Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 38

“Gara Koo Kottaa, Anis Boqonnaa Isiniif nan Kenna”

“Gara Koo Kottaa, Anis Boqonnaa Isiniif nan Kenna”

“Isin warri dadhabdanii fi baʼaan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa, anis boqonnaa isiniif nan kenna.”—MAT. 11:28.

FAARFANNAA 17 “Nan Fedha”

QABIYYEE *

1. Akka Maatewos 11:28-30 irratti ibsametti Yesuus abdii akkamii kenneera?

YESUUS namoota isa dhaggeeffachaa turaniif abdii gammachiisaa, “Gara koo kottaa, anis boqonnaa isiniif nan kenna” jedhu isaaniif kenneera. (Maatewos 11:28-30 dubbisi.) Kun abdii hin raawwatamne miti. Fakkeenyaaf, mee dubartii dhukkuba cimaadhaan rakkachaa turte takkaaf wanta inni godhe yaadaa.

2. Yesuus dubartii dhukkubsatte takkaaf maal godhe?

2 Dubartiin sun gargaarsi baayʼee ishii barbaachisa ture. Dhukkuba ishii irraa akka fayyitu abdachuudhaan ogeeyyii fayyaa hedduu bira deemteetti. Waggaa 12f rakkachaa erga turtee booda illee, fayyuu hin dandeenye. Ishiin akka Seerichaatti qulqulluu hin turre. (Lew. 15:25) Yesuus namoota dhukkubsatan fayyisuu akka dandaʼu waan dhageesseef isa barbaaduu deemte. Yommuu isa argattu fiixee uffata isa kan tuqxe siʼa taʼu, achiis battaluma sanatti ni fayyite! Taʼus, Yesuus qaama ishii fayyisuu caalaa wanta godhe qaba; ulfinni ishiis akka ishiidhaaf deebiʼu godheera. Fakkeenyaaf, yeroo ishii wajjin dubbatetti, “Intala ko” jedhee ishii waamuudhaan akka ishii jaallatuu fi kabaju argisiiseera. Dubartiin tun dhugumaan boqonnaa akka argattee fi akka jajjabaatte hin shakkisiisu.—Luq. 8:43-48.

3. Gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii arganna?

3 Dubartiin sun gara Yesuus akka deemte hubadhaa. Gara isaa dhaquudhaaf dursa fudhatteetti. Harʼas haalli isaa akkasuma, gara Yesuus dhufuuf carraaqqii gochuu qabna. Yeroo harʼaa Yesuus dhukkuba qaamaa namoonni gara isaa dhufan qaban dinqiidhaan hin fayyisu. Taʼus, “Gara koo kottaa, anis boqonnaa isiniif nan kenna” jechuudhaan ammas nu affeeraa jira. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan shaniif deebii arganna: Gara Yesuus dhufuu kan dandeenyu akkamitti? Yesuus, “Waanjoo koo baadhaa” yommuu jedhu maal jechuu isaa ti? Yesuus irraa maal barachuu dandeenya? Hojiin inni nuuf kenne boqonnaa argamsiisa kan jennu maaliifi? Waanjoo Yesuus jalatti boqonnaa argachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

“GARA KOO KOTTAA”

4-5. Karaawwan gara Yesuus dhufuu itti dandeenyu tokko tokko kam faʼi?

4 Karaan gara Yesuus dhufuu itti dandeenyu inni tokko waaʼee wantoota inni dubbatee fi raawwatee hamma dandeenyu barachuu dha. (Luq. 1:1-4) Namni kam iyyuu kana nuuf gochuu waan hin dandeenyeef, seenaawwan waaʼee Yesuus dubbatan ofuma keenyaa qoʼachuu qabna. Kana malees, cuuphamuu fi barattoota Kiristoos taʼuuf murteessuudhaan gara Yesuus dhufuu dandeenya.

