SEENAA JIREENYAA
Dhiphina Koo Hunda Keessatti Jajjabina Argadheera
Kanan dhaladhe Sadaasa 9, 1929 magaalaa durii Sukkuur ishii qarqara Laga Induus lixaa, yeroo ammaatti Paakistaan jedhamtutti ture. Yeroo sanatti misiyooniin biyya Ingilizii tokko warra kootiif kitaabota halluu ifaa qaban isaaniif kenne. Yommuun guddachaa deemutti, kitaabonni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan kun dhugaa beekuuf na gargaaraniiru.
KITAABONNI kun reeyinboo seet jedhamu turan. Kitaabota sana yommuun qoru, fakkiiwwan dinqisiisoo matumaa hin irraanfanne argadheera. Kanaaf, ijoollummaa kootii kaasee fedhiin beekumsa Kitaaba Qulqulluu, kan akka jildiiwwan gaggaarii sana keessatti ibsaman jiraniif qabu guddifadheera.
Waraanni Addunyaa Lammaffaan yommuu Hindii miidhu, jireenyi koo hammaachaa akka deeme natti dhagaʼame. Haati koo fi abbaan koo jalqaba gargar baʼan, achiis wal hiikan. Sababii namoonni ani jaalladhu lamaan gargar itti baʼan hubachuu hin dandeenye. Hadoodaa fi kanan dagatame akkan taʼe natti dhagaʼamee ture. Obbolaa waan hin qabneef, jajjabinaa fi deggersa na barbaachisu argachuu kanan dandaʼu hin fakkaatu ture.
Achiis anii fi haati koo magaalaa guddittii Karaachii keessa jiraachuu jalqabne. Gaaf tokko, maanguddoon Fireed Hardaakar inni ogeessa fayyaa fi Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe mana keenya dhufe. Amantiin Hardaakarii fi misiyoonii maatii kootiif kitaabota sana kennee turee tokko dha. Innis haati koo Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu ishii afeere. Ishiin kan didde taʼus, ani garuu fedhii akkan qabun itti hime. Kanaaf torban itti aanu isaa wajjin qoʼannaan jalqabe.
Torban muraasa booda, walgaʼii gumii kiliinika obboleessa keenya Hardaakarii keessatti geggeeffamu irratti argamuun jalqabe. Maanguddoonni Dhugaa Baatota gara 12 taʼan waaqeffannaadhaaf
achitti walgaʼu turan. Isaan na jajjabeessaniiru, akkuma ilma isaaniittis na kunuunsu turan. Anaa wajjin taaʼanii, gad jedhanii ija ija koo keessa ilaalaa akka michuu isaaniitti na haasofsiisaa akka turan matumaa hin irraanfadhu; kun immoo wanta yeroo sanatti na barbaachisu ture.Utuma baayʼee hin turin, obboleessi keenya Hardaakar isaa wajjin tajaajila akkan baʼu na afeere. Haasaawwan Kitaaba Qulqulluu gaggabaabaa waraabaman taphachiisuu akka dandeenyuuf, meeshaa foonoogiraafii akkamitti akkan taphachiisu na barsiisee ture. Haasaawwan muraasni ergaa namoonni dhagaʼuu hin barbaanne waan qabaniif namoonni tokko tokko ni aaru turan. Taʼus namoota kaaniif lallabuun na gammachiisa ture. Dhugaa Kitaaba Qulqulluutiif hinaaffaa guddaa waanan qabuuf, namoota kaaniitti dubbachuu nan jaalladhan ture.
Loltoonni Jaappaan Hindii weeraruuf qophii gochaa yommuu turanitti, abbootiin taayitaa Biritaaniyaa dhibbaa Dhugaa Baatota Yihowaa irratti geessisan cimsanii turan. Dhuma irrattis, Adoolessa 1943tti, dhibbaan kun dhuunfaatti ana irra gaʼeera. Hogganaan mana barumsaa inni luba amantii Angalikaanii ture, mana barumsichaatiif kan hin malle akkan taʼe yaaduudhaan achii na ariʼe. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin taʼuu kootiin barattoota kaaniif fakkeenya gaarii akka hin taane haadha kootti hime. Ishiinis baayʼee waan aarteef Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin akka wal hin argine na dhowwite. Boodas, gara kaabaatti magaalaa abbaan koo jiruu fi Peeshawaar ishii kiiloo meetira 1,370 fagaattutti na ergite. Nyaata hafuuraa waan hin argannee fi obbolootaa wajjin waan wal hin argineef hariiroon Yihowaa wajjin qabu laafee ture.
