Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 31

“Nuti Abdii hin Kutannu”!

“Nuti Abdii hin Kutannu”!

“Kanaaf nuti abdii hin kutannu.”—2 QOR. 4:16.

FAARFANNAA 128 Hamma Dhumaatti Jabaachuu

QABIYYEE *

1. Kiristiyaanonni dorgommii jireenyaaf godhan xumuruuf maal gochuun isaan irra jira?

KIRISTIYAANONNI dorgommii fiigichaa jireenyaaf godhamu irra jiru. Fiiguu kan jalqabne dhiheenyas taʼe, waggoota hedduu dura, hamma sarara xumura fiigichaa sana qaxxaamurrutti fiiguu keenya itti fufuun nu irra jira. Gorsi Phaawulos Kiristiyaanota Filiphisiyusiif kenne nutis dorgommii keenya akka xumurruuf nu jajjabeessuu danda’a. Miseensonni gumii jaarraa jalqabaa tokko tokko xalayaan kun yommuu isaan ga’u tajaajila Yihowaa keessatti waggoota hedduu dabarsaniiru. Isaan akka gaariitti fiigaa kan jiran taʼus, jabinaan fiiguu isaanii itti fufuun barbaachisaa akka taʼe isaan yaadachiiseera. Inni fakkeenya isaa hordofuudhaan ‘galma sana irra gaʼuuf akka carraaqan’ barbaadee ture.—Filp. 3:14.

2. Gorsi Phaawulos warra Filiphisiiyusiif kenne yeroo sirriitti kenname jechuun kan dandaʼamu maaliifi?

2 Gorsi Phaawulos warra Filiphisiyusiif kenne yeroo isaa kan eeggate ture. Gumichi erga hundeeffamee kaasee ariʼatamni isa irra ga’eera. Ariʼatamni kun kan jalqabe, Dh.K.B. naannoo bara 50, yeroo Phaawulosii fi Siilaas afeerrii Waaqayyo ‘Gara Maqedooniyaatti akka ceʼan’ isaaniif dhiheesse fudhatanii Filiphisiyus gaʼanitti ture. (HoE. 16:9, 8, 7) Iddoo kanatti dubartii Liidiyaa jedhamtuu fi ‘dhaggeeffachaa turte’ tokko kan argatan si’a ta’u, ishiinis misiraachicha akka fudhattuuf, ‘Yihowaan garaa ishii akka gaariitti ishiidhaaf baneera.’ (HoE. 16:14.) Ishiin yeruma sana maatii ishii wajjin cuuphamteetti. Taʼus, Seexanni yeruma sana rakkina isaan irratti fiduu jalqabe. Namoonni magaalattii Phaawulosii fi Siilaasiin lafa irra harkisanii bulchitoota magaalattii duratti erga isaan dhiheessanii booda, jeequmsa uumaa akka jiran himata sobaa isaan irratti dhiheessan. Kanaan kan kaʼes, Phaawulosii fi Siilaas ni reebaman, ni hidhaman, akkasumas magaalattii dhiisanii akka deeman isaanitti himame. (HoE. 16:16-40) Maarree abdii kutatanii turanii? Matumaa! Obboloonni gumii haaraa hundeeffame keessa jiran hoo? Isaanis jabaatanii dhaabbachuudhaan fakkeenya gaarii taʼaniiru! Fakkeenya gaarii Phaawulosii fi Siilaas isaaniif taʼan irraa jajjabina guddaa argatanii akka turan hin shakkisiisu.

3. Phaawulos maal hubatee ture? Gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?

3 Phaawulos abdii kutachuu dhiisuuf murteessee ture. (2 Qor. 4:16) Haa taʼu malee, dorgommicha hamma xumuraatti fiiguuf galma isaa irratti xiyyeeffachuu akka qabu beeka ture. Fakkeenya Phaawulos irraa maal barachuu dandeenya? Jabaannee akka hin dhaabbanne wantoota gufuu nutti taʼan moʼuu ilaalchisee fakkeenyota amantii bara keenya jiran irraa maal baranna? Kana malees, abdiin keenya murtoo matumaa abdii kutachuu dhiisuuf goone kan nuuf cimsu akkamitti?

FAKKEENYI PHAAWULOS NU FAYYADUU KAN DANDA’U AKKAMITTI?