5 Karaan gara Yesuus dhufuu itti dandeenyu inni kan biraan immoo gargaarsi yoo nu barbaachise gara jaarsolii gumii deemuu dha. Yesuus hoolota isaa kunuunsuuf ‘dhiirota kennaa’ taʼan kanatti fayyadama. (Efe. 4:7, 8, 11; Yoh. 21:16; 1 Phe. 5:1-3) Nutis dursa fudhachuudhaan gargaarsa isaanii gaafachuu qabna. Jaarsoliin wanta sammuu keenya keessatti yaannuu fi wanta barbaannu akka beekan hin eegnu. Wanta obboleessi Juuliyaan jedhamu dubbate hubadhaa. Akkana jedheera: “Sababii haala fayyaa kootiin kan kaʼe Betʼelii baʼuun na barbaachisee ture, achiis michuun koo tokko jaarsoliin akka na jajjabeessaniif akkan isaan gaafadhu natti hime. Jalqaba irratti akka na barbaachisu natti hin dhagaʼamne. Booda garuu akka na gargaaranin gaafadhe, daawwannaan isaan naaf godhan kunis kennaa guddaa hanga ammaatti argadhe keessaa isa tokko dha.” Jaarsoliin amanamoon akka obboloota lamaan Juuliyaaniin jajjabeessanii jiran, “yaada Kiristoos” akka beeknu jechuunis ilaalcha isaa akka hubannuu fi fakkeenya isaa akka hordofnu nu gargaaruu dandaʼu. (1 Qor. 2:16; 1 Phe. 2:21) Kun kennaa guddaa isaan nuu kennuu dandaʼan keessaa isa tokko dha.

“WAANJOO KOO BAADHAA”

6. Yesuus, “Waanjoo koo baadhaa” yommuu jedhu maal jechuu isaa ti?

6 Yesuus “Waanjoo koo baadhaa” yommuu jedhu “Aangoo kootiif bitamaa” jechuu isaa taʼuu dandaʼa. Kana malees, “Ana wajjin waanjoo jala galaa, achiis waliin taanee Yihowaadhaaf hojjenna” jechuu isaa taʼuu dandaʼa. Kanas taʼe sana, yaadni kun lamaan iyyuu hojjechuu akka qabnu argisiisu.

7. Akka Maatewos 28:18-20 jedhutti hojii akkamiitu nuuf kenname? Waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

7 Jireenya keenya Yihowaadhaaf yommuu murteessinuu fi cuuphamnu affeerraa Yesuus akka fudhanne argisiisna. Yesuus namni hundi gara isaa akka dhufu affeereera, nama dhugumaan Waaqayyoon tajaajiluu barbaadus ni simata. (Yoh. 6:37, 38) Duuka buutonni Kiristoos hundi hojii Yihowaan Yesuus akka hojjetuuf isaa kenne irratti hirmaachuuf mirga argataniiru. Yesuus hojii kana akka hojjennu nu gargaaruuf yeroo hunda akka nu wajjin jiru mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—Maatewos 28:18-20 dubbisi.

‘ANA IRRAA BARADHAA’

Akkuma Yesuus godhe warra kaaniif boqonnaa argamsiisaa (Keeyyata 8-11 ilaali) *

8-9. Namoonni gad of qaban Yesuusitti kan dhihaatan maaliif ture? Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?

8 Namoonni gad of qaban Yesuusitti ni dhihaatu turan. (Mat. 19:13, 14; Luq. 7:37, 38) Maaliifi? Garaa garummaa Yesuusii fi Fariisota gidduu jiru mee yaadaa. Geggeessitoonni amantii kun warra jaalala hin qabnee fi of tuulan turan. (Mat. 12:9-14) Yesuus garuu jaalala qabeessaa fi kan gad of qabu ture. Fariisonni beekamtii fi iddoo guddaa argachuu barbaadu turan. Yesuus garuu fedhii dogoggoraa kana hin jajjabeessine, kanaa mannaa barattoonni isaa akka gad of qabanii fi warra kaan akka tajaajilan isaan barsiiseera. (Mat. 23:2, 6-11) Fariisonni warra kaan sossodaachisuu fi doorsisuudhaan isaan toʼatu turan. (Yoh. 9:13, 22) Yesuus hojiiwwan isaa warra jaalala irratti hundaaʼaniin, akkasumas jechoota gaarummaa qaban dubbachuudhaan warra kaaniif boqonnaa argamsiiseera.

9 Barumsawwan kanneen Yesuus irraa barattaniittuu? Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Namoonni garraamii fi kanan gad of qabu akkan taʼetti na ilaaluu? Warra kaan tajaajiluuf hojiiwwan gad aanaa taʼan fedhiidhaan nan hojjedhaa? Warra kaanitti gaarummaa nan argisiisaa?’

10. Yesuus warra isa wajjin hojjetaniif haala mijataa akkamii uumeera?

10 Yesuus warra isa wajjin hojjetaniif haalli gaarii fi mijataa taʼe akka uumamu godheera; isaan leenjisuunis isa gammachiisa ture. (Luq. 10:1, 19-21) Barattoonni isaa gaaffii akka gaafatan isaan jajjabeesseera, yaada isaanii yommuu ibsanis isaan dhaggeeffachuuf fedhii qaba ture. (Mat. 16:13-16) Barattoonni Yesuus akkuma biqiltuu haala qilleensaa gaarii hin taane irraa eegumsa argateetti lalisaniiru. Barumsawwan Yesuus barsiiseef xiyyeeffannaa kennaniiru, akkasumas hojii gaarii hojjechuudhaan firii godhataniiru.

