Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanta Warqii Caalaa Gatii Guddaa Qabu Barbaadaa

Wanta Warqii Caalaa Gatii Guddaa Qabu Barbaadaa

Warqii dheedhii argattee beektaa? Namoonni muraasa taʼan argataniiru. Taʼus, namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman wanta warqii caalaa gatii guddaa qabu argataniiru. Kan isaan argatan ogummaa Waaqayyoo isa ‘warqee qullaaʼaadhaan hin argamne’ dha. —Iyo. 28:12, 15.

BARATTOONNI Kitaaba Qulqulluu garaa qajeelaa qaban, karaawwan tokko tokkoon namoota Warqii baasanii wajjin wal fakkaatu. Barattoonni kun ciminaan hojjechuu fi ogummaa gatii guddaa qabu argachuuf Kitaaba Qulqulluu qoruu isaanii itti fufuu qabu. Barattoota Kitaaba Qulqulluu waan taaneef, karaawwan sadan warqiin itti argamu ilaaluudhaan maal barachuu dandeenya?

WARQII DHEEDHII ARGATTEETTA!

Qarqara lagaa utuu deemtuu dhagaa xinnoo calaqqisu tokko argite haa jennu. Gadi jettee yommuu ilaaltu, warqii dheedhii akka argatte waan hubatteef baayʼee gammadda. Mataa kibriitii irra kan xinnaatu siʼa taʼu, warqii kana argachuun almaazii qulqullina guddaa qabu argachuu caalaa ulfaata. Warqii dheedhiin dabalataa jiraachuu isaa ilaaluuf asiif achi deemtee akka barbaaddu beekamaa dha.

Haaluma wal fakkaatuun, guyyaa hin irraanfatamne tokkotti tajaajilaan Yihowaa tokko mana kee dhufuudhaan abdii Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu sitti himee taʼuu dandaʼa. Tarii, yeroo jalqabaatiif warqii hafuuraa yeroo itti argatte akka gaariitti yaadatta taʼa. Kun kan taʼe yeroo jalqabaatiif maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu Kitaaba Qulqulluu irratti yommuu argitetti taʼuu dandaʼa. (Far. 83:18, NW) Tarii immoo, michuu Yihowaa taʼuu akka dandeessu yeroo barattetti taʼuu dandaʼa. (Yaq. 2:23) Yeruma sana wanta warqii caalaa gatii guddaa qabu akka argatte hubatte. Achiis warqii hafuuraa dabalataa argachuuf hawwitee taʼuu dandaʼa.

DABALATAAN ARGATTE!

Yeroo baayʼee warqii xixinnoon laga keessatti kuufamee argama. Hojjettoonni warqii baasanii fi ciminaan hojjetan jiʼoota muraasa keessatti kuufama akkanaa keessaa warqii kiilogiraama hedduu miijanuu fi doolaara kuma kudhaniin lakkaaʼamu baasu argachuu dandaʼu.

Dhugaa Baatuu Yihowaa tokkoo wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yeroo jalqabdetti, akkuma nama warqii baasuu fi kuufama warqii hedduu argatee sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Caqasa Kitaaba Qulqulluu tokko irratti xiinxaluun kee beekumsa ati qabdu irratti wanta karaa hafuuraa si guddisu tokko siif dabaleera taʼa. Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gatii guddaa qaban kana irratti fedhii guddaadhaan xiinxaluudhaan, Yihowaatti dhihaachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼee fi jireenya bara baraa fuulduratti ilaaluudhaan jaalala isaa keessatti of eeguu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baratteetta.—Yaq. 4:8; Yih. 20, 21.

Akkuma nama warqii baasuuf dhamaʼuu, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gatii guddaa qaban barachuuf carraaqqii guddaa ni gootaa?

Akkuma namni warqii baasu tokko kuufama warqii argachuuf fedhii guddaa qabaatu, atis wantoota hafuuraa gatii guddaa qaban argachuuf carraaqqii guddaa gooteetta taʼa. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu erga barattee booda, tarkaanfiiwwan gara of murteessuu fi cuuphamuutti si geessan fudhattee taʼuu dandaʼa.—Mat. 28:19, 20.

BARBAADUU KEE ITTI FUFI!

Namni warqii baasu tokko kattaa keessaa warqii baayʼee xixinnoo taʼan argachuu dandaʼa. Kattaawwan kana keessaa tokko tokko warqii iddoo tokkotti kuufame waan qabaniif, warqii argachuuf kattaawwan kana yoo caccabsan illee nama hin gaabbisiisu. Jalqaba irratti warqiin, dhagaa albuudni keessaa baʼu keessatti mulʼachuu dhiisuu dandaʼa. Maaliif? Sababni isaas dhagaa albuudni keessaa baʼuu fi qulqullina guddaa qabu keessatti illee dhagaa toonii tokko keessaa warqii giraama 10 qofatu argama! Taʼus, namni warqii baasu albuuda kana baasuuf carraaquu isaatti buʼaa guddaa argata.

Namni tokko “barumsa isa jalqabaa waaʼee Kiristoos ibsu” erga baratee boodas carraaqqii gochuu isaa itti fufuu qaba. (Ibr. 6:1, 2) Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu kee irraa qabxiiwwan haaraa fi barumsawwan hojii irra ooluu dandaʼan argachuuf carraaqqii gochuu qabda. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu kan qoʼatte waggoota hedduudhaaf yoo taʼe illee, qoʼannaan dhuunfaa kee buʼa qabeessa akka taʼuuf maal gochuu dandeessa?

Barachuuf fedhii guddaa qabaadhu. Wantoota balʼinaan ibsamaniif xiyyeeffannaa kenni. Akkasumas, carraaqqii gochuu kee itti fufi; yoo akkana goote, warqii hafuuraa iddoo guddaa qabu jechuunis ogummaa fi qajeelfama Waaqayyoo argatta. (Rom. 11:33) Beekumsa Kitaaba Qulqulluu kee guddifachuuf, meeshaalee qorannaa gochuuf gargaaranii fi afaan keetiin argamanitti akka gaariitti fayyadami. Qajeelfama si barbaachisu argachuu fi gaaffiiwwan Kitaaba Qulqulluutiif deebii argachuuf yeroo yaaltu obsa qabaadhu. Caqasootaa fi mata dureewwan faayidaa fi jajjabina irraa argatan akka sitti himan warra kaan gaafadhu. Atis qabxiiwwan gaggaarii yeroo Dubbii Waaqayyoo qoʼattutti argatte warra kaanitti himi.

Dhugaa dha, galmi kee beekumsa kee dabaluu qofa miti. Phaawulos ergamaan, “beekumsi nama bokoksa” jechuudhaan akeekkachiiseera. (1 Qor. 8:1) Kanaafuu, gad of qabuu fi amantii cimaa qabaachuuf tattaafadhu. Yeroo hunda waaqeffannaa maatii fi qoʼannaa dhuunfaa godhachuun kee ulaagaalee Yihowaa wajjin wal simtee akka jiraattuu fi warra kaan gargaaruuf si kakaasa. Hunda caalaa immoo, wanta warqii caalaa gatii guddaa qabu argachuu keetti baayʼee gammadda.—Fak. 3:13, 14.