Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 32

Jaalalli Keessan Akka Guddatu Godhaa

Jaalalli Keessan Akka Guddatu Godhaa

“Jaalalli keessan . . . caalaatti guddachaa akka deemu kadhachuu koo itti nan fufa.”—FILP. 1:9.

FAARFANNAA 106 Jaalala Guddifadhaa

QABIYYEE *

1. Gumii Filiphisiyus kan hundeessan eenyu faʼi?

PHAAWULOS ERGAMAAN, Siilaas, Luqaasii fi Ximotewos yeroo Filiphisiiyus ishii kolonii Roomaa jala turte gaʼanitti, namoota ergaa Mootummichaatiif fedhii qaban hedduu argatanii turan. Obboloonni hinaaffaa qaban arfan kun gumiin tokko akka hundeeffamu kan godhan siʼa taʼu, barattoonni haaraan hundi tarii mana Liidiyaa ishii keessummaa simachuu jaallattu sanaatti walgaʼii gochuu jalqabanii taʼuu dandaʼa.—HoE. 16:40.

2. Yeroo gabaabaa booda haala rakkisaa akkamiitu gumii kana mudata?

2 Gumii haaraan kun utuma baayʼee hin turin rakkinni isa mudate. Seexanni diinota dhugaa sochii lallabaa Kiristiyaanota amanamoo taʼan kanaa cimsanii morman kakaase. Phaawulosii fi Siilaas erga qabamanii booda uleedhaan reebamanii hidhaman. Mana hidhaatii erga gadhiifamanii booda, barattoota haaraa sana bira dhaqanii isaan jajjabeessan. Achiis Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewos magaalicha dhiisanii kan deeman siʼa taʼu, Luqaas garuu achumatti akka hafe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Obboloonnii fi obboleettonni haaraan kun amma maal godhu laata? Gargaarsa hafuura Yihowaatiin amantoonni haaraan kun Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufaniiru. (Filp. 2:12) Phaawulos isaaniin boonuuf sababii gaʼaa qaba ture!

3. Akka Filiphisiyus 1:9-11 irratti ibsametti Phaawulos waaʼee maalii kadhate?

3 Phaawulos gara waggaa kudhanii booda gumii Filiphisiyusiif xalayaa barreesse. Xalayaa inni barreesse sana yommuu dubbistan jaalala Phaawulos obboloota isaatiif qabu salphaatti hubachuu dandeessu. Akkana jechuudhaan barreesseera: ‘Jaalala guddaa isa Kiristoos Yesuus qabuun hunda keessan nan yaada.’ (Filp. 1:8) Kana malees Phaawulos isaaniif akka kadhatu barreesseera. Jaalalli isaanii caalaatti guddachaa akka deemu, wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasanii akka beekan, mudaa kan hin qabne akka taʼan, warra kaan akka hin gufachiisnee fi firiiwwan qajeelinaatiin guutamuu isaanii akka itti fufan akka isaan gargaaru Yihowaa kadhateera. Yeroo harʼaas jechoota Phaawulos garaadhaa dubbate irraa fayyadamuu ni dandeenya yoo jedhame akka irratti walii galtan hin shakkisiisu. (Filiphisiyus 1:9-11 dubbisi.) Mata duree kana keessatti wantoota inni caqase ilaalla, akkasumas tokkoon tokkoon isaanii akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu mariʼanna.

JAALALLI KEESSAN AKKA GUDDATU GODHAA

4. (a) Akka 1 Yohaannis 4:9, 10, jedhutti Yihowaan jaalala nuuf qabu kan argisiise akkamitti? (b) Nuti hoo Waaqayyoon hammam jaallachuu qabna?

4 Yihowaan Ilmi isaa cubbuu keenyaaf jedhee akka duʼuuf gara lafaatti isa erguudhaan jaalala guddaa nuuf qabu argisiiseera. (1 Yohaannis 4:9, 10 dubbisi.) Jaalalli Waaqayyoo inni ofittummaa irraa walaba taʼe isa jaallachuuf nu kakaasa. (Rom. 5:8) Waaqayyoon hammam jaallachuu qabna? Yesuus nama Fariisii tokkoon, “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu” yeroo jedhetti gaaffii kanaaf deebii kenneera. (Mat. 22:36, 37) Waaqayyoon garaa keenya guutuudhaan jaallachuu barbaanna. Jaalalli isaaf qabnus guyyaa guyyaadhaan cimaa akka deemu gochuu barbaanna. Phaawulos jaalalli isaanii ‘caalaatti guddachaa deemuu’ akka qabu warra Filiphisiyusitti himeera. Maarree jaalala Waaqayyoof qabnu cimsachuuf maal gochuu dandeenya?

