Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 49

Hojjechuunis Taʼe Boqochuun Yeroo Qaba

Hojjechuunis Taʼe Boqochuun Yeroo Qaba

“Kottaa, gara bakka namni hin jirre tokko haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa.”—MAR. 6:31.

FAARFANNAA 143 Hojjechuu fi Eeggachuu Keessan Itti Fufaa

QABIYYEE *

1. Namoonni hedduun hojiidhaaf ilaalcha akkamii qabu?

NAMOONNI naannoo kee jiran baayʼeen hojiidhaaf ilaalcha akkamii qabu? Biyyoota hedduu keessatti namoonni yeroo kam iyyuu caalaa yeroo dheeraadhaaf jabaatanii hojjetu. Namoonni garmalee hojjetan yeroo baayʼee boqochuuf, maatii isaanii wajjin yeroo dabarsuuf ykn fedhii hafuuraa isaanii guuttachuuf yeroo hin argatan. (Lal. 2:23) Gama biraatiin immoo namoonni tokko tokko hojjechuu hin jaallatan, akkasumas hojjechuu dhiisuuf sababa barbaadu.—Fak. 26:13, 14.

2-3. Yihowaa fi Yesuus hojii ilaalchisee fakkeenya akkamii nuuf kaaʼaniiru?

2 Ilaalcha addunyaa madaalamaa hin taane irraa haala adda taʼeen Yihowaa fi Yesuus hojiidhaaf ilaalcha akkamii akka qaban mee haa ilaallu. Yihowaan hojii hojjechuu akka jaallatu gaaffii hin qabu. Yesuus, “Abbaan koo hanga ammaatti hojjechaa jira; anis nan hojjedha” jechuudhaan yaada kana ifa godheera. (Yoh. 5:17) Waaqayyo uumamawwan hafuuraa hedduu fi hawaa balʼaa taʼe yommuu uumu wantoota inni hojjete hunda mee yaadi. Kana malees wantoota babbareedoo Waaqayyo lafa irratti uume ilaaluu dandeenya. Faarfatichi akkana jedhee dubbachuun isaa sirriidha: “Yaa Waaqayyo, wanti ati hojjette maal maal baayʼee dha! Wanti ati uumte laficha guuteera; isaan kana hundumaas ati ogummaadhaan hojjette.”—Far. 104:24.

3 Yesuus fakkeenya Abbaa isaa hordofeera. Ilmi yommuu Waaqayyo “bantiiwwan waaqaa iddoo iddoo isaanii kaaʼe” ogummaatti fakkeeffamuudhaan hojicha irratti hirmaateera. Inni “hojjetaa dandeettii qabu taʼee” (NW) Yihowaa wajjin ture. (Fak. 8:27-31) Yeroo dheeraa booda Yesuus yommuu lafa irra turetti hojii guddaa hojjeteera. Hojiin kun isaaf akkuma nyaataa kan ture taʼuu isaa irra iyyuu wanti inni hojjetes Waaqayyo akka isa erge kan mirkaneessu ture.—Yoh. 4:34; 5:36; 14:10.

4. Boqochuu ilaalchisee Yihowaa fi Yesuus irraa maal barachuu dandeenya?

4 Fakkeenyi Yihowaa fi Yesuus jabaatanii hojjechuudhaan kaaʼan boqochuun akka nu hin barbaachisne kan argisiisudhaa? Lakki. Yihowaan matumaa hin dadhabu, kanaafuu boqochuun isa hin barbaachisu. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan samii fi lafa erga uumee booda akka ‘boqotee fi akka aara galfate’ dubbata. (Bau. 31:17) Haa taʼu malee, kun Yihowaan hojii uumuu dhaabuu isaa fi wanta hojjetetti gammaduu isaa kan argisiisu akka taʼe ifa dha. Yesuusis yeroo lafa irra turetti jabaatee kan hojjetu taʼus, boqochuu fi michoota isaa wajjin nyaachuuf yeroo ni ramada ture.—Mat. 14:13; Luq. 7:34.

