Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 50

Yihowaan Bilisummaa Isiniif Kenna

Yihowaan Bilisummaa Isiniif Kenna

“Namoota biyyicha keessa jiraatanii fi guutummaa biyyichaatti birmadummaa labsaa!”—LEW. 25:10.

FAARFANNAA 22 Mootummichi Inni Bulchuu Jalqabe haa Dhufu!

QABIYYEE *

1-2. (a) Iyobeeliyuun maali dha? (Saanduqa “ Iyobeeliyuun Maali Dha?” jedhu ilaali) (b) Yesuus Luqaas 4:16-18 irratti waaʼee maalii dubbate?

BIYYOOTA tokko tokko keessatti bulchiinsa waggaa 50⁠ffaa mootii ykn mootittii tokkoo yaadachuuf qophiin addaa ni godhama. Waggaa 50⁠ffaan kun yeroo baayʼee waggaa iyobeeliyuu bulchitootaa jedhamee beekama. Ayyaanni iyobeeliyuu kun guyyaa tokkoof, torban tokkoof ykn isaa oliif illee turuu dandaʼa, taʼus yeroo booda xumuramuu fi gammachuun ayyaanichi argamsiisus irraanfatamuun isaa hin oolu.

2 Mata duree kana keessatti waaʼee Iyobeeliyuu kana irra caalu tokkoo ilaalla; Iyobeeliyuun kun isa Israaʼel durii keessatti waggaa 50⁠tti siʼa tokko kabajamuu fi waggaa tokkoof turu irra illee ni caala. Iyobeeliyuun durii sun Israaʼelootaaf bilisummaa argamsiisa ture. Kun yeroo harʼaa xiyyeeffannaa keenya kan harkisu maaliifi? Sababiin isaas waggaan Iyobeeliyuu Israaʼelootaa qophii dinqisiisaa Yihowaan nuuf godhe nu yaadachiisa. Qophiin kun bilisummaa bara baraaf turu kan nuuf argamsiisu siʼa taʼu, amma iyyuu qophii kana irraa fayyadamuu dandeenya. Yesuusis waaʼee bilisummaa kanaa dubbateera.—Luqaas 4:16-18 dubbisi.

Namoonni garboota taʼanii turan gara maatii fi lafa isaaniitti waan deebiʼaniif Iyobeeliyuun Israaʼelootaaf gammachuu argamsiisa ture (Keeyyata 3 ilaali) *

3. Lewwoota 25:8-12 irratti akka ibsametti Israaʼeloonni Iyobeeliyuu irraa kan fayyadaman akkamitti?

3 Iyobeeliyuu Waaqayyo saba isaa isa duriitiif qopheesse qoruudhaan Yesuus waaʼee bilisummaa yeroo dubbatu maal jechuu isaa akka ture caalaatti hubachuu dandeenya. Yihowaan Israaʼelootaan akkana jedhee ture: “Isin waggaa shantammaffaa qulqulleessaa, isattis namoota biyyicha keessa jiraatanii fi guutummaa biyyichaatti birmadummaa labsaa! Inni ayyaana waggaa shantammaffaa ‘Iyobeeliyuu’ isiniif haa taʼu! Isin keessaa namni hundinuu gara araddaa isaatii fi gara maatii isaatti haa deebiʼu!(Lewwoota 25:8-12 dubbisi.) Mata duree darbe irratti Israaʼeloonni guyyaa Sanbataa irraa kan fayyadaman akkamitti akka taʼe ilaalleerra. Israaʼeloonni Iyobeeliyuu irraa hoo kan fayyadaman akkamitti? Namni Israaʼel tokko liqii keessa galee liqii sana kaffaluuf lafa isaa gurguruuf dirqame haa jennu. Yeroo waggaa Iyobeeliyuutti garuu lafti isaa kun isaaf deebiʼa. Kanaafuu, namichi sun ‘gara araddaa isaatti deebiʼuu’ dandaʼa, ijoolleen isaas yeroo booda lafa sana dhaaluu dandaʼu. Karaa biraatiin immoo namni liqii hedduun irra jiru tokko liqii isaa kaffaluuf ijoollee isaa keessaa tokko ykn ofii isaa illee garbummaadhaaf gurguruun isa barbaachisuu dandaʼa. Yeroo waggaa Iyobeeliyuutti garuu garbi kun ‘gara maatii isaatti deebiʼa.’ Kanaafuu, namni kam iyyuu abdii tokko malee jireenya isaa guutuu garba taʼee hin jiraatu jechuu dha! Qophiin kun Yihowaan dhugumaan saba isaatiif akka yaadu kan argisiisu dha.

