MATA DUREE QOʼANNAA 37
Fedhiidhaan Yihowaadhaaf Bitamaa
‘Abbaadhaaf bitamuun keenya caalaatti barbaachisaa mitii ree?’—IBR. 12:9.
FAARFANNAA 9 Yihowaan Mootii Keenya!
QABIYYEE *
1. Yihowaadhaaf bitamuu kan qabnu maaliifi?
YIHOWAAN Uumaa keenya waan taʼeef isaaf bitamuu * qabna. Inni uumamawwan isaatiif ulaagaa baasuuf mirga qaba. (Mul. 4:11) Taʼus, sababii itti isaaf ajajamnu kan biraas qabna; akkaataan inni itti bulchu hunda irra kan wayyu dha. Guutummaa seenaa ilmaan namootaa keessatti bulchitoonni hedduun warra kaan irratti hamma tokko humnaa fi aangoo qabaachaa turaniiru. Yihowaan bulchitoota kana wajjin yeroo wal bira qabamu hundumaa caalaa Bulchaa ogeessaa fi baayʼee jaalala qabeessa, akkasumas araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe dha.—Bau. 34:6; Rom. 16:27; 1 Yoh. 4:8.
2. Ibroonni 12:9-11 sababii itti Yihowaadhaaf bitamnu kam dubbata?
2 Yihowaan isa sodaannee utuu hin taʼin jaalala isaaf qabnuun kakaanee, akkasumas Abbaa keenya jaalala qabeessa akka taʼetti isa ilaaluudhaan akka isaaf ajajamnu barbaada. Phaawulos xalayaa warra Ibrootaatiif barreesse irratti ‘Abbaadhaaf bitamuun keenya barbaachisaa’ akka taʼe ibseera; sababiin isaas inni kan nu leenjisu “faayidaa keenyaaf” jedhee ti.—Ibroota 12:9-11 dubbisi.
3. (a) Yihowaadhaaf akka bitamnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii kennina?
3 Karaa hundumaan isaaf ajajamuuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan, akkasumas dhiibbaa hubannaa mataa keenyaatti akka amanamnuuf nu irra gaʼu dandamachuudhaan Yihowaadhaaf bitamna. (Fak. 3:5) Waaʼee amalawwan isaa warra gaggaarii taʼanii barachaa yommuu deemnu Yihowaadhaaf bitamuun nuuf salphachaa deema. Maaliif? Sababiin isaas amaloonni kun wantoota inni raawwate hunda irratti calaqqisiifamaniiru. (Far. 145:9) Waaʼee Yihowaa hammuma barachaa deemnu jaalalli isaaf qabnu caalaatti dabalaa deemna. Yihowaa kan jaallannu yoo taʼe immoo seerawwan hedduu wanta gochuu qabnuu fi hin qabne nutti himan hin barbaannu. Ilaalchaa fi miira keenya wanta gaarii taʼe wajjin wal simsiisuu fi wanta hamaa irraa fagaachuuf carraaqqii goona. (Far. 97:10) Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko Yihowaadhaaf ajajamuun salphaa miti. Maaliifi? Jaarsoliin, abbootiinii fi haadholiin fakkeenya Nahimiyaa, Daawit Mootichaa fi Maariyaam ishii haadha Yesuus taate irraa maal barachuu dandaʼu? Mata dureen kun gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.
YIHOWAADHAAF BITAMUUN ULFAATAA TAʼUU KAN DANDAʼU MAALIIFI?
4-5. Roomaa 7:21-23 akka jedhutti Yihowaadhaaf bitamuun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?
4 Wanti Yihowaadhaaf bitamuun akka nutti ulfaatu godhu inni tokko hundi keenya cubbuu kan dhaallee fi mudaa kan qabnu taʼuu keenya dha. Kanaafuu Waaqayyoof ajajamuu kan barbaannu yeroo hunda miti. Addaamii fi Hewaan Waaqayyo irratti fincila erga kaasanii fi firii dhorkame irraa nyaatanii booda ulaagaa mataa isaanii baafatan. (Uma. 3:22) Yeroo harʼaas namoonni baayʼeen Yihowaa dhiisuudhaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ofii isaaniitii murteeffachuuf filataniiru.
5 Yihowaa kan beeknuu fi kan jaallannu taʼus guutummaatti isaaf bitamuuf walʼaansoo gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Phaawulos ergamaa haalli akkasii isa mudatee ture. (Roomaa 7:21-23 dubbisi.) Akkuma Phaawulos nutis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe gochuu barbaanna. Haa taʼu malee, fedhii wanta dogoggoraa raawwachuuf qabnu yeroo hunda mormuu qabna.
