Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra Kaan Leenjisuun Barbaachisaa Akka Taʼe Sitti Dhagaʼamaa?

Warra Kaan Leenjisuun Barbaachisaa Akka Taʼe Sitti Dhagaʼamaa?

“Ani barsiisa gaarii isiniif nan kenna.”—FAK. 4:2.

FAARFANNAA: 45, 44

1, 2. Warri kaan itti gaafatamummaa tiʼookraasii akka fudhatan leenjisuu kan qabnu maaliifi?

MISIRAACHICHA lallabuun hojii Yesuus isa guddaa ture. Haa taʼu malee, yeroo fudhatee warri kaan tiksitootaa fi barsiisota akka taʼan leenjiseera. (Mat. 10:5-7) Filiphosis, lallabaa wangeelaa taʼuu isaatiin hojiin kan itti baayʼatu taʼus, intaloonni isaa arfan dhugaa Kitaaba Qulqulluu warra kaanitti himuu irratti buʼa qabeeyyii akka taʼan akka gargaare hin shakkisiisu. (HoE. 21:8, 9) Yeroo harʼaatti hoo leenjiin kun hammam barbaachisaa dha?

2 Addunyaa maratti, namoonni misiraachicha fudhatan lakkoofsi isaanii dabalaa jira. Namoonni haaraan hin cuuphamne, qoʼannaa dhuunfaan barbaachisaa taʼuu isaa hubachuu qabu. Akkasumas, warra kaaniif misiraachicha lallabuu fi dhugaa isaan barsiisuuf leenjiʼuu qabu. Obboloonni gumii keenya keessa jiran ulaagaa tajaajiltoota gumii fi jaarsolii gumii taʼuuf barbaachisu guutuuf ciminaan akka hojjetan jajjabeeffamuu qabu. Kiristiyaanonni bilchina qaban, namoonni haaraan karaa hafuuraa guddina akka godhan ‘barsiisa gaariidhaan’ gargaaruu dandaʼu.—Fak. 4:2.

WARRI HAARAAN DUBBII WAAQAYYOO IRRAA JABINAA FI OGUMMAA AKKA ARGATAN GARGAARAA

3, 4. (a) Phaawulos tajaajila irratti buʼaa argachuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan wal qabsiise akkamitti? (b) Barattoonni keenya Kitaaba Qulqulluu akka ofiin qoʼatan jajjabeessuu keenya dura, maal gochuu qabna?

3 Kitaaba Qulqulluu dhuunfaatti qoʼachuun hammam barbaachisaa dha? Deebii gaaffii kanaa wanta Phaawulos Kiristiyaanota Qolosaayisitti argamaniin jedhe irraa arganna. Akkana jedhee barreesseera: “Beekumsa sirrii waaʼee fedhii [Waaqayyoo] ibsu, akkasumas ogummaa fi hubannaa hafuuraa hundumaan akka guutamtan, matumaa isiniif kadhachuu kan hin dhiisne kanumaaf ture; kunis hojii gaarii hundumaan firii godhachuu fi beekumsa sirrii waaʼee Waaqayyoo ibsuun guddachuudhaan guutummaatti akka isa gammachiistanii fi akka Yihowaadhaaf taʼutti akka deddeebitaniif[i].” (Qol. 1:9, 10) Kiristiyaanonni Qolosaayisitti argaman, beekumsa sirrii akkanaatiin ‘guutummaatti isa gammachiisuu fi akka Yihowaadhaaf taʼutti deddeebiʼuu’ dandaʼu turan. Kun immoo, keessumaa misiraachicha lallabuu wajjin haala wal qabateen, “hojii gaarii hundumaan firii godhachuu” akka itti fufan isaan dandeessisa. Namni Yihowaa waaqeffatu tokko, karaa buʼa qabeessa taʼeen tajaajiluuf, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu amaleeffachuu qaba. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya dhugaa kana akka hubatan gargaaruu qabna.

