Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 39

“Kunoo, Tuuta Uummataa Guddaa”

“Kunoo, Tuuta Uummataa Guddaa”

‘Kunoo, tuutni uummataa guddaan eenyu illee lakkaaʼuu hin dandeenye teessichaa fi Hoolicha dura dhaabatanii turan.’—MUL. 7:9.

FAARFANNAA 60 Lubbuu Isaanii ni Oolchina

QABIYYEE *

1. Yohaannis ergamaan Dh.K.B. dhuma jaarraa jalqabaatti haala akkamii keessa ture?

DHALOOTA Kiristoos booda dhuma jaarraa jalqabaatti Yohaannis ergamaan haala baayʼee rakkisaa taʼe keessa ture. Yeroo kanatti dulloomee akkasumas odola Phaaximos jedhamtutti hidhamee kan jiru siʼa taʼu, ergamaan lubbuudhaan jiru isa qofa taʼuu hin oolu. (Mul. 1:9) Yohaannis mormitoonni gumiiwwan dogoggorsaa akka jiranii fi wal qoqqoodiinsi akka uumamu gochaa akka jiran beeka ture. Kiristiyaanonni dhugaan sana booda waan jiraatan hin fakkaatu ture.—Yih. 4; Mul. 2:15, 20; 3:1, 17.

Yohaannis ergamaan “tuuta uummataa guddaa” uffata adii uffatanii fi damee muka meexxii harkatti qabatanii jiran argeera (Keeyyata 2 ilaali)

2. Mulʼanni 7:9-14 akka jedhutti Yohaannis mulʼata dinqisiisaa akkamii arge? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

2 Yohaannis haala rakkisaa akkasii keessa utuu jiruu mulʼata dinqisiisaa waaʼee gara fuulduraa dubbatu tokko arge. Mulʼata kana keessatti maleekaan tokko hamma tuuta garboota Waaqayyoo tokkotti chaappaan dhumaa godhamutti qilleensota rakkina guddaa geessisan qabanii akka turan maleekota kan biroo afuritti himeera. (Mul. 7:1-3) Tuutni kun warra Yesuus wajjin samii irratti bulchanii fi lakkoofsi isaanii 144,000 taʼu kan of keessatti qabate dha. (Luq. 12:32; Mul. 7:4) Achiis Yohaannis tuuta kan biraa baayʼee guddaa taʼe tokko caqasuudhaan jecha “Kunoo” jedhuu fi tarii wanti inni arge akka isa dinqisiise argisiisu dubbate. Yohaannis maal arge? “Tuuta uummataa guddaa eenyu illee lakkaaʼuu hin dandeenyee fi saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan, . . . teessichaa fi Hoolicha dura dhaabatanii turan” arge. (Mulʼata 7:9-14 dubbisi) Yohaannis gara fuulduraatti namoonni baayʼeen karaa sirrii taʼeen Waaqayyoon akka waaqeffatan beekuun isaa hammam akka isa gammachiise tilmaamuu dandeessu!

3. (a) Mulʼanni Yohaannis arge amantii keenya cimsuu kan qabu maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti waaʼee maalii baranna?

3 Mulʼanni kun amantii Yohaannis cimsee akka ture hin shakkisiisu. Nutis yeroo itti mulʼanni kun raawwatamaa jiru keessa waan jiraannuuf mulʼanni kun amantii keenya caalaatti cimsuu qaba. Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi rakkina guddaa jalaa oolanii bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdii qaban yommuu walitti qabaman argaa jirra. Mata duree kana keessatti Yihowaan waggoota saddeettamaa ol dura eenyummaa tuuta uummataa guddaa kana saba isaatiif kan ibse akkamitti akka taʼe baranna. Achiis waaʼee tuuta kanaa wantoota lama jechuunis, (1) baayʼina isaanii, akkasumas (2) guutummaa addunyaa maraa irraa kan dhufan taʼuu isaanii ilaalla. Qabxiiwwan kunneen amantii namoota kutaa tuuta eebbifamoo kanaa taʼan hundaa kan cimsu taʼuu qaba.

