa jalqabaati.

Namoota gaddi irra gaʼetti gara laafina argisiisuuf dursa fudhachuudhaan fakkeenya Yesuus hordofi (Keeyyata 14-16 ilaali)

14. Ibsawwan barbaachisoon Luqaas boqonnaa 7 irratti argaman tokko tokko kamfaʼi? (Fakkichas ilaali.)

14 Mee ibsawwan barbaachisoo Luqaas boqonnaa 7 irratti argaman tokko tokko haa ilaallu. Yesuus dubartii gaddite sana akka ‘arge,’ achiis ‘baayʼee akka ishiidhaaf gadde’ hubatteettaa? (Lakkoofsa 13) Tarii reeffa ilma ishii fuuldura deemaa yeroo boossu arguun isaa akka ishiidhaaf garaa laafu isa kakaasee taʼuu dandaʼa. Yesuus ishiidhaaf gaddee dhiisuu mannaa, gara laafina ishiitti argisiiseera. Karaa nama jajjabeessuun ishii haasofsiiseera; akkasumas, “Hin booʼin” ishiidhaan jedheera. Achiis ishii gargaaruuf ofuma isaatiin kakaʼee tarkaanfii fudhateera. Mucaa duʼe sana duʼaa kaasee “haadha isaatiif isa kenne.”—Lakkoofsa 14, 15.

15. Dinqii Yesuus raawwaterraa maal baranna?

15 Dinqii Yesuus ilma dubartii kanaa duʼaa kaasuudhaan raawwaterraa maal baranna? Namoota gaddarra jiranitti gara laafina argisiisuu akka qabnu baranna. Dhugaadha, nuti akka Yesuus namoota duʼan duʼaa kaasuu hin dandeenyu. Taʼus, akkuma isaa hubatoo taʼuudhaan namoota gaddi irra gaʼetti gara laafina argisiisuu dandeenya. Wanta isaan gargaaruu fi isaan jajjabeessu dubbachuudhaan, akkasumas raawwachuudhaan gara laafina isaanitti argisiisuuf dursa fudhachuu dandeenya. d (Fak. 17:17; 2 Qor. 1:3, 4; 1 Phe. 3:8) Jechoonni muraasni dubbannu ykn wanti xinnoon goonullee baayʼee isaan jajjabeessuu dandaʼa.

16. Fakkicharratti akka ibsametti muuxannoo haadha dhiheenyatti intala ishii duʼaan dhabde tokkoorraa maal baratte?

16 Mee muuxannoo tokko haa ilaallu. Waggoota muraasa dura obboleettiin takka walgaʼiirratti faarfannaan faarfatamaa utuu jiruu haadha booʼaa jirtu takka argite. Faarfannaan sun waaʼee duʼaa kaʼuu kan ibsu ture; haati sunis dhiheenyatti intala ishii duʼaan dhabdee turte. Obboleettiin sun kana waan beektuuf yeruma sana haadha sana bira deemtee ishii hammachuudhaan faarfannicha ishii wajjin faarfachuu ishii itti fufte. Haati sun yeroo booda, “Obboloonnii fi obboleettonni jaalala guddaa natti argisiisaniiru” jetteetti. Gara walgaʼii deemuu ishiitti baayʼee gammaddeetti. “Galma Walgaʼii yeroo deemnu gargaarsa guddaa arganna” jetteetti. Yihowaan wantoota xixinnoo namoota gaddaan ‘hafuurri isaanii caccabetti’ gara laafina argisiisuuf goonullee ni hubata, akkasumas wanta sanaaf iddoo guddaa kenna.—Far. 34:18.

QOʼANNAA AMANTII CIMSU

17. Mata duree kana keessatti maal baranne?

17 Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee dinqiiwwan Yesuus raawwatee ibsan qoʼachuun baayʼee nu jajjabeessa. Yihowaa fi Yesuus baayʼee akka nu jaallatanii fi Yesuus rakkoowwan ilmaan namootaa hundumaa furuuf humna akka qabu nu barsiisu; akkasumas eebbawwan Mootummichi fidu dhiheenyatti akka raawwataman amantii guutuu qabaachuu akka dandeenyu nu barsiisu. Seenaawwan kana yeroo qorru karaawwan amaloota Yesuus argisiisuu itti dandeenyurratti xiinxaluu dandeenya. Dinqiiwwan Yesuus raawwate kan biroo qoʼannaa dhuunfaa keessanirratti ykn Waaqeffannaa Maatii keessanirratti maaliif hin qoʼattan? Dinqiiwwan kanarraa barachuu fi wanta baratte warra kaaniif hiruuf yaali. Akkas gochuudhaan warra kaan wajjin marii nama jajjabeessu gochuu dandeessa.—Rom. 1:11, 12.

18. Mata duree itti aanurratti maalirratti mariʼanna?

18 Yesuus dinqiiwwan namoota duʼaa kaasuudhaan raawwatee fi Kitaaba qulqulluu keessatti galmeeffaman sadan keessaa isa dhumaa kan raawwate xumura tajaajila isaarratti ture. Inni sadaffaan kun garuu adda ture; kan kaase michuu isaa baayʼee jaallatu yeroo taʼu, kanas kan godhe awwaala keessa guyyaa afur erga turee boodadha. Dinqii kanarraa maal baranna? Amantii abdii duʼaa kaʼuurratti qabnu cimsachuu kan dandeenyuhoo akkamitti? Mata dureen itti aanu gaaffilee kanaaf deebii kenna.

FAARFANNAA 20 Ilma Kee Jaallatamaa Nuu Laatte

a Yesuus obomboleettii cimaa cal jechisiiseera, warra dhukkubsatan fayyiseera, akkasumas warra duʼan duʼaa kaaseera. Waaʼee dinqiiwwan Yesuus raawwatee dubbisuun baayʼee namatti tola. Seenaawwan kun Kitaaba Qulqulluu keessatti kan barreeffaman nu bashannansiisuuf utuu hin taʼin nu barsiisuufi. Waaʼee dinqiiwwan kanaa yeroo dubbisnu Yihowaa fi Yesuusiin ilaalchisee barumsa amantii keenya cimsu arganna; amaloota horachuun nu barbaachisu tokko tokkos ni hubanna.

b Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko akkana jedhaniiru: “Biyyoota Bahaa keessatti namoonni keessummaa simachuuf itti gaafatamummaan akka isaanirra jiru isaanitti dhagaʼama ture; namni keessummaa simatus wanta keessummoota isaa barbaachisu caalaa dhiheessuu qaba. Keessumaa namni cidha qopheessu keessummootaaf nyaataa fi dhugaatii irraa hafaa taʼe dhiheessuu qaba ture.”

c Dinqiiwwan Yesuus raawwate 30 ol wangeelota keessatti ibsamaniiru. Kana malees, yeroo tokko tokko dinqiiwwan inni raawwate hedduun walumatti ibsamaniiru. Yeroo tokko “namoonni magaalattii hundi” gara isaa dhufanii turan; innis “namoota dhukkuba adda addaatiin qabaman hedduu ni fayyise.”—Mar. 1:32-34.

d Namoota gaddi irra gaʼe jajjabeessuuf maal jechuu ykn maal gochuu akka dandeessu beekuuf mata duree “Akkuma Yesuus Namoota Gaddarra Jiran Jajjabeessaa” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 1, 2010 (Amaariffa) irratti baʼe ilaali.

e IBSA FAKKII: Misirroonnii fi keessummoonni isaanii daadhii wayinii gaarii sana yeroo dhugan Yesuus duuba isaanii dhaabbatee jira.