Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 7

Abbaa Keenya Yihowaa Baayʼee Jaallanna

Abbaa Keenya Yihowaa Baayʼee Jaallanna

“Inni dursee waan nu jaallateef nuti jaalala ni argisiisna.”—1 YOH. 4:19.

FAARFANNAA 3 Jabina Keenya, Abdii Keenya, Amanannaa Keenya

QABIYYEE *

1-2. Yihowaan kutaa maatii isaa akka taanu karaa kan nuu bane maaliifi? Kana kan godhe hoo akkamitti?

YIHOWAAN kutaa maatii waaqeffattoota isaa akka taanu nu affeereera. Kun affeerraa baayʼee dinqisiisaa dha! Maatiin keenya namoota Waaqayyoof of murteessanii fi aarsaa furii Ilma isaa irratti amantii akka qaban argisiisan kan of keessatti qabate dha. Nuti maatii gammachuu qabu dha. Yeroo ammaatti jireenya hiika qabu jiraanna, gara fuulduraatti immoo lafa irratti ykn samii irratti abdii jireenya bara baraa waan qabnuuf ni gammadna.

2 Yihowaan jaalalaan kakaʼee, akkasumas aarsaa guddaa kaffaluudhaan kutaa maatii isaa akka taanu karaa nuu baneera. (Yoh. 3:16) Nuti ‘gatiidhaan bitamneerra.’ (1 Qor. 6:20) Yihowaan karaa furichaa isa wajjin hariiroo cimaa uumuu akka dandeenyu nu taasiseera. Qaama uumama cufa keessatti hundaa ol taʼe Abbaa keenya jennee waamuuf mirga arganneerra. Mata duree darbe irratti akkuma ilaalle Yihowaan Abbaa hundumaa irra caalu dha.

3. Maal jennee gaafachuu dandeenya? (Dabalataanis saanduqa “ Yihowaan Xiyyeeffannaa Naa Kennaa?” jedhu ilaali.)

3 Akkuma barreessaa Kitaaba Qulqulluu tokkoo nutis, “Wanta gaarii inni anaaf godhe hundumaaf, ani Waaqayyoof maalan deebisa?” jennee gaafanna taʼa. (Far. 116:12) Deebiin isaa wanta Abbaan keenya inni samii nuu godhe matumaa deebisuu hin dandeenyu kan jedhu dha. Taʼus, jaalalli inni nuuf qabu nutis akka isa jaallannu nu kakaasa. Yohaannis ergamaan, “Inni dursee waan nu jaallateef nuti jaalala ni argisiisna” jedhee barreesseera. (1 Yoh. 4:19) Abbaa keenya isa samii akka jaallannu karaawwan kamiin argisiisuu dandeenya?

YIHOWAATTI MAXXANAA JIRAADHAA

Abbaa keenya isa samiitti kadhannaadhaan dhihaachuudhaan, isaaf ajajamuudhaan, akkasumas warri kaan akka isa jaallatan gargaaruudhaan hammam akka isa jaallannu argisiisuu dandeenya (Keeyyata 4-14 ilaali)

4. Yaaqoob 4:8 akka jedhutti Yihowaatti dhihaachuuf carraaqqii gochuu kan qabnu maaliifi?

4 Yihowaan akka isatti dhihaannuu fi akka isa haasofsiisnu barbaada. (Yaaqoob 4:8 dubbisi.) Inni ‘kadhannaatti akka jabaannu’ nu jajjabeesseera, yeroo hundas nu dhagaʼa. (Rom. 12:12) Yihowaan kadhannaa keenya dhagaʼuuf matumaa yeroo dhabee ykn dadhabee hin beeku. Nutis Dubbii isaa fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu hubachuuf nu gargaaran dubbisuudhaan isa dhaggeeffanna. Akkasumas walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti sirriitti hordofuudhaan isa dhaggeeffachuu dandeenya. Ijoolleen yeroo hunda warra isaanii wajjin haasaʼuun isaanii warra isaaniitti akka dhihaatan akkuma isaan gargaaru, nutis yeroo hunda Yihowaa wajjin haasaʼuun keenya isatti dhihaachuuf nu gargaara.

