Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 8

Hinaaffaa Irraa Fagaachuudhaan Nagaa Hordofaa

Hinaaffaa Irraa Fagaachuudhaan Nagaa Hordofaa

“Wantoota nagaa argamsiisanii fi wantoota wal ijaaruuf gargaaran haa hordofnu.”—ROM. 14:19.

FAARFANNAA 113 Nagaa Qabnu

QABIYYEE *

1. Hinaaffaan maatii Yoseef irratti dhiibbaa kan geessise akkamitti?

YAAQOOB ijoollee isaa hunda ni jaallata, Yoseef isa umuriin isaa waggaa 17 taʼeef garuu jaalala adda taʼe qaba. Maarree obboloota Yoseefitti maaltu dhagaʼame? Isaan isatti ni hinaafan, kanaan kan kaʼes isa jibbuu jalqaban. Yoseef wanta obboloonni isaa akka isa jibban taasisu homaa hin hojjenne. Taʼus, isaan Yoseefiin garbummaatti gurguran, akkasumas bineensi tokko ilma isaa akka ajjeese dubbachuudhaan abbaa isaanii soban. Hinaaffaan nageenya maatichaa akka booressanii fi abbaa isaanii baayʼee akka gaddisiisan isaan taasiseera.—Uma. 37:3, 4, 27-34.

2. Galaatiyaa 5:19-21 akka jedhutti hinaaffaan balaa qaba kan jennu maaliifi?

2 Kitaaba Qulqulluu keessatti hinaaffaan * “hojiiwwan foonii” duʼa geessisuu dandaʼanii fi namni tokko Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle taasisan keessaa tokko akka taʼe ibsameera. (Galaatiyaa 5:19-21 dubbisi.) Hinaaffaan yeroo baayʼee hundee firiiwwan summaaʼaa kan akka diinummaa, lolaa fi dheekkamsaa ti.

3. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

3 Fakkeenyi obboloota Yoseef hinaaffaan hariiroo namoota gidduu jiru hammam miidhuu akka dandaʼuu fi nagaa maatii keessa jiru jeequu akka dandaʼu argisiisa. Wanta obboloonni Yoseef godhan gochuu baannus hundi keenya cubbuu fi garaa jalʼaa taʼe qabna. (Er. 17:9) Kanaafuu, yeroo tokko tokko miira hinaaffaa wajjin walʼaansoo gochuun keenya nama hin dinqisiisu. Mee fakkeenyota akeekkachiisaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamanii fi sababii miirri hinaaffaa garaa keenya keessatti hundee godhachuu itti dandaʼu hubachuuf nu gargaaran tokko tokko haa ilaallu. Achiis karaawwan qabatamaa hinaaffaa irraa fagaachuu fi nageenyi akka dagaagu gochuu itti dandeenyu muraasa ilaalla.

WANTI HINAAFFAADHAAF SABABA TAʼUU DANDAʼU MAALI DHA?

4. Warri Filiisxiyaa Yisihaaqitti kan hinaafan maaliifi?

4 Qabeenya. Yisihaaq nama sooressa waan tureef warri Filiisxiyaa qabeenya inni qabutti ni hinaafan. (Uma. 26:12-14) Achiis boolla bishaanii inni beeyiladoota isaa keessaa obaasu biyyoo itti guutanii jalaa duuchan. (Uma. 26:15, 16, 27) Yeroo harʼaas namoonni tokko tokko akkuma warra Filiisxiyaa namoota isaan caalaa qabeenya qabanitti ni hinaafu. Wanta warri kaan qaban hawwuu qofa utuu hin taʼin isaan irraa fudhachuu barbaadu.

