Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Waan Hundumaatiif Galateeffadhaa”

“Waan Hundumaatiif Galateeffadhaa”

KAN galateeffattu akka taatetti of ilaaltaa? Hundi keenya gaaffii kana irratti yaaduu qabna. Kitaabni Qulqulluun bara keenyatti namoonni hedduun, “kan hin galateeffanne” akka taʼan raajii dubbateera. (2 Xim. 3:2) Tarii namoota warri kaan waa isaaniif gochuu ykn kennuu akka qaban isaanitti dhagaʼamuu wajjin wal argitee beekta taʼa. Namoonni kun wanta fudhataniif galateeffachuun akka isaan hin barbaachisne waan isaanitti dhagaʼamu fakkaata. Namoota akkasii wajjin taʼuun akka nama hin gammachiisne irratti walii galta taʼa.

Faallaa kanaatiin tajaajiltoonni Yihowaa, ‘kan galateeffatan taʼuu isaanii akka argisiisan’ gorfamaniiru. Nuti ‘waan hundumaatiif ni galateeffanna.’ (Qol. 3:15; 1 Tas. 5:18) Dhugaa dubbachuuf amala galateeffannaa horachuun keenya nuuf gaarii dha. Sababiin kun itti taʼe hedduun jira.

GALATEEFFACHUUN OFII KEENYAAF ILAALCHA GAARII QABAACHUUF NU GARGAARA

Sababii inni guddaan amala galateeffannaa horachuu itti qabnu tokko, ofii keenyaaf ilaalcha gaarii akka qabaannu gumaacha kan godhu taʼuu isaa ti. Namni galateeffatu tokko ofii isaatiif caalaatti ilaalcha gaarii qabaata, namni galateeffamu sunis miirri gaariin itti dhagaʼama. Galateeffachuun nuunis taʼe warra kaan kan gammachiisu maaliifi? Mee fakkeenya kana ilaali: Namoonni kaan waa siif gochuu kan barbaadan, wanti sun siif godhamuu akka qabu waan isaanitti dhagaʼamuuf mitii? Isaan siif ni yaadu. Atis akka isaan siif yaadan yommuu hubattu, ofii keetiif ilaalcha gaarii qabaatta. Haalli kun Ruutiin mudatee taʼuu akka dandaʼu tilmaamuu ni dandeenya. Boʼaz Ruutitti arjummaa argisiisee ture. Ruut namni tokko akka ishiidhaaf yaadu hubachuun ishii baayʼee ishii gammachiisee akka ture hin shakkisiisu.—Rut. 2:10-13.

Keessumaa Waaqayyoon galateeffachuun barbaachisaa dha. Yeroo tokko tokko kennaawwan hedduu inni karaa hafuuraas taʼe karaa foonii siif kennuu fi kennuu isaa itti fufu akka yaaddu beekamaa dha. (Kes. 8:17, 18; HoE. 14:17) Haa taʼu malee, gaarummaa Waaqayyo irratti xinnuma yaaduu mannaa, eebbawwan hedduu inni sii fi namoota jaallattu irratti roobse irratti xiinxaluuf yeroo ramadi. Arjummaa Uumaan kee sitti argisiise irratti xiinxaluun kee, dinqisiifannaa isaaf qabdu siif cimsa, akkasumas inni hangam akka si jaallatuu fi si dinqisiifatu caalaatti mirkanaaʼaa akka taatu si gargaara.—1 Yoh. 4:9.

Taʼus, arjummaa inni sitti argisiise yaaduu fi eebbawwan isaa irratti xiinxaluu caalaas wanti gochuu qabdu jira; gaarummaa isaatiif Yihowaa galateeffadhu. (Far. 100:4, 5) “Galateeffannaa ibsuun, gammachuu namootaatiif gumaacha guddaa akka godhu” ni dubbatama.

GALATEEFFACHUUN NAMOOTA WALITTI DHIHEESSA

Sababii galateeffachuun siif gaarii itti taʼe kan biraan immoo michummaa namootaa wajjin qabdu kan cimsu taʼuu isaa ti. Hundi keenya dinqisiifannaa argachuu barbaanna. Wanta gaarii inni siif godheef, nama tokko yommuu garaadhaa galateeffattu, lamaan keessan caalaatti walitti dhihaattu. (Rom. 16:3, 4) Hunda caalaa immoo, namoonni galateeffatan, warra kaan gargaaruuf caalaatti kakaʼumsa qabaatu. Gaarummaa isaanitti argisiifame ni hubatu, akkasumas deebisanii gaarummaa argisiisuuf ni kakaʼu. Eeyyee, warra kaan gargaaruun gammachuu argamsiisa. Haalli isaa akkuma Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jechuudhaan dubbate dha.—HoE. 20:35.

