Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Humna Nagaa Gaafachuun Qabu

Humna Nagaa Gaafachuun Qabu

“AKKAM jirta?”

Yeroo baayʼee akkana jettee nagaa akka gaafattu hin shakkisiisu. Tarii immoo nagaa kan gaafattu harka qabuudhaan ykn hammachuudhaan taʼuu dandaʼa. Aadaanii fi jechoonni nagaa ittin gaafatan iddoodhaa gara iddootti gargar taʼanis, kaayyoon nagaa itti gaafannu garuu walfakkaataa dha. Nagaa gaafachuu dhiisuun ykn nagaa gaafatamaniif deebii kennuu dhiisuun, jaalala ykn amala gaarii taʼe akka hin qabne kan argisiisu akka taʼetti fudhatamuu dandaʼa.

Nagaa gaafachuuf fedhii kan qaban garuu namoota hunda miti. Namoonni tokko tokko waan saalfataniif ykn ofii isaaniitiif ilaalcha gad aanaa waan qabaniif nagaa gaafachuu irraa of qusatu. Kaan immoo, namoota sanyii, aadaa ykn sadarkaan jireenyaa isaanii isaan irraa adda taʼe kaan nagaa gaafachuun isaanitti ulfaata. Haa taʼu malee, nagaa gabaabaa gaafachuun illee, buʼaa guddaa argamsiisuu dandaʼa.

Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Nagaa gaafachuun buʼaa akkamii argamsiisuu dandaʼa? Dubbiin Waaqayyoo waaʼee nagaa gaafachuu maal na barsiisa?’

“NAMOOTA AKAAKUU HUNDUMAA” NAGAA GAAFADHAA

Pheexiros ergamaan, Qorneelewos isa nama Yihudii hin taanee fi gara gumii Kiristiyaanaatti dhufe isa jalqabaa yommuu simate, ‘Waaqayyo namoota wal hin caalchisu’ jedheera. (HoE. 10:34) Boodas, Pheexiros Waaqayyo ‘hundumtuu yaada akka geddaratan akka barbaadu’ barreesseera. (2 Phe. 3:9) Caqasni kun kallattiidhaan waaʼee namoota dhugaa barachaa jiran kan dubbatu akka taʼe goonee yaanna taʼa. Taʼus Pheexiros akkana jedhee Kiristiyaanota gorseera: “Namoota akaakuu hundumaa kabajaa, guutummaa waldaa obbolootaatiif jaalala qabaadhaa.” (1 Phe. 2:17) Maarree sanyiin, aadaan ykn akkaataan guddinaa namootaa maal iyyuu yoo taʼe, namoota nagaa gaafachuun keenya gaarii mitii? Kun karaa akka isaan kabajnuu fi akka isaan jaallannu itti argisiisnu dha.

Phaawulos ergamaan namoota gumii keessa jiran, “Akkuma Kiristoos . . . isin simate, isinis wal simadhaa” jedhee gorseera. (Rom. 15:7) Phaawulos obboloota “madda jajjabinaa guddaa” akka isaaf taʼan mirkaneessaniif xiyyeeffannaa addaa kennee ture. Obboloonnii fi obboleettonni yeroo Seexanni saba Waaqayyo irratti miidhaa cimaa geessisaa jiru kanatti hangam caalaatti jajjabina argachuun isaan barbaachisa ree?—Qol. 4:11; Mul. 12:12, 17.

Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu, nagaa gaafachuun namoonni kaan akka simataman akka isaanitti dhagaʼamu gochuu caalaa wanta raawwatu kan biraa akka qabu argisiisu.

