Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 17

Yihowaan Yeroo Rakkinni hin Eegamne Si Mudatu Si Gargaara

Yihowaan Yeroo Rakkinni hin Eegamne Si Mudatu Si Gargaara

“Rakkinni nama qajeelaa hedduu dha, Yihowaan garuu hunduma isaa jalaa isa ni oolcha.”—FAR. 34:19.

FAARFANNAA 44 Kadhannaa Nama Miirri Isaa Miidhamee

QABIYYEE a

1. Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

 TAJAAJILTOOTA Yihowaa waan taaneef, inni akka nu jaallatuu fi jireenya hundarra caalu akka jiraannu akka barbaadu beekna. (Rom. 8:35-39) Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuun keenyas yeroo hunda faayidaa akka nuuf argamsiisu beekna. (Isa. 48:17, 18) Haa taʼu malee, rakkinni hin eegamne yoo nu mudatehoo?

2. Rakkinni akkamii nu mudachuu dandaʼa? Rakkinni kunoo maal jennee akka yaannu nu taasisuu dandaʼa?

2 Tajaajiltoota Yihowaa hundarra rakkinni ni gaʼa. Fakkeenyaaf, miseensi maatii keenya tokko karaa taʼe tokkoon nu mufachiisuu dandaʼa. Dhibee fayyaa cimaa wanta tajaajila Yihowaa keessatti raawwannu nu jalaa daangessu qabaachuu dandeenya. Balaa uumamaatiin kan kaʼe miidhaan nurra gaʼeera taʼa. Yookiinimmoo sababii amantii keenyaatiin ariʼatamni nurra gaʼaa jira taʼa. Qorumsi akkasii yeroo nu mudatu akkana jennee yaanna taʼa: ‘Rakkinni kun kan narra gaʼe maaliifi? Balleessaa taʼe tokko raawwadheeraa laata? Eebba Yihowaa akkan dhabe kan argisiisudhaa?’ Atoo akkas sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan, abdii hin kutatin. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan hedduun miira akkasii wajjin walʼaansoo godhaniiru.—Far. 22:1, 2; An. 1:2, 3.

3. Faarfannaa 34:19 irraa maal baranna?

3 Faarfannaa 34:19 dubbisi. Qabxiilee barbaachisoo faarfannaa kanarratti ibsaman lama hubadhu: (1) Namoota qajeeloo taʼanirra rakkinni ni gaʼa. (2) Yihowaan qorumsa nu mudaturraa nu oolcha. Yihowaan kan nu oolchu akkamitti? Karaan inni tokko jireenya sirna kana keessatti jiraannuuf ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaaruudhaani. Yihowaan gammachuudhaan akka isa tajaajillu waadaa kan nuuf gale taʼus, yeroo ammaatti jireenya rakkinarraa bilisa taʼe akka jiraannu waadaa nuuf hin galle. (Isa. 66:14) Yeroo bara baraaf gammachuudhaan itti jiraannurratti akka xiyyeeffannu nu jajjabeesseera. (2 Qor. 4:16-18) Hammasitti garuu, guyyaa guyyaadhaan isa tajaajiluu keenya akka itti fufnu nu gargaara.—Faru. 3:22-24.

4. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?

4 Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo bara duriis taʼe bara keenya jiranirraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu. Akkuma itti aansuudhaan ilaallu rakkinni hin eegamne nu mudachuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan hamma isatti amanamnetti matumaa nu gargaaruu isaa hin dhiisu. (Far. 55:22) Fakkeenyota kana yeroo ilaallu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Ani haalli akkasii utuu na mudatee maalan godha? Fakkeenyonni kun amantiin Yihowaarratti qabu kan cimsan akkamitti? Barumsa jireenya koo keessatti hojiirra oolchuu dandaʼu akkamiin argadhe?’

