Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Karaa Hafuuraa Guddina Gochuun Si Barbaachisaa?

Karaa Hafuuraa Guddina Gochuun Si Barbaachisaa?

“Uummataaf dubbisuuf, gorsuu fi barsiisuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi.”—1 XIM. 4:13.

FAARFANNAA: 45, 42

1, 2. (a) Isaayaas 60:22 yeroo dhumaa kanatti raawwatamaa kan jiru akkamitti? (b) Yeroo harʼaatti kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa lafa irraa keessatti maaltu barbaachisa?

“MAATIIN xinnaan baayʼatee kumaatama in ta’a, inni hundumaa irra gad deebiʼaanis saba aango-qabeessa in ta’a.” (Isa. 60:22) Raajiin kun guyyoota gara dhumaa kanatti raawwii isaa argachaa jira. Kan nama dinqisiisu, waggaa tajaajilaa bara 2015⁠tti addunyaa maratti babalʼistoota Mootummichaa 8,220,105 taʼantu ture! Abbaan keenya inni samii kutaa xumuraa caqasa kanaa irratti, “Ani Waaqayyoo dha; yeroo isaatti kana hundumaa, dafee nan raawwadha” waan jedheef, hundi keenya iyyuu hojii dabalataa hojjennu qabna. Akkuma imaltoota konkolaataa saffisaan deemu keessa jiranii, saffisni hojii barattoota gochuu dabalaa deemuun isaas nutti beekama. Saffisa kanaa wajjin haala wal qabateen dhuunfaatti maal gochaa jirra? Wanta dandeenye hunda gochuudhaan hinaaffaadhaan waaʼee Mootummichaa lallabaa jirraa? Obboloonni hedduun qajeelchaa yeroo hundaa ykn qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajilaa jiru. Obboloota hedduu iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemanii tajaajilan ykn hojiiwwan tiʼookraasii kaan irratti hirmaatan arguun hoo nama hin gammachiisuu?

2 Taʼus, hojjettoonni dabalataa akka barbaachisan argaa jirra. Waggaa waggaatti gumiiwwan gara 2,000 taʼantu hundeeffamaa jira. Tokkoon tokkoon gumiiwwan haaraa kanaa jaarsolii 5 qabaachuu qabu utuu jennee, waggaa waggaatti tajaajiltoota gumii 10,000 taʼantu ilaaltuu ol aanaa taʼuu qaba jechuu dha. Kana jechuun immoo, obboloonni kumaan lakkaaʼaman ulaagaalee tajaajilaa gumii taʼuuf barbaachisan guutuu qabu jechuu dha. Dabalataanis, obboloonnis taane obboleettonni ‘hojiin Gooftaa nuuf baayʼateera.’—1 Qor. 15:58.

KARAA HAFUURAA GUDDACHUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?

3, 4. Karaa hafuuraa guddina gochuun siif hiika maalii qaba?

3 1 Ximotewos 3:1 dubbisi. Jechi afaan Giriikii “carraaquu” jedhamee hiikame, wanta salphaatti bira gaʼuu hin dandeenye qabuuf hiixachuu jechuu dha. Phaawulos ergamaan jecha kanatti fayyadamuudhaan karaa hafuuraa guddina gochuun carraaqqii gochuu akka gaafatu ibseera. Obboleessi tokko gara fuulduraatti gumii keessatti guddina akkamii irra akka gaʼu yaadaa jira haa jennu. Yeroo ammaatti tajaajilaa gumii taʼuu baatus, amalawwan gaggaarii horachuun akka isa barbaachisu hubate. Jalqaba, tajaajilaa gumii taʼuuf carraaqqii godha. Yeroo booda immoo, ilaaltuu ol aanaa taʼee tajaajiluuf karaa hafuuraa gaʼeessa akka taʼu abdata. Gama lamaaniin iyyuu, ulaagaalee gumii keessatti itti gaafatamummaa dabalataa argachuuf barbaachisan guutuuf ciminaan hojjechuu qaba.