6-7. Sababiin Yihowaadhaaf bitamuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼu inni lammaffaan maali dha? Fakkeenya kenni.
6 Sababiin Yihowaadhaaf bitamuun ulfaataa nutti taʼu inni biraan immoo aadaan keessatti guddanne dhiibbaa kan nu irratti godhu taʼuu isaati. Yaadni namootaa hedduun fedhii Yihowaa wajjin wal faallessa, akkasumas akka namoonni yaadanitti yaaduu dhiisuun walʼaansoo gochuu gaafata. Mee fakkeenya tokko ilaalaa.
7 Iddoo tokko tokkotti dargaggoonni jireenyi isaanii qarshii hedduu argachuu irratti akka xiyyeeffatu dhiibbaa isaan irratti gochuun baramaa dha. Obboleettiin Meerii * jedhamtu haalli rakkisaan akkasii ishii mudateera. Waaʼee Yihowaa barachuu ishii dura mana barumsaa beekamaa biyya ishiitti argamu tokko galtee turte. Meeriin hojii kaffaltii guddaa argamsiisu akka argattuu fi warra kaan biratti kabaja akka argattu warri ishii dhiibbaa ishii irratti godhu turan. Ishiinis kana ni barbaaddi turte. Haa taʼu malee, waaʼee Yihowaa erga barattee fi isa jaallachuu erga jalqabdee booda galma ishii ni jijjiirte. Taʼus, kun ishiidhaaf salphaa hin turre. Akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko carraa hojii qarshii hedduu naaf argamsiisuu dandaʼu, garuu immoo akkan amma Yihowaa tajaajilutti akkan hin tajaajille na dhorkuu dandaʼun argadha. Akkaataa guddinaa kootiin kan kaʼe ammas lakki jechuun natti ulfaata. Yihowaan hojii akkan isa hin tajaajille na dhorkuu dandaʼu akkan fudhadhuuf qorumsa na irra gaʼu dandamachuuf akka na gargaarun kadhadhe.”—Mat. 6:24.
8. Kanatti aansinee waaʼee maalii ilaalla?
8 Yihowaadhaaf yommuu bitamnu ofii keenyaa ni fayyadamna. Haa taʼu malee, warri hamma tokko aangoo qaban, fakkeenyaaf jaarsoliin, abbootiinii fi haadholiin qajeelfama Waaqayyoo hordofuuf sababii dabalataa qabu, sababiin isaas isaan warra kaan fayyaduuf carraa qabu. Mee fakkeenyawwan Kitaaba Qulqulluu karaa Yihowaa gammachiisuun aangootti fayyadamuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe nu barsiisan muraasa haa ilaallu.
JAARSOLIIN NAHIMIYAA IRRAA MAAL BARACHUU DANDAʼU?
9. Nahimiyaa haalli rakkisaan akkamii isa mudatee ture?
9 Yihowaan jaarsoliin saba isaa akka tiksaniif itti gaafatamummaa guddaa isaanitti kenneera. (1 Phe. 5:2) Jaarsoliin Nahimiyaan saba Yihowaa akkamitti akka qabe qoruudhaan wanta baayʼee barachuu dandaʼu. Nahimiyaan bulchaa Yihudaa waan tureef aangoo guddaa qaba ture. (Nah. 1:11; 2:7, 8; 5:14.) Mee haalawwan rakkisaa Nahimiyaa mudatan tokko tokko yaadaa. Sabichi mana qulqullummaa akka xureessee fi akka Seerichi ajajutti Lewwootaaf deeggarsa barbaachisaa taʼe gochaa akka hin jirre hubatee ture. Yihudoonni seera Sanbataa cabsanii turan, akkasumas dhiironni tokko tokko dubartoota biyya ormaa fuudhanii turan. Nahimiyaan haala rakkisaa kanaaf furmaata kennuun isa barbaachisa ture.—Nah. 13:4-30.
