Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Gammachuun Kennuudhaan Argadhe

Gammachuun Kennuudhaan Argadhe

YOMMUU umuriin koo waggaa 12 ture, wanti gaariin ani kennuu dandaʼu tokko akka jirun hubadhe. Walgaʼii tokko irratti, obboleessi tokko lallabuu kanan barbaadu taʼuu koo na gaafate. Sana dura lallabee kanan hin beekne taʼus, “Eeyyee” jedheen deebiseef. Achiis, gara naannoo tajaajilaa deemne; innis buukleetota waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbatan naaf kenne. “Ati namoota karaadhaa achi jiran haasofsiista, an immoo namoota garana jiranin haasofsiisa” naan jedhe. Baayʼee kanan sodaadhe taʼus, manaa gara manaa deemeen tajaajile; kan nama dinqisiisu garuu, yeroo gabaabaa gidduutti buukleetota hunda nan raabse. Namoonni hedduun, wantan isaaniif kennu ni fudhatu turan.

Bara 1923 Chaatam, Kent, Ingilaanditti kanan dhaladhe siʼa taʼu, naannoo namoonni abdii kutatan keessa guutan keessattan guddadhe. Waraanni Guddichi akka jedhame addunyaa hin fooyyessine. Warri koos qeesota Baaptistii fedhii ofii isaanii guuttachuu barbaadanitti abdii kutatanii turan. Umuriin koo waggaa sagal yeroo turetti, haati koo gara galma Waldaa Barattoota Kitaaba Qulqulluu Biyyoolessaa deemuu jalqabde. Iddoon kun bakka namoonni yeroo booda Dhugaa Baatotaa Yihowaa jedhaman kun itti baratan ykn walgaʼii itti godhatan ture. Obboleettiin tokko warra ijoollee taaneef barumsa Kitaaba Qulqulluu irrattii fi kitaaba Za Haarp Oov Good jedhamu irratti hundaaʼe nu barsiiste. Wantan barachaa ture kana baayʼeen jaalladhe.

OBBOLOOTA GAʼEESSOTA TAʼAN IRRAA BARACHUU

Yeroon dargaggeessa ture kanatti, abdii Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu namootatti himuun na gammachiisa ture. Yeroo baayʼee kophaa koo manaa gara manaa deemaa kanan ture taʼus, warra kaanii wajjin tajaajiluudhaanis barumsa argadheera. Fakkeenyaaf, gaaf tokko obboleessa gaʼeessa taʼe tokkoo wajjin biskileetiidhaan gara naannoo tajaajilaa keenyaa utuu deemnuu, qeesii tokko karaa irratti argeen, “Ilaa reʼee kana” jedhe. Obboleessi wajjin turre biskileetii isaa dhaabee, muka ciise tokko irra akka teenyu na gaafate. Achiis akkana naan jedhe: “Eenyu reʼee akka taʼe murteessuuf eenyutu aangoo sii kenne? Namootaaf misiraachicha kennuudhaan qofa haa gammannu; murtoo isaa immoo Yihowaadhaaf dhiisna.” Yeroo sanatti kennuudhaan gammaduu ilaalchisee barumsa guddaa argadheera.—Mat. 25:31-33; HoE. 20:35.

Obboleessi gaʼeessa taʼe biraan immoo, kennuudhaan gammaduuf yeroo tokko tokko obsaan dandaʼuun akka nu barbaachisu na barsiise. Haati manaa obboleessa kanaa Dhugaa Baatota Yihowaa hin jaallattu turte. Yeroo tokko mana isaatti na afeere. Tajaajila baʼuun isaa baayʼee ishii aarsee waan tureef, kaartoonii shaayii nutti darbachuu jalqabde. Ishii komachuu mannaa, shaayii darbatte sana fuula ifaadhaan iddoo isaatti deebisuu jalqabe. Waggoota muraasa booda yeroo haati manaa isaa cuuphamtee Dhugaa Baatuu Yihowaa taatu obsa argisiiseef kiifameera.