FAAYIDAA NAGAA GAAFACHUUN QABU

Yihowaan yeroo jireenyi Ilma Isaa gara gadameessa Maariyaamitti dabarfamu gaʼutti, maleekaan tokko akka ishiitti himu erge. Maleekichi, “Yaa ishii baayʼee jaallatamtuu nana, nagaan siif haa taʼu, Yihowaan sii wajjin jira” jechuudhaan jalqabe. Maariyaam maleekaan sun maaliif akka ishiitti dubbachaa ture waan hin hubanneef “baayʼee jeeqamtee” turte. Maleekichis yommuu kana hubatu, “Yaa Maariyaam, Waaqayyo duratti surraa waan argatteef hin sodaatin” ishiidhaan jedhe. Achiis Masiihicha daʼuun ishii kaayyoo Waaqayyoo akka taʼe ibseef. Maariyaam jeeqamuu ishii itti fufuu mannaa, “Kunoo ani garbittii Yihowaa ti! Akkuma ati dubbatte anaaf haa taʼu” jettee akka ajajamtu dubbatte.—Luq. 1:26-38.

Maleekaa tokkoof ergamaa Yihowaa taʼuun mirga guddaa taʼus, nama mudaa qabutti dubbachuun isaa gad aanaa isa gochuu akka dandaʼu godhee hin yaanne. Kanaaf, maree isaa kan jalqabe nagaa gaafachuudhaan ture. Fakkeenya kana irraa barachuu dandeenyaa? Namoota kaan nagaa gaafachuu fi jajjabeessuuf qophaaʼoo taʼuu qabna. Jechoota muraasa qofa dubbachuudhaan, namoota kaan gargaaruu fi dhugumaan miseensa saba Yihowaa akka taʼan amanannaa akka qabaatan gochuu dandeenya.

Phaawulos gumiiwwan guutummaa Eeshiyaa Xinnoo fi Awurooppaa keessa turan hedduu beekuu dandaʼeera. Xalayaawwan isaa nagaa namoota maqaadhaan caqasaman hedduudhaaf ergame kan qabate dha. Kanas Roomaa boqonnaa 16 irraa arganna. Phaawulos Kiristiyaanota hidhata isaa taʼan hedduudhaaf nagaa dhaameera. Waaʼee Feeban caqasuudhaan akkana jedhee obboloota gorseera: “Obboleettii[n] keenya . . . Gooftaatti waan amantuuf, akka qulqullootaaf taʼutti ishii simadhaa; akkasumas gargaarsa barbaachisu hunda ishiidhaaf godhaa.” Phaawulos, Phirisqillaa fi Aqiilaa ‘inni qofa utuu hin taʼin gumiiwwan saboota adda addaa gidduu jiran hundis isaan galateeffataniif’ nagaa dhaameera. Kana malees, namoota nuyi yeroo harʼaatti hin beekne tokko tokko, jechuunis ‘Ephinexos isa Phaawulos jaallatu,’ akkasumas “Xiraayifoonaa fi Xiraayifoosaa dubartoota warra jabaatanii hojii Gooftaa hojjechaa jiranitti” nagaa dhaamee ture. Eeyyee, Phaawulos fedhiidhaan obboloota isaa fi obboleettota isaa nagaa gaafateera.—Rom. 16:1-16.

Obboloonnii fi obboleettonni kun akka yaadataman beekuun isaanii hangam isaan gammachiisee akka ture yaadi. Jaalalli isaan Phaawulosii fi walii isaaniitiif qaban hangam guddatee akka tures tilmaami! Nagaa jaalala irratti hundaaʼe kana dhagaʼuun isaanii, Kiristiyaanota kaan akka jajjabeessee fi amantiitti jabaatanii akka jiraatan akka isaan gargaare hin shakkisiisu. Eeyyee, garaadhaa isaaniif yaaduudhaan nagaa gaafachuunii fi isaan galateeffachuun, michummaanii fi tokkummaan tajaajiltoota Waaqayyoo gidduu jiru akka cimu taasisa.

