Gaaʼela—Akkaataa Itti Hundeeffamee fi Kaayyoo Isaa
“Waaqayyo gooftaan, ‘Namichi kophaa isaa taʼuun gaarii miti; . . . kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha’ jedhe.”—UMA. 2:18.
FAARFANNAA: 36, 11
1, 2. (a) Gaaʼelli kan jalqabe akkamitti? (b) Dhiirrii fi dubartiin jalqabaa gaaʼela ilaalchisee maal hubatanii taʼuu dandaʼa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
GAAʼELLI kutaa jireenyaa ti. Akkaataa gaaʼelli itti hundeeffamee fi kaayyoo isaa ilaaluun keenya, walitti dhufeenya kanaaf ilaalcha sirrii akka qabaannuu fi eebba argamsiisu irraa guutummaatti faayidaa argachuuf nu gargaara. Waaqayyo nama jalqabaa kan taʼe Addaamiin erga uumee booda, akka inni maqaa isaaniif baasuuf bineensota gara isaatti fidee ture. “Namichaaf garuu kan akka isaatii, kan isa gargaartu hin argamne.” Kanaaf, Waaqayyo Addaam hirriba cimaa akka rafu gochuudhaan, lafee cinaachaa isaa keessaa tokko fuudhee dubartii uumuudhaan isaaf kenne. (Uumama 2:20-24 dubbisi.) Kanaaf, gaaʼela kan hundeesse Waaqayyo dha.
2 Yesuus wanta Yihowaan dubbate akkana jechuudhaan irra deebiʼee dubbateera: “Namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa; haadha manaa isaattis ni maxxana; lamaanuu foon tokko ni taʼu.” (Mat. 19:4, 5) Waaqayyo dubartii jalqabaa uumuuf lafee Addaamitti fayyadamuun isaa hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa walitti dhufeenya gaarii akka qabaatan godheera. Wal hiikuunis taʼe, hiriyaa gaaʼelaa tokkoo ol qabaachuun qophii Waaqayyoo hin turre.
GAAʼELLI KAAYYOO YIHOWAA GALMAAN KAN GAʼU AKKAMITTI?
3. Kaayyoon gaaʼelaa inni guddaan maal ture?
3 Addaam haadha manaa isaa jaallatamtuu ishii yeroo booda Hewwaan jedhee moggaasetti baayʼee gammadee ture. Gahee abbaa manaa fi haadha manaa taʼuudhaan qaban raawwachuudhaan guyyaa guyyaatti waan wal gammachiisaniif, “kan isa gargaartu” taati. (Uma. 2:18) Kaayyoon gaaʼelaa inni guddaan lafti namootaan akka guutamtu gochuu ture. (Uma. 1:28) Dhiironnii fi durboonni warra isaanii kan jaallatan taʼus, gaaʼela godhachuu fi maatii haaraa hundeessuuf jecha maatii isaanii irraa addaan baʼu. Namoonni lafa guutuu fi guutummaa ishii jannata gochuu dandaʼu turan.
4. Gaaʼela jalqabaa maaltu mudate?
4 Addaamii fi Hewwaan mirga filannaa isaaniitti fayyadamanii Yihowaadhaaf ajajamuu waan didaniif, gaaʼela jalqabaa irra rakkinni gaʼeera. “Bofti inni jalqabaa,” jechuunis Seexanni inni Diyaabilos jedhamu, Hewwaan ‘muka hamaa fi gaarii ittiin beekan’ irraa yoo nyaatte beekumsa addaa isa hamaa fi gaarii addaan baasuuf ishii dandeessisu akka ishiidhaaf argamsiisu amansiisuudhaan ishii gowwoomse. Waaʼee dhimma kanaa abbaa manaa ishii gaafachuudhaan matummaa isaatiif kabaja akka qabdu hin argisiisne. Addaam Waaqayyoof ajajamuu mannaa firii Hewwaan isaaf kennite fudhate.—Mul. 12:9; Uma. 2:9, 16, 17; 3:1-6.