4 Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni qajeelchaa taʼanii ykn Betʼel galanii tajaajiluu barbaadan, akkasumas ijaarsa Galma Mootummaa irratti fedhiidhaan hirmaachuu barbaadan galma isaanii irra gaʼuuf hiixachuu qabu. Dubbiin Waaqayyoo namni hundi karaa hafuuraa guddina akka godhu kan jajjabeessu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

KARAA HAFUURAA CAALAATTI GUDDINA GOCHUUF CARRAAQI

5. Dargaggoonni, tajaajila Mootummichaa irratti humna qabanitti fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?

5 Dargaggoonni, cimina tajaajila Yihowaa keessatti hojii baayʼee hojjechuuf barbaachisu qabu. (Fakkeenya 20:29 dubbisi.) Dargaggoonni Betʼel keessa tajaajilan tokko tokko, Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan maxxansuu fi walitti hodhuu irratti hirmaatu. Hedduun isaanii immoo, Galmawwan Mootummaa ijaaruu fi suphuu irratti hirmaatu. Dargaggoonni, yeroo balaan uumamaa gaʼutti obboloota muuxannoo qabanii wajjin gargaarsa gochuu irratti ni hirmaatu. Qajeelchitoota kan taʼan hedduun immoo, namoota biyya isaanii jiraniifis taʼe afaan kan biraa dubbatanitti misiraachicha himuu irratti gargaarsa gochaa jiru.

6-8. (a) Dargaggeessi tokko ilaalcha tajaajila Waaqayyootiif qabu kan jijjiire akkamitti? Kun hoo buʼaa akkamii isaaf argamsiise? (b) ‘Gaarummaa Yihowaa miʼeeffannee ilaaluu’ kan dandeenyu akkamitti?

6 Garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluun barbaachisaa akka taʼe hubachuu hin ooltu. Garuu, akka obboleessa Aaron jedhamu tokkotti dhagaʼame yoo sitti dhagaʼame hoo? Obboleessi kun maatii Kiristiyaanota taʼan keessatti kan guddate taʼus, “Walgaʼii fi tajaajilli dirree baayʼee na nuffisiisa ture” jechuudhaan ifatti dubbateera. Gammachuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu kan barbaadu taʼus, maaliif gammachuu akka hin arganne isaaf hin galu ture. Maal godhe ree?

7 Aaron, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, walgaʼiidhaaf qophaaʼuu fi walgaʼii irratti yaada kennuu dabalatee sochiiwwan hafuuraa kaan irratti caalaatti hirmaachuu jalqabe. Keessumaa immoo, yeroo hunda kadhachuu jalqabe. Jaalalli inni Yihowaadhaaf qabu yommuu dabalu, karaa hafuuraa guddina gaarii gochuu jalqabe. Aaron, gammachuu argachuu kan jalqabe siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee qajeelchaa taʼee tajaajiluu, yommuu balaan uumamutti warra kaanii wajjin gargaarsa gochuu fi naannoo haaraa deemee lallabuu jalqabe. Aaron yeroo ammaatti Betʼel keessa tajaajilaa kan jiru yommuu taʼu, jaarsa gumiis taʼeera. Daandii filate kana ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? Akkana jedheera: “‘Gaarummaa Yihowaa miʼeeffadhee ilaaleera.’ Eebba isaatiin kan kaʼe, idaan isaa akka na irra jiru kan natti dhagaʼamu taʼuu isaa irra iyyuu, tajaajila isaa irratti caalaatti hojjechuuf kakaʼeera; kun immoo eebba dabalataa naaf argamsiisa.”

8 Faarfatichi, “Warri Waaqayyoon barbaaddatan garuu waan gaarii tokko illee hin dhaban” jedhee faarfateera. (Faarfannaa 34:8-10 dubbisi.) Yihowaan, namoota hinaaffaadhaan isa tajaajilan matumaa akka hin dhiisne beekamaa dha. Tajaajila isaa irratti hamma dandeenyu yoo goone, dhuunfaatti ‘gaarummaa Yihowaa miʼeeffannee ilaaluu dandeenya.’ Garaa guutuudhaan Waaqayyoon yoo waaqeffanne, gammachuu gita hin qabne arganna.

