Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 16

“Obboleessi Kee ni Kaʼa”!

“Obboleessi Kee ni Kaʼa”!

‘Yesuus, Maartaadhaan, “Obboleessi kee ni kaʼa” jedhe.’—YOH. 11:23.

FAARFANNAA 151 Isaan ni Waama

QABIYYEE a

1. Mucaan tokko amantii abdii duʼaa kaʼuurratti qabu kan ibse akkamitti?

 MUCAAN Maatiwu jedhamu dhibee fayyaa cimaa waan qabuuf yaaliin baqaqsanii hodhuu hedduun isa barbaachisee ture. Umuriin isaa waggaa torba yeroo turetti maatii isaa wajjin sagantaa JW Biroodkaastiingii ilaalaa turan. Dhuma sagantichaarratti muuziqaa namoonni duʼaa kaʼan yeroo simataman argisiisu ilaalan. b Saganticha booda Maatiwu warra isaatti siquudhaan harka isaanii qabatee, “Aabbaa, harmee, argitanii? Yoon duʼellee deebiʼee nan kaʼa. Hin yaaddaʼinaa, deebinee wal argina” isaaniin jedhe. Warri kun abdiin duʼaa kaʼuu mucaa isaaniitiif hammam akka dhugoome yeroo hubatan wanta isaaniitti dhagaʼame tilmaamuu dandeessaa?

2-3. Abdii duʼaa kaʼuurratti xiinxaluun nu fayyada kan jennu maaliifi?

2 Nutis darbee darbee abdii duʼaa kaʼuu Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamerratti xiinxaluun keenya gaariidha. (Yoh. 5:28, 29) Maaliif? Sababiin isaas dhukkuba duʼaaf nu saaxiluun qabamuu ykn akkuma tasaa nama jaallannu duʼaan dhabuu dandeenya. (Lal. 9:11; Yaq. 4:13, 14) Abdiin duʼaa kaʼuu rakkoowwan akkasii dandamachuuf nu gargaara. (1 Tas. 4:13) Kitaabni Qulqulluun Abbaan keenya inni samii sirriitti akka nu beekuu fi akka nu jaallatu nuuf mirkaneessa. (Luq. 12:7) Yihowaan eenyummaa fi yaadannoo keenya waliin, deebisee nu uumuuf hammam nu beekuun akka isa barbaachisu yaadi. Yoo duunellee deebisee duʼaa nu kaasuudhaan carraa jireenya bara baraa nuuf kennuun isaa baayʼee akka nu jaallatu argisiisa.

3 Mata duree kana keessatti jalqaba abdii duʼaa kaʼuutti amanuu kan dandeenyu maaliif akka taʼe mariʼanna. Achiis seenaa Kitaaba Qulqulluu amantii keenya cimsuu fi yaada “Obboleessi kee ni kaʼa” jedhu of keessatti qabate qorra. (Yoh. 11:23) Dhumarrattimmoo, abdiin duʼaa kaʼuu caalaatti akka nuuf dhugoomu gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna.

ABDII DUʼAA KAʼUUTTI AMANUU KAN DANDEENYU MAALIIFI?

4. Waadaa tokkotti amanuuf waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu qabna? Fakkeenya kenni.

4 Waadaa tokkotti amanuuf qaamni waadaa sana gale waadaa sana raawwachuuf fedhiis taʼe humna ykn dandeettii akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu qabna. Fakkeenyaaf, manni kee obomboleettii cimaadhaan balaan irra gaʼe haa jennu. Achiis michuun kee tokko dhufee ‘Mana kee kana deebistee akka ijaartu sin gargaara’ jedhee waadaa siif gale. Garaadhaa waan dubbatuuf si gargaaruuf fedhii guddaa akka qabu hin shakkitu. Hojii ijaarsaarratti dandeettii kan qabuu fi meeshaa barbaachisu hunda kan qabu yoo taʼemmoo si gargaaruuf humnas akka qabu beekta. Kanaafuu, waadaa siif gale hunda ni amanta. Abdii duʼaa kaʼuu Waaqayyo nuuf kenne ilaalchiseehoo maal jechuu dandeenya? Abdii kana raawwachuuf fedhiis taʼe humna qabaa?

5-6. Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuuf fedhii akka qabu mirkanaaʼoo kan taane maaliifi?

5 Yihowaan namoota duʼan kaasuuf fedhii qabaa? Fedhii akka qabu homaa hin shakkisiisu. Namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan hedduun waaʼee abdii duʼaa kaʼuu akka barreessan isaan kakaaseera. (Isa. 26:19; Hos. 13:14; Mul. 20:11-13) Yihowaan yeroo hundumaa waadaa gale ni raawwata. (Iya. 23:14) Inni namoota duʼan duʼaa kaasuuf ni hawwa. Akkas kan jennu maaliifi?

