Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yohaannas Raawutaan tarii bara 1920mman keessa tajaajila irratti utuu hirmaatuu

KUUSAA KEENYA KEESSAA

“Firii Yihowaadhaaf Ulfina Fidu Sassaabaan Jira”

“Firii Yihowaadhaaf Ulfina Fidu Sassaabaan Jira”

MASARAAN EEGUMSAA Fulbaana 1, 1915 waraana addunyaa tokkoffaa isa yeroo booda biyyoonni 30 ol irratti hirmaatan ilaalchisee akkana jedhee ture: “Waraanonni kanaan dura turan hundi, waraana guddaa yeroo harʼaa Awurooppaa keessatti geggeeffamaa jiruu wajjin yeroo wal bira qabaman wayittuu kan galan miti.” Sababii waraanichaatiin kan kaʼe Masaraan Eegumsaa akkana jechuudhaan gabaasee ture: “Keessumaa Jarmanii fi Faransaay keessatti hamma tokko tajaajila [Mootummichaa] gufuun mudatee ture.”

Addunyaa maratti wal qoqqoodiinsi babalʼatee waan tureef, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko siyaasa irraa walaba taʼuun maalfaa akka dabalatu guutummaatti waan hin hubanneef loltoota taʼanii turan. Haa taʼu malee, misiraachicha labsuuf kutatanii turan. Wiilhalm Hiildabraant tajaajila Mootummichaa wajjin haala wal qabateen gahee isaa baʼuu waan barbaadeef, tiraaktii The Bible Students Monthly jedhamu afaan Faransaayiin ajajee ture. Faransaay keessa kan jiraatu kolportarii (tajaajilaa yeroo guutuu) taʼee utuu hin taʼin loltuu Jarman taʼee ture. Namni akka diinaatti ilaalamu kun, uffata loltootaa uffatee uummata Faransaay karaa irra darbanitti ergaa nagaa hima ture; kun immoo uummaticha baayʼee dinqisiisa ture.

Xalayaawwan Masaraa Eegumsaa irratti baʼan akka argisiisanitti, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu lammii Jarman taʼan loltoota taʼanii utuu jiranii, misiraachoo Mootummichaa lallabuu irratti hirmaachuuf fedhii qabu turan. Obboleessi Lemkii jedhamuu fi humna waraanaa bishaanii keessa tajaajilu, namoota isaa wajjin hojjetan keessaa shan fedhii akka argisiisan gabaaseera. “Doonii kana irratti illee, firii Yihowaadhaaf ulfina fidu sassaabaan jira” jedhee barreesseera.

Joorji Kaayzar, loltuu taʼee gara adda waraanaa kan deeme taʼus, tajaajilaa Waaqa dhugaa taʼee gara manaatti deebiʼeera. Akkamitti kun taʼuu dandaʼe? Haala taʼe tokkoon barreeffama Barattoota Kitaaba Qulqulluu tokko erga argatee booda garaa guutuudhaan dhugaa Mootummichaa kan fudhate siʼa taʼu, meeshaa waraanaa isaa lafa kaaʼe. Achii, hojii loltummaa irraa walaba taʼe hojjechuu jalqabe. Waraanicha booda immoo, waggoota hedduudhaaf qajeelchaa taʼee hinaaffaadhaan tajaajileera.

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu siyaasa irraa walaba taʼuun maal jechuu akka taʼe guutummaatti hubachuu baatanis, ilaalchii fi amalli isaanii ilaalchaa fi gocha namoota waraana deggeranii irraa baayʼee adda ture. Namoonni siyaasaa fi geggeessitoonni amantii waraana kan deggeran siʼa taʼu, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu garuu ‘angafa nagaatti’ maxxananii turan. (Isa. 9:6) Obboloonni tokko tokko siyaasa irraa guutummaatti walaba taʼuu baatanis, akka Barataa Kitaaba Qulqulluu Koonraat Moortar jedhamuu amantii buʼuuraa qabu turan. Akkana jedheera: “Kiristiyaanni tokko ajjeesuu akka hin qabne Dubbii Waaqayyoo irraa ifatti hubadheera.”—Bau. 20:13. *

Haans Hooltaraaf gaarii harkaan oofamutti fayyadamee Za Gooldan Eej utuu beeksisuu