4 Warri kaan dhuunfaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan faayidaa akka argatan gargaaruu keenya dura, buʼaa qabaachuu isaa ofii keenyaa amanuu qabna. Nutis Kitaaba Qulqulluu dhuunfaatti qoʼachuu barsiifata godhachuu qabna. Kanaafuu, akkana jettee of gaafachuu dandeessa: ‘Namni haasofsiisnu yaada Kitaaba Qulqulluu irratti hin hundoofne yoo dubbate ykn gaaffii ulfaataa yoo gaafate deebii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe deebisuu nan dandaʼaa? Akkaataa Yesuus, Phaawulosii fi warri kaan tajaajila isaanii obsaan itti raawwatan yommuun dubbisu, obsi isaanii tajaajila koo kan tuqu akkamitti akka taʼe nan xiinxalaa?’ Hundi keenya iyyuu beekumsii fi gorsi Dubbii Waaqayyoo irra jiru nu barbaachisa. Dhuunfaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan hammam faayidaa akka arganne warra kaanitti yoo himne, isaanis barattoota gad fageenyaan Kitaaba Qulqulluu qoʼatan taʼuudhaan faayidaa akkanaa akka argatan jajjabeessuu dandeenya.

5. Warri haaraan dhuunfaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu barsiifata akka godhatan gargaaruun kan dandaʼamu akkamitti?

5 ‘Barataan koo yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu leenjisuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jettee gaafatta taʼa. Qoʼannaa sii wajjin qoʼatuuf akkamitti akka qophaaʼu itti argisiisuun kee jalqabbii gaarii taʼa. Kutaawwan dabalataa kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu irratti argamanii fi caqasoota yaanni isaanii Kitaabicha irratti hin ibsamne akka dubbisu yaada isaaf kennuu dandeessa. Walgaʼii irratti hirmaannaa gochuuf akka qophaaʼu isa gargaari. Maxxansa Masaraa Eegumsaa fi Dammaqaa! hunda akka dubbisu isa jajjabeessi. Laayibirariin Masaraa Eegumsaa ykn LAAYIBIRARIIN INTARNEETII IRRAA afaan isaatiin kan argamu yoo taʼe, gaaffiiwwan Kitaaba Qulqulluutiif deebii argachuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe itti argisiisi. Gargaarsa akkanaa yoo gooteef, barataan kee Dubbii Waaqayyoo qoʼachuutti akka gammadu hin shakkisiisu.

6. (a) Barataan Kitaaba Qulqulluu kee Kitaaba Qulqulluu garaadhaa akka jaallatu gargaaruu kan dandeessu akkamitti? (b) Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko Kitaaba Qulqulluu garaadhaa jaallachuuf maal gochuu dandaʼa?

6 Dhugaa dha, eenyu iyyuu Kitaaba Qulqulluu akka dubbisus taʼe akka qoʼatu dhiibbaa irratti gochuu hin qabnu. Kanaa mannaa, barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya jaalala Kitaaba Qulqulluudhaaf qaban akka guddifatan gargaaruuf meeshaalee jaarmiyaan Yihowaa nuu qopheessetti haa fayyadamnu. Yeroo booda, barataan Kitaaba Qulqulluu keenya akka faarfatichaa itti dhagaʼamuu dandaʼa. Faarfatichi akkana jedhee faarfateera: “Waaqayyotti dhiʼaachuun anaaf gaarii dha; yaa Waaqayyo gooftaa, . . . ani daʼoo si godhadheera.” (Far. 73:28) Barattoota Kitaaba Qulqulluu tattaaffii godhanii fi dinqisiifannaa qaban akkanaa irratti hafuurri Yihowaa ni hojjeta.

WARRI HAARAAN AKKA LALLABANII FI AKKA BARSIISAN LEENJISAA

7. Yesuus labsitoota misiraachichaa kan leenjise akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

7 Maatewos boqonnaa 10 irratti qajeelfama Yesuus Ergamoota isaa 12⁠niif kenne arganna. Yesuus yaada waliigalaa dubbachuu mannaa, kallattiidhaan qabxii isaa dubbateera. [1] Ergamoonni Yesus, yeroo inni akkaataa isaan karaa buʼa qabeessa taʼeen lallabuu itti dandaʼan isaan barsiisetti isa dhaggeeffataniiru. Achiis gara tajaajilaa deeman. Mala Yesuus itti fayyadame ilaaluun isaanii, isaanis dhugaa Kitaaba Qulqulluu barsiisuu irratti dandeettii akka qabaatan godheera. (Mat. 11:1) Nutis, barattoonni Kitaaba Qulqulluu keenya babalʼistoota misiraachichaa buʼa qabeeyyii akka taʼan isaan leenjisuu dandeenya. Mee karaawwan itti isaan gargaaruu dandeenyu lama haa ilaallu.