5. Namoota baayʼee haala rakkisaa akkamiitu isaan mudata?

5 Kitaabni Qulqulluun sabni Waaqayyoo hojii akka hojjetan jajjabeessa. Tajaajiltoonni isaa dhibaaʼoo taʼuu mannaa jabaatanii kan hojjetan taʼuu qabu. (Fak. 15:19) Tarii wanta maatii keetiif barbaachisu guutuuf hojii ni hojjetta taʼa. Kana malees barattoonni Kiristoos hundi hojii misiraachicha lallabuu irratti hirmaachuuf itti gaafatamummaa qabu. Taʼus, boqonnaa gaʼaa argachuunis si barbaachisa. Yeroo tokko tokko hojiidhaaf, tajaajilaaf, akkasumas boqonnaadhaaf yeroo gaʼaa argachuun sitti ulfaataa? Yeroo hammamii hojjechuu fi yeroo hammamii boqochuu akka qabnu akkamitti beekna?

MADAALLII KEENYA EEGGACHUU

6. Maarqos 6:30-34 Yesuus hojii fi boqonnaadhaaf ilaalcha madaalamaa akka qabu kan argisiisu akkamitti?

6 Hojii ilaalchisee madaallii keenya eeggachuun barbaachisaa dha. Solomoon Mootichi hafuuraan geggeeffamee, “Wanti hundinuu yeroo qaba” jechuudhaan barreesseera. Kana malees waaʼee dhaabuu, ijaaruu, booʼuu, kolfuu, sirbuu fi wantoota kan biroo caqaseera. (Lal. 3:1-8) Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, hojjechuu fi boqochuun wantoota jireenya keenya keessatti nu barbaachisani dha. Yesuus hojii fi boqonnaadhaaf ilaalcha madaalamaa qaba ture. Yeroo tokko ergamoonni hojii lallabaatii deebiʼaa turan. Hojiidhaan qabamanii waan turaniif “nyaata nyaachuuf illee yeroo hin arganne.” Achiis Yesuus, “Kottaa, gara bakka namni hin jirre tokko haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa” isaaniin jedhe. (Maarqos 6:30-34 dubbisi.) Yesuus innii fi barattoonni isaa yeroo hunda hamma barbaadan boqochuu kan hin dandeenye taʼus, boqonnaan akka isaan barbaachisu beeka ture.

7. Waaʼee seera Sanbataa barachuun kan nu gargaaru akkamitti?

7 Yeroo tokko tokko xinnoo boqochuun ykn sochii guyyaa guyyaa keenya jijjiiruun nu barbaachisa. Qophii Waaqayyo sabni isaa durii torbee torbeedhaan guyyaa Sanbataa akka eeganiif godhe irraa kana hubachuu ni dandeenya. Nuti Seera Musee jala jiraachuu baannus, Sanbata ilaalchisee wanta dubbatame irraa barachuudhaan fayyadamuu dandeenya. Wanti barannus ilaalcha hojii fi boqonnaadhaaf qabnu qoruuf nu gargaaruu dandaʼa.

SANBATA—YEROO BOQONNAA FI WAAQEFFANNAA

8. Baʼuu 31:12-15 akka jedhutti Sanbanni guyyaa maaliiti?

8 Dubbiin Waaqayyoo, Waaqayyo “guyyaa” jaʼaaf erga uumee booda hojii uumuu lafa irratti hojjechaa ture akka dhaabe dubbata. (Uma. 2:2) Taʼus, Yihowaan hojii hojjechuu ni jaallata, akkasumas karaawwan kan birootiin ammas “hojjechaa jira.” (Yoh. 5:17) Qophiin guyyaa Sanbataa, guyyaa Yihowaan itti boqotee fi Seera Uumamaa keessatti ibsame wajjin wal fakkaata. Waaqayyo Sanbanni mallattoo isaa fi saba Israaʼel gidduu jiru akka taʼe dubbateera. Kana malees ‘guyyaa aara galfannaa Waaqayyoof qulqullaaʼe dha.’ (Baʼuu 31:12-15 dubbisi.) Seerri guyyaa sana hojjechuu dhoorku ijoollee, garbootaa fi beeyiladoota dabalatee namoota hundaaf ni hojjeta. (Bau. 20:10) Guyyaan kun namoonni wantoota hafuuraatiif caalaatti xiyyeeffannaa akka kennan isaan gargaara ture.

