Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akkuma Yihowaa fi Yesuus Tokkummaa Qaban, Hundi Keenya Tokkummaa haa Qabaannu

Akkuma Yihowaa fi Yesuus Tokkummaa Qaban, Hundi Keenya Tokkummaa haa Qabaannu

“[Ani kanan si kadhadhu] hundi isaanii tokko akka taʼaniifi; yaa Abbaa akkuma ati anaa wajjin tokkummaa qabduu fi anis sii wajjin tokkummaa qabu.”—YOH. 17:20, 21.

FAARFANNAA: 24, 99

1, 2. (a) Yesuus kadhannaa xumuraa ergamoota isaa wajjin godhe irratti maal gaafate? (b) Waaʼeen tokkummaa Yesuusiin kan yaaddesse maaliif taʼuu dandaʼa?

YESUUS ergamoota isaa wajjin irbaata isa xumuraa yeroo waliin nyaatanitti, waaʼeen tokkummaa baayʼee isa yaaddessee ture. Yeroo isaanii wajjin kadhannaa dhiheessetti, akkuma innii fi Abbaan isaa tokkummaa qaban barattoonni isaa hundis tokkummaa akka qabaatan hawwii akka qabu dubbateera. (Yohaannis 17:20, 21 dubbisi.) Tokkummaa qabaachuun isaanii dhugaa baʼiinsa guddaa kan kennu siʼa taʼu, Yihowaan fedhii isaa lafa irratti akka raawwatuuf Yesuusiin akka erge ragaa ifa taʼe kenna. Jaalalli mallattoo barattoonni Yesuus warri dhugaan ittiin beekamanii fi tokkummaa isaaniitiif gumaacha guddaa godhu dha.—Yoh. 13:34, 35.

2 Yesuus waaʼee tokkummaa dubbachuuf sababii quubsaa qaba ture. Akkuma yeroo xumuraatiif irbaata yommuu waliin nyaatanitti mulʼate, ergamoonni isaa tokkummaa akka hin qabne ykn wal taʼiinsi isaan gidduu akka hin jirre waan hubateef ture. Akkuma kanaan duraa, “isaan keessaa inni hundumaa irra caalu eenyu akka taʼe ilaalchisee” falmiin kaʼee ture. (Luq. 22:24-27; Mar. 9:33, 34) Yeroo biraatti immoo, Yaaqoobii fi Yohaannis, Yesuus Mootummaa isaa keessatti bakka guddaa akka isaaniif kennu gaafatanii turan.—Mar. 10:35-40.

3. Wantoonni tokkummaa dhabuu barattoota Kiristoosiif sababa taʼuu dandaʼan maalfaʼi? Gaaffiiwwan kamfaa ilaalla?

3 Haa taʼu malee, barattoota Kiristoos gidduutti tokkummaan akka dhabamu kan godhe, hawwii isaan iddoo guddaa argachuuf qaban qofa hin turre. Namoonni biyyichaa diinummaa fi halaalatti wal jibbuudhaan kan qoqqoodaman turan. Barattoonni Yesuus amalawwan sirrii hin taaneakkasii moʼuun isaan barbaachisee ture. Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan armaan gadii ilaalla: Yesuus jibba halaalaa kan dandamate akkamitti? Duuka buutonni isaa akka hin loognee fi dhugumaan tokkummaa akka qabaatan kan isaan gargaare hoo akkamitti? Akkasumas barumsi isaa tokko taanee akka itti fufnu kan nu gargaaru akkamitti?

