Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaʼelli Kiristiyaanaa Milkaaʼina Akka Qabaatu Gochuu

Gaaʼelli Kiristiyaanaa Milkaaʼina Akka Qabaatu Gochuu

“Isin keessaa namni hundi akkuma ofii isaa jaallatutti haadha manaa isaa jaallachuu qaba; . . . haati manaa abbaa manaa ishiitiif kabaja guddaa kennuu qabdi.”—EFE. 5:33.

FAARFANNAA: 36, 3

1. Gaaʼelli yeroo baayʼee gammachuudhaan kan jalqabu taʼus, warri gaaʼela godhatan maaltu akka isaan mudatu eeguu dandaʼu? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

MISIRROON tokko misirroo isaa baayʼee bareeddu guyyaa cidha isaanii irratti yommuu argu, lamaan isaanii iyyuu baayʼee gammadu. Yeroo wal qoratanitti jaalalli isaanii baayʼee dabalaa waan deemeef, gaaʼela isaanii keessatti amanamoo waliif taʼuuf waadaa galuu barbaadan. Dhugaa dha, yeroo namoonni lama wal faana jiraachuu jalqabanii fi maatii haaraan hundeeffamu sirreeffama gochuun barbaachisaa dha. Hundeessaan gaaʼelaa hiriyoonni gaaʼelaa jireenya isaanii keessatti milkaaʼinaa fi gammachuu akka argatan waan barbaaduuf, Dubbiin Waaqayyoo namoota gaaʼela godhachuu barbaadaniif gorsa gaarii kenna. (Fak. 18:22) Taʼus, namoonni mudaa qaban lama yeroo gaaʼela godhatan, ‘foon isaanii irratti rakkinni akka dhufu’ Kitaabni Qulqulluun ifatti dubbata. (1 Qor. 7:28) Rakkina kana hirʼisuun kan dandaʼamu akkamitti? Gaaʼelli Kiristiyaanaa milkaaʼina akka argatu wanti godhu hoo maali dha?

2. Hiriyoonni gaaʼelaa gosawwan jaalalaa akkamii walitti argisiisuu qabu?

2 Kitaabni Qulqulluun barbaachisummaa jaalalaa ni dubbata. Hoʼisanii wal jaallachuun (Afaan Giriikii, fiiliyaa) gaaʼela keessatti barbaachisaa dha. Jaalalli saala faallaa gidduu jiru (eeroos) gammachuu argamsiisa; jaalalli maatii (Istoorgee) immoo yeroo ijoolleen dhalatanitti faayidaa guddaa qaba. Haa taʼu malee, gaaʼelli milkaaʼina akka argatu kan godhu jaalala isa dhugaa buʼuuraa irratti hundaaʼe (agaappee) dha. Phaawulos ergamaan jaalala kana ilaalchisee akkana jedheera: “Isin keessaa namni hundi akkuma ofii isaa jaallatutti haadha manaa isaa jaallachuu qaba; karaa gara biraa immoo, haati manaa abbaa manaa ishiitiif kabaja guddaa kennuu qabdi.”—Efe. 5:33.

GAHEE HIRIYOONNI GAAʼELAA QABAN GAD FAGEENYAAN ILAALUU

3. Gaaʼela keessatti jaalalli hammam cimaa taʼuu qaba?

3 Phaawulos akkana jedhee barreesseera: “Abbootii manaa nana, akkuma Kiristoos gumii jaallatee fi ofii isaa dabarsee isaaf kenne, haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa.” (Efe. 5:25) Duuka buutonni Yesuus fakkeenya isaa hordofan, akkuma inni isaan jaallate, wal jaallachuu qabu. (Yohaannis 13:34, 35; 15:12, 13 dubbisi.) Kanaaf, jaalalli hiriyoota gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan gidduu jiru, barbaachisaa taanaan isaan keessaa inni tokko hiriyaa gaaʼelaa isaatiif duʼuuf illee fedhii akka qabaatu kan isa kakaasu taʼuu qaba. Haa taʼu malee, gaaʼela keessatti rakkinni cimaan yoo uumame, namoonni tokko tokko jaalalli isaanii cimaa akka hin taane itti dhagaʼama taʼa. Taʼus, jaalalli inni agaappee jedhamu “waan hundumaa dandaʼa, waan hundumaa amana, waan hundumaa abdata, yeroo hunda jabaatee dhaabata.” Eeyyee, “jaalalli yoom iyyuu hin badu.” (1 Qor. 13:7, 8) Hiriyoonni gaaʼelaa Waaqayyoon sodaatan, waadaa wal jaallachuu fi amanamoo waliif taʼuuf galan yaadachuun isaanii, rakkoowwan isaan mudatan dhugaawwan buʼuuraa Yihowaa irratti hundaaʼanii hiikuuf isaan gargaara.

