Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yohaannis Cuuphaa—Barumsa Gammachuu Keenya Eegnee Jiraachuuf Nu Gargaaru

Yohaannis Cuuphaa—Barumsa Gammachuu Keenya Eegnee Jiraachuuf Nu Gargaaru

HOJIIN gumii keessatti utuu sii kennamee itti gammadduu fi amma garuu siif hin kennamne jiraa? Tarii hojii namni kan biraan hojjechaa jiru taʼuu dandaʼa. Yookiin immoo hojii tajaajila wajjin wal qabate ykn mirga kanaan dura siif kennamee beeku taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, umuriin, rakkinni fayyaa, haalli dinagdee ulfaataa taʼe ykn itti gaafatamummaan maatii wanta yeroo ammaatti gochuu dandeessu daangessee taʼuu dandaʼa. Yookiin immoo jijjiirama jaarmiyichi taasiseen kan kaʼe itti gaafatamummaa yeroo dheeraadhaaf sii kennamee ture dhaabuun si barbaachisee taʼuu dandaʼa. Sababiin isaa maal iyyuu yoo taʼe, tajaajila Waaqayyoo keessatti hamma raawwachuuf yaadde akka hin hojjenne sitti dhagaʼama taʼa. Haala akkasii keessatti, gaddi yoo sitti dhagaʼame nama hin dinqisiisu. Haa taʼu malee, miirri sirrii hin taane, kan akka abdii kutachuu fi aarii, keessa keetti akka hin guddanne gochuu kan dandeessu akkamitti? Gammachuu kee eegdee itti fufuu kan dandeessu hoo akkamitti?

Fakkeenya Yohaannis Cuuphaa qoruudhaan gammachuu keenya eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe barachuu dandeenya. Yohaannis mirga guddaa kan argate taʼus, jireenyi tajaajila Yihowaa keessatti dabarse kan inni eege irraa adda taʼuu dandaʼa. Tarii hamma tajaajila irratti dabarse caalaa mana hidhaa keessatti nan dabarsa jedhee yaadee hin beeku taʼa. Taʼus, Yohaannis jireenya isaa isa hafe hunda irratti gammachuu isaa eegee itti fufeera. Maaltu isa gargaare? Haalli nuti hin eegne yeroo nu mudatutti gammachuu keenya eegnee itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

HOJII GAMMACHIISAA TAʼE

Yohaannis DH.K.B. bara 29 naannoo jiʼa Eblaatti “Mootummaan samii waan dhihaateef, yaada geddaradhaa” jedhee lallabuudhaan hojii dhufaatii Yesuus Kiristoosiif karaa akka qopheessuuf isaa kenname jalqabe. (Mat. 3:2; Luq. 1:12-17) Namoonni baayʼeen deebii gaarii kennaniiru. Uummanni baayʼeen ergaa isaa dhaggeeffachuuf naannoo fagoo taʼe irraa kan dhufan siʼa taʼu, hedduun isaanii yaada garaa jijjiirrachuu fi cuuphamuuf kakaʼaniiru. Yohaannis geggeessitoonni amantii qajeelota akka taʼanitti of ilaalan jijjiirama gochuu baannaan murtiin akka isaan eeggatu ija jabinaan isaan akeekkachiiseera. (Mat. 3:5-12) Dh.K.B. bara 29 naannoo jiʼa Onkoloolessaatti yeroo Yesuusiin cuuphetti tajaajilli isaa gara xumuraatti akka dhufe hubatee ture. Yeroo sanaa eegalee warri kaan Yesuus isa Masiihii abdachiifame taʼe akka hordofan jajjabeessaa ture.—Yoh. 1:32-37.

Gaʼee addaa Yohaannis taphatu irraa kaʼuudhaan Yesuus akkana jedheera: “Dhuguman isinitti hima, namoota dubartii irraa dhalatan keessaa Yohaannis Cuuphaa irra kan caalu hin kaane.” (Mat. 11:11) Yohaannis eebba argatetti akka gammade hin shakkisiisu. Akkuma Yohaannis yeroo harʼaattis namoonni baayʼeen eebba guddaa argachaa jiru. Obboleessa Teerii jedhamu akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Innii fi haati manaa isaa Saandiraan Tajaajila yeroo guutuu keessatti waggaa 50 ol dabarsaniiru. Teeriin akkana jedheera: “Mirgoota nama gammachiisan hedduu argadheera. Qajeelchaa, miseensa maatii Betʼel, qajeelchaa addaa, ilaaltuu ol aanaa aanaa, ilaaltuu ol aanaa koonyaa fi yeroo ammaattis qajeelchaa addaa taʼee mirga tajaajiluu argadheera.” Mirgoota tiʼookraasii argachuun gammachuu kan namaaf argamsiisu taʼus, fakkeenya Yohaannis irraa hubachuun akka dandaʼamutti yeroo haalli keenya jijjiiramu gammachuu ofii eeggatanii itti fufuun carraaqqii gochuu gaafata.