Salphaatti Kan Itti dhihaatamtanii fi miira michummaa kan qabdan taʼaa

Dammaqinaa fi hinaaffaa qabaadhaa

Kan gad Of qabdanii fi jabaattanii kan hojjettan taʼaa *

11. Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?

11 Warra kaan irratti hamma tokko aangoo qabdaa? Taanaan akkana jedhii of gaafadhu: ‘Bakka hojiittis taʼe manatti warra kaan akkamittan qaba? Nageenyi akka jiraatu nan godhaa? Warri kaan gaaffii akka gaafatan isaan nan jajjabeessaa? Yaada isaanii yommuu ibsan hoo dhaggeeffachuuf fedhii qabaa?’ Nuti matumaa akka Fariisotaa taʼuu hin barbaannu. Isaan yommuu namoonni gaaffii isaan gaafatan ni aaru turan, akkasumas warra ilaalcha isaan qaban irraa adda taʼe qaban ni ariʼatu turan.—Mar. 3:1-6; Yoh. 9:29-34.

“BOQONNAA ARGATTU”

12-14. Hojiin Yesuus nuuf kenne boqonnaa argamsiisa kan jennu maaliifi?

12 Hojiin Yesuus nuuf kenne boqonnaa nuuf argamsiisa kan jennu maaliifi? Sababiiwwan hedduun kan jiran taʼus, muraasa isaanii qofa haa ilaallu.

13 Ilaaltuu ol aanaa gaarii qabna. Ilaaltuu Ol Aanaa keenya isa hunda caalu kan taʼe Yihowaan, gooftaa gara jabeessa tajaajiltoota isaa hin galateeffanne miti. Inni hojii nuti hojjennu ni dinqisiifata. (Ibr. 6:10) Akkasumas humna itti gaafatamummaa keenya baʼuuf nu barbaachisu nuuf kenna. (2 Qor. 4:7; Gal. 6:5, milj.) Yesuus inni Mootii keenya taʼe warra kaan akkamitti qabuu akka qabnu ilaalchisee fakkeenya gaarii nuuf taʼeera. (Yoh. 13:15) Jaarsoliin nu tiksanis fakkeenya Yesuus isa “tiksee hoolotaa isa guddaa” taʼee hordofuuf yaalii godhu. (Ibr. 13:20; 1 Phe. 5:2) Yommuu nu barsiisanii fi eegumsa nuuf godhan, gaarummaa argisiisuuf, nu jajjabeessuu fi ija jabeeyyii taʼuuf carraaqu.

14 Michoota gaarii qabna. Namoonni akka keenyaa michoota jaalala qabeeyyii taʼanii fi hojii gaarii qaban hin jiran. Mee yaadaa: Namoota naamusa gaarii kan qaban taʼanis warra kaan irra akka caalan isaanitti hin dhagaʼamne wajjin hojjechuuf mirga arganneerra. Isaan dandeettii hedduu qabu, taʼus of hin jajan, akkasumas warri kaan isaan irra akka caalan yaadu. Warra isaan wajjin hojjennu akka taanetti qofa utuu hin taʼin, akka michoota isaaniitti nu ilaalu. Kana malees, jaalalli isaan nuuf qaban cimaa waan taʼeef, lubbuu isaanii illee dabarsanii nuu kennuuf fedhii qabu.

15. Hojii hojjechaa jirru ilaalchisee maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?

15 Hojii gaarii qabna. Dhugaa waaʼee Yihowaa ibsu namoota barsiisna, sobawwan Diyaabilos dubbates ni saaxilla. (Yoh. 8:44) Seexanni baʼaa namoonni baachuu hin dandeenye isaanitti feʼa. Fakkeenyaaf, Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama akka nuuf hin goonee fi akka nu hin jaallanne nu amansiisuu barbaada. Kun soba cimaa namoonni akka abdii kutatan taasisu dha. Gara Kiristoos yommuu dhufnu cubbuu keenyaaf dhiifama arganna. Akkasumas Yihowaan hunda keenya baayʼee jaallata. (Rom. 8:32, 38, 39) Namoonni Yihowaatti amanamuu akka baratan gargaaruunii fi jireenyi isaanii yommuu fooyyaʼu arguun baayʼee nama gammachiisa!