4, 5. (a) Abbaan manaa, akka mataa maatii tokkootti itti gaafatamummaa akkamii qaba? (b) Haati manaa, matummaadhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabdi? (c) Hiriyoonni gaaʼelaa tokko sirreeffama akkamii gochuun isaan barbaachisee ture?

4 Phaawulos itti gaafatamummaa hiriyoonni gaaʼelaa lamaanuu qaban irratti xiyyeeffachuudhaan akkana jedhee barreesseera: “Haadhotiin manaa akkuma Gooftaadhaaf bitaman abbootii manaa isaaniitiif haa bitaman; sababiin isaas akkuma Kiristoos gumichaaf mataa taʼe, abbaan manaas mataa haadha manaa ti.” (Efe. 5:22, 23) Qophiin kun haati manaa abbaa manaa ishiitii gadi akka taatu kan godhu miti. Kanaa mannaa, gahee Waaqayyo yeroo dubartii uumetti ishiidhaaf yaade raawwachuuf ishii gargaara; akkana jedheera: “Namichi kophaa isaa taʼuun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha.” (Uma. 2:18) Akkuma Kiristoos isaa ‘mataa gumii’ taʼee, abbaan manaa Kiristiyaana taʼe tokkos matummaa isaa karaa jaalala qabeessa taʼeen itti fayyadamuu qaba. Yoo inni kana godhe, haadha manaa isaatti nageenyi kan dhagaʼamu siʼa taʼu, isa kabajuun, isa deggeruunii fi isaaf bitamuun ishiidhaaf salphata.

5 Kaatiin [1] gaaʼelli sirreeffama gochuu akka gaafatu yommuu dubbattu akkana jetteetti: “Yeroon qeentee turetti of dandaʼee jiraachaa kanan ture siʼa taʼu, kunuunsa kanan godhu ofiif qofa ture. Abbaa manaa kootti amanamuu waanan baradheef, gaaʼelli sirreeffama gochuuf na gargaareera. Kun yeroo hunda salphaa miti; taʼus karaa Yihowaan barbaaduun deddeebiʼuudhaan caalaatti walitti dhihaachuu dandeenyeerra.” Abbaan manaa ishii Fireed immoo akkana jedheera: “Murtoo gochuun naaf salphatee hin beeku. Gaaʼela keessatti, yeroo murtoon godhamu nama lama tilmaama keessa galchuun immoo caalaatti ulfaata. Taʼus, kadhannaadhaan qajeelfama Yihowaa gaafachuunii fi yaada haadha manaa koo dhagaʼuun koo guyyaa guyyaatti murtoo gochuun akka naaf salphatu godha. Tokkummaa akka qabnu natti dhagaʼama!”

6. Gaaʼela keessatti rakkinni yeroo uumamutti, jaalalli ‘tokkummaadhaan kan walitti qabsiisu’ akkamitti?

6 Hiriyoonni gaaʼelaa yoo balleessaa irra waliif darban gaaʼelli isaanii cimaa taʼa. ‘Wal dandaʼuu isaanii fi tola waliif dhiisuu isaanii itti fufuu’ qabu. Eeyyee, hiriyoonni gaaʼelaa lamaanuu dogoggora ni raawwatu. Haa taʼu malee, yeroo kanatti dogoggora isaanii irraa barachuuf, jechuunis dhiifama kan godhan taʼuuf carraa argatu; akkasumas, jaalalli ‘tokkummaadhaan akka walitti isaan qabsiisu’ godhu. (Qol. 3:13, 14) Kana malees, “Jaalalli obsaa dha, gaarummaas ni argisiisa. . . . Miidhaa isa irra gaʼe galmeessee hin qabatu.” (1 Qor. 13:4, 5) Walitti buʼiinsi yommuu uumamu yeruma sana furmaanni itti kennamuu qaba. Kanaaf, hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan rakkinni kam iyyuu gidduu isaaniitti yommuu uumamu utuu aduun hin lixin furuu qabu. (Efe. 4:26, 27) “Si miidhuu kootiif dhiifama” jechuun gad of qabuu fi ija jabina kan gaafatu taʼus, rakkina furuu irratti gahee guddaa qaba; akkasumas hiriyoota gaaʼelaa walitti dhiheessa.