OBSI, AKKASUMAS ABDII HIN KUTATIN

9, 10. ‘Waaqayyoon eeggachuun’ kee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

9 Galma kee irra gaʼuuf carraaqqii gochaa, ‘Waaqayyoon eeggadhu.’ (Mik. 7:7) Yihowaan tajaajiltoonni isaa hamma mirga argatanitti ykn haalli hamma jijjiiramutti akka obsan kan heyyamu taʼus, amanamoo warra taʼan yeroo hunda ni deggera. Abrahaamiif ilma akka kennu waadaa isaaf galee kan ture taʼus, Abrahaam amantii fi obsa qabaachuu qaba ture. (Ibr. 6:12-15) Abrahaam, Yisihaaq hamma dhalatutti waggoota hedduudhaaf kan eege taʼus, abdii hin kutanne; Yihowaanis isa hin daganne.—Uma. 15:3, 4; 21:5.

10 Obsaan eeggachuun salphaa miti. (Fak. 13:12) Wantoota abdii nu kutachiisan irratti kan yaannu yoo taʼe, baayʼee gadduu dandeenya. Kanaa mannaa, yeroo kanatti fayyadamnee ulaagaa karaa hafuuraa nu irraa barbaadamu guutuun keenya gaarii dha. Karaawwan kana gochuu itti dandeenyu sadii haa ilaallu.

11. Amalawwan karaa hafuuraa jabaachuudhaan argaman akkamii horachuuf carraaquu qabna? Amalawwan kun barbaachisoo kan taʼan hoo maaliifi?

11 Amalawwan karaa hafuuraa jabaachuudhaan argaman horadhu. Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan, ogummaa, hubannaa, dandeettii waa madaaluu, beekumsa, dandeettii yaaduu fi sirriitti yaaduu qabaachuu dandeenya. Amalawwan kun warra waaqeffannaa dhugaa keessatti itti gaafatamummaa qabaniif barbaachisoo dha. (Fak. 1:1-4; Tit.1:7-9) Kana malees, barreeffamoota keenya Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan yeroo dubbisnu, ilaalcha Waaqayyo dhimmawwan hedduu irratti qabu hubachuu dandeenya. Guyyaa guyyaatti, bashannana, uffannaa fi miidhagina, akkasumas itti fayyadama qarshii fi walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnu ilaalchisee dhimmoonni nu mudatan jiru. Wanta Kitaaba Qulqulluu irraa baranne hojii irra oolchuudhaan, murtoowwan Yihowaa gammachiisan gochuu dandeenya.

12. Miseensonni gumii amanamoo akka taʼan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

12 Amanamaa taʼi. Obbolootas taane obboleettota, hojiiwwan tiʼookraasii nuuf kennaman kam iyyuu raawwachuuf wanta dandeenye hunda gochuu qabna. Nahimiyaan bulchaa waan tureef, namoota saba Waaqayyoo gidduutti itti gaafatamummaa fudhachuu dandaʼan muuduu qaba ture. Eenyuun muude ree? Namoota Waaqayyoon sodaatanii fi amanamoo taʼanitti fayyadame. (Nah. 7:2; 13:12, 13) Harʼas taanaan, “bulchitoonni amanamoo taʼuutu isaan irraa eegama.” (1 Qor. 4:2) Hojii gaariin hubatamuun isaa hin oolu.—1 Ximotewos 5:25 dubbisi.

13. Namoonni karaa sirrii hin taaneen yoo si qaban, fakkeenya Yoseef hordofuu kan dandeessu akkamitti?

13 Yihowaan akka si fooyyessu heyyami. Namoonni karaa sirrii hin taaneen yoo si qaban maal goota? Tarii dhimmichaaf daftee furmaata kennuu dandeessa taʼa. Darbee darbee garuu, ati akka hin balleessine ibsuuf yeroo yaaltutti rakkinichi akka dabalu gochuu dandeessa. Obboloonni Yoseef isa miidhanii kan turan taʼus, inni garuu haaloo isaanitti hin qabanne. Yeroo booda immoo, Yoseef sobaan himatamee mana hidhaa gale. Haa taʼu malee, yeroo rakkisaa taʼetti Yihowaan akka isa geggeessu heyyamee ture. Buʼaan isaa maal ture? “Dubbiin Yihowaa isa fooyyesseera.” (Far. 105:19, NW) Yeroon qorumsaa kun erga darbee booda, Yoseef itti gaafatamummaa adda taʼeef gaʼumsa qabaachuu dandaʼeera. (Uma. 41:37-44; 45:4-8) Atis, rakkinni cimaan yeroo si mudatutti ogummaa argachuuf kadhadhu, gochaanis taʼe dubbiidhaan garraamummaa argisiisi, akkasumas Waaqayyo akka si jabeessu heyyami. Yihowaanis si gargaara.—1 Pheexiros 5:10 dubbisi.