8, 9. (a) Yesuus tajaajila isaa irratti dhuunfaatti namoota haasofsiisaa kan ture akkamitti? (b) Babalʼistoonni haaraan akkuma Yesuus godhe namootaa wajjin marii akka godhan gargaaruu kan dandeessu akkamitti?

8 Namootaa wajjin mariʼachuu. Yeroo baayʼee Yesuus waaʼee Mootummichaa dhuunfaatti namoota mariisisa ture. Fakkeenyaaf, boolla bishaanii Yaaqoob magaalaa Siikaar biratti argamutti dubartii tokkoo wajjin marii hoʼaa fi buʼa qabeessa taʼe godhee ture. (Yoh. 4:5-30) Akkasumas, Maatewos isa Leewwii jedhamuu fi qaraxa sassaabuu wajjin mariʼateera. Marii isaan godhan ilaalchisee Wangeelonni waan baayʼee hin dubbatan; taʼus Maatewos afeerrii Yesuus akka inni duuka buutuu isaa taʼuuf isaaf dhiheesse fudhateera. Maatewosii fi warri kaan yeroo Yesuus cidha mana Maatewositti godhame irratti saʼaatii dheeraadhaaf dubbatu dhagaʼanii turan.—Mat. 9:9; Luq. 5:27-39.

9 Yeroo biraatti immoo, Yesuus Naatnaaʼel isa nama biyya Naazireetiif ilaalcha gaarii hin qabne jaalalaan haasofsiiseera. Haa taʼu malee, Naatnaaʼel ilaalcha isaa jijjiiruuf kakaʼee ture. Barumsa Yesuus inni nama Naazireet taʼe barsiisu caalaatti barachuuf murteessee ture. (Yoh. 1:46-51) Kanaafuu, babalʼistoonni haaraan jaalalaan, akkasumas utuu hin dhiphatin namootaa wajjin akka mariʼatan leenjisuuf sababii gaʼaa qabna. [2] Obboloonni nuti gama kanaan gargaarru, namoonni garaa qajeelaa qaban xiyyeeffannaan yommuu isaaniif kennamuu fi dubbii gaariidhaaf deebii yommuu kennan arguun akka isaan gammachiisu beekamaa dha.

10-12. (a) Yesuus, fedhii warri kaan misiraachichaaf qaban kan guddise akkamitti? (b) Babalʼistoonni haaraan dhugaa barsiisuu irratti dandeettii qaban akka fooyyeffatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

10 Fedhii isaanii kakaasuu. Yeroon Yesuus tajaajila isaa raawwachuuf qabu daangeffamaa ture. Taʼus, yeroo fudhatee fedhii namoonni misiraachichaaf argisiisan guddiseera. Fakkeenyaaf, Yesuus bidiruu akka waltajjiitti fayyadamuudhaan namoota hedduu barsiiseera. Yeroo kanatti Yesuus, Pheexiroos dinqiidhaan qurxummii akka qabu erga godhee booda, “Ammaa jalqabee namoota lubbuudhaan jiran kan qabdu taata” isaan jedheera. Dubbii fi gochi Yesuus buʼaa akkamii argamsiise? Pheexirosii fi warri isaa wajjin turan “bidiruuwwan sana gara qarqaraatti erga baasanii booda, wanta hunda dhiisanii [Yesuus] duukaa buʼan.”—Luq. 5:1-11.

11 Niqodimoos inni miseensa Saanhedriin ture barumsa Yesuus jaallatee ture. Caalaatti barachuu barbaadee kan ture taʼus, uummata gidduutti Yesuusii wajjin mariʼachuu sodaatee ture. Yesuus, akkaataa yeroo isaatti itti fayyadamuun akka haala isaatti jijjiirama kan godhuu fi arjaa waan tureef, Niqodimoosiin uummata irraa adda baasee halkan isa haasofsiise. (Yoh. 3:1, 2) Seenaa kana irraa maal baranna? Ilmi Waaqayyoo amantii namootaa guddisuuf yeroo ramadeera. Nuti hoo, namoota fedhii qabaniif deddeebii gaaffii gochuu fi Kitaaba Qulqulluu isaan qoʼachiisuuf carraaqqii gochuu hin qabnuu?

