Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 52

Warra kan Taatan—Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Leenjisaa

Warra kan Taatan—Ijoolleen Keessan Yihowaa Akka Jaallatan Leenjisaa

“Ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti.”—FAR. 127:3.

FAARFANNAA 134 Ijoolleen Waaqayyo Irraa Adaraa Kennaman

QABIYYEE *

1. Yihowaan warraaf imaanaa akkamii kenneera?

YIHOWAAN abbaa manaa fi haadha manaa jalqabaa kan uume ijoollee godhachuuf fedhii akka qabaatan godhee ti. Kitaabni Qulqulluunis, “Ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti” jedhee dubbachuun isaa sirrii dha. (Far. 127:3) Kun maal jechuu dha? Michuun sitti dhihaatu tokko qarshii hedduu akka isaaf keessu si gaafate haa jennu. Maaltu sitti dhagaʼama? Michuun kee kun si amanuu isaatti akka gammaddu beekamaa dha. Haa taʼu malee, qarshii sanaaf akkamitti akka eegumsa gootu yaaddaʼuu dandeessa. Yihowaan inni Michuu keenya taʼe, warri wanta qarshii caalaa gatii guddaa qabu tokkoof kunuunsa akka godhan isaanitti kenneera. Ijoolleen isaanii nageenyaa fi gammachuu akka qabaataniif imaanaadhaan isaanitti kenneera.

2. Gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?

2 Abbaan manaa fi haati manaa tokko ijoollee godhachuu fi dhiisuu isaanii, akkasumas yoom akka godhatan murteessuu kan qabu eenyu dha? Warri ijoolleen isaanii jireenya gammachiisaa akka qabaatan gargaaruuf maal gochuu dandaʼu? Mee dhugaawwan buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamanii fi hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan murtoo ogummaa irratti hundaaʼe gochuuf isaan gargaaran muraasa haa ilaallu.

MURTOO HIRIYOONNI GAAʼELAA GODHAN KABAJAA

3. (a) Hiriyoonni gaaʼelaa tokko ijoollee godhachuu fi dhiisuu isaanii murteessuu kan qabu eenyu? (b) Michoonnii fi maatiin hiriyoota gaaʼelaa dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu isa kam sammuutti qabachuu qabu?

3 Aadaawwan tokko tokko keessatti hiriyoonni gaaʼelaa haaraan dafanii ijoollee akka godhatan isaan irraa eegama. Maatiin isaanii fi namoonni kaan barsiifata kana akka hordofan dhiibbaa isaan irraan gaʼuu illee ni dandaʼu. Obboleessi Jeetiroo jedhamuu fi Eeshiyaa jiraatu akkana jedheera: “Gumii keessatti obboloonni ijoollee qaban tokko tokko hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee hin qabne ijoollee akka godhatan dhiibbaa isaan irratti godhu.” Obboleessi kan biraan Jeefrii jedhamuu fi Eeshiyaa jiraatus akkana jedheera: “Namoonni tokko tokko hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee hin qabne yeroo dullooman namni isaan kunuunsu akka hin jirre isaanitti himu.” Haa taʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa hundi ijoollee godhachuu fi dhiisuuf ofuma isaaniitii murteessuu qabu. Kun murtoo isaanii ti, akkasumas itti gaafatamummaa isaanii ti. (Gal. 6:5, milj.) Dhugaadha, michoonnii fi maatiin, hiriyoonni gaaʼelaa haaraan akka gammadan barbaadu. Haa taʼu malee, ijoollee godhachuu fi dhiisuu isaanii kan murteessan hiriyootuma gaaʼelaa sana akka taʼan yaadachuun isaanii barbaachisaa dha.—1 Tas. 4:11.

4-5. Wantoonni hiriyoonni gaaʼelaa irratti mariʼachuu qaban lamaan maal faʼi? Marii akkasii gochuuf yeroon gaarii taʼe hoo yoomi? Ibsi.

4 Abbaan manaa fi haati manaa ijoollee godhachuuf murteessan tokko gaaffiiwwan barbaachisoo lamaan kana irratti mariʼachuun isaanii gaarii dha: Tokkoffaa, ijoollee godhachuu kan barbaadan yoomi? Lammaffaa, ijoollee meeqa godhachuu barbaadu? Hiriyoonni gaaʼelaa tokko marii akkasii gochuuf yeroon gaarii taʼe yoomi? Wantoonni lamaan kun baayʼee barbaachisoo kan taʼan hoo maaliifi?