6 Mee wanta Iyyoob jedhe haa ilaallu. Iyyoob yoo duʼellee Yihowaan deebiʼee isa arguuf akka hawwu mirkanaaʼaa ture. (Iyo. 14:14, 15 milj.) Yihowaan tajaajiltoota isaa warra duʼan hundumaa ni yaada. Fayya buleeyyii fi gammadoo taʼanii gara jireenyaatti akka deebiʼan gochuuf hawwii guddaa qaba. Namoonni biliyoonaan lakkaaʼamanii fi waaʼee Yihowaa barachuuf carraa utuu hin argatin duʼanoo? Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe isaaniinis duʼaa kaasuu ni barbaada. (HoE. 24:15) Michoota isaa taʼuu fi lafarra bara baraaf jiraachuuf carraa akka argatan barbaada. (Yoh. 3:16) Kanarraa ifatti akka hubannutti Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuuf fedhii qaba.

7-8. Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuuf humna akka qabu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenye maaliifi?

7 Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuuf humnahoo qabaa? Eeyyee, qaba. Inni “isa Hundumaa Dandaʼu dha.” (Mul. 1:8) Kanaafuu, duʼa dabalatee diina kamiyyuu injifachuuf humna qaba. (1 Qor. 15:26) Kana beekuun keenya nu cimsa, akkasumas nu jajjabeessa. Mee muuxannoo obboleettii Eemaa Arnooldi jedhamtuu haa ilaallu. Yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti ishii fi maatii ishiirra qorumsa amantii cimaatu gaʼe. Intala ishii namoota jaallattu mana hidhaa Naazii keessatti duʼaan dhabde jajjabeessuuf, “Namoonni duʼan deebiʼanii duʼaa hin kaʼan taanaan duuti inni diina keenya taʼe Waaqayyo caalaa humna qaba jechuudha; kunimmoo matumaa taʼuu hin dandaʼu” jettee turte. Dhugumayyuu, wanti Yihowaa caalaa humna qabu tokkollee hin jiru. Waaqni inni hundumaa dandaʼuu fi jireenya uume namoota duʼan deebisee jiraachisuuf humna qaba.

8 Sababiin Waaqayyo namoota duʼan duʼaa kaasuuf humna qaba jennee amanuuf nu kakaasu kan biraanimmoo dandeettii yaadachuu daangaa hin qabne qabaachuu isaati. Urjiilee hunda maqaa maqaadhaan waama. (Isa. 40:26) Namoota duʼanis ni yaadata. (Iyo. 14:13; Luq. 20:37, 38) Namoota duʼaa kaasu ilaalchisee bifaa fi eenyummaa isaanii, akkasumas muuxannoo fi yaadannoo isaanii dabalatee wanta hundumaa salphaatti yaadachuu dandaʼa.

9. Abdii duʼaa kaʼuutti kan amantu maaliifi?

9 Dhugumayyuu, Yihowaan waadaa gale raawwachuuf fedhiis taʼe humna waan qabuuf abdii duʼaa kaʼuutti amanuu dandeenya. Sababiin waadaa kanatti amanuuf nu kakaasu kan biraanimmoo, Yihowaan kanaan dura namoota duʼan duʼaa kaasuu isaati. Bara duriitti Yesuusiin dabalatee namoonni muraasni warra duʼan akka kaasan humna isaaniif kenneera. Seenaa duʼaa kaʼuu Yesuus raawwate keessaa isa Yohaannis boqonnaa 11 irratti ibsame haa ilaallu.

