Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 51

Yihowaa Hammam Beektu?

Yihowaa Hammam Beektu?

“Yaa Waaqayyo, warri maqaa kee beekan kooluu sitti in galu, ati warra si barbaadan hin ganneʼo.”—FAR. 9:10.

FAARFANNAA 56 Dhugaa kan Ofii Godhadhu

QABIYYEE *

1-2. Muuxannoon Anjeliitoo hundi keenya maal gochuu akka qabnu nu barsiisa?

WARRI kee Dhugaa Baatota Yihowaatii? Taanaan, Yihowaa wajjin hariiroo dhuunfaa qabaachuu warra kee irraa dhaaluu akka hin dandeenye yaadadhu. Warri keenya Waaqayyoon kan tajaajilan taʼanis taʼuu baatanis, tokkoon tokkoon keenya Yihowaa wajjin michummaa dhuunfaa uumuu qabna.

2 Mee muuxannoo obboleessa Anjeliitoo jedhamu tokkoo haa ilaallu. Inni maatii Dhugaa Baatota taʼan keessatti guddate. Taʼus, dargaggummaa isaatti Waaqayyotti baayʼee akka dhihaatu isatti hin dhagaʼamu ture. “Yihowaa kanan tajaajilu wanta maatiin koo gochaa jiran gochuu waanan barbaaduuf qofa ture” jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera. Haa taʼu malee, Anjeliitoon Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan yeroo dabalataa dabarsuuf murteesse, akkasumas caalaatti gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu jalqabe. Buʼaan isaa hoo maal ture? Anjeliitoon akkana jedheera: “Yihowaa isa Abbaa koo jaalatamaa taʼetti dhihaachuu kanan dandaʼu dhuunfaatti isa beekuudhaan qofa akka taʼe baradheera.” Muuxannoon Anjeliitoo gaaffiiwwan barbaachisoo taʼan tokko tokko irratti akka yaannu nu taasisa: Waaʼee Yihowaa wantoota muraasa beekuu fi sirriitti isa beekuun garaa garummaa akkamii qaba? Yihowaa sirriitti beekuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

3. Waaʼee Yihowaa beekuu fi sirriitti isa beekuun garaa garummaa akkamii qaba?

3 Namni tokko maqaa Waaqayyoo fi wantoota inni dubbate ykn raawwate tokko tokko kan beeku yoo taʼe, namni sun waaʼee Yihowaa beeka jennee dubbanna taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaa sirriitti beekuun kana caalaa wanta dabalatu qaba. Waaʼee Yihowaa fi amalawwan isaa warra dinqisiisoo taʼanii yeroo fudhannee barachuu nu barbaachisa. Wanta tokko dubbachuu fi raawwachuuf maaltu akka isa kakaase hubachuu kan jalqabnu yoo akkas goone qofa dha. Kunis ilaalchi keenya, murtoowwan keenyaa fi gochawwan keenya isa biratti fudhatama qabaachuu fi dhiisuu isaanii hubachuuf nu gargaara. Wanta Yihowaan akka goonu barbaadu erga hubannee booda, wanta sana raawwachuu qabna.

4. Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman qoruun kan nu gargaaru akkamitti?

4 Namoonni tokko tokko Yihowaa tajaajiluu barbaaduu keenyaaf nutti qoosuu fi saba isaa wajjin hariiroo uumuu yommuu jalqabnu immoo caalaatti nu mormuu dandaʼu. Taʼus, Yihowaatti kan amanamnu yoo taʼe inni matumaa nu hin dhiisu. Akkas yoo goone Waaqayyo wajjin michummaa jireenya keenya guutuu turuu dandaʼu uumuuf buʼuura kaaʼaa jirra jechuu dha. Hamma kana Yihowaa sirriitti beekuu ni dandeenyaa? Eeyyee ni dandeenya! Fakkeenyi namoonni mudaa qaban kan akka Musee fi Daawit Mootichi kaaʼan kun akka dandaʼamu mirkaneessa. Wantoota isaan raawwatan yommuu ilaalaa adeemnu gaaffiiwwan lamaaf deebii arganna: Yihowaa beekuu kan dandaʼan akkamitti? Fakkeenya isaanii irraa hoo barumsa akkamii argachuu dandeenya?