4. Phaawulos haala mijataa kan hin qabne taʼus, hojiidhaan qabamee kan ture akkamitti?

4 Phaawulos yeroo warra Filiphisiiyusiif barreessetti wanta inni gochaa ture hunda yaadaa. Roomaatti mana isaa keessatti hidhamee ture. Bilisummaan inni lallabuuf qabu daangeffamee ture. Taʼus, namoota isa gaafachuu dhufaniif dhugaa baʼa, akkasumas gumiiwwan fagoo jiraniif xalayaa barreessa ture. Haaluma wal fakkatuun yeroo harʼaatti, Kiristiyaanonni manaa baʼuu hin dandeenye hedduun, namoota mana isaanii dhufanitti misiraachoo himuuf carraa argatanitti fayyadamu. Kana malees, namoota qaamaan isaan argachuun hin dandaʼamneef xalayaa nama jajjabeessu ni barreessu.

5. Akkuma Filiphisiyus 3:12-14 irratti dubbatetti, Phaawulos galma isaa irratti akka xiyyeeffatu maaltu isa gargaare?

5 Phaawulos milkaaʼina kanaan dura argateenis taʼe dogoggora kanaan dura raawwateen yaadni isaa akka hihhiramu hin heyyamne. Siruma iyyuu, ‘wantoota fuula isaa dura jiranitti hiixatee’ dorgommicha milkaaʼinaan xumuruuf, ‘wantoota duuba isaa jiran irraanfachuun’ barbaachisaa akka taʼe dubbateera. (Filiphisiyus 3:12-14 dubbisi.) Wantoonni xiyyeeffannaa Phaawulos hihhiruu dandaʼan tokko tokko maalfaa turan? Tokkoffaa, Kiristiyaana taʼuu isaa dura milkaaʼina guddaa argatee ture. Taʼus, wantoota kana ‘akka kosiitti ilaala’ ture. (Filp. 3:3-8) Lammaffaa, balleessaan inni sana dura Kiristiyaanota ariʼachuudhaan raawwate Yihowaa tajaajiluu akka dhaabu isa hin goone. Sadaffaa, tajaajila Yihowaa keessatti wanti inni kanaan dura hojjete ni gaʼa jedhee sababii hin dhiheessine. Phaawulos hidhamee, reebamee, dhagaadhaan tumamee, dooniin inni ittiin deemu jalaa caccabee akkasumas wanta nyaatuu fi uffatu dhabee kan ture taʼus, tajaajila irratti wanta hedduu raawwateera. (2 Qor. 11:23-27) Taʼus, Phaawulos wanti inni raawwatee fi rakkinni isa irra gaʼe maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufuu akka qabu hubatee ture. Nutis akkasuma gochuu qabna.

6. ‘Wantoonni duuba keenya’ jiranii fi irraanfachuun nu barbaachisuu dandaʼu tokko tokko maal faʼi?

6 ‘Wantoota duuba keenya jiran irraanfachuu’ irratti fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Nu keessaa tokko tokko cubbuu kanaan dura raawwanneen kan kaʼe miira balleessaa nutti dhagaʼamu moʼuun nu barbaachisuu dandaʼa taʼa. Taanaan, aarsaa furii Kiristoos irratti xiyyeeffachuudhaan qoʼannaa dhuunfaa gochuu maaliif hin jalqabdan? Dhimma kana irratti qoʼannaa yoo goone, yoo xiinxallee fi yoo kadhanne, miira balleessaa barbaachisaa hin taane kana hirʼisuuf wantoota hedduu raawwachuu dandeenya. Cubbuu Yihowaan dhiifama nuuf godheef of adabuu keenya dhaabuu illee ni dandeenya taʼa. Barumsa kan biraa Phaawulos irraa argachuu dandeenyus haa ilaallu. Namoonni tokko tokko tajaajila Mootummichaa irratti caalaatti hirmaachuuf jecha hojii galii guddaa isaaniif argamsiisu dhiisaniiru taʼa. Taanaan, qabeenya argachuu dandeenyu hawwuu dhiisuudhaan, wantoota duuba keenya jiran irraanfachuu ni dandeenyaa? (Lak. 11:4-6; Lal. 7:10) ‘Wantoota duuba keenya jiran’ kan jedhaman wantoota kanaan dura raawwanne ykn qorumsa kanaan dura dandamanne dabalachuu dandaʼu. Dhugaa dha, akkaataa Yihowaan waggoottan darbanitti itti nu eebbisee fi nu deggere yaaduun caalaatti Abbaa keenyatti akka dhihaannu nu taasisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wanti tajaajila Yihowaa keessatti raawwanne gaʼaa akka taʼe matumaa yaaduu hin qabnu.—1 Qor. 15:58.