5. Deebii Addaamii fi Hewwaan Yihowaadhaaf kennan irraa maal barachuu dandeenya?
5 Addaam yommuu Waaqayyo isa gaafatu, “Dubartittii ishee ati naa wajjin akka jiraattuuf naaf laattetu ija mukichaa naaf kenne, anis nan nyaadhe” jechuudhaan haati manaa isaa akka balleessite dubbate. Hewwaan immoo bofichi akka ishii gowwoomse dubbachuudhaan kan balleesse isa taʼuu isaa dubbatte. (Uma. 3:12, 13) Kun sababa buʼaa hin qabnee fi dhugaa hin taane dha! Yihowaan, hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa waan isaaf hin ajajamneef finciltoota akka taʼanitti isaan ilaala. Kun akeekkachiisa cimaa nuuf taʼa. Gaaʼela keessatti milkaaʼina argachuuf hiriyaan gaaʼelaa lamaanuu itti gaafatamummaa isaanii baʼuu fi Yihowaadhaaf ajajamuu qabu.
6. Uumama 3:15 akkamitti ibsita?
6 Wanti Seexanni Eeden keessatti raawwate kun utuma jiruu, Yihowaan raajii Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa keessatti ilmaan namootaatiif abdii qopheesseera. (Uumama 3:15 dubbisi.) Qaamni hafuuraa hamaa taʼe inni jalqabaa “sanyii” ‘dubartittiitiin’ ni balleeffama. Yihowaan, walitti dhufeenya isaa fi uumamawwan isaa qajeeloo warra qaama hafuuraa qabanii fi samii keessatti isa tajaajilaa jiran gidduu jiru hamma tokko namootaaf ifa godheera. Waaqayyo, jaarmiyaa isaa haadha manaa isaatti fakkeeffame keessaa qaama Diyaabiloosiin ‘buruqsuu’ fi ilmaan namootaa jireenya hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa dhaban akka argatan, jechuunis akkuma kaayyoo Yihowaa isa jalqabaa bara baraaf lafa irra akka jiraatan godhu akka ergu Kitaabota Qulqulluu keessatti yeroo booda ibsameera.—Yoh. 3:16.
7. (a) Fincila Addaamii fi Hewwaan booda gaaʼela irra maaltu gaʼe? (b) Kitaabni Qulqulluun wanta abbootii manaa fi haadhotii manaa irraa barbaadamu ilaalchisee maal barsiisa?
7 Fincilli Addaamii fi Hewwaan gaaʼela isaanii irrattis taʼe gaaʼela isaan booda jiru irratti dhiibbaa geessiseera. Fakkeenyaaf, Hewwaanii fi dubartoonni kaan yeroo ulfaa fi yeroo daʼumsaatti dhukkuba cimaatu isaan mudata. Dubartoonni abbaa manaa isaanii ni hawwu; dhiironni immoo haadhotii manaa isaanii irratti ol aantummaa qabu; akkuma yeroo harʼaa gaaʼela tokko tokko keessatti arginu immoo kan isaan miidhanis jiru. (Uma. 3:16) Kitaabni Qulqulluun abbootiin manaa matummaa isaanii karaa jaalala qabeessa taʼeen akka itti fayyadaman barsiisa. Haadhotiin manaa immoo matummaa abbootii manaa isaaniitiif akka bitaman irraa eegama. (Efe. 5:33) Hiriyoonni gaaʼelaa Waaqayyoon sodaatan lama walii galtee waan qabaataniif, haalawwan walitti buʼiinsa uuman hirʼifamuu ykn guutummaatti hafuu dandaʼu.