12 Babalʼistoota haaraa wajjin yoo tajaajille, dhugaa Kitaaba Qulqulluu barsiisuu irratti dandeettii qaban akka fooyyeffatan gargaaruu dandeenya taʼa. Namoota hamma tokko fedhii argisiisan illee akka hin daganne isaan gargaaruu dandeenya. Yeroo nuti deddeebii gaaffii goonuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu babalʼistoonni haaraan akka nuu wajjin argaman gochuu dandeenya. Babalʼistoonni muuxannoo baayʼee hin qabne, leenjii fi jajjabina akkanaa yoo argatan, of dandaʼanii fedhii warra kaanii guddisuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf fedhii akka qabaatan hin shakkisiisu. Akkasumas, dafanii abdii kutachuu mannaa, obsaan tajaajila isaanii itti fufuu akka qaban baratu.—Gal. 5:22; Saanduqa “Obsi Barbaachisaa Dha” jedhu ilaali.

WARRI HAARAAN OBBOLOOTA ISAANII AKKA TAJAAJILAN LEENJISAA

13, 14. (a) Namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi warra kaaniif jecha aarsaa guddaa kaffalan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? (b) Babalʼistoonni haaraanii fi dargaggoonni obboloota isaaniitti jaalala akka argisiisan leenjisuu kan dandeessu akkamitti?

13 Kitaabni Qulqulluun “jaalala obbolummaa” walitti argisiisuu fi wal tajaajiluu akka qabnu dubbata. (1 Pheexiros 1:22; Luqaas 22:24-27 dubbisi.) Ilmi Waaqayyoo warra kaan tajaajiluuf jecha lubbuu isaa dabalatee waan hunda kenneera. (Mat. 20:28) Dorqaan, “hojiiwwan gaggaarii hedduu kan hojjettuu fi hiyyeeyyii kan gargaartu turte.” (HoE. 9:36, 39) Maariyaam ishiin Roomaa keessa jiraachaa turte, warra gumii keessa jiraniif ‘jabaattee hojjetti’ turte. (Rom. 16:6) Warri haaraan obboloota isaanii gargaaruun barbaachisaa taʼuu isaa akka hubatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

Warri haaraan obboloota isaaniitti jaalala akka argisiisan leenjisaa (Keeyyata 13 fi 14 ilaali)

14 Dhugaa Baatonni bilchina qaban, namoota dhukkubsatanii fi dullooman yeroo gaafatanitti warri haaraan akka isaanii wajjin deeman gochuu dandaʼu. Barbaachisaa taanaan, warris iddoo akkanaa ijoollee isaanii fuudhanii deemuu dandaʼu. Jaarsoliinis obboloonni dullooman nyaata gaʼaa qabaachuu isaanii fi manni isaanii haala gaariidhaan akka qabamu gochuu irratti warra kaanii wajjin hojjechuu dandaʼu. Gama kanaan, dargaggoonnii fi warri haaraan namoota kaanitti gaarummaa argisiisuu barachuu dandaʼu. Jaarsi gumii tokko naannoo baadiyyaatti yeroo tajaajilu Dhugaa Baatota naannoo sana jiran deemee gaafata ture. Dargaggeessi yeroo baayʼee isaa wajjin baʼu tokko, miseensonni gumii hundi akka jaallataman isaanitti dhagaʼamuu akka qabu hubate.—Rom. 12:10.

15. Jaarsoliin, guddina dhiironni gumii keessa jiran godhaniif xiyyeeffannaa kennuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

15 Yihowaan gumii keessatti akka barsiisaniif dhiirotatti waan fayyadamuuf, obboloonni dandeettii haasaa dhiheessuu guddifachuu qabu. Jaarsa gumii yoo taate, tajaajilaan gumii tokko yeroo kutaa isaa shaakalu isa dhaggeeffachuu ni dandeessaa? Gargaarsa keetiin, Dubbii Waaqayyoo barsiisuu irratti dandeettii isaa fooyyeffachuu ni dandaʼa.—Nah. 8:8. [3]

16, 17. (a) Phaawulos guddina Ximotewosiif xiyyeeffannaa akkamii kenne? (b) Jaarsoliin, obboloota gara fuulduraatti gumii keessatti tiksitoota taʼan karaa buʼa qabeessa taʼeen leenjisuu kan dandaʼan akkamitti?