TAJAAJILA IRRATTI GUDDINA ARGISIISI

14, 15. (a) Akkaataa itti lallabnuuf ‘yeroo hunda xiyyeeffannaa kennuu’ kan qabnu maaliifi? (b) Haalli yeroo jijjiiramu sirreeffama gochuu kan dandeessu akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiruu fi saanduqa “Mala kan Biraa Yaaluuf Fedhii Qabdaa?” jedhu ilaali.)

14 Phaawulos akkana jechuudhaan Ximotewosiin gorsee ture: “Uummataaf dubbisuuf, gorsuu fi barsiisuuf carraaqqii gochuu kee itti fufi. Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni.” (1 Xim. 4:13, 16) Ximotewos yeroo kanatti waaʼee Mootummichaa lallabuu irratti muuxannoo qaba ture. Taʼus, tajaajilli isaa buʼa qabeessa akka taʼuuf, barumsa barsiisuuf ‘yeroo hunda xiyyeeffannaa kennuu’ qaba ture. Namoonni, akkaataa inni yeroo baayʼee itti isaan haasofsiisaa tureef deebii gaarii kennuun isaanii qofti gaʼaa akka taʼe yaaduu hin qabu ture. Wanta isaan barbaachisu irratti xiyyeeffachuuf jecha malawwan ittiin barsiisu jijijjiiruudhaan garaa isaanii tuquu isaa itti fufuu qaba ture. Nutis, labsitoota Mootummichaa waan taaneef akkuma isaa gochuu qabna.

15 Yeroo baayʼee, manaa gara manaatti yommuu tajaajillu namoota manatti hin argannu. Naannoowwan tokko tokkotti immoo, gamoowwan ykn mandaroota eegumsa cimaa qaban seenuu hin dandeenyu taʼa. Naannoon kees kan akkana yoo taʼe, malawwan kan biraa misiraachicha lallabuuf dandeessisan maaliif hin yaaltu?

16. Bakka namoonni itti baayʼatanitti dhugaa baʼuun buʼaa argamsiisuu kan dandaʼu akkamitti?

16 Bakka namoonni itti baayʼatanitti lallabuun misiraachicha babalʼisuudhaaf mala gaarii taʼe dha. Dhugaa Baatonni hedduun hojii kana irratti hirmaachuudhaan buʼaa fi eebba hedduu argachaa jiru. Buufata baaburaa fi buufata atoobisiitti, iddoo gabaa fi iddoo bashannanaatti, akkasumas bakka namoonni itti baayʼatan kaanitti namoota haasofsiisuuf yeroo ramadaniiru. Dhugaa Baatuun tokko wanta oduu irratti dhagaʼe irratti hundaaʼuudhaan, akkasumas ijoollee nama haasofsiisu sanaa ilaalchisee waan gaarii tokko dubbachuudhaan ykn waaʼee hojii isaa gaaffii isa gaafachuudhaan marii jalqabuu dandaʼa. Mariin isaanii yommuu itti fufu, babalʼisichi yaada Kitaaba Qulqulluu tokko dubbachuu fi namichi yaada akka irratti kennu gochuu dandaʼa. Yeroo baayʼee, yaanni namni sun kennu marii Kitaaba Qulqulluu dabalataatti geessa.

17, 18. (a) Bakka namoonni itti baayʼatanitti lallabuuf ija jabina qabaachuu kan dandeessu akkamitti? (b) Tajaajila irratti yommuu hirmaattu, miira Daawit Yihowaa ittiin jajate qabaachuun barbaachisaa akka taʼe kan sitti dhagaʼamu maaliifi?

17 Bakka namoonni itti baayʼatanitti dhugaa baʼuun yoo sitti ulfaate abdii hin kutatin. Qajeelchaan Eedii jedhamuu fi magaalaa Niiwu Yoorki keessa jiraatu, iddoo namoonni baayʼatanitti namootaa wajjin marii jalqabuun isatti ulfaata ture. Yeroo booda garuu ija jabina argateera. Maaltu isa gargaare? Akkana jedheera: “Waaqeffannaa maatii keenya irratti anii fi haati manaa koo mormii fi yaada namoonni kaasuu dandaʼaniif deebii argachuuf qorannaa goona turre. Dhugaa Baatonni kaan yaada akka nuu kennanis ni gaafanna turre.” Amma Eediin bakka namoonni itti baayʼatanitti lallabuu ni jaallata.