5 Yeroo baayʼee gaaʼela godhachuu isaanii dura waaʼee ijoollee godhachuu mariʼachuun isaanii gaarii dha. Maaliifi? Sababiin inni tokko dhimma kana ilaalchisee lamaan isaanii iyyuu ilaalcha wal fakkaatu qabaachuun isaanii barbaachisaa dha. Kana malees itti gaafatamummaa kanaaf qophaaʼoo taʼuu fi dhiisuu isaanii irratti yaaduun isaan barbaachisa. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko warra taʼuun yeroo fi humna hedduu waan fudhatuuf, ijoollee godhachuu isaanii dura erga wal fuudhanii booda yoo xinnaate waggaa tokko ykn lama turuuf murteessaniiru. Maaliifi? Sababiin isaas kana gochuun isaanii akka hiriyoota gaaʼelaatti waliin jiraachuutti baruuf yeroo akka argatanii fi akka walitti dhihaatan isaan gargaara.—Efe. 5:33.

6. Yeroon keessa jiraannu rakkisaa waan taʼeef hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko maal gochuuf murteessaniiru?

6 Kiristiyaanonni kan biroon immoo fakkeenya ilmaan Noh sadanii fi haadhotiin manaa isaanii kaaʼan hordofuuf filataniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa sadan kun akkuma gaaʼela dhaabbataniin ijoollee hin godhanne. (Uma. 6:18; 9:18, 19; 10:1; 2 Phe. 2:5) Yesuus yeroo keessa jiraannu kana ‘bara Nohii’ wajjin kan wal fakkeesse yommuu taʼu, ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa jiraachaa akka jirru hin shakkisiisu. (Mat. 24:37; 2 Xim. 3:1) Dhugaa kana sammuutti qabachuudhaan hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko ijoollee utuu hin godhatin turuuf murteessaniiru; kunis tajaajila Kiristiyaanaa irratti yeroo dabalataa dabarsuuf isaan dandeessiseera.

Hiriyoonni gaaʼelaa ogeeyyii taʼan ijoollee godhachuu fi dhiisuuf, akkasumas ijoollee meeqa godhachuu akka qaban yommuu murteessanitti dhugaa buʼuuraa Luqaas 14:28, 29 irra jiru hojii irra oolchu (Keeyyata 7 ilaali) *

7. Dhugaawwan buʼuuraa Luqaas 14:28, 29 fi Fakkeenya 21:5 irra jiran hiriyoota gaaʼelaa kan gargaaran akkamitti?

7 Hiriyoonni gaaʼelaa ogeeyyii taʼan ijoollee godhachuu fi dhiisuuf, akkasumas ijoollee meeqa godhachuu akka qaban yommuu murteessanitti dhugaa buʼuuraa Luqaas 14:28, 29 (dubbisi) irra jiru hojii irra ni oolchu. Akkuma nama gamoo ijaaruu barbaadu tokkoo isaanis qarshii gaʼaa qabaachuu fi dhiisuu isaanii ni shallagu. Hiriyoonni gaaʼelaa muuxannoo qaban ijoollee guddisuun qarshii akka gaafatu beeku. Kana malees ijoollee guddisuun yeroo fi humna akka gaafatu yaadachuu qabu. Kanaafuu, hiriyoonni gaaʼelaa gaaffiiwwan kanatti aananii jiran irratti yaaduun isaanii barbaachisaadha: ‘Wantoota buʼuuraa maatichaaf barbaachisu guutuuf lamaan keenya iyyuu hojjechuu qabnaa? Wantoonni dhugumaan maatii keenyaaf barbaachisan maalfaa akka taʼan irratti walii galleerraa? Lamaan keenya iyyuu hojjechuu qabna yoo taʼe ijoollee keenya eenyutu kunuunsa? Ilaalchaa fi gocha isaanii irratti dhiibbaa kan godhu eenyu?’ Hiriyoonni gaaʼelaa tasgabbiidhaan gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼatan yaada Fakkeenya 21:5 (dubbisi) irra jiru hojii irra oolchu.