TUUTNI UUMMATAA GUDDAAN EESSA JIRAATU?

4. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu Sabni Kiristiyaanaa utuu hin hubatin hafte isa kami? Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hoo gama kanaan isaan irraa adda kan taʼan akkamitti?

4 Sabni Kiristiyaanaa akka walii galaatti dhugaa Kitaaba Qulqulluu ilmaan namootaa ajajamoo taʼan gaaf tokko lafa irra bara baraaf akka jiraatan ibsu hin barsiistu. (2 Qor. 4:3, 4) Yeroo harʼaa dhaabbileen amantii Saba Kiristiyaanaa keessa jiran hedduun namoonni gaariin hundi yommuu duʼan gara samii akka deeman barsiisu. Wanti tuutni xinnoon Barattoota Kitaaba Qulqulluu jedhamanii fi bara 1879 eegalanii Masaraa Eegumsaa maxxansuu jalqaban barsiisan garuu kana irraa adda ture. Waaqayyo Jannata deebisee akka hundeessuu fi ilmaan namootaa miliyoonaan lakkaaʼamanii fi ajajamoo taʼan samii irra utuu hin taʼin asuma lafa irra akka jiraatan hubatanii turan. Haa taʼu malee, ilmaan namootaa ajajamoo taʼan kun eenyufaa akka taʼan sirriitti hubachuuf yeroo isaanitti fudhatee ture.—Mat. 6:10.

5. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu warra 144,000 ilaalchisee maal jedhanii amanu turan?

5 Dhugaadha, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu namoonni muraasni “lafa irraa bitaman” samii irratti Yesuus wajjin akka bulchanis Kitaaba Qulqulluu irraa hubatanii turan. (Mul. 14:3) Tuutni kun lakkoofsi isaanii 144,000 siʼa taʼu, Kiristiyaanota of murteessanii fi hinaaffaa qaban, akkasumas yommuu lafa irra turanitti amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilan kan of keessatti qabate dha. Tuuta uummataa guddaa ilaalchisee hoo maal jedhanii amanu turan?

6. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tuuta uummataa guddaa ilaalchisee maal jedhanii amanu turan?

6 Yohaannis mulʼata isaa irratti tuutni kun ‘teessichaa fi Hoolicha dura dhaabatanii akka turan’ argeera. (Mul. 7:9) Jechoonni kun Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tuutni uummataa guddaan akkuma warra 144,000 samii irra jiraatu jedhanii akka amanan isaan taasiseera. Tuutni uummataa guddaanis taʼe warri 144,000 taʼan samii irra kan jiraatan yoo taʼe tuuta kana lamaan wanti adda isaan taasisu maali dha? Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tuutni uummataa guddaan Kiristiyaanota yommuu lafa irra jiraatanitti guutummaatti Waaqayyoof hin ajajamne taʼuu qabu jedhanii yaadu turan. Ulaagaawwan naamusaa Kitaaba Qulqulluu kan hordofan taʼus, isaan keessaa tokko tokko miseensota dhaabbilee amantii Saba Kiristiyaanaa taʼanii itti fufanii taʼuu dandaʼa. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu namoonni kun hamma tokko Waaqayyoof jaalala kan qaban taʼus, kun garuu Yesuus wajjin bulchuuf gaʼaa miti jedhanii amanu turan. Jaalalli isaan Waaqayyoof qaban gaʼaa waan hin taaneef tuutni uummataa guddaan samii irratti teessoo fuuldura dhaabbachuuf malee teessoo irra taaʼuuf gaʼumsa hin qaban jedhanii yaadu turan.

7. Akka Barattoonni Kitaaba Qulqulluu amanaa turanitti yeroo Bulchiinsa Barkumeetti lafa irra kan jiraatan eenyu faʼi? Namoota amanamoo bara duriitti jiraatan ilaalchisee hoo maal jedhanii amanu turan?

