MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Onkoloolessa 2016

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Sadaasa 28 hanga Muddee 25, 2016⁠tti qoʼataman kan qabate dha.

SEENAA JIREENYAA

Anis Fakkeenya Gaarii Taʼuuf Carraaqqii Godheera

Obboloota bilchaatoo taʼan irraa jajjabinni argannu, galma faayidaa qabu akka baafannuu fi akka hordofnu nu gargaaruu dandaʼa. Toomaas Maakleeyin warri kaan akkamitti fakkeenya gaarii akka isaaf taʼanii fi innis warra kaan akkamitti akka gargaare dubbateera.

“Warra Ormaatti Gaarummaa Argisiisuu hin Dagatinaa”

Waaqayyo warra orma taʼan akkamitti ilaala? Namni biyya biraatii dhufe tokko gumii keessatti bilisummaan akka itti dhagaʼamu gargaaruuf maal gochuu dandeessa?

Biyya Biraatti Yeroo Tajaajiltan Karaa Hafuuraa Akka hin Miidhamne Of Eeggadhaa

Kiristiyaanonni hundi fayyaa hafuuraa ofii isaanii fi kan maatii isaaniitiif dursa kennuu qabu. Taʼus, biyya biraatti tajaajilaa kan jirtan yoo taʼe, rakkoowwan adda taʼantu isin mudatu.

‘Ogummaatti ni Jabaattaa’?

Ogummaan, beekumsaa fi hubannaa irraa adda kan taʼe akkamitti? Garaagarummaa isaanii beekuun si fayyaduu dandaʼa.

Amantii Wanta Abdattan Irratti Qabdan Jabeeffadhaa

Namoota amantii qabachuudhaan yeroo harʼaattis taʼe bara duriitti fakkeenyota gaarii nuuf taʼan irraa jajjabinaa argachuu dandeenya. Amantiin keessan cimaa taʼee akka itti fufuu gochuu kan dandeessan akkamitti?

Amantii Waadaawwan Yihowaan Gale Irratti Qabdan Hojiidhaan Argisiisaa

Amantiin maali dha? Keessumaa immoo, hojiidhaan argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

Kana Beektaa?

Warri Roomaa jaarraa jalqabaatti abbootii taayitaa Yihudootaatiif Yihudaa keessatti mirga hammamii kennu turan? Bara duriitti namni tokko maasii namaa irratti inkirdaada facaasa yaanni jedhu amansiisaa dhaa?