HAALA GAAʼELAA BARA ADDAAMII HAMMA BISHAAN BADIISAATTI TURE
8. Seenaan gaaʼelaa bara Addaamii kaasee hamma Bishaan Badiisaatti maal fakkaata?
8 Addaamii fi Hewwaan sababa cubbuutiin duʼuu isaanii dura ilmaanii fi intaloota godhataniiru. (Uma. 5:4) Ilmi isaanii inni jalqabaa Qaayin, obboleettota isaa keessaa ishii tokko fuudhe. Sanyii Qaayin keessaa haadhotii manaa lama qabaachuudhaan nama jalqabaa kan taʼe Laamek akka taʼe caqasameera. (Uma. 4:17, 19) Dhaloota Addaamii kaasee hamma Bishaan Badiisaa bara Nohitti, namoonni akka waaqeffattoota Yihowaatti caqasaman muraasa qofa turan. Isaan keessaa Abeel, Henok, Nohii fi maatiin isaa ni argamu. Kitaabni Qulqulluun, bara Nohitti “warri waaqa irraa ‘Ilmaan Waaqayyoo’ jedhaman, durboonni namootaa mimmiidhagoo akka ta’an arganii, isaan keessaa akkuma foʼatanitti fuudhanii haadha manaa godhatan” jedha. Walitti dhufeenyi uumamaan ala taʼee fi maleekonni foon uffatan kun dubartootaa wajjin qabaatan kun namoonni hamoon Neefliim jedhaman akka dhalatan godheera. Kana malees, ‘jal’inni namaa lafa irratti ni baayʼate, wanti namni guyyaa hundumaa garaa isaatti yaadee qopheessu hundinuus jalʼaa duwwaa’ ture.—Uma. 6:1-5.
9. Yihowaan namoota hamoo bara Noh turan irratti tarkaanfii akkamii fudhate? Wanta yeroo sanatti raawwatame irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?
9 Yihowaan namoota hamoo kana balleessuuf Bishaan Badiisaa akka fidu dubbate. Yeroo sanatti namoonni gaaʼela dabalatee jireenya guyyaa guyyaadhaan gar malee qabamanii waan turaniif, wanta ‘Noh inni qajeelummaa lallabu’ badiisa dhufuuf jedhu ilaalchisee dubbateef xiyyeeffannaa hin kennine. (2 Phe. 2:5) Yesuus immoo haalawwan yeroo sana turan wantoota bara keenyatti mulʼatanii wajjin wal bira qabee dubbateera. (Maatewos 24:37-39 dubbisi.) Yeroo harʼaatti, namoonni hedduun misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo dhuma sirna kanaa dura saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf lallabamaa jiru dhagaʼuu didaniiru. Dhimmoonni maatii kan akka gaaʼelaa fi ijoollee guddisuu illee, miira ariifannaa guyyaa Yihowaa ilaalchisee qabnu akka hin hirʼisne barumsa nuu kennamuuf xiyyeeffannaa haa kenninu.
HAALA GAAʼELAA YEROO BISHAAN BADIISAATII HAMMA BARA YESUUSITTI TURE
10. (a) Aadaawwan hedduu keessatti gocha halalummaa akkamiitu baramaa ture? (b) Abrahaamii fi Saaraan gaaʼela isaaniitiin fakkeenya gaarii kan taʼan akkamitti?
10 Nohii fi ijoolleen isaa sadan haadha manaa tokko tokko kan qaban taʼus, Bishaan Badiisaa booda tokkoo ol fuudhuun baramaa ture. Aadaawwan hedduu keessatti halalummaan kutaa jireenyaa taʼee kan ture siʼa taʼu, sirnawwan amantii keessatti illee babalʼatee ture. Abraamii (Abrahaamii) fi haati manaa isaa Saaraayi (Saaraan) Waaqayyoof ajajamuudhaan gara Kanaʼaan yeroo deemanitti, magaalattiin gochawwan gaaʼelaaf kabaja akka hin qabne argisiisaniin guutamtee turte. Kanaaf, namoonni achi keessa jiraatan halalummaa irratti hirmaachaa waan turaniif, Yihowaan Sodoomii fi Gomoraan akka balleeffaman dubbatee ture. Abrahaam maatii isaa akka gaariitti geggeessaa kan ture siʼa taʼu, Saaraan immoo matummaa abbaa manaa ishiitiif bitamuudhaan fakkeenya gaarii taateetti. (1 Pheexiros 3:3-6 dubbisi.) Abrahaam, ilmi isaa Yisihaaq haadha manaa Yihowaa waaqeffattu akka fuudhu itti himee ture. Yaaqoob ilmi Yisihaaq inni yeroo booda ijoolleen isaa akaakilii gosoota Israaʼel 12nii taʼanis waaqeffannaa dhugaatiif of eeggannoo godha ture.