5. Jaalalli keenya cimaa dhufuu kan dandaʼe akkamitti?

5 Waaqayyoon jaallachuuf waaʼee isaa beekuu nu barbaachisa. Kitaabni Qulqulluun, “Namni jaalala hin argisiisne Waaqayyoon hin beeku; sababiin isaas Waaqayyo jaalala dha” jedha. (1 Yoh. 4:8) Phaawulos ergamaan “beekumsa sirrii fi hubannaa guutuu” yommuu argannu jaalalli Waaqayyoof qabnu cimaa akka deemu dubbateera. (Filp. 1:9) Jalqaba Kitaaba Qulqulluu yommuu qoʼannu beekumsi amaloota isaa warra dinqisiisoo taʼan ilaalchisee qabnu muraasa kan ture taʼus, jaalalli Waaqayyoof qabnu guddachuu jalqabe. Achiis waaʼee Yihowaa caalaatti hammuma barachaa adeemnu jaalalli isaaf qabnu cimaa dhufe. Kanaafuu, yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluun wantoota jireenya keenya keessatti caalaatti barbaachisoo taʼan akka taʼanitti ilaaluun keenya nama hin dinqisiisu!—Filp. 2:16.

6. Akka 1 Yohaannis 4:11, 20, 21, jedhutti jaalalli keenya akka guddatu gochuu kan dandeenyu akkamitti?

6 Jaalalli guddaan Waaqayyo nuuf qabu obboloota keenya jaallachuuf nu kakaasa. (1 Yohaannis 4:11, 20, 21 dubbisi.) Tarii obbolootaa fi obboleettota keenya jaallachuun salphaadha jennee yaadna taʼa. Kunis kan taʼe Yihowaa waan waaqeffannuu fi fakkeenya isaa hordofuuf waan carraaqnuufi. Kana malees fakkeenya Yesuus isa jaalalli isaa guddaa taʼee fi lubbuu isaa nuuf jedhee kennee hordofna. Taʼus, yeroo tokko tokko ajaja akka wal jaallannuuf nuu kenname raawwachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Mee haala gumii Filiphisiyus keessa ture tokko akka fakkeenyaatti ilaalaa.

7. Gorsa Phaawulos Ewodiyaa fi Sinxiikeedhaaf kenne irraa maal baranna?

7 Ewodiyaa fi Sinxiikeen obboleettota hinaaffaa qabanii fi Phaawulos wajjin hojjetan turan. Taʼus, garaagarummaan dhuunfaa isaan qaban addaan akka isaan baasu heyyamanii taʼuu dandaʼa. Phaawulos xalayaa gumii isaan keessatti tajaajilaniif barreesse irratti maqaa Ewodiyaa fi Sinxiikee caqasuudhaan, “yaada tokko akka qabaatan” gorsa ifa taʼe isaaniif kenneera. (Filp. 4:2, 3) Phaawulos guutummaa gumichaa, “Waan hundumaa gungummii fi falmii malee hojjedhaa” jedhee gorsuun barbaachisaa akka taʼe isatti dhagaʼameera. (Filp. 2:14) Gorsi ifa taʼee fi Phaawulos kenne obboleettota amanamoo taʼan kana qofa utuu hin taʼin, guutummaan gumichaa jaalala waliif qabu cimsachuuf akka isaan gargaare hin shakkisiisu.

Obboloota keenyaaf ilaalcha gaarii qabaachuun kan nu barbaachisu maaliifi? (Keeyyata 8 ilaali) *

8. Obboloota keenya akka hin jaallanne wanti gufuu guddaa nutti taʼu maali dha? Gufuu kana mooʼuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

8 Akkuma Ewodiyaa fi Sinxiikee nutis hirʼina warra kaanii irratti xiyyeeffachuun jaalala waliif qabnu akka hin guddifanne gufuu nutti taʼuu dandaʼa. Hundi keenya iyyuu guyyaa guyyaadhaan dogoggora ni raawwanna. Hirʼina warra kaanii irratti xiyyeeffachuu keenya yoo itti fufne, jaalalli isaaniif qabnu ni qabbanaaʼa. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko Galma Walgaʼii qulqulleessuu irratti nu gargaaruu yoo irraanfate aaruu dandeenya. Waaʼee dogoggora obboleessi keenya hojjetee hunda yaaduu yoo jalqabne immoo aariin keenya dabaluu fi jaalalli isaaf qabnu hirʼachuu dandaʼa. Haalli akkanaa isin mudateera yoo taʼe dhugaa kanatti aanee jiru irratti xiinxaluun keessan gaarii dha: Yihowaan hirʼina keenyas taʼe kan obboleessa keenyaa ni arga. Haa taʼu malee, hirʼina kan qabnu taanus Yihowaan nus taʼe obboleessa keenya ni jaallata. Kanaaf fakkeenya jaalala Yihowaa hordofuu fi amaloota gaarii obboloonni keenya qaban irratti xiyyeeffachuu keenya itti fufuu qabna. Obboloota keenya jaallachuuf cimnee yommuu hojjennu caalaatti tokkummaa qabaanna.—Filp. 2:1, 2.