Keeyyata 5 ilaali

5. Qabiyyee kadhannaa keenyaa fooyyeffachuu kan dandeenyu akkamitti?

5 Mee kadhannaan Yihowaadhaaf dhiheessitu maal akka fakkaatu yaadi. Yihowaan yaadaa fi miira keenya kadhannaadhaan akka isaaf ibsinu barbaada. (Far. 62:8) Akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Yommuun kadhadhu wantuma tokkon irra deddeebiʼee dubbadha moo wanta garaa koo keessa jirun Yihowaatti hima?’ Yihowaa baayʼee akka jaallattuu fi hariiroon isa wajjin qabdu cimaa taʼee akka itti fufu gochuu akka barbaaddu beekamaa dha. Kana gochuuf immoo yeroo hunda isa wajjin haasaʼuu qabda. Iccitii kee isatti himadhu. Wanta si gammachiisee fi si gaddisiise itti himi. Gargaarsa argachuuf isa gaafachuu akka dandeessu mirkanaaʼaa taʼi.

6. Abbaa keenya isa samiitti maxxannee jiraachuuf maal gochuu qabna?

6 Abbaa keenya isa samiitti maxxannee jiraachuuf amala galateeffannaa qabaachuu qabna. Yaada faarfatichi akkana jechuudhaan barreesse irratti walii galla: “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, gocha kee isa dinqisiisaadhaa fi yaada gaarii nuuf qabdu nuuf baayʼifteetta; tokko illee kan siin qixxaatu hin jiru; isaan kana yoon labse, yoon himes, isaan wanta lakkaaʼamuu dandaʼu gararraa in taʼu.” (Far. 40:5) Miira dinqisiifannaa qabaachuu caalaa wanta dabalataa gochuu qabna; dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qabnu dubbii fi gocha keenyaan isaaf ibsina. Kunis namoota hedduu yeroo harʼaa jiran irraa adda nu taasisa. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun wanta Waaqayyo isaanii godhe hundaaf hin galateeffatan. Wantoota “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru argisiisan keessaa inni tokko namoonni kan hin galateeffanne taʼuu isaanii ti. (2 Xim. 3:1, 2) Nuti garuu amala akkasii qabaachuu hin barbaannu!

7. Yihowaan maal akka goonu nu irraa barbaada? Maaliif?

7 Warri ijoolleen isaanii akka wal lolan hin barbaadan, kanaa mannaa michoota walii akka taʼan barbaadu. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaanis ijoolleen isaa hundi michoota walii akka taʼan barbaada. Jaalalli walii keenyaaf qabnu kun immoo Kiristiyaanota dhugaa taʼuu keenya kan argisiisu dha. (Yoh. 13:35) Yaada faarfatichi akkana jechuudhaan barreesse irratti walii galla: “Obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!” (Far. 133:1) Obbolootaa fi obboleettota keenya yommuu jaallannu Yihowaa akka jaallannu argisiisna. (1 Yoh. 4:20) Kutaa maatii obbolootaa fi obboleettota ‘garaa waliif laafanii fi gaarummaa walitti argisiisanii’ taʼuun baayʼee nama gammachiisa.—Efe. 4:32.

AJAJAMUUDHAAN JAALALA KEESSAN ARGISIISAA

Keeyyata 8 ilaali

8. Akka 1 Yohaannis 5:3 jedhutti sababiin itti Yihowaadhaaf ajajamnu inni guddaan maali dha?

8 Yihowaan ijoolleen warra isaaniitiif akka ajajaman isaan irraa eega, nutis akka isaaf ajajamnu barbaada. (Efe. 6:1) Inni Uumaa keenyaa fi kan nu jiraachisu, akkasumas abbaa kam iyyuu caalaa ogeessa waan taʼeef isaaf ajajamuun keenya isaaf mala. Haa taʼu malee, sababiin itti isaaf ajajamnu inni guddaan waan isa jaallannuufi. (1 Yohaannis 5:3 dubbisi.) Yihowaadhaaf ajajamuuf sababii hedduu kan qabnu taʼus inni akkas akka goonu nu hin dirqisiisu. Yihowaan mirga filannaa nuuf kenneera, kanaafuu jaalala isaaf qabnuun kakaanee isaaf ajajamuuf yommuu filannu ni gammada.

