Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ni Yaadattaa?

Ni Yaadattaa?

Gaaffiiwwan Masaraa Eegumsaa bara 2019 irratti hundaaʼan kanneen deebisuu ni dandeessaa?

Abdiin Waaqayyo, “Si balleessuudhaaf miʼi waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin dandaʼu” jechuudhaan kenne hiika maalii qaba? (Isa. 54:17)

Waaqayyo humnoota miidhaa geessisan kan akka ‘wanta afaan jalʼootaa keessaa baʼu’ irraa akka nu eegu amanannaa qabaachuu dandeenya. (Isa. 25:4, 5) Diinonni keenya miidhaa itti fufiinsa qabu nu irraan geessisuu hin dandaʼan.—w19.01, ful. 6-7.

Waaqayyo Kanaʼaanotaa fi Israaʼeloota hin ajajamne wajjin haala walqabateen haqa isaa kan calaqqisiise akkamitti ture?

Waaqayyo namoota gocha saalqunnamtii xuraaʼaa taʼe irratti hirmaatan, akkasumas dubartootaa fi ijoollee miidhanitti murteesseera. Inni namoota isaaf ajajamanii fi warra kaan haqaan qaban eebbiseera.—w19.02, ful. 22-23.

Kadhannaa namni hin amanne tokko dhiheessu irratti yoo argamne maal gochuu qabna?

Callisuu fi kabaja akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu taʼus, “Ameen” hin jennu, kana malees kadhannaa irratti isaan wajjin harka wal hin qabannu. Sagalee keenya utuu hin dhageessisin kadhannaa mataa keenyaa dhiheessuu ni dandeenya.—w19.03, ful. 31.

Ijoollee gudeeduun cubbuu hammam cimaa taʼe dha?

Ijoollee gudeeduun cubbuu nama miidhame irratti, gumii fi abbootii taayitaa irratti, akkasumas cubbuu Waaqayyo irratti raawwatamu dha. Biyyoota seerri mootummaa yakka ijoollee gudeeduu abbootii taayitaatiif gabaasa gochuu ajaju keessatti jaarsoliin seera baʼeef ni ajajamu.—w19.05, ful. 9-10.

Humna sammuu keessan hojjechiisu jijjiiruu ykn fooyyessuu kan dandeessan akkamitti?

Tarkaanfiiwwan barbaachisoo taʼan kanatti aananii jiru: Kadhannaadhaan Yihowaatti himaa. Haqaan of qoruuf galma baafachuudhaan xiinxalaa. Michoota keessan ogummaadhaan filadhaa.—w19.06, ful. 11.

Ariʼatamaaf ammuma of qopheessuuf maal gochuu dandeenya?

Hariiroo Yihowaa wajjin qabnu cimsachuu nu barbaachisa. Inni akka nu jaallatuu fi matumaa akka nu hin dhiisne amanannaa qabaadhaa. Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisaa, akkasumas yeroo hunda kadhadhaa. Eebbawwan Mootummaan Waaqayyoo akka fidu abdachiifaman akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼaa. Caqasoota jaallattanii fi faarfannaawwan Yihowaa jajachuuf gargaaran yaadatti qabadhaa.—w19.07, ful. 2-4.

Firoonni keenya badiisa irraa akka oolan gargaaruuf maal gochuu dandeenya?

Miira isaanii hubachuun, amalli gaariin keenya isaaniif dhugaa akka baʼu gochuun, akkasumas obsa qabaachuu fi mala qabeeyyii taʼuun keenya barbaachisaa dha.—w19.08, ful. 15-17.

Akkuma Yesuus Maatewos 11:28 irratti waadaa gale boqonnaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

Ilaaltota ol aanoo jaalala qabeyyii fi Kiristiyaanota taʼan, michoota gaarii fi hojii gaarii qabna.—w19.09, ful. 23.

Waaqayyo fedhii akka qabaannuu fi hojiidhaaf akka kakaanu humna kan nuuf kennu akkamitti? (Filp. 2:13)

Yommuu Dubbii Waaqayyoo dubbisnuu fi irratti xiinxallu, Waaqayyoo fedhii isaa raawwachuuf hawwii akka qabaannuu fi hojiidhaaf akka kakaanu humna nuuf kenna. Hafuurri isaa dandeettii uumamaa keenya akka guddifannu gochuu dandaʼa.—w19.10, ful. 21.

Murtoo cimaa gochuu keenya dura tarkaanfiiwwan ogummaa irratti hundaaʼan akkamii fudhachuu qabna?

Tarkaanfiiwwan shanan kanatti aananii jiru: Qorannaa gadi fageenya qabu godhi. Ogummaa argachuuf kadhadhu. Wanta murtoo gochuuf si kakaase qori. Galma ifa taʼe qabaadhu. Dhugaa jiru amanii fudhadhu.—w19.11, ful. 27-29.

Barumsi lubbuun hin duutu jedhu yeroo Seexanni Hewaan wajjin dubbatetti yaada jalqabe dhaa?

Yeroo sanatti waan jalqabe hin fakkaatu. Seexanni Hewaan akka hin duune kan itti hime taʼus, qaamni ishii qofti akka duʼuu fi hafuurri ishii bakka biraa jiraachuu isaa akka itti fufu itti hin himne. Barumsi amantii sobaa kam iyyuu Bishaan Badiisaa irraa hin oolle. Barumsi lubbuun hin duutu jedhu Waaqayyo namoonni Baabeliin ijaaraa turan lafa irra akka bittinnaaʼan erga godhee booda barumsa dhufe taʼuu hin oolu.—w19.12, ful. 15.