Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Mootummaan Koo Kutaa Addunyaa Kanaa Miti”

“Mootummaan Koo Kutaa Addunyaa Kanaa Miti”

“Ani dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf . . . gara addunyaa dhufeera.”—YOH. 18:37.

FAARFANNAA: 15, 74

1, 2. (a) Addunyaan caalaatti qoqqoodamaa kan jiru akkamitti? (b) Qoʼannaa kana irratti gaaffiiwwan warra kamiif deebii arganna?

OBBOLEETTIIN Awurooppaa kibbaa keessa jiraattu tokko akkana jechuudhaan seenaa ishii darbe ilaalchisee wanta yaadattu dubbatti: “Ijoollummaa kootii kaasee jalʼinni haqaa qofti yommuu raawwatamun arga ture. Kanaaf, sirna siyaasaa biyya koo keessa jiru dhiisee ilaalcha namoonni hedduun baayʼee adda akka taʼetti fudhatan hordofuun jalqabe. Waggoota hedduudhaaf hiriyaan dhiiraa koo shororkeessaa ture.” Obboleessi Afriikaa keessa jiraatu tokkos jeequmsa kaasuun sirrii akka taʼe yaada ture. Akkana jedheera: “Sanyiin koo hunda irra akka caalu waanan amanuuf, miseensa garee siyaasaa tokkoon taʼe. Mormitoota keenya eeboodhaan akka ajjeesnu nu barsiisanii turan; kun immoo namoota sanyii keenya taʼanii garee siyaasaa kan biraa deggeranis ni dabalata.” Obboleettiin gidduu gala Awurooppaa keessa jiraattu kan biraanis akkana jetteetti: “Ani akkasumaan namoota halaalatti nan jibba ture; nama lammii kan biraa taʼe ykn amantii koo irraa adda taʼe hordofu kam iyyuu nan jibban ture.”

2 Ilaalchi namoonni sadan kun yeroo tokkotti calaqqisiisaa turan, ilaalcha addunyaa yeroo harʼaatti jiru keessatti babalʼachaa jiru dha. Sochiiwwan bilisummaa argachuuf godhaman baayʼachaa jiru; qoqqoodiinsi siyaasaas yeroodhaa gara yerootti ittuma caalaa jira; kana malees biyyoota hedduu keessatti namoonni biyya isaaniitii ala jiraatan jibba namoonni isaaniif qaban guddachaa waan jiruuf miidhaan isaan irra gaʼa. Akkuma Kitaabni Qulqulluun dursee dubbate, namoonni akaakuu hundumaa keessaa dhufanii fi guyyoota dhumaa kana keessa jiraatan “walii galuuf fedhii kan hin qabne” taʼaniiru. (2 Xim. 3:1, 3) Yeroo addunyaan caalaatti qoqqoodamaa deemu kanatti, Kiristiyaanonni tokkummaa isaanii eeguu kan dandaʼan akkamitti? Yesuus haala jaarraa jalqabaatii yeroo biyyichi jeequmsa siyaasaatiin hunkuramaa ture tokkoof akkamitti furmaata akka kenne qoruudhaan wanta hedduu barachuu dandeenya. Mee qabxiiwwan guguddaa sadii irratti haa mariʼannu: Yesuus sochii finciltootaa kam irratti iyyuu hirmaachuu kan dide maaliifi? Tajaajiltoonni Waaqayyoo dhimmoota siyaasaa deggeruu irraa of qusachuu akka qaban kan argisiise hoo akkamitti? Kana malees, Yesuus jeequmsa kaasuun sirrii akka hin taane kan nu barsiise akkamitti?

ILAALCHA YESUUS SOCHIIWWAN BILISUMMAA ARGACHUUF GODHAMANIIF QABU

3, 4. (a) Yihudoonni bara Yesuusitti turan hedduun maal barbaadu turan? (b) Ilaalchawwan akkasii barattoota Yesuus irratti dhibbaa kan geessisan akkamitti?

