Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Biyya Biraatti Yeroo Tajaajiltan Karaa Hafuuraa Akka hin Miidhamne Of Eeggadhaa

Biyya Biraatti Yeroo Tajaajiltan Karaa Hafuuraa Akka hin Miidhamne Of Eeggadhaa

“Waan ati jette garaa koo keessa kaaʼadheera.”—FAR. 119:11.

FAARFANNAA: 142, 47

1-3. (a) Haala akkamii keessa iyyuu yoo jiraanne, wanti dursa kennuufii qabnu maal taʼuu qaba? (b) Obboloonni qooqa haaraa barachaa jiran rakkinoota adda taʼan akkamiitu isaan mudata? Kun hoo gaaffiiwwan akkamii kaasa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

YEROO harʼaatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun raajii misraachichi “saboota, gosoota, qooqawwanii fi namoota hundumaaf” akka lallabamu dubbatame irratti ciminaan hirmaachaa jiru. (Mul. 14:6) Ati namoota qooqa haaraa barachaa jiran keessaa tokko dhaa? Tarii immoo, misiyoonii taatee ykn biyya alaa iddoo gargaarsi caalaatti barbaachisu deemtee tajaajilaa ykn biyyuma dhalootaa keetti gumii afaan biraatiin geggeeffamu irratti argamaa jirtaa?

2 Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, fayyaa hafuuraa ofii keenyaafis taʼe kan maatii keenyaatiif dursa kennuu qabna. (Mat. 5:3) Yeroo tokko tokko garuu, hojiin waan nutti baayʼatuuf, qoʼannaa dhunfaa itti yaadame godhachuun illee nutti ulfaachuu dandaʼa taʼa. Obboloota naannoo biraa deemanii tajaajilan immoo rakkina kan biraatu mudata.

3 Obboloonni naannoo haaraa deemanii tajaajilan qooqa haaraa barachuun isaan barbaachisa; garuu, nyaata hafuuraa jabaa taʼe haala dhaabbataa taʼeen of sooruu qabu. (1 Qor. 2:10) Qooqa gumii isaanii keessatti dubbatamu sirriitti utuu hin hubatin kana gochuu kan dandaʼan akkamitti? Warri Kiristiyaanota taʼan Dubbiin Waaqayyoo garaa ijoollee isaanii akka tuqu gochuu kan qaban hoo maaliifi?

WANTA KARAA HAFUURAA NU MIIDHUU DANDAʼU

4. Wanti fayyaa hafuuraa keenya miidhuu dandaʼu maali dha? Fakkeenya kenni.

4 Dubbiin Waaqayyoo qooqa biraatiin nuu galuu dhiisuun isaa, karaa hafuuraa nu miidhuu dandaʼa. Dh.K.D. jaarraa shanaffaatti Nahimiyaan ijoollee Yihudoota boojuu Baabilon irraa deebiʼanii keessaa tokko tokko Afaan Ibrootaa dubbachuu akka hin dandeenye yeroo beeku baayʼee yaaddaʼee ture. (Nahimiyaa 13:23, 24 dubbisi.) Ijoolleen kun, hiika Dubbii Waaqayyoo guutummaatti hubachuu waan hin dandeenyeef, akka tajaajiltoota Waaqayyootti deddeebiʼuun isaanitti ulfaatee ture.—Nah. 8:2, 8.

5, 6. Kiristiyaanonni ijoollee qabanii fi naannoo afaan kan biraan dubbatamutti tajaajilan tokko tokko maal hubataniiru? Rakkinni jiru hoo maali dha?

5 Warri Kiristiyaana taʼanii fi naannoo afaan kan biraan dubbatamutti tajaajilan tokko tokko, fedhiin ijoolleen isaanii dhugaadhaaf qaban akka bade hubataniiru. Ijoolleen kun wanta walgaʼii irratti jedhamu guutummaatti hubachuu waan hin dandeenyeef, barumsawwan hafuuraa Galma Mootummaa keessatti dhihaatan garaa isaanii hin tuqan turan. Peedroon [1] inni maatii isaa qabatee Ameerikaa Kibbaatii gara Awustiraaliyaa deeme, “Dhimmoota hafuuraa irratti yeroo mariʼattan garaa fi miirri keessan tuqamuu qaba” jedheera.—Luq. 24:32.