JIBBA HALAALAA YESUUSII FI DUUKABUUTOTA ISAA MUDATE

4. Fakkeenya Yesuus halaalatti jibbamee akka ture argisiisu dubbadhu.

4 Yesuus ofuma isaatiif iyyuu halaalatti jibbameera. Filiphoos Masiihicha akka argate yommuu isatti himu, Naatnaaʼel immoo, “Wanti gaariin Naazireet keessaa baʼuu dandaʼaa?” jedhee gaafate. (Yoh. 1:46) Naatnaaʼel raajii Miikiyaas 5:2 irra jiru akka beekuu fi Naazireet magaalaa baayʼee xinnoo Masiihiichi keessaa baʼuu hin dandeenye godhee akka yaade haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Namoonni Yihudaa beekamoo taʼan Yesuus nama Galiilaa waan taʼeef isa tuffatanii turan. (Yoh. 7:52) Yihudoonni hedduun namoonni Galiilaa gad aantoota akka taʼanitti ilaalu turan. Yihudoonni kaan immoo, Yesuusiin nama Samaariyaa jedhanii isa arrabsu turan. (Yoh. 8:48) Namoonni Samaariyaa qomoo fi amantiidhaan Yihudoota irraa adda turan. Namoonni Yihudaas taʼe namoonni Galiilaa, namoota Samaariyaa kan hin kabajne taʼuu isaanii irra iyyuu, isaani irraa fagaatu.—Yoh. 4:9.

5. Jibba halaalaa akkamiitu duuka buutota Yesuus irra gaʼe?

5 Haaluma wal fakkaatuun, geggeessitoonni Yihudootaa duuka buutota Yesuus ni tuffatu turan. Fariisonni isaan namoota ‘abaaramoo’ akka taʼanitti ilaalu turan. (Yoh. 7:47-49) Namoota mana barumsaa warra rabbii galanii hin baranne ykn namoota aadaa isaanii hin hordofne kam iyyuu ni tuffatu; akkasumas namoota iddoo hin qabne akka taʼanitti ilaalu. (HoE. 4:13, milj.) Jibbi halaalaa Yesuusii fi barattoota isaa mudate amantii, hawaasaa fi wal qoqqooduu qomoo irraa kan madde dha. Barattoonni Yesuusis halaalatti namoota kan jibban turan. Kanaaf, tokkummaa qabaachuuf ilaalcha isaanii jijjiiruu qabu turan.

6. Fakkeenyota jibbi halaalaa nu irratti dhibbaa gochuu akka dandaʼu argisiisan dubbadhu.

6 Baayʼeen keenya yeroo harʼaatti jibba halaalaatiin marfamnee jirra. Nutis jibba halaalaatiin hubamnee taʼuu dandaʼa ykn numti iyyuu halaalatti nama jibbina taʼa. Obboleettiin yeroo ammaatti qajeelchituu taatee fi Awustiraaliyaa keessa jiraattu tokko akkana jetteetti: “Jibbi ani namoota adiidhaaf qabu, jalʼina haqaa duris taʼe yeroo harʼaatti namoota dhaloota biyya sanaa irratti raawwatamu irratti yommuun xiyyeeffadhu guddachaa adeeme. Miidhaan dhuunfaatti ana irra gaʼee tures, jibbi koo kun akka itti caalu godheera.” Obboleessi Kaanaadaa keessa jiraatu tokko qooqa ilaalchisee jibba halaalaa yeroo tokko qabu ture ibseera. Akkana jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera: “Namoonni Afaan Faransaayi dubbatan namoota kaan akka caalan natti dhagaʼama ture. Kanaaf, namoota Afaan Ingiliffaa dubbatan baayʼeen jibba ture.”

7. Yesuus jibba halaalaa isa mudate kan dandamate akkamitti?

7 Akkuma bara Yesuusitti ture bara keenyattis, jibbi halaalaa namoota keessatti hundee cimaa godhachuu dandaʼa. Yesuus haala kana kan dandamate akkamitti? Tokkoffaa, guutummaatti loogii irraa walaba taʼuudhaan jibba halaalaa balaaleffateera. Namoota sooreyyii fi hiyyeeyyii, Fariisotaa fi namoota Samaariyaa, darbees namoota qaraxa sassaabanii fi cubbamoota taʼaniif lallabeera. Lammaffaa, Yesuus barumsaa fi fakkeenya isaatiin, barattoonni isaa shakkii qaban moʼuu fi wal dandaʼanii jiraachuu akka qaban argisiiseera.