Abbaan manaa jaalala qabeessa taʼe haadha manaa isaa deeggaruuf wanta dandaʼu ni godha (Keeyyata 8 ilaali)

8. Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan haalli rakkisaan akkamii akka isaan muudatu eeguu qabu? Abbaan manaa jaalala qabeessa taʼe tokko hoo maal godha?

8 Daaʼimni tokko abbaa fi haadha isaa irraa yeroo fi humna hedduu argachuun isa barbaachisa, akkasumas argachuu qaba. Kanaafuu, hiriyoonni gaaʼelaa tokko ijoollee umuriidhaan walitti dhihaatan hedduu yoo godhatan xiyyeeffannaa tokkoon tokkoon isaaniitiif barbaachisu kennuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee baayʼee qaban tokko tokko humna isaaniitii ol akka isaanitti taʼe dubbataniiru. Tarii haati yeroo hunda karaa qaamaas taʼe karaa miiraa dadhabbiin ishiitti dhagaʼamuu dandaʼa. Kun immoo yeroo hunda qoʼachuu, kadhachuu fi tajaajila irratti hirmaachuu ishii irratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Kana malees walgaʼiiwwan gumii irratti xiyyeeffannaadhaan hordofuu fi irraa fayyadamuun ishiitti ulfaachuu dandaʼa. Dhugaadha, abbaan manaa jaalala qabeessa taʼe tokko ijoolleen isaanii walgaʼii irrattis taʼe manatti yommuu xiyyeeffannaan isaan barbaachisu haadha manaa isaa deeggaruuf wanta dandaʼu ni godha. Fakkeenyaaf, hojii mana keessaa hojjechuudhaan haadha manaa isaa gargaaruu dandaʼa. Hundi isanii Waaqeffannaa Maatii irraa akka fayyadaman gochuuf jabaatee hojjeta. Akkasumas abbaan Kiristiyaana taʼe yeroo hunda maatii isaa wajjin tajaajila irratti ni hirmaata.

IJOOLLEEN YIHOWAA AKKA JAALLATAN BARSIISUU

9-10. Warri ijoollee isaanii gargaaruuf maal gochuutu isaan irra jira?

9 Warri ijoolleen isaanii Yihowaa jaallachuu akka baratan gargaaruuf wantoonni gochuu dandaʼan tokko tokko maal faʼi? Ijoollee isaanii balaawwan naamusaa irraa eeguu kan dandaʼan hoo akkamitti? Mee tarkaanfiiwwan warri fudhachuu dandaʼan muraasa haa ilaallu.

10 Gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhadhaa. Mee fakkeenya warri Siimson, Maanoʼaa fi haati manaa isaa kaaʼan haa ilaallu. Maanoʼaan haati manaa isaa fi inni ilma godhachuuf akka jedhan yommuu hubatetti, ilma isaanii akkamitti akka guddisan ilaalchisee Yihowaan qajeelfama akka isaaniif kennu kadhate.

11. Abboota Firdii 13:8 irratti akka caqasametti warri fakkeenya Maanoʼaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

11 Nihaadii fi Almaan warri Boosniyaa fi Herzeegoviinaa keessa jiraatan fakkeenya Maanoʼaa irraa barumsa argataniiru. Akkana jedhaniiru: “Akkuma Maanoʼaa nutis warra gaarii taʼuuf Yihowaan qajeelfama akka nuuf kennu kadhanne. Yihowaanis kadhannaa keenyaaf karaa adda addaatiin jechuunis Kitaaba Qulqulluu, barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan, walgaʼiiwwan gumii fi walgaʼii guguddaatti fayyadamuudhaan deebii nuu kenneera.”—Abboota Firdii 13:8 dubbisi.