BARA DURIITTI

Yihowaan waggoottan 20n Yaaqoob eessuma isaa Laabaaniif jabaatee hojjechaa turetti isa eebbiseera (Keeyyata 5 ilaali)

5. Yaaqoob Laabaaniin kan kaʼe rakkina akkamiitu isa mudate? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)

5 Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii rakkinni hin eegamne isaan mudateera. Mee fakkeenya Yaaqoob haa ilaallu. Abbaan isaa ijoollee durbaa Laabaan isa Yihowaa waaqeffatuu keessaa haadha manaa akka fuudhu isa ajajee ture, akkasumas Yihowaan baayʼee akka isa eebbisu isaaf mirkaneessee ture. (Uma. 28:1-4) Kanaafuu, Yaaqoob wanta sirrii godheera. Kanaʼaanii kaʼee gara Laabaan isa ijoollee durbaa lama qabuu dhaqe; isaanis Liyaa fi Raahel jedhamu. Yaaqoob intala quxusuu Laabaan kan taate Raaheliin waan jaallateef, ishii fuudhuu isaa dura abbaa ishiitiif waggaa torba hojjechuuf irratti walii gale. (Uma. 29:18) Taʼus, wanti hundi akka Yaaqoob yaade hin taane. Laabaan isa gowwoomsuudhaan intala isaa ishii hangafaa kan taate Liyaa isatti heerumsiise. Laabaan torban tokko booda Raaheliin akka fuudhus Yaaqoobiif heyyameera; taʼus, waggaa dabalataa torbaaf isaaf hojjechuu qaba ture. (Uma. 29:25-27) Laabaan hojiirrattis Yaaqoobiin gowwoomseera. Walumaa galatti, Laabaan waggaa 20f humna Yaaqoobitti fayyadamuuf yaaleera!—Uma. 31:41, 42.

6. Yaaqoob rakkoowwan kan biroo akkamii dandamate?

6 Yaaqoob rakkina kan biraas dandamateera. Maatii balʼaa qaba ture; ijoolleen isaa garuu yeroo hunda walii hin galan turan. Obboleessa isaanii Yoseefiinillee garbummaatti gurguraniiru. Ijoolleen isaa lamaan Simiʼoonii fi Leewwiin maaticharratti salphina fidaniiru, maqaa Yihowaarrattis arrabsoo fidaniiru. Haati manaa isaa Raahel daʼumsarratti jalaa duute. Kana malees, Yaaqoob beela hamaa biyyattii keessatti buʼeen kan kaʼe bara dulluma isaatti gara biyya Gibxiitti godaane.—Uma. 34:30; 35:16-19; 37:28; 45:9-11, 28.

7. Yihowaan Yaaqoobitti gaarummaa kan argisiise akkamitti?

7 Yaaqoob rakkinni kun hundi kan isarra gaʼe taʼus, Yihowaarrattis taʼe waadaawwan inni galerratti amantii dhabee hin beeku. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan gaarummaa isatti argisiiseera. Fakkeenyaaf, Laabaan yeroo baayʼee isa gowwoomsuuf kan yaale taʼus, Yihowaan qabeenya hedduu isaaf kenneera. Kana malees, Yaaqoob ilma isaa Yoseef isa yeroo dheeraa dura akka duʼetti yaadaa ture deebiʼee yeroo argu Yihowaa hammam akka galateeffate tilmaamuu dandeessa! Yaaqoob Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuun isaa qorumsa isa mudate milkaaʼinaan dandamachuuf isa gargaareera. (Uma. 30:43; 32:9, 10; 46:28-30) Nutis michummaa Yihowaa wajjin qabnu yoo cimsanne, qorumsa hin eegamne milkaaʼinaan dandamachuu dandeenya.

8. Daawit Mootichi maal gochuu barbaadee ture?

8 Daawit Mootichi tajaajila Yihowaa keessatti wantoota gochuu barbaade hunda gochuu hin dandeenye. Fakkeenyaaf, Daawit Yihowaadhaaf mana qulqullummaa ijaaruuf fedhii guddaa qaba ture. Fedhii isaa kanas Naataan Raajichatti hime. Naataanis, “Waaqni dhugaan sii wajjin waan jiruuf, wanta garaa kee keessa jiru hundumaa raawwadhu” isaan jedhe. (1 Sen. 17:1, 2) Wanti Naataan dubbate kun Daawitiin hammam akka jajjabeesse tilmaamuu dandeenya. Tarii yeruma sana hojii ijaarsaa guddaa taʼe kanaaf karoora baafachuu jalqabee taʼuu dandaʼa.