3 Yihudoonni hedduun Yesuus isaaniif lallabaa ture, bulchiinsa Roomaa jalaa bilisa baʼuuf hawwii guddaa qabu turan. Finciltoonni ykn sabboontoonni Yihudii, namoonni miira akkasii akka qabaatan kakaasaniiru. Cimsitoonni kun hedduun isaanii yaada Yihudaa isa nama Galiilaa turee hordofu turan. Inni masiihii sobaa jaarraa jalqabaatti namoota hedduu gowwoomse ture. Barreessaa seenaa Yihudootaa kan ture Joseefas Yihudaa ilaalchisee akkana jedheera: “Namoonni biyya isaa fincila akka kaasan gochuuf, warra Roomaatiif gibira kaffaluuf tole jechuu isaaniitiin sodaattota jedhee isaan arrabse.” Kanaan kan kaʼes, warri Roomaa Yihudaa ajjeesaniiru. (HoE. 5:37) Sabboontoonni Yihudii tokko tokko galma isaanii irra gaʼuuf deebisanii jeequmsa kaasaniiru.

4 Yihudoonni kaan garuu haala cimsitoota kana irraa adda taʼeen, dhufaatii Masiihii siyaasaa hawwiidhaan eeggachaa turan. Masiihiichi yommuu dhufu saba isaaniitiif ulfina akka argamsiisuu fi waanjoo warra Roomaa jalaa bilisa akka isaan baasu eegu turan. (Luq. 2:38; 3:15) Hedduun isaanii Masiihiichi lafa irratti, jechuunis Israaʼel keessatti mootummaa hundeessa jedhanii amanu turan. Kun yoo taʼe, Yihudoonni biyyoota adda addaatti bittinaaʼanii fi miliyoonaan lakkaaʼaman gara biyya isaanitti deebiʼu. Yohaannis Cuuphaan yeroo tokko Yesuusiin, “Ati isa Dhufuuf Jiru Sana moo kan biraa eegnu?” jedhee gaafatee akka ture yaadadhaa. (Mat. 11:2, 3) Yohaannis akkas kan jedhe, abdii Yihudoonni qaban hunda kan raawwatu nama kan biraa taʼuu isaa beekuu waan barbaadeef taʼuu dandaʼa. Boodas, barattoonni lamaan karaa gara Emaahus geessu irratti Yesuus isa duʼaa kaʼee wajjin wal arganii turan. Isaan Yesuus Israaʼeliin bilisa baasa jedhanii abdatu turan. (Luqaas 24:21 dubbisi.) Utuma baayʼee hin turinis ergamoonni Yesuus, “Yaa Gooftaa, yeroo kanatti Israaʼeliif mootummaa ni deebistaa?” jedhanii isa gaafatan.—HoE. 1:6.

5. (a) Namoonni Galiilaa Yesuus mootii isaanii akka taʼu kan barbaadan maaliifi? (b) Yesuus yaada isaanii kan sirreesse akkamitti?

5 Abdiiwwan isaan waaʼee Masihiichaa qaban, namoonni Galiilaa shakkii malee Yesuus mootii isaanii akka taʼu akka barbaadan isaan kakaaseera. Yesuus nama dandeettii dubbachuu gaarii qabu, namoota dhukkubsatan kan fayyisu, namoota beelaʼaniif illee nyaata kennuu kan dandaʼu taʼuun isaa, inni geggeessaa gaʼumsa qabu akka taʼe godhanii akka yaadan akka isaan kakaase tilmaamuu dandeenya. Yesuus dhiirota gara 5,000 taʼan erga nyaachisee booda, miira namoota sanaa hubatee ture. “Yesuus, namoonni sun dhufanii isa qabanii mootii isa gochuuf akka yaadan waan hubateef, ammas kophaa isaa gara gaaraatti deeme.” (Yoh. 6:10-15) Guyyaa itti aanu, Galaana Galiilaa gamatti miirri namoota tokko tokkoo qabbanaaʼee taʼuu hin oolu. Yesuus yeroo kanatti hojiin isa inni guddaan maal akka taʼe namoota hedduu sanaaf ibseera. Inni sabichaaf faayidaa karaa foonii argamu utuu hin taʼin, faayidaa karaa hafuuraa argamu fiduuf dhufe. Akkana isaaniin jedhe: “Nyaata baduuf hin hojjetinaa; kanaa mannaa nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisu . . . sanaaf hojjedhaa.”—Yoh. 6:25-27.

