Amantii Wanta Abdattan Irratti Qabdan Jabeeffadhaa
“Amantiin wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu jechuu dha.”—IBR. 11:1.
FAARFANNAA: 54, 55
1, 2. (a) Abdii dinqisiisaan Kiristiyaanonni dhugaan qaban kan warra kaanii irraa adda kan taʼe akkamitti? (b) Gaaffiiwwan barbaachisoo akkamii qorra?
KIRISTIYAANONNI dhugaan hundi abdii dinqisiisaa taʼe qabu! Dibamtootas taane “hoolota kan biraa,” hundi keenya iyyuu kaayyoon Waaqayyoo inni jalqabaa yommuu raawwatamuu fi maqaan Yihowaa yommuu qulqullaaʼuu arguuf abdiidhaan eegganna. (Yoh. 10:16; Mat. 6:9, 10) Abdiin nuti eeggannu kun wantoota namoonni eeggatan hunda kan caalu dha. Akkasumas, kutaa ‘samiiwwan haaraas’ taane kutaa “lafa haaraa,” waadaa jireenya bara baraatiif nuuf galame hawwiidhaan eegganna. (2 Phe. 3:13) Hamma yeroo sanaatti immoo, sabni Waaqayyoo karaa hafuuraa badhaadhuu isaanii akka itti fufan ni abdanna.
2 Namoonni kaanis wanta abdatan kan qaban taʼus, raawwii kan argatu taʼuu isaa mirkanaaʼoo miti taʼa. Fakkeenyaaf, namoonni qumaara taphatanii fi miliyoonaan lakkaaʼaman lootarii akka moʼan abdatu taʼa; garuu matumaa mirkanaaʼoo taʼuu hin dandaʼan. Amantii dhugaa qabaachuun garuu, abdii keenya ‘mirkanaaʼaa taanee eeggachuu’ jechuu dha. (Ibr. 11:1) Haa taʼu malee, wanti abdattan caalaatti mirkanaaʼaa taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Wanta abdattan irratti amantii cimaa qabaachuun keessan hoo faayidaa akkamii argamsiisa?
3. Amantiin Kiristiyaanaa maal irratti kan hundaaʼe dha?
3 Amantiin amala namoonni cubbamoo taʼan qabaatanii dhalatan Gal. 5:22) Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan amantii akka qabu ykn amantiin akka isa barbaachisu hin dubbatu. Yihowaan hundumaa kan dandaʼuu fi ogeessa waan taʼeef, wanti kam iyyuu akka inni kaayyoo isaa hin raawwanne gochuu hin dandaʼu. Abbaan keenya inni samii eebbawwan waadaa gale hunda dhugaa akka taʼanitti waan ilaaluuf, raawwii isaanii akka argatan mirkanaaʼaa dha. Kanaafuu, “Raawwatamaniiru!” jedheera. (Mulʼata 21:3-6 dubbisi.) Amantiin Kiristiyaanotaa Yihowaa isa “Waaqayyo amanamaa” taʼee fi wanta waadaa gale yeroo hunda raawwatu irratti kan hundaaʼe dha.—Kes. 7:9.
miti; akkasumaan kan argamus miti. Amantii argachuuf garaan keenya hafuura qulqulluudhaan akka geggeeffamu heyyamuu qabna. (FAKKEENYOTA AMANTII BARA DURII IRRAA BARACHUU
4. Dhiironnii fi dubartoonni bara Kiristiyaanotaa dura turan abdii akkamii qabu turan?
4 Kitaaba Ibrootaa boqonnaa 11 irratti maqaan dhirootaa fi dubartoota amantii qaban 16 tarreeffameera. Barreessaan kitaaba kanaa hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, namoonni kunii fi warri kaan “sababii amantii isaaniitiin dhugaa kan isaaniif baʼame” akka taʼan caqaseera. (Ibr. 11:39) Hundi isaanii iyyuu, Waaqayyo fincila Seexanaa akka balleessuu fi kaayyoo isaa isa jalqabaa galmaan gaʼuuf “sanyii” abdachiifame sana akka kaasu ‘mirkanaaʼaa taʼanii eeggachaa’ turan. (Uma. 3:15) Namoonni amanamoon kun ‘sanyiin’ abdachiifame, jechuunis Yesuus Kiristoos jireenya samiitiif karaa utuu hin banin duʼan. (Gal. 3:16) Taʼus, waadaan Yihowaan gale utuu hin raawwatamin waan hin hafneef, duʼaa kaʼanii namoota mudaa hin qabne taʼuudhaan lafa irra jiraatu.—Far. 37:11; Isa. 26:19; Hos. 13:14.