10. Nahimiyaan haalli rakkisaan yeroo isa mudatetti maal godhe?
10 Nahimiyaan sabni Waaqayyoo ulaagaalee mataa isaa akka hordofan dirqisiisuudhaan aangoo isaatti karaa sirrii hin taaneen itti hin fayyadamne. Kanaa mannaa kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan qajeelfama Yihowaa argachuuf carraaqqii godheera, akkasumas Seera Yihowaa sabicha barsiiseera. (Nah. 1:4-10; 13:1-3) Kana malees Nahimiyaan gad of qabuudhaan hojii dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaruu irratti illee obboloota isaa wajjin hirmaateera.—Nah. 4:15
11. Akka 1 Tasalonqee 2:7, 8 jedhutti jaarsoliin obboloota gumii keessa jiran akkamitti qabuutu isaan irraa eegama?
11 Jaarsoliin haalli rakkisaan Nahimiyaa mudate isaan mudachuu baatus, karaa hedduudhaan fakkeenya isaa hordofuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, obbolootaa fi obboleettota gargaaruuf cimanii hojjetu. Akkasumas aangoo isaaniitiin kan kaʼe warra kaan irra akka caalan isaanitti hin dhagaʼamu. Kanaa mannaa, obboloota gumii keessa jiran jaalalaan qabuuf carraaqu. (1 Tasalonqee 2:7, 8 dubbisi.) Jaalalli guddaanii fi amalli gad of qabuu isaan qaban akkaataa itti warra kaanitti dubbatan irratti dhiibbaa godha. Jaarsi gumii muuxannoo qabuu fi Andiruu jedhamu akkana jedheera: “Jaarsi tokko gaarummaa fi miira michummaa kan argisiisu yoo taʼe obboloonnii fi obboleettonni deebii gaarii akka kennan hubadheera. Amaloonni kunneen immoo gumichi jaarsolii akka deeggaran isaan kakaasa.” Jaarsi gumii yeroo dheeraadhaaf tajaajilee fi Toonii jedhamus akkana jedheera: “Yeroo hunda gorsa Filiphisiyus 2:3 irratti argamu hojii irra oolchuu fi warri kaan ana irra akka caalanitti isaan ilaaluuf carraaqqiin godha. Kunis warri kaan akka naaf ajajaman isaan dirqisiisuuf akkan hin yaalle na gargaareera.”
12. Jaarsoliin gad of qabuu kan qaban maaliifi?
12 Jaarsoliin akkuma Yihowaa kan gad of qaban taʼuu qabu. Yihowaan uumama hunda irratti ol aantummaa kan qabu taʼus, “isa gad-deebiʼaa awwaara keessaa” ol kaasuuf “gad jedha, NW.” (Far. 18:35; 113:6, 7) Siruma iyyuu, Yihowaan warra kooranii fi warra of tuulan ni jibba.—Fak. 16:5.
13. Jaarsi gumii tokko ‘arraba isaa toʼachuu’ kan qabu maaliifi?
13 Jaarsi Yihowaadhaaf bitamu tokko ‘arraba isaa kan toʼatu’ taʼuu qaba. Taʼuu baannaan garuu, namni tokko yoo isa kabajuu baate karaa gaarummaa hin argisiisneen isatti dubbachuu dandaʼa. (Yaq. 1:26; Gal. 5:14, 15) Andiruun inni olitti caqasame akkana jedheera: “Yeroo tokko tokko obboleessa ykn obboleettii akka na hin kabajne natti dhagaʼamutti karaa gaarummaa hin argisiisneen dubbachuun barbaada. Haa taʼu malee, fakkeenya namoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii irrattan xiinxala; kunis gad of qabuu fi garraamii taʼuun barbaachisaa akka taʼe hubachuuf na gargaareera.” Jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼuudhaan, akkasumas obboloota akka isaanii jaarsa taʼan dabalatee warra gumii keessa jiran wajjin yommuu haasaʼan dubbii gurratti tolu dubbachuudhaan Yihowaadhaaf akka bitaman argisiisuu dandaʼu.—Qol. 4:6.
ABBOOTIIN DAAWIT MOOTICHA IRRAA MAAL BARACHUU DANDAʼU?
14. Yihowaan abbootiidhaaf itti gaafatamummaa akkamii kenneera akkasumas maal isaan irraa eega?
14 Yihowaan abbaan mataa maatii akka taʼu muudeera, kanaaf ijoollee isaa akka leenjisuu fi akka adabu isa irraa eega. (1 Qor. 11:3; Efe. 6:4) Taʼus aangoon abbaan tokko qabu daangaa qaba; kana jechuun akkaataa maatii isaa itti qabu ilaalchisee Yihowaa isa maatiin hundi maqaa isaa irraa argate duratti itti gaafatama jechuu dha. (Efe. 3:14, 15) Abbootiin karaa Waaqayyo gammachiisuun aangoo isaaniitti fayyadamuudhaan Yihowaadhaaf akka bitaman argisiisu. Jireenya Daawit Mootichaa qoʼachuudhaanis wanta baayʼee barachuu dandaʼu.