JAALALAA FI GAD OF QABUUDHAAN JIBBA HALAALAA MOʼUU

8. Dhugaan buʼuuraa tokkummaa Kiristiyaanotaatiif hundee taʼuu dandaʼu isa kami? Ibsi.

8 Yesuus dhugaa buʼuuraa tokkummaa keenyaaf hundee taʼuu dandaʼu barattoota isaa barsiiseera. “Isin hundi keessan obbolaa dha” jedheera. (Maatewos 23:8, 9 dubbisi.) Dhugaa dha, hundi keenya iyyuu Addaam irraa waan argamneef “obbolaa” jedhamuu dandeenya. (HoE. 17:26) Taʼus kana qofa miti. Yesuus barattoonni isaa obbolootaa fi obboleettota kan taʼan, Yihowaan Abbaa isaanii isa samii akka taʼe amananii waan fudhataniif akka taʼe ibseera. (Mat. 12:50) Kana malees, miseensa maatii hafuuraa balʼaa taʼe keessatti jaalalaa fi amantiidhaan tokko taʼaniiru. Kanaaf, ergamoonni xalayaa barreessan irratti barattoota hidhata amantii isaanii taʼan, ‘obboloota’ jedhanii isaan waamu turan.—Rom. 1:13; 1 Phe. 2:17; 1 Yoh. 3:13.

9, 10. (a) Yihudoonni sanyii isaaniitiin kooruuf sababii hin qaban kan jennu maaliifi? (b) Yesuus jibba halaalaa sanyiidhaaf qaban moʼuu ilaalchisee barumsa kan kenne akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

9 Yesuus akka obbolootaa fi obboleettotaatti wal ilaaluu akka qabnu erga ibsee booda, gad of qabuun barbaachisaa akka taʼes addeesseera. (Maatewos 23:11, 12 dubbisi.) Akkuma olitti ibsame, koorri sirrii hin taane ergamoota gidduutti tokkummaan akka hin jiraanne godheera. Sanyiidhaan kooruunis rakkina uumuu dandaʼa. Yihudoonni sanyii Abrahaam taʼuun isaanii kooruuf sababii isaaniif taʼuu dandaʼaa? Yihudoonni hedduun ilaalcha cimaa akkasii qabu turan. Haa taʼu malee Yohaannis Cuuphaan, “Waaqayyo dhagaawwan kana keessaa Abrahaamiif ijoollee kaasuu ni dandaʼa” isaaniin jedhee ture.—Luq. 3:8.

10 Yesuus sanyiidhaan kooruu balaaleffateera. Yommuu barreessaan seeraa tokko “Nama isa kam jaallachuun qaba?” jedhee isa gaafatetti, carraa kanatti fayyadamee ilaalcha isaa kana ibseera. Yesuus deebii yommuu isaaf kennu, fakkeenya nama Samaariyaa isa nama Yihudii karaa deemaa turee fi hattoonni isa reebanitti gaarummaa argisiise tokkoo dubbateera. Namoonni Yihudii karaa sana irra darbaa turan namicha balaan irra gaʼe kana ilaalanii kan bira darban taʼus, namichi Samaariyaa sun garuu isaaf gaddee gargaarsa isaaf godheera. Yesuus barreessaan seeraa kun fakkeenya nama Samaariyaa sanaa akka hordofu itti himuudhaan seenaa kana xumureera. (Luq. 10:25-37) Yesuus namni Samaariyaa tokko jaalala dhugaa jechuun maal jechuu akka taʼe namoota Yihudii barsiisuu akka dandaʼu argisiiseera.

11. Barattoonni Yesuus namoota Yihudii hin taʼin loogii malee ilaaluu kan qaban maaliifi? Yesuus kana akka hubatan kan isaan gargaare akkamitti?