9. Namoonni tokko tokko Sanbata ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa akkamii qabu turan?

9 Guyyaan Sanbataa saba Waaqayyootiif gaarii ture; haa taʼu malee geggeessitoonni amantii bara Yesuus turan Sanbata ilaalchisee seerawwan asii fi achi nama hin jechisiisne baasanii turan. Geggeessitoonni amantii kun guyyaa Sanbataatti asheeta cirachuun ykn nama dhukkubsate fayyisuun illee seeraan ala akka taʼe dubbatu turan. (Mar. 2:23-27; 3:2-5) Yesuus ilaalchi akkasii ilaalcha Waaqayyoo akka hin calaqqisiisne namoota isa dhaggeeffachaa turaniif ifa godheera.

Maatiin Yesuus guyyaa Sanbataa wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuuf itti fayyadamaniiru (Keeyyata 10 ilaali) *

10. Ilaalcha Yesuus Sanbataaf qabu ilaalchisee Maatewos 12:9-12 irraa maal baranna?

10 Yesuusii fi duuka buutonni isaa warri Yihudii taʼan Seera Musee jala waan jiraniif guyyaa Sanbataa ni eegu turan. * Haa taʼu malee, Yesuus guyyaa Sanbataatti gaarummaa argisiisuunii fi wantoota faayidaa qaban warra kaaniif gochuun akka heyyamame dubbii fi gocha isaatiin argisiiseera. Yesuus, “Guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuun heyyamameera” jechuudhaan ifatti dubbateera. (Maatewos 12:9-12 dubbisi.) Wantoota gaarii fi faayidaa qaban raawwachuun seera Sanbataa cabsuu akka taʼetti hin ilaalle. Wantoonni Yesuus hojjete Waaqayyo sabni isaa guyyaa Sanbataa akka boqotan kan ajaje maaliif akka taʼe hubachuu isaa kan argisiisu ture. Sabni Waaqayyoo hojii guyyaa guyyaa isaanii irraa waan boqotaniif, wantoota hafuuraa irratti xiyyeeffachuu dandaʼu. Yesuus maatii guyyaa Sanbataa wantoota hafuuraatiif itti fayyadamu keessatti guddate. Wanta Yesuus yeroo magaalaa Naazireet ishii inni itti guddate keessa turetti godhe irraa kana hubachuun ni dandaʼama; seenaan isaa ‘Akkuma barsiifata isaa guyyaa Sanbataatti mana sagadaa seenee dubbisuuf kaʼee dhaabate’ jedha.—Luq. 4:15-19.

HOJIIDHAAF ILAALCHA AKKAMII QABDA?

11. Hojii ilaalchisee Yesuusiif fakkeenya gaarii kan taʼe eenyu dha?

11 Yooseef anaaxii taʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼee fi ilaalcha Waaqayyo hojiidhaaf qabu Yesuusiin barsiiseera. (Mat. 13:55, 56) Kana malees Yesuus, Yooseef maatii isaa isa guddaa taʼeef wanta barbaachisu dhiheessuuf guyyaa guyyaadhaan jabaatee yommuu hojjetu ni arga ture. Yeroo booda Yesuus barattoota isaatiin ‘Namni hojjetu mindaa isaa argachuu qaba’ jechuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. (Luq. 10:7) Eeyyee, Yesuus jabaatanii hojjechuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe beeka.

