Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amantii Waadaawwan Yihowaan Gale Irratti Qabdan Hojiidhaan Argisiisaa

Amantii Waadaawwan Yihowaan Gale Irratti Qabdan Hojiidhaan Argisiisaa

“Amantiin . . . ragaa amansiisaa wantoonni dhugaa taʼan kan hin mulʼanne taʼanis jiraachuu isaanii kan argisiisu dha.”—IBR. 11:1, mil.

FAARFANNAA: 54, 43

1. Amantii Kiristiyaanonni qaban akkamitti ilaaluu qabna?

AMANTIIN Kiristiyaanonni qaban amala gatii guddaa qabu dha. Akkasumas wanta namni hundi qabu miti. (2 Tas. 3:2) Haa taʼu malee, Yihowaan waaqeffattoota isaa hundaaf “amantii” kenneera. (Rom. 12:3; Gal. 5:22) Namoonni amantii kana qaban hundi garaadhaa galateeffachuu qabu.

2, 3. (a) Namni amantii qabu eebbawwan akkamii argata? (b) Gaaffiiwwan kam qorra?

2 Yesuus Kiristoos, Abbaan isaa inni samii karaa Ilma Isaa namoota gara ofii isaatti akka harkisu dubbateera. (Yoh. 6:44, 65) Namni tokko Yesuus irratti amantii qabaachuun isaa immoo cubbuu isaatiif dhiifama akka argatu godha. Kun immoo Yihowaa wajjin bara baraaf walitti dhufeenya qabaachuuf abdii akka qabaannu godheera. (Rom. 6:23) Eebba kana argachuuf wanti nuti goone hin jiru. Cubbamoota waan taaneef, kan nuuf malu duʼa qofa ture. (Far. 103:10) Yihowaan garuu wanta gaarii hojjechuuf dandeettii akka qabnu keessa keenyatti argeera. Gaarummaa isaa isa guddaadhaan kakaʼee misiraachicha akka fudhannu godheera. Kanaafuu, jireenya bara baraa argachuuf, Yesuus Kiristoos irratti amantii qabnu hojiidhaan argisiisuu jalqabne.—1 Yohaannis 4:9, 10 dubbisi.

3 Haa taʼu malee, amantii jechuun maal jechuu dha? Eebbawwan Waaqayyo nuu fiduuf jedhu sammuutti qabachuu qofa dhaa? Hunda caalaa immoo, amantii keenya hojiidhaan argisiisuu kan qabnu karaawwan kamiini?

‘GARAA KEESSAN KEESSATTI AMANAA’

4. Amantiin beekumsa caalaa waan dabalatu qaba kan jennu maaliif akka taʼe ibsi.

4 Amantiin kaayyoo Waaqayyoo hubachuu caalaa waan dabalatu qaba. Humna namni tokko fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun akka jiraatu godhu dha. Namni tokko karaa Waaqayyo fayyina ittiin fidutti kan amanu yoo taʼe, misiraachicha warra kaanitti himuuf kakaʼa. Phaawulos ergamaan akkana jechuudhaan ibseera: “Yesuus Gooftaa akka taʼe afaan keetiin ifatti yoo lallabde, akkasumas Waaqayyo duʼaa akka isa kaase garaa keetti yoo amante ni fayyita. Sababiin isaas namni garaa isaatti amanee qajeelaa taʼa, afaan isaatiinis ifatti lallabee fayya.”—Rom. 10:9, 10; 2 Qor. 4:13.