6. Yesuus aangoo siyaasaa lafa irratti argachuu akka hin barbaanne ifatti kan argisiise akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

6 Yesuus duʼuu isaa yeroo muraasa dura, duuka buutonni isaa muraasni mootummaa lafa irratti teessumni isaa Yerusaalem keessa taʼe akka hundeessu eegaa akka turan hubatee ture. Fakkeenya miinaatti fayyadamee yaada isaanii kana sirreesseera. Fakkeenyi kun, Yesuus inni ‘nama sanyii mootii taʼe’ tokko yeroo dheeraadhaaf gara biyya fagoo deemuu akka qabu ibseera. (Luq. 19:11-13, 15) Kana malees, Yesuus bulchitoota Roomaatiif dhimma siyaasaa irraa walaba akka taʼe dubbateera. Phonxos Philaaxos, “Ati Mootii Yihudootaa tii?” jedhee Yesuusiin gaafatee ture. (Yoh. 18:33) Tarii bulchaan kun Yesuus jeequmsa siyaasaa kaasuu dandaʼa jedhee sodaatee taʼuu dandaʼa; kun immoo bulchiinsa Philaaxos keessatti wanta baayʼee yaaddessu ture. Yesuus, “Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti” jedhee deebise. (Yoh. 18:36) Mootummaan isaa samii irraa waan taʼuuf dhimma siyaasaa irratti hin hirmaatu. Hojiin isaa inni lafa irraa, “dhugaadhaaf dhugaa baʼuu” akka taʼe Philaaxositti himeera.—Yohaannis 18:37 dubbisi.

Rakkoowwan addunyaa irratti moo Mootummaa Waaqayyoo irratti xiyyeeffachaa jirtu? (Keeyyata 7 ilaali)

7. Garaa keenya keessatti sochiiwwan bilisummaa siyaasaa deggeruu irraa fagaachuun rakkisaa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

7 Akkuma Yesuus hubatetti hojii nuuf kenname sirriitti yoo hubanne, garaa keenya keessatti ykn utuu hin dubbatin illee sochiiwwan bilisummaa siyaasaa deggeruu irraa ni fagaanna. Kun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Daawwataan ol aanaa tokko akkana jedheera: “Namoonni naannoo keenya keessa jiraatan yeroodhaa gara yerootti cimsitoota taʼaa jiru. Miirri sabboonummaa guddachaa dhufeera; namoonni baayʼeen bilisummaan siyaasaa jireenya isaanii akka fooyyessu isaanitti dhagaʼama. Kan nama gammachiisu garuu, obboloonni misiraachoo Mootummichaa lallabuu irratti xiyyeeffachuu isaaniitiin, tokkummaa isaanii eeguu dandaʼaniiru. Waaqayyo jalʼina haqaa fi rakkoowwan isaan mudatan kaan akka furu abdatu.”

YESUUS DHIMMOONNI SIYAASAA QOQQOODIINSA UUMAN YOMMUU ISA MUDATAN MAAL GODHE?

8. Fakkeenya baʼaa Yihudoonni jaarraa jalqabaatti turan baachaa turan argisiisu tokko dubbadhu.

8 Jalʼinni haqaa yeroo baayʼee fedhiin siyaasaa akka bobaʼu godha. Bara Yesuusitti gibira kaffaluun dhimma siyaasaa guddaa taʼe ture. Jeequmsi Yihudaan inni nama Galiilaa olitti ibsamee ture kaase, namoonni Roomaaf gibira akka kaffalan galmeessuu mormuudhaan jalqabe. Namoota Yesuusiin dhaggeeffatan dabalatee namoonni bulchiinsa Roomaa jala jiran gibira baayʼee, jechuunis gibira meeshaalee, lafaa fi gibira manaa kaffaluuf dirqamni isaan irra jira ture. Akkasumas malaanmaltummaan namoonni qaraxa sassaaban raawwatan, namoonni baʼaa guddaan akka isaanitti feʼame akka isaanitti dhagaʼamu godheera. Namoonni qaraxa sassaaban caalbaasiidhaan aangoo kana bitachuu dandaʼu, akkasumas qaraxa sassaabamu irraa buʼaa argatu turan. Zakkewoos inni geggeessaa warra qaraxa sassaabanii turee fi Yerikoo keessa jiraatu namoota irraa qarshii saamuudhaan sooressa taʼeera. (Luq. 19:2, 8) Wanti inni hojjechaa ture, wanta namoonni hedduun hojjetan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