5, 6. Abrahaamii fi miseensonni maatii isaa maal abdiidhaan eeggachaa turan? Amantii cimaa qabaachuu kan dandaʼan hoo akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
5 Namoota bara Kiristiyaanotaa dura jiraatan tokko tokko ilaalchisee Ibroonni 11:13 akkana jedha: “Namoonni kun hundi amantii isaanii eeganii kan duʼan taʼanis, abdiiwwan sun yommuu raawwataman hin argine; kanaa mannaa fagootti ilaalanii isaan simatan.” Namoota kana keessaa tokko Abrahaam ture. Abrahaam abdii gammachiisaa bulchiinsa “sanyii” abdachiifamee jalatti argamu hawwiidhaan eeggateeraa? Yesuus mormitoota isaatiin, “Abrahaam abbaan keessan guyyaa koo arguuf gammachuu guddaadhaan eeggachaa ture, guyyaa koo argees gammadeera” jechuudhaan gaaffii kanaaf deebii ifa taʼe kenneera. (Yoh. 8:56) Haalli Saaraa, Yisihaaq, Yaaqoobii fi namoota Mootummicha “isa Waaqayyo pilaanii isaa qopheessee fi ijaare” abdiidhaan eeggachaa turan kaaniis akkasuma ture.—Ibr. 11:8-11.
6 Abrahaamii fi maatiin isaa amantii cimaa qabaachuu kan dandaʼan akkamitti? Tarii maanguddoota amanamoo taʼan dhaggeeffachuudhaan, mulʼata Waaqayyo isaanitti mulʼiseen ykn immoo barreeffamoota amansiisaa bara durii turan dubbisuudhaan waaʼee Waaqayyoo baratanii taʼuu dandaʼa. Hunda caalaa immoo, wanta baratan irraanfachuu mannaa, waadaawwan Waaqayyoo fi ulaagaalee isaatiif iddoo guddaa kennaniiru, akkasumas irratti xiinxalaniiru. Abdiin dhiironnii fi dubartoonni kun qaban mirkanaaʼaa waan tureef, Waaqayyoof amanamoo taʼanii itti fufuuf rakkina isaan mudatu kam iyyuu keessa darbuuf qophaaʼanii turan.
7. Yihowaan amantii keenya akka guddifannu nu gargaaruuf gaarummaadhaan kakaʼee qophiiwwan akkamii nuu godhe? Qophiiwwan kanatti hoo akkamitti fayyadamuu qabna?
7 Yihowaan amantiin keenya cimaa taʼee akka itti fufuuf, Dubbii isaa kan taʼe Kitaaba Qulqulluu nuu kenneera. “Gammachuu” argachuuf, akkasumas wanti hundi ‘akka wal nuu qixxaatuuf,’ yoo dandaʼame Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaatti dubbisuu qabna. (Far. 1:1-3; Hojii Ergamootaa 17:11 dubbisi.) Achiis, akkuma waaqeffattoota Yihowaa bara Kiristiyaanotaa dura turanii, waadaawwan Waaqayyo gale irratti xiinxaluu fi wantoota inni nu irraa barbaadu hojii irra oolchuu qabna. Akkasumas, Yihowaan ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadamee nyaatawwan hafuuraa hedduu nuu kennuudhaan nu eebbiseera. (Mat. 24:45) Kanaafuu, wanta qophii hafuuraa Yihowaan nuu godhe irraa barannuuf bakka guddaa kennuudhaan, akka fakkeenyota amantii durii abdii Mootummichaa ‘mirkanaaʼaa taʼanii eeggachaa’ turanii taʼuu dandeenya.
