Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 36

Armaagedoon Misiraachoo Dha!

Armaagedoon Misiraachoo Dha!

“Isaanis bakka . . . Armaagedoon jedhamutti walitti isaan qaban.”—MUL. 16:16.

FAARFANNAA 150 Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa

QABIYYEE *

1-2. (a) Armaagedoon ilmaan namootaatiif misiraachoo dha kan jennu maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa ilaalla?

NAMOONNI jecha “Armaagedoon” jedhu waraana niwukilarii ykn balaa uumamaa ibsuuf yeroo itti fayyadaman dhageessanii beektuu? Faallaa kanaatiin garuu wanti Kitaabni Qulqulluun Armaagedoon ilaalchisee dubbatu misiraachoo of keessaa qaba, kunis gammachuudhaan akka guutamnu nu taasisa. (Mul. 1:3) Waraanni Armaagedoon ilmaan namootaa kan balleessu utuu hin taʼin kan oolchu dha. Akkamitti?

2 Kitaabni Qulqulluun waraanni Armaagedoon bulchiinsa namootaa balleessuudhaan ilmaan namootaa akka oolchu dubbata. Waraanni kun namoota hamoo balleessee qajeelonni akka jiraatan gochuudhaan ilmaan namootaa oolcha. Akkasumas lafti akka hin badne eeguudhaan ilmaan namootaa oolcha. (Mul. 11:18) Qabxiiwwan kanneen sirriitti hubachuuf akka nu gargaaruuf mee gaaffiiwwan afur haa ilaallu: Armaagedoon maali dha? Taʼeewwan gara Armaagedoonitti geessan kam faʼi? Namoota Armaagedoon irraa oolan keessaa tokko taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Armaagedoon dhihaachaa yommuu jiru kanatti amanamoo taanee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

ARMAAGEDOON MAALI DHA?

3. (a) Jechi “Armaagedoon” jedhu hiika maalii qaba? (b) Mulʼata 16:14, 16, irratti hundaaʼuudhaan Armaagedoon kallattiidhaan iddoo tokko kan argisiisu miti kan jennu maaliifi?

3 Mulʼata 16:14, 16 dubbisi. Jechi “Armaagedoon” jedhu Kitaaba Qulqulluu keessatti al tokko qofa kan argamu siʼa taʼu, jecha Afaan Ibrootaa hiika “Gaara Magidoo” jedhu qabu irraa kan dhufe dha. (Mul. 16:16; milj.) Magidoon magaalaa Israaʼel durii keessa turte dha. (Iya. 17:11) Armaagedoon garuu iddoo kallattiidhaan lafa irratti argamu kam iyyuu kan argisiisu miti. Kanaa mannaa haala ‘mootonni guutummaa lafaa’ Yihowaa mormuudhaan walitti qabamuu isaanii argisiisu dha. (Mul. 16:14) Haa taʼu malee, mata duree kana keessatti waraana mootonni guutummaa lafaa walitti qabamuu isaaniitti aansee geggeeffamu argisiisuufis jecha “Armaagedoon” jedhutti fayyadamna. Armaagedoon bakka fakkeenyaan ibsame taʼuu isaa akkamitti beekna? Tokkoffaa, bakki kallattiidhaan gaara Magidoo jedhamu hin jiru. Lammaffaa, naannoon Magidoo “mootota guutummaa lafaa,” loltoota isaanii fi meeshaalee waraanaa isaanii qabachuu hin dandaʼu. Sadaffaa, mata duree kana keessatti akkuma ilaallu, waraanni Armaagedoon kan jalqabu yommuu ‘mootonni’ addunyaa saba Waaqayyoo warra guutummaa lafaa irra faffacaʼanii jiran irratti haleellaa geessisuu jalqabanitti dha.

4. Waaqayyo waraana guddaa isa dhumaa Magidoo wajjin kan wal qabsiise maaliifi?

4 Yihowaan waraana guddaa isa dhumaa Magidoo wajjin kan wal qabsiise maaliifi? Magidoon, akkasumas Sululli Yizreʼel inni achitti dhihoo jiru bakka waraanni hedduun itti geggeeffamu ture. Yihowaan yeroo tokko tokko sabni isaa waraana kanneen irratti akka injifatan kallattiidhaan gargaarsa godhaaf ture. Fakkeenyaaf, Waaqayyo “bishaan Megidoo biratti,” Baaraaq inni Abbaa Firdii Israaʼel ture loltoota warra Kanaʼaan isa Siiseraadhaan geggeeffamu akka injifatu isa gargaareera. Baaraaqii fi Deboraa raajittiin injifannoo dinqisiisaa argatan kanaaf Yihowaa galateeffataniiru. Akkana jedhanii faarfatan: “Urjoonni waaqa keessaa itti in duulan, . . . Siiseraa in lolan. Bishaan Qiison, . . . isaan haree in sokke.”—Abo. 5:19-21.