12. Caqasoonni jabaatanii hojjechuu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu ibsan kam faʼi?

12 Phaawulos ergamaanis jabaatanii hojjechuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe beeka ture. Hojiin isaa inni guddaan waaʼee Yesuusii fi wanta inni barsiise warra kaanitti himuu dha. Taʼus, Phaawulos qarshii ittiin of gargaaru argachuufis ni hojjeta ture. Warri Tasalonqee Phaawulos nama tokko illee ‘gatii guddaa baasisuudhaan baʼaa ulfaataa akka hin taaneef halkanii fi guyyaa dadhabee, akkasumas dhamaʼee akka hojjetu’ beeku turan. (2 Tas. 3:8; HoE. 20:34, 35) Phaawulos kana yommuu jedhu waaʼee hojii dunkaana hodhuu dubbachuu isaa taʼuu hin oolu. Qorontos keessa yommuu turetti Aqiilaa fi Phirisqillaa bira taaʼee “isaanii wajjin hojjeta ture; hojiin isaaniis dunkaana hodhuu ture.” Phaawulos “halkanii fi guyyaa” hojjechaa ture jechuun utuu hin boqotin hojjeta jechuu miti. Guyyaa akka Sanbataatti hojii dunkaana hodhuu irraa ni boqota ture. Guyyaan kun Yihudoota akkuma isaa gaafa Sanbataa hin hojjenneef dhugaa baʼuuf carraa isaaf baneera.—HoE. 13:14-16, 42-44; 16:13; 18:1-4.

13. Fakkeenya Phaawulos irraa maal barachuu dandeenya?

13 Phaawulos ergamaan fakkeenya gaarii nuuf kaaʼeera. Hojii dhuunfaa hojjechuun kan isa barbaachise taʼus, “hojii qulqulluu misiraachoo Waaqayyoo” lallabuu irratti yeroo hunda ni hirmaata ture. (Rom. 15:16; 2 Qor. 11:23) Warri kaanis akkas akka godhan jajjabeesseera. Kanaan kan kaʼes, Aqiilaa fi Phirisqillaan warra isa “wajjin hojii Kiristoos Yesuus hojjetan” akka taʼan dubbateera. (Rom. 12:11; 16:3) Phaawulos warri Qorontos ‘hojiin Gooftaa kan isaaniif baayʼatu akka taʼan’ isaan jajjabeesseera. (1 Qor. 15:58; 2 Qor. 9:8) Yihowaan, Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Namni hojjechuu hin barbaadne hundi hin nyaatin” jedhee akka barreessu isa kakaaseera.—2 Tas. 3:10.

14. Yesuus yaada Yohaannis 14:12 irra jiru yommuu dubbatu maal jechuu isaa ture?

14 Guyyoota dhumaa kanatti hojiin baayʼee barbaachisaa taʼe hojii lallabuu fi barattoota gochuu ti. Yesuus barattoonni isaa isa caalaa illee akka hojjetan dursee dubbateera! (Yohaannis 14:12 dubbisi.) Kana yommuu jedhu garuu, akkuma isaa dinqii hojjenna jechuu isaa miti. Kanaa mannaa duuka buutonni isaa isa caalaa iddoowwan hedduutti, namoota baayʼeedhaaf, akkasumas yeroo dheeraadhaaf akka lallabanii fi akka barsiisan dubbachuu isaa ture.

15. Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna? Maaliifi?

15 Hojii kan qabdu yoo taʼe, gaaffiiwwan kanneen of gaafadhu: ‘Bakka hojii kootti jabaadhee hojjechuudhaanan beekamaa? Hamman dandaʼe hojjechuudhaan hojii koo yeroodhaan nan fixaa?’ Gaaffiiwwan kanneen eeyyee jettee yoo deebiste, namni si qacare si amanuun isaa hin oolu. Namoonni bakka hojii kee jiranis misiraachicha dhaggeeffachuuf caalaatti fedhii qabaachuu dandaʼu. Hojii lallabuu fi barsiisuu wajjin haala wal qabateenis gaaffiiwwan kanneen of gaafadhu: ‘Tajaajila irratti jabaadhee hojjechuudhaanan beekamaa? Dhugaa baʼuudhaaf sirriitti nan qophaaʼaa? Namoota fedhii qaban dafee deebiʼee nan gaafadhaa? Gosawwan tajaajilaa adda addaa irratti yeroo hunda nan hirmaadhaa?’ Gaaffiiwwan kanneen eeyyee jettee kan deebistu yoo taʼe, tajaajila kee irraa gammachuu ni argatta.

BOQONNAADHAAF ILAALCHA AKKAMII QABDA?

16. Ilaalchi Yesuusii fi ergamoonni isaa boqonnaadhaaf qaban kan namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun qaban irraa adda kan taʼe akkamitti?