MUSEEN “ISA HIN ARGAMNE SANA” ARGEERA

5. Museen maal gochuuf filateera?

5 Museen wanta barate wajjin haala wal simuun deddeebiʼeera. Umuriin isaa gara waggaa 40 yeroo taʼu, “ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu” mannaa Ibroota warra saba Waaqayyoo taʼan wajjin taʼuuf filateera. (Ibr. 11:24) Museen iddoo guddaa qabu dhiiseera. Museen yommuu Israaʼeloota deeggaru Faraʼoon baayʼee akka isatti dheekkamu beeka ture. Faraʼoon mootii humna guddaa qabuu fi akka waaqaatti ilaalamu ture. Kun Museen amantii cimaa akka qabu kan argisiisu dha. Museen Yihowaatti amanameera. Amanannaan akkasii immoo michummaa itti fufiinsa qabu uumuuf buʼuura dha.—Fak. 3:5.

6. Fakkeenya Musee irraa maal baranna?

6 Barumsa akkamii arganna? Akkuma Musee hundi keenya murtoo gochuu qabna. Maarree Waaqayyo tajaajiluu fi saba isaa wajjin hariiroo uumuuf ni filannaa? Waaqayyoon tajaajiluuf aarsaa gooneerra, akkasumas namoota Yihowaa hin beekne irraa mormiin nu irra gaʼeera taʼa. Haa taʼu malee, Abbaa keenya isa samiitti kan amanamnu yoo taʼe deeggarsa isaa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.

7-8. Museen maal barachuu isaa itti fufee ture?

7 Museen waaʼee amaloota Yihowaa barachuu fi fedhii isaa raawwachuu itti fufeera. Fakkeenyaaf, Museen saba Israaʼel garbummaa jalaa bilisa akka baasu yeroo gaafatametti ofitti amanannaa dhabee ture, akkasumas gaʼumsa akka hin qabne irra deddeebiʼee Yihowaatti himeera. Waaqayyo Museedhaaf gargaarsa isa barbaachisu isaaf gochuudhaan gara laafinaan deebii isaaf kenneera. (Bau. 4:10-16) Kanaan kan kaʼes Museen ergaa murtii cimaa taʼe Faraʼoonitti himuu dandaʼeera. Museen yommuu Yihowaan humna isaatti fayyadamee Israaʼeloota oolchuu fi Faraʼoonii fi humna waraanaa isaa immoo Galaana Diimaa keessatti balleessu argeera.—Bau. 14:26-31; Far. 136:15.

8 Museen Israaʼeloota Gibxii keessaa erga baasee booda, Israaʼeloonni yeroo baayʼee ni gungumu turan. Taʼus, Museen Yihowaan namoota garbummaa jalaa bilisa baase kanaa wajjin haala wal qabateen obsa guddaa argisiisuu isaa argeera. (Far. 78:40-43) Kana malees Museen, Yihowaan kadhannaa inni Israaʼeloota akka hin balleessineef dhiheesse dhagaʼee yaada isaa jijjiiruudhaan amala gad of qabuu yommuu argisiisu argeera.—Bau. 32:9-14.

9. Ibroonni 11:27 akka jedhutti hariiroon Museen Yihowaa wajjin qabu hammam cimaa ture?

9 Israaʼeloonni Gibxiidhaa erga baʼanii booda Museen akka waan Abbaa isaa isa samii ijaan arguutti hariiroon inni Yihowaa wajjin qabu baayʼee cimaa deemeera. (Ibroota 11:27 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluun hariiroon isaanii kun hammam cimaa akka ture yommuu ibsu akkana jedha: “Waaqayyo akka nama firaa wajjin haasaʼuutti fuula isaa duraa Museetti in dubbata ture.”—Bau. 33:11.