5. Waraanni Armaagedoon waraana Baaraaq irratti hirmaate irraa adda kan taʼe karaa kamiini?

5 Baaraaqii fi Deboraan faarfannaa isaanii akkana jedhanii xumuran: “Yaa Waaqayyo diinonni kee akkasuma haa badan! Warri si jaallatan garuu, akka biiftuu humna ishee guutuudhaan baatee ibsituu haa taʼan!” (Abo. 5:31) Haaluma wal fakkaatuun waraana Armaagedoon irrattis diinonni Waaqayyoo kan balleeffaman siʼa taʼu, warri Waaqayyoon jaallatan garuu ni oolu. Haa taʼu malee, waraana kana lamaan gidduu garaagarummaa guddaa tokkotu jira. Waraana Armaagedoon irratti sabni Waaqayyoo hin hirmaatan. Meeshaa waraanaa illee hin hidhatan! Isaan ‘calluma jedhanii’ Yihowaa fi raayyaa isaa isa samii ‘amanachuudhaan in jabaatu.’—Isa. 30:15; Mul. 19:11-15.

6. Yihowaan waraana Armaagedoon irratti diinota isaa kan injifatu akkamitti?

6 Waaqayyo waraana Armaagedoon irratti diinota isaa kan injifatu akkamitti? Wantoota hedduutti fayyadamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, kirkira lafaatti, cabbiitti, akkasumas bakakkaatti fayyadamuu dandaʼa. (Iyo. 38:22, 23; His. 38:19-22) Diinonni isaas akka wal balleessan gochuu dandaʼa. (2 Sen. 20:17, 22, 23) Akkasumas hamoota ajjeesuuf maleekota isaatti fayyadamuu dandaʼa. (Isa. 37:36) Waaqayyo wanti inni itti fayyadamu maal iyyuu yoo taʼe ni injifata. Diinonni isaa hundi ni balleeffamu. Warri qajeeloo taʼan hundi garuu ni oolu.—Fak. 3:25, 26.

TAʼEEWWAN GARA ARMAAGEDOONITTI GEESSAN KAM FAʼI?

7-8. (a) Akka 1 Tasalonqee 5:1-6, jedhutti geggeessitoonni addunyaa labsii baramaa hin taane akkamii labsu? (b) Labsiin kun soba miidhaa guddaa geessisu dha kan jennu maaliifi?

7 “Guyyaan Yihowaa” dhufuu isaa dura labsiin “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhu ni labsama. (1 Tasalonqee 5:1-6 dubbisi.) 1 Tasalonqee 5:2, irratti ‘guyyaa Yihowaa’ kan jedhame “rakkina guddaa” argisiisa. (Mul. 7:14) Yeroo itti rakkinni guddaan kun jalqabuuf jedhu akkamitti beekna? Kitaabni Qulqulluun labsiin baayʼee hin baramne tokko akka jiru dubbata. Labsiin kun mallattoo rakkinni guddaan akka jalqabu argisiisu dha.

8 Kunis labsii “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhuu fi raajiidhaan dubbatame dha. Geggeessitoonni addunyaa labsii kana kan labsan maaliifi? Geggeessitoonni amantii hoo labsii kana irratti ni hirmaatuu laata? Tarii hirmaachuu dandaʼu. Kanas taʼee sana, labsiin kun soba jinniiwwan babalʼisan kan biraa dha. Haa taʼu malee, seenaa ilmaan namootaa keessatti rakkinni guddaa taʼe jalqabuu isaa dura sobni kun namoonni miirri nageenyaa akka itti dhagaʼamu waan godhuuf miidhaa guddaa kan geessisu dha. Eeyyee, “akkuma ciniinsuun dubartii ulfaa qabu, badiisni itti hin yaadamne battaluma sanatti isaan irra gaʼa.” Waaʼee tajaajiltoota Yihowaa warra amanamoo taʼanii hoo maal jechuutu dandaʼama? Guyyaan Yihowaa akka tasaa jalqabuun isaa isaan dinqisiisuu kan dandaʼu taʼus, guyyaa sanaaf qophaaʼaniiru.