4-5. Yeroo harʼaa Iyobeeliyuudhaaf xiyyeeffannaa kennuu kan qabnu maaliifi?

4 Faayidaa Iyobeeliyuun argamsiisu kan biraan maali dha? Yihowaan karaa Museetiin akkana jedhee dubbateera: “Waaqayyo gooftaan kee biyya dhaala godhee siif kennu keessatti guddaa waan si eebbisuuf, sanyii kee keessatti dhabaan hin argamu.” (Kes. 15:4) Kun wanta addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti taʼaa jiru irraa baayʼee adda dha! Yeroo baayʼee namoonni sooressa taʼan caalaatti sooreyyii yommuu taʼanii fi namoonni hiyyeessota taʼan immoo caalaatti hiyyeeyyii taʼaa yommuu deeman argina.

5 Nuti Kiristiyaanota waan taaneef Seera Musee jala hin jirru. Kana jechuun seera qophii Iyobeeliyuu durii garboota bilisa baasuu, liqii dhiisuu fi gara lafa dhaalaatti deebiʼuu dabalatu hin hordofnu jechuu dha. (Rom. 7:4; 10:4; Efe. 2:15) Haa taʼu malee, Iyobeeliyuudhaaf xiyyeeffannaa kennuuf sababii gaʼaa qabna. Maaliifi? Sababiin isaas qophii Yihowaan cubbuu jalaa bilisa nu baasuuf godhe nu yaadachiisa.

YESUUS BILISUMMAA LABSEERA

6. Ilmaan namootaa maal jalaa bilisa baʼuun isaan barbaachisa?

6 Hundi keenya gosa garbummaa baayʼee gara jabeessa taʼeef, jechuunis cubbuudhaaf garboota waan taaneef bilisa baʼuun nu barbaachisa. Cubbamoota waan taaneef ni dulloomna, ni dhukkubsanna, akkasumas ni duuna. Namoonni baayʼeen yommuu daawwitii keessatti of ilaalan ykn yaaliidhaaf gara doktara tokkoo deeman kun dhugaa taʼuu isaa ni hubatu. Kana malees, yommuu cubbuu hojjennu abdii kutanna. Phaawulos ergamaan ‘seera cubbuu isa qaama isaa keessa jiruuf akka boojiʼamu’ dubbateera. Itti fufuudhaanis, “Ani nama gadadamaa dha! Qaama gara duʼa akkasiitti na geessu kana irraa eenyutu na oolcha?” jedheera.—Rom. 7:23, 24.

7. Isaayaas bilisummaa ilaalchisee raajii maal jedhu dubbateera?

7 Kan nama gammachiisu garuu Waaqayyo karaa itti fayyina argannu ykn cubbuu irraa bilisa itti baanu nuuf qopheesseera. Yesuus bilisummaa kanaaf gaʼee guddaa taphata. Dhaloota Kiristoos Dura jaarraa saddeettaffaatti Isaayaas raajichi waaʼee bilisummaa guddaa gara fuulduraatti dhufu tokkoo raajii dubbatee ture. Bilisummaa guddaan kun bilisummaa Israaʼeloonni waggaa Iyobeeliyuutti argatan irra baayʼee caala. Akkana jedhee barreesseera: “Hafuurri Waaqayyo gooftaa ana irra jira, sagalee misraachoo warra gadadamootti akkan himuuf, Waaqayyo na dibeera; warra garaan isaanii cabe akkan fayyisuuf, warra boojiʼamanitti gad dhiifamuu . . . akkan labsuuf inni na ergeera.” (Isa. 61:1) Raajiin kun eenyu irratti raawwatame?