11. Seerri Musee Israaʼelootaaf eegumsa kan godhe akkamitti?
11 Yeroo booda, Yihowaan sanyii Yaaqoobii Keessa Deebii 7:3, 4 dubbisi.) Gaaʼela keessatti rakkinni cimaan yoo uumame, yeroo baayʼee jaarsoliin gargaarsa godhu turan. Amanamummaa dhabuu, hinaaffaa fi shakkiidhaaf furmaanni ni kennama ture. Wal hiikuun kan heyyamamu taʼus, kana ilaalchisees seerri kennamee ture. Namni tokko haadha manaa isaa irratti “wanta namatti hin tolle” yoo arge ishii hiikuu dandaʼa ture. (Kes. 24:1) “Wanta namatti hin tolle” kan jedhame maal akka taʼe ibsamuu baatus, dhimmoota xixinnoo akka hin dabalanne tilmaamuu dandeenya.—Lew. 19:18.
(Israaʼel) wajjin kakuu gale. Tokkoo ol fuudhuu dabalatee sochiiwwan yeroo sanaa gaaʼelaa wajjin wal qabatan Seera Museetiin geggeeffamu turan. Seerichi Israaʼeloonni waaqeffattoota sobaa wajjin gaaʼela akka hin godhanne dhorkuudhaan, karaa hafuuraa eegumsa isaaniif godheera. (HIRIYAA GAAʼELAA KEESSAN HIN GOWWOOMSINAA
12, 13. (a) Dhiironni bara Miilkiyaasitti turan tokko tokko haadhotii manaa isaanii akkamitti qabu turan? (b) Yeroo harʼaatti, namni cuuphame tokko hiriyaa gaaʼelaa nama kan biraa wajjin ejja yoo raawwatee fi yoo isa fuudhe maaltu irra gaʼa?
12 Bara Miilkiyaas raajichaatti, abbootiin manaa Yihudoota taʼan hedduun sababa xixinnoo uumanii haadhotii manaa isaanii hiikuudhaan isaan gowwoomsu turan. Dhiironni kun warra Yihowaa hin waaqeffanne illee dabalatee, shamarree fuudhuuf jedhanii haadhotii manaa isaanii qeerrummaatti fuudhan hiiku turan. Dhiironni Yihudoota taʼanii fi bara Yesuusitti turanis “sababiidhuma taʼeen” haadhotii manaa isaanii gowwoomsuudhaan isaan hiiku turan. (Mat. 19:3) Yihowaan wal hiikuu isaanii jibbee ture.—Miilkiyaas 2:13-16 dubbisi.
13 Yeroo harʼaas, sabni Yihowaa hiriyaa gaaʼelaa ofii gowwoomsuu akka laayyootti hin ilaalan. Dhiirri ykn dubartiin cuuphaman tokko hiriyaa gaaʼelaa isaanii hiikuudhaan nama kan biraa wajjin gaaʼela godhatan haa jennu. Namoonni kun yaada hin geddaratan taanaan qulqullinni gumii akka eegamuuf gumiidhaa baafamu. (1 Qor. 5:11-13) Inni ykn ishiin gara gumiitti deebiʼuu isaanii dura ‘firii yaada geddarachuu isaanii argisiisu godhachuu’ qabu. (Luq. 3:8; 2 Qor. 2:5-10) Namni kun gara gumiitti deebiʼuu isaa dura hammam turuu akka qabu murteeffamuu baatus, gowwoomsaan saba Waaqayyoo gidduutti darbee darbee uumamu akkanaa akka laayyootti hin ilaalamu. Namni cubbuu hojjete tokko dhuguma akka yaada geddarate argisiisuuf tarii waggaa tokko ykn isaa ol itti fudhachuu dandaʼa. Namoonni kun yoo gara gumiitti deebiʼan illee, “barcuma murtii Waaqayyoo dura” dhaabatanii deebii kennuun isaanii hin oolu.—Rom. 14:10-12; Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 15, 1979 (Ingiliffa), ful. 31-32 ilaali.