Qorannoo galateeffannaa Ilaalchisee Yunivarsiitii Kaalifoorniyaatti godhamu irratti gargaaraa daayireektaraa kan taʼe Roobart Emoonis akkana jedheera: “Jireenyi keenya wal deeggaruu irratti akka hundaaʼe hubachuun keenya kan galateeffannu akka taanu nu taasisa. Yeroo tokko tokko ni kennina, yeroo tokko tokko immoo ni fudhanna.” Dhugaan isaa jireenya keenya keessatti warri kaan karaa hedduudhaan jajjabinaa fi deeggarsa nuuf kennu. Fakkeenyaaf, nyaata nuuf kennuu ykn gargaarsa yaalii fayyaa nuuf gochuu dandaʼu. (1 Qor. 12:21) Namni galateeffatu tokko wanta warri kaan isaaf godhan ni dinqisiifata. Haalli isaa erga akkas taʼee, wanta warri kaan siif godhaniif galateeffachuu barsiifata godhatteettaa?

GALATEEFFANNAA FI ILAALCHA JIREENYAAF QABDU

Sababiin kan biraan galateeffannaa horachuu itti qabdu immoo, wanta gaarii hin taane irratti utuu hin taʼin wanta gaarii taʼe irratti akka xiyyeeffattu si gargaaruu isaa ti. Sammuun kee kan hojjetu akka gingilchaatti jechuun ni dandaʼama. Wantoota naannoo kee jiran tokko tokko irratti akka xiyyeeffatu siif heyyama, kaan irratti immoo akka hin xiyyeeffanne si dhoowwa. Wantoota gaariidhaaf xiyyeeffannaa guddaa akka kennituu fi rakkoowwaniif immoo xiyyeeffannaa gad aanaa akka kennitu si gargaara. Caalaatti kan galateeffattu yommuu taatu, caalaatti wanta gaarii argita, kun immoo caalaatti akka galateeffatu si taasisa. Wantoota akka galateeffattu si taasisan irratti xiyyeeffachuun kee, gorsa Phaawulos, “Yeroo hunda Gooftaatti gammadaa” jechuudhaan kenne hojii irra oolchuuf si gargaara.—Filp. 4:4.

Kan galateeffattu taʼuun kee wanta gaarii hin taane irratti akka hin yaadne si gargaara. Kan galateeffannu taanee utuu jirruu, hinaafuu, gadduu ykn aaruun baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa. Namoonni galateeffatan carraan isaan qabeenya jaallachuuf qaban xinnaa dha. Wanta qaban ni dinqisiifatu, akkasumas wanta dabalataa argachuu irratti hin xiyyeeffatan.—Filp. 4:12.

EEBBAWWAN ARGATTE LAKKAAʼI

Kiristiyaana waan taateef, Seexanni rakkoowwan guyyoota dhumaa kanaan abdii si kutachiisuu fi hamilee kee cabsuu akka barbaadu beekta. Ilaalcha gaarii hin taanee fi amala gungummii yoo qabaatte inni ni gammada. Ilaalchi akkasii misiraachoo lallabuu irratti buʼa qabeessa akka hin taane si gochuu dandaʼa. Galateeffachuun, wanta gaarii Waaqayyo siif godhetti gammaduu fi abdii inni kenne hundatti amanuu dabalatee firii hafuura Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba.—Gal. 5:22, 23.

Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tokko waan taateef, galateeffachuu ilaalchisee yaada mata duree kana keessatti ibsame irratti walii galta taʼa. Taʼus, amala galateeffachuu fi ilaalcha gaarii qabaachuun uumamaan akka hin argamne beekta. Haa taʼu malee, kun akka abdii si kutachiisu hin heyyamin. Amala galateeffannaa horachuu fi eegdee itti fufuu ni dandeessa. Akkamitti? Guyyaa guyyaadhaan, jireenya kee keessatti wanta akka galateeffattu si godhu tokko tokko irratti yaaduuf yeroo ramadi. Caalaatti yoo akkas goote, caalaatti kan galateeffattu taʼuu dandeessa. Kun immoo namoota rakkoowwan jireenyaa irratti xiyyeeffatan caalaa gammachuu akka qabaattu si taasisa. Wantoota gaarii Waaqayyoo fi warri kaan siif godhan, jechuunis wantoota si jajjabeessanii fi si gammachiisan irratti xiinxali. Yaadannoo qabachuu jalqabuu illee ni dandeessa. Guyyaa sanatti wantoota akka galateeffattu si godhan lama ykn sadii galmeeffachuu dandeessa.

Namoonni dhimma kana qoratan tokko tokko, “Yeroo hunda galateeffachuun keenya akkaataa sammuun keenya itti yaadu waan jijjiiruuf, jireenya keenyaaf ilaalcha gaarii akka qabaannu nu gargaara” jedhaniiru. Namni galateeffatu tokko gammachuu qaba. Kanaafuu, eebbawwan argatte lakkaaʼi, muuxannoo gaggaarii qabdu irratti yaadi, galateeffannaa amaleeffadhu! Wantoota gaggaariin taʼan akka laayyootti ilaaluu mannaa, ‘Waaqayyo gaarii waan taʼeef isa galateeffadhu.’ Eeyyee, ‘waan hundumaatiif galateeffadhu.’—1 Sen. 16:34; 1 Tas. 5:18.