Dorgommii jireenyaaf goonu irratti yaadni keenya utuu hin hihhiramin galma keenya irratti xiyyeeffachuu qabna (Keeyyata 7 ilaali)

7. Akka 1 Qorontos 9:24-27 jedhutti dorgommii jireenyaaf godhamu injifachuuf maaltu barbaachisa? Fakkeenyaan ibsi.

7 Phaawulos yaada Yesuus “dhamaʼaa” jechuudhaan dubbate akka gaariitti hubateera. (Luq. 13:23, 24) Phaawulos akkuma Kiristoos hanga dhumaatti dhamaʼuu akka qabu beekee ture. Inni jireenya Kiristiyaanaa dorgommii fiigichaa wajjin wal bira qabee kan ibse kanaaf ture. (1 Qorontos 9:24-27 dubbisi) Namni dorgommii fiigichaa irra jiru tokko wantoota yaada isaa hihhiran irraa fagaachuuf sarara dhumaa irratti xiyyeeffata. Fakkeenyaaf, yeroo harʼaa namoonni dorgommii fiigichaa magaalaa irratti hirmaatan daandii qarqara isaatti suuqiiwwanii fi wantoota xiyyeeffannaa namaa hihhiran qaban irra fiigu. Namni dorgommii fiigichaa akkasii irra jiru tokko miʼoota suuqii keessatti fannifaman ilaaluuf ni dhaabbata jettanii yaadduu? Dorgommicha moʼachuu kan barbaadu taanaan akkas hin godhu! Nutis dorgommii jireenyaaf goonu irratti wantoota yaada namaa hihhiran irraa fagaachuu qabna. Akkuma Phaawulos galma keenya irratti xiyyeeffachuuf dhamaʼuu keenya yoo itti fufne badhaasicha ni arganna!

RAKKOOWWAN AMANTII KEENYA MUDATAN DANDAMACHUU

8. Haalawwan rakkisoo taʼan sadii kamfaa ilaalla?

8 Mee haalawwan rakkisoo abdii akka kutannu nu gochuu dandaʼan sadii haa qorru. Isaanis, abdii lafa irra harkifame, jabina qaamaa laafaa deemuu fi qorumsa yeroo dheeraadhaaf turu dha. Akkaataa namoonni kaan haalawwan kana itti dandamatan qoruudhaan fayyadamuu ni dandeenya.—Filp. 3:17.

9. Abdiin utuu hin raawwatamin baayʼee turu, dhiibbaa nu irratti gochuu kan dandaʼu akkamitti?

9 Abdii utuu hin raawwatamin baayʼee ture. Wantoota gaggaarii Yihowaan abdachiise yommuu raawwataman arguuf hawwuun keenya sirrii dha. Raajii Yihowaa kan taʼe Anbaaqomis, Yihowaan hammina Yihudaa keessatti babalʼate akka balleessu hawwee kan ture siʼa taʼu, Yihowaan akka inni ‘eeggatu’ isatti himeera. (An. 2:3) Taʼus, wanti eegne utuu hin raawwatamin akka ture yommuu nutti dhagaʼamu hinaaffaan keenya qabbanaaʼuu dandaʼa. Abdii kutachuu illee ni dandeenya. (Fak. 13:12) Kun jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti taʼeera. Yeroo sanatti Kiristiyaanonni dibamoon baayʼeen isaanii bara 1914⁠tti badhaasa isaanii isa samii akka argatan eeganii turan. Kun utuu hin taʼin yommuu hafu namoonni amanamoon haala kana kan dandamatan akkamitti ture?

Rooyaalii fi Peerli Ispaatiz abdiin isaanii bara 1914⁠tti raawwatamu baatus waggoota hedduuf amanamummaan tajaajilaniiru (Keeyyata 10 ilaali)

10. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko abdiin isaanii yeroo eeganitti utuu hin raawwatamin yommuu hafu maal godhan?