KIRISTIYAANONNI GAAʼELAAF ILAALCHA AKKAMII QABU?
14. Seerichi kaayyoo maaliitiif tajaajila ture?
14 Seerri Musee waggaa 1,500 oliif Israaʼeloota geggeesseera. Seerichi sabni Waaqayyoo dhimmoota maatii fi dhimmoota kaaniif furmaata yeroo kennanitti dhugaawwan buʼuuraa qajeeloo taʼan akka hordofan gargaareera; akkasumas eegduu gara Masiihichaatti geessu taʼuudhaan tajaajileera. (Gal. 3:23, 24) Duuti Yesuus Seericha waan hambiseef, Waaqayyo qophii haaraa qopheesse. (Ibr. 8:6) Qophii kana jalatti, wantoonni Seerichi heyyamu tokko tokko heyyamamuun isaanii ni hafe.
15. (a) Gumii Kiristiyaanaa keessatti gaaʼelli ulaagaa isa kam hordofuu qaba? (b) Kiristiyaanni tokko hiriyaa gaaʼelaa isaa hiikuu yoo yaade, dhimmoota akkamii irratti yaaduu qaba?
15 Yesuus gaaffii Fariisonni tokko tokko kaasaniif deebii yeroo kennetti, seerri Musee namni tokko hiriyaa gaaʼelaa isaa akka hiiku heyyamu ‘jalqabaa kaasee akka hin turre’ dubbateera. (Mat. 19:6-8) Deebiin Yesuus isaaniif kenne, ulaagaan Waaqayyo jalqaba Eeden keessatti gaaʼelaaf kaaʼe, gumii Kiristiyaanaa keessattis hojii irra ooluu akka qabu kan argisiisu ture. (1 Xim. 3:2, 12) Hiriyoonni gaaʼelaa “foon tokko” waan taʼaniif, jaalalli Waaqayyoofis taʼe waliif qaban walitti dhufeenya isaanii akka cimsu gochuudhaan walitti maxxanuu qabu. Halalummaan utuu hin raawwatamin wal hiikuun, namni tokko nama kan biraa fuudhuuf bilisummaa akka argatu hin godhu. (Mat. 19:9) Dhugaa dha, namni tokko akkuma Hoseʼaan haadha manaa isaa Gomer ishii halalee taateef dhiifama godhe, hiriyaan gaaʼelaa isaa ejja raawwate yaada yoo geddarate dhiifama isaaf gochuu filachuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan Israaʼeloota karaa hafuuraa ejja raawwataniif dhiifama godheera. (Hos. 3:1-5) Namni tokko hiriyaan gaaʼelaa isaa ejja akka raawwate utuma beekuu, yoo saalqunnamtii wajjin raawwate dhiifama akka isaaf godhe argisiisa; sana booda yaanni Kitaaba Qulqulluu wal hiikuu heyyamu hojii irra ooluu hin dandaʼu.
16. Yesuus qeentee taʼuu ilaalchisee maal jedhe?
16 Yesuus, Kiristiyaanonni dhugaan halalummaan utuu hin raawwatamin wal hiikuu akka hin qabne erga dubbatee booda, qeentee taʼanii jiraachuuf “warra kennaa isaa qaban” ilaalchisee dubbatee ture. Itti fufees, “Namni kana fudhachuu dandaʼu haa fudhatu” jedheera. (Mat. 19:10-12) Obboloonni hedduun yaada guutuudhaan Yihowaa waaqeffachuuf jecha qeentee taʼanii jiraachuu filataniiru. Kana gochuu isaaniitiin galateeffatamuu qabu.