HAALA ADDAA GAARUMMAA GAAFATU

7, 8. (a) Saalqunnamtii gaaʼela keessatti raawwatamu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun gorsa akkamii kenna? (b) Hiriyoonni gaaʼelaa gaarummaa walitti argisiisuu kan qaban maaliifi?

7 Kitaabni Qulqulluun, hiriyoonni gaaʼelaa dirqama gaaʼelaatiif ilaalcha gaarii akka qabaatan isaan gargaara. (1 Qorontos 7:3-5 dubbisi.) Miiraa fi wanta hiriyaa gaaʼelaa isaanii barbaachisuuf iddoo kennuu qabu. Haati manaa tokko gaarummaadhaan hin qabamtu taanaan, saalqunnamtiitti gammaduu dhiisuu dandeessi. Abbootiin manaa, haadhotii manaa isaanii wajjin “beekumsaan” akka jiraatan gorfamaniiru. (1 Phe. 3:7) Saalqunnamtiin humnaan ykn dirqamaan utuu hin taʼin fedhiidhaan raawwatamuu qaba. Yeroo baayʼee dhiironni dubartoota caalaa fedhii kan qabaatan taʼus, yeroon isaa gama miiraatiin lamaan isaaniitiif iyyuu mijataa taʼuu qaba.

8 Kitaabni Qulqulluun gosaa fi daangaa hiriyoonni gaaʼelaa jaalala itti walitti argisiisan ilaalchisee kallattiidhaan seera kennuu baatus, jaalalli argisiifamuu akka dandaʼu dubbata. (Wed. 1:2; 2:6) Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan gaarummaa walitti argisiisuu qabu.

9. Nama hiriyaa gaaʼelaa ofii hin taanee wajjin saalqunnamtii raawwachuuf fedhii qabaachuun fudhatama kan hin qabne maaliifi?

9 Waaqayyoo fi namootaaf jaalala cimaa qabaachuun, eenyu illee ykn wanti akkamii iyyuu walitti dhufeenya gaaʼelaa irratti dhiibbaa akka hin geessisne godha. Hiriyaan gaaʼelaa inni tokko poornoogiraafii ilaaluu amaleeffachuu isaatiin kan kaʼe, gaaʼelawwan tokko tokko rakkina keessa galaniiru. Namni tokko poornoogiraafii ilaaluu irraas taʼe, nama hiriyaa gaaʼelaa isaa hin taanee wajjin saalqunnamtii raawwachuuf fedhii qabaachuu irraa fagaachuu qaba. Nama hiriyaa gaaʼelaa keenya hin taane kolomsuun, jaalala waan hin taaneef irraa fagaachuu qabna. Waaqayyo yaadaa fi gocha keenya akka beeku yaadachuun keenya, fedhii isa gammachiisuu fi qulqulluu taanee jiraachuuf qabnu nuuf cimsa.—Maatewos 5:27, 28; Ibroota 4:13 dubbisi.

YOMMUU WALITTI DHUFEENYI GAAʼELAA LAAFU

10, 11. (a) Wal hiikuun hammam babalʼateera? (b) Gargar baʼuu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha? (c) Hiriyaan gaaʼelaa tokko gargar baʼuuf akka hin ariifanne wanti isa gargaaru maali dha?

10 Rakkoowwan ciccimoon gaaʼela keessatti uumaman, hiriyaan gaaʼelaa inni tokko ykn lamaan isaanii gargar baʼuu ykn wal hiikuu akka yaadan gochuu dandaʼu. Biyyoota tokko tokko keessatti, hiriyoonni gaaʼelaa walakkaa ol taʼan wal hiiku. Rakkinni kun gumii Kiristiyaanaa keessatti baayʼinaan kan hin argamne taʼus, rakkoowwan gaaʼelaa wajjin wal qabatan saba Waaqayyoo gidduutti dabalaa adeemuun isaanii wanta nama yaaddessu dha.