MICHUUN YESUUS JAALLATU TOKKO NI DUʼE

10. Yesuus Yordaanos gamatti lallabaa yeroo turetti maaltu taʼe? Innoo maal godhe? (Yohaannis 11:1-3)

10 Yohaannis 11:1-3 dubbisi. Mee wanta Dh.K.B. naannoo dhuma bara 32​tti magaalaa Bitaaniyaa keessatti raawwatame yaadaan ilaali. Mandara kana keessatti Yesuus michoota baayʼee itti dhihaatu qaba ture; isaanis Alaazaarii fi obboleettota isaa lamaan Maariyaamii fi Maartaadha. (Luq. 10:38-42) Haa taʼu malee, Alaazaar waan dhukkubsateef obboleettonni isaa yaaddaʼaniiru. Achiis Yesuus isa Yordaanos gama jirutti nama ergan; namni ergame sun Bitaaniyaarraa kaʼee achi gaʼuuf guyyaa lama itti fudhata. (Yoh. 10:40) Kan nama gaddisiisu, namni ergame sun yeroo Yesuus bira gaʼu Alaazaar duʼeera. Yesuus michuun isaa akka duʼe kan beeku taʼus guyyoota dabalataa lamaaf erga achi turee booda gara Bitaaniyaa deemuu jalqabe. Kanaafuu, Yesuus Bitaaniyaa yeroo gaʼu Alaazaar erga duʼee guyyaa afur taʼee ture. Yesuus wanta michoota isaa fayyaduu fi Waaqayyoof ulfina fidu gochuu barbaadee ture.—Yoh. 11:4, 6, 11, 17.

11. Seenaa kanarraa michummaa ilaalchisee maal baranna?

11 Seenaa kanarraa michummaa ilaalchisee barumsa gaarii arganna. Maariyaamii fi Maartaan Yesuusitti ergaa yeroo erganitti Bitaaniyaa akka dhufu isa hin gaafanne. Michuun isaa inni baayʼee jaallatu akka dhukkubsatu qofa itti himan. (Yoh. 11:3) Alaazaar yeroo duʼetti Yesuus fageenyarra taaʼee duʼaa isa kaasuu dandaʼa ture. Taʼus, michoota isaa Maariyaamii fi Maartaa wajjin taʼuuf gara Bitaaniyaa deemeera. Michuu utuu hin gaafatamin si gargaaru qabdaa? ‘Yeroo dhiphinaatti’ isatti amanamuu akka dandeessu beekta. (Fak. 17:17) Nutis akkuma Yesuus warra kaaniif michoota akkasii haa taanu. Mee amma seenaa sanatti deebinee wanta itti aansuudhaan taʼe haa ilaallu.

12. Yesuus Maartaadhaaf waadaa akkamii gale? Maartaan waadaa kana amanuu kan dandeessuhoo maaliifi? (Yohaannis 11:23-26)

12 Yohaannis 11:23-26 dubbisi. Maartaan Yesuus gara Bitaaniyaatti akka dhihaate dhageesse. Achiis gara isaatti fiigdee, “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” isaan jette. (Yoh. 11:21) Dhugaadha, Yesuus Alaazaariin fayyisuu dandaʼa ture. Taʼus Yesuus wanta kana caalaa dinqisiisaa taʼe raawwachuu yaadee ture. “Obboleessi kee ni kaʼa” jedhee waadaa ishiidhaaf gale. Akkasumas, “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana” jechuudhaan sababiin waadaa kanatti amanuuf ishii dandeessisu kan biraan akka jiru ishiitti hime. Eeyyee, Waaqayyo jireenyaa fi duʼarratti aangoo isaaf kenneera. Sana dura intalli xinnoon takka erga duutee utuma baayʼee hin turin duʼaa kaaseera; dargaggeessa tokkos duʼaa kaaseera, kanas kan godhe gaafuma inni duʼetti taʼuu hin oolu. (Luq. 7:11-15; 8:49-55) Haa taʼu malee, nama erga duʼee guyyaa afur taʼee fi qaamni isaa tortoruu jalqabe kaasuu ni dandaʼaa?

“ALAAZAAR, AS BAʼI!”

Yesuus michoota isaa gaddan yeroo argu baayʼee garaa isaaniif laafeera (Keeyyata 13-14 ilaali)

13. Akka Yohaannis 11:32-35 irratti galmeeffametti, Yesuus Maariyaamii fi warri kaan yeroo booʼan yeroo argu maaltu isatti dhagaʼame? (Fakkichas ilaali.)

13 Yohaannis 11:32-35 dubbisi. Wanta itti aansuudhaan taʼe yaadaan ilaali. Maariyaam obboleettiin Alaazaar Yesuusiin simachuudhaaf gadi baate. Ishiinis akkuma obboleettii ishii, “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” isaan jette. Ishiinis taate warri ishii wajjin jiran baayʼee gaddaniiru. Yesuus yeroo isaan booʼanii fi gaddan yeroo arguu fi dhagaʼu baayʼee gadde. Michoota isaatiif baayʼee garaa waan laafeef imimmaan isaa dhangalaase. Nama jaallatan duʼaan dhabuun hammam akka nama miidhu hubateera. Wanta imimmaan akka dhangalaasan isaan taasise balleessuuf baayʼee akka hawwe hin shakkisiisu.