11 Barattoonni Yesuus hojii isaaniif kenname raawwachuuf, kooraa fi jibba halaalaa qaban moʼuu isaan barbaachiseera. Yesuus gara samiitti ol baʼuu isaa dura, “Yihudaa fi guutummaa Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti” dhugaa akka baʼan isaan ajajee ture. (HoE. 1:8) Yesuus amala gaarii namoonni Yihudii hin taane qaban irratti akka xiyyeeffatan gochuudhaan, hojii balʼaa isaan eeggatu kanaaf dursee isaan qopheesseera. Amantii guddaa ajajaan dhibbaa Yihudii hin taane tokko argisiiseen kan kaʼe isa jajateera. (Mat. 8:5-10) Yesuus magaalaa Naazireet bakka itti guddate keessatti, waaʼee namoota Yihudii hin taʼinii fi Yihowaa duratti fudhatama argatanii, kan akka dubartii Saraaphtaa abbaan manaa irraa duʼee fi nama Sooriyaa dhukkuba nadaayiitiin qabamee dubbateera. (Luq. 4:25-27) Akkasumas Yesuus dubartii Samaariyaatiif lallabuu qofa utuu hin taʼin, namoonni ergaa isaatiif fedhii waan argisiisaniif magaalaa Samaariyaa keessa guyyaa lama tureera.—Yoh. 4:21-24, 40.

QABSOO JAARRAA JALQABAATTI JIBBA HALAALAA MOʼUUF TAASIFAME

12, 13. (a) Ergamoonni, Yesuus dubartii Samaariyaa utuu inni barsiisu yommuu argan maaltu isaanitti dhagaʼame? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Yaaqoobii fi Yohaannis barumsa isaa guutummaatti akka hin hubanne kan argisiisu maali dha?

12 Haa taʼu malee, jibba halaalaa qaban dhiisuun ergamootaaf salphaa hin turre. Yesuus dubartii Samaariyaa barsiisuuf fedhii qabaachuu isaa arguun isaanii baayʼee isaan dinqisiiseera. (Yoh. 4:9, 27) Geggeessittoonni amantii Yihudootaa dubartii Samaariyaa maqaa gaarii kan hin qabne taʼuu dandeessu kanaa wajjin taʼuun haa hafuutii, bakka namoonni isaan arganitti dubartootaa wajjin hin dubbatan turan. Ergamoonni Yesuus akka nyaata nyaatu isa kadhachaa turan. Haa taʼu malee, deebiin inni kenne maree hafuuraa sanaan qabamee waan tureef, waaʼee beelaa akka hin yaadanne kan argisiisu ture. Dubartii Samaariyaatiif lallabuun illee fedha Abbaa isaa ture; kun immoo isaaf akkuma nyaataa ture.—Yoh. 4:31-34.

13 Yaaqoobii fi Yohaannis barumsa kana hin hubanne turan. Yeroo Yesuusii wajjin Samaariyaa keessa deemaa turanitti, barattoonni mandara Samaariyaa tokko keessa buluu barbaadan. Warri Samaariyaa isaan simachuu yommuu didanitti, Yaaqoobii fi Yohaannis aariidhaan ibidda samii irraa buusanii guutummaa mandaratti balleessuuf gaafatanii turan. Yesuus garuu cimsee isaan ifate. (Luq. 9:51-56) Mandarri isaan simachuu dide kun mandara Yohaannisii fi Yaaqoob itti dhalatan Galiilaa utuu taʼee, ibiddaan akka gubattu yaada dhiheessuu laata jennee yaaduun keenya hin oolu. Jibbi halaalaa isaan qaban diinummaan isaanii akka itti caalu waan godhe fakkaata. Yohaannis ergamaan yeroo booda duula lallabaa milkaaʼaa Samaariyaa keessatti yommuu raawwate, kanaan dura dafee isaanitti aaruu isaatti gaabbee taʼuu dandaʼa.—HoE. 8:14, 25.