10. Yihowaa sirriitti beekuuf maal gochuu qabna?

10 Barumsa akkamii arganna? Yihowaa sirriitti beekuuf, waaʼee amaloota isaa barachuu qofa utuu hin taʼin fedha isaas raawwachuu qabna. Yeroo harʼaa fedhiin Yihowaa “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe akka argatani dha.” (1 Xim. 2:3, 4) Karaan fedhii Waaqayyoo raawwachuu itti dandeenyu inni tokko waaʼee Yihowaa warra kaan barsiisuu dha.

11. Waaʼee Yihowaa namoota yommuu barsiisnu caalaatti isa beekuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Yeroo baayʼee waaʼee Yihowaa warra kaan yommuu barsiisnu nutis caalaatti isa beekaa deemna. Fakkeenyaaf, Yihowaan namoota garaa qajeelaa qaban akka argannu yommuu nu gargaaru gara laafina inni namootaaf qabu hubanna. (Yoh. 6:44; HoE. 13:48) Namoonni qoʼachiisnu barsiifatawwan gadhee taʼan irraa bilisa yommuu taʼanii fi namummaa haaraa uffachuu akka jalqaban yommuu arginu immoo humna Dubbiin Waaqayyoo qabu hubanna. (Qol. 3:9, 10) Akkasumas namoonni baayʼeen naannoo keenya jiran waaʼee isaa akka baratanii fi akka fayyaniif carraa hedduu akka isaaniif kenne yommuu arginu obsa Waaqayyo qabu hubanna.—Rom. 10:13-15.

12. Baʼuu 33:13 irratti akka ibsametti Museen maal gaafate? Maaliifi?

12 Museen hariiroo Yihowaa wajjin qabuuf iddoo guddaa kenneera. Museen maqaa Waaqayyootiin hojiiwwan guguddaa erga raawwatee booda illee, waaʼee Yihowaa caalaatti beekuuf akka isaaf heyyamamu kabajaan gaafateera. (Baʼuu 33:13 dubbisi.) Museen yeroo gaaffii kana dhiheessu umurii waggoota 80mmanii keessa kan ture taʼus, waaʼee Abbaa isaa isa samii fi jaalala qabeessa taʼee ammas wanta baayʼee barachuu akka qabu beeka ture.

13. Karaawwan hariiroo Waaqayyo wajjin qabnuuf iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu itti dandeenyu keessaa tokko isa kami?

13 Barumsa akkamii arganna? Yihowaa kan tajaajille yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, hariiroo isaa wajjin qabnu matumaa akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Karaawwan hariiroo Waaqayyo wajjin qabnuuf iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu itti dandeenyu keessaa inni tokko kadhannaadhaan isatti dhihaachuu dha.

14. Waaʼee Waaqayyoo caalaatti barachuuf kadhannaan baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

14 Hariiroo cimaa uumuuf akka gaariitti waliin haasaʼuun baayʼee barbaachisaa dha. Kanaafuu yeroo hunda kadhannaadhaan Waaqayyotti dhihaadhu, miira kees isaaf ibsuu hin sodaatin. (Efe. 6:18) Kiriistaan ishiin Turkii jiraattu akkana jetteetti: “Yeroon kadhannaadhaan miira koo isaaf ibsuu fi yommuu inni na gargaaru yeroon argu hundatti jaalalli ani Yihowaadhaaf qabuu fi amanannaan isa irratti qabu ni guddata. Inni kadhannaa koo akkamitti akka naaf deebise arguun koo Yihowaa akka Abbaa fi Michuu kootti ilaaluuf na gargaareera.”

NAMA AKKA GARAA YIHOWAA TAʼE

15. Yihowaan Daawit Mooticha akkamitti ibse?

15 Daawit Mootichi saba Yihowaadhaaf of murteesse keessatti dhalate. Haa taʼu malee, Daawit aadaawwan amantii maatii isaa hordofuu caalaa wanta dabalataa godheera. Waaqayyo wajjin hariiroo dhuunfaa kan uume siʼa taʼu, Yihowaanis jaalala adda taʼe isaaf qaba ture. Yihowaan ofuma isaatii Daawitiin “nama akka garaa koo taʼe” jedhee ibseera. (HoE. 13:22) Daawit gara Yihowaatti dhihaachuu kan dandaʼe akkamitti?