Jarmaniitti, seerri biyyichaa sababa sammuun isaanii isaaniif hin heyyamneef, tajaajila waraanaa kennuu irraa bilisa akka taʼan kan hin heyyamne taʼus, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu 20 ol taʼan waraana irratti hirmaachuu didanii turan. Tokko tokko, sammuun isaanii sirrii akka hin taanetti ilaalamanii turan; isaan keessaa tokko Guustaav Kuujaat isa mana yaalaa geeffamee qorichi sammuu isaaf kenname ture. Akkasumas, Haans Hooltaraaf waraana irratti hirmaachuu diduu isaatiin mana hidhaatti kan geeffame taʼuu isaa irra iyyuu, achittis hojiiwwan waraanaa wajjin wal qabatan hojjechuu dideera. Eegdonni harkii fi miilli isaa hamma hadoodutti, uffata istireetjaakeet jedhamuu fi namni akka hin sochoone godhuun isa hidhan. Kana gochuun isaaniis ejjennoo isaa akka laaffisu waan hin gooneef, eegdonni sun akka isa ajjeesan isa sossodaachisan. Haa taʼu malee, Haans yeroo waraanaa sana hundatti ejjennoo isaa hin laaffisne.

Obboloonni humna waraanaa keessa akka tajaajilan filataman kaan, meeshaa waraanaa qabachuu didanii hojii loltummaa irraa adda taʼe gaafatan. * Yohaannas Raawutaan ejjennoo akkanaa qabaachuudhaan, daandii baaburaa irratti akka hojjetu ramadameera. Koonraat Moortar mana yaalaa keessa akka hojjetu, Reenhoold Weebar immoo narsii taʼee akka hojjetu ramadamanii turan. Oogast Kiraafchiik inni hojiin isaa shaanxaa eeguu tures, hojiin kun adda waraanaatti kan isa hin geessine taʼuu isaatti gammadeera. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu kunii fi warri kaan Yihowaa jaallachuu fi amanamoo isaaf taʼuu akka qaban waan hubataniif isa tajaajiluuf murteessaniiru.

Amala Barattoonni Kitaaba Qulqulluu yeroo waraanaatti argisiisaniin kan kaʼe, abbootiin taayitaa of eeggannoodhaan isaan qorachuu jalqaban. Waggoota itti aananitti, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu Jarmanii keessa turan lallabuu isaaniitiin kan kaʼe himanni kumaan lakkaaʼamu isaan irratti dhihaateera. Waajjirri Damee Jarmanii obboloota kana gargaaruuf jecha, Betʼel isa Maagdibargitti argamutti kutaa seeraa hundeesse.

Dhugaa Baatonni Yihowaa hubannaa siyaasa irraa walaba taʼuu wajjin haala wal qabateen qaban, suuta suuta fooyyessaa deemaniiru. Yeroo waraanni addunyaa lammaffaan jalqabetti, guutummaa guutuutti waraana irratti hirmaachuu dhiisuudhaan, siyaasa irraa walaba akka taʼan argisiisaniiru. Yeroo sanaa kaasee, diinota Mootummaa Jarman akka taʼanitti ilaalamaa kan turan siʼa taʼu, ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼeera. Muuxannoon kun mata duree “Kuusaa Keenya Keessaa” jedhu irratti gara fuulduraatti ibsama.—Kuusaa keenya Giddu Galeessa Awurooppaatti argamu irraa.

^ KEY. 7 Seenaa Barattoota Kitaaba Qulqulluu yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti Biritaaniyaa keessa turanii beekuuf, Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2013 irraa mata duree “Kuusaa Keenya Keessaa​—‘Yeroo Qorumsaatti’ Jabaatanii Dhaabataniiru” jedhu ilaali.

^ KEY. 9 Tarkaanfiin isaan fudhatan kun Kitaaba Millennial Dawn jedhamuu fi walitti aansee baʼu (1904) Jildii 5 ffaa, akkasumas Masaraa Eegumsaa Xiyoon hiika Jarman Hagayya 1906 irratti baʼee ture. Masaraan Eegumsaa Fulbaana 1915 ilaalcha nuti qabnu kan fooyyesse siʼa taʼu, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hojii waraanaa irratti hirmaachuu akka hin qabne ibsee ture. Haa taʼu malee, mata dureen kun hiika Jarman irratti hin baane.