9-10. Seerawwan Waaqayyoo beekuunii fi hojii irra oolchuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

9 Warri ijoolleen isaanii nagaa akka taʼan barbaadu. Seerawwan ijoollee isaaniitiif eegumsa godhan kan baasan kanaafi. Ijoolleen qajeelfamoota kanaaf yommuu ajajaman warra isaanii akka amananii fi akka kabajan argisiisu. Maarree seerawwan Abbaan keenya inni samii baase beekuunii fi ajajamuun caalaatti barbaachisaa mitii ree? Kana yommuu goonu Yihowaa akka jaallannuu fi akka kabajnu argisiisna, ofii keenyaafis ni fayyadamna. (Isa. 48:17, 18) Faallaa kanaatiin namoonni Yihowaa fi seerawwan isaa dhiisan dhuma irratti of miidhu.—Gal. 6:7, 8.

10 Karaa Yihowaa gammachiisuun yommuu jiraannu miidhaa karaa qaamaa, miiraa fi hafuuraa nu irra gaʼu irraa eegumsa arganna. Yihowaan wanta nuuf caalaatti gaarii taʼe beeka. Awurooraan ishiin Yunaayitid Isteetis keessa jiraattu akkana jetteetti: “Yihowaadhaaf ajajamuun yeroo hunda jireenya hunda caalaa gaarii taʼe akka argamsiisu beeka.” Kun hunda keenyaaf dhugaa dha. Ati hoo qajeelfama Yihowaa isa jaalala irratti hundaaʼeef ajajamuu keetiin kan fayyadamte akkamitti?

11. Kadhannaan kan nu gargaaru akkamitti?

11 Kadhannaan yeroo ajajamuun ulfaataa taʼutti illee ajajamoo taʼuuf nu gargaara. Cubbamoota waan taaneef yeroo tokko tokko Yihowaadhaaf ajajamuun nutti ulfaata, taʼus isaaf ajajamuuf yeroo hunda carraaqqii cimaa gochuu qabna. Faarfatichi, “Siif abboomamuudhaaf hafuura na gargaaru anaaf kenni” jechuudhaan Waaqa kadhateera. (Far. 51:12) Deenis ishiin qajeelchituu yeroo hundaa taate akkana jetteetti: “Ajajawwan Yihowaa keessaa tokko eeguun yoo natti ulfaate, jabina wanta sirrii taʼe gochuuf na gargaaru akka naa kennuuf nan kadhadha.” Yihowaan yeroo hunda kadhannaa akkasiitiif deebii akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—Luq. 11:9-13.

WARRI KAAN ABBAA KEENYA AKKA JAALLATAN GARGAARAA

12. Efesoon 5:1 akka jedhutti maal gochuu qabna?

12 Efesoon 5:1 dubbisi. Nuti “ijoollee jaallatamoo” Yihowaa waan taaneef isa fakkaachuuf wanta dandeenyu hunda ni goona. Jaalalaa fi gaarummaa yommuu argisiisnu, akkasumas warra kaaniif dhiifama yommuu goonu fakkeenya isaa hordofna. Namoonni Waaqayyoon hin beekne amala keenya isa gaarii taʼe yommuu argan waaʼee isaa caalaatti barachuuf kakaʼuu dandaʼu. (1 Phe. 2:12) Warri Kiristiyaanota taʼan akkaataa itti ijoollee isaanii qaban irratti Yihowaa fakkaachuuf sababii gaʼaa qabu. Kana yommuu godhan ijoolleen isaanii Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼe wajjin hariiroo dhuunfaa isaanii uumuuf fedhii qabaachuu dandaʼu.