8. Raajiin Isaayaas waaʼee bilisummaa ibsu eenyu irratti raawwatame?

8 Raajiin barbaachisaan waaʼee bilisummaa dubbatu kun Yesuus tajaajila isaa erga jalqabee booda raawwatamuu eegale. Yesuus gara mana sagadaa magaalaa Naazireet bakka inni itti guddate keessatti argamuu yeroo deemetti raajii Isaayaas akkana jechuudhaan dubbate Yihudoota achitti walitti qabamaniif dubbiseera: “Hafuurri Yihowaa ana irra jira; hiyyeeyyiidhaaf misiraachoo akka ani lallabu na dibeera. Inni warri boojiʼaman birmaduu akka baʼan, warri jaaman qaroon isaanii akka isaaniif deebiʼu, warri cunqurfaman bilisa akka baʼan akka ani labsu na ergeera; akkasumas, waggaa Yihowaa biratti fudhatama qabu sana akka ani labsu na ergeera.” Achiis Yesuus raajiin kun akka isa irratti raawwatame dubbate. (Luq. 4:16-19, 21) Yesuus raajii kana kan raawwate akkamitti?

NAMOOTA JALQABA BILISA BAʼAN

Yesuus mana sagadaa Naazireet ture keessatti bilisummaa labseera (Keeyyata 8-9 ilaali)

9. Namoonni bara Yesuusitti jiraatan hedduun bilisummaa akkamii argachuuf abdatu turan?

9 Bilisummaa Isaayaas raajiidhaan dubbatee fi Yesuus dubbise jaarraa jalqabaatti namoonni argachuu jalqabanii turan. Yesuus, “Dubbiin Kitaaba Qulqulluu amma dhageessan kun harʼa ni raawwatame” jechuudhaan yeroo dubbatetti kana mirkaneesseera. (Luq. 4:21) Namoonni wanta Yesuus dubbise dhaggeeffachaa turan hedduun jijjiirama siyaasaa bulchiinsa Roomaa jalaa bilisa isaan baasu eegaa turan taʼa. Tarii akkuma namoota lamaan “Nuti . . . namichi kun Israaʼeliin bilisa baasa jennee abdannee turre” jechuudhaan dubbatanii isaanitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. (Luq. 24:13, 21) Haa taʼu malee, Yesuus duuka buutonni isaa bulchiinsa warra Roomaa isa nama cunqursu irratti fincila akka kaasan akka hin jajjabeessine beekna. Kanaa mannaa, “wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif” akka kennan isaanitti himeera. (Mat. 22:21) Maarree Yesuus yeroo sanatti bilisummaa kan fide akkamitti?

10. Yesuus namoonni maal jalaa bilisa akka baʼan karaa bane?

10 Ilmi Waaqayyoo namoonni karaa lamaan bilisummaa akka argatan gargaaruuf dhufe. Tokkoffaa, Yesuus barumsawwan nama hacuucanii fi geggeessitoonni amantii barsiisan jalaa karaa itti bilisa baʼan baneera. Yihudoonni baayʼeen yeroo sana turan aadaawwanii fi barumsawwan dogoggoraatiif garboota taʼanii turan. (Mat. 5:31-37; 15:1-11) Namoonni karaa hafuuraa geggeessitoota akka taʼanitti ilaalaman jaamota turan jechuun ni dandaʼama. Masiihichaa fi dhugaa inni barsiise fudhachuu diduudhaan dukkanaa fi cubbuu keessa jiraachuu isaanii itti fufaniiru. (Yoh. 9:1, 14-16, 35-41) Yesuus dhugaa barsiisuudhaan, akkasumas fakkeenya gaarii taʼuudhaan, namoonni garraamii taʼan barumsa sobaa jalaa bilisa baʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaanitti argisiiseera.—Mar. 1:22; 2:23–3:5.