12. Yooseefii fi Maariyaam ijoollee isaaniitiif fakkeenya akkamii taʼaniiru?

12 Fakkeenya taʼuudhaan barsiisaa. Wanti isin dubbattan barbaachisaa dha; haa taʼu malee wanti isin gootan ijoollee keessan irratti dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼa. Yooseefii fi Maariyaam Yesuusiin dabalatee ijoollee isaaniitiif fakkeenya gaarii akka taʼan mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Yooseef maatii isaa gargaaruuf jabaatee hojjeteera. Akkasumas maatiin isaa wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa akka qabaatan isaan jajjabeesseera. (Kes. 4:9, 10) Yooseef ayyaana Faasiikaa kabajuuf “waggaa waggaadhaan” maatii isaa fuudhee gara Yerusaalem dhaquuf akka Seerichaatti dirqamni kan isa irra hin jirre taʼus, akkas godheera. (Luq. 2:41, 42) Abbootiin tokko tokko yeroo sanatti maatiidhaan akkasitti karaa deemuun baayʼee ulfaataa, yeroo hedduu kan fudhatuu fi qarshii hedduu kan gaafatu akka taʼetti ilaalu taʼa. Taʼus Yooseef wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa qaba ture, ijoolleen isaas akkas akka godhan barsiiseera. Maariyaamis Kitaaba Qulqulluu sirriitti beekti turte. Jechaa fi gocha ishiitiin ijoolleen ishii Dubbii Waaqayyoo akka jaallatan barsiistee akka turte hin shakkisiisu.

13. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko fakkeenya Yooseefii fi Maariyaam kan hordofan akkamitti?

13 Nihaadii fi Almaan warri olitti caqasaman fakkeenya Yooseefii fi Maariyaam hordofuu barbaadanii turan. Maarree kun mucaan isaanii Waaqayyoon akka jaallatuu fi tajaajilu godhanii guddisuuf kan isaan gargaare akkamitti? Akkana jedhaniiru: “Akkaataa jireenyaa keenyaan qajeelfama Yihowaatiin jiraachuun hammam gaarii akka taʼe ilma keenyatti agarsiisuuf yaalii gooneerra.” Nihaad itti dabaluudhaan: “Nama mucaan keessan akka taʼu barbaaddan taʼaa” jechuudhaan dubbateera.

14. Warri ijoolleen isaanii eenyu wajjin michoomaa akka jiran beekuun kan isaan barbaachisu maaliifi?

14 Ijoolleen keessan michoota gaarii akka filatan gargaaraa. Abbaa fi haati ijoolleen isaanii eenyutti michoomaa akka jiranii fi maal akka godhan beekuun isaan barbaachisa. Kunis ijoolleen isaanii karaa weebsaayitii hawaasaa fi moobaayilii isaanii eenyu wajjin wal qunnamaa akka jiran beekuu dabalata. Michoonni isaanii kunneen yaadaa fi gocha ijoollee isaanii irratti dhiibbaa gochuu dandaʼu.—1 Qor. 15:33.

15. Warri fakkeenya Jeesii irraa maal barachuu dandaʼu?

15 Warri, waaʼee kompiitaraa ykn moobaayilii baayʼee hin beekan yoo taʼe hoo maal gochuu dandaʼu? Abbaan Jeesii jedhamuu fi Filippiinsi keessa jiraatu tokko akkana jedheera: “Waaʼee teknoolojii baayʼee hin beeknu. Haa taʼu malee kun balaawwan meeshaaleen elektirooniksii qaban ijoollee keenya barsiisuu irraa duubatti akka jennu nu hin taasisne.” Jeesiin waaʼee meeshaalee elektirooniksii baayʼee waan hin beekneef qofa ijoolleen isaa akka hin fayyadamne hin dhoowwine. Akkana jedheera: “Ijoolleen koo meeshaalee elektirooniksii isaanii afaan haaraa barachuuf, walgaʼiidhaaf qophaaʼuu fi guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf akka itti fayyadamanin jajjabeesse.” Warra yoo taatan, ergaa barreeffamaa erguu fi suuraa intarneetii irratti baasuu ilaalchisee gorsa gaarii jw.org® kutaa “Dargaggoota” jedhu irratti argamu ijoollee keessanii wajjin dubbistanii irratti mariʼattaniittuu? Viidiyoo Meeshaaleen Elektirooniksii Jireenya Kee Toʼachaa Jiruu? jedhuu fi Weeb Saayitii Hawaasaa Yeroo Fayyadamtu Hubannaa Qabaadhu jedhu irra deebitanii waliin ilaaltaniittuu? * Wantoonni kunneen ijoolleen keessan meeshaalee elektirooniksiitti ogummaadhaan akkamitti akka itti fayyadaman yommuu isaan barsiistan isin gargaaruu dandaʼu.—Fak. 13:20.