Keeyyata 13 ilaali

13. Ija jabeeyyii taʼuuf maal gochuu qabna?

13 Mucaan xinnoon tokko abbaa isaatiin ni boona, akkasumas waaʼee abbaa isaa dubbachuun isa gammachiisa. Haaluma wal fakkaatuun nutis Abbaa keenya isa samiitiin ni boonna, warri kaanis waaʼee isaa akka beekan ni barbaanna. Keessa keenyatti akka Daawit Mootichaa isa “Lubbuun koo Waaqayyoon of in jajji” jechuudhaan barreessee nutti dhagaʼama. (Far. 34:2) Ija laafeyyii yoo taane hoo? Ija jabeeyyii taʼuu kan dandeenyu akkamitti? Waaʼee isaa warra kaan yommuu barsiisnu Yihowaan hammam akka gammaduu fi warri kaanis hammam akka fayyadaman yoo yaadne ija jabinni keenya ni dabala. Yihowaan ija jabina nu barbaachisu nuuf kenna. Inni obboloonni keenya jaarraa jalqabaatti turan ija jabeeyyii akka taʼan gargaareera, nuunis nu gargaara.—1 Tas. 2:2.

14. Sababiiwwan hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuun barbaachisaa akka taʼe argisiisan keessaa tokko tokko maal faʼi?

14 Yihowaan nama wal hin caalchisu, kanaafuu akkaataan guddinaa isaanii maal iyyuu yoo taʼe warra kaanitti jaalala yommuu argisiisnu ni gammada. (HoE. 10:34, 35) Karaawwan jaalala warra kaaniif qabnu argisiisuu itti dandeenyu keessaa inni tokko misiraachicha isaanitti himuudhaani. (Mat. 28:19, 20) Hojiin kun maal raawwachuu dandaʼa? Namoonni nu dhagaʼan yeroo ammaatti jireenyi isaanii ni fooyyaʼa, gara fuulduraatti immoo jireenya bara baraa argachuuf abdii qabaatu.—1 Xim. 4:16.

ABBAA KEENYA JAALLADHAA, AKKASUMAS GAMMADAA

15-16. Gammadoo taʼuuf sababiiwwan akkamii qabna?

15 Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa waan taʼeef maatiin isaa gammadoo akka taʼan barbaada. (Isa. 65:14) Haalawwan rakkisoo taʼan kan nu mudatan taʼus, yeroo ammaatti gammadoo taʼuuf sababii hedduu qabna. Fakkeenyaaf, Abbaan keenya inni samii baayʼee akka nu jaallatu mirkanaaʼoo dha. Dubbii Waaqayyoo ilaalchisee beekumsa sirrii taʼe qabna. (Er. 15:16) Akkasumas nuti kutaa maatii adda taʼee fi namoota Yihowaa, seera isaa fi walii walii isaanii jaallatan of keessatti qabate tokkoo ti.—Far. 106:4, 5.

16 Gara fuulduraattis jireenyi caalaatti gaarii akka taʼu waan beeknuuf yeroo hunda gammadoo taanee jiraachuu dandeenya. Yihowaan yeroo dhihootti hammeenya hunda akka balleessuu fi bulchiinsa Mootummaa isaa jalatti lafti gara Jannataatti akka jijjiiramtu beekna. Namoonni duʼanis duʼaa kaʼuudhaan deebiʼanii akka nu wajjin taʼan abdii dinqisiisaa taʼe qabna. (Yoh. 5:28, 29) Kunis baayʼee nama gammachiisa! Hunda caalaa immoo yeroo dhihootti warri samii irra jiranis taʼe lafa irra jiran hundi Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼeef ulfina, galataa fi waaqeffannaa isaaf malu akka isaaf kennan mirkanaaʼoo dha.

FAARFANNAA 12 Yihowaa, Waaqa Guddaa

^ key. 5 Abbaan keenya Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi miseensota maatii isa waaqeffatan keessaa tokko akka nu taasise beekna. Kanaan kan kaʼe nutis isa jaallanna. Jaalala Abbaa keenya Yihowaadhaaf qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Mata dureen qoʼannaa kun wantoota gochuu dandeenyu tokko tokko ibsa.