DINQISIIFACHUU KEESSAN ITTI FUFAA

Yohaannis Cuuphaan gammachuu isaa eegee akka itti fufu wanta isa gargaare keessaa tokko mirgoota argateef gonkumaa dinqisiifannaa dhabuu dhiisuu isaati. Fakkeenya tokko ilaali. Yesuus erga cuuphamee booda tajaajilli Yohaannis gadi buʼuu kan jalqabe siʼa taʼu, kan Yesuus immoo dabalaa adeemuu jalqabe. Haalli kun isaan yaaddessee waan tureef barattoonni Yohaannis akkana isaan jedhanii turan: “Namichi . . . sun cuuphaa jira; namni hundis gara isaa dhaqaa jira.” (Yoh. 3:26) Yohaannisis akkana jedhee deebiseef, “Inni misirroo qabu hundi dhirsa misirroo ti. Michuun dhirsa misirroo sanaa garuu yommuu dhaabatee sagalee isaa dhagaʼu, sagalee dhirsa misirroo sanaatiin kan kaʼe guddaa gammada. Kanaaf, amma gammachuun koo guutuu taʼeera.(Yoh. 3:29) Yohaannis ofii isaa Yesuus wajjin wal hin dorgomsiisne, akkasumas gaʼee guddaa Yesuus qabuun hojiin isaa gatii akka dhabe itti hin dhagaʼamne. Kanaa mannaa, Yohaannis gaʼee “michuu dhirsa misirroo” taʼuudhaan qabuuf iddoo guddaa waan kenneef, gammachuu isaa eegee itti fufeera.

Ilaalchi sirriin Yohaannis qabu hojiin isaaf kenname salphaa taʼuu baatus gammachuu isaa eegee akka itti fufu isa gargaareera. Fakkeenyaaf, Yohaannis dhalootaan nama Waaqayyoof addaan baafame waan taʼeef daadhii wayinii akka hin dhugne dhoorkamee ture. (Luq. 1:15) Yesuus jireenya salphaa Yohaannis jiraachaa ture ilaalchisee, “Yohaannis utuu hin nyaatinii fi utuu hin dhugin dhufe” jechuudhaan dubbateera. Gama biraatiin immoo, Yesuusii fi barattoonni isaa dhoorkaa akkasii jala waan hin turreef, akkuma namoota kaaniitti jiraatu turan. (Mat. 11:18, 19) Akkasumas, Yohaannis dinqii kan hin hojjenne taʼus, namoota jalqaba duuka buutuu isaa turan tokko tokko dabalatee barattoonni Yesuus humna kana gochuuf isaan dandeessisu akka argatan ni beeka ture. (Mat. 10:1; Yoh. 10:41) Yohaannis garaa garummaan uumame kun xiyyeeffannaa isaa akka hihhiru heyyamuu mannaa, hojii Yihowaa biraa isaaf kenname hinaaffaadhaan raawwachuu isaa itti fufeera.

Nutis hojii yeroo ammaa tajaajila Yihowaa keessatti nuu kennameef iddoo guddaa kan kenninu yoo taʼe, gammachuu keenya eegnee itti fufuu dandeenya. Teeriin inni olitti caqasame, “Hojii naaf kenname kamiif iyyuu xiyyeeffannaa nan kenna” jechuudhaan dubbateera. Jireenya tajaajila yeroo guutuu keessatti dabarse yeroo yaadu, “Wantan itti gaabbu hin qabu, kanaa mannaa yaadannoo gaarii taʼe qofan qaba” jechuudhaan dubbateera.

Hojii ykn itti gaafatamummaa tiʼookraasii nuuf kenname kam iyyuu iddoo guddaa akka qabaatu kan godhe maal akka taʼe irratti xiinxaluudhaan gammachuu Yihowaa tajaajiluudhaan argannu cimsachuu dandeenya. Kunis mirga, ‘Waaqayyoo wajjin hojjechuu ti.’ (1 Qor. 3:9) Akkuma miʼa gatii guddaa qabu tokko yeroo hunda kunuunsuun bareedina isaa eegee akka itti fufu godhu, Yihowaa wajjin hojjechuun ulfina guddaa akka taʼe yeroo hunda yaaduunis gammachuu keenya eegnee itti fufuuf nu gargaara. Aarsaa kaffalle aarsaa warri kaan kaffalan wajjin wal bira qabuu hin qabnu. Mirgi nuuf kenname kan warra kaaniitii gadi akka taʼe nutti dhagaʼamuu hin qabu.—Gal. 6:4.