9, 10. (a) Diinonni Yesuus dhimma siyaasaa irratti akka hirmaatu isa gochuuf kan yaalan akkamitti? (b) Deebii Yesuus kenne irraa maal baranna? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

9 Diinonni Yesuus akka inni dhimma gibiraa keessa seenee gama tokko akka deggeru isa gochuuf yaalanii turan. ‘Gibirri’ namoota wal falmisiisaa ture, gibira dinaaree tokkoo namoonni lammii Roomaa taʼan akka kaffalan isaanitti murteeffame dha. (Maatewos 22:16-18 dubbisi.) Gibirri kun keessumaa Yihudoota mufachiisee ture. Kun Roomaadhaaf akka bitaman kan argisiisu ture. ‘Gareen warra Heroodis hordofan’ dhimma kana kan kaasan, Yesuus gibira kaffaluun barbaachisaa akka hin taane yoo dubbate, namoota mootummaa irratti kakaaseera jedhanii isa himachuuf ture. Yesuus gibira kaffaluun dirqama akka taʼe yoo dubbate immoo, deggersa namoota isa duukaa buʼanii dhabuu dandaʼa ture.

10 Yesuus dhimma gibira kaffaluu keessa galuu irraa walaba taʼee itti fufuuf of eeggannoo godheera. Akkana jedheera: “Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof kennaa.” (Mat. 22:21) Dhugaa dha, Yesuus malaanmaltummaan namoota qaraxa sassaaban biratti baramaa akka taʼe beeka ture. Taʼus, Yesuus kun yaanni isaa dhimma baayʼee barbaachisaa taʼe irratti, jechuunis Mootummaa Waaqayyoo isa furmaata dhugaa argamsiisu irratti akka hin xiyyeeffanne akka isa dhowwu gochuu hin barbaanne. Kanaaf, inni gama kanaan duuka buutota isaa hundaaf fakkeenya taʼeera. Dhimma sana kaasuun hammam iyyuu sirrii ykn haqa qabeessa fakkaatu illee, dhimmoota siyaasaa keessa galuu irraa of qusachuu qabu. Kiristiyaanonni Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa ni barbaadu. Kanaaf, gochawwan jalʼina haqaa raawwataman tokko tokko ilaalchisee yaada mataa isaanii kennuu ykn mormuu irraa of qusatu.—Mat. 6:33.

11. Karaa haqni akka raawwatamu itti barbaannuuf ilaalcha sirrii qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

11 Dhugaa Baatonni Yihowaa baayʼeen ilaalchawwan siyaasaa cima kanaan dura qaban of irraa fageessuuf carraaqqiin godhan isaaniif milkaaʼeera. Obboleettiin Biritaaniyaa Guddittii keessa jiraattu akkana jetteetti: “Erga kutaa qoʼannaa saayinsii hawaasaa yunivarsiitii keessatti fudhadhee booda, keessa kootti yaanni adda taʼe uumamuu jalqabe. Jalʼina haqaa hedduutiin dhiphachaa waan turreef, mirga namoota gurraachaatiif falmuun barbaada ture. Falmii namoota wajjin godhu irratti kanan moʼu taʼus, jijjiirama fiduu akka hin dandeenye yommuu natti dhagaʼamu baayʼeen aara ture. Jalʼinni haqaa sababii bifaatiin nama irratti raawwatamu garaa namootaa keessaa buqqaʼuu akka qabu hin hubannen ture. Yommuun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabu garuu, anumti iyyuu garaa koo irratti jijjiirama gochuu akkan qabu hubadheera. Galma koo kana irra akkan gaʼu obsaan kan na gargaarte obboleettii adii tokko turte. Amma gumii afaan mallattootiin geggeeffamu keessatti qajeelchituu yeroo hundaa taʼee tajaajilaa kanan jiru siʼa taʼu, namoota akaakuu hundumaa qaban gargaaruu barachuuf carraaqaan jira.”