7 Maarree, lafa irra kan jiraatan eenyu faʼi? Barattoonni Kitaaba Qulqulluu, warri 144,000 taʼanii fi tuutni uummataa guddaan samii irratti erga walitti qabamanii booda, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kaan immoo lafa irratti eebba Bulchiinsa Barkumee Kiristoos akka argatan amanu turan. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kun Bulchiinsi Kiristoos jalqabuu isaa dura Yihowaa tajaajilu jedhanii hin eegan. Kanaa mannaa, tuutni kun yeroo Bulchiinsa Barkumeetti waaʼee Yihowaa baratu jedhanii yaadu turan. Achiis warri ulaagaawwan Yihowaa wajjin wal simanii jiraatan lafa irratti jireenya bara baraa argachuudhaan eebbifamu, namoonni hamoon immoo ni balleeffamu. Kana malees Barattoonni Kitaaba Qulqulluu “qulqulloota durii” duʼaa kaafaman (namoota amanamoo Kiristoos dhufuu isaa dura duʼan) dabalatee tarii namoonni yeroo sanatti lafa irratti ‘mootota’ taʼanii tajaajilan dhuma Bulchiinsa Barkumeetti samii irratti jireenya argachuudhaan karaa taʼe tokkoon ni badhaafamu jedhanii yaadu turan.—Far. 45:16.

8. Kaayyoo Waaqayyoo keessatti tuuta akkamii sadiitu jira jedhamee yaadama ture?

8 Kanaaf, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tuutni sadi akka jiru amanu turan: (1) warri 144,000 taʼan, namoota samii irratti Yesuus wajjin bulchani dha; (2) tuutni uummataa guddaan, Kiristiyaanota hinaaffaa xinnoo qabanii fi samii irratti teessoo Yesuus fuuldura dhaabbatani dha; akkasumas (3) namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman immoo, warra yeroo Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti lafa irratti waaʼee Yihowaa baratani dha. * Haa taʼu malee, dhimma kana ilaalchisee yeroo Yihowaan murteessetti ifni dhugaa caalaatti ifaa deemuu jalqabe.—Fak. 4:18.

IFNI DHUGAA CAALAATTI IFAA DEEME

Walgaʼii guddaa bara 1935 godhame irratti namoonni abdii lafa irra jiraachuu qaban hedduun cuuphamaniiru (Keeyyata 9 ilaali)

9. (a) Tuutni uummataa guddaan “teessichaa fi Hoolicha dura” kan dhaabbatan haala akkamiitiini? (b) Sirreeffamni Mulʼata 7:9 irratti godhame sirrii dha kan jennu maaliifi?

9 Bara 1935⁠tti eenyummaan tuuta uummataa guddaa mulʼata Yohaannis keessatti ibsamanii ifa taʼe. Dhugaa Baatonni Yihowaa tuutni uummataa guddaan “teessichaa fi Hoolicha dura” dhaabbachuuf kallattiidhaan gara samii deemuun akka isaan hin barbaachisne hubatan. Kanaa mannaa kana kan godhan akka fakkeenyaatti dha. Tuutni uummataa guddaan kan jiraatan lafa irra taʼus, aangoo Yihowaa fudhachuu fi ol aantummaa isaatiif bitamuudhaan ‘teessicha dura’ dhaabbachuu dandaʼu. (Isa. 66:1) Akkasumas aarsaa furii Yesuus irratti amantii qabaachuudhaan “Hoolicha dura” dhaabbachuu dandaʼu. Haaluma wal fakkaatuun, Maatewos 25:31, 32 irratti namoota hamoo dabalatee “saboonni hundinuu” teessoo Yesuus isa ulfina qabeessa taʼe duratti akka ‘walitti qabaman’ ibsameera. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, saboonni kun samii irra utuu hin taʼin lafa irratti walitti qabamu. Sirreeffamni godhame kun sirrii ture. Sirreeffamni kun Kitaabni Qulqulluun tuutni uummataa guddaan gara samii akka deeman kan hin dubbanne maaliif akka taʼe ibsa. Abdii samii irra bara baraaf jiraachuu kan qaban tuuta tokko qofa jechuunis warra 144,000 taʼanii fi Yesuus wajjin ‘mootota taʼanii lafa irratti bulchani’ dha.—Mul. 5:10.