16. Daawit uumama ilaaluudhaan waaʼee Yihowaa maal barate?

16 Daawit uumama irraa waaʼee Yihowaa barateera. Daawit ijoollummaa isaatti hoolota abbaa isaa eegaa manaa alatti saʼaatii hedduu dabarsa ture. Tarii, wantoota Yihowaan uume irratti xiinxaluu kan jalqabe yeroo sanatti taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Daawit galgala gara samii yommuu ilaalu urjoota kumaan lakkaaʼaman arguu qofa utuu hin taʼin, waaʼee amaloota qaama isaan uumee hubachuu dandaʼeera. Daawit akkana jedhee barreessuuf kakaʼeera: “Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo himaa jiru, wanti bantii waaqaa jalaan mulʼatus hojii harka isaa in labsa.” (Far. 19:1, 2) Daawit akkaataa itti ilmaan namootaa uumaman irratti yommuu xiinxalu Yihowaan hammam ogeessa akka taʼe hubachuu dandaʼeera. (Far. 139:14) Daawit wantoota Yihowaan uume irratti yommuu xiinxalu Yihowaa wajjin yeroo wal bira qabamee ilaalamu hammam xinnoo akka taʼe hubateera.—Far. 139:6.

17. Uumama irratti kan xiinxallu yoo taʼe maal barachuu dandeenya?

17 Barumsa akkamii arganna? Uumamaaf xiyyeeffannaa kennaa. Lafa bareedduu Yihowaan uume irra akkasumaan jiraachuu caalaa wanta dabalataa godhaa; wantoota Yihowaan uume dinqisiifadhaa! Jireenya guyyaa guyyaa keessan irratti wanta uumamni naannoo keessan jiru jechuunis biqiltoonni, bineeldonnii fi namoonni waaʼee Yihowaa isin barsiisan irratti xiinxalaa. Akkas yoo gootan guyyaa hunda waaʼee Abbaa keessan isa jaalala qabeessa taʼee caalaatti barattu. (Rom. 1:20) Kana malees jaalalli isaaf qabdan guyyaa guyyaadhaan caalaatti yommuu guddatu argitu.

18. Faarfannaa 18 irratti akka ibsametti Daawit maal hubate?

18 Daawit Yihowaan isa gargaaraa akka jiru hubateera. Fakkeenyaaf, Daawit hoolota abbaa isaa leencaa fi amaaketa irraa eegaa yommuu turetti, bineensota humna guddaa qaban kana akka injifatu kan isa gargaare Yihowaa akka taʼe hubatee ture. Daawit yeroo Goliyaad isa loltuu cimaa taʼe injifatetti Yihowaan isa qajeelchaa akka ture ifatti hubateera. (1 Sam. 17:37) Akkasumas Saaʼol Mooticha isa hinaafaa ture jalaa yeroo miliqetti kan isa oolche Yihowaa akka taʼe hubatee ture. (Far. 18, ibsa jalqaba boqonnaa irra jiru) Namni kooru tokko wantoota kana ofuma isaatii akka raawwate godhee yaaduu dandaʼa. Daawit garuu nama gad of qabu ture, kanaafuu jireenya isaa keessatti harka Yihowaa arguu dandaʼeera.—Far. 138:6.

19. Fakkeenya Daawit irraa maal barachuu dandeenya?

19 Barumsa akkamii arganna? Gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhachuu caalaa wanta dabalataa gochuu nu barbaachisa. Yoomii fi akkamitti akka inni gargaarsa nuu godhu hubachuuf yaaluu qabna. Humni keenya daangaa akka qabu gad of qabuudhaan amannee kan fudhannu yoo taʼe, Yihowaan wanta nuti gochuu hin dandeenye raawwachuuf akka nu gargaaru ifatti hubachuu dandeenya. Akkasumas gargaarsa Yihowaan nuu godhu yeroo arginu hundatti hariiroon isaa wajjin qabnu caalaatti cimaa deema. Obboleessi Ayizaak jedhamuu fi Fiijii keessatti waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajile kun dhugaa taʼuu isaa argeera. Akkana jedheera: “Duubatti deebiʼee jireenya koo yommuun ilaalu Yihowaan yeroon Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabee kaasee hamma harʼaatti akkamitti akka inni na gargaare hubachuu dandaʼeera. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan caalaatti naaf dhugoomeera.”