Fedhiin ani waaʼee abdii gara fuulduraa namootatti himuuf qabu dabalaa kan dhufe siʼa taʼu, anii fi haati koo Bitootessa 1940 tti Doovaritti cuuphamne. Fulbaana 1939 tti yeroo umuriin koo waggaa 16 ture Biritaaniyaan Jarmanii irratti waraana labsite. Waxabajjii 1940 tti yommuu loltoonni abdii kutatan konkolaataa feʼumsaatiin balbala keenya dura darban argeen ture. Loltoonni kun waraana Daankiriik irraa lubbuudhaan kan oolan turan. Abdii kutatanii waan turaniif, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo itti himuun barbaade. Gara xumura waggaa sanaatti, Biritaaniyaan walitti aansuudhaan boombii dhukaasuu jalqabde. Yeroo hunda galgala galgala, xiyyaaronni waraanaa Jarman naannoo keenya irra yommuu balaliʼan nan argan ture. Boombiiwwan xiyyaaronni kun qabatan kan iyyan siʼa taʼu, yommuu isaan lafatti kufanis ni dhagaʼama ture; kun immoo sodaa kan dabalu ture. Guyyaa itti aanu yommuu gadi baanu, manneen naannoo sana jiran hundi barbadaaʼanii argine. Gara fuulduraatiif abdii kan naaf taʼu Mootummicha qofa akka taʼe caalaattan hubadhe.

GUUTUMMAATTI KENNUUN JALQABE

Jireenya baayʼee na gammachiise kanan jalqabe bara 1941⁠tti ture. Iddoo Rooyaal Dookyaard jedhamuu fi magaalaa Chaataamitti argamu keessatti doonii suphuu leenjiʼaan ture; hojiin kun hojii hawwamuu fi buʼaa guddaa argamsiisu ture. Yeroo kanatti, tajaajiltoonni Yihowaa Kiristiyaanonni saba tokko deggeranii saba kaan loluu akka hin qabne erga hubatanii tureera. Bara 1941 tti warshaa waraanaa keessa hojjechuu akka hin qabne hubanne. (Yoh. 18:36) Hojiin iddoo doonii itti hojjetanitti hojjetamu kun dooniiwwan waraanaa galaana keessa deeman hojjechuu waan dabalatuuf, hojii kana dhaabee tajaajila yeroo guutuu jalqabuufan murteesse. Jalqaba magaalaa bareedduu Saayiransestar jedhamtuu fi Kaatiswooldizitti argamtuttin ramadame.

Yeroo umuriin koo waggaa 18 guutu tajaajila waraanaa irratti hirmaachuu diduu kootiin jiʼa sagaliif nan hidhame. Yeroo jalqabaatiif balbala kutaa mana hidhaa ani itti hidhamee darbatanii yeroo na irratti cufanii fi kophaatti yeroon hafe baayʼee sodaadheen ture. Haa taʼu malee, utuu baayʼee hin turin eegdonnii fi hidhamtoonni gaaffii na gaafachuu jalqaban; anis waaʼee amantii kootii gammachuudhaanan ibseef.

Ergan hiikamee booda magaalota biyya keenya Keent keessatti argamanitti lallabuuf Leenaardi Ismiizii * wajjin akkan tajaajilun gaafatame. Bara 1944 irraa eegalee, xiyyaarota ofiin balaliʼanii fi wantoota dhukaʼan qabatan kuma tokkoo oltu Keent irra buʼe. Daandiin xiyyaaraa naannoowwan Awurooppaa Naaziidhaan qabamanii fi Landan wal qunnamsiisu iddoo nuti jirru irra kan qaxxaamuru ture. Boombiiwwan kun duudilbags jedhamu turan. Duulli kun baayʼee kan nama sodaachisu ture; akkuma nuti yeroo baayʼee dhageenyu, mootorri dhaamuu isaa yoo dhageessan sekoondii muraasa booda xiyyaarichi kufee akka dhukaʼu beektu. Maatii miseensota shan qabu tokko Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa turre. Yeroo tokko tokko minjaala sibiilaa yoo manni jige jala dhokachuun akka dandaʼamuuf hojjetame jala teenya turre. Yeroo booda maatiin kun hundi cuuphameera.