WAANJOO YESUUS JALATTI BOQONNAA ARGACHUU KEESSAN ITTI FUFAA

16. Baʼaan Yesuus akka baannu nu gaafate baʼaawwan kan biroo baachuu qabnu irraa adda kan taʼe akkamitti?

16 Baʼaan Yesuus akka baannu nu gaafate, baʼaawwan kan biroo baachuu qabnu irraa adda dha. Fakkeenyaaf, namoonni hojii hojjechaa oolan, galgala yommuu galan dadhabbii qofa utuu hin taʼin gammachuu akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Faallaa kanaatiin Yihowaa fi Yesuusiin tajaajiluudhaan yeroo keenya erga dabarsinee booda gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Guyyaa hojii irra oollee dadhabuu waan dandeenyuuf, galgala walgaʼii gumii irratti argamuuf of dirqisiisuun nu barbaachisuu dandaʼa. Taʼus, yeroo baayʼee boqonnaa argannee, akkasumas jajjabaannee manatti deebina. Haaluma wal fakkaatuun lallabuu fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa gochuuf carraaqqii yommuu goonu, eebbi argannu humna baasnu irra ni caala!

17. Haala keenya ilaalchisee maal hubachuu qabna? Waaʼee maalii of eeggachuu qabna?

17 Tokkoon tokkoon keenya humni keenya daangaa akka qabu hubachuu qabna. Kanaafuu wanta goonu ilaalchisee of eeggannoo gochuu qabna. Fakkeenyaaf, qabeenya kuufachuuf yaaluudhaan humna keenya qisaasessuu dandeenya. Yesuus dargaggeessa sooressa, “Jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee isa gaafate tokkoof maal jedhee akka deebise hubadhaa. Dargaggeessi kun duruma iyyuu Seerichaaf ni ajajama ture. Wangeelli Maarqos Yesuus akka “isa jaallate” waan dubbatuuf namni kun nama gaarii taʼuu qaba. Yesuus geggeessaa dargaggeessa taʼe kanaaf affeeraa akkana jedhu isaaf dhiheesse: ‘Dhaqi, wanta qabdu gurguri, sana booda kottuu duuka buutuu koo taʼi.’ Namni kun Yesuus duuka buʼuu barbaadee ture, taʼus, “qabeenya hedduu” qabu dhiisuu hin barbaanne. (Mar. 10:17-22) Kanaan kan kaʼes waanjoo Yesuus baachuu dideera, kanaa mannaa “qabeenyaaf” bitamuu isaa itti fufeera. (Mat. 6:24) Utuu isin taʼee filannoo akkamii gootu turtan?

18. Darbee darbee maal gochuu qabna? Maaliif?

18 Darbee darbee wantoota jireenya keenya keessatti dursa kenninuuf irratti yaaduun keenya gaarii dha. Maaliifi? Sababiin isaas humna keenya ogummaadhaan itti fayyadamaa jiraachuu keenya mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara. Mee wanta dargaggeessi Maarki jedhamu dubbate ilaalaa. Akkana jedheera: “Waggoota hedduudhaaf jireenya salphaa jiraachaa akkan jiru natti dhagaʼama ture. Qajeelchaa taʼee kanan tajaajilu taʼus yeroo hunda waaʼee qarshii fi waaʼee jireenya koo caalaatti mijataa gochuun yaada ture. Jireenyi koo ulfaataa kan taʼe maaliif akka taʼe hubachuufin yaale. Achiis hundumaa caalaa fedhii kootiif dursa kennaa akkan jiruu fi Yihowaadhaaf yeroo fi humna hafe qofa kennaa akkan jirun hubadhe.” Maarki ilaalchaa fi akkaataa jireenyaa isaa irratti sirreeffama gochuudhaan, tajaajila Yihowaa keessatti caalaatti hojjechuuf of dhiheesse. Akkana jedheera: “Yeroo tokko tokko waaʼee qarshii kanan yaaddaʼu taʼus, gargaarsa Yihowaa fi deeggarsa Yesuusiin haala rakkisaa kana injifachuu dandaʼeera.”