11. Karaan Yesuus namoonni bilisummaa akka argatan itti godhe inni lammaffaan isa kami?

11 Karaan Yesuus namoonni bilisummaa akka argatan itti godhe inni lammaffaan ilmaan namootaa cubbuu dhaalan irraa bilisa akka baʼan gochuudhaani. Waaqayyo aarsaa Yesuus irratti hundaaʼuudhaan namoonni amantii akka qaban argisiisanii fi furii inni qopheesse fudhatan cubbuu isaaniitiif dhiifama akka argatan gochuu dandaʼa. (Ibr. 10:12-18) Yesuus, “Ilmi bilisa yoo isin baase, isin dhuguma bilisa ni baatu” jedheera. (Yoh. 8:36) Bilisummaan kun bilisummaa Israaʼeloonni yeroo waggaa Iyobeeliyuutti argatan irra baayʼee caala! Fakkeenyaaf, namni yeroo Iyobeeliyuutti bilisa baʼe tokko deebiʼee garba taʼuu dandaʼa, akkasumas oolee bulee duʼuun isaa hin oolu. Bilisummaan Yesuus kennu garuu bara baraaf itti fufa.

12. Bilisummaa Yesuus labse irraa jalqaba irratti kan fayyadaman eenyu faʼi?

12 Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 gaafa guyyaa Phenxeqosxeetti Yihowaan ergamoota, akkasumas dhiirotaa fi dubartoota amanamoo taʼan kan biroo hafuura qulqulluudhaan dibe. Yihowaan namoota kana akka ijoollee isaatti waan fudhateef, gara fuulduraatti Yesuus wajjin bulchuuf duʼaa kaʼanii gara samii deemu. (Rom. 8:2, 15-17) Namoonni kun bilisummaa Yesuus mana sagadaa Naazireetitti argamu keessatti labse irraa fayyadamuu irratti warra jalqabaa ti. Dhiironnii fi dubartoonni kun barumsawwan sobaatiif, akkasumas gochawwan geggeessitoota amantii Yihudii warra Kitaaba Qulqulluu irratti hin hundoofneef sana booda garboota hin taʼan. Kana malees, Waaqayyo cubbuu isa duʼa geessisu jalaa bilisa akka baʼanitti isaan ilaala. Iyobeeliyuun Kiristiyaanotaa inni Dh.K.B. bara 33 yommuu duuka buutonni Kiristoos dibaman jalqabe dhuma Bulchiinsa Barkumee Yesuusitti xumurama. Maarree hamma yeroo sanaatti maaltu raawwatama?

NAMOONNI DABALATAA MILIYOONAAN LAKKAAʼAMAN BILISA BAʼU

13-14. Kiristiyaanota dibaman malee namoonni bilisummaa Yesuus labse argatan kan biroon eenyu faʼi?

13 Yeroo harʼaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi garaa qajeelaa qaban, akkasumas saba hundumaa keessaa dhufan kutaa “hoolota kan biraa” taʼaniiru. (Yoh. 10:16) Waaqayyo namoonni kun Yesuus wajjin samii irratti akka bulchaniif isaan hin filanne. Kanaa mannaa, isaan abdii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi bara baraaf lafa irra jiraachuu qabu. Ati hoo abdii akkasii qabdaa?

14 Ammuma iyyuu faayidaawwan namoonni kutaa Mootummaa Waaqayyoo isa samii taʼan argatan tokko tokko argachaa jirta. Dhiiga Yesuus isa dhangalaʼe irratti amantii qabaachuudhaan dhiifama cubbuu argachuuf kadhachuu dandeessa. Kunis Waaqayyo duratti ejjennoo sirrii fi qalbii gaarii siif argamsiisa. (Efe. 1:7; Mul. 7:14, 15) Mee barumsawwan sobaa yeroo dheeraadhaaf turan jalaa bilisa baʼuu keetiin eebbawwan argattes yaadi. Yesuus “Dhugaa ni beektu, dhugaanis bilisa isin baasa” jedheera. (Yoh. 8:32) Bilisummaa akkasii argachuu keenyatti baayʼee gammanna!