18 Misiraachicha lallabuu irratti dandeettii fi ija jabina yeroo horattu guddinni kee ifatti mulʼata. (1 Ximotewos 4:15 dubbisi.) Kana malees, akkuma Daawit Abbaa keenya isa samii akka jajattu hin shakkisiisu. Daawit akkana jedheera: “Ani yeroo hundumaa maqaa Waaqayyoo nan eebbisa, jajuun isaas takkaa afaan koo keessaa hin bu’u. Lubbuun koo Waaqayyoon of in jajji, warri gadadamanis [“garraamonnis,” NW] kana dhaga’anii haa gammadan.” (Far. 34:1, 2) Buʼaa tajaajilli kee argamsiisuun kan kaʼe, garraamonni gammachuudhaan sii wajjin waaqeffannaa dhugaa irratti hirmaachuu dandaʼu.

KARAA HAFUURAA GUDDINA GOCHUUDHAAN WAAQAYYOOF ULFINA KENNI

19. Tajaajilaan Yihowaa amanamaa taʼe tokko, haala baayʼee rakkisaa taʼe keessatti illee gammachuu qabaachuu kan qabu maaliifi?

19 Daawit akkana jedhee faarfateera: “Hojiin harka kee hundinuu galata siif in galchu, yaa Waaqayyo, warri siif of kennan hundinuus ulfinaan si jaju! Isaan waaʼee ulfina mootummaa kee in dubbatu, waaʼee hojii aangoo kees in himu. Hojii kee isa aango-qabeessa, ulfina mootummaa kee isa simbo-qabeessas, ilmaan namootaatti beeksisuudhaaf kana in godhu.” (Far. 145:10-12) Jechoonni kun wanta Dhugaa Baatota Yihowaa amanamoo taʼan hundatti dhagaʼamu akka gaariitti akka ibsan beekamaa dha. Haa taʼu malee, dhukkubni ykn dullumni hamma tokko tajaajila kee yoo daangesse hoo? Namoota kunuunsa siif godhanii fi warra kaaniif yommuu lallabdu, tajaajilli qulqulluun ati dhiheessitu Waaqa keenya isa dinqisiisaa taʼeef ulfina akka fidu yeroo hunda yaadadhu. Sababa amantii keetiin yoo hidhamtes, hamma haalli kee siif heyyamu waaʼee dhugaa ni dubbatta taʼa; kun immoo Yihowaa baayʼee gammachiisa. (Fak. 27:11) Maatii amantiidhaan gargar taʼe keessa utuu jirtuu kan isa tajaajiltu yoo taʼes, Yihowaan sitti gammada. (1 Phe. 3:1-4) Haala baayʼee rakkisaa taʼe keessatti illee, Yihowaa jajachuu fi karaa hafuuraa guddachuu dandeessa.

20, 21. Jaarmiyaa Yihowaa keessatti hojii hedduun siif kennameera yoo taʼe, warra kaaniif eebba taʼuu kan dandeessu akkamitti?

20 Karaa hafuuraa guddina gochuu kee yoo itti fufte Yihowaan akka si eebbisu hin shakkisiisu. Tarii sagantaa kee ykn akkaataa jireenyaa kee irratti jijjiirama muraasa gochuudhaan, abdiiwwan dinqisiisoo Waaqayyo kenne namootatti himuu dandeessa. Kana malees, guddinni hafuuraa kee fi fedhii ofii aarsaa gochuun kee obboloota hidhata amantii kee taʼaniif faayidaa guddaa argamsiisa. Akkasumas, gad of qabuudhaan gumii keessatti carraaqqii yoo goote, namoota Yihowaa jaallatan irraa jaalala, dinqisiifannaa fi deggersa argatta.

21 Yihowaa kan tajaajille waggaa hedduus taʼe jiʼa muraasa, hundi keenya iyyuu waaqeffannaa isaa keessatti guddina gochuu ni dandeenya. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni muuxannoo qaban obboloonni haaraan karaa hafuuraa guddina akka godhan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti? Qoʼannaa keenya itti aanu irratti yaada kana irratti mariʼanna.