14. Rakkinni qooqaa wajjin kan wal qabatee taʼuu dandaʼu furmaata kan argate akkamitti?

14 Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 guyyaa Phenxeqosxee utuma baayʼee hin turin, dhimmi sanyiidhaan wal qoqqooduu kaʼee ture. Yommuu dubartoota hiyyeeyyii abbaan manaa irraa duʼeef nyaata hiranitti, dubartoota Afaan Giriikii dubbatan dagatanii turan. (HoE. 6:1) Jibbi halaalaa qooqaaf qaban sababii taʼuun isaa hin oolu. Ergamoonni dhiirota gaʼumsa qaban muuduudhaan dhimma nyaata hiruu kanaaf dafanii furmaata kennaniiru. Dhiironni gaʼumsa qaban kun hundi maqaa Giriikii kan qaban turan. Kunis dubartoota abbaan manaa irraa duʼe miidhaman kana biratti caalaatti fudhatama akka argatan godhee taʼuu dandaʼa.

15. Pheexiros suutuma suuta namoota wal caalchisuu irraa walaba kan taʼe akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

15 Dhaloota Kiristoos Booda bara 36⁠tti hojiin barattoota gochuu caalaatti addunyaa maratti kan raawwatamu taʼee ture. Pheexiros ergamaan namoota Yihudii taʼanii wajjiniin qofa michummaa uumuu amala godhatee ture. Taʼus, Waaqayyo Kiristiyaanonni namoota wal caalchisuu akka hin qabne ifa erga godhee booda, Pheexiros Qorneelewos isa loltuu Roomaa tureef lallabeera. (Hojii Ergamootaa 10:28, 34, 35 dubbisi.) Sana booda garuu, Pheexiros Kiristiyaanota Yihudii hin taane wajjin nyaata nyaachuu fi walitti dhufeenya qabaachuu jalqabe. Waggoota muraasa booda garuu, Pheexiros Kiristiyaanota Yihudii hin taanee fi magaalaa Anxokiyaa keessa jiraatanii wajjin nyaachuu dhaabee ture. (Gal. 2:11-14) Yeroo kanatti Phaawulos, Pheexirosiin kan ifate siʼa taʼu, innis gorsa kennameef fudhateera. Pheexiros Kiristiyaanota Yihudootaa fi Yihudii hin taaneef warra Eeshiyaa Ishii Xinnoo keessa jiraataniif yommuu xalayaa isaa isa jalqabaa barreessetti, waaʼee guutummaa waldaa obbolummaa miira hoʼaadhaan dubbateera.—1 Phe. 1:1; 2:17.

16. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa maqaa akkamii argataniiru?

16 Ergamoonni “namoota akaakuu hundumaa” jaallachuu ilaalchisee fakkeenya Yesuus irraa akka baratan ifa dha. (Yoh. 12:32; 1 Xim. 4:10) Yeroo kan isaanitti fudhate taʼu illee, ilaalcha isaanii sirreessaniiru. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa jaalala waliif qabaniin beekamu turan. Tartuuliyaan inni barreessaa jaarraa lammaffaa ture namoonni Kiristiyaanota hin taane, “[Kiristiyaanonni] wal jaallatu . . . Waliif duʼuuf illee qophaaʼoo dha” jechuu isaanii barreesseera. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa “namummaa haaraa” waan uffataniif, namoonni hundi ija Waaqayyoo duratti qixxee akka taʼanitti ilaaluu jalqabaniiru.—Qol. 3:10, 11.

17. Halaalatti nama jibbuu garaa keenya keessaa buqqisnee gatuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya kenni.

17 Yeroo harʼaatti, nutis jibba halaalaa garaa keenya keessaa buqqisnee gatuuf yeroon nu barbaachisa taʼa. Obboleettiin Faransaayi keessa jiraattu tokko qabsoo gootu yommuu ibsitu akkana jetteeti: “Yihowaan jaalalli, arjummaa fi namoota akaakuu hundumaa jaallachuun maal jechuu akka taʼe na barsiiseera. Ani garuu amma iyyuu jibba halaalaa namoota kaaniif qabu moʼuu barachaan jira; kun immoo yeroo hunda salphaa miti. Waaʼee kanaa kadhachuu koo kanan itti fufu kanaafi.” Obboleettiin Ispeen keessa jiraattu tokko qabsoo wal fakkaatu gochaa akka jirtu yommuu ibsitu akkana jetteetti: “Al tokko tokko miira diinummaa qomoo taʼe tokkoof qabu wajjin qabsoon godha; yeroo baayʼees milkaaʼuu dandaʼeera. Taʼus qabsoo gochuu koo itti fufuu akka na barbaachisu beeka. Yihowaaf galatni haa taʼuutii, maatii tokkummaa qabu keessa jiraachuu kootti gammachuutu natti dhagaʼama.” Tokkoon tokkoon keenya garaa qulqulluudhaan of qoruu qabna. Akkuma obboleettota lamaan kanaa, miira halaalatti nama jibbuu tokko tokkoo wajjin qabsoo gochuu nu barbaachisa taʼaa laata?