HARIIROON YIHOWAA WAJJIN QABU DEEBISEE CIMSADHEERA
Bara 1947, hojii barbaacha gara Karaachiittin deebiʼe. Yeroon achi turetti kiliinika Doktoora Hardaakarin dhaqe. Innis miira hoʼaa fi gammachuudhaan na simate.
Yaaliidhaaf akkan isa bira dhufe waan yaadeef, “Amma maal kee si dhukkubaa jira?” jedhee na gaafate.
Anis akkana jedheen deebiseef: “Dooktoor, ani karaa qaamaa fayya buleessa dha. Kanan dhukkubsadhe karaa hafuuraa ti. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun barbaada.”
Innis, “Yoom jalqabuu barbaadda ree?” jedhee na gaafate.
Anis, “Dandaʼamnaan ammuma” jedheen deebiseef.
Galgala sana Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan yeroo gaarii dabarsine. Karaa hafuuraa haala koo duraatti akkan deebiʼe natti dhagaʼame. Yeroo kanatti haati koo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin hariiroo akka hin qabaanne na dhowwuuf carraaqqii cimaa gootus, ani garuu Yihowaa tajaajiluuf murteesseen ture. Kanaaf, Hagayya 31, 1947tti Yihowaadhaaf of murteessuu koo argisiisuuf bishaaniinan cuuphame. Utuma baayʼee hin turinis, umurii koo waggaa 17tti qajeelchaa yeroo hundaa taʼeen tajaajiluu jalqabe.
GAMMACHUU QAJEELCHAA TAʼANII TAJAAJILUUN ARGAMSIISU
Qajeelchaa taʼee yeroo jalqabaatiif kanan ramadame, Kuweettaa ishii duratti buufata loltoota Ingilizii taate jirtutti ture. Bara 1947tti biyyattiin bakka lamatti hiramuudhaan, Hindii fi Paakistaan jedhamte. * Kunis jeequmsi amantii namoota gidduutti akka babalʼatu waan kakaaseef, seenaa keessatti namoonni hedduun akka godaanan godheera. Godaantonni miliyoona 14 taʼan qeʼee isaaniitii buqqaʼaniiru. Musilimoonni Hindii gara Paakistaan yommuu deeman, namoonni amantii Hinduu fi amantii Siikii hordofan immoo gara Hindii deemaniiru. Jeequmsi kun utuu jiruu, baabura Karaachii dhaquu fi namootaan guutame waanan yaabbadheef, karaa gara Kuweettaa geessu harka caalaa isaa kanan deeme qabannoo karaa alaa jiru jabeessee qabadheen ture.
Kuweettaa keessatti Joorji Siin isa qajeelchaa addaa taʼee fi umurii walakkeessa waggoota 20mmannii keessatti argamuu wajjin wal argine. Joorji biskileetii moofaa naannoo gaarri itti baayʼatu keessa oofuu (ykn dhiibuu) dandaʼu tokko naaf kenne. Yeroo baayʼee kophaa koon lallaba ture. Jiʼa jaʼa keessatti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu 17 kanan argadhe siʼa taʼu, isaan keessaa muraasni gara dhugaatti dhufaniiru. Isaan keessaa tokko, Saadiq Masii isa ajajaa loltootaa ture dha; inni anii fi Joorji barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu tokko tokko qooqa biyyaalessaa Paakistaan kan taʼe Urduudhaan akka hiiknu nu gargaareera. Yeroo booda, Saadiq babalʼisaa misiraachichaa hinaaffaadhaan tajaajilu taʼeera.