5. Amantiin barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Cimaa taʼee akka itti fufu gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

5 Abdiin nuti addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti bara baraaf jiraachuuf qabnu, amantii qabaachuu fi amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu gochuu irratti kan hundaaʼe akka taʼe ifa dha. Akkuma biqiltuu tokko bishaan obaasuun barbaachisu, amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufu gochuun keenyas barbaachisaa dha. Biqiltuun lubbu qabeessa taʼe tokko biqiltuu namtolchee irraa haala adda taʼeen yeroo yerootti jijjiirama godha. Biqiltuun lubbu qabeessa taʼe bishaan yoo dhabe kan coolligu siʼa taʼu, walitti fufiinsaan jiidha yoo argate immoo dagaaguu isaa itti fufa. Biqiltuun gaarii taʼe tokko bishaan gaʼaa yoo dhabe suuta suuta duʼuu dandaʼa. Amantiin keenyas akkasuma dha. Yoo xiyyeeffannaan kennamuufii baate coolliguu fi duʼuu dandaʼa. (Luq. 22:32; Ibr. 3:12) Xiyyeeffannaa yoo kennineef garuu jiraataa taʼa; akkasumas “guddachaa” deema; nuti immoo “amantii cimaa” qabaanna.—2 Tas. 1:3; Tit. 2:2.

IBSA KITAABNI QULQULLUUN AMANTIIDHAAF KENNU

6. Ibroonni 11:1 amantiidhaaf ibsawwan akkamii lama kenna?

6 Ibsi Kitaabni Qulqulluun amantiidhaaf kennu Ibroota 11:1 (dubbisi) irratti argama. Amantiin, wantoota nutti hin mulʼanne lama irratti xiyyeeffata: (1) “Wanta abdatan”—kun wantoota hamma yoonaatti hin raawwatamnee fi gara fuulduraatti akka raawwataman waadaan nuuf galame kan dabalatu dha; fakkeenyaaf hammeenyi hundi badee addunyaa haaraan akka dhufu hin shakkinu. (2) ‘Wantoota dhugaa taʼanii fi hin mulʼanne.’ Yaada naannoo caqasa kanaa jiru irratti jechi Afaan Giriikii “ragaa” jedhamee hiikame, “ragaa amansiisaa” wantoonni hin mulʼanne jiraachuu isaanii argisiisu dha; fakkeenyaaf Waaqayyo, Yesuus Kiristoos, ergamoonnii fi wantoonni Mootummaan Waaqayyoo samii irratti raawwachaa jiru kan hin mulʼanne taʼanis kan jiran taʼuu isaa amanuu argisiisa. (Ibr. 11:3) Abdiin keenya jiraataa taʼuu isaa, akkasumas wantoota ijaan hin mulʼannee fi Dubbii Waaqayyoo keessatti dubbatamanitti akka amannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Dubbii keenyaa fi gocha keenyaan argisiisna; kana taʼuu baannaan amantiin keenya guutuu hin taʼu.

7. Fakkeenyi Noh amantii qabaachuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

7 Ibroonni 11:7, Noh inni “Waaqayyo wantoota hin argamne ilaalchisee akeekkachiisa erga isaaf kennee booda, amantiidhaan Waaqayyoon akka sodaatu argisiise” amantii akka qabu ni dubbata. Noh markaba baayʼee guddaa taʼe ijaaruudhaan amantii isaa hojiidhaan argisiiseera. Olloonni isaa markaba guddaa kana maaliif akka ijaaraa jiru akka isa gaafatan hin shakkisiisu. Noh ni callisee? Moo dhimmichi akka isaan hin galchine itti hime? Matumaa! Amantiin inni qabu ija jabinaan dhugaa akka baʼuu fi waaʼee guyyaa firdii Waaqayyoo dhufuuf jedhu namoota bara isaa jiraachaa turanitti akka himu isa kakaaseera. Tarii, Noh wantuma Yihowaan isatti hime kallattiidhaan namoota kanatti himee taʼuu dandaʼa; Yihowaan akkana jedheera: “Yeroon uumamni foon uffate hundinuu fuula koo duraa itti raawwatee dhumu ga’eera; lafti humnaan wal irratti kaʼuu isaaniitiin waan guuteef, . . . Ani uumama foon uffate, uumama lubbuu qabu hundumaas bantii waaqaa jalaa balleessuudhaaf bishaan badiisaa lafa irratti nan fida; wanti lafa irra jiraatu hundinuus in dhuma.” Akkasumas, Noh ajaja Waaqayyo “ati markabichatti in lixxa” jechuudhaan isaaf kenne hojii irra yoo oolchan qofa akka fayyan namoota sanatti akka hime hin shakkisiisu. Kanaafuu Noh, “isa qajeelummaa lallabu” taʼuudhaan amantii isaa caalaatti hojiidhaan argisiiseera.—Uma. 6:13, 17, 18; 2 Phe. 2:5.