15. Abbootiin fakkeenya Daawit Mootichaa qoruu kan qaban maaliifi?
15 Yihowaan Daawit maatii isaa irratti qofa utuu hin taʼin guutummaa saba Israaʼel irratti mataa akka taʼu isa muudeera. Daawit mootii waan taʼeef aangoo guddaa qaba ture. Yeroo tokko tokko aangoo isaa karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuudhaan dogoggora cimaa raawwata ture. (2 Sam. 11:14, 15) Taʼus, adaba isaaf kenname fudhachuudhaan Yihowaadhaaf akka bitamu argisiiseera. Yeroo kadhannaa dhiheessetti wanta isatti dhagaʼame Yihowaatti himeera. Akkasumas qajeelfama Yihowaatiif ajajamuuf wanta dandaʼu hunda gochuuf yaaleera. (Far. 51:1-4) Kana malees, gad of qabuudhaan dhiirota irraa qofa utuu hin taʼin dubartoota irraas gorsa gaarii fudhateera. (1 Sam. 19:11, 12; 25:32, 33) Daawit dogoggora isaa irraa kan barate siʼa taʼu, jireenyi isaas Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu godheera.
16. Abbootiin, Daawit irraa barumsa akkamii argachuu dandaʼu?
16 Abbootiin, Daawit Mooticha irraa maal barachuu dandeessu? Aangoo Yihowaan isiniif kenne karaa sirrii hin taaneen itti hin fayyadaminaa. Dogoggora keessan amanaa, akkasumas gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi warri kaan isiniif kennan fudhadhaa. Akkas yoo gootan maatiin keessan gad of qabuu keessaniif isin kabaju. Maatii keessan wajjin yommuu kadhattan miira isinitti dhagaʼamu Yihowaadhaaf ibsuudhaan gargaarsaa fi qajeelfama isaa hammam akka barbaaddan maatiin keessan akka hubatu godhaa. Hunda caalaa immoo jireenyi keessan Yihowaa tajaajiluu irratti akka xiyyeeffatu godhaa. (Kes. 6:6-9) Fakkeenyi gaariin keessan kennaa guddaa maatii keessaniif kennuu dandeessan keessaa isa hunda irra caalu dha.
HAADHOLIIN MAARIYAAM IRRAA MAAL BARACHUU DANDAʼU?
17. Yihowaan haadholiidhaaf itti gaafatamummaa akkamii kenneera?
17 Yihowaan maatii keessatti haadhaaf itti gaafatamummaa guddaa kenneera, akkasumas haati ijoollee ishii irratti hamma tokko aangoo akka qabaattu godheera. (Fak. 6:20) Wanti haati takka raawwattuu fi dubbattu jireenya ijoollee ishii irratti dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼa. (Fak. 22:6) Mee wanta haadholiin, Maariyaam ishii haadha Yesuus taate irraa barachuu dandaʼan hubadhaa.
18-19. Haadholiin fakkeenya Maariyaam irraa maal barachuu dandaʼu?
18 Maariyaam Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti beekti turte. Yihowaadhaaf kabaja guddaa kan qabdu taʼuu ishii irra iyyuu isa wajjin hariiroo dhuunfaa cimaa taʼe qabdi turte. Guutummaa jireenya ishii kan jijjiiru taʼus, qajeelfama Yihowaatiif bitamuuf fedhii qabdi turte.—Luq. 1:35-38, 46-55.
19 Haadholiin karaa hedduudhaan fakkeenya Maariyaam hordofuu dandeessu. Akkamitti? Tokkoffaa, dhuunfaatti qoʼachuu fi kadhachuudhaan michummaan Yihowaa wajjin qabdan cimee akka itti fufu gochuu qabdu. Lammaffaa, Yihowaa gammachiisuuf jireenya keessan keessatti jijjiirama gochuuf fedhii qabaachuu qabdu. Fakkeenyaaf, kan guddattan maatii aarii isaanii toʼachuu hin dandeenyee fi ijoollee isaanitti dheekkaman keessatti taʼuu dandaʼa. Kanaafuu kun karaa sirrii ijoollee itti guddisan akka taʼetti yaaddu taʼa. Waaʼee ulaagaawwan Yihowaa erga barattanii booda illee keessumaa yeroo isin dadhabdanitti ijoolleen keessan naamusa gaarii hin Efe. 4:31) Yeroo akkasiitti, Yihowaan akka isin gargaaru kadhachuun baayʼee barbaachisaa dha. Haati Liidiyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko ilmi koo yeroo naaf ajajamuu didutti aariidhaan akkan itti hin dubbanne cimseen kadhadha. Wantan dubbachuu jalqabe illee addaan kuteen Yihowaan akka na gargaaru keessa koottan kadhadha. Kadhannaan akkan tasgabbaaʼu na gargaara.”—Far. 37:5.
taane yoo argisiisan tasgabbaaʼuunii fi obsa qabaachuun isinitti ulfaachuu dandaʼa. (20. Haadholiin tokko tokko haalli rakkisaan akkamii isaan mudata? Haalawwan rakkisaa kana mooʼuu kan dandaʼan hoo akkamitti?