6 Yeroo afaan kan biraatiin waa dubbisnu, akka yeroo afaan keenyaan dubbisnuutti garaan keenya hin tuqamu taʼa. Kana malees, afaan kan biraatiin sirriitti walii galuu dadhabuun keenya sammuu keenya irras taʼe fayyaa hafuuraa keenya irra miidhaa geessisuu dandaʼa. Kanaafuu, fedhii qooqa kan biraatiin lallabuuf qabnu yeroo guuttannutti, karaa hafuuraa akka hin miidhamne of eeggachuun keenyas barbaachisaa dha.—Mat. 4:4.

KARAA HAFUURAA AKKA HIN MIIDHAMNE OF EEGGATANIIRU

7. Warri Baabilon, Daaniʼel aadaa fi amantii isaanii akka fudhatu gochuu kan yaalan akkamitti?

7 Daaniʼelii fi hiriyoonni isaa boojuudhaan yeroo fudhatamanitti, warri Baabilon “afaan warra Kaldootaa” isaan barsiisuudhaan aadaa isaanii akka fudhatan gochuu yaalanii turan. Kana malees, angafni hojjettootaa leenjii isaaniif kennamu hordofaa ture maqaa warra Baabilon isaaniif moggaase. (Dan. 1:3-7) Maqaan Daaniʼeliif kenname maqaa Beel jedhuu fi waaqa tolfamaa Baabilon isa guddaa wajjin kan wal qabatu ture. Nebukadnezaar Mootichi, Daaniʼel Waaqni isaa Yihowaan waaqa warra Baabiloniin akka moʼametti akka yaadu barbaadee taʼuu dandaʼa.—Dan. 4:8.

8. Daaniʼel biyya alaa utuma jiraatuu fayyaa hafuuraa isaa akka eeggatu kan isa gargaare maali dha?

8 Daaniʼel nyaata mootichaaf dhihaatu akka nyaatu kan afeerame taʼus, “akka of hin xureessineef garaa murate.” (Dan. 1:8) Afaan dhalootaa isaatiin, “caaffata qulqullaaʼoo” qoʼachuu isaa waan itti fufeef, biyya isaatii ala utuu jiruus fayyaa hafuuraa isaa eeggachuu dandaʼeera. (Dan. 9:2) Kanaan kan kaʼes, erga gara Baabilon dhaqee waggaa 70 booda illee maqaa Afaan Ibrootaatiin isaaf moggaafameen beekama ture.—Dan. 5:13.

9. Faarfannaan 119 akka argisiisutti, Dubbiin Waaqayyoo barreessaa faarfannaa kanaa kan fayyade akkamitti?

9 Barreessaan Faarfannaa 119, Dubbii Waaqayyoo keessaa jabina adda taʼee dhaabachuuf isa dandeessisu argateera. Tuffii miseensota mana mootummaa tokko tokkoo dandaʼee jiraachuun isa barbaachisee ture. (Far. 119:23, 61) Haa taʼu malee, wanti Waaqayyo jedhe garaa isaa akka tuqu heyyamee ture.—Faarfannaa 119:11, 46 dubbisi.

KARAA HAFUURAA AKKA HIN MIIDHAMNE OF EEGGADHAA

10, 11. (a) Yeroo Dubbii Waaqayyoo qoʼannu, galmi keenya maal taʼuu qaba? (b) Galma keenya kana irra gaʼuu kan dandeenyu hoo akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

10 Itti gaafatamummaan hafuuraa fi hojiin kan biraan kan nutti baayʼatu taʼus, hundi keenya qoʼannaa dhuunfaa fi waaqeffannaa maatiitiif yeroo ramaduu qabna. (Efe. 5:15, 16) Haa taʼu malee, galmi keenya fuula hedduu dubbisuu ykn gumii irratti hirmaachuuf qofa qophaaʼuu taʼuu hin qabu. Dubbiin Waaqayyoo garaa keenya akka tuquu fi amantii keenya akka cimsu heyyamuu barbaanna.

11 Galma kana irra gaʼuu yoo barbaanne, wanta warra kaan barbaachisu guutuuf jennee wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu qoʼachuu fi irratti xiinxaluu dagachuu hin qabnu. (Filp. 1:9, 10) Tajaajilaaf, walgaʼiidhaaf ykn kutaa yommuu qophoofnu, wanta dubbisnu sana nuuf akka hojjetu yaadaa hin dubbisnu taʼa. Fakkeenyaaf, namni nyaata hojjetu tokko nyaata dhiheessuu isaa dura kan dhandhamu taʼus, nyaatichuma dhandhamuudhaan qofa jiraachuu hin dandaʼu. Fayyaa isaa eeggachuu yoo barbaade, ofii isaatiifis nyaata madaalamaa qopheeffachuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, nutis nyaatawwan hafuuraa fedhii dhuunfaa keenya nuuf guutaniin of sooruuf carraaquu qabna.

