Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Harka dhiqachuun diinota Yesuusiif dhimma guddaa kan ture maaliifi?

Dhimmi kun, dhimmoota hedduu diinonni Yesuus isaa fi duuka buutota isaa irratti falmii itti kaasan keessaa tokko qofa ture. Seerri Musee, dhangalaʼaa qaama keessaa baʼuu fi qurcii, akkasumas reeffa namootaa fi bineensotaa tuquu dabalatee wantoonni nama xureessan akka jiran dubbata. Kana malees, Seerichi namni tokko akkamitti qulqullaaʼuu akka dandaʼu qajeelfama ni kenna. Kun immoo, aarsaa dhiheessuudhaan, dhiqachuudhaan, akkasumas bishaan facaasuudhaan taʼuu dandaʼa ture.—Lew., boq. 11-15; Lak., boq. 19.

Barsiisonni seeraa Yihudoota taʼan, seerawwan kana irratti seera mataa isaanii dabalu turan. Barsiisonni seeraa wanta nama tokko xureessuu fi akkaataa itti namni kun warri kaan akka xuraaʼan godhu ilaalchisee seerawwan dabalataa hedduu akka baasan qorannaan tokko mulʼiseera. Kana malees, barsiisonni seeraa kun meeshaalee xuraaʼuu dandaʼanii fi xuraaʼuu hin dandeenye, akkasumas sirnawwan namoonni deebiʼanii qulqullaaʼuuf hordofuu qaban ilaalchisee seera baasaniiru.

Diinonni Yesuus, “Barattoonni kee aadaa abbootii durii kan hin eegnee fi harka xuriitiin kan nyaatan maaliifi?” jedhanii isa gaafatan. (Mar. 7:5) Namoonni kun harka utuu hin dhiqatin nyaachuun fayyaadhaaf gaarii miti jechuu isaanii hin turre. Barsiisonni seeraa kun nyaata nyaachuu isaanii dura harka isaanii irratti bishaan naqachuu sirna amantii godhatanii turan. Qorannaan olitti ibsame itti dabaluudhaan akkana jedheera: “Bishaan buusuuf meeshaa akkamiitti fayyadamuu akka qaban, bishaan akkamiitti fayyadamuu akka qaban, bishaan buusuu kan qabu eenyu akka taʼee fi harki isaanii hamma eessaatti bishaan tuquu akka qabu ilaalchisee wal falmiin jira ture.”

Yesuus, seerawwan dabalataa namoonni baasan kana ilaalchisee maaltu itti dhagaʼamee ture? Geggeessitoota amantii Yihudii jaarraa tokkoffaatti turaniin akkana jedheera: “Fakkeessitoota nana, Isaayyaas waaʼee keessan akkana jedhee barreessuudhaan sirriitti raajii dubbateera: ‘Sabni kun afaan isaatiin ulfina anaaf kenna, garaan isaa garuu baayʼee ana [Yihowaa] irraa fagoo dha. Ajaja namootaa akka dubbii kootti waan barsiisaniif akkanumaan na waaqeffatu.’ Isin ajaja Waaqayyoo dhiistanii aadaa namootaa cimsitanii eegdu.”—Mar. 7:6-8.