20 Haadholiin tokko tokko immoo jaalala ijoollee isaaniitiif qaban ibsuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. (Tit. 2:3, 4) Dubartoonni tokko tokko maatii warri ijoollee isaanii wajjin hariiroo cimaa hin qabne keessatti guddatan. Haala kanaan kan guddattan yoo taʼe dogoggora warra keessanii irra deebiʼuu hin qabdan. Haati fedha Yihowaatiif bitamtu takka, jaalala ijoollee ishiitiif qabdu ibsuu akkamitti akka dandeessu barachuun ishii barbaachisa taʼa. Akkaataa itti yaadduu fi wanta tokko itti raawwattu, akkasumas miira ishii jijjiiruun ishiitti ulfaachuu dandaʼa. Taʼus jijjiirama kana gochuun ni dandaʼama, kunis ishiis taʼe maatii ishii ni fayyada.
YIHOWAADHAAF BITAMUU KEESSAN ITTI FUFAA
21-22. Isaayaas 65:13, 14, akka jedhutti Yihowaadhaaf bitamuun eebba akkamii nuuf argamsiisa?
21 Daawit Mootichi faayidaa Yihowaadhaaf bitamuun qabu hubatee ture. Akkana jedhee barreesseera: “Ajaji Waaqayyoo qajeelaa dha, garaa namaa in gammachiisa; abboommiin Waaqayyoo qulqulluu dha, ija namaa in ibsa. Garbichi kee isaan in gorfama; namni isa eegus buʼaa guddaa qaba.” (Far. 19:8, 11) Yeroo harʼaa garaa garummaa namoota Yihowaadhaaf bitamanii fi qajeelfama isaa isa jaalala irratti hundaaʼe fudhachuu didan gidduu jiru ilaaluu dandeenya. Warri Yihowaadhaaf bitaman “garaa isaaniitti gammadanii in faarfatu.”—Isaayaas 65:13, 14 dubbisi.
22 Jaarsoliin, abbootiinii fi haadholiin fedhiidhaan Yihowaadhaaf yommuu bitaman, jireenyi isaanii ni fooyyaʼa, maatiin isaanii gammachuu qabaata, akkasumas guutummaan gumichaa caalaatti tokkummaa qabaata. Hunda caalaa immoo garaa Yihowaa ni gammachiisu. (Fak. 27:11) Kun immoo eebba argachuu dandeenyu hunda irra kan caalu dha!
FAARFANNAA 123 Seera Tiʼookraasiitiif Bitamuu
^ key. 5 Mata dureen kun Yihowaadhaaf bitamuu kan qabnu maaliif akka taʼe ibsa. Kana malees, warri aangoo muraasa qaban, jechuunis jaarsoliin, abbootiinii fi haadholiin fakkeenya Nahimiyaa, Daawit Mootichaa fi Maariyaam ishii haadha Yesuus taate irraa maal barachuu akka dandaʼan ibsa.
^ key. 1 IBSA JECHAA: Jechi bitamuu jedhu namoota warra kaaniif ajajamuuf dirqamaniif hiika gaarii hin taane qaba. Haa taʼu malee sabni Waaqayyoo isaaf ajajamuuf filataniiru; kanaafuu yaada bitamuu jedhu karaa sirrii hin taaneen hin hubatan.
^ key. 7 Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.
^ key. 62 IBSA FAKKII: Akkuma Nahimiyaan dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaruu irratti gargaarsa godhe jaarsi gumii tokkos ilma isaa wajjin Galma Walgaʼii suphuu irratti hirmaachaa jira.
^ key. 64 IBSA FAKKII: Abbaan tokko maatii isaa bakka buʼee kadhannaa garaadhaa madde gara Yihowaatti dhiheessaa jira.
^ key. 66 IBSA FAKKII: Mucaan tokko tapha viidiyoo taphachuudhaan yeroo dheeraa dabarse, hojii mana keessaa ykn mana barumsaa isaas hin xumurre. Haati isaa dadhabdee hojiidhaa kan dhufte taʼus, utuu hin dheekkamin ykn dubbii hamaa hin dubbatin isa adabaa jirti.