“WANTOOTA CAALAATTI BARBAACHISOO TAʼAN”

9. ‘Wantoonni caalaatti barbaachisoo taʼanii’ fi Phaawulos xalayaa warra Filiphisiyusiif barreesse irratti caqase maal faʼi?

9 Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee warri Filiphisiyus jiraatanii fi Kiristiyaanonni hundi, ‘wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasanii akka beekan’ gorseera. (Filp. 1:10) Wantoonni barbaachisoo taʼan kun, maqaan Yihowaa qulqulleeffamuu isaa, kaayyoon isaa raawwatamuu isaa, akkasumas nagaa fi tokkummaa gumii kan dabalatu dha. (Mat. 6:9, 10; Yoh. 13:35) Wantoonni kunneen jireenya keenya keessatti caalaatti barbaachisoo akka taʼan kan goonu yoo taʼe, Yihowaa akka jaallannu mirkaneessina.

10. Mudaa kan hin qabne akka taanetti ilaalamuuf maal gochuu qabna?

10 Kana malees Phaawulos “mudaa kan hin qabne” taʼuu akka qabnu dubbateera. Kana jechuun garuu guutummaatti mudaa kan hin qabne taana jechuu miti. Hamma Yihowaa mudaa kan hin qabne taʼuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, jaalala keenya guddifachuu fi wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasnee beekuuf wanta dandeenyu hunda kan goonu yoo taʼe, Yihowaan mudaa kan hin qabne akka taanetti nu ilaala. Karaan itti jaalala keenya argisiisnu inni tokko warra kaan gufachiisuu irraa fagaachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu dha.

11. Warra kaan gufachiisuu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

11 Qajeelfamni warra kaan akka hin gufachiisneef nuu kenname akeekkachiisa cimaa dha. Nama tokko gufachiisuu kan dandeenyu akkamitti? Bashannana filannuun, akkaataa uffannaa filannuun, akkasumas gosa hojii filannuun illee warra kaan gufachiisuu dandeenya. Tarii wanti nuti goone dogoggora taʼuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, filannoon keenya qalbii nama tokkoo kan jeequu fi kan isa gufachiisu yoo taʼe kun dhimma cimaa dha. Yesuus hoolota isaa keessaa isa tokko gufachiisuu mannaa, dhagaan daakuu morma keenyatti hidhamee galaanaan yoo liqimfamne akka wayyu dubbateera!—Mat. 18:6.

12. Fakkeenya hiriyoonni gaaʼelaa qajeelchitoota taʼan tokko kaaʼan irraa maal baranna?

12 Hiriyoonni gaaʼelaa qajeelchitoota taʼan tokko akeekkachiisa Yesuus akkamitti akka hojii irra oolchan hubadhaa. Hiriyoonni gaaʼelaa kun, hiriyoota gaaʼelaa reefu cuuphamanii fi maatii wantoota hedduu gochuun itti hin heyyamamne keessatti guddatan wajjin gumii tokko keessatti tajaajilu turan. Hiriyoonni gaaʼelaa haaraa taʼan kun Kiristiyaanonni fiilmii gaarii taʼe tokko illee ilaaluu akka hin qabne amanu turan. Kanaaf hiriyoonni gaaʼelaa qajeelchitoota taʼan kun fiilmii akka ilaalan yommuu hubatan baayʼee rifatan. Achiis hiriyoonni gaaʼelaa qajeelchitoota taʼan kun barattoonni haaraan kun hamma qalbii isaanii leenjisanii wanta sirrii fi dogoggora taʼe sirriitti hubatanitti, gara mana fiilmiin itti argisiifamuu deemuu irraa of qusatan. (Ibr. 5:14) Hiriyoonni gaaʼelaa qajeelchitoota taʼan kun gocha ofittummaa irraa walaba taʼe kana raawwachuudhaan obboleessaa fi obboleettii isaanii haaraa taʼan dubbiidhaan qofa utuu hin taʼin, hojiidhaan akka jaallatan argisiisaniiru.—Rom. 14:19-21; 1 Yoh. 3:18.

