Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu

Caqasoota ibsi irratti kennamee fi Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼerratti argamutti fayyadamaa jirtaa?

Ibsawwan kun Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan qoruuf si gargaaru. Caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko ilaalchisee yoomessa isaa, maaliif akka barreeffame, eenyuuf akka barreeffamee fi hiika jecha ykn gaalee tokkoo kan dabalatanidha.

LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA fi JW Library® irratti caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko tuquudhaan kallattiidhaan Barreeffama Qorannaa argachuu dandeessa. Hiikkaa Kitaaba Qulqulluu kamirrattiyyuu caqasoota ibsi irratti kenname argachuu ni dandeessa.

Caqasoota ibsi irratti kenname kana yeroo fayyadamtu guyyaa isaatiif xiyyeeffannaa kenni. Mata dureewwan dhiheenyatti baʼan gara jalqabaarratti mulʼatu. Mata dureewwan turanii fi gara dhumaarratti mulʼatan hubannaa yeroo booda sirreeffamni irratti godhame kan qabatan taʼuu dandaʼu.

  • Caqasoota ibsi irratti kennamee fi Barreeffama Qorannaarratti argaman LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA argachuun ni dandaʼama.

  • JW Library irratti caqasoota ibsi irratti kenname argachuuf Barreeffama Qorannaa buufadhu, yeroo haareffamuttis buufadhu. Boqonnaa Kitaaba Qulqulluu tokko bantee fuula qoʼannaadhaaf gargaarurratti karaa olii “Buufadhu” kan jedhu tuquudhaan kana gochuu dandeessa.