Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Kitaabni Qulqulluun dhimma tokko mirkaneessuuf yoo xinnaate ragoonni lama akka barbaachisan dubbata. (Lak. 35:30; Kes. 17:6; 19:15; Mat. 18:16; 1 Xim. 5:19) Haa taʼu malee, akka Seerichaatti namni tokko dubartii kaadhimatamte takka “bakkee keessatti” dirqisiisee yoo gudeedee fi ishiin yoo iyyite inni ejja raawwachuudhaan itti gaafatama, ishiin garuu itti hin gaafatamtu. Yakka kanaaf namni ragaa baʼu utuu hin jiraatin inni kan itti gaafatamuu fi ishiin immoo bilisa kan taatu maaliifi?

Yaadni Keessa Deebii 22:25-27 irra jiru adda durummaadhaan kan dubbatu waaʼee namichi sun balleessaa akka qabu mirkaneessuu miti, sababiin isaas caqasa kana irratti namichi sun jalqabuma iyyuu balleessaa akka qabutti ilaalameera. Seerri kun dubartiin sun balleessaa akka hin qabne mirkaneessuu irratti xiyyeeffata. Mee yaada naannoo caqasichaa jiru haa ilaallu.

Caqasni yaada kana dura jiru waaʼee nama “mandara keessatti” dubartii kaadhimatamte wajjin ejja raawwatee dubbata. Dubartiin kaadhimatamte akka heerumtetti waan ilaalamtuuf namichi sun kana gochuu isaatiif ejja raawwachuudhaan itti gaafatama. Dubartiin sun hoo? “Isheen . . . mandara keessa utuma jirtuu hin iyyine.” Utuu iyyiteetti taʼee, namoonni akka ishii dhagaʼanii fi ishii irraa akka dhoorkan hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, ishiin hin iyyine. Kanaafuu, ishiinis ejja waan raawwatteef, lamaan isaanii iyyuu balleessaa akka qabanitti itti murteeffama.—Kes. 22:23, 24.

Seerichi itti aansuudhaan haala kana irraa adda taʼe tokko ibsa: “Namni tokko bakkee keessatti durba kaadhimatamte tokko argee, qabee ishee wajjin yoo ciise garuu, namichi inni ishee wajjin ciise sun duwwaan haa ajjeefamu! Wanti akkasii akka isa namni tokko nama biraa irratti kaʼee isa ajjeesu waan taʼeef, cubbuun duʼaan ishee gaʼu intalattii irra hin jiru; kanaaf intalattii waan tokko iyyuu hin godhinaa! Namichi bakkee keessatti waan ishee argateef, intalli kaadhimatamte sun yoo iyyite iyyuu ishee oolchuudhaaf namni tokko illee hin argamu ture.”—Kes. 22:25-27.

Haala kana keessatti abbootiin murtii dubartii sana ni amanu. Akkamitti? Intalli sun “yoo iyyite iyyuu ishee oolchuudhaaf namni tokko illee hin [argamne]” jedhamee tilmaamama. Kanaafuu ishiin ejja hin raawwanne jechuu dha. Namni sun garuu dubartii kaadhimatamte sana humnaan ‘qabee ishee wajjin waan ciiseef’ dirqisiisee gudeeduu fi ejja raawwachuudhaan itti gaafatama.

Kanaafuu, seerri kun dubartiin sun balleessaa kan hin qabne taʼuu ishii irratti kan xiyyeeffatu taʼus, namichi sun dirqisiisee gudeeduu fi ejja raawwachuudhaan akka itti gaafatamu ibsuun isaa sirrii dha. Abbootiin murtiis dhimma sana ‘baʼeessa godhanii akka qoranii’ fi murtii ulaagaa Waaqayyoo isa irra deddeebiʼamee ifatti ibsamee wajjin wal simu akka dabarsan mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—Kes. 13:14; 17:4; Bau. 20:14.