11 Kitaabni Qulqulluun qajeelfama akkana jedhu kenna: “Haati manaa abbaa manaa ishii irraa gargar hin baʼin. Yoo gargar baate garuu, utuu hin heerumin haa jiraattu yookiin abbaa manaa ishii wajjin haa araaramtu; abbaan manaas haadha mana isaa hin dhiisin.” (1 Qor. 7:10, 11) Hiriyaa gaaʼelaa ofii irraa gargar baʼuun akka laayyootti ilaalamuu hin qabu. Gargar baʼuun yeroo rakkoowwan ciccimoon kaʼanitti furmaata kan argamsiisu fakkaatus, yeroo baayʼee rakkoowwan dabalataa uuma. Yesuus, wanta Waaqayyo namni abbaa fi haadha isaa dhiisuudhaan haadha manaa isaatti akka maxxanu dubbate erga irra deebiʼee dubbatee booda, akkana jedheera: “Waan Waaqayyo walitti qabsiise, namni gargar hin baasin.” (Mat. 19:3-6; Uma. 2:24) Kana jechuun, abbaan manaas taʼe haati manaa ‘waan Waaqayyo walitti qabsiise gargar baasuu’ hin qaban jechuu dha. Yihowaan, gaaʼelli walitti dhufeenya umurii guutuu akka taʼetti ilaala. (1 Qor. 7:39) Hiriyoonni gaaʼelaa, hundi keenya iyyuu Waaqayyo duratti akka itti gaafatamnu yaadachuun isaanii, rakkoowwan uumaman utuu hin cimin dafanii furmaata itti kennuuf carraaqqii guddaa akka godhan isaan kakaasa.

12. Hiriyaan gaaʼelaa tokko gargar baʼuu akka yaadu wanti isa godhu maal taʼuu dandaʼa?

12 Wanta taʼuu hin dandeenye eeguun, gaaʼela keessa rakkinni akka jiraatu gochuu dandaʼa. Namni tokko gaaʼela keessatti gammachuu argachuuf hawwiin inni qabu milkaaʼuu yoo baate, gammachuu dhabuu, akka gowwoomfame itti dhagaʼamuu fi gaaʼelli isa jibbisiisuu illee ni dandaʼa. Miiraan, akkasumas akkaataa guddinaatiin garaa gara taʼuun rakkina uumuu dandaʼa; ykn immoo qarshii, soddaawwan, akkasumas ijoollee guddisuu ilaalchisee walitti buʼiinsi uumamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan hedduun, Waaqayyo akka isaan geggeessu waan heyyamaniif, waliin taʼanii rakkoowwan akkanaatiif furmaata kennuun isaanii nama gammachiisa.

13. Wantoonni gargar baʼuuf sababa gaʼaa taʼan maal faʼi?

13 Yeroo tokko tokko, gargar baʼuun sirrii taʼuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko, taʼe jedhanii gargaarsa gochuu dhiisuun, akkasumas miidhaan qaamaa cimaa taʼee fi jireenyi nama tokkoo karaa hafuuraa balaa irra akka buʼu gochuun gargar baʼuudhaaf sababa gaʼaa akka taʼetti ilaalu. Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan, rakkinni cimaan yoo isaan mudate jaarsolii gargaarsa gaafachuu qabu. Obboloonni muuxannoo qaban kun, hiriyoonni gaaʼelaa gorsa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru hojii irra akka oolchan isaan gargaaruu dandaʼu. Akkasumas, rakkoowwan gaaʼela keessatti uumamaniif furmaata yeroo kenninutti hafuura Yihowaa argachuuf, dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu fi firiiwwan hafuuraa argisiisuuf akka nu gargaaru Yihowaa kadhachuu qabna.—Gal. 5:22, 23. [2]

14. Kitaabni Qulqulluun, Kiristiyaanota nama Yihowaa hin waaqeffannee wajjin gaaʼela godhataniif gorsa akkamii kenna?

14 Kiristiyaanonni tokko tokko nama tajaajilaa Yihowaa hin taane tokkoo wajjin gaaʼela godhatu. Kitaabni Qulqulluun, hiriyoonni gaaʼelaa akkanaa waliin taʼuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe sababii gaarii dubbata. (1 Qorontos 7:12-14 dubbisi.) Hiriyaan gaaʼelaa hin amanne sun hubatus hubachuu baatus, nama amanuu wajjin gaaʼela godhachuu isaatiin kan kaʼe “qulqulluu” taʼeera. Ijoolleen isaan irraa argaman hundi “qulqulloota” akka taʼanittii fi Waaqayyo duratti fudhatama akka qabanitti lakkaaʼamu. Phaawulos akkana jedheera: “Ati yaa haadha manaa nana, abbaa manaa kee ni fayyifta yoo taʼe maal beekta? Yookiin ati yaa abbaa manaa nana, haadha manaa kee ni fayyifta yoo taʼe maal beekta?” (1 Qor. 7:16) Gumiiwwan hunda keessa, Dhugaa Baatonni Yihowaa hiriyaan gaaʼelaa isaanii tajaajilaa Yihowaa akka taʼu gargaaran jiru jechuun ni dandaʼama.

15, 16. (a) Kitaabni Qulqulluun, haadhotii manaa abbootiin manaa isaanii Yihowaa hin tajaajilleef gorsa akkamii kenna? (b) “Inni hin amanne gargar baʼuu yoo filate” Kiristiyaanni tokko maal gochuu qaba?