19. Ilaalcha sirrii qabaachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

19 Wantoota sadi kan goonu yoo taʼe waanjoo Yesuus jalatti boqonnaa argachuu keenya itti fufna. Tokkoffaa, ilaalcha sirrii qabaadhaa. Kan hojjennu hojii Yihowaa waan taʼeef karaa inni barbaaduun hojjechuu qabna. Nuti hojjettoota dha, Yihowaan immoo Gooftaa dha. (Luq. 17:10) Hojii isaa karaa barbaanneen hojjechuuf yoo yaalle hojichi baayʼee akka nutti ulfaatu gochuu dandeenya. Qotiyyoon humna guddaa qabu tokko illee kallattii barbaadeen deemuu fi waanjoo gooftaan isaa toʼatu of irraa buusuuf kan yaalu yoo taʼe of madeessuu fi of dadhabsiisuun isaa hin oolu. Karaa biraatiin immoo qajeelfama Yihowaa kan hordofnu yoo taʼe, wantoota matumaa hin eegne hojjechuu fi wanta gufuu nutti taʼu kam iyyuu mooʼuu ni dandeenya. Eenyu iyyuu fedhiin Yihowaa akka hin raawwatamne gochuu akka hin dandeenye yaadadhaa!—Rom. 8:31; 1 Yoh. 4:4.

20. Waanjoo Yesuus jala galuuf kakaʼumsa akkamii qabaachuu qabna?

20 Lammaffaa, kakaʼumsa sirriidhaan hojjedhaa. Galmi keenya Abbaa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼeef ulfina fiduu dha. Namoonni jaarraa jalqabaatti sassataan ykn ofittummaadhaan kakaʼanii waa argachuu barbaadan gammachuu dhabaniiru, akkasumas waanjoo Yesuus dhiisaniiru. (Yoh. 6:25-27, 51, 60, 66; Filp. 3:18, 19) Faallaa kanaatiin warri Waaqayyoo fi namootaaf jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe qaban abdii Kiristoos wajjin samii irratti tajaajiluu qabaachuudhaan guutummaa jireenya isaanii isa lafaa irratti waanjoo isaa gammachuudhaan baataniiru. Nutis akkuma isaanii kakaʼumsa sirriidhaan waanjoo Yesuus baannee gammachuudhaan jiraachuu dandeenya.

21. Maatewos 6:31-33 akka jedhutti Yihowaan maal akka godhu abdachuu dandeenya?

21 Sadaffaa, Yihowaan isinii wajjin akka jiru abdadhaa. Jireenya fedhii ofii aarsaa gochuu fi jabaatanii hojjechuu gaafatu filanneerra. Yesuus ariʼatamni akka nu irra gaʼu akeekkachiiseera. Taʼus, Yihowaan cimina rakkina kam iyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuuf nu dandeessisu akka nuuf kennu abdachuu dandeenya. Hammuma jabaannee dhaabbanne ciminni keenya dabalaa deema. (Yaq. 1:2-4) Kana malees Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuuf kennu, Yesuusis akka nu tiksuu fi obboloonni keenya immoo akka nu jajjabeessan eeguu dandeenya. (Maatewos 6:31-33 dubbisi; Yoh. 10:14; 1 Tas. 5:11) Kana caalaa maal barbaanna ree?

22. Wanta isa kamiif galateeffachuu dandeenya?

22 Dubartiin Yesuus fayyise sun guyyaa fayyite sanatti boqonnaa argattee turte. Boqonnaa bara baraa argachuu kan dandeessu garuu barattuu Kiristoos amanamtuu yoo taate qofa dha. Maal waan goote isinitti fakkaata? Waanjoo Yesuus jala galuuf filatteetti yoo taʼe, badhaasa ishiin Yesuus wajjin samii irratti argattu yaaduu dandeessu! Kiristoos duuka buʼuuf jettee aarsaan ishiin kaffalte kam iyyuu eebba kana wajjin wal hin gitu. Abdiin keenya samii irra jiraachuus taʼe lafa irra jiraachuu, affeerraa Yesuus “Gara koo kottaa” jechuudhaan nuuf dhiheesse fudhachuu keenyatti baayʼee galateeffanna!

FAARFANNAA 13 Kiristoos, Fakkeenya Keenya

^ key. 5 Yesuus gara isaa akka dhufnu nu affeereera. Affeerraa isaa fudhachuun maalfaa dabalata? Mata dureen kun gaaffii kanaaf deebii kenna, akkasumas Kiristoos wajjin hojjechuudhaan boqonnaa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu yaadachiisa.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Yesuus karaawwan hedduudhaan warra kaaniif boqonnaa argamsiiseera.

^ key. 66 IBSA FAKKII: Haaluma walfakkaatuun, obboleessi tokkos karaa adda addaatiin warra kaaniif boqonnaa akka argamsiisu argisiisaa jira.