8. Yaaqoob baratichi hiika amantii Kiristiyaanaa isa dhugaa ilaalchisee hafuuraan geggeeffamee maal barreesse?

8 Tarii, xalayaan Yaaqoob barreesse, Phaawulos hafuuraan geggeeffamee ibsa amantiidhaaf kenname erga barreessee yeroo muraasa booda kan barreeffame taʼuu hin oolu. Akkuma Phaawulos, Yaaqoobis amantiin Kiristiyaanonni qaban inni dhugaan amanuu qofa utuu hin taʼin, wanta hojiidhaan argisiifamuu qabu akka taʼe ibseera. Yaaqoob akkana jedhee barreesseera: “Amantii kee hojii irraa addaan baasii natti argisiisi, ani immoo amantii koo hojiidhaan sitti nan argisiisa.” (Yaq. 2:18) Yaaqoob itti fufuudhaan garaa garummaa wanta tokko akkasumaan amanuu fi amantii qaban hojiidhaan argisiisuu gidduu jiru mulʼiseera. Jinniiwwan illee Waaqayyo jiraachuu isaa beeku; garuu amantii dhugaa hin qaban. Kanaafuu, kaayyoo Waaqayyoo ni mormu. (Yaq. 2:19, 20) Faallaa kanaatiin, Yaaqoob nama amantii qabu tokko ilaalchisee akkana jedhee gaafate: “Abbaan keenya Abrahaam ilma isaa Yisihaaqiin iddoo aarsaa irratti erga dhiheessee booda qajeelaa jedhamee kan waamame hojiidhaan hin turree? Amantiin isaa hojii isaa wajjin hojjechaa akka turee fi amantiin isaa hojii isaatiin guutuu akka taʼe ni argita.” Achiis Yaaqoob amantiin hojiidhaan argisiifamuu akka qabu mulʼisuuf akkana jedhe: “Akkuma qaamni hafuura hin qabne duʼaa taʼe, amantiin hojii hin qabnes akkuma kana duʼaa dha.”—Yaq. 2:21-23, 26.

9, 10. Yohaannis ergamaan amantii keenya hojiidhaan argisiisuun barbaachisaa taʼuu isaa kan ibse akkamitti?

9 Gara waggaa soddomaa booda immoo, Yohaannis ergamaan Wangeela isaa fi xalayaawwan sadii barreesse. Yaada barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu kaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii amantii dhugaa Kiristiyaanonni qabaachuu qaban ilaalchisee barreessan ni deggeraa laata? Yohaannis, barreessitoota Kitaaba Qulqulluu kaan irraa haala adda taʼeen, jecha Afaan Giriikii yeroo tokko tokko “amanuu” ykn “amantii hojiidhaan argisiisuu” jedhamee hiikamutti fayyadameera.

10 Fakkeenyaaf, Yohaannis ergamaan akkana jedhee ibseera: “Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba; Ilmaaf kan hin ajajamne garuu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.” (Yoh. 3:36) Amantii dhugaan ajajawwan Yesuusiif akka ajajamnu hojiidhaan argisiisuu gaafata. Yohaannis, amantii keenya hojiidhaan argisiisuun wanta itti fufiinsaan gochuu qabnu taʼuu isaa ilaalchisee yaada Yesuus dubbate yeroo baayʼee caqaseera.—Yoh. 3:16; 6:29, 40; 11:25, 26; 14:1, 12.