10 Mee fakkeenya obboloota amanamoo rakkina akkasii moʼan lamaa haa ilaallu. Obboleessi keenya Rooyaal Ispaatiz umurii isaa waggaa 20⁠tti bara 1908⁠tti cuuphame. Badhaasa isaa dhiheenyatti akka argatu amanannaa guddaa qaba ture. Bara 1911⁠tti Peerliin fuudhuuf yommuu ishii gaafatu, akkas ishiidhaan jedhee ture: “Bara 1914⁠tti wanta raawwatamuuf jedhu ni beekta. Gaaʼela kan godhannu yoo taʼe, ammuma dafnee godhachuun keenya gaarii dha!” Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaana taʼan kun, bara 1914⁠tti badhaasa isaanii isa samii utuu hin argatin yommuu hafan abdii kutatanii dorgommii jireenyaaf godhan dhiisaniiruu? Lakki; xiyyeeffannaan isaanii inni guddaan badhaasa isaanii argachuu utuu hin taʼin, amanamummaadhaan fedhii Waaqayyoo raawwachuu ture. Dorgommicha ciminaan fiiguuf murteessanii turan. Dhuguma iyyuu, Rooyaalii fi Peerliin waggoota kudhaniin lakkaaʼaman booda jireenya isaanii isa lafa irraa hamma xumuranitti dammaqoo fi amanamoo taʼanii jiraataniiru. Yihowaan maqaa isaa fi ol aantummaa isaa yommuu mirkaneessuu akkasumas abdiiwwan kenne hundumaa yommuu raawwatu arguuf akka hawwitan hin shakkisiisu. Wantoonni kun yeroo Yihowaan murteessetti akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼaa. Taʼus, hamma yeroon sun gaʼutti, abdiin lafa irra harkifame sochii keenya akka dhaabnu utuu hin godhin Waaqa keenya tajaajiluu keenya itti haa fufnu.

Artar Seekoordi yeroo dulloometti illee hamma isaaf dandaʼame Yihowaadhaaf hojjechuu barbaada ture. (Keeyyata 11 ilaali)

11-12. Jabinni qaamaa keenya laafaa deemus, gara fuulduraatti deemuu kan dandeenyu maaliifi? Fakkeenya kenni.

11 Cimina qaamaa laafaa deemu. Atileetota fiigan irraa haala adda taʼeen, karaa hafuuraa cimuu keenya itti fufuuf qaamaan cimaa taʼuun nu hin barbaachisu. Namoonni ciminni qaamaa isaanii laafaa deeme hedduun iyyuu karaa hafuuraa guddachuu isaanii itti fufuuf murtoo cimaa godhaniiru. (2 Qor. 4:16) Fakkeenyaaf, obboleessi keenya Artar Seekoordi * umuriin isaa waggaa 88 siʼa taʼu, waggoota 55f Betʼel keessa erga tajaajilee booda waan dulloomeef mana maanguddoonni itti kunuunfaman keessa jira. Narsiin tokko wanta isa barbaachisu isaa gochuuf gara siree isaa dhaqxe. Achiis akka isaaf yaaddu karaa argisiisuun isa ilaalaa akkas jette: “Obboleessa keenya Seekoordi, qaamni kun Yihowaa tajaajiluuf kiiloo meetira hedduu deemeera.” Haa taʼu malee, Artar wantin kanaan dura hojjedhe na gaʼa jedhee kan yaadu hin turre. Innis ija ishii ilaalee seeqaa akkas jedhee deebise: “Eeyyee, dhugaa kee jette. Garuu wanti iddoo guddaa qabu wanta kanaan dura raawwanne miti. Wanti iddoo guddaa qabu ammumaa kaasee wanta hojjennu dha.”