12, 13. Namoonni naannoo afaan biraan itti dubbatamutti tajaajilan, yeroo hunda afaan dhalootaa isaaniitiin qoʼachuun isaanii kan isaan fayyade akkamitti?

12 Namoonni naannoo afaan kan biraan dubbatamutti tajaajilan hedduun, ‘afaan dhalootaa isaaniitiin’ Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun isaanii isaan fayyadeera. (HoE. 2:8) Misiyoononni illee, naannoo haaraa itti ramadamanii jiranitti cimanii itti fufuudhaaf, beekumsa buʼuuraa walgaʼiiwwan irratti baratan qofatti amanamuu akka hin qabne beeku.

13 Aalan inni gara waggaa saddeetiitiif afaan warra Faares barachaa ture akkana jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera: “Afaan Faaresiin yeroon walgaʼiidhaaf qophaaʼu, afaanicha irratti xiyyeeffachuufan qorama. Sammuun koo afaanicha barachuu irratti waan xiyyeeffatuuf, barumsawwan hafuuraa yeroon dubbisu garaan koo hin tuqamu ture jechuun ni dandaʼama. Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota kaan afaan kootiin dubbisuuf kanan murteesse kanaafi.”

GARAAN IJOOLLEE KEESSANII AKKA TUQAMU GODHAA

14. Warri maal gochuu qabu? Maaliif?

14 Warri Kiristiyaanota taʼan sammuu fi garaan ijoollee isaanii suuta suuta Dubbii Waaqayyootiin akka tuqamu gochuu qabu. Sarjii fi haati manaa isaa Miiyuriyel warri naannoo afaan kan biraan dubbatamutti waggaa sadii oliif tajaajilan, ilmi isaanii umuriin isaa waggaa 17 taʼe sochiiwwan tiʼookraasiitti gammaduu akka dhiise hubatan. Miiyuriyel akkana jetteetti: “Kanaan dura afaan dhalootaa isaa, jechuunis Afaan Faransaayiin tajaajiluu ni jaallata ture; amma garuu afaan biraadhaan lallabuun isa aarsuu jalqabe.” Sarji immoo akkana jedheera: “Haalli kun ilmi keenya karaa hafuuraa guddina akka hin goone gufuu akka itti taʼe yeroo hubannu, gumii keenya isa duraatti deebiʼuuf murteessine.”

Dhugaan garaa ijoollee keessanii akka tuqu godhaa (Keeyyata 14 fi 15 ilaali)

15. (a) Warri, gumii afaan ijoolleen isaanii caalaatti hubataniin geggeeffamutti akka deebiʼan wantoonni godhan maalfaa taʼuu dandaʼu? (b) Keessa Deebiin 6:5-7 warraaf gorsa akkamii kenna?

15 Warri, gumii afaan ijoolleen isaanii caalaatti hubataniin geggeeffamutti akka deebiʼan wantoonni godhan maalfaa taʼuu dandaʼu? Tokkoffaa, ijoollee isaanii afaan biraa barsiisuuf, akkasumas Yihowaa akka jaallatan gochuuf yeroo fi meeshaalee gaʼaa akka qaban mirkaneeffachuu qabu. Lammaffaa, ijoolleen isaanii sochiiwwan hafuuraatiif fedhii akka dhaban ykn naannoo afaan biraatiin itti tajaajilaa jiran sana akka hin jaallanne hubatu taʼa. Haalawwan akkanaa keessatti, warri Kiristiyaanota taʼan, hamma ijoolleen isaanii dhugaadhaaf ejjennoo cimaa qabaatanitti gumii afaan ijoolleen isaanii caalaatti hubataniin geggeeffamutti deebiʼuu yaadu taʼa.—Keessa Deebii 6:5-7 dubbisi.

16, 17. Warri tokko tokko, biyya biraatti tajaajilaa ijoollee isaanii karaa hafuuraa leenjisuu kan dandaʼan akkamitti?