11. Dhugaa beekuu keenyaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Yihowaan dhugaa nu hubachiisuuf hafuura qulqulluutti fayyadamuu isaatiif, akkasumas misiraachicha irratti amantii akka qabaannu nu dandeessisuu isaatiif isa galateeffachuu qabna. (Luqaas 10:21 dubbisi.) Yihowaan karaa ilma isaa isa “Bakka Buʼaa Guddaa fi Fiixaan Baasaa amantii keenyaa” taʼeen ofitti nu harkisuu isaatiif isa galateeffachuu irraa duubatti jechuu hin qabnu. (Ibr. 12:2) Gaarummaa guddaa akkanaatiif dinqisiifannaa qabnu argisiisuuf, kadhachuudhaan, akkasumas Dubbii Waaqayyoo qoʼachuudhaan amantii keenya jabeeffachuu qabna.—Efe. 6:18; 1 Phe. 2:2.

Carraa argattan hundatti misiraachicha lallabuudhaan amantii keessan hojiidhaan argisiisaa (Keeyyata 12 ilaali)

12. Karaawwan kamiin amantii keenya hojiidhaan argisiisuu qabna?

12 Waadaawwan Yihowaan nuuf gale irratti amantii qabnu hojiidhaan argisiisuu keenya itti fufuu qabna. Kana kan goonus ifatti taʼuu qaba. Fakkeenyaaf, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabuu keenyaa fi hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuu keenya itti fufuu qabna. Akkasumas, “namoota hundumaaf keessumaa immoo warra amantiidhaan nutti firoomaniif wanta gaarii haa goonu.” (Gal. 6:10) Kana malees, wantoota karaa hafuuraa nu dadhabsuu dandaʼan kam irraa iyyuu fagaachuudhaan, ‘namummaa moofaa gochawwan isaa hundumaa wajjin of irraa baasnee gatuu’ qabna.—Qol. 3:5, 8-10.

AMANTIIN WAAQAYYO IRRATTI QABNU BUʼUURA KEENYA DHA

13. ‘Waaqayyotti amanuun’ barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kitaaba Qulqulluu keessatti hoo maalitti fakkeeffame? Maaliif?

13 Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddataniif gatii isaanii akka kennu amanuu qaba.” (Ibr. 11:6) Dubbiin Waaqayyoo, ‘Waaqayyotti amanuun’ nama Kiristiyaana dhugaa taʼuu barbaaduu fi taʼee itti fufuu barbaadu hundaaf wantoota “buʼuura” taʼan keessaa tokko akka taʼe dubbata. (Ibr. 6:1) Kiristiyaanonni, ‘jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf,’ amalawwan barbaachisoo taʼan kaan ‘amantii isaanii irratti dabaluu’ qabu.—2 Pheexiros 1:5-7 dubbisi; Yih. 20, 21.

14, 15. Jaalalaa wajjin wal bira qabnee yommuu ilaallu amantiin hammam barbaachisa?

14 Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu irra deddeebiʼanii amantii caqasuun isaanii amalli kun barbaachisaa akka taʼe mulʼisa. Amalawwan Kiristiyaanaa kaan keessaa amalli akka amantiitti yeroo baayʼee ibsame hin jiru. Kana jechuun garuu, amantiin amalawwan Kiristiyaanaa kaan caala jechuu dhaa?

15 Phaawulos amantii fi jaalala wal bira qabee yeroo ibsu akkana jedhee barreesseera: “Amantii gaarota iddoo isaaniitii sochoosu yoon qabaadhe illee, jaalala hin qabu taanaan garuu ani gatii hin qabu.” (1 Qor. 13:2) Yesuus gaaffii, “Seericha keessaa ajajni hunda irra caalu isa kami?” jedhuuf yeroo deebii kennetti, amalli hunda caalaa barbaachisaa taʼe jaalala Waaqayyoof qabnu taʼuu isaa ibseera. (Mat. 22:35-40) Jaalalli, amantii dabalatee amalawwan Kiristiyaanonni qabaachuu qaban of keessatti qabata. Kitaabni Qulqulluun “Jaalalli . . . waan hundumaa amana” jedha. Jaalalli, wantoota Waaqayyo Dubbii isaa isa dhugaa taʼe keessatti dubbate irratti amantii qaba.—1 Qor. 13:4, 7.