5. Geggeessitoonni amantii Yesuusitti kan hinaafan maaliifi?

5 Warra kaan biratti jaallatamuu. Geggeessitoonni amantii Yihudii Yesuus namoota hedduu biratti baayʼee waan jaallatameef isatti hinaafanii turan. (Mat. 7:28, 29) Yesuus bakka buʼaa Waaqayyoo taʼuu isaa irra iyyuu dhugaa barsiiseera. Taʼus, geggeessitoonni amantii kun maqaa gaarii inni qabu balleessuuf waaʼee isaa soba babalʼisaniiru. (Mar. 15:10; Yoh. 11:47, 48; 12:12, 13, 19) Seenaa kana irraa barumsa akeekkachiisa nuu taʼu akkamii argachuu dandeenya? Namoota amaloota gumii keessatti akka jaallataman isaan taasisu qabanitti hinaafuu irraa fagaachuu qabna. Kanaa mannaa fakkeenya isaanii hordofuuf carraaquu qabna.—1 Qor. 11:1; 3 Yoh. 11.

6. Diyooxiraaxis akka hinaafu kan argisiise akkamitti?

6 Mirgawwan Tiʼookraasii. Jaarraa jalqabaatti Diyooxiraaxis warra gumii Kiristiyaanaa keessatti dursa fudhatanii geggeessanitti hinaafee ture. Inni miseensota gumii gidduutti “dura buʼaa taʼuu” waan barbaadeef, Yohaannis ergamaa fi obboloota itti gaafatamummaa qaban kaan ilaalchisee dubbii hamaa babalʼisee ture. (3 Yoh. 9, 10) Nuti wanta Diyooxiraaxis godhe gochuu baannus Kiristiyaana mirga nuti argachuu barbaannu argate tokkotti hinaafuu jalqabuu dandeenya, keessumaa immoo itti gaafatamummaa sana fudhachuuf gaʼumsa akka qabnu kan nutti dhagaʼamu yoo taʼe hinaafuu dandeenya.

Hinaaffaan amaloonni gaggaariin kan akka jaalalaa, gara laafinaa fi gaarummaa akka hin guddanne hudhuu dandaʼa (Keeyyata 7 ilaali)

7. Hinaaffaan dhiibbaa akkamii nu irraan gaʼuu dandaʼa?

7 Hinaaffaan akkuma aramaa summii qabuu ti. Sanyiin hinaaffaa garaa keenya keessatti hidda erga godhatee booda balleessuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Miirri gaarii hin taane kan akka kooruu fi ofittummaa jiran hinaaffaan akka guddatu gochuu dandaʼu. Hinaaffaan amaloonni gaggaariin kan akka jaalalaa, gara laafinaa fi gaarummaa akka hin guddanne hudhuu dandaʼa. Amalli hinaaffaa keessa keenyatti biqiluu akka jalqabe yommuu hubannu dafnee garaa keenya keessaa buqqisuu qabna. Maarree hinaaffaa irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

AMALA GAD OF QABUU FI WAAN QABDANITTI GAMMADUU HORADHAA

Hinaaffaa isa akka aramaa taʼe irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? Gargaarsa hafuura Waaqayyootiin hinaaffaa of keessaa buqqisnee amala gad of qabuu fi waan qabnutti gammaduutiin bakka buusuu dandeenya (Keeyyata 8-9 ilaali)

8. Amaloonni hinaaffaa irraa fagaachuuf nu gargaaran kam faʼi?

8 Amala gad of qabuu fi waan qabnutti gammaduu horachuudhaan hinaaffaa irraa fagaachuu dandeenya. Garaan keenya amaloota gaggaarii kanaan yommuu guutamu hinaaffaan bakka itti guddatu hin argatu. Amalli gad of qabuu waaʼee keenya garmalee akka hin yaanne nu gargaara. Namni gad of qabu tokko warra kaan caalaa waa argachuun akka isaaf malu itti hin dhagaʼamu. (Gal. 6:3, 4) Namni waan qabutti gammadu immoo wanti argate akka isa gaʼu isatti dhagaʼama, akkasumas warra kaan wajjin of hin madaalchisu. (1 Xim. 6:7, 8) Namni gad of qabuu fi waan qabutti gammadu, namni tokko wanta gaarii taʼe argachuu isaa yommuu argu ni gammada.