14. Miira Maariyaam yeroo boossu Yesuusitti dhagaʼamerraa waaʼee Yihowaa maal baranna?

14 Miirri Yesuus Maariyaam yeroo boossu isatti dhagaʼame Yihowaan Waaqa gara laafina guddaa akka taʼe nu barsiisa. Akkas kan jennu maaliifi? Akkuma mata duree darberratti ilaalle Yesuus ilaalchaa fi miira Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiiseera. (Yoh. 12:45) Yesuus michoota isaa baayʼee gaddaniif garaa laafee akka booʼe yeroo dubbisnu, Yihowaanis gaddaan yeroo imimmaan keenya dhangalaasnu akka garaa nuuf laafu mirkanaaʼoo taana. (Far. 56:8) Kun Waaqa keenya isa gara laafessa taʼetti dhihaachuuf si hin kakaasuu?

Yesuus duʼarratti aangoo akka qabu argisiiseera (Keeyyata 15-16 ilaali)

15. Yohaannis 11:41-44 akka jedhutti, awwaala Alaazaar biratti maaltu raawwatame? (Fakkichas ilaali.)

15 Yohaannis 11:41-44 dubbisi. Yesuus bakka Alaazaar itti awwaalame deemee dhagaan awwaalichatti cufamee jiru akka kaafamu gaafate. Maartaan reeffi isaa foolii godhateera jettee waan yaaddeef kana ni mormite. Yesuusis, “Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu sitti himee hin turree?” ishiidhaan jedhe. (Yoh. 11:39, 40) Achiis Yesuus gara samii ilaalaa namoota sana duratti kadhannaa dhiheesse. Wanta itti aansuudhaan raawwatameef Yihowaadhaaf ulfina kennuu barbaadee ture. Achiis, “Alaazaar, as baʼi!” jedhee waame. Alaazaaris awwaalicha keessaa ni baʼe. Yesuus wanta namoonni tokko tokko matumaa akka hin dandaʼamnetti yaadan godheera.—Mata duree, “Yesus bakka awwaalcha Alaazaar gaʼuuf guyyaa afur kan itti fudhate maaliifi?” jedhuu fi maxxansa Masaraa Eegumsaa Amajjii 2008 irratti argamu ilaali.

16. Seenaan Yohaannis boqonnaa 11 irratti ibsame amantii duʼaa kaʼuurratti qabnu kan nuuf cimsu akkamitti?

16 Seenaan Yohaannis 11 irratti argamu amantii abdii duʼaa kaʼuurratti qabnu nuuf cimsa. Akkamitti? Yesuus, “Obboleessi kee ni kaʼa” jechuudhaan Maartaadhaaf waadaa galuu isaa yaadadhu. (Yoh. 11:23) Yesuus akkuma abbaa isaa waadaa kana raawwachuuf fedhiis taʼe humna qaba. Imimmaan isaa dhangalaasuun isaa duʼas taʼe gadda sababa duʼaatiin gaʼu balleessuuf garaadhaa akka hawwu argisiisa. Alaazaar awwaala keessaa yeroo baʼu Yesuus warra duʼan kaasuuf humna akka qabu irra deebiʼee mirkaneesseera. Yesuus Maartaadhaan, “Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu sitti himee hin turree?” jechuu isaas yaadi. (Yoh. 11:40) Waadaan Waaqayyo namoota duʼaa kaasuuf gale akka raawwatamu amanuuf sababa gaʼaa qabna. Maarree, abdiin kun caalaatti akka nuuf dhugoomu maal gochuu qabna?

ABDIIN DUʼAA KAʼUU CAALAATTI AKKA NUUF DHUGOOMU GOCHUU

17. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee duʼaa kaʼuu ibsan yeroo dubbisnu maal yaadachuu qabna?

17 Waaʼee duʼaa kaʼuu bara duriitti raawwatamee dubbisuudhaan xiinxali. Kitaabni Qulqulluun lafarratti namoonni saddeet duʼaa akka kaafaman dubbata. c Seenaawwan kanarratti qorannoo maaliif hin gootu? Akkas yeroo gootu namoonni kun dhiirota, dubartootaa fi ijoollee dhugumaan jiraatan akka taʼan yaadadhu. Barumsa irraa argatturrattis yaadi. Fakkeenyonni kun Waaqayyo namoota duʼan kaasuuf fedhiis taʼe humna akka qabu kan argisiisan akkamitti akka taʼe yaadi. Hunda caalaammoo, duʼaa kaʼuu Yesuus isa hundumaa caalaa iddoo guddaa qaburratti xiinxali. Duʼaa kaʼuun isaa ragoota dhibbaan lakkaaʼamaniin kan mirkanaaʼe akka taʼee fi amantii keenyaaf buʼuura cimaa akka taʼe yaadadhu.—1 Qor. 15:3-6, 20-22.