15 Pheexiroos ergamaan haadhotii manaa Kiristiyaanota taʼan abbootii manaa isaaniitiif akka bitaman yeroo gorsu akkana jedheera: “Dubbichaaf kan hin ajajamne yoo jiraatan, dubbii malee amala keessan isa gaariidhaan akka moʼamaniif abbootii manaa keessaniif bitamaa; kan moʼamanis amala keessan isa qulqulluu fi ulfina guddaa isin argisiistan yommuu ilaalanitti dha.” Haati manaa tokko, abbaa manaa ishiitti waaʼee amantii ishii kallattiidhaan dubbachuu caalaa amala “tasgabbii fi hafuura garraamummaa isa Waaqayyo duratti gatii guddaa qabuun,” akka inni waaqeffannaa dhugaa deggeru gochuu dandeessi.—1 Phe. 3:1-4.

16 Hiriyaan gaaʼelaa hin amanne gargar baʼuu yoo filate hoo? Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Inni hin amanne gargar baʼuu yoo filate garuu gargar haa baʼu; obboleessi yookiin obboleettiin tokko haala akkasii keessatti dirqamni isaan irra hin jiru; taʼus Waaqayyo nagaa isiniif kenneera.” (1 Qor. 7:15) Akkana yeroo jennu, Kiristiyaanni tokko yeroo kanatti nama biraa wajjin gaaʼela godhachuuf bilisa taʼa jechuu miti; haa taʼu malee, hiriyaan gaaʼelaa isaa inni gargar baʼuu filate isaa wajjin akka jiraatu gochuuf dirqamni isa irra hin jiru. Tarii gargar baʼuun isaanii nagaa argamsiisuu iyyuu dandaʼa. Kana malees, Kiristiyaanni sun hiriyaan gaaʼelaa isaa inni gargar baʼuu filate, fedhii isaatiin deebiʼee gaaʼela isaa oolchuuf akka isaa wajjin hojjetuu fi suutuma suutaan hidhata isaa taʼuu akka dandaʼu abdachuu dandaʼa.

GAAʼELAA FI WANTA DURSA KENNUUFII QABNU

Dhimmoota hafuuraatiif dursa kennuun gammachuu gaaʼela keessanii dabaluu dandaʼa (Keeyyata 17 ilaali)

17. Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan wanta akkamiitiif dursa kennuu qabu?

17 Kan jiraannu “guyyoota dhumaa” keessa waan taʼeef, ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa jirra. (2 Xim. 3:1-5) Taʼus, karaa hafuuraa cimoo taanee jiraachuun keenya, dhiibbaa gadhee addunyaa kanaa moʼuuf caalaatti nu gargaara. Phaawulos akkana jedhee barreesseera: ‘Yeroon hafe gabaabaa dha. Ammaa jalqabee warri haadha manaa qaban, akka warra haadha manaa hin qabnee haa taʼan; warri addunyaatti fayyadaman akka warra guutummaatti itti hin fayyadamnee haa taʼan.’ (1 Qor. 7:29-31) Phaawulos yeroo akkana jedhu, hiriyoonni gaaʼelaa itti gaafatamummaa gaaʼela isaanii haa dagatan jechuu isaa hin turre. Yeroon hafe gabaabaa waan taʼef, dhimmoota hafuuraatiif dursa kennuun isaan barbaachisa jechuu isaa ti.—Mat. 6:33.

18. Kiristiyaanonni, gaaʼela gammachuu fi milkaaʼina qabu qabaachuu dandaʼu kan jennu maaliifi?

18 Yeroon amma keessa jiraannu, yeroo baayʼee rakkisaa taʼee fi gaaʼelli hedduun itti diigamaa jiru dha. Haa taʼu malee, gaaʼelli keenya gammachuu fi milkaaʼina akka qabaatu gochuu ni dandeenya. Eeyyee, hiriyoonni gaaʼelaa saba Yihowaatti maxxanan, gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchanii fi hafuura qulqulluudhaan geggeeffaman, ‘wanti Waaqayyo walitti hidhe’ gargar akka hin baane gochuu dandaʼu.—Mar. 10:9.

^ [1] (keeyyata 5) Maqaawwan jijjiiramaniiru.

^ [2] (keeyyata 13) Kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu ful. 219-221 irraa kutaa dabalataa, “Wal Hiikuufi Gargar Baʼuu Ilaalchisee Macaafni Qulqulluun Maal Jedha?” jedhu ilaali.