10. Tuutni uummataa guddaan Bulchiinsi Barkumee jalqabuu isaa dura waaʼee Yihowaa barachuu kan qaban maaliifi?

10 Bara 1935 kaasee Dhugaa Baatonni Yihowaa tuutni uummataa guddaan Yohaannis mulʼataan arge Kiristiyaanota amanamoo abdii bara baraaf lafa irra jiraachuu qaban akka taʼan hubataniiru. Tuutni uummataa guddaan, rakkina guddaa jalaa ooluuf Bulchiinsi Barkumee jalqabuu isaa dura waaʼee Yihowaa barachuu qabu. ‘Wantoota taʼuun isaanii hin oolle kana hunda jalaa baʼuuf’ Bulchiinsi Barkumee Kiristoos jalqabuu isaa dura amantii cimaa akka qaban argisiisuun isaan barbaachisa.—Luq. 21:34-36.

11. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko namoonni muraasni Bulchiinsa Barkumee booda gara samii deemu jedhanii kan yaadan maaliif taʼuu dandaʼa?

11 Namoonni lafa irra jiraatanii fi fakkeenya taʼan tokko tokko Bulchiinsa Barkumee booda gara samii deemu yaada jedhu ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Yaadni kun waggoota hedduu dura maxxansa Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, bara 1913 irratti caqasameera. Tarii namni tokko ‘Namoonni amanamoon bara durii jiraatan lafa irra kan jiraatanii fi Kiristiyaanonni hamma isaanii amanamoo hin taane immoo samii irratti jireenya kan badhaafaman maaliifi?’ jedhee gaafachuu dandaʼa. Dhugaadha, ilaalchi akkasii yaada dogoggoraa, (1) tuutni uummataa guddaan samii irra jiraatu, akkasumas (2) tuutni uummataa guddaan Kiristiyaanota hinaaffaa xinnoo qabani dha jedhu irratti kan hundaaʼe dha.

12-13. Dibamtoonnis taʼe tuutni uummataa guddaan badhaasa isaanii ilaalchisee maal beeku?

12 Akkuma olitti ilaalle bara 1935 kaasee Dhugaa Baatonni Yihowaa namoonni Armaagedoon irraa oolan tuuta uummataa guddaa Yohaannis mulʼataan arge akka taʼan ifatti hubataniiru. Isaan ‘rakkina guddaa keessaa kan dhufan’ asuma lafa irratti siʼa taʼu, “sagalee guddaadhaan, ‘Fayyina kan arganne, Waaqayyo keenya isa teessoo irra taaʼee fi Hoolicha irraa ti’ jedhanii iyyu.” (Mul. 7:10, 14) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun warri samii irratti jireenya argachuuf duʼaa kaʼan namoota amanamoo bara duriitti jiraatan caalaa “wanta caalu” akka argatan barsiisa. (Ibr. 11:40) Kanaan kan kaʼes obboloonni keenya namoonni abdii bara baraaf lafa irra jiraachuu qabaatanii Yihowaa akka tajaajilan hinaaffaadhaan affeeruu jalqaban.

13 Tuutni uummataa guddaan abdii isaaniitti ni gammadu. Samii irrattis taʼe lafa irratti waaqeffattoonni isaa amanamoon bakka itti isa tajaajilan kan murteessu Yihowaa akka taʼe ni hubatu. Dibamtoonnii fi tuutni uummataa guddaan badhaasa isaanii argachuu kan dandaʼan gaarummaa guddaa Yihowaa karaa aarsaa furii Yesuus Kiristoosiin ibsameen qofa akka taʼe beeku.—Rom. 3:24.