Phaawulos qarqara galaanaa Photiyolii yommuu gaʼuu fi gara Roomaa yommuu deemutti, Kiristiyaanonni achi turan isa simachuuf gara kibbaa dhufaniiru. Phaawulos fagootti yommuu isaan argu, “Waaqayyoon galateeffate; akkasumas jajjabina argate.” (HoE. 28:13-15) Yeroo tokko tokko nagaa gaafachuu kan dandeenyu seequudhaan ykn harka raasuudhaan qofaa taʼuu dandaʼa. Taʼus, kun qofti illee tarii nama dhiphate ykn nama gadde jajjabeesuu dandaʼa.

WANTA IRRATTI WALII GALLU

Yaaqoob baratichi gorsa cimaa kennuun isa barbaachisee ture. Kiristiyaanonni tokko tokko addunyaatti michoomuudhaan karaa hafuuraa ejja raawwachaa turan. (Yaq. 4:4) Haa taʼu malee, Yaaqoob xalayaa isaa maal jedhee akka jalqabe hubadhaa:

“Yaaqoob isa garbicha Waaqayyoo fi garbicha Gooftaa Yesuus Kiristoos taʼe irraa, gosoota 12n warra bakka adda addaatti bittinnaaʼanii jiraniif: Nagaan isiniif haa taʼu!” (Yaq. 1:1) Namoonni xalayaa isaa dubbisan, akkaataan inni nagaa itti gaafate, Waaqayyo duratti ejjennoo wal fakkaataa akka qaban kan ibsu taʼuu isaa yommuu argan, gorsa inni isaaniif kenne fudhachuun akka isaanitti salphatu akka godhu hin shakkisiisu. Eeyyee, gad of qabuudhaan nagaa gaafachuun dhimmoota ciccimoo irratti mariʼachuuf illee karaa banuu dandaʼa.

Nagaan gaafatamu gabaabaa taʼu illee, garaa irraa kan maddee fi jaalala dhugaa akka qabnu kan argisiisu taʼuu qaba. Kun, nagaan gaafatamu kan hin hubatamne yeroo fakkaatutti illee hojii irra ooluu qaba. (Mat. 22:39) Obboleettiin Aayerlaandi jiraattu tokko, yeroo tokko Galma Walgaʼii kan geesse walgaʼiin yeroo jalqabamuuf jedhutti ture. Utuu ishiin ariifattee ol seenaa jirtuu obboleessi tokko garagalee seequudhaan, “Akkam. Baga nagaan dhufte!” ishiidhaan jedhe. Obboleettiin sun garuu calluma jettee dhaqxee teesse.

Obboleettiin kun torban muraasa booda, obboleessa sana bira dhaqxee yeroo muraasaaf haala gaddisiisaa mana keessatti uumamee wajjin qabsoo gochaa akka turte isatti himte. Akkana isaan jette: “Gaafas galgala baayʼee aaree waanan tureef, gara Galma Walgaʼii akkan dhufe iyyuu natti hin dhagaʼamne. Naga ati na gaafatte irraa kan hafe, barumsa walgaʼicha irratti dhihaate baayʼee isaa hin yaadadhu. Simannaa gaariin akka naaf godhame natti dhagaʼameera. Galatoomi.”

Obboleessi sun nagaa gabaabaan inni dhiheesse buʼaa guddaa akka qabu hin hubanne ture. Akkana jedheera: “Jechoonni muraasni ani dubbadhe ishiidhaaf hiika guddaa akka qaban yommuu natti himtu, nagaa ishii gaafachuuf carraaquu kootti guddaa gammadeera. Anattis miirri gaariin akka dhagaʼamu godheera.”

Solomoon, “Bara baayʼee booddee deebitee waan argattuuf, midhaan kee bishaan irra ceesisii nama biyya fagoo jiruun ga’i!” jedhee barreesseera. (Lal. 11:1) Faayidaa namoota, keessumaa immoo Kiristiyaanota hidhata amantii keenyaa taʼan nagaa gaafachuun qabu hubachuudhaan, ofii keenyas taʼe namoota kaan ni jajjabeessina. Kanaaf, humna nagaa gaafachuun qabu matumaa akka laayyootti ilaaluu hin qabnu.