Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Seexanni Hewaan muka beekumsaa gaarii fi hamaa irraa yoo nyaatte akka hin duune yeroo ishiitti dubbatetti, yaada lubbuun hin duutu jedhuu fi yeroo harʼaatti baramaa taʼe ishiitti himee turee?

Waan itti hime hin fakkaatu. Diyaabilos, Hewaan firii Waaqayyo dhorke sana irraa yoo nyaatte, ishiin akka duutu garuu qaama ishii keessaa kutaan hin mulʼanne (inni namoonni yeroo harʼaatti lubbuu hin duune jedhan) bakka biraa jiraachuu ishii akka itti fuftu itti hin himne. Seexanni karaa bofichaa, Hewaan firii mukichaa irraa yoo nyaatte, ‘akka hin duune’ dubbate. Wanti inni dubbate, ishiin jiraachuu ishii akka itti fuftu, jechuunis Waaqayyo irraa adda baatee lafa irratti jireenya gaarii akka jiraattu kan argisiisu ture.—Uma. 2:17; 3:3-5.

Barumsi sobaa lubbuun hin duutu jedhuu fi yeroo harʼaatti barsiifamu kan jalqabe Eeden keessatti miti erga taʼee, yoom jalqabe? Kana mirkanaaʼaa taanee dubbachuu hin dandeenyu. Waaqeffannaan sobaa hundi Bishaan Badiisaa bara Nohiin akka bade beekna. Kan oolan Nohii fi maatii isaa warra waaqeffattoota dhugaa qofa waan taʼaniif, barumsi amantii sobaa tokko illee Bishaan Badiisaa irraa hin hafne.

Kanaafuu, yeroo harʼaatti barumsi lubbuun namaa hin duutu jedhu Bishaan Badiisaa booda kan jalqabe taʼuu qaba. Waaqayyo Baabelitti qooqa yeroo waliin makee fi namoonni ‘guutummaa lafaa irratti bittinnaaʼan’ ilaalcha namoonni lubbuu hin duune qabu jedhu fudhatanii akka deeman hin shakkisiisu. (Uma. 11:8, 9) Barumsi sobaa kan jalqabe yoom iyyuu yoo taʼe, Seexanni inni “abbaa sobaa” taʼe harki isaa keessa akka jiruu fi barumsi kun babalʼachuu isaatti akka gammadu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.—Yoh. 8:44.