16 Gama biraatiin immoo, warri tokko tokko gumii ykn garee afaan biraatiin geggeeffamu irratti kan argaman taʼus, afaan dhalootaa isaaniitiin ijoollee isaanii barsiisuuf murteessaniiru. Chaarlis inni ijoollee umuriin isaanii waggaa 9 hanga 13 gidduu taʼe sadii qabu garee afaan Liingaalaatiin geggeeffamu irratti argama ture. Akkana jedheera: “Ijoollee keenyaa wajjin afaan dhalootaa keenyaan qoʼachuu fi waaqeffannaa maatii godhachuuf murteessine. Taʼus, bashannanaa afaan kana akka barataniif, Afaan Liingaalaatiin yeroo itti shaakalluu fi yeroo itti taphawwan adda addaa taphannus qabna turre.”

Afaan naannoo deemtan sanaa barachuu fi gumii irratti hirmaannaa gochuuf carraaqqii godhaa (Keeyyata 16 fi 17 ilaali)

17 Keevan inni ijoollee durbaa umuriin isaanii waggaa shanii fi saddeet taʼe qabu, ijoolleen isaa gumii afaan biyya biraatiin geggeeffamu irratti wanta darbu hubachuu yeroo dadhaban tarkaanfii tokko fudhatee ture. Akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo ijoollee keenyaa wajjin afaan dhalootaa isaanii, jechuunis Afaan Faransaayiin dhuunfaatti qoʼanna turre. Kana malees, jiʼatti al tokko gumii Afaan Faransaayiin geggeeffamu irratti argamuuf galma kan baafanne taʼuu isaa irra iyyuu, yeroo boqonnaa keenyatti fayyadamuudhaan walgaʼiiwwan guguddaa afaan dhalootaa keenyaan geggeeffaman irratti hirmaanna turre.”

18. (a) Dhugaa buʼuuraa Roomaa 15:1, 2 irra jiru kamtu wanta ijoollee keessan barbaachisu murteessuuf isin gargaara? (b) Warri ijoollee qaban kaan gorsa gaarii akkamii kennan? (Ibsa dabalataa ilaali.)

18 Dhugaa dha, maatiin tokko wanta karaa hafuuraa ijoollee fayyadu ofuma isaatii murteessuu qaba. [2] (Gal. 6:5) Miiyuriyel, ishiin armaan olitti ibsamte, ishii fi abbaan manaa ishii karaa hafuuraa ilma isaanii fayyaduuf jedhanii filannoowwan isaanii aarsaa gochuun isaan barbaachisee akka ture dubbatteetti. (Roomaa 15:1, 2 dubbisi.) Sarjis gama isaatiin murtoo sirrii akka godhan itti dhagaʼama. Akkana jedheera: “Gumii Afaan Faransaayiin geggeeffamutti akkuma deebineen, ilmi keenya karaa hafuuraa guddina godhee cuuphamuu dandaʼeera. Amma qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajilaa jira. Gara tuuta afaan kan biraatiin geggeeffamu sanaatti deebiʼee tajaajiluu iyyuu yaadaa jira!”

DUBBIIN WAAQAYYOO GARAA KEESSAN AKKA TUQU GODHAA

19, 20. Dubbii Waaqayyoo akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Yihowaan “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe akka argatan” gochuuf, jaalala isaatiin kakaʼee Dubbii isaa kan taʼe Kitaabni Qulqulluun afaanota dhibbaan lakkaaʼamaniin akka qophaaʼu godheera. (1 Xim. 2:4) Namoonni afaan garaa isaanii tuquun dubbii isaa yeroo dubbisan, fedhii hafuuraa isaanii caalaatti guuttachuu akka dandaʼan beeka.

20 Haa taʼu malee, haalli keessa jirru maal iyyuu yoo taʼe, nyaata hafuuraa cimaa taʼe of sooruuf murteessuu qabna. Afaan garaa keenya tuquun yeroo hunda Kitaabota Qulqullaaʼoo dubbisuudhaan, nutis taane maatiin keenya karaa hafuuraa akka hin miidhamne gochuu fi wanta Waaqayyo jedhuuf iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu dandeenya.—Far. 119:11.

^ [1] (keeyyata 5) Maqaawwan jijjiiramaniiru.

^ [2] (keeyyata 18) Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu maatii keessan gargaaruu dandaʼan argachuuf, Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa  15, 2002 (Amaariffa) irraa mata duree “Biyya Alaatti Ijoollee Guddisuu—Rakkina Isaa fi Eebba Argamsiisu” jedhu ilaali.