BAAYʼINNI ISAANII HEDDUU DHA

14. Bara 1935 booda raajiin waaʼee tuuta uummataa guddaa dubbatame akkamitti akka raawwatamu ilaalchisee namoota hedduutti gaaffii kan uume maaliifi?

14 Hubannaan sabni Yihowaa qabu bara 1935⁠tti erga ifa taʼee booda, warri abdii lafa irra jiraachuu qaban baayʼatanii tuuta uummataa guddaa kan taʼan akkamitti akka taʼe namoota baayʼeetti gaaffii uumee ture. Fakkeenyaaf, Roonaald Paarkiin yommuu eenyummaan tuuta uummataa guddaa ifa taʼetti umuriin isaa waggaa 12 ture. Wanta yaadatu yommuu dubbatu akkana jedheera: “Yeroo sana addunyaa mara irra babalʼistoonni gara 56,000 taʼan kan jiran siʼa taʼu baayʼeen isaanii tarii immoo harki caalaan isaanii dibamtoota turan. Kanaaf tuutni uummataa guddaan baayʼee guddaa waan taʼan hin fakkaatu ture.”

15. Hojiin tuuta uummataa guddaa walitti qabuu guddachuu isaa kan itti fufe akkamitti?

15 Haa taʼu malee, waggoottan itti aananii jiranitti misiyoononni biyyoota hedduutti waan ergamaniif lakkoofsi Dhugaa Baatota Yihowaa haala itti fufiinsa qabuun dabale. Achiis, bara 1968⁠tti, kitaaba Dhugaa Jireenya Bara Baraatti Geessu jedhamutti fayyadamuudhaan sagantaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu ni jalqabame. Kitaabni kun karaa salphaa taʼeen dhugaa Kitaaba Qulqulluu kan ibsu taʼuun isaa yeroo kam iyyuu caalaa xiyyeeffannaa namoota garraamii taʼanii harkisee ture. Waggaa afur keessatti barattoonni haaraan miliyoona walakkaadhaa ol taʼan cuuphamaniiru. Laatiin Ameerikaa fi biyyoota kan birootti dhiibbaan Waldaa Kaatolikii hirʼachuu yommuu jalqabuu fi Awurooppaa Bahaa fi biyyoota Afrikaa tokko tokko keessatti dhorkaan hojii keenya irratti godhamee ture yommuu kaʼu, namoonni dabalataa miliyoonaan lakkaaʼaman ni cuuphaman. (Isa. 60:22) Waggoota dhihoodhaa asitti jaarmiyaan Yihowaa namoonni wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu akka baratan gargaaruuf meeshaalee buʼa qabeessa taʼan hedduu qopheesseera. Yeroo ammaatti tuutni uummataa guddaan lakkoofsi isaanii miliyoona saddeetii ol taʼu akka walitti qabaman hin shakkisiisu.

TUUTA UUMMATAA GUDDAA ADDUNYAA MARA IRRAA DHUFAN

16. Tuutni uummataa guddaan eessaa walitti qabamu?

16 Yohaannis mulʼata isaa yommuu barreessu tuutni uummataa guddaan, “saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa” akka dhufan hubatee ture. Zakaariyaas raajichi wanta kana wajjin wal fakkaatu dursee raajii dubbateera. Akkana jechuudhaan barreesseera: “Guyyaa sanatti saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa namoonni kudhan fiixee uffata nama Yihudii tokko qabanii, ‘Waaqayyo sii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii wajjin achi in dhaqna’ in jedhu.”—Zak. 8:23.