BIYYA ALAATTI MISIRAACHICHA LALLABUU

Qajeelchaa taʼee utuun baayʼee hin turin, Aayerlaanditti walgaʼii guddaa tokko utuu beeksisnuu (gadi)

Waraanicha booda Aayerlaandi kibbaa keessatti qajeelchaa taʼeen waggaa lamaaf tajaajile. Aayerlaandii fi Ingilaandi garaa garummaa akka qaban hin hubanne turre. Manaa gara manaa deemnee iddoo boqonnu yeroo barbaaddannutti, misiyoonota taʼuu keenya dubbachaa turre; daandii irratti immoo barruulee kennina turre. Biyya Kaatolikootaa keessatti kana gochuun keenya “gowwummaa” ture. Namichi tokko yommuu nu sossodaachisu poolisii tokkottan iyyadhe; innis, “Maal eegdee turte ree?” naan jedhe. Qeesonni aangoo hammamii akka qaban hin hubanne turre. Namoonni kitaabota keenya yoo fudhatan hojii isaanii irraa akka ariʼaman godhu turan; akkasumas iddoowwan itti boqochaa turree nu baasisaniiru.

Naannoo haaraa tokko yommuu deemnu, biskileetiidhaan iddoo itti boqonne irraa fagaannee deemuudhaan namoota qeesiin isaanii kan biraa taʼeef lallabuu akka qabnu hubanne. Sana booda namoota naannoo keenya jiran haasofsiisna turre. Kiilkiniitti, namoonni hedduun kan nu sossodaachisan taʼus dargaggeessa tokkoo wajjin torbanitti siʼa sadii qoʼachaa turre. Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu barsiisuu waanan jaalladhuuf, misiyoonii taʼee akkan leenjiʼuuf Mana Barumsaa Giilʼaaditti iyyannoo galchuufan murteesse.

Dooniin keenya ishiin Siibiyaa jedhamtu, bara 1948 hanga 1953 tti mana misiyoonotaa taʼuudhaan nu tajaajilteetti (karaa mirgaa)

Niiwu Yoorkitti jiʼa shaniif leenjii erga fudhannee booda, eebbifamtoota Giil’aad keessaa arfan keenya odoolawwan xixinnoo Galaana Kaariibiyaan irratti argamanitti ramadamne. Sadaasa 1948⁠tti doonii Siibiyaa jedhamtuu fi meetira 18 dheerattu yaabbannee Niiwu Yoorki Siitiidhaa baane. Sanaan dura dooniidhaan deemee waanan hin beekneef baayʼeen gammade. Arfan keenya keessaa tokko kan taʼe Gast Maakiin kaappiteenii muuxannoo qabu ture. Hojii doonii irratti hojjetamu kan akka sharaa doonii dheeressuu fi gabaabsuu, koompaasii suphuu fi dhiibbaa qilleensaa toʼachuu nu barsiiseera. Gast, doonii keenya dambalii galaanaa sodaachisaa taʼe gidduu guyyaa 30f sirriitti oofuudhaan gara Baahaamaasitti nu geesseera.

‘BIYYA GALAANA GIDDUU JIRANITTI HIMAA’

Odoolawwan xixinnoo Baahaamaasitti jiʼoota muraasaaf erga lallabnee booda, Odoolawwan Liiwaardii fi Wiindiward jedhaman dhaquuf dooniidhaan deemsa jalqabne; odoolawwan kun Odoolawwan Varjiin naannoo Porto Riikootti argaman irraa gara kiilomeetira 800 kan fagaatan siʼa taʼu, hamma Tirinidaaditti dheeratu. Waggoota shaniif odoolawwan fagoo Dhugaa Baatonni keessatti hin argamnetti lallabneerra. Yeroo tokko tokko torban hedduudhaaf ergaa erguu ykn fudhachuu hin dandeenyu turre. Haa taʼu malee, biyyoota galaana gidduutti argamanitti dubbii Yihowaa dhugaa baʼuu keenyatti baayʼee gammanneerra!—Er. 31:10.