16 Yesuus innii fi ergamoonni isaa yeroo tokko tokko xinnoo boqochuun akka isaan barbaachisu beeka ture. Haa taʼu malee, namoonni yeroo sana turanii fi yeroo harʼaa jiran hedduun namicha sooressa fakkeenya Yesuus keessatti ibsame sanaa wajjin wal fakkaatu. Namichi sun akkana ofiin jedhee ture: “Egaa dhimma hin qabaatin, taaʼi, nyaadhu, dhugi, gammadis!” (Luq. 12:19; 2 Xim. 3:4) Namichi kun boqochuu fi gammaduun wantoota jireenya keessatti iddoo guddaan kennamuuf akka taʼe itti dhagaʼamee ture. Faallaa kanaatiin, Yesuusii fi ergamoonni isaa jireenyi isaanii of gammachiisuu irratti akka xiyyeeffatu hin goone.

Hojii fi boqonnaadhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun hojiiwwan gaarii gammachuu nuuf argamsiisan hojjechuu irratti xiyyeeffachuuf nu gargaara (Keeyyata 17 ilaali) *

17. Yeroo itti hojii irraa boqonnaa baanu akkamitti itti fayyadamuu dandeenya?

17 Yeroo harʼaa nutis yeroo itti hojii irraa boqonnaa baanu, boqochuuf qofa utuu hin taʼin wanta gaarii hojjechuuf, jechuunis warra kaaniif dhugaa baʼuu fi walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuuf itti fayyadamuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuuf carraaqna. Barattoota gochuunii fi walgaʼii irratti argamuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Kanaafuu wantoota kanneen Yihowaadhaaf gochuu keenya itti fufuuf wanta dandeenyu hunda ni goona. (Ibr. 10:24, 25) Boqonnaa yeroo baanutti illee bakka deemne hundatti walgaʼiiwwan irratti argamuu fi namoota argannu wajjin marii jalqabuuf carraa barbaaduudhaan sochiiwwan hafuuraa irratti hirmaachuu keenya itti fufna.—2 Xim. 4:2.

18. Mootiin keenya Kiristoos Yesuus maal akka goonu barbaada?

18 Mootiin keenya Kiristoos Yesuus wanta dandeenyu caalaa akka goonu kan nu irraa hin eegnee fi hojiidhaafis taʼe boqonnaadhaaf ilaalcha madaalamaa akka qabaannu kan nu gargaaru taʼuu isaatti baayʼee galateeffanna. (Ibr. 4:15) Inni boqonnaa nu barbaachisu akka argannu barbaada. Akkasumas wanta karaa foonii nu barbaachisu argachuuf jabaannee akka hojjennuu fi hojii barattoota gochuu isa gammachiisaa taʼe irratti akka hirmaannu barbaada. Mata duree itti aanu irratti Yesuus cubbuu jalaa bilisa nu baasuu irratti gaʼee akkamii akka taphatu ilaalla.

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

^ key. 5 Kitaabni Qulqulluun hojjechuu fi boqochuudhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiisa. Mata dureen kun guyyaa Sanbataa Israaʼelootaaf kenname akka fakkeenyaatti fudhachuudhaan ilaalcha hojii fi boqonnaadhaaf qabnu qoruuf nu gargaara.

^ key. 10 Barattoonni Yesuus seera Sanbataatiif kabaja guddaa waan qabaniif, guyyaan Sanbataa hamma darbutti urgooftuu fi dibata reeffa Yesuusiif barbaachisu qopheessuu dhiisaniiru.—Luq. 23:55, 56.

^ key. 55 IBSA FAKKII: Yooseef guyyaa Sanbataatti maatii isaa gara mana sagadaatti geessaa jira.

^ key. 57 IBSA FAKKII: Abbaan wanta maatii isaatiif barbaachisu dhiheessuuf jabaatee hojjetu tokko yeroo boqonnaa isaa sochiiwwan tiʼookraasiitiif itti fayyadamaa jira, innii fi maatiin isaa boqonnaadhaaf yeroo baʼanitti illee akkas gochaa jira.