20. Hariiroo Daawit Waaqayyo wajjin qabu irraa maal barachuu dandeenya?

20 Daawit amaloota Yihowaa calaqqisiiseera. Yihowaan dandeettii amaloota isaa calaqqisiisuu akka qabaannu godhee nu uume. (Uma. 1:26) Waaʼee amaloota Yihowaa caalaatti barachaa yommuu adeemnu caalaatti isa fakkaachuu dandeenya. Daawit Abbaa isaa isa samii sirriitti waan beekuuf walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabu irratti isa fakkaachuu dandaʼeera. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Daawit Baat-Sheebaa wajjin yommuu ejja raawwatee fi abbaa manaa ishii ajjeesisetti Yihowaa irratti cubbuu hojjeteera. (2 Sam. 11:1-4, 15) Haa taʼu malee, Yihowaan Daawit isa warra kaanitti gara laafina argisiisetti gara laafina argisiisuuf filateera. Daawit Yihowaa wajjin hariiroo gaarii akkasii waan qabuuf mootota Israaʼel baayʼee jaallataman keessaa tokko taʼuu dandaʼeera; akkasumas Yihowaan mootota Israaʼel kan birootiif akka fakkeenyaatti itti fayyadameera.—1 Mot. 15:11; 2 Mot. 14:1-3.

21. Efesoon 4:24 fi 5:1 irratti akka ibsametti ‘Waaqayyoon kan fakkaannu’ taʼuun keenya buʼaa akkamii argamsiisa?

21 Barumsa akkamii arganna? ‘Waaqayyoon kan fakkaannu’ taʼuu qabna. Waaqayyoon fakkaachuun immoo faayidaa kan nuuf argamsiisu qofa utuu hin taʼin, caalaatti isa beekuuf nu gargaara. Amaloota Waaqayyoo yommuu calaqqisiisnu ijoollee isaa akka taane argisiisna.—Efesoon 4:24; 5:1 dubbisi.

CAALAATTI YIHOWAA BEEKUUF CARRAAQUU

22-23. Wanta waaʼee Yihowaa baranne hojii irra kan oolchinu yoo taʼe buʼaan isaa maal taʼa?

22 Akkuma olitti ilaalle Yihowaan karaa uumamaa fi Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu waaʼee isaa akka beeknu godheera. Kitaabni adda taʼe kun fakkeenyota tajaajiltoota Waaqayyoo warra amanamoo taʼanii fi fakkeenya isaanii hordofuu dandeenyu kan akka Musee fi Daawit qabateera. Yihowaan gama isaatiin wanta isa irraa eegamu godheera. Nutis gaʼee keenya raawwachuu fi hamma dandeenye waaʼee isaa barachuu qabna.

23 Waaʼee Yihowaa barachuu gonkumaa dhaabuu hin qabnu. (Lal. 3:11) Wanti guddaan waaʼee Yihowaa hammam beekna kan jedhu utuu hin taʼin, wanta beeknu hammam hojii irra oolchina kan jedhu dha. Wanta baranne hojii irra kan oolchinuu fi Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼe fakkaachuuf kan carraaqnu yoo taʼe, inni nutti dhihaachuu isaa itti fufa. (Yaq. 4:8) Yihowaan karaa Dubbii isaa warra isa barbaadan matumaa akka hin dhiisne nuuf mirkaneesseera.

FAARFANNAA 80 ‘Gaarummaa Waaqayyoo Miʼeeffadhaa Ilaalaa’

^ key. 5 Namoonni hedduun Waaqayyo akka jiru ni amanu, haa taʼu malee sirriitti isa hin beekan. Yihowaa beekuu jechuun maal jechuudha? Isa wajjin hariiroo cimaa uumuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ilaalchisee hoo Musee fi Daawit Mooticha irraa maal baranna? Mata dureen kun gaaffiiwwan kanneeniif deebii kenna.