9. Daawit yeroo oduu gaddisiisaa dhagaʼetti maal godhe?

9 Utuma baayʼee hin turin garuu, raajiin Yihowaa kun oduu gaddisiisaa fidee dhufe. Yihowaan “halkanuma sana” mana qulqullummaa kan isaaf ijaaru Daawit utuu hin taʼin, ilmaan isaa keessaa isa tokko akka taʼe Naataanitti hime. (1 Sen. 17:3, 4, 11, 12) Daawit kana yeroo dhagaʼu maal godhe? Galma isaarratti sirreeffama godhe. Maallaqaa fi wantoota ijaarsa Solomoon ijaaruuf barbaachisan walitti qabuurratti xiyyeeffate.—1 Sen. 29:1-5.

10. Yihowaan Daawitiin kan eebbise akkamitti?

10 Yihowaan mana qulqullummaa kan ijaaru isa akka hin taane Daawititti erga himee booda, yeruma sana kakuu isa wajjin galeera. Sanyii isaa keessaa tokko bara baraaf akka bulchu waadaa isaaf gale. (2 Sam. 7:16) Daawit Addunyaa haaraa keessatti, yeroo Bulchiinsa Barkumee Yesuusitti, Mootii hidda dhalootaa isaa keessaa taʼe jalatti akka bulu yeroo beeku hammam akka gammadu tilmaamuu dandeessa. Seenaan kun tajaajila Yihowaa keessatti wanta yaanne hunda gochuu dandaʼuu baannus, Waaqni keenya karaa nuti matumaa hin eegneen nu eebbisuu akka dandaʼu hubachuuf nu gargaara.

11. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Mootummichi yeroo isaan eeganitti kan hin dhufne taʼus, eebba Yihowaa kan argatan akkamitti? (Hojii Ergamootaa 6:7)

11 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa rakkinni hin eegamne isaan mudateera. Fakkeenyaaf, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu baayʼee kan hawwan taʼus, yoom akka dhufu garuu hin beekan turan. (HoE. 1:6, 7) Maarree, maal godhan? Hojii lallabaarratti xiyyeeffatan. Misiraachicha naannoo garaa garaatti yeroo babalʼisaa turanitti Yihowaan carraaqqii isaanii akkamitti akka isaaniif eebbise arganiiru.—Hojii Ergamootaa 6:7 dubbisi.

12. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo beelli kaʼetti maal godhan?

12 Yeroo tokkommoo, “guutummaa lafaa irratti” beelli guddaan buʼee ture. (HoE. 11:28) Rakkinni kun Kiristiyaanota jaarraa jalqabaas tuqeera. Hanqinni nyaataa guddaan akkasii Kiristiyaanota kanarratti dhiibbaa akkamii akka geessise tilmaamuu dandeessaa? Mataawwan maatii wanta maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuun akka isaan yaaddessu beekamaadha. Dargaggoota tajaajila isaanii balʼifachuuf yaadanittoo maaltu dhagaʼama? Galma isaanii yeroodhaaf dhiisuun akka isaan barbaachisu isaanitti dhagaʼamee turee laata? Kiristiyaanonni sun haalli isaan mudate maaliyyuu yoo taʼe haala isaan mudate dandamachuu dandaʼaniiru. Karaa isaaniif dandaʼame hundumaatiin lallabuu isaanii itti fufaniiru, akkasumas obboloota isaanii Yihudaa keessa jiraataniif wanta qaban gammachuudhaan hiraniiru.—HoE. 11:29, 30.

13. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo beelli turetti eebba kan argatan akkamitti?

13 Kiristiyaanonni kun yeroo beelli buʼee ture sanatti eebba akkamii argatan? Namoonni gargaarsi isaaniif godhame harka Yihowaa arguu dandaʼaniiru. (Mat. 6:31-33) Obboloota isaan gargaaraa turanitti caalaatti akka dhihaatan hin shakkisiisu. Obboloonni buusii gochuudhaanis taʼe karaa kan biraatiin gargaarsa godhan gammachuu kennuudhaan argamu argataniiru. (HoE. 20:35) Yihowaan carraaqqii hundi isaaniiyyuu jijjiirama isaan mudate dandamachuuf godhan isaaniif eebbiseera.