Boodas, Karaachiitti deebiʼee Henarii Fiinchii fi Haarii Fooresti misiyoonota haaraa Mana Barumsaa Giliʼaadii dhufanii wajjin tajaajileera. Isaanis leenjii tiʼookraasii faayidaa guddaa qabu naaf kennaniiru! Yeroo tokko obboleessa keenya Fiinchii wajjin kaaba Paakistaanitti lallabaa turre. Naannoo gaarawwan guguddaa jiran jalatti, namoota baadiyyaa gad of qaboo, afaan Urduu dubbatanii fi dhugaa Kitaaba Qulqulluu dheebotan hedduu argannee turre. Waggaa lama booda immoo, anis Mana Barumsaa Giilʼaad galuu dandaʼeera; achiis gara
Paakistaanitti deebiʼee yeroo tokko tokkoo ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼeen tajaajiluu jalqabe. Obboloota misiyoonii taʼan sadii wajjin, mana misiyoonotaa Laahoor jiru keessa jiraachuun jalqabe.MIIDHAA ANA IRRA GAʼE IRRAA BAYYAANNACHUU
Kan nama gaddisiisu, bara 1954tti misiyoonota Laahoor jiran gidduutti walitti buʼiinsi waan uumameef, waajjirri damee nu keessaa tokko tokko misiyoonota taanee tajaajiluu keenya akka dhaabnu murteesse. Anis walitti buʼiinsa sana irratti qooda waanan fudhadheef gorsi cimaan naaf kenname. Karaa hafuuraa wanta sirrii taʼe utuu hin raawwatin waanan hafeef baayʼeen gadde. Kanaaf, karaa hafuuraa of haaromsuuf abdachuudhaan jalqaba gara Karaachiittin deebiʼe, achiis Landan Ingiliziin deeme.
Landanitti gumiin ani keessa ture miseensota maatii Betʼel Landan hedduu qaba ture. Piraayis Hiyuuz inni tajaajilaa waajjira damee ture gaarummaadhaan leenjii naaf kenneera. Gaaf tokko, obboleessi keenya Hiyuuz obboleessi keenya Joseef Raazarfordi inni yeroo sanatti hojii lallabaa addunyaa maratti lallabamu toʼachaa ture gorsa isaaf kennee akka ture natti hime. Obboleessi keenya Hiyuuz sababii dhiheessuuf yommuu yaalu, obboleessi keenya Raazarfordi baayʼee isatti dheekkamee ture. Obboleessi keenya Hiyuuz haala kana gammachuudhaan dubbachuun isaa na dinqisiiseera. Taʼus, haalli kun jalqaba irratti isa mufachiisee akka ture dubbateera. Booda garuu gorsi cimaan akka isa barbaachisu, akkasumas gorsi cimaan kun jaalala Yihowaan isaaf qabu kan argisiisu taʼuu isaa hubateera. (Ibr. 12:6) Wanti inni dubbate garaa koo tuqeera; deebiʼee gammachuudhaan tajaajiluu akkan dandaʼus na gargaareera.
Haati koo gara Landan kan dhufte yeroo kanatti siʼa taʼu, afeerraa obboleessi keenya Joon Baar Kitaaba Qulqulluu akka qoʼattu ishiidhaaf dhiheesse fudhatteetti; inni yeroo booda miseensa Qaama Ol Aanaa taʼee tajaajileera. Ishiinis saffisaan guddina hafuuraa gootee bara 1957tti cuuphamte. Boodas abbaan koos duʼuu isaa dura qoʼachaa akka ture dhagaʼeera.
Bara 1958tti, Lenaa ishii lammii Deenmaarki taatee fi Landan keessa jiraattun fuudhe. Waggaa itti aanu ijoollee keenya shanan keessaa ishii jalqabaa Jaan jedhamtu godhanne. Anis Gumii Fuulam keessatti mirga tajaajilaa argadheera. Taʼus, yeroo booda haala fayyaa Lenaatiin kan kaʼe bakka qilleensa hoʼaa qabu dhaquuf dirqamne. Kanaaf, bara 1967 Adleed ishii magaalaa Awustiraaliyaa taatetti godaanne.
HAALA BAAYʼEE GADDISIISAA NU MUDATE
Gumii keenya Adleed Kiristiyaanota maanguddoo dibaman 12 kan qabu dha. Isaanis hojii lallabaa irratti dursa fudhatanii hinaaffaadhaan hirmaatu turan. Nutis yeroo gabaabaa keessatti barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuu dandeenyeerra.