Gareen misiyoonotaa keenya Siibiyaa yaabbatee (bitaadhaa gara mirgaatti): Roonaald Paarkiin, Diik Raayid, Gast Maakii fi Istaanlii Kaatar

Qarqara galaanaa tokko bira yommuu geenyu namoonni mandarattii keessa jiraatan, haaraa waan isaanitti taanuuf nutti marsanii nu ilaalu turan. Namoonni tokko tokko kanaan dura dooniis taʼe nama adii arganii hin beekan. Namoonni odoola kana irra jiraatan namoota amantaa, namaa wajjin walii galanii fi Kitaaba Qulqulluu sirriitti beekan turan. Yeroo baayʼee, qurxummii reefuu qabame, avokaadoo fi lawuzii nuu kennu turan. Dooniin keenya ishii xinnoon ciisichaaf, nyaata bilcheessuuf ykn uffata miiccuuf gaʼaa taʼuu baattus akkuma taʼetti jiraanneerra.

Qarqara galaanaa deemuudhaan guyyaa guutuu namoota haasofsiisna turre. Haasaan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe akka jirus itti himna turre. Achiis gara galgalaa bilbila doonii bilbilla. Jiraattonni naannichaa yommuu dhufan arguun namatti tola ture. Kurraaziiwwan isaanii qabatanii yommuu dhufan urjiileen calaqqisan tabba irraa waan gadi buʼaa jiran fakkaata ture. Yeroo tokko tokko namoonni dhibbaan lakkaaʼaman dhufanii hamma galgalaatti gaaffii nu gaafatu turan. Faarfachuu waan jaallataniif, faarfannaawwan Mootummichaa irraa yaadawwan muraasa barreessinee isaaniif kennine. Arfan keenya iyyuu sagalee keenyaan hamma dandeenye faarfachuuf carraaqqii waan gooneef, uummatichi nu faana faarfachaa ture; sagaleen keenya baayʼee kan wal simu ture. Yeroo baayʼee gammachiisaa ture!

Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnee erga xumurree booda, barattoonni tokko tokko maatii itti aanu bira nuu wajjin deemuudhaan qoʼannaa isaanii irrattis ni argamu turan. Naannoo taʼe tokko torban muraasaaf erga turree booda achii waan deemnuuf, hamma nuti deebinutti namoonni fedhii qaban, namoota kaan akka qoʼachiisan isaan gaafanna turre. Tokko tokko itti gaafatamummaa isaanii kana sirriitti raawwatanii kan turan taʼuun isaa baayʼee nama gammachiisa.

Yeroo ammaa, odoolawwan kana keessaa baayʼeen iddoowwan bashannanaa tuuristoota hedduudhaan daawwataman qabu; yeroo sanatti garuu naannoo sana kan jiru ciisa bishaanii cuquliisa taʼe, qarqarawwan galaanaa cirrachaan guutamanii fi mukoota meexxii qofa ture. Yeroo baayʼee odoola tokkoo gara isa kaanii kan deemnu halkan ture. Qurxummiiwwan doolfiinii jedhaman naannoo doonii keenyaa daaku turan; sagaleen yeroo kanatti dhagaʼamu sagalee dooniin keenya bishaan irra yommuu deemu dhageessisu qofa ture. Addeessi bishaan ciisaa irratti yeroo calaqqistu daandii dheeraa bifa meetii qabu fakkaata.