18. Faarfannaawwan waaʼee abdii duʼaa kaʼuu dubbatanitti akka gaariitti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti? (Miiljalees ilaali.)

18 ‘Faarfannaawwan hafuuraa’ waaʼee abdii duʼaa kaʼuu ibsanitti akka gaariitti fayyadami. d (Efe. 5:19) Faarfannaawwan kun duʼaa kaʼuun caalaatti akka nuuf dhugoomuu fi amantiin abdii iddoo guddaa qabu kanarratti qabnu akka cimu godhu. Kanaafuu, akka gaariitti dhaggeeffadhu, waaqeffannaa maatii keessanirratti shaakalaa, akkasumas hiika walaloon isaanii qaburratti mariʼadhaa. Amantiin kee akka cimuu fi garaan kee akka tuqamuuf, walaloo isaanii sammuutti qabachuu fi gadi fageenyaan irratti yaaduuf yaali. Akkas yoo goote qorumsi lubbuu kee balaadhaaf saaxilu yoo si mudate ykn nama jaallattu yoo duʼaan dhabde hafuurri Yihowaa faarfannaawwan kana akka yaadattuu fi jajjabina akka irraa argattu si gargaara.

19. Duʼaa kaʼuu ilaalchisee wantoota akkamii yaadaan ilaaluu dandeenya? (Saanduqa, “ Maal Jettee Isaan Gaafatta?” jedhu ilaali.)

19 Dandeettii yaadaan ilaaluu keetti fayyadami. Yihowaan dandeettii addunyaa haaraa keessa yeroo jiraannu yaadaan ilaaluu nuuf kenneera. Obboleettiin takka akkana jetteetti: “Addunyaa haaraa keessa yeroon jiraadhu yaadaan ilaaluudhaan yeroo dheeraan dabarsa; jannata keessatti urgaa abaaboowwanii yeroon fuunfadhu natti mulʼata.” Namoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman wajjin yeroo wal argitu yaadaan ilaali. Isaan keessaa eenyu wajjin wal arguuf hawwita? Nama sana gaaffilee akkamii gaafachuu barbaadda? Nama jaallattuu fi duʼaan dhabdes yeroo simattu yaadaan ilaali. Deebitanii yeroo wal argitan wanta jalqabarratti haasoftan, yeroo wal hammattan, gammachuudhaan yeroo boossan yaadaan ilaali.

20. Murtoon keenya maal taʼuu qaba?

20 Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuuf waadaa galuu isaatti baayʼee isa galateeffanna! Yihowaan waadaa gale raawwachuuf fedhiis taʼe humna waan qabuuf, waadaa kana akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kanaafuu, amantii abdii iddoo guddaa qabu kanarratti qabnu guddifachuu keenya itti fufuuf haa murteessinu. Akkas yoo goone, Waaqa isa, ‘Namoonni jaallattan ni kaʼu!’ jechuudhaan waadaa nuuf galetti caalaatti dhihaanna.

FAARFANNAA 147 Bara Baraaf Jiraachuuf Abdii Qabna

a Nama jaallattu duʼaan dhabdeetta yoo taʼe abdiin duʼaa kaʼuu akka si jajjabeessu homaa hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, sababii itti abdii kanatti amantu warra kaaniif ibsuu kan dandeessu akkamitti? Abdiin duʼaa kaʼuu caalaatti akka siif dhugoomu gochuu kan dandeessuhoo akkamitti? Mata dureen kun hundi keenyayyuu amantii abdii duʼaa kaʼuurratti qabnu akka cimsannu nu gargaaruuf qophaaʼe.

b Muuziqaa Addunyaa Haaraan Baayʼee Dhihaateera jedhuu fi biroodkaastiingii Sadaasa 2016 irratti baʼedha.

c Saanduqa, “Duʼaa Kaʼuu Kitaaba Qulqulluu Keessatti Ibsame Saddeet” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2015, ful. 4 (Amaariffa) irratti argamu ilaali.

d Kitaaba Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’ jedhamurraa faarfannaawwan kana ilaali: “Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali” (Faarfannaa 139), “Badhaasicha Irratti Xiyyeeffadhu!” (Faarfannaa 144) fi “Isaan ni Waama” (Faarfannaa 151). Faarfannaawwan addaa “Addunyaa Haaraan Baayʼee Dhihaateera,” “Addunyaa Haaraan Dhufuuf Jedha” fi “Ni Argita” jedhamanimmoo jw.org irraa ilaali.