9. Galaatiyaa 5:16 fi Filiphisiyus 2:3, 4 akka jedhutti hafuurri qulqulluun maal gochuuf nu gargaara?

9 Amala hinaaffaa irraa fagaachuuf, akkasumas amala gad of qabuu fi waan qabnutti gammannee jiraachuu horachuuf gargaarsi hafuura Waaqayyoo nu barbaachisa. (Galaatiyaa 5:16; Filiphisiyus 2:3, 4 dubbisi.) Hafuurri Yihowaa yaada keessa keenya jiruu fi kakaʼumsa keenya qoruuf nu gargaara. Gargaarsa Waaqayyootiin yaadaa fi miira miidhaa geessisu, kan nama ijaaruun bakka buusuu dandeenya. (Far. 26:2; 51:10) Mee fakkeenya Musee fi Phaawulos warra milkaaʼinaan amala hinaaffaa moʼuu dandaʼanii haa ilaallu.

Garaan keenya biyyoo wajjin wal fakkaata, amaloonni gaggaariin nuti qabnu immoo abaaboo babbareedoo wajjin wal fakkaata. Hinaaffaan garuu aramaa summaaʼaa taʼe wajjin wal fakkaata. (Keeyyata 10 ilaali)

10. Musee haalli isa qoruu dandaʼu akkamii isa mudatee ture? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

10 Museen saba Waaqayyoo irratti aangoo guddaa qaba ture, taʼus warri kaan aangoo kana akka hin arganne dhoowwuuf hin yaalle. Fakkeenyaaf, yeroo tokko Yihowaan hafuura qulqulluu isaa hamma tokko Musee irraa fuudhee maanguddoota Israaʼelootaa warra dunkaana walgaʼii bira dhaabbataniif kennee ture. Achiis utuma baayʼee hin turin Museen maanguddoonni dunkaana walgaʼii sana bira hin turre lama hafuura qulqulluu akka argatanii fi akka raajotaa taʼuu akka jalqaban dhagaʼe. Museen yommuu Iyaasuun maanguddoota lamaan kana akka dhoowwu isa gaafatetti maal godhe ree? Museen namoonni lamaan kun Yihowaa biraa xiyyeeffannaa argachuu isaaniitti hin hinaafne. Kanaa mannaa gad of qabuudhaan mirga isaan argatanitti isaan wajjin gammadeera. (Lak. 11:24-29) Musee irraa barumsa akkamii arganna?

Jaarsoliin akkuma Musee akka gad of qaban argisiisuu kan dandaʼan akkamitti? (Keeyyata 11-12 ilaali) *

11. Jaarsoliin gumii Musee fakkaachuu kan dandaʼan akkamitti?

11 Jaarsa gumii yoo taate itti gaafatamummaa gumii ati baayʼee jaallattu tokko akka raawwatuuf nama tokko akka leenjistu gaafatamtee beektaa? Fakkeenyaaf, torban torbaniin Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa geggeessuun si gammachiisa taʼa. Haa taʼu malee, akkuma Musee kan gad of qabdu yoo taate, obboleessi kan biraan yeroo booda itti gaafatamummaa kana fudhachuu akka dandaʼuuf akka isa leenjistu yoo gaafatamte hin muufattu. Kanaa mannaa obboleessa kee gargaaruun si gammachiisa.

12. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran hedduun waan qabanitti akka gammadanii fi akka gad of qaban kan argisiisan akkamitti?

12 Mee haala obboloota maanguddoota hedduu mudachaa jiru kan biraa haa ilaallu. Obboloonni kun waggoota hedduudhaaf qindeessitoota qaama jaarsolii taʼanii tajaajilaa turan. Umuriin isaanii waggaa 80 yommuu taʼu garuu itti gaafatamummaa isaanii kana fedhiidhaan ni dhaabu. Ilaaltonni ol aanoon aanaa immoo yommuu umuriin isaanii waggaa 70 taʼu itti gaafatamummaa kana gad of qabuudhaan dhaabanii ramaddii gosa tajaajila kan biraa irratti isaaniif kennamu ni fudhatu. Kana malees waggoota dhihoodhaa asitti miseensonni maatii Betʼel addunyaa maratti argaman hedduun ramaddii haaraan isaaniif kennamee dirree irratti tajaajiluu jalqabaniiru. Obboloonnii fi obboleettonni amanamoon kun warra yeroo ammaatti hojii isaan kanaan dura hojjechaa turan hojjetanitti hin muufatan.