9. Waaqayyo addunyaa Seexanaa kan balleessu duraa duuba akkamiitiini?

9 Yihowaan bara Nohitti akkuma godhe guutummaa addunyaa Seexanaa hunda yeroo tokkotti hin balleessu. Kanaa mannaa, jalqaba irratti kutaa addunyaa Seexanaa isa tokko balleessa, yeroo booda immoo isa hafe hunda balleessa. Jalqaba, Baabilon Guddittii, jechuunis amantii sobaa hunda balleessa. Achiis, waraana Armaagedoon irratti sirna siyaasaa, waraanaa fi daldalaa dabalatee addunyaa Seexanaa isa hafe hunda balleessa. Mee taʼeewwan guguddaa kana lamaan gadi fageenyaan haa ilaallu.

10. Mulʼanni 17:1, 6 fi 18:24, akka jedhutti Yihowaan Baabilon Guddittii kan balleessu maaliifi?

10 ‘Murtii gaalamoota guddittii irratti dabarfame.’ (Mulʼata 17:1, 6; 18:24 dubbisi.) Baabilon Guddittiin maqaa Waaqayyoo irratti arrabsoo baayʼee fiddeetti. Waaʼee Waaqayyoo soba barsiisti. Bulchitoota lafaa wajjin tokkummaa uumuudhaan karaa hafuuraa ejja raawwatteetti. Aangoo ishiitti fayyadamtee miseensota ishii cunqursiti, akkasumas qabeenya isaanii saamti. Dhiiga tajaajiltoota Waaqayyoo dabalatee dhiiga hedduu dhangalaasteetti. (Mul. 19:2) Maarree, Yihowaan Baabilon Guddittii kan balleessu akkamitti?

11. ‘Bineensi diimaan dhiiga fakkaatu’ maal argisiisa? Waaqayyo Baabilon Guddittii balleessuuf kan isatti fayyadamu hoo akkamitti?

11 Yihowaan “gaalamoota guddittii” kan balleessu ‘bineensa diimaa dhiiga fakkaatuu’ fi “gaanfa kudhan” qabutti fayyadamee ti. Bineensi kun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii argisiisa. Gaanfonni kurnan immoo humnoota siyaasaa yeroo ammaa dhaabbata kana deeggaran bakka buʼa. Yeroo Waaqayyo murteessetti humnoonni siyaasaa kun Baabilon Guddittii ishii fakkeenyaan ibsamtetti garagalu. Isaanis qabeenya ishii jalaa fudhachuudhaan “ishii saamu, qullaa ishii hambisu” akkasumas hammeenya ishii ni saaxilu. (Mul. 17:3, 16) Badiisni ariifachiisaan guyyaa tokko keessatti kan raawwatame fakkaatu kun warra ishii deeggaran ni naasisa. Sana booda ishiin, “Ani mootuu taʼee nan taaʼa; ani dubartii abbaan manaa irraa duʼe miti; gaddis matumaa ana irra hin gaʼu” jettee of hin jajju.—Mul. 18:7, 8.

12. Waaqayyo saboonni maal akka godhan hin heyyamu? Maaliifi?

12 Waaqayyo saboonni tajaajiltoota isaa akka balleessan hin heyyamu. Sabni isaa maqaa isaa baachuu isaaniitti ni boonu, akkasumas ajaja Baabilon Guddittii keessaa akka baʼaniif isaanii kennameef ajajamaniiru. (HoE. 15:16, 17; Mul. 18:4) Warri kaanis ishii keessaa akka baʼan gargaaruuf cimanii hojjetu. Kanaaf “dhaʼichi ishii irra gaʼu” tajaajiltoota Yihowaa ‘irra hin gaʼu.’ Taʼus, amantiin isaanii ni qorama.

Sabni Waaqayyoo kan jiraatan eessa iyyuu yoo taʼe, yommuu haleellaan gaʼuu jalqabu isatti ni amanamu (Keeyyata 13 ilaali) *

13. (a) Goog eenyu dha? (b) Akka Hisqiʼel 38:2, 8, 9, irratti ibsametti Goog saba Waaqayyoo irratti haleellaa akka banu kan godhu maali dha?