16. Warri hedduun maal godhaniiru? Buʼaan isaa hoo maali dha?

16 Warri baayʼeen ijoolleen isaanii namoota Waaqayyo tajaajiluu irratti fakkeenya taʼan wajjin michummaa akka uuman haala isaaniif mijeessuuf carraaqqii godhu. Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa Koot Diivuwaar keessa jiraatanii fi Indeenii fi Boomiin jedhaman yeroo baayʼee ilaaltuun ol aanaa aanaa mana isaanii akka buufatu affeeru turan. Indeeniin akkana jedheera: “Kun mucaa keenya irratti dhiibbaa baayʼee gaarii taʼe godheera. Qajeelchaa taʼee tajaajiluu kan jalqabe siʼa taʼu, yeroo ammaa bakka buʼaa ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee tajaajilaa jira.” Isin hoo ijoolleen keessan michummaa akkasii akka uuman haala isaaniif mijeessuu ni dandeessuu?

17-18. Warri ijoollee isaanii leenjisuu jalqabuu kan qaban yoomi?

17 Hamma dandaʼametti ijoollee keessan daaʼimummaa isaaniitti leenjisuu jalqabaa. Warri ijoollee isaanii daaʼimummaa isaaniitii kaasanii leenjisuun isaanii gaarii dha. (Fak. 22:6) Mee Ximotewos isa yeroo booda Phaawulos ergamaa wajjin adeeme haa ilaallu. Haati isaa Ewunqee fi akkoon isaa Looyis ‘daaʼimummaa isaatii jalqabanii’ isa leenjisaniiru.—2 Xim. 1:5; 3:15.

18 Hiriyoonni gaaʼelaa kan biraan Koot Diivuwaar keessa jiraatanii fi Jiin Kilaawudii fi Piis jedhaman ijoolleen isaanii jaʼan hundi Yihowaa akka jaallatanii fi akka tajaajilan godhanii guddisuu dandaʼaniiru. Maarree milkaaʼina argachuuf maaltu isaan gargaare? Fakkeenya Ewunqee fi Looyis hordofaniiru. Akkana jedhaniiru: “Ijoolleen keenya erga dhalatanii utuma baayʼee hin turin jechuunis daaʼimummaa isaaniitii kaasnee Dubbii Waaqayyoo isaan keessatti bocneerra.”—Kes. 6:6, 7, NW.

19. Dubbii Waaqayyoo ijoollee keessan keessatti bocuu jechuun maal jechuudha?

19 Ijoollee keessan keessatti Dubbii Yihowaa ‘bocuu’ jechuun maal jechuu dha? ‘Bocuu’ jechuun “barsiisuu fi yeroo baayʼee irra deddeebiʼuudhaan yaadachiisuu” jechuu dha. Kana gochuuf immoo warri yeroo hunda ijoollee isaanii xixinnoo taʼan wajjin yeroo dabarsuun isaan barbaachisa. Yeroo tokko tokko ijoolleedhaaf qajeelfamoota irra deddeebiʼuun abdii kan nama kutachiisu fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee warri, kun karaa ijoolleen isaanii Dubbii Waaqayyoo akka hubatanii fi hojii irra oolchan itti gargaaran akka taʼetti ilaaluuf carraaqu.

Warri tokkoon tokkoon ijoollee isaanii akkamitti akka leenjisan murteessuun isaan barbaachisa (Keeyyata 20 ilaali) *

20. Faarfannaan 127:4 ijoollee guddisuu wajjin kan wal qabatu akkamitti akka taʼe ibsi.

20 Ijoollee keessan sirriitti beekaa. Faarfannaan 127 ijoollee xiyya wajjin wal fakkeessa. (Faarfannaa 127:4 dubbisi.) Akkuma xiyyawwan wantoota garaa garaa irraa hojjetamanii fi hammi isaaniis adda adda taʼe ijoolleen hundis garaa gara. Kanaafuu warri tokkoon tokkoon ijoollee isaanii akkamitti akka leenjisan murteessuun isaan barbaachisa. Abbaan manaa fi haati manaa Israaʼel harʼaa keessa jiraatanii fi ijoolleen isaanii Yihowaa akka tajaajilan godhanii milkaaʼinaan guddisan tokko wanta isaan gargaare yommuu ibsan, “Tokkoon tokkoon isaanii kopha kophaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisna” jechuudhaan dubbataniiru. Dhugaadha, mataan maatii hundi karaa kanaan qoʼachiisuun barbaachisaa taʼuu isaa ykn kan dandaʼamu taʼuu isaa murteessuu qaba.