8. Kadhannaan amantii keenya nuu jabeessuu kan dandaʼu akkamitti?
8 Kadhannaanis dhugaa baatonni bara Kiristiyaanotaa dura turan amantii isaanii akka eeggatan isaan gargaareera. Waaqayyo kadhannaa isaaniitiif deebii yeroo kennu arguun isaanii amantii isaanii jabeesseeraaf. (Nah. 1:4, 11; Far. 34:4, 15, 17; Dan. 9:19-21) Nutis Yihowaan akka nu dhagaʼuu fi gammachuudhaan akka obsinu akka nu gargaaru beekuudhaan wanta nu dhiphisu isatti himachuu dandeenya. Achii, kadhannaan keenya yeroo deebii argatu amantiin keenya ni jabaata. (1 Yohaannis 5:14, 15 dubbisi.) Amantiin firii hafuuraa keessaa tokko waan taʼeef, akkuma Yesuus nu jajjabeesse hafuura Waaqayyoo argachuuf ‘kadhachuu keenya itti fufuu’ qabna.—Luq. 11:9, 13.
9. Ofii keenyaaf qofa utuu hin taʼin eenyuufis kadhachuu qabna?
9 Haa taʼu malee, kadhannaan keenya gargaarsa Waaqayyoo gaafachuu irratti qofa kan xiyyeeffate taʼuu hin qabu. ‘Gochi dinqisiisaan’ guyyaa guyyaadhaan Yihowaa itti galateeffachuu fi jajachuu dandeenyu ‘lakkaaʼamuu hin dandaʼu!’ (Far. 40:5) Akkasumas kadhannaan keenya, ‘akkuma isaanii wajjin hidhamnee jirru goonee yaaduudhaan warra mana hidhaa keessa jiran yeroo hunda akka yaadannu’ kan argisiisu taʼuu qaba. Kana malees, obboloota keenya addunyaa maratti argaman, keessattuu “warra [nu] gidduutti geggeessitoota taʼan” ilaalchisee kadhachuu qabna. Yihowaan kadhannaa nuti tokkummaadhaan dhiheessinuuf deebii kennuu isaa yeroo arginu amantiin isa irratti qabnu ni jabaata!—Ibr. 13:3, 7.
EJJENNOO ISAANII HIN LAAFFISNE
10. Tajaajiltoota Waaqayyoo ejjennoo isaanii laaffisuu didan keessaa fakkeenyota kamfaa qabna? Kana akka godhaniif wanti jabina isaaniif kennee hoo maali dha?
10 Phaawulos ergamaan Ibroota boqonnaa 11 irratti, waaʼee qorumsa tajaajiltoonni Waaqayyoo hedduun maqaan isaanii hin caqasamne obsaan keessa darbanii dubbateera. Fakkeenyaaf, Phaawulos dubartoonni amantii qaban tokko tokko ilmaan isaanii akka jalaa duʼanii fi yeroo booda duʼaa akka kaafaman dubbateera. Itti fufee immoo, namoonni kaan ‘duʼaa kaʼuu isa caalu argachuuf jecha furii kaffalanii gadhiifamuu akka didan’ caqaseera. (Ibr. 11:35) Phaawulos waaʼee eenyuu dubbachaa akka jiru mirkanaaʼoo taʼuu baannus, namoonni akka Naabotii fi Zakaariyaas, Waaqayyoof ajajamuu fi fedhii isaa raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe dhagaadhaan ajjeefamaniiru. (1 Mot. 21:3, 15; 2 Sen. 24:20, 21) Daaniʼelii fi michoonni isaa ejjennoo isaanii laaffisanii ‘gadhiifamuuf’ carraa qabu turan. Isaan garuu, humna Waaqayyoo irratti amantii waan qabaniif, ‘afaan leencotaa cufuu’ fi ‘humna ibiddaa dhaamsuu’ dandaʼaniiru.—Ibr. 11:33, 34; Dan. 3:16-18, 20, 28; 6:13, 16, 21-23.
11. Raajonni tokko tokko sababa amantii isaaniitiin kan kaʼe qorumsawwan akkamiitu isaan mudate?
11 Raajonni kan akka Miikiyaasii fi Ermiyaas sababa amantii isaaniitiin kan kaʼe, “itti qoosamuu fi . . . mana hidhaa galuudhaan qoramaniiru.” Warri akka Eliyaas immoo, “lafa onaa keessa, gaarota irra, akkasumas holqaa fi boolla keessa jooraniiru.” Hundi isaanii iyyuu ‘wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii waan eeggataniif,’ jabaatanii dhaabachuu dandaʼaniiru.—Ibr. 11:1, 36-38; 1 Mot. 18:13; 22:24-27; Er. 20:1, 2; 28:10, 11; 32:2.