13. Namni tokko cubbuu akka hojjetu kakaasuu kan dandeenyu akkamitti taʼuu dandaʼa?

13 Karaan nama tokko gufachiisuu itti dandeenyu inni kan biraan immoo cubbuu akka hojjetu isa kakaasuudhaani. Kun taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Mee haala kanatti aanee jiru ilaalaa. Barataan Kitaaba Qulqulluu tokko yeroo dheeraadhaaf walʼaansoo cimaa erga godhee booda araada dhugaatii alkoolii isaa toʼachuu dandaʼe haa jennu. Barataan kun guutummaatti dhugaatii alkoolii irraa fagaachuu akka qabu hubateera. Achiis guddina ariifachiisaa gochuudhaan cuuphame. Yeroo booda obboleessi tokko affeerraa tokko irratti akka argamu isa affeeree dhugaatii alkoolii itti kennuudhaan akkana jedheen: “Amma ati Kiristiyaana; hafuura Yihowaa qabda. Firiiwwan hafuura qulqulluu keessaa tokko of toʼachuu dha. Kan of toʼattu yoo taate immoo xinnoo dhuguu dandaʼuu qabda.” Obboleessi haaraan kun gorsa dogoggoraa kana dhagaʼuudhaan deebiʼee araada dhugaatii alkooliitiin yoo qabame baayʼee nama gaddisiisa!

14. Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa gorsa Filiphisiyus 1:10 irratti kenname hojii irra oolchuuf kan nu gargaaran akkamitti?

14 Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa keenya gorsa Phaawulos Filiphisiyus 1:10 irratti kenne karaawwan hedduudhaan hojii irra akka oolchinu nu gargaaru. Tokkoffaa, walgaʼiiwwan keenya irraa wanti Yihowaan caalaatti barbaachisaa akka taʼetti ilaalu maal akka taʼe baranna. Lammaffaa, mudaa kan hin qabne taʼuuf wanta baranne akkamitti hojii irra oolchuu akka dandeenyu baranna. Sadaffaa immoo, walgaʼiiwwan keenya “jaalalaa fi hojii gaariidhaaf” nu kakaasu. (Ibr. 10:24, 25) Obboloota keenya irraa jajjabina argachaa hammuma deemnu, jaalalli Waaqa keenyaa fi obboloota keenyaaf qabnu caalaatti guddachaa deema. Garaa keenya guutuudhaan Waaqayyoo fi obboloota keenya yommuu jaallannu obboloota keenya gufachiisuu irraa fagaachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda goona.

‘FIRIIWWAN QAJEELINAATIIN GUUTAMUU’ KEESSAN ITTI FUFAA

15. ‘Firiiwwan qajeelinaatiin guutamuu’ jechuun maal jechuu dha?

15 Phaawulos, warri Filiphisiyus ‘firiiwwan qajeelinaatiin akka guutaman’ garaadhaa isaaniif kadhateera. (Filp. 1:11) “Firiiwwan qajeelinaa” kun jaalala Yihowaa fi saba isaatiif qaban kan dabalatu akka taʼe hin shakkisiisu. Kana malees waaʼee amantii Yesuus irratti qabanii fi abdii isaanii isa dinqisiisaa warra kaanitti himuu dabalata. Filiphisiyus 2:15 “Addunyaa keessatti akka ibsitoota ifaa ni ibsitu” jedha. Yesuus barattoonni isaa “ifa addunyaa” akka taʼan waan dubbateef kun sirrii dha. (Mat. 5:14-16) Kana malees duuka buutonni isaa ‘barattoota akka godhan’ isaan ajajeera; akkasumas ‘hanga andaara lafaatti dhugaa baatota isaa akka taʼan’ dubbateera. (Mat. 28:18-20; HoE. 1:8) Hojii baayʼee barbaachisaa taʼe kana irratti dammaqinaan yommuu hirmaannu “firiiwwan qajeelinaa” godhanna.