“GORAADEE KEE MANʼEE ISAATTI DEEBISI”

12. Yesuus barattoonni isaa “raacitii” akkamii irraa akka fagaatan isaanitti hime?

12 Bara Yesuusitti, yeroo baayʼee amantiin siyaasaa wajjin kan wal make ture. Kitaabni Deeylii Laayif iin Paalaastaayin aat za Taayim oov Kiraayesti jedhamu akkana jedheera: “Gareewwan amantii Yihudoonni ittiin qoqqoodaman baayʼeen isaa garee siyaasaa wajjin kan wal qabate dha.” Kanaaf Yesuus, “Of eeggadhaa; raacitii Fariisotaa fi raacitii Heroodis irraas of eegaa” jedhee barattoota isaa akeekkachiiseera. (Mar. 8:15) Heroodis inni as irratti caqasame garee warra Heroodis hordofan kan argisiisu taʼuu hin oolu. Gama siyaasaatiin, Fariisonni Yihudoonni Bulchiinsa Roomaa jalaa bilisa akka baʼan barbaadu turan. Seenaan Maatewos barreesse, Yesuus yeroo kana dubbatu waaʼee Saduqootaas akka caqase ibsa. Akkaataa mootummaan itti hojjetu irratti jeequmsa kaasuu barbaadanii turan. Miseensoonni isaanii hedduun bulchiinsa Roomaa jalatti aangoo siyaasaa qabu turan. Yesuus barattoonni isaa barumsa ykn raacitii gareewwan sadan kun babalʼisan irraa akka fagaatan cimsee isaan akeekkachiiseera. (Mat. 16:6, 12) Kan nama dinqisiisu, mareen kun kan geggeeffame namoonni sun erga Yesuusiin mootii gochuu barbaadanii utuu baayʼee hin turini dha.

13, 14. (a) Dhimmawwan siyaasaa fi amantii wajjin wal qabatan, jeequmsaa fi jalʼina haqaa kan uuman akkamitti? (b) Jalʼinni haqaa uumamuun isaa, jeequmsa kaasuuf sababii kan hin taane maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

13 Yommuu amantiin siyaasaa wajjin wal maku jeequmsi salphaatti babalʼachuu dandaʼa. Yesuus haalawwan kana keessatti illee, siyaasa irraa walaba taʼanii jiraachuu akka qaban barattoota isaa barsiiseera. Sababiin dura buutonni lubootaa fi Fariisonni Yesuusiin ajjeesuuf karoora itti baafatanis kanaa wajjin kan wal qabate ture. Gama siyaasaa fi amantiitiin mormituu aangoo isaanii balaadhaaf saaxilu godhanii isa ilaalu turan. Akkana jedhan: “Yoo akkanumatti isa dhiisne, hundi isaanii isatti amanu; warri Roomaas dhufanii iddoo keenyaa fi saba keenya fudhatu.” (Yoh. 11:48) Kanaaf, namoota Yesuus akka ajjeefamu isa irratti mariʼatan kan geggeesse Qayyaafaa isa Luba Ol Aanaa ture dha.—Yoh. 11:49-53; 18:14.