16, 17. Amantii fi jaalalli Kitaaba Qulqulluu keessatti wal bira qabamee kan ibsame akkamitti? Taʼus amala isa kamtu caala? Maaliif?

16 Jaalallii fi amantiin barbaachisaa waan taʼeef, barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu amaloota lamaan kana yeroo baayʼee hima ykn gaalee tokko keessatti itti fayyadamaniiru. Phaawulos obboloonni isaa ‘gaachana qomaa amantii fi jaalalaa akka uffatan’ gorseera. (1 Tas. 5:8) Pheexiros akkana jedhee barreesseera: “Isin matumaa [Yesuusiin] argitanii kan hin beekne taʼus isa ni jaallattu. Amma isa kan hin argine yoo taʼe illee isatti ni amantu.” (1 Phe. 1:8) Yaaqoob immoo obboloota isaa dibamtoota taʼan akkana jedhee gaafateera: “Waaqayyo amantiidhaan sooreyyii akka taʼanii fi Mootummaa isa inni warra isa jaallataniif abdachiise akka dhaalaniif namoota akka ilaalcha addunyaatti hiyyeeyyii taʼan hin filannee?” (Yaq. 2:5) Yohaannis akkana jedhee barreesseera: “Ajajni [Waaqayyoo] isa kana: kunis maqaa Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka amannuu fi akkuma inni ajaja nuu kennetti akka wal jaallannu dha.”—1 Yoh. 3:23.

17 Amantiin barbaachisaa taʼus, waadaawwan Waaqayyo nuuf gale yeroo raawwatamanii fi abdiin keenya yeroo nuuf dhugoomu ni hafa. Jaalalli nuti Waaqayyoo fi namootaaf qabnu garuu matumaa hin badu. Phaawulos akkana jedheera: “Haa taʼu malee, wantoonni sadan kun yeroo hundumaa jiraatu, isaanis amantii, abdii fi jaalala dha; isaan keessaa inni hunda irra caalu garuu jaalala dha.”—1 Qor. 13:13.

HAALA AMANTII AKKA QABNU ARGISIISU

18, 19. Yeroo harʼaatti haala amantii akka qabnu argisiisu akkamii argaa jirra? Kanaaf ulfina argachuu kan qabu hoo eenyu dha?

18 Bara keenyatti, sabni Yihowaa amantii Mootummaa Waaqayyoo isa hundeeffame irratti qaban hojiidhaan argisiisaa jiru. Kun immoo addunyaa maratti jannanni hafuuraa miseensota miliyoona saddeetii ol taʼan of keessatti qabate akka argamu godheera. Iddoon kun iddoo firii hafuura Waaqayyootiin guutame dha. (Gal. 5:22, 23) Kun jaalalaa fi amantii akka qabnu akka gaariitti kan argisiisu dha!

19 Kun taʼuu kan dandaʼe humna namaatiin miti. Kana kan raawwate Waaqa keenya dha. Hojiin dinqisiisaan kun ‘maqaan Yihowaa akka beekamu godha; milikkita bara baraan hin badnes in ta’a.’ (Isa. 55:13) Dhuguma iyyuu, ‘karaa amantii keenyaa fayyuun’ keenya “kennaa Waaqayyoo” ti. (Efe. 2:8) Hamma lafti namoota hirʼina hin qabne, qajeeloo fi gammadoo taʼaniin guutamtutti, jannanni hafuuraa keenya guddachuu fi dagaaguu isaa itti fufa; kun immoo maqaa Yihowaatiif bara baraaf ulfina argamsiisa. Waadaawwan Yihowaan nuuf gale irratti amantii qabnu hojiidhaan argisiisuu keenya itti haa fufnu!