17. Kiristiyaanni tokko gaaʼela godhachuuf ykn dhiisuuf akka murteessu kan isa gargaaru maali dha?
17 Namni tokko qeentee taʼee jiraachuuf kennaa qabaachuu fi dhiisuu isaa kan beeku isuma waan taʼeef, qeentee taʼuufis taʼe gaaʼela godhachuuf ofuma isaatii murteessuu qaba. Phaawulos ergamaan qeentee taʼuu ni jajjabeessa ture; taʼus, akkana jedheera: “Halalummaan waan babalʼateef, dhiirri hundi haadha manaa ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis abbaa manaa ofii ishii haa qabaattu.” Itti fufees, “Of toʼachuu yoo dadhaban garuu gaaʼela haa godhatan; sababiin isaas hawwiidhaan gubachuu mannaa gaaʼela godhachuu wayya” jedheera. Namni tokko gaaʼela godhachuun isaa, hawwii qaama saalaa ofii susukkuumuu fi ejja raawwachuu irraa isa eeguu dandaʼa. Umuriinis xiyyeeffannaa keessa galuu qaba; Phaawulos akkana jedheera: “Namni tokko utuu hin fuudhin jiraachuudhaan of toʼachuu akka dadhabe yoo isatti dhagaʼamee fi umurii dargaggummaa irra kan darbe yoo taʼe wanti inni gochuu qabu kana dha: Wanta barbaade haa godhu; cubbuu isatti hin taʼu. Warri akkasii gaaʼela haa godhatan.” (1 Qor. 7:2, 9, 36; 1 Xim. 4:1-3) Taʼus, namni tokko hawwii yeroo dargaggummaatti isatti dhufuuf jecha gaaʼela godhachuuf ariifachuu hin qabu. Tarii yeroo kanatti itti gaafatamummaa gaaʼelli fidu fudhachuudhaaf gaʼeessa taʼuu dhiisuu dandaʼa.
18, 19. (a) Gaaʼelli Kiristiyaanaa akkamitti jalqabuu qaba? (b) Mata dureen itti aanu waaʼee maalii ibsa?
18 Gaaʼelli Kiristiyaanaa, dhiiraa fi dubartii Yihowaadhaaf of murteessanii fi garaa guutuudhaan isa jaallatan gidduutti hundeeffamuu qaba. Akkasumas, baayʼee kan wal jaallatanii fi gaaʼelaan tokko taʼuu kan barbaadan taʼuu qabu. Gorsa “Gooftaadhaan qofa” akka wal fuudhan kenname hojii irra yoo oolchan eebba akka argatan beekamaa dha. (1 Qor. 7:39) Erga wal fuudhanii boodas, gaaʼelli isaanii milkaaʼina akka argatu gochuuf, Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii akka isaaniif kennu hin shakkan.
19 “Guyyoota dhumaa” keessa jiraannu kanatti, namoonni hedduun amalawwan gaaʼelli milkaaʼina akka hin arganne godhan argisiisaa jiru. Mata dureen itti aanu, yaadawwan Kitaaba Qulqulluu Kiristiyaanonni gaaʼela qaban rakkina yeroo kanatti isaan mudatu dandamachuuf isaan gargaaran ibsa. (2 Xim. 3:1-5) Yeroo daandii jireenya bara baraatti geessu irra saba isaa wajjin deddeebiʼaa jirru kanatti, Yihowaan wantoota gaaʼela milkaaʼina qabuu fi gammachiisaa taʼe qabaachuuf barbaachisan Dubbii isaa isa gatii guddaa qabu keessa nuu kaaʼeera.—Mat. 7:13, 14.