Waggaa shaniif odoolawwan kana irratti erga tajaajillee booda, doonii keenya kana gara doonii mootoraan hojjetuutti jijjiirrachuuf gara Poorto Riikoo deemne. Yommuu achi geenyu, misiyoonii bareedduu Maaksiin Booyid jedhamtu tokkoo wajjin kan wal barre siʼa taʼu, ishii irraa jaalalli na qabe. Maaksiin, ijoollummaa ishiitii eegaltee misiraachicha lallabaa turte. Yeroo booda immoo, hamma bulchiinsi amantaa Kaatolikiitiin geggeeffamu biyyicha keessaa bara 1950 tti ishii ariʼetti, misiyoonii taatee Dominikaan Rippuubliikii keessatti tajaajilteetti. Garee doonii irratti hojjetu keessaa tokko waanan tureef, Porto Riikoo keessa turuu kanan dandaʼu jiʼa tokkoof qofa ture. Utuu hin turin gara odoolawwan kan biraa waanan deemuuf, waggoota muraasaaf naannoo kana irraa fagaachuufan jedha. Kanaaf akkanan ofiin jedhe: “Roonaald, intala kana yoo barbaadde, dafii tarkaanfii fudhadhu.” Torbee sadii booda gaaffiin dhiheesseef; jiʼa tokkoof torban lama booda immoo wal fuune. Anii fi Maaksiin misiyoonota taanee Porto Riikootti ramadamne; kanaafuu doonii ishii haaraadhaan deemuuf carraa hin arganne.

Bara 1956 tti hojii daawwannaa jalqabne. Obboloonni hedduun harka qalleeyyii kan turan taʼus, isaan daawwachuun nu gammachiisa ture. Fakkeenyaaf, mandara Pootaalaa Paastiiliyoo jedhamu keessa maatiiwwan ijoollee hedduu qaban lamatu ture; anis ulullee isaaniif nan afuufan ture. Ijoollee durbaa xixinnoo keessaa tokko kan taate Hiildaan nuu wajjin lallabuu kan barbaaddu taʼuu isaan ishii gaafadhe. “Nan barbaada, garuu hin dandaʼu. Kophee tokko iyyuu hin qabu” jette. Achiis kophee ishiidhaaf binne; ishiinis nuu wajjin tajaajiluuf dhufte. Waggoota hedduu booda bara 1972 tti Betʼel isa Biruukiliinitti argamu utuu daawwannuu, obboleettiin Mana Barumsaa Giilʼaad irraa eebbifamte tokko gara keenya dhufte. Ikuwaadoritti waan ramadamteef deemuuf jetti; “Na hin yaadattan mitii? Ani intala xinnoo yeroo Paastiiliyoo turtanitti kophee hin qabne dha” nuun jette. Hiildaa turte. Baayʼee waan gammanneef booʼuu jalqabne!

Bara 1960 tti waajjira damee Porto Riikoo isa fooqii tokko qabuu fi Saanchursee, Saan Huwaanitti argamu keessatti akka tajaajillu gaafatamne. Jalqaba irratti anaa fi Leenaart Joonsantu hojii hedduu hojjeta ture. Innii fi haati manaa isaa Dominikaan Rippuubliikii keessatti Dhugaa Baatota Yihowaa jalqabaa kan turan siʼa taʼu, bara 1957 tti gara Porto Riikoo dhufan. Yeroo booda, Maaksiin torban tokkotti kontiraata barruulee kuma tokkoo ol keessummeessiti turte. Namoonni kun hundumtuu nyaata hafuuraa argachaa akka jiran waan yaadduuf, hojii kanatti ni gammaddi turte.

Jireenyi Betʼel kennuuf kan nama dandeessisu waan taʼeef, baayʼeen itti gammada. Kana jechuun garuu qorumsi hin jiru jechuu miti. Fakkeenyaaf, bara 1967 tti Porto Riikoo keessatti walgaʼiin biyyoolessaa yeroo godhametti, itti gaafatamummaan natti baayʼatee ture. Yeroo kanatti Naataan Noor inni yeroo sanatti dura taaʼaa Dhugaa Baatota Yihowaa ture, Porto Riikoo dhufe. Misiyoonota achi dhufaniif geejjiba qopheessee kanan ture taʼus, inni akkan hin qopheessine yaadee ture. Booddee, kan gurmaaʼan taʼuu ilaalchisee gorsa cimaa kan naa kenne taʼuu isaa irra iyyuu, akka natti gadde natti hime. Isaa wajjin wal falmuu kanan hin barbaanne taʼus, karaa sirrii hin taaneen akka na hubate waan natti dhagaʼameef yeroodhaaf gaddeen ture. Taʼus, yeroo itti aanutti anii fi Maaksiin obboleessa keenya Noor kan arganne siʼa taʼu, innis nyaata qopheessee kutaa isaatti nu afeere.