YIHOWAAN ISIN GARGAARA

21. Warri Yihowaa irraa gargaarsa akkamii akka argatan eeguu dandaʼu?

21 Yeroo tokko tokko warri haalawwan rakkisoo isaan muudatan humna isaaniitii ol akka taʼe isaanitti dhagaʼama taʼa, haa taʼu malee ijoolleen kennaa Yihowaa ti. Inni yeroo hunda isaan gargaaruuf qophaaʼaa dha. Kadhannaa warri dhiheessan fedhiidhaan ni dhaggeeffata. Akkasumas Kitaaba Qulqulluu, barreeffamoota keenyatti, fakkeenyaa fi gorsa warri muuxannoo qabanii fi gumii keessa jiran kaan kennanitti fayyadamuudhaan kadhannaa isaaniitiif deebii kenna.

22. Wantoota gaggaarii warri ijoollee isaaniitiif kennuu dandaʼan keessaa tokko tokko maal faʼi?

22 Namoonni tokko tokko mucaa tokko guddisuun waggaa 20 fudhata jedhu, taʼus warri yeroo hundumaa warra taʼuu isaanii itti fufu. Wantoota gaggaarii warri ijoollee isaaniitiif kennuu dandaʼan keessaa jaalala, yeroo fi leenjii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe caqasuun ni dandaʼama. Ijoolleen hundi leenjii isaanii kennamuuf deebii garaa garaa kennuu dandaʼu. Haa taʼu malee, namoonni warra Yihowaa jaallataniin guddatan baayʼeen isaanii akka obboleettii Joʼaanaa Maaʼii jedhamtuu fi Eeshiyaa keessa jiraattuu isaanitti dhagaʼama. Akkana jetteetti: “Leenjii ani warra koo irraa argadhe duubatti deebiʼee yommuun yaadu, warri koo waan na adabanii fi Yihowaa akkan jaalladhu waan na barsiisaniif baayʼeen galateeffadha. Isaan jireenya qofa utuu hin taʼin jireenya hiika qabu naaf kennaniiru.” (Fak. 23:24, 25) Kiristiyaanonni miliyoonaan lakkaaʼamanis miira kanaa wajjin wal fakkaatu qabu.

FAARFANNAA 59 Anaa Wajjin Yaahiin Jajaa

^ key. 5 Abbaan manaa fi haati manaa tokko ijoollee godhachuu qabuu? Ijoollee godhachuuf filataniiru yoo taʼe ijoollee meeqa godhachuu qabu? Ijoolleen isaanii Yihowaa akka jaallatanii fi akka tajaajilan isaan leenjisuu kan dandaʼan hoo akkamitti? Mata dureen kun fakkeenyota bara keenyaa fi dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu gaaffiiwwan kanneeniif deebii kennuuf nu gargaaran ibsa.

^ key. 15 Dabalataan mata duree “Kiyyoo Weebsaayitiin Hawaasaa Qabu Irraa Of Eeggadhu” jedhuu fi Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii Waxabajjii 2018 irratti baʼe ilaali.

^ key. 60 IBSA FAKKII: Hiriyoonni gaaʼelaa Kiristiyaanota taʼan tokko ijoollee godhachuu fi dhiisuu ilaalchisee mariʼachaa jiru, akkasumas gammachuu argamsiisuu fi itti gaafatamummaa inni fidu gamaaggamaa jiru.

^ key. 64 IBSA FAKKII: Hiriyoonni gaaʼelaa tokko umurii fi dandeettiin ijoollee isaanii garaa gara waan taʼeef kopha kophaatti isaan qoʼachiisaa jiru.