13 Haleellaa Goog geessisu. (Hisqiʼel 38:2, 8, 9 dubbisi.) Amantiin sobaa hundi erga badee booda sabni Waaqayyoo muka obomboleettii irraa hafee kophaa dhaabbatu fakkaatanii mulʼatu. Kun Seexana baayʼee akka aarsu beekamaa dha. Innis olola jinniiwwaniitti jechuunis ‘jechoota xuraaʼoo geggeessaa hafuuraatiin dubbatamanitti’ fayyadamee saboonni wal taʼiinsa uumanii tajaajiltoota Yihowaa irratti akka kaʼan gochuudhaan aarii isaa kana baʼa. (Mul. 16:13, 14) Wal taʼiinsi kun “Goog isa biyya Maagoog” jedhama. Saboonni haleellaa geessisuu yommuu jalqaban waraanni Armaagedoon ni jalqaba jechuu dha.—Mul. 16:16.

14. Goog maal hubata?

14 Goog ‘irree fooniitti,’ jechuunis humna waraanaa isaatti amanama. (2 Sen. 32:8) Nuti immoo Waaqa keenya Yihowaatti amanamna; kunis sabootatti gowwummaa fakkaachuu dandaʼa. Baabilon Guddittiin humna guddaa kan qabdu taatus waaqoliin ishii ‘bineensichaa’ fi ‘gaanfota kurnan’ isaa jalaa ishii oolchuu hin dandaʼan! (Mul. 17:16) Kanaafuu Goog salphaatti akka nu balleessu itti dhagaʼamuu dandaʼa. “Akkuma duumessi gad buʼee lafa uffisu” saba Yihowaa irratti haleellaa geessisa. (His. 38:16) Haa taʼu malee, Goog kiyyoo keessa akka gale utuma baayʼee hin turin hubata. Akkuma Faraʼoon Galaana Diimaa biratti hubate, Googis Yihowaa wajjin wal lolaa akka jiru ni hubata.—Bau. 14:1-4; His. 38:3, 4, 18, 21-23.

15. Kiristoos guutummaatti injifannoo kan argatu akkamitti?

15 Kiristoosii fi raayyaan isaa inni samii saba Waaqayyootiif eegumsa ni godhu, akkasumas Googii fi loltoota isaa guutummaatti ni balleessu. (Mul. 19:11, 14, 15) Seexanni inni diina Yihowaa isa guddaa taʼee fi olola sobaatiin saboota gara Armaagedoonitti geessu hoo maal taʼa? Yesuus, Seexanaa fi jinniiwwan isaa gara qileetti jechuunis bakka waggaa kuma tokkoof itti hidhamanitti isaan darbata.—Mul. 20:1-3.

ARMAAGEDOON IRRAA OOLUU KAN DANDEESSAN AKKAMITTI?

16. (a) ‘Waaqayyoon akka beeknu’ argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Yihowaa beekuun keenya yeroo waraana Armaagedoonitti eebba kan nuuf argamsiisu akkamitti?

16 Dhugaa keessa waggoota hedduudhaaf turrus turuu baannus, Armaagedoon irraa ooluuf ‘Waaqayyoon akka beeknuu’ fi ‘misiraachoo waaʼee Gooftaa keenya Yesuus ibsuuf akka ajajamnu’ argisiisuu qabna. (2 Tas. 1:7-9) Wanta inni jaallatuu fi jibbu, akkasumas ulaagaawwan isaa yommuu barru ‘Waaqayyoon beekuu’ dandeenya. Kana malees, isa jaallachuu fi isaaf ajajamuudhaan, akkasumas isa qofa waaqeffachuudhaan akka isa beeknu argisiisuu dandeenya. (1 Yoh. 2:3-5; 5:3) Waaqayyoon akka beeknu yommuu argisiisnu, ‘Waaqayyos nu beeka,’ kunis Armaagedoon irraa akka oollu nu taasisa! (1 Qor. 8:3) Akkamitti? Sababiin isaas ‘Waaqayyo nu beeka’ jechuun, isa biratti fudhatama arganneerra jechuu dha.

17. ‘Misiraachoo waaʼee Gooftaa keenya Yesuus ibsuuf ajajamuu’ jechuun maal jechuu dha?