13. Phaawulos ergamoota 12⁠nitti hinaafuuf qoramee taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

13 Phaawulos ergamaan namoota waan qabanitti gammaduu fi gad of qabuudhaan fakkeenya gaarii taʼan keessaa tokko dha. Phaawulos hinaaffaan akka isa keessatti guddatu hin heyyamne. Tajaajila irratti jabaatee kan hojjete taʼus, gad of qabuudhaan akkana jedheera: “Ani . . . nama ergamoota hundumaatii gad taʼee fi ergamaa jedhamee waamamuun anaaf hin malle dha.” (1 Qor. 15:9, 10) Ergamoonni 12n yeroo Yesuus lafa irratti tajaajilaa turetti isa duuka buʼaniiru, Phaawulos garuu hamma Yesuus duʼee duʼaa kaʼutti Kiristiyaana hin taane. Phaawulos yeroo booda “namoota saba Waaqayyoo hin taaneef ergamaa” taʼee kan muudame taʼus, ergamoota 12n keessaa tokko taʼuuf mirga hin arganne. (Rom. 11:13; HoE. 1:21-26) Phaawulos namoota 12n kanattis taʼe michummaa cimaa isaan Yesuus wajjin qabanitti hinaafuu mannaa wanta qabutti gammadee jiraateera.

14. Wanta qabnutti kan gammannuu fi kan gad of qabnu yoo taane maal goona?

14 Wanta qabnutti kan gammannuu fi kan gad of qabnu yoo taane nutis akka Phaawulos taʼuu ni dandeenya, akkasumas aangoo Yihowaan warra kaaniif kenne akka kabajnu argisiisna. (HoE. 21:20-26) Yihowaan dhiironni muudaman gumii Kiristiyaanaa keessatti dursa fudhatanii akka geggeessan qophii godheera. Isaan mudaa kan qaban taʼanis Yihowaan ‘dhiirota kennaa taʼan’ akka taʼanitti isaan ilaala. (Efe. 4:8, 11) Dhiirota muudaman kana yommuu kabajnuu fi qajeelfama isaan nuuf kennan gad of qabuudhaan yommuu hordofnu Yihowaatti maxxannee jiraanna, akkasumas obboloota keenya wajjin nagaa qabaanna.

‘WANTOOTA NAGAA ARGAMSIISAN HORDOFAA’

15. Maal gochuu qabna?

15 Hinaaffaan akka dagaagu kan heyyamnu yoo taʼe nagaan jiraachuu hin dandaʼu. Hinaaffaa garaa keenya keessaa buqqisuu qabna, akkasumas warra kaan keessatti akka biqilu gochuu irraa of qusachuu qabna. Ajaja Yihowaa, ‘Wantoota nagaa argamsiisanii fi wantoota wal ijaaruuf gargaaran hordofaa’ jedhuuf ajajamuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo taʼan kanneen fudhachuu qabna. (Rom. 14:19) Warri kaan hinaaffaa irraa akka fagaatan gargaaruu fi nageenyi akka dagaagu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

16. Warri kaan hinaaffaa irraa akka fagaatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

16 Ilaalchii fi gochi keenya warra kaan irratti dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼa. Addunyaan kun ‘qabeenya keenya akka argisiifannu’ barbaada. (1 Yoh. 2:16) Ilaalchi akkasii garuu hinaaffaan akka babalʼatu godha. Waaʼee wantoota qabnuu ykn bituuf karoorfannee warra kaanitti yeroo hunda dubbachuu dhiisuuf yoo filanne hinaaffaan isaan keessatti akka hin guddanne gochuu dandeenya. Karaan itti hinaaffaan akka babalʼatu gochuu irraa of qusachuu dandeenyu inni kan biraan immoo mirgawwan gumii keessatti qabnu ilaalchisee iddoo keenya beekuudhaani. Namoonni mirga qabnu irratti akka xiyyeeffatan kan goonu yoo taʼe, hinaaffaan akka guddatu haala mijeessina. Faallaa kanaatiin warra kaaniif dhuunfaatti yommuu yaannuu fi wanta gaarii isaan hojjetaniif yommuu isaan galateeffannu, waan qabanitti akka gammadan isaan gargaarra, akkasumas gumii keessa tokkummaa fi nageenyi akka jiraatu goona.