12. Qorumsawwan moʼuudhaan fakkeenya guddaa kan nuuf taʼu eenyu dha? Akkas gochuuf wanti isa gargaare hoo maali dha?
12 Phaawulos waaʼee dhiirotaa fi dubartoota amantii qaban garaa garaa erga dubbatee booda, gama kanaan waaʼee qaama fakkeenya guddaa nuuf taʼu tokkoo, jechuunis waaʼee Yesuus Kiristoos ibse. Ibroonni12:2 akkana jedha: “Inni gammachuu isa dura jiruuf jedhee salphina isa irra gaʼe tuffatee muka dhiphinaa irratti hanga duʼaatti jabaatee dhaabateera; akkasumas mirga teessoo Waaqayyoo taaʼeera.” Dhuguma iyyuu, fakkeenya Yesuus isa qorumsawwan baayʼee ulfaatoo taʼan moʼuu dandaʼee irratti ‘akka gaariitti yaaduu’ qabna. (Ibroota 12:3 dubbisi.) Kiristiyaanonni amantii isaaniitiif jedhanii wareegaman kan akka Antiiphaas, akkuma Yesuus ejjennoo isaanii laaffisuu didaniiru. (Mul. 2:13) Namoonni kun duʼaa kaʼanii samii irra jiraachuuf abdii qabu; duʼaa kaʼuun kun, ‘duʼaa kaʼuu isa caaluu’ fi namoonni amantii qaban durii eeggachaa turan irra kan caalu dha. (Ibr. 11:35) Mootummichi bara 1914tti hundeeffamee yeroo muraasa booda, Kiristiyaanonni dibamoon amanamummaa isaanii eeganii duʼan hundi, samii irratti mootota taʼanii Yesuusii wajjin ilmaan namootaa bulchuuf, qaama hafuuraa uffatanii duʼaa kaʼaniiru.—Mul. 20:4.
NAMOOTA AMANTII CIMAA QABACHUUDHAAN YEROO HARʼAATTI FAKKEENYA NUUF TAʼAN
13, 14. Ruudoolf Giraayikan irra qorumsawwan akkamiitu gaʼe? Jabaate akka dhaabatu kan isa gargaare hoo maali dha?
13 Yeroo harʼaatti, namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi Waaqayyoon waaqeffatan, abdii isaanii irratti xiyyeeffachuudhaan, akkasumas rakkoowwan isaan mudatan amantii isaanii akka hin laaffisne gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofaa jiru. Fakkeenyaaf, muuxannoo Ruudoolf Giraayikan isa bara 1925tti Jarmaniitti dhalatee haa ilaallu. Fakkiiwwan yaada Kitaaba Qulqulluu ibsanii fi keenyan mana isaa irratti fannifamanii turan ni yaadata. Akkana jedhee barreesseera: “Fakkiin tokko yeeyyii fi hoolaan, ilmoon reʼee fi qeerransi, jabbii fi leenci nagaadhaan yommuu waliin ciisanii fi mucaa xinnoon yommuu isaan tiksu argisiisa. . . . Fakkiiwwan akkanaa kun baayʼee na gammachiisu turan.” (Isa. 11:6-9) Ruudoolf, waggoota hedduudhaaf, jalqaba bulchiinsa Geestaappoo Naaziitiin, yeroo booda immoo Istaazii (basaastota) Koomunistii Baha Jarmaniitti argamuun ariʼatamni cimaan yoo isa irra gaʼe iyyuu, amantii cimaa bara baraaf lafa irra jiraachuuf qabu hin laaffisne.