14 Qayyaafaan halkan daʼoo godhatanii Yesuusiin akka qabaniif loltoota erge. Yesuus tooftaa nama qaanessu kana hubatee waan tureef, yeroo dhumaatiif ergamoota isaa wajjin irbaata yeroo nyaatanitti goraadee muraasa akka qopheessan isaan gaafatee ture. Barumsa guddaa tokko isaan barsiisuuf goraadeen lama qofti gaʼaa ture. (Luq. 22:36-38) Gaafasuma galgala takka turee, Pheexiros namoota Yesuusiin qabuu dhufan sana keessaa tokko rukutuuf goraadee tokkotti fayyadameera. Pheexiros jalʼina haqaa galgala Yesuus qabametti raawwatametti baayʼee aaree akka ture hin shakkisiisu. (Yoh. 18:10) Haa taʼu malee Yesuus, Pheexirosiin, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu” jedhe. (Mat. 26:52, 53) Barumsi guddaan kun, wanta Yesuus galgala sana gara duraa isaan kutaa addunyaa taʼuu akka hin qabne kadhachaa turee wajjin kan wal simu dha. (Yohaannis 17:16 dubbisi.) Jalʼina haqaatiif furmaata kennuuf falmuun wanta Waaqayyoof dhiifamuu qabu ture.

15, 16. (a) Dubbiin Waaqayyoo Kiristiyaanonni walitti buʼiinsa irraa akka fagaatan kan isaan gargaaru akkamitti? (b) Yihowaan addunyaa yeroo ammaa jiru kana yommuu ilaalu wanta adda taʼe akkamiitu isatti mulʼata?

15 Obboleettiin Awurooppaa kibbaa keessa jiraatuu fi olitti caqasamtee turtes barumsa kana baratteetti. Wanta hubatte yommuu dubbattu akkana jetteetti: “Jeequmsi haqa akka hin fidne hubadheera. Namoonni jeequmsa kaasan hedduun yeroo baayʼee dhumni isaanii duʼa akka taʼes argeera. Namoonni hedduun kaan immoo, gar malee waan aaraniif gammachuu isaanii dhabu. Lafa irratti haqa dhugaa fiduu kan dandaʼu, Waaqayyo qofa akka taʼe Kitaaba Qulqulluu irraa barachuun koo gammachuu guddaa naaf argamsiiseera. Kun ergaa ani waggoottan 25nan darbaniif lallabaa jiru dha.” Obboleessi Afriikaa kibbaa keessa jiraatus gosni isaanii maal iyyuu yoo taʼe namootaaf ergaa nagaa lallabuuf, eeboo isaa “goraadee hafuuraa” isa Dubbii Waaqayyoo taʼeen bakka buuseera. (Efe. 6:17) Obboleettiin gidduu gala Awurooppaa keessa jiraattu sun Dhugaa Baatuu Yihowaa erga taatee booda, obboleessa sanyii dur ishiin jibbitu keessaa dhufetti heerumteetti. Namoonni sadan kun jijjiirama kana kan godhan, fakkeenya Kiristoos hordofuu waan barbaadaniifi dha.

16 Dhuguma iyyuu jijjiiramawwan kun barbaachisoo dha! Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa galaana hurrisuu fi hunkuramu, jechuunis galaana nagaa hin beeknee wajjin wal fakkeessa. (Isa. 17:12; 57:20, 21; Mul. 13:1) Yeroo dhimmi siyaasaa namoota kakaasu, isaan gidduutti qoqqoodiinsa uumuu fi jeequmsi suukanneessaan akka kaʼu godhutti, nuti garuu nagaa keenyaa fi tokkummaa keenya eegnee jiraanna. Yihowaan addunyaa qoqqoodamaa keessa jiraannu kana yommuu ilaalu, tokkummaan saba isaa gidduu jiru akka isa gammachiisu beekamaa dha.—Sefaaniyaa 3:17 dubbisi.

17. (a) Karaawwan tokkummaan akka dagaagu gochuu itti dandeenyu sadii kamfaʼi? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii mariʼanna?

17 Karaawwan tokkummaan Kiristiyaanaa keenya akka dagaagu itti goonu sadii ilaalleerra: (1) Jalʼina haqaa akka sirreessu Mootummaa Waaqayyootti amanamna, (2) dhimmawwan siyaasaa keessa galuu irraa of qusanna, akkasumas (3) jeequmsa irraa ni fagaanna. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko tokkummaan keenya jibba halaalaatiif saaxilamuu dandaʼa. Mata duree itti aanu irratti, akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turanii rakkina kana karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti moʼuu akka dandeenyu irratti mariʼanna.