12 Tarii waggoota hedduudhaaf erga Yihowaa tajaajiltanii booda, fayyaan keessan gad buʼaa deemuun isaa hamma kanaan duraa akka hin hojjenne isin dhoowwee taʼuu dandaʼa. Taanaan abdii hin kutatinaa. Yihowaan tajaajila kanaan dura amanamummaadhaan raawwattan akka dinqisiifatu mirkanaaʼoo taʼaa. (Ibr. 6:10) Yeroo ammaatti immoo, garaa keenya guutuudhaan Waaqayyoof kan bulle taʼuun, hamma tajaajila Yihowaa keessatti raawwannuun akka hin madaalamne yaadadhaa. Kanaa mannaa, Waaqayyoof kan bulle taʼuu keenya kan argisiisnu, ilaalcha sirrii qabaachuu fi wanta humni keenya dandaʼe hunda gochuudhaani. (Qol. 3:23) Yihowaan humni keenya daangaa qabaachuu isaa ni hubata, akkasumas wanta nuti gochuu dandeenyu caalaa nu irraa hin eegu.—Mar. 12:43, 44.

Anaatolii fi Liidiyaa Meelniik qorumsi hedduun isaan irra gaʼus, amanamummaadhaan jabaatanii dhaabbataniiru (Keeyyata 13 ilaali)

13. Muuxannoon Anaatolii fi Liidiyaa qorumsi hedduun yoo nu irra gaʼe iyyuu Yihowaa tajaajiluu keenya akka itti fufnu kan nu jajjabeessu akkamitti?

13 Qorumsa yeroo dheeraadhaaf turu. Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif rakkinaa fi ariʼatama keessa jiraataniiru. Fakkeenyaaf, Anaatolii Meelniik * yeroo abbaan isaa qabamee hidhamuudhaan maatii isaa Moldoovaa keessa jiran irraa fagaatee gara Saayibeeriyaa ishii kiiloo meetira 7000 fagaattee argamtutti geeffametti umuriin isaa waggaa 12 ture. Waggaa tokko booda, Anaatoliin, haati isaa fi akaakayyuun isaa Saayibeeriyaatti geeffamaniiru. Booda walgaʼii gumii ganda kan biraa keessatti godhamu irratti argamuu kan dandaʼan taʼus, cabbii keessa qorra guddaa dandaʼanii kiiloo meetira 30 deemuun isaan barbaachisee ture. Yeroo booda obboleessi keenya Meelniik haadha manaa isaa Liidiyaa fi intala isaanii waggaa tokko turte irraa addaan baʼee waggaa sadii hidhameera. Anaatolii fi maatiin isaa waggoota hedduudhaaf rakkinni kan isaan irra gaʼe taʼus, amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufaniiru. Anaatoliin yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 82 siʼa taʼu, Giddu Gala Eeshiyaa keessatti Koree Waajjira Damee taʼee tajaajilaa jira. Akkuma Anaatolii fi Liidiyaa nutis akkuma kanaan dura gochaa turre jabaannee dhaabbachuu keenya itti fufuudhaan tajaajila Yihowaa keessatti wanta nuuf dandaʼame hunda haa raawwannu.—Gal. 6:9.

ABDII KEENYA IRRATTI XIYYEEFFACHUU

14. Phaawulos galma isaa irra gaʼuudhaaf maal hubachuun isa barbaachisee ture?

14 Phaawulos dorgommii isaa akka xumuruu fi galma isaa irra akka gaʼu amanannaa qaba ture. Kiristiyaana dibamaa waan taʼeef, “badhaasa Waaqayyoo waamicha isa olii” argachuuf hawwiidhaan eeggata ture. Taʼus, galma kana irra gaʼuudhaaf ‘carraaquu’ isaa itti fufuu akka qabu hubatee ture. (Filp. 3:14) Phaawulos warri Filiphisiiyus galma isaanii irratti akka xiyyeeffatan isaan gargaaruudhaaf, fakkeenya xiyyeeffannaa isaanii harkisu tokkotti fayyadameera.

15. Phaawulos Kiristiyaanonni Filiphisiiyus ‘carraaqqii’ gochuu isaanii akka itti fufan jajjabeessuuf yaada lammii jedhutti kan fayyadame akkamitti?

15 Phaawulos warri Filiphisiiyus lammiiwwan samii taʼuu isaanii isaan yaadachiiseera. (Filp. 3:20) Kana yaadachuun kan isaan barbaachise maaliifi? Yeroo sanatti lammii Roomaa taʼuun wanta gatii guddaa qabu ture. * Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni dibamoon lammummaa kana caalu kan qaban siʼa taʼu, kunis faayidaa lammii Roomaa taʼuun argamsiisu caalu isaaniif argamsiisa ture. Lammii Roomaa taʼuun kanaa wajjin yommuu wal bira qabamu faayidaan isaa baayʼee xiqqaa dha! Kanaan kan kaʼes, Phaawulos warri Filiphisiiyus, ‘misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsuu wajjin haala wal simuun akka lammii tokkootti akka deddeebiʼan’ isaan jajjabeesseera. (Filp. 1:27, milj.) Kiristiyaanonni dibamoon yeroo harʼaa jiran, galma samii irratti jireenya bara baraa argachuuf qaban irra gaʼuuf carraaquu irratti fakkeenya gaarii taʼu.