14. Barnaabaasii fi Phaawulos ergamaarra maaltu gaʼe? Buʼaan isaahoo maal taʼe? (Hojii Ergamootaa 14:21, 22)

14 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo baayʼee ariʼatamni isaanirra gaʼeera; yeroo tokko tokko ariʼatamni kan isaanirra gaʼe yeroo isaan hin eegnetti taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, wanta Barnaabaasii fi Phaawulos ergamaan yeroo naannoo Lisxiraatti lallabaa turanitti isaan mudate haa ilaallu. Jalqabarratti, namoonni miira hoʼaadhaan isaan simatanii isaan dhaggeeffachaa turan. Booda garuu, mormitoonni “namoota sana amansiisan”; achiis isaan keessaa tokko tokko Phaawulosiin dhagaadhaan erga tumanii booda duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman. (HoE. 14:19) Taʼus, Barnaabaasii fi Phaawulos bakka biraatti lallabuu isaanii itti fufaniiru. Maarree, buʼaa akkamii argatan? “Namoota hedduu barattoota” godhaniiru, dubbii fi gocha isaaniitiinis obboloota isaanii jajjabeessaniiru. (Hojii Ergamootaa 14:21, 22 dubbisi.) Barnaabaasii fi Phaawulos ariʼatama akka tasaa isaan mudateen kan kaʼe abdii kutachuu dhiisuu isaanitti namoonni hedduun fayyadamaniiru. Nutis hojii Yihowaan nuuf kenne yeroo hojjennu abdii hin kutannu taanaan eebba guddaa arganna.

BARA KEENYATTI

15. Fakkeenya obboleessa keenya Maakmiilaanirraa maal baratte?

15 Waggoottan bara 1914 dura turanitti, tajaajiltoonni Yihowaa wantoonni tokko tokko akka raawwataman eeganii turan. Mee fakkeenya obboleessa keenya Maakmiilaan haa ilaallu. Akkuma obboloonni yeroo sana turan baayʼeen yaadanitti, obboleessi keenya Maakmiilaanis yeroo gabaabaa keessatti badhaasa isaa akka argatu yaadee ture. Haasaa Fulbaana 1914​tti dhiheesse tokkorratti, “Tarii kun haasaa koo isa dhumaa taʼuu dandaʼa” jedhee ture. Garuu, sana boodas haasaa dhiheesseera. Obboleessi keenya Maakmiilaan yeroo booda, “Tarii nu keessaa tokko tokko ariifannee yeruma sana gara samii akka dhaqnu yaadaa turre taʼa” jechuudhaan barreesseera. Itti dabaluudhaanis, “Wanti nuti irratti xiyyeeffachuu qabnu tajaajila Gooftaatiin qabamuudha” jedheera. Obboleessi keenya Maakmiilaan akkasuma godheera. Hinaaffaadhaan tajaajileera. Obboloota tajaajila loltummaa kennuu diduu isaaniitiin kan kaʼe hidhamanii turan hedduu jajjabeessuuf mirga argateera. Akkasumas erga dulloomee boodallee amanamummaadhaan walgaʼiiwwan gumiirratti ni argama ture. Obboleessi keenya Maakmiilaan yeroo badhaasa isaa eeggachaa turetti yeroo isaatti akka gaariitti fayyadamuu isaatti faayidaa kan argate akkamitti? Bara 1966​tti duʼuu isaa yeroo muraasa dura, “Amantiin koo akkuma kanaan duraa cimaadha” jedhee barreesseera. Keessumaa qorumsi nurra gaʼaa jiru isa eegne caalaa tureera taanaan, ilaalcha akkasii qabaachuun keenya baayʼee nu fayyada.—Ibr. 13:7.