17. Obboloonni Yoseef maal gochuu dandaʼaniiru? Maaliifi?

17 Qabsoo hinaaffaa irraa fagaachuuf goonu irratti injifannoo argachuu ni dandeenya! Mee ammas fakkeenya obboloota Yoseef haa ilaallu. Yoseefiin erga miidhanii waggoota hedduu booda Gibxii keessatti isa wajjin wal argan. Yoseef eenyummaa isaa obboloota isaatiif ibsuu isaa dura akka jijjiiraman beekuuf isaan qoree ture. Yoseef affeerraa nyaataa kan isaaniif qopheesse yommuu taʼu, affeerraa sana irrattis warra kaan caalaa obboleessa isaa isa quxisuu kan taʼe Beniyaamiif xiyyeeffannaa addaa kenneera. (Uma. 43:33, 34) Haa taʼu malee, obboloonni isaa Beniyaamitti akka hinaafan wanti argisiisu hin jiru. Kanaa mannaa obboleessa isaaniitiifis taʼe abbaa isaanii Yaaqoobiif garaadhaa akka yaadan argisiisaniiru. (Uma. 44:30-34) Obboloonni Yoseef hinaafuu waan dhiisaniif nagaan maatichaa akka deebiʼu gochuu irratti gumaacha gochuu dandaʼaniiru. (Uma. 45:4, 15) Haaluma wal fakkaatuun nutis miira hinaaffaa kam iyyuu keessa keenyaa buqqisnee kan gannu yoo taʼe, nagaa maatii keenyaas taʼe gumii keenyaa eeguu irratti gumaacha gochuu dandeenya.

18. Yaaqoob 3:17, 18 akka jedhutti haalli naga qabeessa taʼe akka uumamu gumaacha yoo goone buʼaan isaa maal taʼa?

18 Yihowaan hinaaffaa irraa akka fagaannuu fi nagaa akka hordofnu barbaada. Wantoota kana lamaan gochuuf jabaannee hojjechuu qabna. Mata duree kana keessatti akkuma ibsame miirri akka hinaafnu nu kakaasu keessa keenya jira. (Yaq. 4:5) Akkasumas addunyaa hinaaffaa babalʼisuun marfamneerra. Haa taʼu malee, amala gad of qabuu, waan qabnuun gammaduu fi galateeffannaa kan horannu yoo taʼe hinaaffaan nu biratti iddoo hin qabaatu. Kanaa mannaa bakka naga qabeessa firiiwwan qajeelinaa itti guddachuu dandaʼan uumuu irratti gumaacha goona.—Yaaqoob 3:17, 18 dubbisi.

FAARFANNAA 130 Dhiifama Godhaa

^ key. 5 Jaarmiyaan Yihowaa naga qabeessa. Haa taʼu malee, miirri hinaaffaa akka guddatu yoo heyyamne nagaan kun booraʼuu dandaʼa. Mata duree kana keessatti wantoota hinaaffaadhaaf sababa taʼan baranna. Kana malees, amala miidhaa qabu kana irraa fagaachuu fi nagaan akka dagaagu gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

^ key. 2 IBSA JECHAA: Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti hinaaffaan namni tokko wanta namni kan biraan qabu akka barbaadu qofa utuu hin taʼin wanta sana akka jalaa fudhatu isa gochuu dandaʼa.

^ key. 61 IBSA FAKKII: Walgaʼii qaamni jaarsolii godhan irratti obboleessi maanguddoon gumii keessatti Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa geggeessu, jaarsi dargaggeessa taʼe tokko itti gaafatamummaa kana akka raawwatuuf akka isa leenjisu gaafatame. Obboleessi maanguddoon kun hojii kana kan jaallatu taʼus, obboleessa dargaggeessa kanaaf gorsawwan qabatamaa taʼan kennuudhaan, akkasumas garaadhaa isa galateeffachuudhaan murtoo jaarsolii garaa guutuudhaan deeggareera.