16. Abdiin keenya samii irras taʼe lafa irra jiraachuu, Filiphisiiyus 4:6, 7 irratti akkuma ibsame maal gochuu keenya itti fufuu qabna?

16 Abdiin keenya samii irra bara baraaf jiraachuus taʼe, lafa jannata taatu irra bara baraaf jiraachuu, galma keenya irra gaʼuuf carraaquu keenya itti fufuu qabna. Haalli keenya maal iyyuu yoo taʼe, wantoota duuba keenya jiran ilaaluu hin qabnu; akkasumas wanti kam iyyuu Yihowaa tajaajiluu akka nu dhoowwu heyyamuu hin qabnu. (Filp. 3:16) Abdiin keenya utuu hin raawwatamin waan ture fakkaachuu dandaʼa, ykn jabinni qaama keenyaa laafaa deemuu dandaʼa. Waggoota hedduudhaaf haala rakkisaa keessa jiraachaa kan turree fi ariʼatamni nu irra gaʼaa kan ture taʼuu dandaʼa. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, “waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa.” Kanaa mannaa, wawwaannaa fi iyyannaan keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa, innis nagaa isa hubannaa keessanii ol taʼe isiniif ni kenna.—Filiphisiyus 4:6, 7 dubbisi.

17. Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii qorra?

17 Akkuma namni dorgommii fiigichaa irratti hirmaatu tokko marsaa isa xumuraa irratti caalaatti dhamaʼu, nutis dorgommii jireenyaaf goonu xumuruuf galma qabnu irratti guutummaatti xiyyeeffachuu qabna. Humnii fi haalli keenya hanga nuuf heyyametti haa dhamaanu, akkasumas wantoota dinqisiisoo nu fuuldura jiran bira gaʼuudhaaf haa carraaqnu. Hamma humni keenya dandaʼe kallattii sirrii taʼetti carraaqqii gochuu keenya itti fufuuf maal gochuu qabna? Mata dureen itti aanu, wantoota dursa kennuufii qabnuuf dursa kennuu fi ‘wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasnee beekuuf’ nu gargaara.—Filp. 1:9, 10.

FAARFANNAA 79 Jabaatanii Akka Dhaabbatan Isaan Barsiisaa

^ key. 5 Waggoota hammamiitiif iyyuu Yihowaa kan tajaajille yoo taʼe, karaa hafuuraa guddachuu fi waaqeffannaa isaaf dhiheessinu irratti fooyyaʼiinsa gochuu barbaanna. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni hidhata isaa taʼan matumaa abdii akka hin kutanne isaan jajjabeesseera! Xalayaan inni warra Filiphisiyusiif barreesse dorgommii jireenyaaf goonu irratti jajjabina obsaan xumuruuf nu dandeessisu qabateera. Mata dureen kun yaada Phaawulos hafuuraan gaggeeffamee barreesse hojii irra oolchuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

^ key. 11 Muuxannoo obboleessa keenya Seekoordi mata duree “Gaʼee Ani Waaqeffannaa Dhugaa Babalʼisuu Keessatti Qabu” jedhu Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 15, 1965 (Ingiliffa) irraa ilaali.

^ key. 13 Muuxannoo obboleessa keenya Meelniik, “Ijoollummaa Kootii Kaasee Waaqayyoon Akkan Jaalladhu Baradheera” jedhu Dammaqaa! Onkoloolessa 22, 2004 (Ingiliffa) irraa ilaali.

^ key. 15 Filiphisiiyus kolonii Roomaa jala waan turteef jiraattonni magaalattii faayidaa lammii Roomaa taʼuun argamsiisu tokko tokko ni argatu turan. Kanaaf, fakkeenyi Phaawulos itti fayyadame namoota inni isaaniif barreesseef kan galu ture.