Phaawulos Roomaa keessatti hidhamee yeroo jirutti gumii Filiphisiyusiif xalayaa barreesseera. Yeroo sanatti Phaawulos warra isa eeganii fi isa gaafachuu dhufaniif lallabuudhaan carraa kanatti akka gaariitti itti fayyadameera. (keeyyata 16 ilaali)

16. Filiphisiyus 1:12-14 haalawwan rakkisoo taʼan keessatti illee akka ibsitoota ifaatti ibsuu akka dandeenyu kan argisiisu akkamitti? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

16 Haalli keessa jirru maal iyyuu yoo taʼe akka ibsitoota ifaatti ibsuu ni dandeenya. Haala tokko tokko keessatti wantoonni gufuu fakkaatanii fi misiraachicha akka hin labsine nu dhoowwuu dandaʼan lallabuuf carraa kan nuu banan taʼuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan warra Filiphisiyusiif xalayaa kan barreesse Roomaa keessatti hidhamee yeroo turetti dha. Taʼus, funcaan ittiin hidhame warra isa eeganii fi isa gaafachuu dhufaniif lallabuu irraa akka duubatti jedhu isa hin goone. Phaawulos haalawwan akkasii keessatti hinaaffaadhaan lallabeera; kunis obboloonni “dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuuf” ija jabina akka qabaatan isaan godheera.—Filiphisiyus 1:12-14 dubbisi; 4:22.

Yeroo hunda karaawwan tajaajila irratti guutummaatti hirmaachuu itti dandeessan barbaadaa (Keeyyata 17 ilaali) *

17. Fakkeenya bara keenyaa haalawwan rakkisoo taʼan keessatti firii godhachuun akka dandaʼamu argisiisu tokko kenni.

17 Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun akkuma Phaawulos ija jabina argisiisaa jiru. Biyya isaan keessa jiraatanitti ifatti lallabuu ykn manaa gara manaa deemanii tajaajiluu waan hin dandeenyeef karaawwan itti misiraachicha lallaban kan biroo barbaadu. (Mat. 10:16-20) Biyya akkasii keessatti ilaaltuun ol aanaa aanaa tokko babalʼistoonni hundi firoota isaaniitiif, olloota isaaniitiif, warra isaan wajjin barataniif, warra isaan wajjin hojjetanii fi namoota beekaniif akka lallaban yaada dhiheesse. Waggaa lama keessatti lakkoofsi gumiiwwan aanaa sana keessa jiranii baayʼee dabale. Tarii nuti biyya ifatti lallabuun itti dandaʼamu keessa jiraanna taʼa. Taʼus, karaawwan guutummaatti tajaajila irratti hirmaachuuf nu dandeessisan barbaaduudhaan, akkasumas Yihowaan humna gufuu kam iyyuu mooʼuuf nu gargaaru akka nuu kennu amanannaa qabaachuudhaan fakkeenya obbolootaa fi obboleettota mala qabeeyyii taʼan kanaa hordofuu ni dandeenya.—Filp. 2:13.

18. Maal gochuuf murteessuu qabna?

18 Yeroo baayʼee murteessaa taʼe kanatti gorsa xalayaa Phaawulos hafuuraan geggeeffamee warra Filiphisiyusiif barreesse irratti argamu hojii irra oolchuuf murtoo haa goonu. Akkasumas wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasnee kan beeknu, mudaa kan hin qabne, warra kaan kan hin gufachiisnee fi firiiwwan qajeelinaatiin kan guutamne haa taanu. Kana kan goonu yoo taʼe, jaalalli keenya ni guddata, akkasumas Yihowaa isa Abbaa jaalala qabeessa taʼeef ulfina fidna.

FAARFANNAA 17 “Nan Fedha”

^ key. 5 Amma yeroo kam iyyuu caalaa jaalala obboloota keenyaaf qabnu cimsachuu nu barbaachisa. Xalayaan warra Filiphisiiyusiif barreeffame yeroo rakkoon nu mudatutti illee jaalala keenya akkamitti guddifachuu akka dandeenyu hubachuuf nu gargaara.

^ key. 54 IBSA FAKKII: Galmi Walgaʼii yeroo qulqulleeffamaa jirutti, obboleessi Joo jedhamu, obboleessa tokkoo fi ilma isaa wajjin haasaʼuuf hojii dhaabee jira. Kun immoo obboleessa qulqulleessaa jiruu fi Maayik jedhamu aarse. Achiis ‘Joon haasaʼuu dhiisee hojjechuu qaba’ jedhee yaade. Yeroo booda Maayik, Joon obboleettii maanguddoo tokko suuta jedhee yommuu gargaaru arge. Kunis Maayik waaʼee amaloota gaggaarii obboleessi isaa qabuu isa yaadachiise.

^ key. 58 IBSA FAKKII: Biyya Dhugaa Baatonni ifatti lallabuu hin dandeenye tokko keessatti obboleessi tokko nama beeku tokkotti ergaa Mootummichaa ogummaadhaan itti himaa jira. Yeroo booda immoo yeroo boqonnaatti bakka hojii isaatti nama isa wajjin hojjetu tokkoof dhugaa baʼaa jira.