14 Qorumsi cimaan Ruudoolf irra gaʼe kan biraanis jira. Haati isaa baayʼee jaallatu dhukkuba taayifasiitiin kan kaʼe mana hidhaa Raavanisbiruuk keessatti jalaa duuteetti. Akkasumas abbaan isaa amantiin isaa waan laafeef, Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu isaa ganuudhaan waraqaa tokko irratti mallatteessee ture. Ruudoolf mana hidhaatii erga baʼee booda, daawwataa ol aanaa aanaa taʼee kan tajaajile siʼa taʼu, achiis Mana Barumsaa Giilʼaaditti afeerameera. Chiiliitti misiyoonii taʼee kan ramadame taʼuu isaa irra iyyuu, achittis daawwataa ol aanaa aanaa taʼee tajaajileera. Haa taʼu malee, qorumsi Ruudoolf irra gaʼe ittuma fufe. Obboleettii misiyoonii taatee fi Paatisii jedhamtu fuudhee waggaa tokko erga turee booda, intalli isaanii daaʼimummaa ishiitti jalaa duute. Yeroo booda immoo, haati manaa isaa jaallatamtuun umurii waggaa 43tti jalaa duute. Ruudoolf qorumsa kana hunda keessa jabaatee dhaabateera; akkasumas, kan dulloomee fi kan dhukkubsatu taʼus, yeroo seenaan jireenyaa isaa Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 1997, fuula 20-25 (Afaan Oromootiin hin argamu) irratti baʼetti qajeelchaa yeroo hundaa fi jaarsa taʼee tajaajilaa ture. [1]
15. Bara keenyatti fakkeenya Dhugaa Baatota Yihowaa ariʼatama keessa jabaatanii dhaabatan akkamii qabna?
15 Dhugaa Baatonni Yihowaa ariʼatamni cimaan walitti fufee yoo isaan irra gaʼe iyyuu abdii isaaniitti gammaduu isaanii itti fufu. Fakkeenyaaf, obboloonni keenya Ertiraa, Singaappoorii fi Kooriyaa Kibbaa keessatti argaman hedduun, gorsa Yesuus goraadee akka hin luqqifanne kenne hojii irra oolchuu isaaniitiin kan kaʼe hidhamanii jiru. (Mat. 26:52) Yisihaaq, Nagada fi Phaawulos warri waggoota 20 oliif mana hidhaa Ertiraa keessa jiran, hidhamtoota hedduu kana keessaa muraasa dha! Obboloonni kun warra isaanii dullooman deggeruu, akkasumas gaaʼela godhachuu kan hin dandeenyee fi rakkinni hedduun kan isaan irra gaʼu taʼus amanamoo taʼanii itti fufaniiru. Weebsaayitii keenya jw.org irratti akkuma argamu, fuulli isaanii inni ifaan amantii cimaa akka qaban argisiisa. Warri isaan eegan illee isaan kabajuu jalqabaniiru.
16. Amantii cimaan eegumsa kan siif taʼu akkamitti?
16 Dhugaa Baatota Yihowaa hedduu irra ariʼatamni cimaan hin geenye taʼa. Qorumsi amantii isaan irra gaʼu garaa gara dha. Hedduun isaanii hiyyummaan, waraanni biyya keessaa ykn immoo balaawwan uumamaa utuma jiranii jabaatanii dhaabachuun isaan barbaachiseera. Warri kaan immoo akkuma Musee fi abbootii amantii kaanii, jireenya qananii ykn beekkamtii addunyaa keessa jiru dhiisaniiru. Qorumsa qabeenya akka ariʼanii fi of irratti qofa akka xiyyeeffataniif isaan irra gaʼuu wajjin walʼaansoo cimaa godhu. Kana akka godhan wanti isaan dandeessise maali dha? Yihowaa waan jaallataniif, akkasumas waadaa inni jalʼina hambisuu fi tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatu keessatti jireenya bara baraa isaaniif kennuudhaan isaan eebbisuuf gale irratti amantii cimaa qabaachuu isaanii ti.—Faarfannaa 37:5, 7, 9, 29 dubbisi.
17. Maal gochuuf murteessite? Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?
17 Mata duree kana keessatti, waadaawwan Waaqayyo gale irratti xiinxaluunii fi yeroo hunda kadhachuun amantii keenya akka jabeessu ilaalleerra. Kun immoo, abdii Kiristiyaanotaa ‘mirkanaaʼaa taanee eeggachuudhaan,’ qorumsa amantii nu irra gaʼu hunda obsaan dandaʼuuf nu gargaara. Mata duree itti aanu irratti immoo, ibsa dabalataa Kitaabni Qulqulluun amantiidhaaf kennu ilaalla.
^ [1] (keeyyata 14) Akkasumas, mata duree “Qorumsi yoo Natti Baayʼate Iyyuu Abdiin Koo hin Dukkanoofne” jedhuu fi seenaa jireenyaa Andiree Haanaak isa Siloovaakiyaatti argamuu qabate Dammaqaa! Caamsaa 2002 (Amaariffa) irraa ilaali.