Bara 1979tti anii fi Lenaan mucaa keenya isa shanaffaa Daaniʼel jedhamu godhanne. Dhukkuba cimaa Daawun Siindram * jedhamuun kan qabame siʼa taʼu, yeroo dheeraaf jiraachuu hin dandaʼu ture. Dhiphina guddaa keessa turre amma illee ibsuun natti ulfaata. Ijoollee keenya arfan kaan utuu hin dagatin, hamma dandeenye isa kunuunsuuf yaalleerra. Daaniʼel yeroo tokko tokko qaawwaan onneesaa keessa jiru lama oksijiiniin waan isa hanqatuuf, bifni isaa gara cuquliisaatti jijjiiramuu jalqaba; kanaaf ariitiidhaan gara hospitaalaatti isa geessuu qabna turre. Haalli fayyaa isaa gaarii taʼuu baatus, hubannaa guddaa kan qabuu fi kan nama jaallatu ture. Yihowaas baayʼee jaallata ture. Maatiin keenya nyaata irratti yommuu kadhannaa dhiheessu, harka isaa ishii xinnoo walitti qabee, mataa isaa gadi qabee garaadhaa “Ameen!” jedha ture. Yoo akkas godhe malee nyaata hin nyaatu ture.
Daaniʼel umuriin isaa waggaa afur yommuu taʼu immoo, dhukkuba lukiimiiyaa cimaa taʼeen qabame. Anii fi Lenaan karaa qaamaas taʼe karaa miiraa baayʼee butunnee turre. Gar malee waanan dhiphadheef dhukkubni sammuu waan na qabe natti fakkaatee ture. Taʼus yeroo gar malee abdii kutannee turetti, ilaaltuu ol anaa aanaa keenya kan taʼe, Neeval Biroowichi mana keenya dhufe. Gaafas galgala iji isaa imimmaaniin guutamee nu hammate. Hundi keenya iyyuu ni boonye. Jechoonni inni jaalalaa fi gara laafinaan nutti dubbate jajjabina hangana hin jedhamne nuuf kennaniiru. Buleesaa saʼaatii torbatti nu biraa deeme. Utuma baayʼee hin turinis Daaniʼel ni duʼe. Isa dhabuun haala baayʼee gaddisiisaa jireenya keenya keessatti nu mudate dha. Taʼus, wanti tokko illee, jechuunis duuti illee Daaniʼeliin jaalala Yihowaa irraa gargar isa baasuu akka hin dandeenye waan amanamneef gadda keenya irraa jajjabaachuu dandeenyeerra. (Rom. 8:38, 39) Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti isaa wajjin taʼuuf hawwiidhaan eeggachaa jirra!—Yoh. 5:28, 29.
NAMOOTA KAAN GARGAARUUDHAAN GAMMACHUU ARGACHUU
Yeroo ammatti, dhukkuba dhiigni sammuu koo keessatti siʼa lama dhangalaaʼuu isaatiin na mudate irraa ergan bayyaannadhee booda, jaarsa gumii taʼeen tajaajilaa jira. Muuxannoon wantoota ana irra gaʼan irraa argadhe, keessumaa namoota rakkinaa wajjin qabsoo gochaa jiraniif akkan gadduu fi akkan garaa laafu na barsiiseera. Isaanitti murteessuu irraa of qusachuufan carraaqa. Kanaa mannaa akkana jedheen of gaafadha: ‘Rakkinni isaan irra gaʼe miiraa fi yaada isaanii irratti dhibbaa kan geessise akkamitti? Akkan isaaniif yaadu argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti? Fedhii Yihowaa akka raawwatan isaan jajjabeessuu kanan dandaʼu akkamitti?’ Obboloota gumii keessa jiran karaa hafuuraa gargaaruu baayʼeen jaalladha! Dhuguma iyyuu, namoota kaan karaa hafuuraa yommuun jajjabeessuu fi akka haaroman yommuun godhu, of jajjabeessaa fi of haaromsaa akkan jiru natti dhagaʼama.
Anis akkuma faarfatichi jedhee natti dhagaʼama: “Yeroo yaaddoon garaa kootti baayʼatu, ati [Yihowaan] na jajjabeessitee lubbuu koo gammachiifta.” (Far. 94:19) Yihowaan rakkinni maatii fi mormiin amantii yommuu na mudatu, akkasumas dogoggoran raawwadheen yommuun abdii kutadhuu fi yommuun dhiphadhu na gargaareera. Dhugumaan Yihowaan Abbaa naaf taʼeera!
^ key. 19 Jalqaba irratti Paakistaan, Dhiha Paakistaan (yeroo ammaatti Paakistaan) fi Baha Paakistaan (yeroo ammaatti Baangilaadesh) kan walitti qabate ture.
^ key. 29 Mata duree “Qorumsaa fi Eebba Mucaa Dhukkuba Daawun Siindramii Qabu Guddisuun Qabu” jedhuu fi Dammaqaa! Waxabajjii, 2011 irra jiru ilaali. (Amaariffa)