17. Namoota saba hundumaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan gargaaruuf maaltu hojjetamaa jira?

17 Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota qooqa hundumaa keessaa walitti qabuuf misiraachichi afaanota hedduudhaan lallabamuu akka qabu hubatanii turan. Waggoota 130 oliif barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran hiikaa turreerra, amma garuu afaanota dhibbaan lakkaaʼamaniin hojii hiikkaa seenaa keessatti baayʼee guddaa taʼe raawwachaa jirra. Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti,Yihowaan saba hundumaa keessaa tuuta uummataa guddaa walitti qabuudhaan bara keenyatti dinqii hojjechaa jira. Nyaata hafuuraa afaanota hedduudhaan argamuuf galanni haa taʼuutii, tuutni addunyaa mara irraa dhufe kun tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffachaa jira. Sabni Yihowaas hinaaffaadhaan lallabuu fi jaalala obbolummaa isaaniitiin beekamu. Kun amantii kan namaaf cimsu dha mitii?—Mat. 24:14; Yoh. 13:35.

MULʼANNI KUN NUUF HIIKA MAALII QABA?

18. (a) Yaada Isaayaas 46:10 irra jiru wajjin haala wal simuun Yihowaan raajiin tuuta uummataa guddaa ilaalchisee dubbatame akka raawwatamu gochuun isaa kan nu hin dinqisiisne maaliifi? (b) Warri abdii lafa irra jiraachuu qaban waa akka isaanitti hafe kan isaanitti hin dhagaʼamne maaliifi?

18 Tuuta uummataa guddaa ilaalchisee raajii dubbatametti baayʼee gammanna! Yihowaan raajii kana karaa dinqisiisaa taʼeen akka raawwatamu gochuun isaa nu hin ajaaʼibsiisu. (Isaayaas 46:10, 11 dubbisi.) Tuutni uummataa guddaan abdii Yihowaan isaanii kenneef baayʼee galateeffatu. Samii irratti Yesuus wajjin akka tajaajilaniif hafuura Waaqayyootiin dibamuu dhiisuu isaaniitiif waa akka isaanitti hafe isaanitti hin dhagaʼamu. Kitaaba Qulqulluu keessatti seenaa dhiirotaa fi dubartoota amantii qabanii fi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii arganna, taʼus namoonni kun kutaa warra 144,000 miti. Yohaannis Cuuphaan isaan keessaa tokko dha. (Mat. 11:11) Inni kan biraan immoo Daawiti. (HoE. 2:34) Isaan dabalatee namoonni kan biroo hedduun lafa jannata taatu irra jiraachuuf duʼaa ni kaʼu. Hundi isaanii tuuta uummataa guddaa wajjin taʼuudhaan amanamummaa Yihowaa fi ol aantummaa isaatiif qaban argisiisuuf carraa argatu.

19. Mulʼanni Yohaannis arge raawwatamuun isaa yeroon keessa jirru ariifachiisaa akka taʼe kan argisiisu akkamitti?

19 Waaqayyo seenaa ilmaan namootaa keessatti namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi saba hundumaa keessaa dhufan akka ammaa tokkummaa akka qabaatan godhee hin beeku. Abdiin keenya samii irras taʼe lafa irra jiraachuu, namoonni hedduun tuuta uummataa guddaa kutaa “hoolota kan biraa” akka taʼan hamma dandeenyu gargaaruu qabna. (Yoh. 10:16) Yihowaan yeroo dhihootti akkuma raajiidhaan dubbatame rakkina guddaa fiduudhaan mootummootaa fi dhaabbilee amantii ilmaan namootaa miidhan ni balleessa. Miseensonni tuuta uummataa guddaa hundi carraa lafa irratti bara baraaf Yihowaa tajaajiluu argachuun isaanii mirga guddaa dha!—Mul. 7:14.

FAARFANNAA 139 Addunyaa Haaraa Kessatti Of Ilaali

^ key. 5 Mata dureen kun mulʼata raajii of keessatti qabatee fi Yohaannis ergamaan “tuuta uummataa guddaa” walitti qabuu ilaalchisee arge ibsa. Kunis amantii namoota abdii dinqisiisaa kana qaban hundaa akka cimsu hin shakkisiisu.

^ key. 8 Kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaa Labsitoota Mootummichaa Taʼan (Ingiliffa) jedhamu ful. 159-163 ilaali.