16. Harbarti Jeeniingisii fi haadha manaa isaa rakkina hin eegamne akkamiitu mudate? (Yaaqoob 4:14)

16 Tajaajiltoonni Yihowaa hedduun dhibee fayyaa hin eegne wajjin walʼaansoo gochaa jiru. Fakkeenyaaf, obboleessi Harbarti Jeeniingis b jedhamu innii fi haati manaa isaa Gaanaa keessatti misiyoonota taʼanii gammachuudhaan akka tajaajilan seenaa jireenyaa isaarratti ibseera. Yeroo booda garuu, dhibee dhiphina sammuutiin qabame. Obboleessi keenya Jeeniingis yaada Yaaqoob 4:14 irratti argamu caqasuudhaan, “‘Guyyaan boruu’ maal fidee akka dhufu hin beeknu” jedheera. (Dubbisi.) “Haala jiru amannee fudhachuudhaan Gaanaa fi michoota keenya baayʼee itti dhihaannu dhiisnee [yaalii fayyaatiif] gara Kaanaadaatti deebine” jedhee barreesseera. Yihowaan obboleessi keenya Jeeniingisii fi haati manaa isaa rakkina keessattillee amanamummaadhaan isa tajaajiluu isaanii akka itti fufan isaan gargaareera.

17. Fakkeenyi obboleessa keenya Jeeniingis warra kaan kan fayyade akkamitti?

17 Yaanni obboleessi keenya Jeeniingis iftoominaan dubbate kun warra kaan baayʼee jajjabeesseera. Obboleettiin takka akkana jettee barreessiteetti: “Mata duree kana dubbisuun koo yoomiyyuu caalaa baayʼee na jajjabeesseera. . . . Obboleessi keenya Jeeniingis fayyaa isaa kunuunsuuf jecha ramaddii isaa dhiisuun isaa haalan keessa jiruuf ilaalcha madaalamaa qabaachuuf na gargaareera.” Obboleessi tokkos akkana jedhee barreesseera: “Waggaa kudhaniif jaarsa gumii taʼee ergan tajaajilee booda, dhukkuba sammuutiin kan kaʼe mirga koo dhiisuun na barbaachisee ture. Yeroo baayʼee milkaaʼina akkan hin arganne waan natti dhagaʼamuuf, seenaa jireenyaa dubbisuun baayʼee na dhiphisa ture. . . . Kutannoon obboleessi keenya Jeeniingis argisiise garuu baayʼee na jajjabeesseera.” Muuxannoon kun yeroo rakkina hin eegamne dandamachaa jirrutti warra kaan jajjabeessuu akka dandeenyu nu yaadachiisa. Wanti nu mudachaa jiru isa eegnerraa adda taʼus, amantii argisiisuu fi jabaannee dhaabbachuudhaan warra kaaniif fakkeenya gaarii taʼuu dandeenya.—1 Phe. 5:9.

Yihowaatti kan amanamnu yoo taʼe jireenya keenya keessatti haalli hin eegamne yeroo nu mudatutti caalaatti isatti dhihaanna (Keeyyata 18 ilaali)

18. Fakkicharratti akka ibsametti obboleettii abbaan manaa irraa duʼee fi Naayijeeriyaa jiraatturraa maal baratte?

18 Rakkoowwan akka tasaa kan akka weerara dhibee Kooviid-19 jiran tajaajiltoota Yihowaa hedduurratti dhiibbaa geessisaniiru. Fakkeenyaaf, obboleettiin abbaan manaa irraa duʼee fi Naayijeeriyaa keessa jiraattu takka nyaannii fi maallaqni qabdu baayʼee xinnoo ture. Gaaf tokko ganama, intalli ishii ruuzii kubbaayyaa tokko isaan hafe erga qopheessanii booda maal akka nyaatan ishii gaafattee turte. Obboleettiin keenyas maallaqa ykn nyaata kan biraa qabaachuu baatanis, fakkeenya dubartii Saraaptaa ishii abbaan manaa irraa duʼee hordofuudhaan nyaata isaanii isa dhumaa qopheessuu fi guutummaatti Yihowaatti amanamuu akka qaban intala ishiitti himte. (1 Mot. 17:8-16) Guyyaa sana laaqana maal akka nyaatan yaaduu jalqabuu isaanii dura obboloonni isaanii gargaarsa isaaniif ergan. Gargaarsi isaaniif godhame sunis nyaata torban lamaa oliif isaan barbaachisu kan dabalatu ture. Obboleettiin sun wanta intala ishiitti himaa turte Yihowaan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa akka ture yeroo sanatti akka hin hubanne dubbatteetti. Dhugumayyuu, Yihowaatti kan amanamnu yoo taʼe wantoonni jireenya keenya keessatti akka tasaa nu mudatan caalaatti isatti nu dhiheessuu dandaʼu.—1 Phe. 5:6, 7.