15. Gara fuulduraatti bilisummaa fi eebbawwan akkamii arganna?

15 Gara fuulduraattis bilisummaan guddaan akka dhufu eeguu dandeessa. Yeroo dhihootti Yesuus amantii sobaa fi bulchiinsa ilmaan namootaa isa mancaʼaa taʼe balleessuuf tarkaanfii murteessaa taʼe fudhata. Waaqayyo “tuuta uummataa guddaa” warra isa tajaajilaniif eegumsa godha, achiis lafa jannata taatu irratti eebba akka argatan godha. (Mul. 7:9, 14) Namoonni hedduun duʼaa kaʼuudhaan miidhaa cubbuun Addaam geessise hunda jalaa bilisa baʼuuf carraa argatu.—HoE. 24:15.

16. Bilisummaa guddaa akkamiitu ilmaan namootaa eeggata?

16 Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti Yesuusii fi warri isa wajjin bulchan ilmaan namootaa karaa qaamaa fi hafuuraa mudaa kan hin qabne akka taʼan gargaaru. Yeroon haaromsaa fi bilisummaa kun akkuma Iyobeeliyuu Israaʼelootaa taʼa. Kana jechuun namoonni lafa irra jiraatanii fi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilan hundi cubbuu irraa bilisa taʼuudhaan mudaa kan hin qabne taʼu jechuu dha.

Addunyaa haaraa keessatti, hojii faayidaa qabuu fi gammachiisaa taʼe hojjenna (Keeyyata 17 ilaali)

17. Isaayaas 65:21-23 saba Waaqayyootiif maaltu akka raawwatamu dubbata? (Fakkii qola isaa irra jiru ilaali.)

17 Raajiin waaʼee jireenya lafa irraa ibsu tokko Isaayaas 65:21-23 (dubbisi) irratti argama. Haa taʼu malee, yeroo sana hojii utuu hin hojjetin jiraanna jechuu miti. Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun yeroo sana sabni Waaqayyoo hojiiwwan faayidaa qabanii fi gammachiisaa taʼan akka hojjetan dubbata. Yeroon sun yommuu xumuramu “uumamni mataan isaas garbummaa tortoruu jalaa bilisa baʼee, bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa akka argatu” mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Rom. 8:21.

18. Gara fuulduraatti yeroo gaariin akka nu eeggatu kan amannu maaliifi?

18 Yihowaan akkuma Israaʼeloonni yeroo itti hojjetanii fi boqotan akka qabaataniif qophii isaanii godhe yeroo Bulchiinsa Barkumee Kiristoosittis saba isaatiif akkasuma godha. Yeroon sochiiwwan hafuuraa itti raawwannus akka jiraatu hin shakkisiisu. Yeroo harʼaatti Waaqayyoon waaqeffachuun gammachuu argachuuf baayʼee barbaachisaa akkuma taʼe, addunyaa haaraa keessattis akkasuma taʼa. Yeroo Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti hundi keenya hojii gammachiisaa waan qabaannuuf, akkasumas Waaqayyoon waan tajaajilluuf ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi gammachuu ni qabaatu.

FAARFANNAA 142 Abdii Keenya Cimsinee Qabachuu

^ key. 5 Yihowaan Israaʼel durii keessatti bilisummaan akka labsamu qophii addaa godhee ture. Qophiin kunis Iyobeeliyuu jedhama. Kiristiyaanonni Seera Musee jala hin jiran; taʼus Iyobeeliyuun hiika guddaa nuuf qaba. Mata duree kana keessatti Iyobeeliyuun bara durii qophii Yihowaan nuuf godhe akkamitti akka nu yaadachiisuu fi qophii kana irraa akkamitti fayyadamuu akka dandeenyu ilaalla.

^ key. 61 IBSA FAKKII: Yeroo Iyobeeliyuutti namoonni garboota turan bilisa baʼuu, akkasumas gara maatii fi lafa isaaniitti deebiʼuu dandaʼu turan.