16 Gumii Kiristiyaanaa keessatti tiksitoonni baayʼeen waan barbaachisaniif, obboloonni gara fuulduraatti hojii kana hojjetan itti fufiinsaan leenjii argachuu qabu. Phaawulos leenjiin kennamuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe yeroo ibsu Ximotewosiin akkana jedheera: “Yaa ilma koo, gaarummaa guddaa isa Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan argamu irraa humna argachuu kee itti fufi; akkasumas wantoota ana irraa dhageessee fi dhugaa baatota hedduudhaan mirkanaaʼe sana, namoota amanamoo taʼanii fi warra kaan barsiisuuf gaʼumsa qabanitti imaanaadhaan kenni.” (2 Xim. 2:1, 2) Ximotewos, ergamaa maanguddoo taʼe kanaa wajjin tajaajiluudhaan waan baayʼee barateera. Achiis, tajaajila isaa irratti, akkasumas tajaajila qulqulluu dhiheessu kaan irratti malawwan Phaawulos itti fayyadametti fayyadameera.—2 Xim. 3:10-12.

17 Phaawulos, Ximotewos akkuma carraa haa leenjiʼu jedhee isa gargaaruu hin dhiisne. Kanaa mannaa, dargaggeessi kun akka isaa wajjin tajaajilu godhee ture. (HoE. 16:1-5) Jaarsoliin yeroo hojii tikaa hojjetanitti, barbaachisaa taanaan tajaajiltoota gumii gaʼumsa qaban fuudhanii deemuudhaan fakkeenya Phaawulos hordofuu dandaʼu. Jaarsoliin yoo akkana godhan, obboloonni kun barumsa, amantii, obsaa fi jaalala ilaaltota ol aanaadhaaf barbaachisu hubachuuf carraa akka argatan godhu. Mala kanatti fayyadamuun isaanii, obboloota gara fuulduraatti tiksitoota “tuuta hoolota Waaqayyoo” taʼan leenjisuu irratti gumaacha guddaa godha.—1 Phe. 5:2.

WARRA KAAN LEENJISUUN BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

18. Tajaajila Yihowaa keessatti warra kaan leenjisuudhaaf iddoo guddaa kennuu kan qabnu maaliifi?

18 Bara dhumaa kanatti, namoonni haaraa hedduun dandeettii tajaajila irratti qaban guddifachuuf leenjiʼuu qabu. Akkasumas, obboloonni dhiiraa gumichaaf kunuunsa godhan ni barbaachisu. Fakkeenyi Yesuusii fi Phaawulos gama leenjisuutiin nuuf kaaʼan harʼas ni hojjeta. Yihowaan, tajaajiltoonni isaa yeroo ammaa jiran itti gaafatamummaa tiʼookraasii qaban raawwachuuf akka leenjiʼan barbaada. Waaqayyo namoota hojii gumii keessatti barbaachisu hojjechuu irratti muuxannoo muraasa qaban akka gargaarru mirga nuuf kenneera. Haalli addunyaa kanaa mancaʼaa, akkasumas misiraachicha lallabuuf carraan jiru dabalaa waan jiruuf, warra kaan leenjisuun barbaachisaa fi ariifachiisaa dha.

19. Tajaajila Yihowaa wajjin haala wal qabateen warra kaan leenjisuu irratti milkaaʼina akka argattu kan si amansiisu maali dha?

19 Dhugaa dha, warra kaan leenjisuun yeroo fi carraaqqii barbaada. Taʼus, Yihowaa fi Ilmi isaa inni jaallatamaan nu deggeru; akkasumas ogummaa leenjii kana kennuuf nu barbaachisu nuuf kennu. Namoonni nuti gargaarru ‘jabaatanii yommuu hojjetanii fi carraaqqii cimaa yommuu godhan’ arguun keenya nu gammachiisa. (1 Xim. 4:10) Nutis, tajaajila qulqulluu Yihowaadhaaf dhiheessinu irratti karaa hafuuraa guddachuu keenya itti haa fufnu.

^ [1] (keeyyata 7) Qabxiilee Yesuus dubbate keessaa tokko tokko kan armaan gadii ti: (1) Ergaa sirrii lallabaa. (2) Qophiiwwan Waaqayyootti gammadaa. (3) Nama haasofsiistanii wajjin wal hin falminaa. (4) Mormitoonni yeroo isin mudatan Waaqayyotti amanamaa. (5) Sodaadhaaf harka hin kenninaa.

^ [2] (keeyyata 9) Kitaabni Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa Fayyadami jedhamu ful. 62-64, akkaataa itti tajaajila irratti namootaa wajjin marii gochuun dandaʼamu ilaalchisee yaada gaarii taʼe qabateera.

^ [3] (keeyyata 15) Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa Fayyadami jedhamu ful. 52-61 irratti amalawwan haasaa dhiheessuuf barbaachisan ibsamaniiru.