19. Aleksii Yershoov ariʼatama akkamii dandamate?

19 Waggoota dhihoodhaa asitti obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun ariʼatama hin eegamne dandamachaa jiru. Mee muuxannoo obboleessa keenya Aleksii Yershoov isa Raashiyaa keessa jiraachaa jiruu haa ilaallu. Yeroo obboleessi keenya Yershoov bara 1994​tti cuuphametti tajaajiltoonni Yihowaa naannoo kana jiraatan hamma tokko bilisummaa qabu turan. Waggoota sana booda jiranitti garuu, haalli Raashiyaa keessa jiru ni jijjiirame. Bara 2020​tti, manni obboleessa keenya Yershoov ni sakattaʼame, qabeenyi isaa hedduunis jalaa fudhatame. Jiʼoota muraasa boodammoo, mootummaan himata yakkaa isarratti bane. Haalli isaa akka hammaatu kan godhemmoo, himanni isaa viidiyoo namichi waggaa tokkoo oliif Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf fedhii kan qabu fakkaatee dhihaate tokko waraaberratti kan hundaaʼe taʼuu isaati. Kun gantummaa guddaadha!

20. Obboleessi keenya Yershoov hariiroo Yihowaa wajjin qabu kan cimsate akkamitti?

20 Ariʼatamni obboleessa keenya Yershoovirra gaʼe buʼaa gaarii argamsiiseeraa? Eeyyee. Hariiroon Yihowaa wajjin qabu caalaatti cimeera. Akkana jedheera: “Haadha manaa koo wajjin caalaatti irra deddeebinee kadhannaa dhiheessina. Gargaarsa Yihowaa malee haala kana dandamachuu akka hin dandeenye hubadheera.” Itti dabaluudhaanis akkana jedheera: “Qoʼannaan dhuunfaa abdii akkan hin kutanne na gargaareera. Fakkeenya namoota kanaan dura amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaniirratti nan xiinxala. Kitaaba Qulqulluu keessatti seenaawwan tasgabbaaʼuu fi Yihowaatti amanamuun barbaachisaa taʼuu isaa addeessan hedduun galmeeffamaniiru.”

21. Mata duree kana keessatti maal baranne?

21 Mata duree kana keessatti maal baranne? Yommuu sirna kana keessa jiraannu, yeroo tokko tokko rakkinni hin eegamne nu mudata. Taʼus, Yihowaan hamma isatti amanamanitti tajaajiltoota isaa yeroo hunda ni gargaara. Akkuma caqasni ijoo keenya jedhu, “rakkinni nama qajeelaa hedduu dha, Yihowaan garuu hunduma isaa jalaa isa ni oolcha.” (Far. 34:19) Kanaafuu, rakkina nu mudaterratti utuu hin taʼin, humna Yihowaan nu gargaaruuf qaburratti xiyyeeffachuu keenya itti haa fufnu. Akkas yoo goone akkuma Phaawulos ergamaa, “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jechuu dandeenya.—Filp. 4:13.

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

a Sirna kana keessa yeroo jiraannu rakkinni hin eegamne nu mudachuu kan dandaʼu taʼus, Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan akka deggeru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan kanaan dura tajaajiltoota isaa kan gargaare akkamitti? Yeroo harʼaatti nu gargaaraa kan jiruhoo akkamitti? Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu fi muuxannoo obboloota bara keenya jiranii ilaaluun keenya Yihowaan yoo isatti amanamne akka nu gargaaru amanannaa qabnu nuuf cimsa.