JAALALLI YOMMUU GUDDACHAA DEEMU HALAALATTI NAMA JIBBUUN BADAA DEEMA

18, 19. (a) Namoota hunda simachuuf sababii akkamii qabna? (b) Karaa qabatamaa taʼeen kana kan goonu akkamitti?

18 Yeroo tokkotti hundi keenya “keessummoota” ykn namoota ormaa Waaqayyo irraa fagaanne akka turre yaadachuun keenya gaarii dha. (Efe. 2:12) Yihowaan garuu “hidhaa jaalalaatiin” ofitti nu harkiseera. (Hos. 11:4; Yoh. 6:44) Kiristoosis nu simateera. Kutaa maatii Waaqayyoo taʼuu akka dandeenyuuf, balbala nuuf baneera jechuun ni dandaʼama. (Roomaa 15:7 dubbisi.) Yesuus mudaa kan qabnu taanee utuu jirruu gaarummaadhaan erga nu simatee, nama kam iyyuu simachuu diduun waan hin yaadamne taʼuu qaba!

Tajaajiltoonni Yihowaa ogummaa isa samii qabaachuu barbaadu; jaalalaanis tokko taʼaniiru (Keeyyata 19 ilaali)

19 Badiisa sirna hamaa kanaatti dhihaachaa yommuu deemnu, wal qoqqooduun, halaalatti nama jibbuu fi diinummaan dabalaa akka adeemu hin shakkisiisu. (Gal. 5:19-21; 2 Xim. 3:13) Nuti garuu tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, ogummaa isa samii isa namoota wal hin caalchisnee fi nagaan akka dagaagu godhu qabaachuu barbaanna. (Yaq. 3:17, 18) Namoota biyya kan biraatii dhufanii wajjin michooma uumuun, garaa garummaa aadaa jiru fudhachuun, dandaʼamnaan immoo qooqa isaanii barachuun nu gammachiisa. Kana yommuu goonutti, nagaan akka bishaanii yaa’a, qajeelummaanis akka guuboo galaanaa ol kaʼa.—Isa. 48:17, 18.

20. Jaalalli garaa fi sammuu keenya yommuu jijjiiru buʼaa akkamii argamsiisa?

20 Obboleettiin Awustiraaliyaa olitti caqasamtee turte, “Balbaloonni beekumsa dhugaa caalaatti naaf banamaniiru” jetteetti. Qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu ishii irratti jijjiirama fiduu isaa akka hubatte yommuu dubbattu akkana jetteetti: “Amma garaa fi sammuu haaraa argadheera. Kanaaf, halaalatti nama jibbuunii fi diinummaan na keessatti hundee godhatee ture hundi baqee badeera.” Obboleessi Kaanaadaa jiraatus, amma “sanyiidhaan kooruun yeroo baayʼee wallaalummaa irraa kan madduu fi eenyummaan namootaas bakka dhalootaa isaanii irratti kan hundaaʼe akka hin taane” hubachuu isaa dubbateera. Amma obboleettii Afaan Ingiliffaa dubbattu fuudheera! Jijjiiramni ilaalchaa akkasii jaalalli Kiristiyaanaa, jibba halaalaa moʼuu akka dandaʼuu fi akka moʼu ragaa taʼa. Kana malees, hidhaa matumaa hin cinneen walitti hidhuudhaan tokko nu godha.—Qol. 3:14.