Yeroo baayʼee Porto Riikoodhaa deemnee warra koo Ingilaanditti argaman ni gaafanna turre. Anii fi haati koo dhugaa yeroo fudhannu abbaan koo garuu hin fudhanne ture. Haa taʼu malee, yeroo obboloonni Betʼelii dhufan haasaa nuu kennan, haati koo mana keenyatti isaan afeerti turte. Abbaan koo qeesota inni waggoota baayʼee dura jibbe irraa haala adda taʼeen ilaaltonni ol aanaa Betʼelii dhufan kun hammam akka gad of qaban hubate. Dhuma irratti bara 1962 tti cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe.

Maaksiinii wajjin wal fuunee utuu baayʼee hin turinii fi bara 2003 tti waggaa 50 ffaa keenyatti

Haati manaa koo jaallatamtuun Maaksiin bara 2011 tti duute. Duʼaa kaatee ishii arguuf baayʼeen hawwa. Kana yaaduun baayʼee nama gammachiisa! Anii fi Maaksiin waggoota 58 waliin dabarsinetti lakkoofsi Dhugaa Baatota Yihowaa Porto Riikootti argamanii 650 irraa gara 26,000 tti yeroo guddatu argineerra! Sana booda bara 2013 tti waajjirri damee Porto Riikoo waajjira damee Yunaayitid Isteetis jirutti kan makame siʼa taʼu, ani immoo Woolkiil, Niiwu Yoorkitti akkan tajaajilun gaafatame. Odoolawwan irratti waggaa 60 ergan dabarsee booda, akkuma fattee mukaa biyya sanaa kuukii jedhamtuu fi koo kii, koo kii jettuu nama biyya Porto Riikoo akkan taʼe natti dhagaʼamee ture. Amma garuu achii deemuun na barbaachise.

‘WAAQAYYO NAMA GAMMACHUUDHAAN KENNU JAALLATA’

Amma iyyuu taanaan Betʼelitti Waaqayyoon tajaajiluun na gammachiisa. Yeroo ammaatti umuriin koo waggaa 90 ol taʼeera; hojiin koos miseensota maatii Betʼel jajjabeessuuf isaan daawwachuu dha. Gara Woolkiil ergan dhufee obboloota 600 ol akkan gargaare natti himameera. Obboloonni gara koo dhufan tokko tokko, rakkoo dhuunfaa ykn rakkoo maatii isaanii na mariisisuu barbaadu. Kaan immoo tajaajila Betʼel keessatti raawwatan irratti milkaaʼina argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe gorsa na gaafatu. Obboloonni dhiheenyatti gaaʼela godhatan kaanis, gaaʼela ilaalchisee gorsa argachuu barbaadu. Tokko tokko Betʼelii baʼanii tajaajila dirree irratti ramadamaniiru. Warra na haasofsiisan hunda nan dhaggeeffadha; yeroo barbaachisuttis akkanan jedhaan: “‘Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu ni jaallata.’ Kanaafuu, hojii keetti gammadi. Kan hojjettu Yihowaadhaafi.”—2 Qor. 9:7.

Akkuma iddoo kaanii Betʼelittis gammachuu qabaachuun salphaa miti: Barbaachisummaa wanta hojjettan sanaa irratti xiyyeeffachuu qabdu. Wanti Betʼelitti hojjennu hundumtuu tajaajila qulqulluu dha. “Garbichi amanamaanii fi ogeessi” obboloota addunyaa maraatiif nyaata hafuuraa akka dhiheessu gargaaruu irratti gumaacha godha. (Mat. 24:45) Yihowaa kan tajaajillu eessatti iyyuu yoo taʼe, isa jajachuuf carraa arganneerra. “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf,” wanta inni nu gaafatu hunda gammachuudhaan haa hojjennu.

^ KEY. 13 Seenaan jireenyaa Leenaardi Ismiiz Masaraa Eegumsaa Ebla 15, 2012 irratti baʼeera.