WANTOOTA HAFUURAA IRRATTI XIYYEEFFADHAA

Yohaannis tajaajilli isaa yeroo dheeraadhaaf akka hin turre hubatee taʼuu kan dandaʼu taʼus, akka tasaa akkasitti ni dhuma jedhee hin yaadne taʼa. (Yoh. 3:30) Dh.K.B. bara 30⁠tti, Yesuusiin erga cuuphee jiʼa jaʼa booda, Yohaannis, Herodis Mootichaan mana hidhaatti galfamee ture. Haa taʼu malee, Yohaannis lallabuu isaa itti fufuuf wanta isaaf dandaʼame hunda godheera. (Mar. 6:17-20) Jijjiiramawwan akkanaa keessatti gammachuu isaa eegee akka itti fufu wanti isa gargaare maali dha? Wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuu isaa itti fufuu isaa ti.

Yohaannis yeroo mana hidhaa keessa turetti, tajaajilli Yesuus babalʼachaa akka jiru odeeffannoo dhagaʼee ture. (Mat. 11:2; Luq. 7:18) Yohaannis, Yesuus Masiihii akka taʼe amanannaa guutuu qabaatus, Yesuus wantoota Masiihichi akka raawwatu Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffaman hunda akkamitti akka raawwatu ilaalchisee gaaffiin isatti uumamee taʼuu dandaʼa. Masiihichaaf aangoon waan kennamuuf, tarii bulchiinsi Yesuus dhiheenyatti ni jalqabaa? Yohaannis mana hidhaatii akka hiikamu hoo ni godhaa laata? Gaʼee Yesuus qabu sirriitti beekuu waan barbaadeef, Yohaannis barattoota isaa lama ofitti waamee, “Ati isa Dhufuuf Jiru Sana moo kan biraa eegnu?” jedhanii akka gaafatan gara Yesuusitti isaan erge. (Luq. 7:19) Yeroo isaan deebiʼanii Yesuus dinqiidhaan fayyisaa akka jiru itti himanitti, Yohaannis xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatee taʼuu qaba, akkasumas Yesuus akkana jedhanii akka itti himaniif isaan erge: “Dhaqaatii wanta argitanii fi wanta dhageessan Yohaannisitti himaa: Warri qaro dhabeeyyiin argaa jiru, warri naafatan deemaa jiru, warri dhukkuba nadaayiitiin qabaman fayyaa jiru, warri gurri isaanii duude dhagaʼaa jiru, warri duʼan duʼaa kaafamaa jiru, hiyyeeyyiittis misiraachoon himamaa jira.”—Luq. 7:20-22.

Yohaannis gabaasa isaanii kanaan akka jajjabaate homaa nama hin shakkisiisu. Yesuus raajiiwwan Masiihicha ilaalchisee dubbataman raawwachaa akka jiru ifa dha. Yesuus, Yohaannisiin mana hidhaatii kan hin baasne taʼus, Yohaannis tajaajilli isaa gatii akka qabu beekee ture. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, gammachuu qabaachuuf sababii qaba.

Gabaasa gaarii hojii lallabaa addunyaa maraa keenya ilaalchisee dhihaatu irratti xiyyeeffachuun gammachuu keenya eegnee jiraachuuf nu gargaaruu dandaʼa

Akkuma Yohaannis, wantoota hafuuraa irratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe, gammachuu fi obsaan jabaannee dhaabbachuu dandeenya. (Qol. 1:9-11) Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan kana gochuu dandeenya, kunis hojiin tajaajila Waaqayyoo keessatti raawwannu gonkumaa gatii kan hin qabne akka hin taane nu yaadachiisa. (1 Qor. 15:58) Saandiraan akkana jetteetti: “Boqonnaa Kitaaba Qulqulluu tokko guyyaa guyyaadhaan dubbisuun caalaatti Yihowaatti akkan dhihaadhu na gargaareera. Kunis, of irratti utuu hin taʼin isa irratti akkan xiyyeeffadhu na gargaareera.” Kana malees gabaasa sochii Mootummichaa irratti xiyyeeffachuu dandeenya, kunis waaʼee ofii keenyaa qofa akka hin yaannee fi wantoota Yihowaan raawwachaa jiru irratti akka xiyyeeffannu nu gargaara. Saandiraan, “JW Biroodkaastingiin jiʼa jiʼaan baʼu jaarmiyichatti caalaatti akka dhihaanne akka nutti dhagaʼamu godheera; akkasumas hojii nuuf kennametti akka gammadnu nu gargaareera” jetteetti.

Yohaannis Cuuphaan hojii isaaf kenname “hafuuraa fi humna Eliyaasiin” raawwachuu dandaʼeera, akkasumas akkuma Eliyaas, innis “namuma miira akka keenyaa qabu ture.” (Luq. 1:17; Yaq. 5:17) Dinqisiifannaa qabaachuu fi wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuudhaan fakkeenya isaa kan hordofnu yoo taʼe, nutis wanti kam iyyuu yoo dhufe gammachuu tajaajila Mootummichaa irraa argannu eegnee itti fufuu dandeenya.