17 ‘Misiraachoon waaʼee Gooftaa keenya Yesuus ibsu’ dhugaawwan Yesuus barsiisee fi Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman hunda dabalata. Misiraachicha jireenya keenya keessatti hojii irra oolchuudhaan akka isaaf ajajamnu argisiisuu dandeenya. Kunis Mootummichaaf dursa kennuu, ulaagaawwan qajeelinaa Waaqayyootiin jiraachuu fi waaʼee Mootummaa Waaqayyoo labsuu dabalata. (Mat. 6:33; 24:14) Kana malees, obboloonni Kiristoos warri dibamoon itti gaafatamummaa guddaa isaan qaban yommuu baʼanitti isaan deeggaruus ni dabalata.—Mat. 25:31-40.

18. Obboloonni Kiristoos warri dibamoon gaarummaa isaanitti argisiifameef gatii kan deebisan akkamitti?

18 Tajaajiltoonni Waaqayyoo warri dibamoon yeroo dhihootti gaarummaa warri “hoolota kan biraa” taʼan isaanitti argisiisaniif gatii isaanii isaaniif ni deebisu. (Yoh. 10:16) Akkamitti? Waraanni Armaagedoon jalqabuu isaa dura warri miseensa 144,000 taʼan hundi qaama hafuuraa hin duune qabaatanii duʼaa kaʼuudhaan gara samii deemu. Achiis kutaa raayyaa samii taʼuudhaan Goog ni balleessu, akkasumas saba Yihowaa “tuuta uummataa guddaa” taʼaniif eegumsa godhu. (Mul. 2:26, 27; 7:9, 10) Eeyyee, tuutni uummataa guddaan, tajaajiltoonni Yihowaa warri dibamoon lafa irra utuu jiranii isaan deeggaruu dandaʼuun isaanii baayʼee isaan gammachiisa!

DHUMNI DHIHAACHAA YOMMUU JIRU KANATTI AMANAMOO TAANEE JIRAACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

19-20. Rakkinni akkamii iyyuu yoo nu mudate, Armaagedoon dhihaachaa yommuu jiru kanatti amanamoo taanee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Guyyoota dhumaa rakkisaa taʼan kana keessatti tajaajiltoota Yihowaa hedduu qorumsi adda addaa isaan mudachaa jira. Taʼus, gammachuudhaan jabaannee dhaabbachuu ni dandeenya. (Yaq. 1:2-4) Wanti kanaaf nu gargaaru inni guddaan immoo kadhannaatti jabaachuu dha. (Luq. 21:36) Kadhachuu qofa utuu hin taʼin, raajiiwwan bara keenya ilaalchisee dubbataman dabalatee Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan qoʼachuu fi irratti xiinxaluu qabna. (Far. 77:12) Wantoota kanneen gochuunii fi tajaajila irratti guutummaatti hirmaachuun amantiin keenya cimaa akka taʼuu fi abdiin keenya akka nuuf dhugoomu taasisa!

20 Yommuu Baabilon Guddittiin badduu fi Armaagedoon xumuramu hammam akka gammaddan mee yaadaa! Caalaatti immoo namni hundi maqaa Waaqayyoo fi ol aantummaa isaa yommuu kabaju gammachuu guddaa isinitti dhagaʼamu yaaduu dandeessu! (His. 38:23) Eeyyee, namoota Waaqayyo beekanii fi Ilma isaatiif ajajamaniif, akkasumas hamma dhumaatti jabaatanii dhaabbataniif Armaagedoon misiraachoo dha.—Mat. 24:13.

FAARFANNAA 143 Hojjechuu fi Eeggachuu Keessan Itti Fufaa

^ key. 5 Sabni Yihowaa Armaagedooniin yeroo dheeraadhaaf eegaa turaniiru. Mata duree kana keessatti Armaagedoon maal akka taʼe, taʼeewwan gara Armaagedoonitti geessanii fi dhumni dhihaachaa yommuu jiru kanatti amanamoo taanee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe mariʼanna.

^ key. 71 IBSA FAKKII: Labsiin “Nagaa dha, tasgabbii dhas” jedhu yommuu labsamu, hamma dandeenyu tajaajila irratti ni hirmaanna. Amantiin sobaa yommuu baduttis, sagantaa qoʼannaa gaarii taʼe qabaachuuf carraaqna. Goog Inni Biyya Maagoog yommuu haleellaa nu irratti banu, eegumsa Waaqayyootti amanamuu keenya itti fufna.

^ key. 85 IBSA FAKKII: Poolisoonni gara mana maatii Kiristiyaanaa tokko seenuuf yommuu jedhan, maatiin kun immoo Yesuusii fi maleekonni isaa haala kana hordofaa akka jiran amanannaa qabu.