MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Fulbaana 2019

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Onkoloolessa 28 hanga Muddee 1, 2019⁠tti qoʼataman qabateera.

Yihowaan Tajaajiltoota Isaa Warra Gad Of Qabaniif Iddoo Guddaa Kenna

Amalli gad of qabuu amaloota barbaachisoo horachuu qabnu keessaa tokko dha. Haalawwan jijjiiramuun isaa amala gad of qabuu keenya kan qoru akkamitti?

Armaagedoon Misiraachoo Dha!

Taʼeewwan guguddaan gara Armaagedoonitti geessan kam faʼi? Dhumni dhihaachaa yommuu jiru kanatti amanamoo taanee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

Fedhiidhaan Yihowaadhaaf Bitamaa

Jaarsoliin, abbootiin, akkasumas haadholiin bitamuu ilaalchisee fakkeenya Nahimiyaa; Daawit Mootichaa fi Maariyaam irraa barachuu dandaʼu.

“Gara Koo Kottaa, Anis Boqonnaa Isiniif nan Kenna”

Affeerraa Yesuus fudhachuun maalfaa dabalata? Wantoota sadi kan goonu yoo taʼe waanjoo Yesuus jalatti boqonnaa argachuu keenya itti fufna.

“Kunoo, Tuuta Uummataa Guddaa”

Mulʼata Yohaannis keessatti Yihowaan ‘tuutni uummataa guddaan’ rakkina guddaa irraa oolanii lafa irra barabaraaf jiraatan eenyu akka taʼan, baayʼina isaanii fi addunyaa mara irraa kan dhufan taʼuu isaanii ifa godheera.